More Related Content
Similar to Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
Similar to Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx (20)
Hubannoo Dhabamsiisa Meeshalee MHM - Copy.pptx
- 1. KNFMNO; Waaj/Damee Kibba Oromiyaa
Barreeffama Gabaabaa; Qajeelfama Sirna Bulchiinsa
Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra Deebiin
Fooyyessuuf bahe Lakk. 24/2013 irratti Hubannoo
Uumuuf Qophaa’e
Bulee Horaa
Amajjii 2015
- 2. Qabiyyee Barreeffama;Dhabamsiisa Qabeenya MNO
• Seensa
• Kaayyoo barreeffamichaa
• Hiikkaa jechootaa(Kan dhimma barreeffama kanaaf filataman qofa)
• Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa
Aangoo Qabeenya Dhaabbataa Dhabamsiisuu(Kewt.19)
Qabeenya Mootummaa Dhabamsiisuu (Kewt.20)
Hojii Tajaajila Bittaa fi Qabeenya Mootummaa Dhabamsiisu(Kwt.21)
Ittigaafatamummaa fi Adeeemsa Qabeenyi Ittiin Dhabamsifamu(Kwt.22)
Sirnawwan qabeenyaa dhabamsiisuu(kewt.23)
Qabeenya mana hojii mootummaa biraaf dabarsuudhaan dhabamsiisuu(Kewt. 24)
Qabeenya haala irra jiruun uummataaf caalbaasiin ykn haraajii gurguruu (Kewt.25)
Qabeenyicha Hiikuudhaan Meeshaa Jijjiirraan Hojii irra Oolchuu ykn Gurguruu(Kewt.26)
Bubuutuu ykn Hambaa Qabeenyicha Dhabamsiisuu (Kew.27)
Qabeenyaa Kennaan Dabarsuudhaan Dhabamsiisuu (Kewt.28)
Qabeenyaa Owaaluudhaan ykn Guubuudhaan Dhabamsiisuu (Kewt.29)
Gurmaa’iina, Hojii fi Ittigaafatamummaa Koree Dhabamsiisa/gurgurtaa Qabeenya Mootummaa
(Kewt.30)
- 3. Qabiyyee…..
Koree Mirkaneessaa Gurgurtaa Qabeenyaa (Kewt.31)
Adeemsa Caalbaasii irra-deebi’amee Baasuu (Kewt.32)
Galii Dhabamsiisuu irraa Argamu (Kewt.33)
Qabeenyawwan Galmee irraa Haquu (Kewt.34)
Meeshaalee Qaraxa malee Bilisan Galan (Kewt.35)
Jijjiirraa Maqaa Abbummaa (Kewt.36)
- 4. Seensa
Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa bu’uura Labsii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa
Mootummaa Lakk. 157/2002 keewwata 65 keewwata xiqqaa 2 fi Labsii Bulchiinsa Faayinaansii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa lakk.156/2002 keewwata 71.2n aangoo kennameefiin; “Qajeelfama Bulchiinsa
Qabeenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.01/2004” , baasuun hojiirra oolu taasisuun ni beekkama.
Hidhata yeroo fi dinaagidummaa dhimmooti bulchiinsa qabeenyaa barbaadu irratti hundaa’uun dhimmoota
add addaa irratti hundaa’uun fooyya’iinsa taasisaa tureera.
Haaluma kanaan Qajeelfamni Bulchiinsa Qabeenya MNO irra Deebiin Fooyyessuuf bahe Lakk. 24/2013
kaayyoon isaa inni guddaan Sirna Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa keessatti Dhabamsiisa Qabeenya
Mootummaan walqabatee Daangaa Aangoo Manneen hojii MNO sadarkaan jiran tilmaama Maallaqaa irratti
hundaa’uun qajeelfama Lakk. 1/2004 kewt. 20(2,3) irratti kennamee ture, babal’isuun kuufama qabeenya
dhaabbii Mana kuusaa MH keessa jiran dhabamsiisuun gara dinaagidummaa fiduu danda’aniitti jijjiirsisuuf,
akkasumas MH caalatti aangeessuuf fooyya’iinsi qajeelfamaa taasifamee hojiirra erga oolee bubbulee jira.
- 5. Seensa….
Akka KNFMNO,Waaj/Damee kibba Oromiyaatti qajeelfamicha hojiirra
oolchuuf sosochiin koree dhabamsiisa meeshalee hundaa’uun
hojiiwwan duraa(calallii qabeenya ulaagaa dhabamsiisaaf maluun)
keessa kan galan ta’us dhimmichi haaraa ykn hojimaata duraan hin
baramnetti madaquuf sodaan hamaan jiraachuu qofa osoo hin taane
raawwii hojiis lafarra harkisaa dhufuu isaatiin fedhii bittaa meeshalee
hojiiwwan tola ooltummaaf ykn KTL bara 2015 qabamanis harkisuun
kufaatii biroos kan uumaa jiru ta’uun waan hubatameef barreeffamni
kun hubannoon qaama dhimmi ilaallatu hidhachiisuuf qophaa’eera.
- 6. Kaayyoo barreeffamichaa/Qajeelfamichaa
• Manneen hojii mootummaa(addatti Komishiiniin Damee keennaa)
bulchiinsa qabeenyaa mootummaa ifa, ammayyaa, si’aa’iyyinaa fi bu’aa
qabeessa ta’e hojii irra oolchuudhaan qabeenyaa mootummaa harka isaanii
jala jiru of-eeggannoon qabuu, ittifayyadamuu, to’achuu fi tajaajilli isaa
yeroo dhaabbatu ykn yeroo tajaajila irra hin oolletti yeroo isaattii fi
karaa sirrii ta’een akka dhabamsiisan dandeessisuu dha.
• Karoora dhabamsiisa meeshaa milkaa’aa gochuun fedhii bittaa meeshalee
galtee hojiiwwan kenna tajaajila lammummaatiif damichi qabu seeraan
kan danda’amu yoo ta’e milkeessuufii dha.
- 7. Hiika;Qaj. Lakk. 01/2004 kewt.3
Jechi hiikichaa hiikaa biraa yoo kennisiiseef malee jechoonni fi himoonni
qajeelfama kana keessatti argaman labsii bittaa fi bulchiinsa Qabeenyaa
mootummaa naannichaa Lakk 157 /2002n hiika kennameef ni qabaatu. Kana
malees qajeelfama kana keessaatti dabaalatan:
• “Qabeenyaa dhaabbii”jechuun labsii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa
naannichaa lakk.157/2002 keewwata 2keewwata xiqqaa 22n hiika kennameef kan
qabaatu ta’ee qabeenyaa gatiin qofaa (tokkoo) isaa qarshii 1,000 (kuma tokko) fi
isaa ol ta’ee dha. Labsii harkaa qabaachuu qabdu.
• “Qabeenyaa dhumataa” jechuun labsii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa
mootummaa naannichaa lakk.157/2002 keewwata 2 keewwata xiqqaa 24n hiika
kennameef kan qabaatu ta’ee qabeenyaa gatiin qofaa (tokkoo) isaa qarshii 1,000
(kuma tokko) fi isaa gadi ta’ee dha.
• “Hirrifama dullumaa” jechuun qabeenyichi fayyadama dinagdummaa ni kenna
jedhamee uumurii itti tilmaamamu haala sirna qabuun gatii qabeenyichaa akka
baasiitti yaaduudhaan hirrisuu jechuu dha.
• “Labsii “jechuun labsii bittaa fi bulchiinsa Qabeenyaa mootummaa naannoo
Oromiyaa Lakk.157 /2002 jechuu dha.
- 8. Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa
19. Aangoo Qabeenya Dhaabbataa Dhabamsiisuu
Manneen hojii mootummaa bu’uura qajeelfama kanaa fi seerota biroon
qabeenya dhaabbii dhabamsiisuuf aangoo ni qabu.
20. Qabeenya Mootummaa Dhabamsiisuu
Manneen hojii mootummaa sababiiwwan kanaan gadiitiin qabeenya
dhabamsiisuu ni danda’u.
• Qabeenyichi kaayyoowwan mana hojichaaf kan hin barbaachifne yoo ta’e,
• Qabeenyicha qabatanii itti fufuun baasii inni uumu guddaa waan ta’eef kan
hin baasne yoo ta’e,
• Qabeenyichi sababa adda addaatiin tajaajila irraa barbaadamu
gahuumsaan kennuu kan hin dandeenye ykn tajaajila ala yoo ta’e,
• Manni hojichaa qixa karoora hojii yeroo giddugaleessaa fi dheeraa qabuun
tajaajilaaf kan barbaachisu irraa kan hafu ta’uusaa yoo itti amaname.
- 9. Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa;Aangoo MHM….
2) Manneen hojii mootummaa haala armaan olitti ibsameen
qabeenyawwan hin barbaachifne yeroodhaan dhabamsiisuu kan qaban
yommuu ta’u;-
a) Qabeenyawwan gatiin tokkoo isaanii qarshii 5,000 (kuma shan) gadi
ta’anii fi gatiin qabeenyawwan al-tokko gurgurtaaf dhiyaatan qarshii
250,000 (kuma dhibba lamaa fi kuma shantamaa) gadi yoo ta’an
Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran akka
dhabamsiisan aangoon kennameefii jira.{Akkaataa Qaj. Lakk. 24/2013
Fooyya’een waliin dubbisuun}
b) Meeshalee Elektrooniksii gatiin tokkoo isaanii Qr.20,000.00(kuma
digdamaa) gadii fi qabeenyaawwan al tokko gurgurtaaf dhiyaatan
qarshii 250,000.00(kuma dhibba lamaa fi kuma shantaa) gadi ta’an
Manneen Hojii Mootummaa Sadarkaan jiran akka dhabamsiisan
aangoon kennameefii jira.
- 10. Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa; Aangoo MHM….
c) Qabeenyaawwan gatiin tokkoon isaa Qarshii 5,000.00(kuma shan) ol
ta’anii fi qabeenyaawwan gatiin tokkoo isaanii qarshii 5,000.00(kuma
shanii) gadi ta’us qabeenyaawwan gatiin isaanii al tokko gurgurtaaf
dhiyaatan qarshii 250,000.00 (kuma dhibba lamaa fi shantamaa) ol ta’an
sassaabamanii akka dhabamsiifaman ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa
qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif aangoon kennameefii jira.
d) Meeshalee elektirooniksii gatiin tokkoo isaanii qarshii 20,000.00(kuma
digdamaa) ol ta’anii fi qabeenyaawwan gatiin tokkoo isaanii qarshii
20,000.00(kuma digdamaa) gadi ta’us qabeenyaawwan gatiin isaanii al
tokko gurgurtaaf dhiyaatan qarshii 250,000.00 (kuma dhibba lamaa fi
shantamaa) ol ta’an sassaabamanii akka dhabamsiifaman ejensii Bittaa fi
Dhabamsiisa qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif aangoon
kennameefii jira.
- 11. Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa; Aangoo MHM…. Qaj.Lakk.24/2004 Kewt.
20(3) (haala fooyya’iinsa qaj. Lakk.24/2013tiin
3) Raawwatiinsa Keewwata kana keewwata diqqaa 2(c,d)tiif Manneen
Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sadarkaan jiran qabeenyaawwan
gurgurtaan akka dhabamsiifaman kan barbaadaman yeroo yeroodhaan
ragaa isaa Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa qabeenya Mootummaa
Naannoo Oromiyaatiif kennuu qabu.
- 12. Dhabamsiisa Qabeenyaa…
Qajeelfama Lakk. 01/2004 bahe kewt.21 irratti
akkuma ibsame, keewwata 20 keewwata xiqqaa
2tiin qabeenyawwan hamma maallaqa ibsame ol
baasan kan dhabamsiisu sirna qajeelfama kanaan
diriire hordofuudhaan ta’ee qaamni dhabamsiisu
qaama tajaajila bittaa raawwachuu fi
qabeenyaa dhabamsiisuu akka kennu Mana
Maree Bulchiinsan dambii lakk 134./2003tiin
dhaabbatee dha
- 13. Dhabamsiisa Qabeenyaa…I/Gaafatamummaa
Ittigaafatamummaa fi Adeeemsa Qabeenyi Ittiin
Dhabamsifamu{Kew.22(1-4)}
Manneen hojii mootummaa qabeenyawwan dhabamsiisuuf adeemsa kanaan gadii
hordofuu qabu.
• Adeemsi hojii(Koreen) qabeenya mootummaa abbummaan hordofuu
ittigaafatamummaan itti kenname tarreeffama qabeenyaa dhabamsifamu uunkatti
guutee itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaaf yeroodhaan dhiyeessuu qabu.
• Itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojichaa uunkaa gaaffii dhiyaateef qoratee koree
qabeenyawwan mootummaa dhabammsiisutti ni qajeelcha
• Koreen qabeenyawwan mootummaa dhabamsiisu uunkaa gaaffii isaa qajeelfame qoratee
bu’uuraa qajeelfama kana keewwata 30(2)tiin kan barbaachisu ni raawwata.
• Itti gaafatamaa ol’aanaan MHM bu’aa gurgurtaa qabeenyaa irraa kan hafe koreen
qabeenyawwan mootummaa dhabamsiisu irraa kan isaa dhiyaate yaada murtii ni
mirkaneessa. Akkasumas qabeenyawwan mootummaa akka dhabamsifaman murtiin
irratti kenname yeroodhaan akka dhabamsifaman ni godha.
- 14. Dhabamsiisa Qa/Mootummaa; Sirnaawwan Qabeenya Dhabamsiisuu(Ke-23)
1) Manneen hojii mootummaa qabeenyi mootummaa akka dhabamsifamu maaliif
akka barbaachise adda baasanii beekuu itti gaafatamummaa qabu. Dabalataanis
qabeenya yeroo dhabamsiisan:
Abbaan qabeenyaa seera qabeessa ta’e eenyu akka ta’e adda baasuu fi qabeenya
mana hojichaa ta’uusaa mirkaneessuu,{Moodelarraa}
Gamoo fi ijaarsawwan wal-fakkaatan mirgi abbummaa kan kennameef Biirichaaf
waan ta’eef qabeenyawwan kanneen dhabamsiisuu yeroo barbaadan Biiroo’icha
hayyamsiisuu, fi
Qabeenyawwan dhabamsifaman fayyidaa addaa kan qaban ykn miidhaa kan
geesisan yommuu ta’u manneen hojii mootummaa ilaallatu waliin mar’achuu
qabu. Qabeenyawwan dhabamsifaman amala isaaniin fayyaaf balaafamtoota
kan ta’an kemikaalota ykn qorichawwan ykn miidhaa calaqee kan fidan ta’anii yoo
argaman dhabamsiisicha irratti gargaarsa barbaachisu qaama ilaalu irraa deggarsa
gaafatamuu ni danda’a.
- 15. Dhabamsiisa Qa/Moot.;Sirnaawwan…
2) Gatii ka’uumsaa qabeenya mootumma dhabamsifamu tilmaamuu
• Gatiin ka’uumsaa yeroo’ichaa qabeenya mootummaa tokkoo tokkoo akka
dhabamsifamu kan ittiin murtaa’e adeemsa hojii qabeenyicha bulchuun ni
tilmaamama.
• Adeemsi hojichaa barbaachisaadha jedhe yommuu argutti manneen hojii
mootummaa fi dhaabbilee biroo ogumicha qaban tilmaama gatii ka’uumsichaa
ilaalchisee akka gorsan gaafachuu ni danda’a.
• Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2/b=bulletin 2/ gorsi ogummaa gaafatamu
amala addaa qabeenyichaa irraa kan ka’e itti fayyadama qabeenyawwan ilaalchisee
dhaabbilee mootummaa aangoo fi itti gaafatamummaan kennameef ykn
jaarmiyaalee ykn namoota dhuunfaa ogummaa kanaan bobba’an irraa ta’uu qaba.
Namni gatii ka’uumsaa tilmaame gurgurtaa ykn hojii dhabamsiisuu irratti hirmaachuu
hin qabu.
- 16. Dhabamsiisa Qa/Moot.;Sirnaawwan
3) Malawwan qabeenyi mootummaa ittiin dhabamsifamu
Manneen hojii mootummaa qabeenya dhabamsiisuu kan isaan dandeessisan
malawwan filannoo 6(jaha) kanneen armaan gadii dha.
• Mana hojii mootummaa biraaf jijjiiruudhaan ykn dabarsuudhaan,
• Haala irra jiraniin uummataaf caalbaasiin ykn waldorgomsiisaan
(haraajiin) gurguruudhaan,
• Qabeenyicha hiikuudhaan meeshaalee jijjjirraadhaan faayyida irra
oolchuu ykn gurguruudhaan,
• Qabeenyicha akka gatamuun dhabamsiisuu
• Qabeenyicha kennaan dabarsuudhaan dhabamsiisuu
• Qabeenyicha awwaaluu ykn gubuudhaan dhabamsiisuu
{Malaawwan kana keessaa kan filanne akkamiinhojitti jijjiirra?} itti aanee
jira…
- 17. Mala Qabeenya mana hojii mootummaa biraaf dabarsuudhaan dhabamsiisuu ittiin
raawwatamuun;(Kewt.24)
• Qabeenya uummataaf haraajii ykn caalbaasiin gurguruun baasii inni
fichisiisu kan beekamu waan ta’eef manneen hojii mootummaa
qabeenya dhabamsiisuu barbaadan gara mana hojii mootummaa
biraatti dabarsuun kan danda’amu yoo ta’e dursee yaalii gachuu qabu.
• Manneen hojii mootummaa giddutti kan godhamu jijjiirraan
qabeenyaa tilmaama gatii qabeenyicha yeroo’ichaa galmeessuun
kan raawwatu ta’uu qaba.
- 18. Qabeenya haala irra jiruun uummataaf caalbaasiin ykn haraajiin
gurguruu(Kewt.25)
Qabeenya caalbaasii ykn haraajiin gurguruuf haalawwan guutamuu qaban:
• Manneen hojii mootummaa qabeenya mootummaa caalbaasiin ykn
haraajiin gurguruudhaan dhabamsiisuu ni danda’u.
• Manneen hojii mootummaa gatii foyya’aa argachuuf, ariitiidhaan
gurgurticha raawwachuu fi raakkoolee quunnaman gamaaggamuudhaan
mala gurgurtaa fooyya’e filachuu qabu.
• Koreen dhabamsiisa qabeenyaa gatii ka’uumsaa meeshaalee caalbaasii
ykn haraajiif dhiyaatan itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojichaa akka
mirkaneessuu dhiyeessuu qabu.
• Gatii ka’uumsaa caalbaasii ykn haraajii hiikamanii akka gurguraman kan itti
murtaa’e meeshaalee jijjiirraa, akkasumas sibilawwan hojii ala ta’an
akaakuu meeshaa jijjiirraa ykn sibiilaa, haala gabaa fi ragaalee biroo
bu’uura gochuudhaan ta’uu qaba.
• Manni hojii mootummaa kamiyyuu baasii hirrisuuf jecha qabeenya gurguru
al-tokko walitti qabee gurguruu qaba.
- 19. Qabeenya Moot. Caalbaasiin ykn haraajiin gurguruun dhabamsiisuu…..
25(1)(f)(Fooyya’iinsa Qaj.24/2013tiin) Malli beeksisa gurgurtaa kanneen
armaan gadii yaada keessa galchuu qaba.
i.Gatiin ka’uumsaa qabeenya mootummaa gurguramu Qr.100,000.00 (kuma
dhibba tokkoo) gadi yoo ta’e manni hojii mootumichaa gurgurticha yoo
xiqqaate guyyoota 7 walittii aananiif gabatee beeksiisa uummataa irratti
yeroo lamaaf akka bahu gochuu qaba.
ii.Gatiin ka’uumsaa qabeenya mootummaa gurguramu Qr.100,000.00 (kuma
dhibba tokkoo) ol yoo ta’e manni hojii mootumichaa gaazeexaa beekkamuu
fi dubbifama bal’aa qabu irratti yoo xiqqaate yeroo tokkoof uummataaf
akka mul’atu gochuu qaba.
iii. Kanaan olitti lakkoofsa (i) karaa ibsameen gurgurtichi yoo hin
murtoofne koreen qabeenya dhabamsiisu/gurguru mala filannoo biraa
qabeenyichi ittiin dhabamsifamu itti gaafatamaa ol’aanaaf
dhiyeessuudhaan yeroo murtaa’u qabeenyichi akka dhabamsifamu ni
godha.
- 20. Gurgurtaa Caalbaasiin Raawwatu{Kewt. 25(2)}
• Manneen hojii mootummaa beeksiisa caalbaasii isaan baasan uunkaa
Biiroon qopheesse irratti kan ibsaman qabaachuu qaba.
• Dorgomtoonni akka dorgoman yeroo kennamu guyyoota 15 hanga 30
ta’ee koree qabeenyawwan mootummaa dhabamsiisaniin kan
murtaa’u ta’a.
• Manni hojii mootumichaa beeksiisa caalbaasiicha irratti hanga yeroo
ibsametti banaa ta’ee kan turu saanduqa caalbaasii adda qopheessuu
qaba. Koreen dhabamsiisuu yeroon isaa yommuu gahu saanduqa
caalbaasichaa cufuu qaba.
• Guyyaan caalbaasicha dhiyeessuuf kenname erga darbe booda kan
dhiyaatan sanadoonni caalbaasii kamiyyuu otuu hin banamin
dorgomtootaaf deebi’uu qabu.
• Gurgurtaa caalbaasii irratti dorgomaan gahan yoo dhiyaachuu baate
ykn gatiin dhiyaate fudhatama yoo dhabe manni hojichaa beeksiisa
caalbaasiichaa irra deebi’ee baasuu ykn caalbaasicha haquudhaan
filannoo dhabamsiisa biroo fayyadamuu mirga qaba.
- 21. Gurgurtaa Caalbaasiin Raawwatu{Kewt. 25(2)}….
Manni hojii mootummichaa dorgomtoonni kabachisa caalbaasii akka
dhiyeessan gaafachuu kan qabu ta’ee, gurgurtaan tokkoo tokkoo
raawwachuu qabuuf kabachisni caalbaasii jiraachuu akka qabu
murtaa’uu qaba. Koreen gurgurtaas(dhabamsiisaas) tokkoo tokkoo
gurgurtaaf kabachisa caalbaasii ajajamu dorgamaan caalbaasicha
mo’ate akka filatameen yerooma sana dorgomtoota caalbaasicha hin
mo’aneef deebisuu qaba.
Korichi yaada dorgommii caalbaasii kam akka fudhachuu qabu ni
murteessa. Caabaasiin guddaa gatii ka’uumsaan qabame ykn isaa ol yoo
ta’e koreen gatii caalbaasii isa guddaa fudhachuu ni danda’’a.
Koreen gurgurtaa adeemsa caalbaasiin bira gahe koree mirkaneessaa
gurgurtaa qabeenyaaf akka mirkaneessuuf dhiyeessuu qaba.{Do we
need to establish it?}
- 22. Gurgurtaa haraajiin raawwatu{Kewt.25(3)}
• Manneen hojii mootummaa beeksiisa haraajii isaan baasan bu’uura uunkaa
Biiroon qopheesseeen guutamee dhiyaachuu qaba.
• Haraajicha kan adeemsiisu haraajichi otuu hin jalqabin dura gatii ka’uumsaa
ibsuu qaba.
• Gatii ka’uumsa haraajichaa ykn kanaa oliin qabeenyicha kan bitu yoo hin
argamne koreen dhabamsiisa qabeenyaa mala dhabamsiisa fooyya’aadha
jedhu filachuu qaba.
Ulaagaalee dhabamsiisa konkolaataawwanii fi mi’ootaa
Manneen hojii mootummaa konkolaatootaa fi mi’oota dhabamsiisuuf
ulaagaalee armaan gadii keessaa yoo xiqqaate tokko guutamuusaa
mirkaneessuu qabu.
Sababa hir’ina guddaatiin suphamuu kan hin dandeenye yommuu ta’u,
Meeshaan jijjiirraa gabaa irraa argamuu dhabuu
Baasiin haroomsaaf barbaachisu gatii bakka buusuu waliin yeroo madaalamu
bakka buusuun kan filatamu yommuu ta’u,
- 23. Ulaagalee dhabamsiisa Konkolaataa fi Mi’ootaa…
Sababa duuba-hafummaa teekinoloojiitiin oomishitummaan isaa gad-
aanaa yommuu ta’u,
Manni hojichaa ykn jaarmiyichi qixa karoora wayitummaa fi hojii
yeroo dhiyoo qabuun kan hojii irraa hafu ta’uunsaa yommuu itti
amanamu,
Yerowwan tajaajila kennerratti baasiin waliigalaa haroomsaaf bahe
tajaajila kennee waliin kan wal-gitu otuu hin ta’iin yommuu hafu,
Sababa dullumaatiin tajaajila kennuu kan hin dandenye yommuu ta’u.
- 24. Qabeenyawwan Dhaabbii Gurgurtaa Caalbaasiin Dhabamsiisuuf
Hojiiwwan Ol’aannoo Raawwataman {Kewt.25(5)}
• Qabeenyi dhaabbii qabeenyummaan argamuusaa ragaa ibsu qulqulleessuu,
• Hojiiwwan tilmaamaa fi gurgurtaa dursaa kan raawwatan koreewwan lama
dhaadbuu /koreewwan tilmaamuu fi gurgurtaa/
• Sanadoota caalbaasii qopheessuudhaan caalbaasii baasuu, dorgomsiisuu,
caalbaasicha gamaaggamuu fi koree mirkaneessaa caalbaasii gurgurtaa
qabeenyaaf gabaasa gochuu,
• Maallaqa gurgurtaa mankuusa maallaqa naannichaatti galii gochuu fi
qabeenyicha kennuu,….Kun maal?
• Konkolaataa ilaalchisee jijjiirraan maqaa abbummaa kan mo’ateef akka
raawwatu Abba Taayitaa Daandii fi Geejjiba naannichaa beeksiisuu,
• Gurgurtaan kan dhabamsifamu konkolaataa yoo ta’e otuu caalbaasiin hin
bahiin dura ragaa abbummaa jiraachuusaa fi gibirri boolloo kan kaffalame
ta’uusaa mirkanaa’uu qaba.
- 25. Gatii Ka’uumsa Caalbaasii Konkolaatoota, Mi’ootaa fi Qabeenyawwan
Dhaabbii Biroo {Kewt.25(6)}
• Konkolaatoonnii fi mi’oonni sababa adda addaan tajaajila ala yommuu
ta’an ykn gahumsaan tajaajila kennuu sadarkaa hin dandeenye
yommuu gahan bu’uura mala Ejansii bittaa fi dhabamsisa qabeenyaa
mootummaan qophaa’een gatii ka’uumsa caalbaasii isaanii
shallaguudhaan beekuu fi akka dhabamsifaman gochuu qabu.
• Qabeenyawwan dhaabbii biroo gatii gabaa wayitaawaa sanaan
tilmaamuudhaan dhabamsiisuu qabu.
- 26. Konkolaataa ykn Meeshaa Haala irra Jiruun Gurguruu {Kewt.25(7)}
• Konkolaataa ykn meeshaa akka dhabamsifamu itti murtaa’e haala irra
jiruun gurguruuf kan kanaan gadii agarsifaman keessaa yoo xiqqaate
tokko guutamuu qaba.
• Konkollaatichi ykn meeshichi kan hojjetu yoo ta’e,
• Konkolaatichi ykn meeshichi kan hin hojjenne ta’uuyyuu mootoorii,
tiraansmishinii, shaansii, qaami isaa fi sistama ayidrolikii hundumtu yoo
jiraatan,
• Keewwata kana keewwata xiqqaa 7/b irratti kan ilaalaman qaamni
gurguddoon guutuu yoo ta’uu baatanillee hafteen qaama
konkolaatichaa ykn mi’ichaa gabaa irratti kan barbaadamu ta’uusaa yoo
mirkanaa’e.
- 27. Qabeenyicha Hiikuudhaan Meeshaa Jijjiirraan Hojii irra Oolchuu ykn
Gurguruu{Kewt.26}
• Manneen hojii mootummaa qaama qabeenya tokko hiikanii meeshaa
jijjiirraan fayyadamuu ykn gurguruu kan danda’an qabeenyicha haala inni
irra jiruun gurguruu kan hin danda’amne yommuu ta’u ykn haala inni irra
jiruun gurguruu irra hiikanii fayyadamuu ykn gurguruun bu’aa caalu kan
argamsiisu yommuu ta’uu dha.
• Konkolaataawwanii fi mi’oota meeshaa jijjiirraadhaan faayyidaa irra akka
oolan ykn akka gurguraman kan itti murtaa’an irraa qaamoota fayyadan
hiikuudhaan bu’uura hojimaata bulchiinsa meeshaa fudhatama qabuun
galii akka ta’anii fi faayyidaa irra akka oolan ykn caalbaaasiin akka
gurguraman gochuun ni danda’ama.
• Meeshaalee jijjiirraan hiikamanii akka gurguraman itti murtaa’e gatii
ka’uumsa caalbaasii akaakuu jijjiirrichaan, haala gabaa fi ragaalee biroo
bu’uura gochuudhaan ni tilmaamama.
- 28. Bubuutuu ykn Hambaa Qabeenyichaa Dhabamsiisuu{Kewt.27}
• Adeemsa dhabamsiisa qabeenya kamiyyuu irraa galiin argamu baasii
dhabamsiisuuf raawwatu kan hin uwwifne jedhamee yoo tilmaamame
qabeenyicha gatuudhaan akka dhabamsifamu ni godhama.
• Koreen dhabamsiisa qabeenyaa mala fooyya’e kan ta’uu fi galii gurgurtaa
qabeenya hojii ala ta’e irraa argamuu danda’u kamiyyuu ilaalchisee gorsa ni
kenna. Gatuudhaan akka dhabamsifaman kan godhaman hundinuu itti
gaafatamaa ol’aanaa mana hojii mootummichaan mirkanaa’uu qabu.
• Qaamoonni fayyadu kan jalaa fudhataman gatiin ka’uumsa hafteen sibiilawwanii
fi sibilawwan hojii ala ta’an haala gabaa fi ragaalee biroo bu’uura gochuun
tilmaamamuu qaba.
• Konkolaatootaa fi mi’oota akka sibila gatameen akka dhabamsifaman akkasumas
hiikamanii qaamoonni isaanii faayidaa qabu kan jalaa fudhataman sibilawwa
hafan faayidaa irra akka oolan ykn caalbaasiin akka gurguraman ni godhama.
• Qaamoota mootummaa ilaallatu waliin ta’uudhaan haalummaa qabeenya
naannoo haala hin midhineen qabeenyawwan gubuu fi awwaaluudhaan
dhabamsiisuu ni danda’ama.
- 29. Qabeenyaa Kennaan Dabarsuudhaan Dhabamsiisuu {Kewt.28}
1. Manneen hojii mootummaa kamiyyuu qabeenya tokko mana hojii
mootummaa biraa ykn jarmiyaalee tajaajila hawwwaasummaaa fi
dinaagdee irratti gocha gaariif bobba’anii kennaan dabarsuu kan danda’u
kanneen armaan gadii keessaa sababa tokkoon ta’uu ni danda’a.
Qabeenyichi hojii mana hojichaaf kan hin oolle yoo ta’e,
Qabeenyichi akka dhabamsifamu yoo godhame galiin argamu baasii
qabeenyicha gurguruuf ykn eeguuf bahuu irra baayyee xiqqaa ta’uusa
yommuu mirkanaa’u, ykn
Qaamni qabeenyichi darbuuf qabeenyichatti fayyadamuudhaan kenniinsa
tajaajila dinagdee fi hawwaasummaa foyyeessuuf ni gargaara jedhamee
mana hojiichaan yoo itti amaname.
2. Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tiin ibsameen qabeenya
qaama biraaf kennaan akka darbu kan godhamu itti gaafatamaa ol’aanaa
mana hojichaan yeroo hayyamamu qofaa dha.
- 30. Qabeenyaa Awwaaluudhaan ykn Gubuudhaan Dhabamsiisuu {Kewt.29)
Faayidaa homaayyuu kan hin qabne qabeenyawwan hojii ala ta’an
manneen hojii mootummaa ofi-isaanii ykn qaamoota ilaallatu mari’achisuun
awwaaluu ykn guubuudhaan ykn karaa biraatiin dhabamsiisuu ni danda’u.
Kanas:
• Qabeenyi dhabamsifamu faalummaa uumama qabeenya naannoo ykn
rakkoo fayyaa kamiyyuu kan hin geessifne yoo ta’e manni hojichaa itti
gaafatamummaa ofuma isaatiin qabeenyawwan adda baasee awwaaluu
ykn guubuudhaan dhabamsiisuu ni danda’a.
• Qabeenyi dhabamsifamu rakkoo faalawwan uumama qabeenya naannoo
ykn rakkoo fayyaa kan geessisu ta’ee yoo argame manni hojii mootumichaa
dhabamsiisa isaa qaamoota ilaallatu waliin mari’achuun qabeenyicha karaa
barbaachisuun dhabamsiisuu qaba.
- 31. Gurmaa’ina, Hojii fi Itti gaafatamummaa Koree Dhabamsiisa/gurgurtaa
Qabeenya Mootummaa (Kewt.30)
Bu’uura qajeelfama kana keewwata 25 keewwata xiqqaa 5/b kan dhaabbatu
koreen dhabamsiisa/gurgurtaa qabeenyaa:
1) Gurmaa’iinaa fi Sirna Wal-gahii
• Koree’ichi miseensota sadii gad hin taane ni qaba.
• Qindeessaan koree’ichaa, miseensonnii fi barreessaan ittigaafatamaa
ol’aanaa mana hojiichaan ni ramadamu.
• Wal-gahii koree’ichaa irratti walittiqabaa dabalatee miseensota walakaa ol
yoo argaman kooramin(qorum) guutuu ni ta’a.
• Murteen koree’ichaa caalmaa sagaleen ni murtaa’’a. Sagaleen koree’ichaa
wal-qixxee yoo ta’e gareen qindeessaan keessa jiru sagalee murteessaa ni
qabaata.
• Barri tajaajila koree’ichaa waggaa sadii ni ta’a. Haa ta’u malee, itti
gaafatamaa ol’aanaan mana hojichaa barbaachisaa ta’ee yoo arge bara
tajaajila koree’iichaa yeroo lammaffaaf dheereessuu ni danda’a
- 32. Qabeenya Awwaaluun ykn Gubuu
2) Hojii fi Ittigaafatamummaa;-
• Qabeenyawwan mootummaa akka dhabamsifaman gaafatamaniif gaaffiiin
dhabamsiisa barbaachisan, ragaalee fi sanadoota guutummaan akka dhiyaatan
ni godha, ni mirkaneessa.
• Qajeelfama kanaan ulaagaalee dhabamsiisaa fi malawwan dhabamsiisaan
ibsaman bu’uura gochuudhaan sanadoota dhiyaatan ni gamaaggama.
• Akka dhabamsifaman gaaffiin kan itti dhiyaatan qabeenyawwan mootummaa
bakka jiranitti argamuudhaan gamaaggamawwan murtiif gargaaran ni godha.
• Keewwata xiqqaa kana lakkoofsa a-c(Bulletin 1-3 Slide 29 oli)
gamaaggamawwan ibsaman irratti hundaa’uudhaan yaada murtii itti gaafatamaa
ol’aanaa mana hojiichaaf ni dhiyeessa.
• Qabeenyawwan mootummaa akka gurguraman murtiin irratti kenname gatii
ka’uumsa caalbaasii ni baasa, sanada caalbaasii irratti akka ibsamu in godha.
• Sanada caalbaasii ni qopheessa.
• Beeksiisa ni baasa, caalbaasii ni bana, ni dorgomsiisa, bu’aa caalbaasichaa koree
mirkaneessaa gurgurtaa qabeenyaaf gabaasa ni dhiyeessa.
- 33. Koree Mirkaneessaa Gurgurtaa Qabeenyaa(Kewt.31)
Koreen mirkaneessaa gurgurtaa qabeenyaa itti gaafatamaa ol’aanaa mana
hojichaatiin kan dhaabbatu koree miseensota shan kan qabu ta’ee
gurmaa’iinni isaa, sirni walgahii fi barri tajaajila isaa qajeelfama kana
keewwata 29 keewwata xiqqaa 1 tiin akka ilaalameen ta’ee hojiiwwanii fi itti
gaafatamummaa kanneen armaan gadii ni qabaata.
• Raawwiin caalbaasii gurgurtaa qabeenyaa qajeelfama kana kan hordofe
ta’uusaa ni mirkaneessa.
• Bu’aa caalbaasii gurgurtaa qabeenyaa xiinxalee ni mirkaneessa.
- 34. Adeemsa Caalbaasii irra-deebi’amee Baasuu{kewt.32)
1) Manneen hojii motummaa qabeenyawwan dhabasifaman gurgurtaa
caalbaasiin ykn haraajiin gatii tilmaama gatii ka’umsaa irraa gad hin taaneen
gurguruu qaba.
2) Dorgoomaa gahaa ykn bitaan yoo hin dhiyaanne tilmaama gatii yeroo jalqabaa
baheen dorgomaa gahaa ykn bitaan yoo hin dhiyaanne, sababiin dorgomaa ykn
bitaan irratti hirmaachuu hin dhiyaanneef tilmaama gatii yoo ta’e, fooyya’iinsa
gatii yeroo lammaffaaf taasisuudhaan caalbaasii ykn haraajii yeroo lammaffaaf
gurgurtaaf baasuun ni danda’a.
3)Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin haala ibsameen gatii
ka’uumsaa yeroo lammaffaan gurguramuu yaalamee dorgomaa ykn bitaan
gahaan yoo hin argamne, fooyya’iinsa gatii yeroo lammaffaaf taasisuudhaan
caalbaasii ykn haaraajii yeroo lammaffaan gurguramuu yaalamee dorgomaa ykn
bitaan gahaan yoo hin argamne sababiin dorgomaan ykn bitaan gahaan irratti
hirmaachuu hin dandeenyeef tilmaamaa gatii yoo ta’e fooyya’iinsa gatii yeroo
sadaffaaf taasisuudhaan caalbaasii ykn haaraajii yeroo sadaffaaf gurgurtaaf
baasuun dorgomaa ykn bitaa gatii fooyya’iinsaa taasifame irraa %20 gadi
gatiin kan hin dhiyeessine yoo ta’e gurgurtichi akka raawwatamu ta’uu ni
danda’a. .{Akkaataa Fooyya’iinsa Qaj.Lakk.01/2004 haala Qaj.Lakk.24/2013}
- 35. Galii Dhabamsiisuu irraa Argamu(Kewt.33)
• Manneen hojii mootummaa yommuu qabeenya mootummaa gurguran
gatisaa maallaqa callaan ykn cheekii mirkanaa’een ykn olkeeyyata baankiin
fuudhuu qabu. Galii argatanis lakkoofsa herreega baankii mankuusa
maallaqa giddugaleessa mootummaatti galii gochuu qabu.
• Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 1tiin haala ibsameen gurgurtichi yoo
raawwate manni hojiichaa baasii caalbaasicha raawwachuuf baasee fi galii
gurgurtaa irraa argame tarreessuudhaan akkauma gurgurtichi raawwateen
Biiroodhaaf gabaasa yeroodhaan dhiyeessuu qaba.
- 36. Qabeenyawwan Galmee irraa Haquu {Kewt.34}
•Qabeenyawwan mankuusa alta’an harka itti
fayyadamtoota otuu jiranii hojiin ala ta’uu, baduu,
gubachuu ykn dullummaa fi sababiiwwan birootiin
qabeenyawwan galmee irraa haquu yommuu
barbaachisu bu’uura Qajeelfama Qabiinsa Herreega
Mootummaa Naannoo Oromiyaa tiin kan raawwatu
ta’a.
•Qabeenyi mootummaa kamiyyu yommuu haqamu
sababa qabeenyichi galmee irraa haqamee fi gatiin
galmee qabeenyichaa gabaasa herreegaa
mootummaa keessatti ibsamuu qaba.
- 37. Meeshaalee Qaraxa malee Bilisan Galan(Kewt.35)
Meeshaaleen qaraxa malee bilisan galan qaama biraatti yommuu
darban haala kaffaltii qaraxichaa bu’uura qajeelfama labsii
gumurukaa raawwachisuuf bahaniin kan raawwatu ta’a.
- 38. Jijjiirraa Maqaa Abbummaa {Kewt.36}
• Gurguraan / tajaajilli ykn manni hojii mootummaa maallaqa ittiin
gurgure fudhatee konkolaatota, mi’ootaa fi qabeenyawwa jijjiirraa
maqaa barbaadan biros gurguraman maqaa biteen galmaa’ee
waraqaa abbummaan akka kennuuf qaama aangoon kennameef
xalayaadhaan gaafachuun raawwachiisuu qaba.
• Gurguraan/tajaajilli ykn manni hojii mootummaa xalayaa barreessu
irratti qaboo yahii gurgurtichaa, maqaa bite, hamma maallaqa
caalbaasiin gurgurame,lakkoofsa adda baasa qabeenya gurgurame,
akaakuu fi moodeela, lakkoofsa motooraa fi shaansii konkolaatotaa
akkasumas adda baasa qabeenyawwan biroos tarreessuu fi sanada
qaraxni gumurukaa itti kaffalame qabsiisuudhaan yoo itti hin kaffalamu
ta’ees kanuma ibsuudhaan dabarsuu qaba.