SlideShare a Scribd company logo
1 of 5
BOQONNAA TOKKO
SEENSA
1.1SEEN-DUUBEE QORANNICHAA
Geerarsi: aadaa Oromoo keessati jaallatamaafi beekamaadha.
Sababni isaas , Namoonni yaada keessoo saanii, aarii,gaddaafi gammachuu,qeeqaafi ergaa qaban ittiin
ibsatu. Yeroo adda addaatti geerarsi dhimma garaagaraatiif geerarama.Tokkummaa jabeessuu keessatti
geerarsi shoora guddaa qaba.
Afoolli kalaqa sammuu afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbudha.Dabalaaanis, Fedhasaan (2013:33)
Misgaanuu(2011:2)Waabeffachuun yoo ibsu,<<Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa’uun afaaniin
daddarbudha.Haalli lufiinsa isaas afaaniin malee barreeffamaan miti.Wanti dubbii afaaniin lufu kunis
baattuu seenaa, siyaasaa,beekumsaafimuuxannoodhala namaa baatanii as ga’an>> jedha
Afoolli bal’ina kan qabuufiqabeenya Uummataati.<<Afoolli Oromoo dameelee garaa garaa kanneen akka
mammaaksaa,raagamta ykn argaa dhageetti, hibboo,geerarsaa,sirbaa,odu durii,faaruuwwan adda
addaaafikanneen miidhagina garaa garaa ganfatanii fi kan kan jechootaa mu’atanidha.>> (Warquu2001)
Qorannoon kunis dameeleee kanneen keessaa geerarsa irratti xiyyeeffata.Geerarsi gosa afoola keessaa
tokko ta’ee haala jiruufi jireenya Uummata Oromoo kan calaqqisiisudha.
Dhimmoota garaa garaa hedduuf waan geeraramuufisbal’aadha. Kanaaf,qorannoon kun qaaccessa
geerarsa tokkummaa mul’isan Godina Wallagga Lixaa Aanaa Begii irratti kan fuuleffatedha.
1.2 KA”UMSA QORANNICHAA
Aadaan Oromoo afoolawaadha. Kana jechuun barsiifatni,muuxannoofi mudannoon guutummaanhaala
jiruufi jireenya hawaasichaa dhaloota dhalootatti kan darbuu dubbii afaaniitiin. Kunis beekumsi,
dandeettiin, Ogummaan, kalaqni isaa martinuu afoola isaa keessatti argamuusaa agarsiisa
Hawaasni Oromoo Godina Wallagha Lixaa Aanaa Beegiis hawaasa Oromoo keessaa isaa tokko yoo ta’ani
isaanis ogummaa, muuxannoofi beekumsa isaanii kan waliif dabarsan afoolaani. Keessumattuu
Uummatni kun hanqinaafi cimina,muuxannoofi mudannoo tokkummaa irratti qaban bifa geerarsaan
waliif qoodu.Haa ta’uu malee ,aadaan kun sababa guddina teekinooloojii fi ammayyummaatiin
haphachaa dhufeera. Tokkummaan hawaasaaf human waan mijeessuufQoratamuun kuununfamuun
isaa barbaachisaadha.
1.3 GAAFFILEE WALII GALAA
Gaaffileen armaan gadii gaaaffilee qorannichaaf bu’uura ta’an kanneen qorannichaan deebii
argataniidha. Isaanis:
1.Hawaasni kun geerarsa tokkummaa adda baadee ni geeraraa?
2.Hawaansi kun geerarsa tokkummaa yoomiifi eessatti geeraraa?
3.Geerarsi tokkummaa dhimma yookiis kaayyoo maaliif geerarama?
4.Yeroo ammaa geerarsi okkummaa kun sadarkaa maalii irra jira?
1.4.KAAYYOOLEEQORANNICHAA
Kaayyoleen qorannoo kanaa karaa lamaan ilaalamu isaanis: kaayyoo gooroofikaayyolee gooreedha.
1.4.1. KAAYYOO GOOROO
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa geerarsa tokkumma ibsan akka Godina Wallagga Lixaa Aanaa
Beegiitti jiran qorachuufi qaacceessuudha.
1.4.2. KAAYYOOLEE GOOREE
- Geerarsoota tokkummaa adda baasuu
- yoomessa geerarsoota okkummaa ibsuu
- kaayyooo yookaas faayidaa geerarsa tokkummaa ibsuu
- sadarkaa geerarsi tokkummaa irraa jiru ibsuu
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa
Geerarsa okkummaa mul’isan qorachuun barbaachisaadha.Qaratamuun isaa immoo dhiibbaa
ammayyummaa fi <<Gilobaalaayizeeshiniin>> hubamee akka hin badneef ni gargaara. Qorannoon kunis
faayidaalee armaan gadiif ni oola jedhamee amanama. Isaanis:
- Namni waraqa kana dubbisu geerarsi tokkummaa utuba fijabeessaa akkasumastokkummaa akka
umsu haalaan hubachuu ni danda’a
- Nama gara fuulduraatti qorannoo gaggeessuuf ka’umsaa fi umsa ta’uu ni danda’a
- Waajjiiri Aadaa fi Turiizimii aanichaa kunuunsi akka godhamuuf qooda isaa sirriitti akkaa ba’u ni
dadammaqsa.
- Namni waraqa kana dubbisu dhiiraa ykn dhalaa ta’e geerarsa kana fakkaatuu fi afoola kanneen
biro akka qaratanii fi kuununsan ni kaakaasa.
1.6. Daangaa Qorannichaa
Qorannoo kana keessatti wantoota lamatu daangeeffame. Isaanis: xiyyeeffannoo qorannichaa /mata
dure /fi bakkaqorannooti. Haaluma kanaan , xiyyeeffannoon qorannichaa Qaacceessa Geerarsa
Tokkummaa mul’isan fi bakki qorannoo ammo Godina Wallagga Lixa Aanaa Beegiiti.Sababni isaas
qorannof akka mijatuu fi hanqinni yeroo akkasumas hanqinnii mallaqaa waan jiruufidha.
1.7.Hanqina Qorannichaa
Jalqabaa hanga xumara qorannoo kanaatti wantootni hanqina ta’anii na mudatan kanneen armaan
gadiiti. Isaanis:
-Hanqina yeroo
- Hanqina baajajataa
- Hanqina meeshaalee qorannoo fi
Yeroo odeeffannoo kana funaanuuf waqxii qonnaa fi rooba waan ta’eef na rakkiseera. Ta’us hanqinoota
kana haala danda’ameen dndamachuun qorannoo kana geggeessera.
1.8. Malleen Qorannichaa
Mata duree kana jalatti kan ibsamu mala qorannoo kana geggeessuuf ordofamee fi odeeffannoon
qorannichaa ittiin guurame. Haaluma kanaan, qorannoon kun mala qorannoo qulqulleeffataa
fayyadamamuun geggeeffame.
Mala kana keessati odeeffannoo funaanuudhaaf karaalee adda addaatu jiru. Isaaanis kaneen akka af-
gaaffii marii garee, daawwaannaa fi hirmaachaa daawwachuu fa’i.
Anis malleen qorannoo kanneenitti dhimmaa baheen odeeffannoo walitti qabadhe.Isaanis:
1.8.1. Af-Gaaffii
Af gaaffiin malan ittiin odeeffannoo funaannadhe keessaa isa tokko dha. Kunis mala gaaffii fi deebii
dubbii afaaniin namoota odeeffannoo naaf kennan irraa itiin guurradhedha.
Namoota kanas kanin argadhe duraan dursee namoota hawaasa sana keessatti muuxannoo qaban
,waa’ee aadaa isaanii xiinxalanii beekuun hawaasicha birati fudhatama qaban adda baafadhe.kana
boodas kallattii dhumaan gara mana isannii deemuun kaayyoo koo itti beeksisuun ,waliin qabadhe. Mala
qorannoo argadheera.Mala kanaan gaaffilee kanneen akka geerarsi tokkummaa yoomii fi eessatti
geerarama? , kaayyoon geerarsi tokkummaa geeraramuuf maali? , kan jedhu fi sadarkaa geerarsi
tokkummaa irra jirumaali? Kan jedhu irratti deebii argadheera. Kanarraas hawaasni waa’ee ofii isaatii
dubbii afaaniin namaaf ibsuu akka danda’u hubadheera.
1.8.1. Marii Garee
Mariin garee malan ittiin odeeffataata adda addaa bakka tokkotti walitti fiduudhaan dhimmaa
barbaadame irratti mariis isuudhaan odeeffannoon walitti qabamudha.Mala kanaanis namoota hawaasa
keessati beekumsa, muuxannoo fi dandeettii kallattii geerarsaan qaban gaafachuun odeeffannoo irraa
walitti qabadhe. Kanas garee lamaatti qooduuni .Gareen tokko namoota jaha kan of keessaa qabu yoo
ta’u Garee inni biraan ammo namoota torba qaba. Namoota kanaas bakka hojii (daboo)tti gaaddisaa
mukaa jalatti walitti fiduunii finaannoo qe’eetti iddoo waajjira gandaatti mari,achiisuun odeeffaannoo
argadheera. Yeroo isaan waliin mari’aanitti yaadannoo qabachaa akka isaaan dhimmaa qorannichaa
keessaa ala hin bane hordofaan odeeffannoo walitti qabadhe. Mala qorannoo kanaan gaaffiilee
dhimmoota geerarsaa figeerasa tokkummaa fidhimma yookaan kaayyoo geerarsi tokkummaaf irratti
odeeffannoo mala af-gaaffiin walitti qabadhe naaf gabbiseera. Akkasumas Odeeffannoo dabalataa
dhimmoota kana irrati argadhera.
BOQONNAA LAMA
SAKATTA’IINSA BARRUULEE
2.1. Maalummaa Geerarsaa
Haayiluu(1997:23)geerarsa yeroo ibse. Geerarsi aadaa Uummata Oromoo keessaa isa tokko.kana
jechuunis , gosa afoola kan hawaasni Oromoo eenyummaa, duudhaa, falaasamaa fi jaqnummaa isaa
ittiin calaqqisiifatuudha. Yaadni kun geerarsi gosa afoola ta’ee, kan hawaasni Oromoo ofii isaa ittin
ibsatu,duudhaa isaa ittiin geggeeffatu,wal hubachiisu, waliif dabarsu,akkasumas karaa jaqnummaa isaa
ittiin ibsatu a’uu hubachiisa.Dabalataanis kan ittin wal gorsu, wal jajjabeessuu, onnee walitti
hour,tokkummaa walii ittiin jabeessu,dhalootas dhaalchisuudha. Akkasumas, Fedhasaan (2013:49)yeroo
ibsu.<<geerarsi aadaa Oromoo keessatti baay’ee beekamaadha. Sababnisaas,namoonni dhageettii
keessaa saanii aarii, gaddaa fi gammaachuu qaban ittiin ibsatu.>>
Haaluma wal fakkaatuun yaadni kunis geerarsi aadaa Oromoo mara keessatti beekamatii kan qabuu fi
yeroo hedduu aarii jabaa, gaddaa, kallattii adda addaa akka hiyyummaa , ajjeesuu dhabuu,kabaja
dhabuu,fa’a itiin ibsachuuf akkasumas ,yoo ajjeesuun mirga argatu ammo gammaachuu, milkaa’ina isaa
haala addaan ibsachuuf,dhageettii keessoo isaa haalaan ibsachuuf geerarsi filannoo dura akka ta’e ibsa.
Dabalataanis Biraanuu (2003:24)geerarsa yoo ibsu <<geerarsi sagalee muuziqaa yookaan yeedalloo
walaloo of keessaa qabaatee tapha human yookaan Aanniisaa qabuudha. Geerarsi Oromoon seena fi
aadaa isaa daandii itiin calaqqisiisu keessaa karaa tokkodha.>> yaadin kunis geerarsi haala Uumama
isaatiin sagalee muuziqaa qabaachuu, wal-unatni walaloo isaas human qabaachuusaf sababa akka
ta’eefiOromoon seena keessaa darbe kan ittiin ibsatu akkasumas aadaa isaa kan ittiin ibsatu. Ta’uu
hubachiisa.
2.2. Yoomessa Geerarsaa
Geerarsi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u haala ittiin geeraramu, bakka itti geeraramuu fi yeroo
itti geeraramu kan qabuudha. Akkasumas dhaamsi isaas garaagara.
Geerarsi kan geeraramu iddoo jigiitti ,cidhaa fa’atti geerarama (Ayyaanaa,1991).yaadni armaan olii
akkuma ibsu ,geerarsi iddoowwan garaagaraa kanneen akkaa jigii fi cidhaa fa’atti yoo geeraramu yeroo
itti geeraramus yeroo amaleeffatame, hawaasichaan beekametti.haala hirmaattota waltajjichaan akka
murtaa’uu ibsa. Kana malees Misgaanuun(2011:78) yoomessa geerarsaa yoo ibsu , Geerarsi Oromoo
bakka garaagaraatti geerarama. Lafa jigiitti, iddoo cidhaatti yookaan waamichaatti geeraramuu danda’a.
Akkasumas , bakka tikaafi eegichaatti lafa ittiin dhaasifachuuf, halkan ittiin bariisisuuf geeraramuu ni
danda’a. yaadin kunis akkuma yaada duraa geerarsi iddoowwan akka jigiitti , cidhaatti
geeraramuu isaa ibsaa akkasumas iddaawwan akka tikaa fi eegichaatti yeroo hiiqfachuuf akka
geeraramus ni ibsa. Kana malees , guyyaafi halkan illee geerarmuu akka danda,u ibsa. Akkuma kaayyoo
isaatti yeroon geraramuus adda addaa nit a’a.
2.3. Kaayyoo Geerarsaa
Haayiluu(1997:23)…………….Geerarsi kan geeraramu yeroo rakkinaa, gidiraa, muddamaa Oromoon ni
geerara. Geerarsi kana qofa osoo hin taane akka gorsaattis Oromoon dhimma itti baha , dabeessaaf
onnee kennuufis geerarsi fala tokkodha.
Akka yaadni armaan olii ibsutti geerarsi yeroo rakkoo, gidiraan argachuuf geeararama. Akkasumas
geerarsi gorsaaf dhimma itti bahuun ni danda ‘ama. Yeroo inni tokko milkaa’ee geeraruun kabaja argatu
dabeessi ammo onneetu jabaata.

More Related Content

Similar to Boqonnaa tokko

4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptxMohammedAbdela7
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfhabtamu292245
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxJaafar47
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMohammed Abdo
 
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literature
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo LiteratureThe role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literature
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literaturessuser584efb
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdfDesalechali1
 
Gumaa ilkaan namaa
Gumaa ilkaan namaaGumaa ilkaan namaa
Gumaa ilkaan namaadinqicala
 
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxSakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxGuutaaDirbabaa
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfDesalechali1
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfDesalechali1
 

Similar to Boqonnaa tokko (20)

Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
Oromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdfOromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdf
 
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literature
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo LiteratureThe role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literature
The role Of Protestant Religion For The Development Of Oromo Literature
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
Gumaa ilkaan namaa
Gumaa ilkaan namaaGumaa ilkaan namaa
Gumaa ilkaan namaa
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxSakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
 
tajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaatajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaa
 
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdfOromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
 

Boqonnaa tokko

  • 1. BOQONNAA TOKKO SEENSA 1.1SEEN-DUUBEE QORANNICHAA Geerarsi: aadaa Oromoo keessati jaallatamaafi beekamaadha. Sababni isaas , Namoonni yaada keessoo saanii, aarii,gaddaafi gammachuu,qeeqaafi ergaa qaban ittiin ibsatu. Yeroo adda addaatti geerarsi dhimma garaagaraatiif geerarama.Tokkummaa jabeessuu keessatti geerarsi shoora guddaa qaba. Afoolli kalaqa sammuu afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbudha.Dabalaaanis, Fedhasaan (2013:33) Misgaanuu(2011:2)Waabeffachuun yoo ibsu,<<Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa’uun afaaniin daddarbudha.Haalli lufiinsa isaas afaaniin malee barreeffamaan miti.Wanti dubbii afaaniin lufu kunis baattuu seenaa, siyaasaa,beekumsaafimuuxannoodhala namaa baatanii as ga’an>> jedha Afoolli bal’ina kan qabuufiqabeenya Uummataati.<<Afoolli Oromoo dameelee garaa garaa kanneen akka mammaaksaa,raagamta ykn argaa dhageetti, hibboo,geerarsaa,sirbaa,odu durii,faaruuwwan adda addaaafikanneen miidhagina garaa garaa ganfatanii fi kan kan jechootaa mu’atanidha.>> (Warquu2001) Qorannoon kunis dameeleee kanneen keessaa geerarsa irratti xiyyeeffata.Geerarsi gosa afoola keessaa tokko ta’ee haala jiruufi jireenya Uummata Oromoo kan calaqqisiisudha. Dhimmoota garaa garaa hedduuf waan geeraramuufisbal’aadha. Kanaaf,qorannoon kun qaaccessa geerarsa tokkummaa mul’isan Godina Wallagga Lixaa Aanaa Begii irratti kan fuuleffatedha. 1.2 KA”UMSA QORANNICHAA Aadaan Oromoo afoolawaadha. Kana jechuun barsiifatni,muuxannoofi mudannoon guutummaanhaala jiruufi jireenya hawaasichaa dhaloota dhalootatti kan darbuu dubbii afaaniitiin. Kunis beekumsi, dandeettiin, Ogummaan, kalaqni isaa martinuu afoola isaa keessatti argamuusaa agarsiisa Hawaasni Oromoo Godina Wallagha Lixaa Aanaa Beegiis hawaasa Oromoo keessaa isaa tokko yoo ta’ani isaanis ogummaa, muuxannoofi beekumsa isaanii kan waliif dabarsan afoolaani. Keessumattuu Uummatni kun hanqinaafi cimina,muuxannoofi mudannoo tokkummaa irratti qaban bifa geerarsaan waliif qoodu.Haa ta’uu malee ,aadaan kun sababa guddina teekinooloojii fi ammayyummaatiin haphachaa dhufeera. Tokkummaan hawaasaaf human waan mijeessuufQoratamuun kuununfamuun isaa barbaachisaadha. 1.3 GAAFFILEE WALII GALAA Gaaffileen armaan gadii gaaaffilee qorannichaaf bu’uura ta’an kanneen qorannichaan deebii argataniidha. Isaanis:
  • 2. 1.Hawaasni kun geerarsa tokkummaa adda baadee ni geeraraa? 2.Hawaansi kun geerarsa tokkummaa yoomiifi eessatti geeraraa? 3.Geerarsi tokkummaa dhimma yookiis kaayyoo maaliif geerarama? 4.Yeroo ammaa geerarsi okkummaa kun sadarkaa maalii irra jira? 1.4.KAAYYOOLEEQORANNICHAA Kaayyoleen qorannoo kanaa karaa lamaan ilaalamu isaanis: kaayyoo gooroofikaayyolee gooreedha. 1.4.1. KAAYYOO GOOROO Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa geerarsa tokkumma ibsan akka Godina Wallagga Lixaa Aanaa Beegiitti jiran qorachuufi qaacceessuudha. 1.4.2. KAAYYOOLEE GOOREE - Geerarsoota tokkummaa adda baasuu - yoomessa geerarsoota okkummaa ibsuu - kaayyooo yookaas faayidaa geerarsa tokkummaa ibsuu - sadarkaa geerarsi tokkummaa irraa jiru ibsuu 1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa Geerarsa okkummaa mul’isan qorachuun barbaachisaadha.Qaratamuun isaa immoo dhiibbaa ammayyummaa fi <<Gilobaalaayizeeshiniin>> hubamee akka hin badneef ni gargaara. Qorannoon kunis faayidaalee armaan gadiif ni oola jedhamee amanama. Isaanis: - Namni waraqa kana dubbisu geerarsi tokkummaa utuba fijabeessaa akkasumastokkummaa akka umsu haalaan hubachuu ni danda’a - Nama gara fuulduraatti qorannoo gaggeessuuf ka’umsaa fi umsa ta’uu ni danda’a - Waajjiiri Aadaa fi Turiizimii aanichaa kunuunsi akka godhamuuf qooda isaa sirriitti akkaa ba’u ni dadammaqsa. - Namni waraqa kana dubbisu dhiiraa ykn dhalaa ta’e geerarsa kana fakkaatuu fi afoola kanneen biro akka qaratanii fi kuununsan ni kaakaasa. 1.6. Daangaa Qorannichaa Qorannoo kana keessatti wantoota lamatu daangeeffame. Isaanis: xiyyeeffannoo qorannichaa /mata dure /fi bakkaqorannooti. Haaluma kanaan , xiyyeeffannoon qorannichaa Qaacceessa Geerarsa Tokkummaa mul’isan fi bakki qorannoo ammo Godina Wallagga Lixa Aanaa Beegiiti.Sababni isaas qorannof akka mijatuu fi hanqinni yeroo akkasumas hanqinnii mallaqaa waan jiruufidha.
  • 3. 1.7.Hanqina Qorannichaa Jalqabaa hanga xumara qorannoo kanaatti wantootni hanqina ta’anii na mudatan kanneen armaan gadiiti. Isaanis: -Hanqina yeroo - Hanqina baajajataa - Hanqina meeshaalee qorannoo fi Yeroo odeeffannoo kana funaanuuf waqxii qonnaa fi rooba waan ta’eef na rakkiseera. Ta’us hanqinoota kana haala danda’ameen dndamachuun qorannoo kana geggeessera. 1.8. Malleen Qorannichaa Mata duree kana jalatti kan ibsamu mala qorannoo kana geggeessuuf ordofamee fi odeeffannoon qorannichaa ittiin guurame. Haaluma kanaan, qorannoon kun mala qorannoo qulqulleeffataa fayyadamamuun geggeeffame. Mala kana keessati odeeffannoo funaanuudhaaf karaalee adda addaatu jiru. Isaaanis kaneen akka af- gaaffii marii garee, daawwaannaa fi hirmaachaa daawwachuu fa’i. Anis malleen qorannoo kanneenitti dhimmaa baheen odeeffannoo walitti qabadhe.Isaanis: 1.8.1. Af-Gaaffii Af gaaffiin malan ittiin odeeffannoo funaannadhe keessaa isa tokko dha. Kunis mala gaaffii fi deebii dubbii afaaniin namoota odeeffannoo naaf kennan irraa itiin guurradhedha. Namoota kanas kanin argadhe duraan dursee namoota hawaasa sana keessatti muuxannoo qaban ,waa’ee aadaa isaanii xiinxalanii beekuun hawaasicha birati fudhatama qaban adda baafadhe.kana boodas kallattii dhumaan gara mana isannii deemuun kaayyoo koo itti beeksisuun ,waliin qabadhe. Mala qorannoo argadheera.Mala kanaan gaaffilee kanneen akka geerarsi tokkummaa yoomii fi eessatti geerarama? , kaayyoon geerarsi tokkummaa geeraramuuf maali? , kan jedhu fi sadarkaa geerarsi tokkummaa irra jirumaali? Kan jedhu irratti deebii argadheera. Kanarraas hawaasni waa’ee ofii isaatii dubbii afaaniin namaaf ibsuu akka danda’u hubadheera. 1.8.1. Marii Garee Mariin garee malan ittiin odeeffataata adda addaa bakka tokkotti walitti fiduudhaan dhimmaa barbaadame irratti mariis isuudhaan odeeffannoon walitti qabamudha.Mala kanaanis namoota hawaasa keessati beekumsa, muuxannoo fi dandeettii kallattii geerarsaan qaban gaafachuun odeeffannoo irraa walitti qabadhe. Kanas garee lamaatti qooduuni .Gareen tokko namoota jaha kan of keessaa qabu yoo ta’u Garee inni biraan ammo namoota torba qaba. Namoota kanaas bakka hojii (daboo)tti gaaddisaa mukaa jalatti walitti fiduunii finaannoo qe’eetti iddoo waajjira gandaatti mari,achiisuun odeeffaannoo argadheera. Yeroo isaan waliin mari’aanitti yaadannoo qabachaa akka isaaan dhimmaa qorannichaa
  • 4. keessaa ala hin bane hordofaan odeeffannoo walitti qabadhe. Mala qorannoo kanaan gaaffiilee dhimmoota geerarsaa figeerasa tokkummaa fidhimma yookaan kaayyoo geerarsi tokkummaaf irratti odeeffannoo mala af-gaaffiin walitti qabadhe naaf gabbiseera. Akkasumas Odeeffannoo dabalataa dhimmoota kana irrati argadhera. BOQONNAA LAMA SAKATTA’IINSA BARRUULEE 2.1. Maalummaa Geerarsaa Haayiluu(1997:23)geerarsa yeroo ibse. Geerarsi aadaa Uummata Oromoo keessaa isa tokko.kana jechuunis , gosa afoola kan hawaasni Oromoo eenyummaa, duudhaa, falaasamaa fi jaqnummaa isaa ittiin calaqqisiifatuudha. Yaadni kun geerarsi gosa afoola ta’ee, kan hawaasni Oromoo ofii isaa ittin ibsatu,duudhaa isaa ittiin geggeeffatu,wal hubachiisu, waliif dabarsu,akkasumas karaa jaqnummaa isaa ittiin ibsatu a’uu hubachiisa.Dabalataanis kan ittin wal gorsu, wal jajjabeessuu, onnee walitti hour,tokkummaa walii ittiin jabeessu,dhalootas dhaalchisuudha. Akkasumas, Fedhasaan (2013:49)yeroo ibsu.<<geerarsi aadaa Oromoo keessatti baay’ee beekamaadha. Sababnisaas,namoonni dhageettii keessaa saanii aarii, gaddaa fi gammaachuu qaban ittiin ibsatu.>> Haaluma wal fakkaatuun yaadni kunis geerarsi aadaa Oromoo mara keessatti beekamatii kan qabuu fi yeroo hedduu aarii jabaa, gaddaa, kallattii adda addaa akka hiyyummaa , ajjeesuu dhabuu,kabaja dhabuu,fa’a itiin ibsachuuf akkasumas ,yoo ajjeesuun mirga argatu ammo gammaachuu, milkaa’ina isaa haala addaan ibsachuuf,dhageettii keessoo isaa haalaan ibsachuuf geerarsi filannoo dura akka ta’e ibsa. Dabalataanis Biraanuu (2003:24)geerarsa yoo ibsu <<geerarsi sagalee muuziqaa yookaan yeedalloo walaloo of keessaa qabaatee tapha human yookaan Aanniisaa qabuudha. Geerarsi Oromoon seena fi aadaa isaa daandii itiin calaqqisiisu keessaa karaa tokkodha.>> yaadin kunis geerarsi haala Uumama isaatiin sagalee muuziqaa qabaachuu, wal-unatni walaloo isaas human qabaachuusaf sababa akka ta’eefiOromoon seena keessaa darbe kan ittiin ibsatu akkasumas aadaa isaa kan ittiin ibsatu. Ta’uu hubachiisa. 2.2. Yoomessa Geerarsaa Geerarsi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u haala ittiin geeraramu, bakka itti geeraramuu fi yeroo itti geeraramu kan qabuudha. Akkasumas dhaamsi isaas garaagara. Geerarsi kan geeraramu iddoo jigiitti ,cidhaa fa’atti geerarama (Ayyaanaa,1991).yaadni armaan olii akkuma ibsu ,geerarsi iddoowwan garaagaraa kanneen akkaa jigii fi cidhaa fa’atti yoo geeraramu yeroo itti geeraramus yeroo amaleeffatame, hawaasichaan beekametti.haala hirmaattota waltajjichaan akka murtaa’uu ibsa. Kana malees Misgaanuun(2011:78) yoomessa geerarsaa yoo ibsu , Geerarsi Oromoo bakka garaagaraatti geerarama. Lafa jigiitti, iddoo cidhaatti yookaan waamichaatti geeraramuu danda’a. Akkasumas , bakka tikaafi eegichaatti lafa ittiin dhaasifachuuf, halkan ittiin bariisisuuf geeraramuu ni danda’a. yaadin kunis akkuma yaada duraa geerarsi iddoowwan akka jigiitti , cidhaatti geeraramuu isaa ibsaa akkasumas iddaawwan akka tikaa fi eegichaatti yeroo hiiqfachuuf akka
  • 5. geeraramus ni ibsa. Kana malees , guyyaafi halkan illee geerarmuu akka danda,u ibsa. Akkuma kaayyoo isaatti yeroon geraramuus adda addaa nit a’a. 2.3. Kaayyoo Geerarsaa Haayiluu(1997:23)…………….Geerarsi kan geeraramu yeroo rakkinaa, gidiraa, muddamaa Oromoon ni geerara. Geerarsi kana qofa osoo hin taane akka gorsaattis Oromoon dhimma itti baha , dabeessaaf onnee kennuufis geerarsi fala tokkodha. Akka yaadni armaan olii ibsutti geerarsi yeroo rakkoo, gidiraan argachuuf geeararama. Akkasumas geerarsi gorsaaf dhimma itti bahuun ni danda ‘ama. Yeroo inni tokko milkaa’ee geeraruun kabaja argatu dabeessi ammo onneetu jabaata.