SlideShare a Scribd company logo
1 of 81
Download to read offline
QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA XOMBORAA: GODINA HORROO
GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE IRRATTI XIYYEEFFATA.
QORANNOO SAGANTAABARNOOTADIGIRII LAMMAFFAA (MA)
FAYYEERAA WAAQOO AYYAANAA
ADOOLESSA 2011/2019
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA HARAMAAYAA
Qaaccess Ergaa Sirba Gubaa Xomboraa: Godina Horroo Guduruu, Aanaa
Jardagaa Jaartee
Qorannoo Barnoota Digirii Lammaffaa (MA) Muummee Afaan Oromoo,
Ogumaafi Qunnamtiif Kan Gale
Daarektoreeta Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa
YUUNIIVARSIITII HARAMAAYAA
Ulaagaalee Itti Guuttannaa Gar-Tokkee Barnoota Digirii Lammaffa (MA)
AFAAN OROMOOFI OGUMA BARSIISUUTIIN
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa
Hagayya 2011/2019
Yuuniivarsiitii Haramaayaa Haramaayaa
ii
DAAREKTOREETA SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Waraqaa qorannoo barataa ‘’ Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa “mata duree “Qaaccessa Ergaa
Sirba Gubaa Ayyaana Xomboraa Godina Horroo Guduruu, Aanaa Jaardagaa Jaartee”
jedhurratti gaggeessummaa koo jalatti hojjechaa ture dubbisee madaaleera. Kanaaf, uunka
waraqaa qorannoo sagantaa digirii duraan boodaa waan guutee jiruuf akka inni dhiyeessuuf
yaada kenneera.
____________________ ___________________ _______________
Gorsaa ijoo Mallattoo Guyyaa
___________________ ___________________ ________________
Gorsaa gargaaraa Mallattoo Guyyaa
Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaatti waraqaa qorannoo
barataa Fayyeeraa Waaqoo tin qophaa’e dubbisee madaaleera. Akka kootti waraqaan kun
unkaa waraqaa qorannoo sagantaa barnoota digirii duraan boodaa Afaan Oromoofi Oguma
barsiisuutiin ni guuta jedhee mirkaneesseera.
____________________________ ___________________ ____________
Walitti Qabaa Mallattoo Guyyaa
___________________________ ____________________ ___________
Qoraa Keessaa Mallattoo Guyyaa
___________________________ ____________________ __________
Qoraa Alaa Mallattoo Guyy
iii
IBSA QORANNICHAA
Ani qoratichi maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame, waraqaan qorannoo kun hojii
koo kan ta’eefi kanaan dura Yuuniivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin
dhiyaanne ta’uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hunda isaanii wabii
keessa kaa’uu koo nan mirkaneessa.
Maqaa___________________________________
Bakka:___________________________________
Guyyaa___________________________________
Mallattoo _________________________________
iv
HIIKA JECHOOTAA
Beeddee Kan eelee golboo haadhoo keessatti cumboon iirratti
tolfamu.
Cororsaa Dhadhaa bakfamee cumbootti name’ee nyaatamu.
Cumboo Nyaata aadaa naannoo sanaa
Daggoo Gosa migiraa kan xomborri itti hidhamudha.
Durba qarree Shamarra hin heerumne.
Ekeraa Ayyaana nama du’ee itti yaadatamu.
Eelee haadhoo Kan cumboon itti tolfamu.
Giixxoo Cumboo xiqqoo. /nyaata mana firaa fudhatanii deeman
Gombisaa Kan eelee haadhootti qadaadamu.
Hooda Ayyaana yeroo adda addaa irratti Oromoon guyyaa guutuu
itti ilaallatu.
Ibsaa Xombora gubamu.
Luqna Nama dabeessa (tti).
Maasaroo Meeshaa dhadhaan itti bakfamu.
Qabee Meeshaa aannan itti elmamu.
Qirca Qalma gareedhaan qalamee qooddatan.
Tussoo Daabboo xiifiirraa hojjetamu.
v
SEENAA QORATICHAA
Qoratichi bara 1980 A.L.E tti Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardaagaa Jaartee keessaatti
dhalate. Bara 1987 tti barnoota sadarkaa tokkoffaa 1- 8 Mana Barumsa sadarkaa 1ffaa
Aliboo
Sadarkaa 1ffaa
fi giddu galeessatti kan barateedha. Barnoota Sadarkaa 2ffaa
bara 1994-1997tti
Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa
shaambuutti xumure. Bara2001-2005 Digirii 1ffaa
Yuuniivarsiitii
Ambootti Muummee Afaan Oromoo barachaa baratee eebbifamee Ogummaa
Barsiisuummaatiin waggoota 2 erga tajaajileen booda bara 2008tti Barnoota Digirii
Lammaffaa barachuuf Yuuniivarsiitii Haramaayaa seene.
GALATA
Hunda dursee waaqayyoo nagaa naaf kennee sadarkaa kanarra ga’ee qorannoo kana akkaan
hojjedhuuf waan nagargaareef galanniifi ulfinni haata’uuf. Itti aansuun gorsaakoo Jeeyilaan
Amaan (PhD) akkasumas,Imaanaa Bayyanaa(PhD) yeroo isaanii aarsa gochuun beekumsa
qabaniin adeemsa qorannoon keessa darbuu qabu hunda na hordofsiisuun obsaafi nuffii tokko
malee karaa natti agarsiisuun, waraqaa qorannoo kana akkaan hojjedhuuf waan naqajeelchaa
turaniif galannikoo guddaadha. Maatiinkoo hundi yaadaafi deeggarsa wal irraa hin cinne naaf
gochaa waan turaniif galata onneerraa maddun galchaaf.
Qorannoon kun akka galmaan naaf ga’uuf namoonni odeeffannoo naaf kennuun haga
dhumaatti nadrrggaraa turan : Katamaa Wayyeessaa, Waaqoo Ayyaanaa, Lammii Toleeraa,
Olaanii Itichaa, Namoomsaa Irranaafi waajjira Aadaafi Turiizimiifi kan biroon odeeffannoo
naaf kennuudhaan akkaan qorannoo kana gaggeessee galmaan ga’uuf deeggarsa waan naaf
godhaniif galannikoo guddaadha.
vi
BAAFATA
MATA DUREE FUULA
IBSA QORANNICHAA iii
HIIKA JECHOOTAA iv
SEENAA QORATICHAA v
GALATA vi
AXAREERAA vii
1.SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1
1.2. Ka’umsa Qoranichaa 3
1.3. Kaayyoo Qorannichaa 6
1.3.1. Kaayyoo Gooroo 6
1.3.2. Kaayyoo Gooree 6
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa 7
1.5. Daangaa Qorannichaa 7
1.6. Hanqina Qorannichaa 8
1.7. Qindoomina Qorannichaa 9
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII 10
2.1. Dayeessa Tajaajil (Yaadiddama) 10
2.2. Dayeessa Caasaa 10
2.3. Yaadrimee Sirbaa 11
2.3.1. Faayidaa Sirbaa 13
2.3.2. Gosoota Sirbaa 13
2.4. Malummaa Sirba Gubaa Xomboraa 13
2.4. 1.Sirba Ayyaana Gubaa Xomboraa 14
2.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa 15
3. XIIN- MALA QORANNICHAA 16
3.1. Ibsa Naannoofi Uummata Naannichaa 16
3.1.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa 16
3.1.2. Haala Jireenya Uummata Naannoo Qorannichaa 17
3.2. Saxaxa Qorannichaa 18
3.3. Madda Ragaa Qrannichaa 19
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu 19
3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee 20
3.5.1. Af-gaaffii 20
3.5.2. Marii Garee 21
3.5.3. Sakatta’a Harshammee 21
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee 22
3.7. Adeemsaafi Naamusa Qorannoo 22
4. DHIYAANNAAFI QAACCESSA RAGAALEE 24
4.1.Ergaa Sirbi Gubaa Xomboraa Qabu 24
4.2. Ergaa Sirboonni Gubaa Xomboraa Dura Srbamaniifi Booda Sirbaman. 26
4.3.Sirboota warri Shamarranii Sirbaniifi Ergaa Isaa. 29
4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Hubannoofi Ilaalcha Jiru. 32
4.4.1. Sirba Gubaa Xomboraa 33
4.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa 34
4.4.3. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Warreen Qooda Fudhatan 34
4.4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti Tajaajilan 35
4.5. Sirba 35
4.5.1. Sirboota Yeroo Gubaa Xomboraa Dhiironni Sirban 36
4.5.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Kan Shamarran Sirban. 38
4.6. Sirba Gubaa Xomboraa Keessatti Malleen Dubbii 40
4.7. Qophiifi Adeemsa Sirba Gubaa Xomboraa 46
4.7.1. Haal duree Sirba Gubaa Xomboraa 47
4.7.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Sirbuuf Qophaa’aniif Kadhannaa Ta’u 48
4.7.3. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Daamaraa Muruufi Gubuu 49
4.7.4. Xombora Qabsiifachuun Gara Gubaa Xomboraatti Imaluu 49
4.7.5. Bakka Sirba Gubaa Xomboraatti Waantoota Raawwatu 51
4.8. Yeroo SirbaGubaa Xomboraa Irratti Eebba Taasifamu 52
4.9. Sirba Gubaa Xomboraa Booda Wantoota Raawwataman 54
5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO 56
5.1. Cuunfaa Qorannichaa 56
5.2. Argannoo Qorannichaa 56
5.3. Yaboo Qorannichaa 58
6. WABIILEE 60
7 .DABALEEWWAN 63
7.1. Dabalee A:gaaffilee afgaaffi maan guddootaaf dhiyaate. 63
7.2.Dabalee B: gaaffilee marii garee hawwaniifi maanguddootaaf dhiyaate. 64
7.3.Dabalee C: gaaffilee afgaaffii hawwaniif dhiyaate. 65
7.4.DABALEE D: gabatee oduu kennitoota mul’isu. 66
7.5. Dabalee E: fakkiiwwan muraasa namoota sirba gubaa xomboraa kennan 68
QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA AYYAANA XOMBORAA GODIA
HORROO GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE.
AXAREERAA
Ka’umsi qorannoo kanaa hir’achaa dhufuu sirba gubaa xomboraafi sirna barnootaa keessatti
xiyyeeffannon dhabuudha.Kaayyoon qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa
Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha.
Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoota’u, tooftaalee iddattiissuu miti carraa
keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Meeshaaleen funaansa ragaaf
hojiirra oolan afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uuni.Ragaaleen mala kanaan
walitti qabaman immoo, gosa qorannoo ibsaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Adeemsota
kana hordofuun odeeffannoo wal duraa boodaan qaacceffamanii dhiyaataniiru. Odeeffattoota
irraa sirboota gubaa xomboraa funaanuun ergaansaa, faayidaa inni uummatichaaf qabu,
jala bultiitii hanga xumura isaatti qaacceffamaniiru. Sirboonni gubaa duraafi gubaa booda
sirbaman ergaa isaan dabarsan adda addatti ilaalamaniiru.Sirboota kanaas,kan sirba
shamarran sirbaniiifi kan dargaggoonni sirban adda addaan qaacceffamaniiru.
Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsutti: sirbi gubaa xombora falaasama
uummatichaa calaqqisiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu, hariiroo uummataa cimsuu,
safuufi duudhaa uummatichaa eegsisuuf gahee olaanaa qaba.Sirboota kana keessa kan jiran
immoo, kan warri dhiirotaa sirbaniifi kan warri shamarranii sirban jechuun bakka lamatti
qoodamuun ilaalamaniiru. Akkasumas, sirboonni gubaa dura sirbaman haala sirba kana itti
sirbuuf karoorfatan marii’achuu,walitti dhufeenya cimsuu,jala butii siba xomboraafatu
sirba.Kana malees siboonni gubaa booda sirbaman immoo, sirba dabetti nagaa
dhaammachuufi isa dhufu haala kamiin akka simatan sirbu. Kana malees, hubannoofi ilaalchi
dhaloonni sirba kanaaf qaban laafaa ta’uusaa qorannoon kun mul’isa. Kanaaf, akka yaada
furmaataatti fayyada jedhee qoratichi lafa kaa’e, safuu, aadaa, duudhaa hawaasichaa
eegsisuuf maatiifi Waajjirri Aadaafi Turiizimmii irratti hojjechuu qabu. Kana malees, sirba
warri shamarranii sirbaniifi kan warri dhiiraa sirban qoqqoodanii kaa’uufi ergaa isaa labata
dhufu hubachiisuuf maatiin, manni barumsaa, maanguddoonni irratti hojjechuun gaariidha.
Akkasumas, hubannoofi ilaalcha dhaloonni ammaa sirbichaaf qaban cimsuuf akkasuma,
Aadaafi Turiizimiin, manni barumsaa, maatiin ijoollee isaanii nuffii tokko malee irratti yoo
hojjetan furmaanni dhufuu danda’a.
vii
1.SEENSA
Boqonnaan kun odeffannoo ka’umsaafi xiyyeeffannoo bu’uuraa dhiyeessuurratti xiyyeeffata.
Haaluma kanaan matadureewwan kanneen akka seenduubee, ka’umsa qorannichaa
barbaachisummaa, kaayyoo, daangaa, hanqinaafi qindoomina qorannichaa hammata.
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Aadaan uummata tokko falaasama isaa, akkaataa waliin jireenya isaa, eenyummaa ofii qaama
biroof ittiin ibsachuufi ittiin beeksifachuuf gahee ol aanaa qaba.Akkasumas, aadaan jireenya
ilma namaa, eenyummaa isaa, safuu, amantaa, ilaalcha, artiifi kan kana fakkaatan kan
calaqqisiisu mallattoo uummataati. Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkooti( Finnegan
1970: 17). Sabni tokko saba biroo irraa kan ittiin adda bahu keessaa tokko aadaa isaati.
Uummanni oromoo aadaa,seenaa,amantaafi dhugeeffannoo mataa isaa kan qabudha.Kanaaf,
akka falaasama oromootti amantaa isaa keessatti dhugeeffannoo ittiin jiruufi jireenya isaa
keessatti waaqa dhalootaafi icciitii jireenyaa walitti fiduun kan itti ibsatudha.Akka uummata
Oromootti amantii waaqaafi nama kan wal qunnamsiisu ayyaantuudh.
Ayyaanni duudhaa, amantii aadaa oromooti, ergamaa waaqaa ayyaana kan uumaa waaqaa yoo
ta’u karaa namni rakkoo ofii waaqaan gahatudha.Sirnoonni yookiin ayyaanonni gocha aadaa
uummata tokkoo calaqqisiisan kunneenis hawaasicha abbaa aadaa biratti irra deddeebiidhaan
kan raawwatamaniifi kanneen beekamanidha. Biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti raawwiin
sirnoota adda addaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa sirnoota amantii, siyaasa, ijaarsa maatii,
ayyaanota adda addaa, wal dhabdee, jijjiirama amala dhuunfaafi hawaasaa kanneen gurguddoo
akka ta’an ibsa. Peekfi Yankah (2004: 797) ibsaniiru. Aadaa uummata Oromoo keessaa tokko
kan ta’e sirba gubaa xomboraati. Gubaan xomboraa jiruufi jireenya Oromoo biratti sirna
amantaa osoo hintaane guyyaa sirna gammachuu ofii itti ibsan, guyyaa dardarriifi shamarran
jaalalaaf kan wal arganiifi kennaa jaalalaa kan waliif kennanidha. Gubaa dura torbaan lamaa
hanga sadiitti shamarraniifi dardarran galgala galgala wal gahanii sirbuun wal mararsiifatu
jaalala waliif ibsu. Sirna gubaa boodas, turban tokkoo oliif dargaggoonniifi shamarran sirboota
qabiyyeewwan adda addaa of keessaa qabu sirbuun dhaamsa jaalalaa waliif dabarsu.
2
Kaayyoon sirba gubaa xomboraa kanaas dhoqqeefi bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa
birraatti cehuudhaaf gammachuu ofii kan itti ibsatanidha (Filee Jaallataa 2016:155). Sirbi
gubaa xomboraa waggaatti al tokko kan ayyaaneffatamuufi dhugeeffannoo guddaa Oromoo
biratti akka qabu Fiixee Birrii (2013:257-25) addeesseera. Ayyaanonni kunis yoomessa mataa
isaa danda’e irratti hundaa’anii akka raawwatan beekamaadha. Kabaja ayyaanotaa keessatti
immoo, eebbi, faaruuwwan, uffanni, nyaanni adda addaa miidhaginaan waan dhiyaataniif
miira namaa harkisuun yaadannoo sammuu namaa keessaatti akka uumamu taasisuuf qooda
guddaa qaba. Sirbi gubaa xomboraa yeroo durii uummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan
qabu ture. Haata’u malee, yeroo ammaa kana sababa ilaalchaan, babal’achuu amantaalee,
ilaalcha ammayyummaa adda addaan irraa kan ka’een laafaa dhufee jira.
Sirbi gubaa xomboraa kun akka hin laafneefi akka hin bannee qorannoo irratti gaggeessuun
galmeessanii dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadh. Kanaaf, qoratichi fuulleffannoo qorannoo
kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa haala qabatamaa Godina Horroo Guduruu Aanaa
Jaardagaa Jaartee qaaccessuun ergaa irratti xiyyeeffatee gaggeeffameera. Aana kana keessatti
qorannoon waa’een sirba gubaa xomboraa bal’inaa qoratamuu dhabuun qaawwa qorannoo
kanaa ta’eera. Sirbi gubaa xomboraa dur bal’inaan akka sirbamaa tureefi yeroo ammaa
immoo. Laafaa dhufuusaa maanguddoonni ni dubbat. Sirba gubaa xomboraa kun ayyaana
guddaafi kabaja kan qabu ta’uusaa maan guddoonni Oromoo aanichaa ni dubbatu. Akkasmas,
ayyaana kana sababeeffachuun aadaan wal gargaaruu, wal iyyaafachuu, sirni kaadhimmachuu,
wal gargaaruufi kan kana fakkaatantu raawwatu.Yeroo ayyaana gubaa xomboraa kanneen
akka: sirboota jala bultii, loon bakka adda addaa jiran gara qe’eetti deebisuu,muka jiidhaa gosa
adda addaa kan akka,Laaftoo,Makkanniisaafi Naffuroo muruun daamaruu, nama walloole
araarsuu, xombora qopheeffachuufi kan kana fakkaatanfaatu haga guyyaan xoborri gubamutti
kan raawwatamanidha jechuun maanguddoonni dubbatu.
Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa maalummaa,eenyummaa,aadaa, safuu,duudhaafi
kanka fakkaatan hawaasaa ibsuu keessatti qoodni inni qabu salphaa miti.Sirba kana keessatti
aadaa,amantiin, haalli nyaataa, uffanniifi qophiin sirbaa gammachuufi yaada ofii
calaqqisiisuuf waliigala jiruufi jireenya hawaasaa tursiisuuf faayidaan sirbi qabu ol
aanaadha.Kun immoo, itti fufinsaan akka jiraatu gochuuf qorannoo irratti adeemsisuun bu’aa
3
isaa ibsuun barbaachisaadha. Qorannoon sirba gubaa xomboraa aanicha keessatti
gaggeeffaman bal’inaan hin jiran. Kanaaf, sirba xomboraa hir’achaa dhufe kana qorannoon
cimsuun kan harca’ee jiru immoo, walitti qabuu,kan jiru kunuunsanii itti fayyadamuufi
dhaloonni akka itti fayyadamu taasisuudha. Kana irraa kan ka’e srba xomboraan walqabateen
qorachuun bu’aa isaa ifa baasuun barbaachsaadha. Qorannoon kunis qaaccessa ergaa sirba
gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuun ergaan isaa
ibsameera.
1.2. Ka’umsa Qoranichaa
Afoolli aadaa, duudhaa falaasamaafi sona hawaasaa baatee kan jiru yoommuu ta’u afaaniin
dhalootaa dhalootatti waan darbuuf adeemsa keessa jijjiiramni irratti mul’achuufi baduu
danda’a. Akka Fedhasaa (2013:49) Finnegan (1970) wabeeffachuun eeruttis, afoolli baattuu
aadaa afaaniin dhaloota qaqqabudha. Sirbi gubaa xomboraas, aadaa uummata Oromoo biratti
iddoo guddaa kan qabudha. Qrannoo tokko gaggeessuuf sababoonni nama kakaasan jiraachuu
qabu. Aadaawwan jiran keessaa qorannoon kun kan irratti gaggeefame sirba gubaa xomboraa
irratti. Kaafuu, qorannoo kana adeemsisuuf qorataan ka’umsa godhachuun qorannoo kan
gaggeesse : inni tokkoffaan, dagatamaa dhufuu isaafi isa duraanii irraa hir’achaa dhufuu sirba
gubaa xomboraati. Akkaan maanguddootaafi haawwan irraa dhagahetti bara durii sirbi gubaa
xomboraa seera aadaa eeguun bal’inaan kan sirbamaa turedha.Kunis kabajni ayyaanichaa
turban lamatu hafa jedhamee dargaggoonnifi shamarran galgala galgala walti yaa’uun sirbu.
Kun yeroo ammaa hir’achaa dhufeera.Kun immoo, sirba gubaa xomboraa irratti haala
ammayyaatiin qorannoon irratti gaggeeffamee galmaa’ee taa’uu baate dagatamuu bira darbee
baduuyyuu ni danda’a.
Kanaaf, sirba gubaa xomboraa dagatamaafi sadarkaa hir’achuu irra ga’e badisa irraa oolchuuf
qorataan kun ka’umsa qorannoo kanaa godhateera. Fakkeenyyaf sababoonni akka dagatamuufi
hir’atu kan godhan, haala yeroofi dhiibbaa, siyaasaa, ammayyummaa, amantiilee, yeroo
dhiyoo biyya keessa galaniin kaayyoon, yoomessiifi irraa jalummaan barsiisuu yeroo ammaa
kana aanaa kana keessatti akka dagatamu warreen taasisanidha. Keessumaa namoonni
amantiin walqabsiisanii aadaan sirba gubaa xomboraa keessatti sirbi gubaa akka baduuf
sababa ta’aniiru. Gama birootiin immoo, yoo ilaalame dhaloonni ammaa kun qaroominaaf
4
hiika sirrii kennuu dhabuudhaan waan qaroominni aadaa malee qofaa isaa socho’uutti aadaa
dagachuun amantiifi qaroomina qofatti hiikkachuudha. Dagatamaa dhufuusaa qorqtichi
waa’ee, sirba gubaa xomboraa aanicha keessa jiru haala akkamiirra akka jiruufi sirboonni
dargaggoonni wal ga’anii sirban dhabamaa deemuu isaa waan beekuuf qorannoo kana irratti
gaggeesseera. Kana irraa kan ka’e aadaan hawaasichaa du’aa deemuun safuufi barsiifanni
hawaasichaa bade jira. Inni lammafaan sirbi gubaa xomboraa kun sirna barnnootaa keessattis
xiyyeeffannoon itti laatamuu dhabamuu. Xiyyeeffanno dhabuusaa yeroo sakatta kitaabilee
taasise keessatti bal’inaan dhibuu.Akkasumas, barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan bal’inaan
akka hin mul’anne dubbatu.
Kanamalees, qorannoowwan dhimma qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa waliin walitti
dhufeenya qaban dhiyaataniiru.Kanaaf, kan mata dure kana duukaa walfakkaatu ilaalamaniiru.
Haaluma kanaan qorataan qorannoo kana waraqaalee qorannoo garaagaraa kanaan dura
hojjetaman sakatta’uudhaan waraqaalee qorannoo kana waliin walitti dhufeenya qaban
jedhamee yaadame hala armaan gadiin ibsamee jira.
Qorannoo Tigistin(2008) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti gaggeeffame xiinxala
raawwii sirna ayyaana gubaa kormaa jedhu irratti gaggeeffame. Qorannoon qorataan kun
irratti gaggeesse immoo, qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu
Aana Jaardagaa Jaartee irratti gaggeeffame. Kanaaf,tokkummaan mata duree qorannoo kana
duukaa walfakkaatu, sirba gubaa xomboraa,kabaja yeroo ayyaanichaati. Akkasumas,
tokkummaan isaan gidduu jiru waqtiilee walfakkaataa keessa kabajamuu, gosa afoolaa
keessaa sirba guba xomboraa ta’uusaati. Garaagarummaan isaaniis, waraqaan qorataa
qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Oromoo Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa
Jaartee kan qaaccesse yoo ta’u, qorannoon kun immoo, xiinxala raawwii sirna ayyaan ibsaa
kormaa irratti kan xiyyeeffatedha. Inni biroon ammoo, garaagarummaa qabiyyee, weelluu
yokaan sirbi isaafi haalli raawwii isaa tokko miti. Kana malees, sirna gubaa xomboraa irratti
kan hirmaatu kan Aanaa Dirree Incinnii dhiira qofatu kan irratti hirmaatu yoo ta’u, kan Aanaa
Jaardagaa Jaarteetti immoo, shamarranis gubaa xomboraa irratti ni hirmaatu.Garaagarummaan
kun qaawwa qoraannoo kanaaf mul’atanidha.
5
Qorannoon inni biroon immoo,qaaccessa qabiyyee sirba ayyaana masqalaa Oromoo Godina
shawaa Lixaa Aanaa Tokkee kuttaayee Taaddelaa(2017) gaggeeffameera. Ka’umsi qorannoo
kanaa masqalli aanaa kanatti fulbaana keessa kabajamaa jiru yeroo ammaas yeroo kana akka
kabajamaa jiru adda baafachuudha. Kana malees, waantoota masqalaan wal qabatan kanneen
akka meeshaalee, raawwii gochootaa, kadhannaa,abaarsaafi sirba waantoota achi keessatti
jiran qaaccessuu kan jedhu ka’umsa godhatee qorannoo gaggeesse. Tokkummaan qorannoo
kana keessa jiru, sirboota qaaccessuufi yeroon kababaja gubaa xomboraa fulbaana keessa
raawwatamuun tokko isaan godha. Garaagarummaan qorannoo kana gidduu jiru: ka’umsi
qorannoolee kanneenii adda addummaa qabaachhsaati. Ka’unsi qorannoo Shawaa Lixaarratti
gaggeeffame yeroo kabaja masqalaa adda baasuu, meeshaalee yeroo san tajaajilan adda
baasuufi akkaataa raawwi ayyaanichaa kan hammatudha.Qorannoon kun immoo,Horroo
Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee irratti qaaccessa ergaa sirba gubaa xommboraa irratti
gaggeeffame .Kanaaf, akkaataa sirboonni itti sirbaman garaa garummaan isaan gidduu jira.
Haala qabatamaa yeroo ammaa keessa jiru yoo ilaallus, sirbi gubaa xomboraa uummata aanaa
Jaardagaa Jaartee biratti adeemsa duraan sirbi yeroo gubaa sirbamu sirbamaa jira osoo hin
taane laafaa dhufeera. Akka yeroo duriitti sirbamaa akka hin jirre maanguddoonni
odeeffannoo irraa argadhe ni dubbatu. Qoratichis sirbi gubaa xomboraa laafaa dhuufuu isaafi
namoonni yookiin dargaggoonni sirban dhabamaa deemuu isaa qorannoo kana yeroon
gaggeessu keessatti dargaggoonni walaloosaa walaleessuu dadhabuufi hin beeknu kan
jedhantu baay’inaan argame.
Walumaa galatti sirbi ayyaana gubaa xomboraa aanaa kana keessatti irraanfatamuufi badisa
jala waan jiruuf qorannoon irratti gageeffamee galmaa’ee taa’uu qaba. Kanaaf, qoratichi
ka’umsa qorannoo kanaa erge adda baasee booda ragaalee sassaabbachuun rakkoolee sirbi kun
akka hir’atu taasisan akkaataa furmaata argachuu danda’uun walti qabuun qaacceffamaniiru.
Sirbi gubaa xomboraa uummaticha biratti dhugeeffannoo guddaa qabu kun ergaa isaafi
faaydaa inni qabu dhalootaaf dabarsuuf qorannoon saayinsawaa ta’een galmeeffamee taa’uu
qaba. Kanaaf, waa’ee sirba gubaa xomboraa maanguddootaafi hawwan irraa sassabamee
ergaansaa akka qaacca’u taasifameera.
6
Bu’uuruma kanaan qorataan ergaa Sirba gubaa Xomboraa Oromoo, Godina Horroo Guduruu
keessatti kan Aanaa Jaardagaa Jaartee dhiyeesse. Kanumatti fufuun qorannoon dame
fookiloorii keessa tokko kan ta’e kun qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo
Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee maalummaa sirba xomboraa, ergaan isaa, faayidaa sirba
xomboraa qaacceffameera.Amma qorataan kun sirba gubaa xomboraa aanaa kanaa badaa
waan dhufeef qoratichi qorannoo isaa mata duree kana irratti adeemsise. Kana irraa
ka’uudhaan qorataan gaaffilee qorannoo kanaa gaditti deebii argachuu qaban jedhu
murteesseera. Bu’uuruma kanaan qorannoon kun gaaffilee qorannoo kanaan gaditti
dhiyaataniif deebii argateera.
1. Sirbi gubaa xomboraa, Godina Horroo Guduruu, aanaa Jaardagaa Jaartee ergaa
akkamiifaa uummatichaaf dabarsa?
2. Sirboonni gubaa xomboraa dura sirbamaniifi gubaa booda sirbaman ergaa akkamii qabu
3. Sirboonni warri shamarranii sirban ergaawwan akkamii dabarsa?
4. Dhaloonni yeroo ammaa kun sirba gubaa xomboraa irratti hubannoofi ilaalcha
akkamii qabu?
1.3. Kaayyoo Qorannichaa
1.3.1. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo
Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuu irratti xiyyeeffata.
1.3.2. Kaayyoo Gooree
A. Sirbi gubaa xomboraa, Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee ergaa
akkamii uummatichaaf akka dabarsuu qabu himu.
B. Ergaa sirboonni gubaa xomboraa dura sirbamaniifi gubaa booda sirbaman maal akka
ta’an himu.
7
C. Sirboota warri shamaranii sirban ergaa akkamii akka qabu himu. .
D. Dhaloonni yeroo ammaa sirba gubaa xomboraa irratti hubannoofi ilaalcha akkamii
akka qaban ibsu.
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa irratti xiyyeeffata. Qaaccessi ergaa
sirba yeroo gubaa xomboraa aadaafi duudhaa hawaasa tokkoo haala nama hawwatuun ergaa
barbaachisaa ta’e kan dabarsuufi haala jiruufi jireenya hawaasichaa kan ibsudha. Kanamalees,
waliin jireenya yookiin hawaasummaa, duudhaafi safuu barsiisuu keessatti ergaan inni qabu
labata ammaa jiruuf humna cimaa qaba. Kanumaan wal qabatee qorannoon kun faaydaalee
armaan gadii qaba.Inni tokkoffaan barbaachisummaan qorannoo kanaas namoota yookiin
dhaabbilee bal’inaan mata duree kana irratti qorannoo gaggeessuu barbaadaniif ka’umsa ta’a.
Inni lammaffaan immoo, beekumsa, falaasama hawaasichi sirba gubaa xomboraa irratti qabu
galmeessanii kaa’uun labata ammaa barsiisuufi aadaasaa hubachiisuu danda’a. Akkasumas,
namoota waa’ee afaanichaa barataniifi barsiisan akka madda ragaatti tajaajiluu danda’a.
Waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaatti madda odeeffannoo ta’ee tajaajila. Gumii dagaagina
afaanii, aadaafi ogbarruu Oromoo mana barumsaa keessatti dhaabbatee jiruuf burqaa
odeeffannoo ta’ee gargaara.
1.5. Daangaa Qorannichaa
Akkuma hawaasni Oromoo baay’ee bal’aa ta’e duudhaan isaas akkasuma bal’aadha. Kanarraa
kan ka’e duudhaa hawaasichaa mara irratti qorannoo gaggeessuuf waan hin yaadamnedha.
Sababni isaas haalonni adda addaa kanneen hanqina yeroo, hanqina baajataafi kan kana
fakkaataniin waan daangeffamanidha. Kanaafuu, qorataan kun qorannoo isaa gosoota
duudhaalee hawaasa oromoo jiran keessaa qaaccessa ergaa ayyaana sirba gubaa xomboraa yoo
ta’u, bakki qorannoon kun itti gaggeeffame immoo, naannoo Oromiyaa Godina Horroo
Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee gandoolee kan akka, Saggoo, Harbuu Nagaasoo, Irroo,
Sonboo Kumii,irratti xiyyeeffateeti. Sababiin gandoota kana filadhhiifis Waajjrri Aadaafi
8
Turiizimi odeeffannoo gahaa waa’ee sirba gubaa xomboraa gandoota kana keessa bal’inaa
akkaan argachuu danda’u kallattii waan naqaqabsiisaniif gandoonni kun filataman.
Mata duree kana jalattis qaaccessi ergaa sirba gubaa xomboraa, maalummaa isaa, yoomessa
hirmaattotaafi halduree ayyaanichaafi ayyaanichaan booda gochaalee yeroo gubaa xomboraa
raawwataniifi dhugeeffannoo hawaasa keessatti ayyaanichaan wal qabatanii hojjetaman
ilaalamee ergaansaa qaacceffameera.Sababni sirba gubaa xomboraa kana filadheef sababa
hiradhachaa dhufeef. Isaan keessaa xiyyeeffannoon qorannoo kanaa sirboota gubaa xomboraa
ilaallataniifi kan ayyaana gubaa duukaa wal qabatanii raawwatan kan akka, gubaa daamaraa,
nyaata yeroo san qophaa’u, gochoota jalqabaa haga dhumaatti raawwataman wal duraa
duubaan dhiyaataniru. xombora qabsiisuun gara xombora gubuutti deemuun xombora gubuutu
raawwatama. Erga xomborri gubamee booda dargaggoonniifi shamarran sirba adda addaa
torbaan tokkoof sirbama.Bakki sirbi kun itti sirbamu bakka gubaan xomboraa itti
raawwatametti daangeffamee kan sirbamudha.Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa kun
adeemsa akkamii keessa akka darbuufi sirbi yeroo gubaa sirbamu uummatichaaf faayidaa
akkamii akka qabu xiyyeeffannoo qorannoo kanaati.
1.6. Hanqina Qorannichaa
Akkuma beekamu hojiin tokko yoommuu hojjetamu guutummaa guutuutti hanqina tokko
malee, kan xumuramu miti. Sababiin isaas yeroo hojii tokko dalaguuf yaalamu danqaawwan
nama mudachuu danda’an jiraaatu. Haaluma kanaan qorannoon kun yeroo gaggeeffamutti
hanqinaalee garaa garaatu qorataa mudatee jira. Isaanis, hanqiinni kitaaba waa’ee sirba gubaa
xomboraan wal qabate bal’inaan dhibamuun odeeffannoo bal’aa ta’e dhabuun rakkisaa
ta’uusaati. Inni lammaffaan immoo, naannoon qorannoon kun itti gaggeeffame dhmma
nageenya biyyaan naannoon sun komaand poostii yookaan to’annoo waraanaan waan bulaa
jirtuuf bakka tokkotti nama lama sadi ta’anii mari’achuuf waan sodaatamuuf odeeffannoo
argachuuf ulfaataa ture. Hanqinni inni sadaffaan immoo, Babal’achuu amantiilee irraa kan
ka’e namoonni of kennanii odeeffannoo kennuu irraa of qusachuu, namoonni baay’inaan
amantaaleetiin liqinfamuu irraa kan ka’e nama odeeffannoo dhimma qorannoo kanaa irratti
bal’inaan beekan argachuun rakkisaa ture.
9
Akkasumas, waajjirri Aadaafi Turiizimii aanichaa irraa waa’een sirba gubaa xoboraa
uummata keessaa walitti qabame dhibamuu irraa odeeffannoo cimsachuuf dhabamuudha.
Haata’u malee, tattaaffii qorataan taasiseen ragaaleen barbaachisoo ta’an funaanamanii
qorannoon kun galma ga’uu danda’eera. Gama namoota odeeffannoo kennuuf of qusatan
hamma danda’ametti yeroo fudhachuun namoota aadaa isaaniitti boonaniifi ammallee itti
fayyadamaa jiranitti barbaaduun odeeffannoon akka funaanamu ta’eera.
1.7. Qindoomina Qorannichaa
Qorannoon kun ergaa sirbi gubaa xomboraa uummata Oromoof qabu qaaccessuu irratti kan
xiyyeeffate yoo ta’u, qorannichis boqonnaalee garaa garaatti qoodamee dhiyaatee jira.
Haaluma kanaan, boqonnaa tokkoffaan seenduubee, ka’umsa, kaayyoo, barbaachisummaa,
daangaa, hanqina qorannoofi haala jireenya hawaasa naannoo qorannichaa of keessatti
hammata. Boqonnaa lammaffaan immoo, yaada hayyoonni dhimma qorannoo kana duukaa
walitti dhufeenya qabu ilaalchisee jiru sakatta’uun bakka itti dhiyaatedha. Boqonnaa sadaffaan
mala qorannichaa kan qabatu yoo ta’u, boqonnaan arfaffaan immoo, ragaalee jiran dhiyeessuu,
qaaccessuufi ibsuu qabata. Boqonnaa shanaffaafi inni dhumaa, cuunfaa, argannoofi yaboo of
keessatti hammata.
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII
Boqonnaa kana keessatti yaadawwan bektotaa mata duree faaruuwwan adda addaafi sirboota
aadaatiin wal qabatan ni ilaalamu. Kunis waa’ee ogafaan sirba mata duree adda addaatti
qoqqooduudhaan kan ilaalaman ta’u. Yaanni hayyoota garaa garaa kan mata duree kana
caalaatti ibsan bal’isaniifi deeggaran ni ka’u, dabalataanis, yaadawwan mata duricha caalatti
gabbisu jedhamanii yadaman, yaada beektotaatiin deeggaramuun mata dureewwan
garaagaraatti qoqqoodamuutiin akka armaan gadiitti lafa kaa’amaniiru.
2.1. Dayeessa Tajaajil (Yaadiddama)
Akka (Okpewho, 1992: 86) ibsutti dayeessi tajajilaa hayyoota xiin maddaatiin kan madde
ta’ee og-afaan aadaa hawaasaa keessatti akkamitti akka tajaajilu qorachuun bu’uura kan
godhatedha. Hayyoonni xiin maddaa og-afaan gama tajaajila inn aadaa hawaasaa keessatti
hawaasaaf qabuutiin qoratu. Fakkeenyaaf hurruubbii hawaasa tokkoo kan qoratan aadaa
hawaasa sanaa keessatti akkamittiifi maaliif akka tajaajiluufi maal akka agarsiisu akkasumas,
bu’aa inni hawaasichaaf qabu irratti hundaa’uuni (Dorson, 1972:21).
Gama biraatiin dayeessi xiinmaddaa akka Imaanaan, (2007:9) Dorson (1963) eeruun ibsetti
dayeessa qabiyyee, tajaajilafi akkaataa ogbarruu tokko irratti xiyyeeffatudha. Dayeessi kun
qabiyyee faaruu ayyaana gubaa xomboraa ibsuuf ni tajaajila. Akkaataa bifa ogbarruu tokkoos
ni ibsa. Kanneen keessaa tokko unkaa jalqabaafi xumura og-afaan tokkoo ibsuuf
barbaachisaadha. Kunis dayeessi xiinmaddaa qabiyyee faaruufi faayidaa isaa ibsuuf tajaajila.
Walumaagalatti dayeessonni kunneen qorannoo kanaaf bu’uura yoo ta’u ergaaleefi sonawwan
sirba gubaa xomboraa Oromoo keessa jiran ibsuun ergaasaa qaaccessuun hojii guddaa
qorannichaa ta’a.
2.2. Dayeessa Caasaa
Dayeessi kun dirree qorannoo xiinwaasaatiin walqabata. Dayeessi caasaa dayeessota adda
addaa walitti fiduudhaan wayee aadaa hawaasaa qorata. Akka (Okpewho, 1992, 132). Caasaa
og-afaan hawaasaa irratti hundaa’uudhaan seenduubee hawaasaa qorata. Waa’ee dayeessa
11
kanaa (Imaanaan, 2007:56) Dorson( 1963) wabeeffachuun akka ibsutti, dayeessa caasaa
fookiloorii yeroo dhiyoo keessa afeewwan ogeeyyii xinqooqaatiin kan bu’uureffamedha. Akka
dayeessa kanaatti caasaan ogafaanii, fakkeenyaaf afee ogwalaloo tokkorratti walitti dhufeenya
yaada sararoota adda addaa gidduu jiru qaaccessuu, ergaa ijoo ibsuufi walaloo sana
qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Dayeessi kun qorannoo kana keessatti ergaa sirba gubaa
xomboraa qaaccessuuf tajaajila.
2.3. Yaadrimee Sirbaa
Maalummaa sirbaa ilaalchisee beektonni kallatti adda addaan hiika garaagaraa kennaniiru.
Fedhasaa (2013:52) sirbi walaloo yeedaloon sagaleeffamu ta’ee sochii qaamaa yookiin
hurruubbii waliin deemudha jedha.Sirbi karaa uummanni barsiifata duudhaa, amantaa,
sirna,waaqeffannaa gadda, gammachuu, ittiin ibsatudha. Sirbi karaa uummanni ittiin
barsiisuufi dhaloota itti aanutti ittiin dabarsudha. Kiputy (1983: 98) yoo ibsu sirbiifi walaloon
afoola, falaasama, amantaa, safuufi guddina hawaasaa kan calaqqisiisudha.
Akkasumas,Fedhasaan(2013:34) Okpewho(1992) wabeeffachun afoolli Afrikaa gosoota
gurguddoo sadiitti akka qoodamu ibsee jira. Isaaanis: seeneffama afoolaa,walaloo afolaa(oral
poetery)fi qareeyyii(witszim) jechuun ibeera. Gooroo kana keessaa sirba gubaa xomboraa
waliin kan walitti hidhata qabu walaloo afoolaati. Afoolicha jalatti immo, kan hammataman
sirbadha.
Dabalataanis, Wouben(2002) Sharmoo (1060) wabeeffachuun eeretti sirboonni tooftaa ilmi
namaa odeeffannoo ittiin dabarfatuufi argatu keessaa waan tokkodha. Kanarraa ka’uun
sirboonni wal qunnamtii hawaasaaf oola jechuudha. Gama biroon Marriam (1964:30)
sirboonni yaada beekumsaafi kankana fakkaatan ibsuudhaaf miira namaa kakaasanii bilisa
akka ta’an taasisa.Sirbi waantoota sirbamuuf irratti hundaa’ee bakka hedduutti qoodama.
Fedhasaa(2013:53) akka barreessetti “ Sirba jaalalaa, sirba hojii, sirba cidhaa, sirba ajjeesaafi
kankana fakkaatandha. Sirbi ayyaana masqalaas gosootuma kana jalatti kan hammatamu ta’a.
Sirbi amala muuziqaa qabaachuun beekama, Dabalees,sochii qaamaan dhaggeeffattoonni
irratti hirmaataniin tumsama.Kan hunda caalaa adda isa taasisu garuu, sochii qaamaa
hirmaattonni mul’isaniifi meeshaalee muuziqaan marfamuu isaati. Sirbi waantoota lama of
12
keessaa qaba. Isanis: walaloo isa gara gurra namaa dhufuun dhaggeeffatamuufi jechaan darbu
sochii qaamaa walaloo weellifamuu waliin deemudha. Sochiin kunis mormaan, miillaan,
harkaan yookiin qaama hundaan ta’uu danda’a. Gabaabumatti sirbi gochaafi jechaan kan
sirbamudha. Kana malees, Nagariin (1995:4) Homanin (1992:449) wabeeffachuun sirbi yeroo
baay’ee gabaabaafi salphaatti kan namaa galu, kan miira namaa kakaasuufi waan keessa
namaatti dhaga’amu ta’uusaa ibseera. Akka yaada kana irraa hubatamutti sirbi walaloo kan
qindaa’e ta’ee yeedaloo kan qabu, miira namaa kan hawwatu sochii qaamaan deeggaramee
miira namaa qirqirsa. Oromoon sirboota garaagaraa sirbuudhaan aadaa, duudhaa safuufi kkf.
kan ittiin ibsatudha.
Akkasumas,Sirba Jechi “sirba” jedhu kun sochii qaamaa akka ta‟eetti beekkamuu danda‟a.
Haa ta‟uu malee, sochii qaamaa osoo hintaane walaloo yeedaloon sagaleeffamee
hurruubummaan dhugoomuudha. Sochiin qaamaa garuu sirba osoo hintaane maqaa ittiin
beekkamu qaba. Innis, hurruubbii jedhama. Naannoo oromiyaa keessattis hurruubii gosa adda
addaatu argama. Akka fakkeenyaattis shaggooyyee, dhiichisa, mirrisa, geelloo, kumkummeefi
kankana fakkaatan maqaa dhahuun nidanda‟ama (Fedhasaa 2013). Ergaa sirbi walaloo
yeedaloon weelliifamu yemmuu ta‟u, sochiin qaamaa immoo hurruubbii yeedaloo sana wajjiin
deemudha.
Kanaafuu sirbi hurruubbiin walqabata jechuudha. Sirbi dhimma sirbamuuf irratti hundaa‟uun
gosoota adda addaatti qoodama. Gosti kunniinis: Sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirba hojiifi kkf
dha. Qoqqooddiin kunis, waan inni sirbamuuf irratti bu‟uuruun raawwatama. Kunis, dhimma
jedhamuuf sanaan walqabachuun waltajjii sirbamuun dhugooma. Kana malees, sibootni kun
yoomessa keessatti sirbamanis niqabu jechuudha.
Akka aadaa Oromootti ‘dubartiin hin geerartu ‘jedhama. Dubartoonni geeraruu baattullee,
goota Oromoo ni faarsu ni jajjabeessu, akkasumas, dabeessa arrabsuun ni kakaasu. Seenaa
aadaa Oromoo keessatti dubartoonni bakka guddaa qabu. Kunis, dhiirota faarsuun kakaasuun
onnachiisu. Yeroo lolli baay’ee hammaates, hamma hidhatanii loluutti ni gahu jedhama. Kana
ta’ullee garuu, gahensaanii inni guddaan weedduun yookiin sirban kakaasuufi jajjabeessuudha.
Sirbi kan dubartoota qofaa osoo hintaane dhiironnis ni sirbu. Kunis kan ta’u keessumaa yeroo
13
hojii tokkorratti milkaa’inni argame dhiirriifi dubartiin waliin ta’uudhaan sirbanii kan
milkaa’ee gale faarsu. Geerarsiifi sirbi garaagarummaa ni qabaata. Faaruufi sirba dubartoonni
sirban yookiin faarsan yoo ta’u faaruu yookaan sirbi dhaadannoo osoo hintaane goota
faarsuudha. Kanaan wal qabiisanis (Asaffaa 2004:85) Mohammediin wabeeffachuun akkana
jedhu: hawaasni Oromoo firoota isaanii goota turan kaasuutiin ittiin jajatan yoo ta’u, faaruun
immoo kan gootichi ittiin of faarsu jechuun ibsa.
2.3.1. Faayidaa Sirbaa
Sirbi ergaalee garaagaraa okeessatti waan qabuuf, haala tokko qofa keessatti kana jedhanii
kaa’uu nama rakkisa. Sababiin isaas sirbi haala hawaasni tokko keessa jiruun kan ibsamuufi
qabiyyee yeroo sanii ibsuu barbaade irraa ka’uun dhiyaachuu ni mala. Harwood (1976:529-
530) faayidaaleen sirbaa mallattoolee haala qooda fudhattoonniifi dhageeffattoonni itti
hiikaniin sadarkaa aadaa hawaasaa ibsuun, sirba sirbamuuf sanaan kanaan kan ifuufi haala
dhugeeffattoonni addunyaa naannaa isaanii akka waliigalaatti itti hubataniin ta’uu ibseera.
Faayidaa sirbaa ilaalchisee Taammanaa (2003:31) sirba nama dhuunfaadhaan waantoota
hawaasa isa keessa jiru fedhii namaafi rakkoolee isa mudatuuf kan sirbamuufi maalummaa
isaa ittiin ibsatu ta’uu ibsa. Sirboonni yaada beekumsaafi kkf. ibsuudhaaf miira namaa
kakaasanii bilisa akka ta’an taasisu jechuudha.
2.3.2. Gosoota Sirbaa
Akka (Fedhasaa 2013) jedhutti,”Sirbi dhimma sirbamuuf irratti hundaa’uun gosoota adda
addaatti qoodama. Gosoonni kunniin: sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirba hojii, sirba ayyaanota
adda addaafi kanneen kana fakkaatan fa’i. Qoqqooddiin kunis, waan inni sirbamuuf irratti
bu’uuruun raawwatama. Dhimma jedhuuf sanaan wal qabatee waan sirbamu dhugoomsa”
jedha.
2.4. Malummaa Sirba Gubaa Xomboraa
Sirba gubaa xomboraa irratti sirboonni kanneen akka, hayyaasee, dareekoo, birroolewoo,
korreekoo, kololeekoo, fi kan kana fakkaatan dargaggoonniifi dargaggoonni shamarraniifi
14
dargaggoonni wal jalaa qabuun galgala galgala walga’anii kan sirbanidh. Uummanni Oromoo
sirba ayyaana xomboraa gubaa ibsaa jedhaniis ni waamu. Dirribiin (2012:75) ayyaanni
masqalaa ‘ammas-qalaa’ jedhu irraa akka dhufe addeesseera. Kanas akka ragaatti kan inni
kaase, yeroo ayyaana masqalaa namoonni hedduun qirca qaluun waliin kan nyaatan uummata
Oromoo biratti guyyaa ammaa amma qalan waan ta’eef sana irraa akka moggaafame ibsa.
Hawaasa Oromoo biratti ayyaanni sirba gubaa xomboraa baatii Fulbaanaa keessa waggaatti
altokko raawwatama. Ayyaanni kun bakka adda addaatti maqaa garaagaraa qaba. Iddoo tokko
tokkotti ibsaa gubaa, masqala, xombora jedhamee beekama. Kanas,(Dirribiin 2009)
(WDOn2006)fi Filee(2016:155) sababa uummanni Oromoo Masqala kabajuuf qabu ilaalchisee
akka barreessanitti uummanni ganna gurraacha dhoqqeefi bacaqii irraa gara ifaafi booqaa
birraatti ce’uudhaaf gammachuu ofii kan ittiin ibsatan ta’uusa ibsaniiru.
Kaayyoo uummanni Oromoo ayyaanni masqalaa yeroo ayyaaneffatuuf ilalchisee Balaay
(2007:130) akka barreessetti “Uummanni Oromoo ayyaana kana seenaa kirstaanummaa ittiin
yaadata. Kunis fannoo Gooftaa Iyyesuus yaadachaa kan kabajudha” Hayyoonni seenaa
uummata Oromoo beekan yaada kana ni mormu. Fakkeenyaaf, Filee (2016:114)fi
(Dirribii2009) yaanni kun dogoggora jechuun mormu. Sababni mormii isaaniis, uummanni
Oromoo ayyaana gubaa kana dhaloota Kirstoosiifi fannifamuu Iyyesuus Kiristoosiin dura
jaarraa hedduudhaaf kabajaa akka tureefi kiristaanummaan gara Oromiyaa kan seene yeroo
dhiyoo ta’uusaa ragaa guddaa godhachuun mormu. Haaluma kanaan uummanni Oromoo durii
jalqabee amantiin inni hordofaa ture amantii Waaqeffataa ta’ee Waaqa tokkotti kan amanuufi
har’allee bakka tokko tokkotti Oromoon bu’uura amantii waaqeffataa durii kanneen qabatanii
jiran raga guddaa ta’uu danda’a
2.4. 1.Sirba Ayyaana Gubaa Xomboraa
Sirboonni ayyaanota hedduun yoo jiraatan sirboonni ayyaanota kanneeniif sirbamu maqaa
ayyaanichaatiin kan waamamudha. Sirboota ayyaana kanneen ta’an keessa sirbi gubaa isa
tokkodha. Waa’ee sirba masqalaa William (1968:178) yoo ibsu ayyaanni masqalaa guyyaa
gammachuu, guyyaa bashannanaa, guyyaa nyaataafi dhugaatii, guyyaa namatti tolee
gammadaa oolaniifi guyyaa fannoo itti argame guyyaa yaadannooti. Ayyaanni sirba gubaa
15
xomboraa dhoqqeefi bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa birraatti cehuudhaaf gammachuu
ofii kan itti ibsatanidha.Sirni gubaa kun gosoota Oromoo adda addaa biratti haala adda addaan
qaama hawaasa adda addaan kabajama. Fakkeenyaaf, Oromoo Maccaa biratti dubartoonni
ibsaa yoommuu guban Oromoo Tuulamaa biratti immoo, dhiira qofatu guba (Filee Jaallataa
2016:155). Guyyaan gubaa xomboraa kun yeroo habaaboon daddaraaree bakkeen
mimmiidhagee kan gadde gammadee itti ooludha.
2.3.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa
Qorannoo afoolaa haala hawaasummaa dhugaa afoolichaa keessatti raawwatamuufi faayidaa
inni walitti dhufeenya hawaasaaf qabu irratti xiyyeeffachuu qaba. Ben Amos (1972:10) kana
irraa waanti hubatamu yoomessi dhugaa qindeeffamuu afoola hedduu jiran hunda osoo ilaalle
hundumtuu bakkaafi yeroo itti raawwataman kan mataa isanii danda’an qabu jechuudha.
Yoomessi weedduu sirba gubaa yeroofi bakka weedduun sirba gubaa itti weeddifamu kan
ilaaludha. Akkasumas, haala hurruubummaa weedduu xomboraa waliin illee wal qabata. Sirbi
gubaa xomboraa waggaan yeroo baatii Fulbaanaa keessa yeroo murtaa’aaf kan sirbamu
yoommuu ta’u, ayyanni xomboraa torbee lama yookiin torbeen sadii yoo hafu galgala galgala
dargaggoonniifi shamarran erga hojii xumuranii booda walitti yaa’anii bakka ayyaanni kun itti
ayyaaneffatamutti jalbultiin sirbama. Finnegan (2012:242) yoommu ibsitu sirbi shamarraniifi
dargaggoonni iddoo beellama isaaniitti argamuun halkan ji’aan itti weellisan ta’uu isaa ibsiti.
Filee Jaallataa (2016: 155) yoommuu ibsu gubaa dura turban lamaa hanga sadiitti dadarriifi
shamarran galgala galgala walgahanii weelluu sirbaan walmararsiifatu, walfaarsu, jaalala
waliif ibsu. Gaafa jalabultii gubaa bakka naannoo tokkotti bakka gubaan itti raawwatu mukee
kanneen akka makkanniisaa, naffuroofi laaftoo falaxanii walitti hidhanii dhaabanii galuun
barii naannoo sa’aatii kudha tokkoon booda xombora waliin gubu.
3. XIIN- MALA QORANNICHAA
Qorannoo kana keessatti dhimmoonni xiyyeeffannoon ilaalaman dhiyaatina kanneen akka:
mala qorannoo, madda ragaalee, adeemsa funaansa ragaaleefi filannoo akaakuuwwan
ragaaleetu wal duraa duubaan dhiyaatu. Mala qorannoo aadaa hawaasaa waliin kan wal qabatu
waan ta’eef qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun gaggeeffameera.
Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanaman af-gaaffii, mairii gareefi harshammee
sakatta’uun ergaan sirbichaa qaaccessuu irratti fuulleeffachuun gaggeeffame.
3.1. Ibsa Naannoofi Uummata Naannichaa
3.1.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa
Kutaa kana jalatti kan xiyyeeffannoon ilaalaman, baay’ina uummataa, afaan, daangaa,
moggaafama maqaa, amantiiwwan, teessuma lafaa, diinagdee, qabeenya uummata Aanaa
Jaardagaa Jaarteetu ibsameera. Aanaan kun maqaa Jaardagaa Jaartee jedhu kan argatte, akka
aadaafi turiizimiin aanichaa maanguddoota umurii dheeraa qaban qoratee ragaa irraa argatetti
jechi Jaardagaa Jaartee hiika lama qaba. Kanaafis, yaada adda addaatu kennameera. Yaanni
inni tokko waraanni kan Dalee jedhamu kun Jaardagaa irraa gara Jaarteetti yookaan isa amma
magaalaa Aliboo jedhamee beekamutti waraanaa dhufanii Jaartee weeraran. Yoommuu
waraanaan magaalicha qabatan uummanni hundi baqatee magaala gadhiisee jaartiifi jaarsa
qofatu hafe jedhama. Kanumarraa ka’uun loltoonni Dalee biyya kana jaartii malee namni
biraan hinjiruu jedhan jedhama.Kanumarraa ka’uun biyyi kun Jaartee jedhamte jedhama.
Inni biroon immoo, Akka joorsoliin biyyaa biroon jedhanitti, waa’ee Jaardagaa yoommuu
himan bara durii aanicha keessa Dagaa sadiitu jiru turan. Isaanis; Iluu Dagaa, Guutaa Dagaafi
Abbaa Dagaatu Jiraachaa turn. Kanumarraa ka’uun Jaardagaa jedhamee moggaafame
jedhama. Jaardagaafi Jaarteen akka bulciisa tokkoon bulan gochuun kan walitti qabe namticha
Urgoo Afasaa jedhamu ture. Kanuma irraa eegalee Jaardagaa Jaartee jedhamee bakka tokkotti
moggaafamni kennameefii waliin buluu eegalan jedhama. Aanaan Jaardagaa Jaartee
Godinaalee Oromiyaa keessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argamti. Godinni Horroo
Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu duukaa aanaalee kudha lama qaba. Isaan
keessaa aanaan Jaardagaa Jaartee ishee tokkodha. Aanaan Jaardagaa Jaartee gandoota
17
digdamii tokko qaba. Aanaan kun magaalaa godinaa irraa kiiloomeetira shantamii shan
fagaatee argama. Magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa ammo, kiloomeetira dhibba
sadiifi jaatamii sagal fagaata. Haalli daangeffama aanichaa immoo,bahaan aanaa Abbay
Coommaniifi Horroo Bulluq, dhihaan aanaa Amuruufi aanaa Kiiramuu,kibbaan aanaa Horroo
Bulluqqifi aanaa Abee Dongoroo, kaabaan mootummaa naannoo Amaaraan daangeffamee
argama. Kana malees, haalli qilleensa aanaa kanaa baddaa, badda dareefi gammoojiitu
argama. Irra caalaa haalli qilleensa aanaa kanaa badda dareedha.
Haalli qilleensi baramaa aanaa kanaa baddaan 6%, badda dareen 75% fi gammoojjiin immoo,
20% yoo ta’u baay’inni uummatichaas, 87,724 kana keessaa dhiirri 43871 dubartoonni
immoo, 43853 ta’an argamu. Baa’ina uummata aanichaa keessaa baa’inni uummata baadiyyaa
jiraatanii 69574 kana keessaa dhiirri 34901 yoota’an dubartoonni 34678 dha. Baa’inni
uummata magaalaa jiraatanii 18195 yoo ta’u kana keessaa dhiirri 8970 yoota’an dubartoonni
immoo, 18195 tu jiru. Baa’ina uummata aanaa kana keessa jiraatuu kan sabaan yoo ilaalamu,
Oromoon 90% Amaarri 10% dha. Amantiin uummanni aanaa kanaa hordofan pirotestaantiin
35%, Ortodoksiin 50%, Musuliimni 15%, Waaqeffataan %__dha. Gaafannoo Aadaafi
Turiizimii 17/9/2011 harshammee sakatta’uun odeeffannoo argamedha.
3.1.2. Haala Jireenya Uummata Naannoo Qorannichaa
Diinagdeen uummata Aanaa Jaardagaa Jaartee irra caalaan qonna irratti kan hundaa’edha.
Gosti midhaanii aanaa kana keessatti oomishaman kan midhaan nyaataaf oomishaman, xaafii,
qamadii, garbuufi boqqolloodha. Oomishni midhaan dibataa, nuugii, saliixa, talbaafi ija raafuu
yoo ta’u oomishni mi’eessituu immoo, kororimaa, abasuudaafi zinjibiladha. Oomishni bunaa
aanichatti oomishamanii buna Arabikaa yoo ta’u oomishni ittoof oolu baaqelaafi ataratu
oomishama. Uummanni aanaa kanaa beelladoota adda addaa horsiisuutiin illee beekamaadha.
Gosti beelladoota aanaa kanatti horsiifamaniis, horii gaanfaa, bushaayeefi kottee duudaan
aanaa kanatti bal’inaan horsiifamu. Akka aanaa kanaatti namni tokko loon dhibbifnaan
yookaan saawwan dhibba godhate jennaan garaacha uffata. Guyyaa garaacha uffatu immoo,
loon isaa dhibba ta’uu isaanii sirriitti lakkaa’amanii dhibba yoo guutan horii qalee nama
waamee nyaachisa. Kanaaf, aanaan kun horii horsiisuun baay’ee beekamaadha. Odeeffannoo
Waajjira Aadaafi Turizimii irraa argame.
18
Afaan dhalootaa, afaan jalqabaafi afaan hojii uummata aanaa Jaardagaa Jaartee Afaan
Oromoodha. Afaanuma kanatti dhimma bahuun jiruufi jireenya guyyuu keessatti waantoota
mul’achuu, mudachuufi muuxannoo jireenya namootaa irraa baratamuu danda’an irratti
marii’achuu, seera tumuu, ayyaaneffachuu, eebbisuu, abaaruu, dhugeeffannoo aadaawwaniifi
kanneen hafan biro afoolaan dabarfatu. Akkasumas, uummanni aanaa kanaa sirba gubaa
xomboraa irratti firiiwwan afwalaloo oromootti dhimma bahu. Walumaa galatti afaan
dhalootaafi afaan jalqabaa uummata aanaa kannaa Afaan Oromooti. Akkasumas, qabeenya
uumamaa bakkawwan hawwata turiizimiif oolan kan akka: Tulluu okkoteefi Tulluun Barakat
aanicha keessatti argamu. Bakkeewwan seenaa qabeessaafi ardaalee jilaa gurguddoo ta’an,
Ulaa Soogiddaafi Odaa Wixar Haroo kallachaati. Dabalataanis, mukeewwan uumamaa kan
akka, Harbuu,Waddeessa,Somboo, Ejersa, Baddeessaa, Birbirsa, Birbirii, Makkanniisa,Qilxuu,
Laaftoo,Doddotaafi kan kana fakkaatan aanicha keessatti argamu.
3.2. Saxaxa Qorannichaa
Mala qorannoo saayinsawaa ta’een,walsimatee amala waliigalaa qorannichaa bu’aa qorannichi
argamsiisuuf deemuufi beekumsa qorannicha duuba jiru san kan addeessudha.Kunis hawaasa
qorannichi irratti gaggeeffame irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u qorannoon kun qorqnnoo
akkamtaati. Odeeffannoon qorannoo akkamtaatiin funaanamuun mala ibsaatiin akka dhiyaatu
Dastaa(2013:29) odeeffannoo argameragaan deeggaranii haalaan ibsuun barbaachisaa akka
ta’e ni ibsa.
Akkasumas, saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa kan to’atu ta’ee, qorannichi mal irratti
akka bu’uureffate agarsiisa. Saxaxa qorannoo ilaalchisee akka Adunyaan (2011:63) ibsutti:
“Walii gala qorannichaa kan to’atu ta’ee qorannichi maal akka fakkatuufi maal irratti akka
xiyyeeffate agarsiisa” jedha. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanaman afgaaffii, marii
gareefi sakatta’a harshammeetti gargaaramuun, maanguddoota, hawwaniifi dargaggootaafi
hojjetaa aadaafi Turiizimii aanaa Jaardagaa Jaartee irraa odeeffannoon maloota adda addaan
funaanaman ergaan isaanii qaacceffamanii dhiyaataniiru.
Odeeffannoowwan argaman kun immoo, kaayyoo gooree bu’uura godhachuun haala walitti
dhiyeenya qabaniin walitti fiduun tokko tokkoo isaanii gosa gosan adda baasuun qofa qofaatti
19
walitti gurmaa’anii ragaalee argaman bifa barreeffamaan deegaramee ibsamee jira. Kunis sirba
gubaa xomboraa jala bultii hanga xumuraatti dhugeeffannoo sirbi kun aanaa Jaardagaa Jaartee
keessatti qabu gama aadaa, diinadee, duudhaa barsiisuutiin sirbi gubaa xomboraa qabu
ibsamaniiru. Walumagalatti odeeffannoo gosa gosaan guuramanii barreeffamaan qindaa’an
kun ergaansaanii qaacceffamanii dhiyaataniiru.
3.3. Madda Ragaa Qrannichaa
Qorannoo kana keessatti maddi ragaa qoratichi dhimma itti bahe kun madda raga tokkoffaafi
madda raga lammaffaadha. Akka madda ragaa tokkoffaatti oduu himtoota irraa beekumsaafi
hubannoo waa’ee sirba gubaa xomboraa yookiin ibsaa irratti beekumsa qaban gaaffilee
afgaaffiifi marii garee waliin taasisuun odeeffannoo ga’aafi amansiisaa ta’e argachuuf gaaffii
qomaa dhimma sirba gubaa irratti maanguddoofi hawwan waliin gaaffiifi deebii taasisee
qorannichi adeemsifameera. Akka madda ragaa lammaffaatti dhimma itti bahaman immoo,
barruu dhimma mata duree qorannichaa irratti sirboota barreeffaman sakatta’uun ergaansaa
qaacceffamaniiru.Madda raga lammaffaa kaniin fayyadameef sirboota muraasa kitaabilee
sakatta’ee sirboota argaman ergaansaa qaacceffamaniiru.
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu
Qorannoo adeemsisuuf iddattoon ragaan funaanamu bu’aa qorannoo erga adda ba’ee booda
qorannoo san qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuuf kamtu akka dhiyaatu tooftaa ittiin
filatamudha. Qaamni qorannoo adeemsisu tokko iddattoo filachuuf tooftaalee qorannicha
galmaan geessisuu danda’anitti gargaaramuun danda’ama. Mala iddatteessuu ilaalchisee
Dastaan (2013:132) Trochim (2006) wabeeffachuun yoo ibsu, ”Iddattoo filachuun adeemsa
jamaa tokko keessaa odeeffannoo argachuudha. Waan kana ta’eef namoota yookiin qaamota
jamaa san fudhatanii itti fayyadamuudha” jedha. Kanaafuu, qorataan hawaasa aanaa Jaardagaa
Jaartee kessaa jaarsolii hawwan sirba gubaa xomboraa irratti hubannoo gahaa qaban irraa
odeeffannoo sassaabbateera. Namoonni filataman kun hawaasa aanichaa bakka bu’anii ibsuu
danda’u jedhee waan yaadeefidha.
20
Haaluma kanaan qoratichi hawaasa aanichaa keessaa namoota waa’ee sirba xomboraa beekan
hawasichuma adda adda baafatee itti fayyadameera. Kanaafuu, iddatteessuu mitcarraa keessaa
tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Sababiin fayyadama kanaas namoonni
marti waa’ee sirbichaa irratti hubannoo walqixa waan hin qabneef namoota sirba gubaa
xomboraa irratti muuxannoo sirbuu qaban yoo guurrate bu’aa qabeessa ta’a jedhee waan
yaadeef mala kanatti dhimma baheera. Qorataan namoota sirba gubaa xomboraa irratti
hubannoo qabu jedhaman keessaa: dubartoota jaha, maanguddoota kudha sadiiifi itti
gaafatamaa Aadaafi Turiizimii akkayyoo qorannoo isaatti gaaffilee banoo ta’an gaafachuufi
marii garee gaggeessuun iddatteeffateera
3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee
Qorannoo kana daran akka milkaa’uuf funaansi ragaalee gahee olaanaa qaba. Meeshaaleen
funaansa ragaa qorannoo tokko gaggeessuuf, waantoota odeeffannoon ittiin funaanamanidha.
Addunyaan ( 2011: 64) dhimma kana haala armaan gadiin ibse. “Odeeffannoo gaaffilee
‘akkam’ jedhan deebisan: afgaaffii, xiyyeeffannoo marii garee, daawwannaafi kankana
fakkaatan gaggeessuun funaanamu. Kana malees, mallen kunniin akkayyoofi yoomessa itti
gaggeeffaman qabu. Haata’u malee, haala kan mijeeffatu qorataadha” jedha. Qorannoo kana
keessatti qorataan mala akkamtaa (qualitative) kan gargaarame yoo ta’u gaaffileen afgaaffii,
marii gareefi harshammee sakkatta’uun maanguddootaafi hawwan waa’ee sirba gubaa
xomboraa beekan irraa odeeffannoowwan meeshaalee funaansa ragaalee kanneeniin
funaanaman tokko tokkoon armaan gaditti dhiyeesseera.
3.5.1. Af-gaaffii
Afgaaffiin adeemsa gaaffilee banamoo ta’an namoota muraasaaf afaaniin dhiyaatanii
odeeffannoon kan ittiin guuramudha. Malli kun qorannicha milkeessuu keessatti iddoo guddaa
qaba. Dastaa (2002: 84) yoo ibsu,”Mala kana kan fayyadamnuuf inni duraa gama cimina
isaatiin fayyadamuudha. Inni biroon immoo, odeeffannoo malleen birootiin argachuun
rakkisaa ta’an mala kanaan fayyadamuu dandeenya. Inni sadaffaan mala kana yoommuu
gargaaramnutti malleen birootiin odeeffannoon argamanis mirkaneeffachuuf baay’ee
gargaara” jedha. Sababni qorataan kun meeshaalee kana fayyadameefis odeeffattoonni
21
baay’een isaanii dubbisuufi barreessuun waan hin mijanneef kallattiin odeeffattootatti
dhiyaatee odeeffannoo qorannoo isaa galmaan naaf gaha jedhee yaade ifaafi ifatti gaafatee
deebii argatee barreeffamaan sassaabbachuu waan danda’uuf itti gargaarameera.
Haaluma kanaan odeeffattoonni waan kanaan dura beekan,sirban arganiifi dhagahan akka
ibsaniif gaaffilee banaa ta’an qopheessuun namoota akka kaayyootti filataman manguddoota
kudha sadii, dubartoota jahaafi itti gaafatamaa waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaa bira
deemee gaaffilee afaaniin gaafatee deebii isaan kennan yaadannoo qabachuun kan isaaf hin
galle irra deebi’ee gaafatee odeeffannoo sassaabbateera.Kunis kan raawwate hawaasa
baadiyyaafi itti gaafatamaa waajjira aadaaf Turiizimii aanichaa keessatti yoo ta’u mana
jireenyyaafi waajjira deemuun amala gaariin itti dhiyaatee kaayyoo qorannoo haala gaariin
ibsuun erga mariisisee booda odeeffannoo barbaachisaa guurrateera.
3.5.2. Marii Garee
Meeshaaleen odeeffannoon itti funaanaman inni lammaffaan qorannoo kana keessatti dhimma
itti bahame marii gareeti. Kunis qorannoo kana keessatti yeroo odeeffannoon afgaaffiin
funaanaman yaadolee hin hubatamne tokko addaan baafachuudhaafi ragaalee gabbisuuf kan
qophaa’edha. Mariin garee odeeffannoo hawaasa irraa funaanuudhaaf faayidaa guddaa qabu
kunis, kallattiidhaan gaafataafi gaafatamaa gidduutti waan raawwatuuf yaada ifa hin taane irra
deebi’amee gaafachuuf carraa bal’aa qaba. Mariin garee gaaffiin hubannoo gadi fageenyaafi
mariisisaa ta’e, hirmaattotaaf qophaa’ee bakka gaafataafi gaafatamtoonni jiranitti kan
adeemsifamedha. Haaluma kanaan namoota afgaaffii irratti hirmaatan maanguddootaafi
dubartoonni sirba ayyaana kanaa sirriitti beekan, mala iddatteessuu miti carraatti fayyadamuun
qoratan namoota toorba filatee hirmaachisuun, isaan keessaas dhiira afuriifi dubartoota sadii
mariisiseera. Namoonni akka marii gareetti filatamnis namoota lama lamaanis sadii sadiinis
mariisifamaniiru. Sababiin gareen xiqqateefis harcaatiin namootaa waan uumameef.
3.5.3. Sakatta’a Harshammee
Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname inni sadaffaan harshammee sakatta’uun adeemsa
qorannoo tokko gageessuu keessatti mala qorannoon tokko ragaa argachuuf fayyadudha.
Dhugummaa qorannoo tokkoo mirkaneessuuf, kitaaba, barreeffamoota, akkasumas, barruu
22
bifa adda addaan jiran qaaccessuun ergaan qabiyyichaa ibsuudha. Yaada armaan olii ibsuuf,
Dastaa (2011:131) yoo ibsu, “Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootti fayyadan
hedduutu jiru. Isaan keessaa kanneen akka: waraqaa ragaa, kitaaba, xalahaa, nagahee, qaboo
yaa’ii, barreeffamoota murtii, yaadannoofi kan kana fakkaatan ta’uu danda’u.” jechuun ibsa.
Malli sakatta’a harshammee ragaalee waa’ee sirba gubaa xomboraa waajjira Aadaafi
Turiizimii aanichaa ragaalee walitti qabaman sakatta’uu ture. Garuu, aanaa kana keesatti
ragaan sirba gubaa xomboraa walitti qabaman hin jiran.
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee
Meeshaaleen odeeffannoowwan ittiin funaanaman afgaaffiifi marii garee yoommuu ta’an
maanguddoota, hawwanirraa maloota kanaan funaanaman ergaan isaanii qaacceffamanii
dhiyaataniiru. Odeeffannoowwan funaanaman kunis kaayyoo gooree qorannichaa bu’uura
godhachuun haala walitti dhufeenya qabaniin walitti fiduun tokkoon tokkoo isaanii gosa
gosaan adda bahanii ragaaleen argaman qaacceffamaniiru. Kunis ragaan qorannoo qorataan
afgaaffiifi marii gareetiin walitti qabame mala ibsaa akkamtaatiin haala ifa ta’een
qaacceffameera.
3.7. Adeemsaafi Naamusa Qorannoo
Qorataan qorannoo mata duree qaaccessa ergaa sirba gubaa ayyaana xomboraa jedhu irratti
qorannoo gaggeessuuf muummee Afaan Oromoo,Ogumaafi Qunnamtii galchee erga
mirkanaa’ee adeemsa qorannoo hojii qorannoo kanaa itti eegalu irratti marii’atee kallatti erga
qabateen booda bakka iddetteeffatametti fuulleffate. Duraan dursee qorataan yaaxinoota
garaagaraa barbaachisan, kaayyoo qorannoo isaa galmaan ga’an jedhe kan yaade hawaasa
qorannoon kun irratti xiyyeeffatu irratti hundaa’uun of murteessuun dubbiseera. Ragaaleen
kaayyoo hojii qorannoo isaa galmaan gahuuf qorataan kun itti fayyadame odeeffannoo madda
ragaa duraa yoo ta’u kunis, hawaasa aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa namoota sirba gubaa
xomboraa beekaniifi dachee ulfinaa irratti ayyaaneffatan irratti hubannoo qabu jedhee yaade
irratti xiyyeeffateera.
23
Adeemsa kana raawwachuuf immoo, afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uun sirba
gubaa xomboraa, ergaa sirbi gubaa qabu, jijiiramoota sirba gubaa xomboraa irratti mul’ataniifi
sirna keessa lufee ayyaaneffatamu sirriitti qindeessuun kaayyoo qorannoo kanaaf barbaachisoo
ta’an kaasuun qaaccessa keessatti daran dhugeeffannoo isaan qaban waliin tokko tokkoon
ibseera
4. DHIYAANNAAFI QAACCESSA RAGAALEE
Boqonnaa kana keessatti ergaan sirba gubaa xomboraa maalummaa sirba gubaa xomboraa,
halduree sirba yeroo gubaa, yeroo raawwii ayyaanichaafi ayyaana sirba gubaa xomboraa
booda gochaalee raawwataman walduraa duubaan dhiyaateera. Faayidaa sirna raawwii sirbi
gubaa xomboraa uummata Oromoofi uummata Aanaa Jaardagaa Jaarteef qabuufi
dhugeeffannoo hawaasni sirba kana waliin qabu kan ayyaana kana irratti mul’ataniifi
sababoota adda baasuuf odeeffannoowwan afgaaffi, marii gareefi harshammee sakatta’uu irraa
sassaabaman walduraa duubaan ilaalamanii qaacceffamaniiru
4.1.Ergaa Sirbi Gubaa Xomboraa Qabu
Mata duree kana jalatti sirboota gubaa xomboraa odeeffattoota irraa ragaalee karaa, afgaaffii
funaanaman walduraa boodaan qaacceffameera. Gaaffii afgaaffii keessatti sirbi gubaa
xomboraa ergaa akkamii uummatichaaf dabarsa gaaffii jedhuuf G.Nfi N.G.deebii yoommuu
kennan, sirbicha keessaan duudhaalee uummaticha ibsuu danda’antu darba. Isaanis, barsiifata
aadaa sirbaafi ayyaanichaatu bal’inaan dhiyaatu, hariiroofi walittti dhufeenya cimsa, jijiirama
amalaa fiduufi waliin ayyaaneffachuufi aadaan calaqqiftuu eenymmaa akka ta’e dhaamsa sirba
kana keessaan dargaggoonniifi shamarran wliif dabarsanidha jedhu.
Waliin sirbuu, ayyaneffachuun muuxannoofi ogummaa dhalootaaf qooduu keessattis sirbi
shoora ol aanaa akka qabu himu. Kana jechuun jedhu odeeffattoonni kan rakkate akkamittiin
rakkoo keessaa akka ba’uu danda’u fala dhahu, kan jaallatee jaalalasaa bakkatti ibsachuu
dhabeeru iddoo jaalala ofii ibsachuuf carraan itti uumudha,kan daare daara baasu, kan beela’e
nyaachisuuf ayyaanni sirba gubaa xomboraa carraa bal’aa kan qabudha jechuun dubbatu.
Akkasumas, ergaan dhaloonni irraa argachuu danda’an, keessaa akka fakkeenyaatti yoo
kaasan, sirbi ergaa akkamii akka dabarsuu danda’uufi hojiittis ta’e kan biroof nama
onnachiisuuf humna guddaa akka qabu himu. Kana malees, jaalala biyyummaaf qaban akka
cimu taasisa, safuu hawaasichaa kabajuufi duudhaalee hawaasichaa akkamittiin akka
kunuunsuu danda’an barsiisuu danda’a jechuun deebii kennaniiru. Sirboonni gubaa yoom
jalqabamanii yoom xunuramu gaaffii jedhuuf odeeffattoonni R.A.fi L.T.yoommuu yaada
25
kennan: sirbi gubaa xomboraa kabajni ayyaanaa turban lamatu hafa jedhanii dargaggoonniifi
shamarran galgala galgala kan sirban yoo ta’u,Sirbi kunis erga ayyaanni darbee torban tokkoo
oliif akka sirbamu odeeffattoonni deebisaniiru.
Gaaffii sirbi gubaa xomboraa maali jedhuuf odeeffattoonni D.I.fi N.I. deebii yommuu kennan
sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti nama ceesisuufi kan bara
haaraa duukaa kan nama tarkaanfachiisu riqicha ta’ee kan tajaajiludha jedhu. Sirbi gubaa
xomboraa Oromoon kabajatu keessaa isa guddaadha jechuun dubbatu. Ayyaanni kun
Fulbaana 17 jalqaba bara haarawaa waan kabajamuuf hawaasni bakka tokkotti wal gahee
waaqa isaa galateeffata jechuun himu. Dargaggoonniifi shamarran walitti yaa’anii galgala
galgalaafi guyyaa gaafa kabaja ayyaanichaa sirba dhaamsa adda addaa of keessa qabu sirbuun
ayyaana waliin kabajatu. Gaaffii afgaaffii keessatti hirmaattonni ayyana sirba gubaa irratti
hirmaatan eenyufaati jedhuuf deebii odeeffattoonni kennan, maanguddoota, dargaggoota,
shamarraniifi ijoolleetu sirbaafi kabaja ayyaana kanarratti hirmaatu jechuun deebisu.
Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa birraatti
yoommuu ce’amu kan kabajamudha.Akka yaada oddeeffattoota irraa hubachuun danda’amutti
sirbi gubaa ergaawwan adda addaa akka ofkeessatti qabu yaada olii irraa hubachuun ni
danda’ama. Ergaan inni dabarsuus hawaasummaa cimsuu akka danda’uufi jijjiirama amalaa
akka fiduu danda’u kan nama hubachiisudha. Hirmaattonni sirbichaafi ayyaanichaa
dargaggoofi shamarran qofa osoo hin ta’iin ijoolleefi maanguddoonni illee hirmaattota sirba
gubaa ta’uusaanii yaada olii kana irraa hubachuun ni danda’ama.
Hayyaaseen hiyyoodha Hayyaasee
Kan fooliin shittoodhaa Hayyaasee
Si yaadeen baroodaa Hayyaasee
Yoo kormi goobee Hayyaasee
Naa garaftaaree Hayyaasee
Yoon sitti boo’ee Hayyaasee
26
Naaf saramtaaree Hayyaasee
Hayyaasee hayyaasee Hayyaasee
Hayyaaseedhakaa Hayyaasee
Siyaadeerakaa Hayyaasee.
Sirboonni armaan olii kun ergaawwan adda addaa of keessatti qabatee jira. Buufanni
tokkoffaan birraan akkuma abaaboo urgooftuu adda addaa fidee dhufu sirbi gubaas akkasuma
foolii bareedaa, jaalala fidee dhufuusaa buufata sirba kanaan waliif ibsu. Sirbi gubaa
xomboraa kun kan inni dhufu ganni darbee yeroo lagni guutee hir’atu waan ta’eef
shamarraniifi dargaggoonni immoo, kan ganna wal yaadan yeroo wal arganii foolii
dhamdhama gaarii qabu kana yerootti wal arganii jaalala isaanii waliif ibsatanidha. Sirbi isaan
sirbanii waan onnee isaanii ibsatanis ‘kan fooliin shittoodha,si yaadeen barooda’ jedhanii
jaalala onneesaanii ibsaaf.
Buufanni lammaffaan gormaafi jaalala wal fakkeessuun jaalala qabu ibsaaf. Kormi yoo goobe
qabuun ulfaataa ta’uu isaa akkuma beekamu, namni jalalaan qabame kan jaallate salphaatti
argachuun waan hin danda’amneef korma goobe waliin wal fakkeessanii sirbu. kun jaalala
keessa darbee akka korma laga keessaa barooduu bakka deemu hundatti ishee faarsuu, jaalala
humnaa oliin akka qabame ibsuun akka ishee waliin sirbuu qabdu fedhii ishee gaafata.
Afgaaffii Taakkalaa Lammii waliin taasifameen sirboota armaan olii irraa argamedha
4.2. Ergaa Sirboonni Gubaa Xomboraa Dura Srbamaniifi Booda
Sirbaman.
Gaaffii afgaaffi T.L.fi T.N.ergaawwan sirboonni gubaa xomboraa dura sibamuufi gubaa
booda sirbamu maali? kan jedhuuf yommuu deebisan, sirba gubaa duraa sirbamuufi, gubaa
booda sirban jedhamanii qoqqdamu. Akkasumas,Sirboonni gubaa dura sirbaman jala bultii
ayyaanichaatu sirbama. Sirbi gubaa dura sirbamu simannaa sirba gubaa, simannaa bara haaraa,
gammachuu wal arganii waliin sirbuufi bara haaraa waliin simachuu danda’uu isaaniitu
sirbama. Sirbi .
27
sirbi gubaa booda sirbaman sirba darbetti nagaa dhaammachuun sirba bara itti aanee dhufuuf
nagaa walitti dhaammatu. Sirbi gubaa dura sirbamuufi erga gubaan darbee sirbi sirbamu
jechuun bakka lamatti qooduun ilaalamu jechuun yaada isaanii kennaniiru. Sirboonni gubaa
xomboraa booda sirbaman nagaa walitti dhaammachuun sirba darbeefi sirba bara dhuftuutuuf
uumaasaanii galateeffachuun sirbi xomboraa deebi’ee dhufuu akka danda’u sirbama jechuun
deebisu. Akkasumas, sirbi kun yoomessa mataa isaa danda’e keessatti akka raawwatamu oduu
him toonni akkas, jechuun dubbatu. Sirbi gubaa xoboraa kan kabajamu ganna bacaqii keessa
ba’amee gara ifa booqaa birraatti yerootti tarkaanfatamu baatii Fulbaanaa keessa kabajamuu
isaa himu. Akka aadaa Oromootti baatiin kun seenaa qabeessa jechuun dubbatu. Sababa isaa
yoommuu ibsan firoottaniifi jaalalleewwaan sababa guutinsa bishaaniin addaan citanii osoo
wal hin argiin turan kan wal qunnamsiisu waan ta’eef iddoo guddaa qaba jedhu. Akka yaada
olii kanatti sirba gubaa xomboraa adeemsaafi seera keessa darbamee kabajamu
qabaachuusaati.
ergaan sirba warri dhiiraa gubaa dura sirban immoo, wal faarsuu, biyya isaanii faarsuu,
jaalallee isaanii faarsuu, wal arguu isaaniif gammachuun sirbu,kennaa jaalalaa waliif kennuu,
wal gootomsuu, hojiif wal onnachiisuufaatu sirba keessaan ergaa dabrfatu jechuun yaada
isaanii kennaniiru. Kana malees, kan dargaggoonni sirbaniifi kan shamarran sirban adda
addummaan akkuma isaan gidduu jiru sirba waloo ta’es waliin qabu jechuun odeeffattoonni
afgaaffii dubbatu.
. Hiyyooshee Yaabaabakoo Wayanbassaa
Hiyyoon dabartee Yabaabakoo Wayanbassaa
Nayyuu marartee Yabaabakoo Wayanbassaa
Qalqalloo tufaa Yabaabakoo Wayanbassaa
Masqalloo dhufaa Yabaabakoo Wayanbassaa
Akkayyuu siree Yabaabakoo Wayanbassaa
Jidda dhaabbannee Yabaabakoo Wayanbassaa
28
Akka nuuf hiree Yabaabakoo Wayanbassaa
Sirba jaallanna Yababakoo Wayanbassaa
Afgaaffii Hirphaa Galataa irraa odeeffannoo fudhatamedha. Buufanni jalqabaa “Hiyyoon
dabartee nayyuu mararte “ kan jedhu kun sirbi xomboraa darbuusaafi dhufee darbuusaatti
aaruufi marartee sirbichaaf qabu ibsata. Buufata lammaffaa irratti “Qalqalloo tufaa masqalloo
ni dhufaa” yoo jedhu of jajjabeessuufi sirbi masqala biro akka jiru sirbuun walitti himatu.
Sirba armaan olii irraa hubachuun akka danda’amutti sararoonni tokkoo hanga shanaffaatti
jiran sirba gubaa xomboraa darbeef nagaa dhaammachuun sirba gubaa xomboraa dhufu
nagaan nuuf haadhufu jechuun uumaa isaanii galateeffachuun sirbaan kadhatu.
Dargaggoonni waliin sirba xomboraa waliin sirbaa turan sirbi gubaa bara kanaa dhaabbachuu
isaa walitti dhaammachuufi kan itti aanuu manaabu. Sirbi akkas jedhamee sirbamus
shamarraniifi dargaggoonni erga gubaan xomboraa darbee sirba bara sanaa dhaabuuf yookiin
gargar galuuf yoo jedhan dargaggeeyyiin wal mararsiifachuun kan bara itti aanuuf
uumaasaanii kadhachuun wal gaggeessu. Buufanni sadaffan “Gaafa daamaraa lafaan namaraa”
jechuun immoo, daamaraan xomborri boru gubata jedhamee kan daamaramudha. Kanaaf,
guyyaan xomborri itti gubamu ga’uusaa gammachuu qaban sirbaan dargaggoonni ibsatu.
Kanaafuu, sirbi kun jaallatamaa ta’uusa hubanna. Ijoolleen sirba bara dhuftuu haala gaariin
akka ayyaaneffachuu qaban maatiifi walitti dhaammatu. Maatiinis kana hubachuun ijoolleen
akka guyyaa san horii tiksan hin godhan.
Ayyaana waggaa Hayyaasee
Ayyaantuutu argaa Hayyaasee
Hayyaasee lagaa Hayyaasee
Si yaadeerakaa Hayyaasee
Hayyaasee boontuu Hayyaasee
Si yaadee koottuu Hayyaasee
Hayyaasee lulee Hayyaasee
Si yaadeen bulee Hayyaasee
29
Sirbi armaan olii kun sirbi “Ayyaana waggaa ,ayyaantuutu argaa” buufanni jedhu sirbi kun
waggaatti al tokko qofa waan dhufuuf namni sirba gubaa xomboraa kana qaqqabe carraa
qabeessa yookiin ayyaana qabeessa jechuun sirbu. Akkuma Oromoon milkii ilaallatee kun
gaariidha,kun gadheedha jedhu namni sirba kana qaqqabe milkii qabeessa akka ta’eetti
ilaalu.Sababni ayyaantuutu arga jedhamef, ganna bacaqii keessaa ba’anii yoona gahuunuu
ayyaantummaadha yookiin carraa qabeessa jedhanii amanu.Buufanni ‘Hayyaase boontuu
siyaade koottuu” jedhu ji’a gannaa lameen wal arguu dhabuu isaaniif akka baayyee ishee
yaadee waan jiruuf ishee duukaa sirbuuf fedhiisaa ibsaaf.Buufanni dhumas, akkuma bufata olii
halkanillee wa’eee ishee akka yaadu kan ibsadha. Kanaaf,walitti dhufnee waliin sirbuu qabna
jechuun yaadaafi fedhii isaanii waliif ibsu. Sirba armaan olii kanaan fedhiifi jaalala waliif
qaban dabarfachuu irra darbee waliin nisirbu.
4.3.Sirboota warri Shamarranii Sirbaniifi Ergaa Isaa.
Gaaffii afgaaffii sirboonni warri shamarran sirban keessatti ergaan darbu, shamarri tokko
akkamittiin akka sansaka ishee eeggachuu qabdu, gaa’ela akkamittiin akka ijaarchuu qabn,
qooda shamarra tokko irraa eegamu akkamittiin akka ba’achuu qanban, rakkoo isaan
qunnamuu danda’u akkamittiin mo’achuu akka danda’an, durbummaa isaanii eeggachuun
akka isaan kabachiisuufi duudhaa Oromummaa isaanii akka eeggataniif kan gargaarudha
jechuun dubbatu.Yoo heeruman immoo akkamittiin akka jireenya isaanii gaggeeffachuu
danda’aniifi jireenya hawaasummaa keessatti akkaataa itti hirmaachuu qaban ergaa sirbicha
keessaan darbudha jedhanii deebisu. Gubaa dura kan sirbamaniifi gubaa booda sirboonni
sirbaman garaagarummaa qabuu jadhamanii odeeffattoonni B.A,T.Nfi B.T.yogguu
gaafatamanii deebiin isaanii eeyyeen garaagarummaa ni qabu jechuun deebisu. Shamarran
sirba kana keessatti jiruufi jireenya isaanii haala kamiin gaggeeffachuu akka qaban sirba
keessaan ergaa waliif dabarsu.
Ishoololii yadurbee Eemmookoo
Jalamiin garbuu jigee Eemmookoo
Yoommaa lalise hafee Eemmookoo
Alamiin durba qarree Eemmookoo
30
Manuma abbaasheetti hafe Eemmookoo
Yaa mukaa maaf jigdaa Eemmookoo
Osoo dame qabduu Eemmookoo
Jallikee gaaddisaa Eemmookoo
Yaa durbaa maaf diddaa Eemmookoo
Osoo qarree qabduu Eemmookoo
Bor iftaan gaabbitaa Eemmookoo
Hujjuu jechaan kormaa Eemmookoo
Loon keessa daaddisa Eemmookoo
Ushukeetti qarree Eemmookoo
Eenyu dhaqee naaf fidaa Eemmookoo
Ishee mormi laanqisaa Eemmookoo
Fudhadheen waaqa lixaa Eemmookoo
Mana waaqaa baanee Eemmookoo
Mana beekaa lixnaa Eemmookoo
Yoo beekaan dadhabe Eemmookoo
Unumatu wal dhabe Eemmookoo.
Marii garee Taayyee Nagasaa, Biqilee Dhugumaa, Buuke AyyaanaafiTirfee Lamuu waliin
taasifamee odeeffannoo irraa argamedha. Sirba armaan olii kana shamarran bara itti aanu
heerumtu tokko sirba gubaa xomboraa irratti hiryoota ishee waliin sirboota armaan olii sirbu.
Ergaan sirba keessaan waliif dabarsan: buufanni tokkoffaan jalamii garbuufi durba qarree wal
fakkeessuun sirbu. Jalamiin garbuu kan reefu asheetee nama gojomaasisuuf akkuma jalamiin
garbuu nama hawwisiisu durba geessuunis akkuma jalamii garbuu dargaggoota hedduun waan
ilaalamtuuf of eeggattee qarrummaasheetiin akka heerumtuuf of eeggannoo guddaa gochuu
akka qaban sirbicha keessaan ergaa waliif dabarsu. Kanaaf,of eeggannoon gochuun baay’ee
barbaachisaadha.
Akkasumas,dubarri tokko kan isheen kabaja argattu akka duudhaafi safuu Oromtichaatti
durbummaashee eeggattee yoo gara abbaa warraashee deemte qofa. Durbummaashee qabattee
hin heerumtu yoo ta’e maatiin gurbaas, hawaasni naannoos maatiin ishees ni qaana’u, maatiin
31
warra gurbaas kabaja isheef qaban gad bu’a ta’a. Shamarran yeroo sirban isheen heerumtu of
eeggachuu akka qabdu sirba keessaan ergaa dabarsuuf. Jireenyi akka mana maatiishee bira
jirtuu ta’uu dhiisuu akka danda’uufi yoo heerumte immoo jireenya ishee akkamiin akka
gaggeeffachuu qabdu dhaamuuf. Kana malees, jireenya hawaasummaa akkamitti nama duukaa
akka gaggeeffattu, bultooshee irratti jabaattee akka haala gaariin jiraattuufi kan kana fakkaatan
ni barsiisu.
Mukti aduufi rooba akkuma namarraa ittisu abbaan ofii gaacha ijoollesaafi maatiisaa ta’uun
diina irraa qolata. Kanaaf mukaafi abbaa walfakkeessuun sirbu. Waan kana ta’eef, mukti
gaariin tokko akkuma gaaddisaaf tajaajilu abbaanis ijoolleesaaf gaachanaafi gaaddisa kan itti
baqatan ta’uusaa mul’isa. Durbi qarree tokko kabaja ishee isa durbummaa ishee osoo qaduu
murtoo mataasheefi murtoo hiryoota karaa sirri ishee gorsan qabattee deemuu qabdi
malee,hujjuu namoota sirrii ishee hin grsineen gootomtee jireenya ishee balleessuurraa gorsa
namni si gorsu dhaggeeffachuun kan jireenyashee boruuf ta’u adda baafachuu akka cimsanii
akeekkachiisu. Hujjuun namaaf osoo hin ta’iin kormaaf waan ta’eef gootomsuun kan looniiti
malee kan namaa mitii gorsa hiriyaakee dhaggeeffadhuutii jireenyakee boruu gaggeeffadhu
jechuun gorsu.
“Ushukeettii qarree, eenyu dhaqee naaf fidaa ishee mormi laanqisaa”usukeettiin shamarreen
kun ijoollummaa qabaachuushee kan mul’isu yoota’u mormi laanqisaan lallafaafi gara
barbaadtti kan daddabu waan ta’eef shamarran duukaa walqabsiisanii sirbu. Kanaaf,shamarree
baraaduu kan taate kana dargaggeessi argachuuf baayyee barbaadee ofii itti hiiquu sodaatee
akka namni isaaf akka fiduufi yoo argate akka waaqaan qixxaateetti abdata. Kana jechuun
baay’ee jaallachuusaa mul’isa.Waaqniifi beekaan waa raawwachuuf human guddaa akka
qaban yoo ibsu, yoo kana dinne of wallaaluu aka ta’e kan agarsiisudha. Oromoon yoo
mammaaku ”Yaa soogiddaa ofiif jettu midhaayii kanaa ala dhakaa jedhanii sigatu” jedhee
mammaaka. Kanaaf,shamarri tokko kan hiriyaanshee gorsitee yoo kan gorsa dhagahuu diddu
ta’e hiriyummaakee dhiisuu naaf wayya jechuun sirba keessa ergaa dabarsitiif.
32
4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Hubannoofi Ilaalcha Jiru.
Gaaffii marii garee waliin taasifame inni biroo dhaloonni sirba gubaa xomboraa irratti
hubannoofi ilaalcha akkamii qabu gaaffii jedhuuf odeeffattoonni K.W.fi W.A.yoommuu
deebii kennan, hubannoon dhaloonni sirba gubaarratti qaban gad bu’aa kan ta’eefi ilaalchi
isaan sirbaaf qaban akkasuma gad bu’aadha jechuun dubbatu. Sababni hubannoofi ilaalchi
isaanii gad bu’eef sababa adda addaa lafa kaa’u. Sabani isaas dhiibbaa amantaafi
ammayyummaa hordofuu, xiyyeeffannoo kennuu dhabuufaati jedhu. Isaan kun dhiibbaa
amantaatii yoommuu jedhamu amatiiwwan tokko tokko kallattiin sirba kanarratti dhiibbaa ni
geessisu. Sirba sirbuun waaqa biratti cubbuudha waan jedhanii amananiif sirbuufi himuurraa
of qusatu. Inni biroon immoo, ammayyummaa aadaa dagachiisu hordofuun aadaaf
xiyyeeffannoo hin kennan jechuun deebisaniiru.
Akka oduu himtoonni marii garee armaan olii jedhanitti waantoonni ayyaana dura
raawwataman maal fa’i jedhamanii yoommuu deebisan, ayyaana dura waantoota
raawwataman waantoota ayyaanichaaf barbaachisanitu dursee qophaa’a. Waantonni dursanii
qophaau’uu qabanis, waanta sirbaaf barbaachisan gama warra shamarraniifi warra dhiiraan
qopha’antu jiru. Fakkeenyyaaf, xombora qopheeffachuun gahee warra dhiiraa yoo ta’u
meeshaa shamarri itti sirban kan akka, dibbee meeshaa dibbichatti maramuufi naqamu
qopheessuun immoo,qooda shamarraniiti jechuun yaada isaanii kennaniiru. Kana maalees,
daamaraa muruuns dursa qophaa’a kan jedhu marii garee waliin taasifameen kan oduu
himtoota irraa yaanni argamedha.
Akka qaaccessa harshammee sakatta’uurraa odeeffannoon argaman, haala jireenya naannoo
qorannichaa, mogaasa maqaa aanichaa, baay’ina uummataa, bakka argama aanichaafi
diinagdee aanichaatu harshammee kana irraa qaacceffame.Sakatta’a harshammeerraa kan
argame warra olitti eeramanitu qaacceffame malee, sirba walitti qabameeru waajjiricha
keessaa argamuu hindadeenye.Qorataan afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uun
odeeffannoo armaan olii irraa argamedha.
Walumaa galatti yaada hirmaattota afgaaffifi marii garee irraa argame bu’uura godhachuun
yoo gudunfamu sirboonni gubaa xomboraa dhiironniifi shamarran sirban bu’uura godhachuun
33
ergaa isaanirratti hundaa’uun sirba gubaa dura sirbamaniifi booda sirbaman akkasumas, kan
shamarran weeddisaniifi weelluu dhiirri weellisu jechuun qoqqoodamanii dhiyaataniiru.
Sirboonni kun ergaawwan kan akka safuu hawaasaa eeksisuu, aadaa basriisuu, walitti
dhufeenya cimsuu, waliin jireenya shaakalsiisuu, hubannoofi ilaalcha dhaloonni sirbaaf qaban
cimsuuf kan ooludha jechuun deebisaniiru. Akkasumas, sababoonni sirba gubaa irratti
hubannaafi ilaalachi namootaa gad bu’uu danda’e dhiibbaa amantiifi, ammayyummaafi
xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha. Kana malees, akka ilaalchiifi hubannoon isaanii gad bu’u
kan taasise aadaa isaaniifi waan duudhaa abbootii dhiisuun ammayyummaa aadaa dagachiisu
hordofuufi amantiilee aadaa isaanii gachisiisu hordofaa jiraachuu isaaniiti. Yaanni furmaataa
akka aadaan kun hin irraanfatamneef dhaloota dhufu dhaalchisuuf, maanguddoonni aadaan
akka hinbanne gochuu, Waajjirri Aadaafi Turiizimii galmeessee kaa’uun dhaloonni akka irraa
dubbisanii hubachuun danda’amu walitti guuree yoo teessise badisa irraa oolchuun ni
danda’ama
4.4.1. Sirba Gubaa Xomboraa
Akka od-himtoonni jedhanitti sirbi ayyaana gubaa aanaa kana keessatti booqaa birraa, gubaa
xomboraa jedhamee beekama. Irra caalaatti aanichatti gubaa ibsaa jedhameetu waamama.
Kana malees, namni umurii dheeratee yoommuu sirba ayyaana gubaa xomboraa qaqqabu
ayyaantuudha jedhama. Fakkeenyyaf namni tokko waggaa hamma fedheyyuu yoo dheerate
yookaan jiraate “Namni ayyaana sirba gubaa qaqqabee kabjate carraa qabeessa yookiin
ayyaantuudha” jedhanii dubbatu. Akka yaada kanaatti ayyaantummaan umurii dheerachuu
irraa darbee ayyaana sirba gubaa xomboraa waggaan dhufu gahuudha. Akkasumas,
hirmaattonni sirba gubaa xomboraa kan ta’anis dargaggootaa, shamarraniifi ga’eessi sirba
gubaa xomboraafi kabaja ayyaanichaa irratti warra hirmaatanidha jechuun dubbatu. Ayyaanni
sirbaa kun dhaamsaafi faayidaa adda addaa dhalootaaf dabarsuu keessatti qooda guddaa
qabaachuusaa himu. Ergaan inni dabarsus, eenyummaa ofii calaqqisiisuu, walitti dhufeenya
cimsuu, safuufi duudhaa hawaasichaa kabajuufi barsiisuu keessattis shoora olaanaa taphata
jechuubn himu.Afgaaffii Katamaa Wayyeessaafi Namee Glataa odeeffannoo armaan olii
kennaniiru.
34
4.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa
Sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa yookiin dukkana gannaa keessaa bahuun gara booqaa
birraatti yeroo cehamu baatii Fulbaanaa keessa gaafa bultii kudha toorbatti barii’u barii
barraaqa ayyaana gubaa xomboraatu kabajama jechuun odeeffattoonni dubbatu. Sirbi gubaa
waggaatti al tokko kan kabajamu yoo ta’u kunis ayyaana daaraa ibsaa jedhamee beekama.
Akka oduu kennitoonni afgaaffii gaafatamanii kennanitti. Akka Oromoon ayyaanota adda
addaatti hooda ilaallatutti baatiin fulbaana maatiifi olloonni wal ga’anii xombora gubuun
uumaa isaanii galateeffatanii itti kadhatan waan ta’eef seenaa qabeessa jedhu. Akkasumas,
akkaataa walitti dhiheenya manaan namoonni qe’ee tokko keessa waliin jiraatan maatii isaanii
qabatanii xombora daamaraa gaafa bultii kudha jahaa manatti daamaramee dibamee bule irraa
xombora qabsiifachuun bakka tokkotti gubuun ayyaana gubaa kabajatu.
Sirbi gubaa akkamittiin akka raawwatamu, yoom akka sirbamu, ergaa akkamii akka qabu,
maal maaltu sirbichaf akka barbaachisuufi toora itti raawwatamu qabaachuusaa himu. Bakki
sirbi gubaa xomboraa itti sirbamu kun akka aanichaatti qe’ee warra angaftuutti lafa diriiraa
sirbaaf mijataa ta’etti sirbiifi sirni gubaa raawwatama jechuun himu.Yeroo ammaa garuu,sirbi
gubaa irratti dhaloonni hubannaa dhabuufi ilaalcha aadaa irraanfachiisu duukaa bu’uun bakka
amantaalee adda addaatti yaadannoo fannoo gooftaa jechuun kaayyo, ergaa qabiyee sirbaa,
dhugeeffannoofi yoomessaa alatti yookaan qe’ee warra angaftuutti raawwatamu hafee mana
amantaatti akka raawwatamaa jiruhimu.Marii garee Zallaqaa Byyanaafi Lammii Toleeraa yaad
a armaan olii kennaniiru
4.4.3. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Warreen Qooda Fudhatan
Akka afgaaffiin gaggeeffamee odeeffattoonni jedhanitti sirbi gubaa xomboraa irratti warren
qooda fudhatan, dargaggoota, shamarran, ga’eessotaafi ijoollee warren sirba gubaa xomboraa
irratti qooda fudhatanidha jechuun deebisu. Yeroo sirbi sirbamu Shamarran dibbee qabatanii
gidduu galanii yoommuu weeddisan dargaggoonni immoo, jalaa qabuun hurruubsuun sirbu.
Dargaggoonni, shamarraniifi ijoolleen taateewwan ayyaana kanaa irratti hirmaachuun aadaafi
duudhaalee achi keessatti raawwatamu hunda ergaafi dhaamsa achi keessaaan darbu akka
hubachuu danda’an himu. Garuu, dhaloonni ammaa qooda kana keessatti hirmaachuuf carraan
35
isaanii dhiphataa dhufeera. Sababni carraan isaa dhiphateef akkuma armaan olitti ibsametti
dhaloonni yeroo ammaa qaroominaan, amantiilee adda addaan wal qabsiisuun, aadaafi amantii
walitti hidhuun hirmaattonni sirba gubaa xomboraa hir’achuun gara baduutti deemaa
jiraachuusa odeeffattoonni himaniiru.
Akkasumas, akka maanguddoonni jedhanitti, Odeeffannoofi akkaataa sirba isaa himu malee,
sirba yeroo xomboraa sirbamu hafaa dhufuusaa dubbatu. Haata’u malee, guutummaa guutuutti
badera osoo hin ta’iin darbee darbee maanguddoonni xombora muranii, daamaraa daamaruu,
dargaggoota muraasa birattis sirbama jiraachuu isaa ibsaniiru. Yaada olii kanarraa waanti
hubatamu yaada adda addaa lama jiraachuu isaati.Yaadonni kunis, hirmaattonni sirba kana
irratti hirmaachaa jiran harki guddaan hir’achaa dhufuusaaniifi gareen muraasin immoo,
ammayyuu akka hirmaachaa jiranidha. Hirmaattonni sirba xombora kanaa hir’achaa deemuun
isaa hubannoon dhaloonni sirba kana irratti qaban akkasuma hir’achaa dhufuusaati. Afgaaffii
dhiyaateen Namoomsaa Irranaafi Daammanaa Irranaa yaada armaan olii kennaniiru.
4.4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti Tajaajilan
Akka oduu knnitoonni jedhanitti af-walaloon tooftaa hawaasni waan itti dhaga’ame bifa
gammachuun, bifa gaddaan, jiruufi jireenya, jaalala isaa guyyuu keessatti maayii itti ba’u
afwalaloodha jedhu. Afoolli humana jijiiruu, jabeessuu, to’achuu, ibsuu akka of keessaa qabu
hayyoonni adda addaa ibsaniiru. Qorannoo kana keessatti afwalaloowwan dhimma itti
bahaman warren bu’uura ta’an eebba, mammaaksa, geerarsa sirba. Afgaaffii Olaanii Itichaafi
Hundarraa Sanyii waliin taasifameen firiiwwan afwalaloo ayyaana sirba gubaa xomboraatti
dhimma itti Bahaman kan armaan gatiiti jechuun bu’aa af walaloo ibsaniiru.
4.5. Sirba
Akka odeeffattoonni jedhanitti, sirboonni aanaa Jaardagaa Jaarteetti yoomessa garaa garaa
keessatti akka raawwataman dubbatu. Akkasumas, dhaamsa dabarsan kan mataa mataa
isaaniifi yoomessa keessatti ergaa dabarsan ni qabu. Sirba ayyaana gubaa xomboraa irrattis,
kanneen akka kumkummee, geelloofi kan kana fakkaatan ni sirbamu. Kana malees, gochaalee
gareedhaan sibamudha jedhu. Gareen sirbama jechuun, namni dura bu’uun yookiin sirba
36
dhooftuun sagaleefi dibbee rukkutuun yoo weeddisan namoonni jalaa qabanii hurruubsani ni
jiru. Oddffannaa olii kan kennan Waaqoo Ayyaanaafi Hirphaa Galataati.
4.5.1. Sirboota Yeroo Gubaa Xomboraa Dhiironni Sirban
Sirba dhooftuu Jalaa qabduu
Hiyyooshe yaruudakoo Wayanbassaa
Hiyyookoo hiyyookoo Wayanbassaa
Hiyyookoo hin dhiisuu Wayanbassaa
Hiyyookoo yoon dhiisee Wayanbassaa
Garaan na hinciisuu Wayanbassaa
Hiyyoo abbaa garbaa Wayanbassaa
Xinnoo afaan dammaa Wayanbassaa
Sirbi armaan olii kun kan yeroo gubaa xomboraa sirbamu irratti shamarraniifi dargaggoonni
kan ittiin jaalala isaanii waliif ibsanidha.Warri dhiironni sirba gubaa xomboraa yeroo sirban
keessatti wal jalaa qabanii jaalala ishee shamarraniif qaban ibsatu. Sararri inni jalqabaa
“Hiyyooshee yaruudakoo” kan jedhu kun sirba masqalaa kan faarsan fakkaatanii jaalallee
isaanii faarsu. Yaruudakoo jechi jedhu kun immoo, nama amala qabeettii,kan dubiin ishee
namatti tolu janna akka leencaa jechuun jaalallee isaanii onnachiisu. Sirba yeroo xomboraa
sirbamu yoon hafee natti waan hintolleef sirba kana hafuu hin qabu. Yoon hafe yaannikoo hin
boqotu jechuun ishee shamarraniif dhaamsa dabarfachuun jaalala isheef qabu ibsaaf. Bo’oon
warri dhumaa lamaan immoo, ‘hiyyoo abbaa garbaa, xinno afaan dammaa’ kan jedhu kun
garbaafi sirba masqalaa wal qabsiisuun sirbu. Kanaaf, sirbi guddaa akkasii irratti wal arganii
afaan keessa wal dhungachuun jaalala waliif qaban ibachuun kan sirba xomboraaf sirban
fakkeessanii fedhii keessa ofii waliif dabarsu. Fedhiin keessa ofii kan jedhu jaalala ofii
ibsachuuda. Afgaaffi Rabbirraa Galataa irraa odeeffannoo argamedha.
Hayyaasee hayyaasee Hayyaasee
Bofti gammoojjii Hayyaasee
Hin aadu ni yuusaa Hayyaasee
Yoommuun siyaaduu Hayyaasee
37
Himimmaan buusaa Hayaasee
Keessa garaanii Hayaasee
Sirboota olii kanas Afgaaffii Tarrafaa Toleeraa irraa odeeffannoo argamedha. Dargaggoonni
sirba armaan oliin jaalala jaalallee isaaniif qaban waan adda addaa waliin wal qabsiisuun
sirbu. Fakkeenyaaf amala bofa gammoojjiifi jaalala wal qabsiisuun sirbu. Bafti kan siiksuu
qabu kan gammoojjii garuu amala uumamaa qabu dhiisuun yuusuu isaa, gurbaan jaallachuurra
darbee imimmaan buusaa jiraachuusaa ibsa. Aadufi yuusuun garaagarummaa qabu. Aaduu
sagalee gad qabatanii suuta’anii quuqqaa isaanii ibsachuu yoo ta’u yuusuun immoo, akka
sagalee namni hundi dhgahuu danda’utti ol kaasanii dubbachuudha. Dargaggeessi tokko
yookiin shamarren jaalala waliif qaban kan suutaan sagalee gad qabachuun ofitti gmgumaa
turan amma gruu, obsuu hin dandeenyuu ol fuunee dubbannee namni nuuf dhagahuu qaba
jechuun sagalee ol kaasanii akka binneensaatti yuusan. Jaalalliifi yaadumsi kun kan itti cimuu
danda’es dargaggootas ta’e namoonni sababa lagni guutuun wal arguu dhabuu irraa kan ka’e
yerootti baay’ee wal hawwan kana sirbi gubaan xoboraa kun immoo yerootti wal qunnamsiisu
waan ta’eef sirba gubaa baay’ee jaallatu.
Boffee daalachaa Hayyaasee
Qanyiitii jirbii Hayyaasee
Asiiqii sirbii korree Hayyaasee
Sobdeet dhaabattaa Hayyaasee
Buufanni sirbaa armaan olii kun qanyiitii, boffeefi jaalala walqabsiisuun sirbu. Qanyiitiifi
jirbiin walqabatee uffata bareedaan tokko akkuma tolfamuu danda’u, jaalalli akkuma
qanyiitiifi jirbiin wal ta’anii jabina argatan jaalallis qaama lachuurraa yoo kan maddu ta’e
walqixa ta’uu akka danda’udha.Asiiqii sibii sobdeet dhaabatta yoo jedhu isheenis akka isa
jaallattu ni beeka garuu, osooma jaallattuu jaalalashee of keessatti hammattee callistee taa’uu
ishee hubatee jira. Kanaaf, najaallachuukee hubadheen jiraa koottu waliin sirbina jechuun
sirbuun itti dhaammata. Kanaaf sirbi gubaa xomboraa nama wal yaadee karaa wal argu
dhabeeru wal qunnamsiiftuu waan ta’eef kabajamaafi jaallatamaadha.
38
4.5.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Kan Shamarran Sirban.
Habaaboo yaa habaaboo birraa Yaa habaaboo birraa
Daakkannee daakkannee Yaa habaaboo birraa
Soogidda irraanfannee Yaa habaaboo birraa
Isa nyaannee bulluu Yaa habaaboo birraa
Faarfannee faarfannee Yaa habaaboo biraa
Mooticha irraanfannee Yaa habaaboo birraa
Isa ilaallee bulluu Yaa habaaboo birraa
Farsookoo diqqiikoo Yaa habaaboo birraa
Naafoo calaliikoo Yaa habaaboo birraa
Lammiikoo birqiikoo Yaa habaaboo birraa
Naafoo qananiikoo Yaa habaaboo birraa
Yoon haamee haamee Yaa habaaboo birraa
Yoon haame qarmiikoo Yaa habaaboo birraa
Qoteen beessalaaree Yaa habaaboo birraa
Yoon waamee lammiikoo Yaa habaaboo birraa
Sobeen fakkaraaree Yaa habaaboo birraa.
Afgaaffii Buukee Ayyaanaafi Biqilee Dhugumaa waliin taasisuun odeeffannoo argamedha.
Yeroo sirbi gubaa xoboraa ka’u birraatu yaadatama. Shamarran yeroo sirba gubaa birraan
quufa fidee akka dhufuufi sirba kanaaf qophiin barbaachisaa ta’e gochuun barbaachsaa
ta’uusaa himu. Shamarran dibbee qabatanii warra hurruubsan gidduu galanii asiifi achi
garmaamuun dibbee rukkutanii yeroo weellisan hurruubtonni jalaa qabuun sirbu. Buufanni
jaqabaa “Daakkanne daakkannee, soogidda irraanfannee, isa nyaannee bulluu” kan jedhu kun
kun soogiddi mi’eessituu waan nyaatamuuti. Nyaanni isa malee akkuma hin mi’oofne nama
goota ta’e tokko faarfamuu qaba malee irraanfatamuun akka hin qabne sirbaan waliif ibsu.
Soogiddiifi namni goota ta’e murteessoofi bakka guddaan akka laatamuufii qabu himu.
Buufanni “ Farsookoo diqqiikoo, naafoo calaliikoo,lammiikoo birqiikoo naafoo qananiiko “
jedhu kun farsoofi lammii ofii wal cinaa qabanii ilaaluun gaariidha. Akka sirba kanaatti
farsoon gosa adda addaatti akka qoodamuufi dhala namaa keessaas gosoonni adda addaa akka
39
jiru sirbaan ibsu. Farsoon mataa farsoo, calaliifi diqqii akkuma qabu, dhalli namaas aantee
lammiin ofii gaachana ofii ta’uusaa himu. Mammaaksa “ Firri gara firaatti, harreen gara
daaraatti” akkuma jedhamee mammaakamu lammiin ofii yeroo rakkinaa, yeroo roorro kan
nama cinaa dhhbbatu waan ta’eef orma duukaa wal madaachisuun akka hin danda’amne
sirbaan waliif dhaammatu.
Kana malees, yeroo ayyaana kanaa kan yaadatamuu qabu nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’iin
qomoo ofii yookiin lammiin ofiillee akka faarfamuu qabu himu. Sirba kana keessatti lammiin
ofii eenyuunuu akka hin qixxaanneefi eenyummaa ofii irraanfachuun of ganuu akka ta’etti
ilaaluudha jedhu. Hamma fedheyyuu orma jaallatan hamma lammii ofii eenyuyyuu ga’uu akka
hin dandeenye sirba kanarraa hubachuun ni danda’ama. Sirba gubaa xomboraa sirbuuf qofa
osoo hin taane dhimmoota jiruufi jireenya ilma namaa akkamittiin akka jiraachuu qabu, maal
jaalatee maal jibbuu akka qabus kan akeekudha.
Hiyyoo yaa habaaboo birraa Yaa habaaboo birraa
Garafaa jibootaa Yaa habaaboo birraa
Loon qarmii dheedanoo Yaa habaaboo birraa
Kan afaan dhibbootaa Yaa habaaboo birraa
Alamiin keessanoo Yaa habaaboo birraa
Yaa mooqa hin mi’oofnee Yaa habaaboo birraa
Ammaan si mi’eessaa Yaa habaaboo birraa
Yaa gootaa hin si’oofnee Yaa habaaboo birraa
Ammaan sisi’eessaa Yaa habaaboo birraa
Sirba armaan olii keessatti buufanni “Garafaa jibootaa loon qarmii dheedanoo, kan afaan
dhibbootaa, alamiin keessanoo” horiin waqtii birraa keessa akka qarmii dheedaniifi yeroo
qarmii dheedisaa kana immoo, jiboota garafuun ulfaataa akka ta’e kan namatti himudha.
Jiboonni kan garafamuu qabdu osoo hin quufiin garaa qullaa yoo ta’e malee quufnaan
garafuun akka hin dada’amne ta’uusaati. Akkuma oromoon “Dubaraafi jiboota garaa qullaa
leenjisu” jedhamee akkuma.mammaaku jiboonni qarmii dheeddennaan qabanii akka qottu
gochuun ulffataadha jechuudha. Qarmii jechuun yeroo birraa midhaan gahee kan irraa
40
haamamee marga isaa loon nyaatanidha yookiin dheedanidha. Buufanni dhumaa” Yaamooqaa
hin mi’oofnee, ammaan simi’eessaa yaa gootaa hin si’oofnee ammaan sisi’eessaa” buufanni
jedhu mooqaa hin mi’oofneefi dabeessa wal cinaa qabuun sirbu. Mooqa hin mi’oofne
mi’eessuun akkuma danda’amu, nama dabeessa ta’es gootomsuun ni danda’ama jechuun
shamarran sirbuun wal onnachiisu.
Yaa birroolee birrooleekoo Birrooleekoo
Leeqaan callee hin tumuu Birrooleekoo
Tumi jennaan didee Birrooleekoo
Didee kasakkasaa Birrooleekoo
Seenaan wallee hin dhumuu Birrooleekoo
Dhumi jennaan didee Birrooleekoo
Didee bacabacaa Birrooleekoo.
Sirboonni armaan olii kun gareen wahii ogummaa waa hojjechuu akka hin dandeenye sirba
kana keessatti qeequ. Waanta hin dandeenye tokko hojjechuuf yeroo ofii balleessuurraa
waanta ogummaa qaban tokko hojechuun bu’aa qabeessa ta’uu isaatu sirba kanarraa
hubatama. Shamarran weeddisuun rakkina hawaasa keessa jiru qeequu, uummataaf ibsuufi
barsiisuu jajjabeessuu, akka danda’amu walti himu. Akkasumas, akka yaada kanaatti
weedduun human guddaa qabaachuu isaa kan nama hubachiisudha. Afgaaffii Misgaanee
Baay’isaa irraa odeeffannoo argamedha.
4.6. Sirba Gubaa Xomboraa Keessatti Malleen Dubbii
Malleen dubbii dhugummaa wan tokkoo kallattiin ibsuurra waanta hawaasa keessatti
kalaqamuun walqabsiisuun fakkii sammuu dubbisaa yookiin dhaggeeffataa keessatti kan
ka’udha. Kana ilaalchisee, Addunyaa(2014:208) irratti yoo ibsu. “Malleen dubbii fayyadama
afaanii haala salphaa ta’een dhaamsa tokko kan namootaaf dabarsudha” jedha. Yaada
kanarraas kan hubatamu malleen dubbii sirba gubaa xomboraa dhiironni sirban keessatti erga
dabarfachuun barbaadame qaama barbaachisaa ta’etti haala salphaa ta’een dubbachuudha.
Malleen dubbii sirba gubaa xomboraa kunis akkaataa itti aanee jiruun ergaansaanii
qaacceffamaniiru.
41
A.Iddeessa
Malleen dubbii kun amala wan tokko qabu kan birootiif tajaajila. Amala, bifa, yookiin boca
namaa, kan bineensaa, kan mukaa akkasumas, lubbuu qabeeyyii garaagaraa fuudhee kan
birootiif kennuun guddisee namatti agarsiisa.
Birbirsa goodaa gaagura qeenxee
Birbir nagootaa nadura deemtee
Muxuxxee hadaa baala hadaamii
Sifudheen badaa gaafa qadaamii
Loon warra deeddee hattuun hatteettii
Been laga buunaa naafoo gamteettii
Gaangeen hin qottuu gaara gubbaattii
Arreedii koottuu tabba gubbaattii
Amuruufi horroo waltoo lamaa
Garaan jaalalaa walittoo gamaa
Sirba kana keessatti buufanni “Birbirsa goodaa gaagura qeenxee, birbir nagoota nadura
deemtee” jedhu birbirsa lagaa, gaaguraa wal cinaa qabuun jaalalasaanii waliif ibsu. Jechoonni
sarara tokkoffaa jalqabarra jiuufi sarara lammaffaa jalqabarra jiru sirbi kun akka wal unatee
deemu taasiseera. “Birbir nagoota nadura deemtee” jechuun dargaggeessi ishee shamarranii
baa’yyee jaallachuurra darbee yeroo hunda akka ishee yadatuufi yaada isaa keesssa akka hin
banne ibsaaf. Buufanni lammaffaan immoo, “Muxuxxee hadaa baala hadaamii, sifudheen bada
gaafa qadamii” jechuun gaaleen sarara jalqabaarra jiran lameen akka wal unatuuf sagalee wal
fakkaataan eegale. Sararri lammaffaan namoonni waljaallatan karaa wal fudhatanii waliin
galan mala yoommuu dhahatan guyyaa gabaa gabaa keessa akka isaaniif mijatu mala dhahuun
sirbaan walitti dhaammatu.
Buufanni”Loon warra deeddee hattuun hatteettii, been laga buuna naafoo gamteettii” jedhu
warri deeddee kan jedhu gosadha. Gosa warra deedee keessaa dargaggeessi tokko
jaallachuusaa ibsa. Buufanni biroon immoo, “ Gaangeen hin qottuu tabba gubbaattii, arreedii
koottuu tabba gubbaatti” kan jedhu tabbaafi gaangee wal bira qabanii ibsuun jaalalloonni
42
lameen tabba irratti akka wal arguu qaban beellamatu. Akkasumas, buufanni dhumaa
“Amuruufi Horroo walittoo lamaa, garaan jaalalaa walittoo gamaa” jechuun biyyoonni lameen
kun tokko osoo hin taane aanaa adda addaa ta’uusaa agarsiisa. Kanaafuu, namoonnii aanaa
adda addaa keessa jiran waljaallachuu isaanii agarsiisa. Afgaaffii Rabbirraa Galataa irraa
odeeffannoo argamedha.
Baala geeshee baala allaadduu
Maal dhageessee intaloo maaf nayyaadduu
Qanyiitii jirbii boffee daalachaa
Asiiqii sirbii korree sobdeet dhaabatta
Gaafa daamaraa lafaan namaraa
Gaafa ekeraa nan qebexxeraa
Gaafa ibsaa immoo,an sirban jiksaa
Eenyu loon tiksaa.
Afgaaffii Namee Galataa irraa kan fudhatame. Sirbi gubaa xomboraa armaan olii
dargaggeeyyiin wal gahanii galgala galgala bakka dhaabbataa ta’e tokkotti wal ga’anii sirbu.
Jaalallee isaanii ala dhaabbachuu irra waliin yoo sirbine jaalalli waliif qabnu caalaa dabaluu
akka danda’u kan ibsatu. Buufanni tokkoffaan “Baala geeshee baala allaadduu, maal
dhageessee intaloo maf nayyaadduu”? jechuun allaadduufi baalli geeshee yeroo baayyee
goginsi kan irratti hin mul’annedha. Akkuma allaadduun bishaan keessa dhaabatee hollatu inni
dhiiraas jaalalasaa ishee dubartiif ibsuuf akka allaadduu sanaatti hollachuun sirba. Allaadduu
bishaan keessaafi hurruubsa dargaggootaa waliin wal fakkeessanii weellisu.
Buufanni lammaffaan immoo, “Gaafa daamaraa lafaan namaraa, Gaafa ekeraa nan qebexxera’
jechuun namni guyyaa daamaraa nyaatee dhugee gammadee gubaa xomboraa boorumtiif of
qopheessa. Ekeraan immoo, sirbi gubaa darbee yeroo nama du’ee itti yaadatanidha. Guyyaa
ekeraa kana sirbaafi gammachuu osoo hin taane guyyaa fira du’ee itti yaadachuufi
dhibaafannaati. Nan qebexxera jedhanii yoommuu sirban waan hin yaadamneefi waan hin
argamne tokko akka isa arganiitti haasa’uun bishaan akka tumaniiti yookiin waan deebi’ee hin
argamneefi abjuu ta’uusaa kan agarsiisudha.Buufanni dhumaa lamaan sirba guyyaa gubaa
43
xomboraa sirbamu irratti namni hundi hirmaachuuf fedhii qabaachuu isaa kan mul’isudha.
Guyyaa kana ijoolleen dur loon tiksitus tiksuurra sirba deemuu filatu. Kanaaf, jala bultii sirba
xomboraa akka loon tiksuu hin barbaane sirbaan dhaammatu. Maatiinis fedhii ijoollee kana
hubachuun guyyaa ayyaana xomboraa loon dabaree dabareen akka tikfaman godhu. Dabaree
jechuun guyyaa sirba gubaa sana sa’aatii kudha lama addaan qoqqooduun namni lama sadiin
loon akka tikfamu godhama. Kanarraa mirgi ijoollees haala gaariin eegamuu isaa hubanna.
Dhaddee dullattii Hiyyaasee
Saroonni harkiftee Hiyyaasee
Kanshee dubbattii Hiyyaasee
Kankoo lakkiftee Hiyyaasee
Siifan daggalee Hiyyaasee
Hin qotu hin ciruu Hiyyaasee
Siifan as galee Hiyyaasee
Sirba buufata jalqabaarra jiru “Dhaddee dullattii,saroonni harkiftee” kan jedhu kun dhaddeen
yoo dulloomte irbaata nyaata saree ta’uusaa agarsiisa. kanarraa waanti hubatamu waan
hudumtuu tajaajlli isaa daanga’aa ta’uusaati. Buufanni inni lammaffaan “Kanshee dubbatti
kankoo lakiftee” kun kan agarsiisu jaalalli yeroo qabaachuu isaafi jaalala walii walii
hubachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsaaf. Buufanni dhumaa “Siifan daggalee hin qotu hin ciruu
siifan asgalee” kan jedhu kun daggala jechhn bosona namni seenuu sodaatudha. Kan jaalala
kanaan qabame kun daggalaafi isa wal fakeessee sirba.
Kunis kan mul’isu sababa jaalala keerraa kan ka’e qulqullinasaa eeggachuu akka dadhabe
dhaamaaf. Sababa jaallchuu irraa kan ka’e biyyasaa dhiisee gara biyyasheetti galuus sirbaan
itti hima. Hojiisaafi firasaa dhiisee garashee deemuusaa baayyee akka ishee jaallatu ishee
hubaciisuun ishhiinis kana na hubatti jedhee yaada. Himannaa isaaniis warri sirban
dhaggeeffachuun walitti araarsuuf yaalii godhu. Isaanillee balleessaa ofii hubachuun walitti ni
araaramu jedhamee yaadama kan jedhu abdatu sirbitoonni biroon. Kun kan nama hubachiisu
sirbi gubaa xomboraa kun sirbuuf qofa osoo hin taane nama wal jaallate akka walitti araarsuu
44
danda’u hubanna. Akkasumas, obsiifi dhiifama walii gochuun gaarii akka ta’e hubatama. Kana
malees, lamaanuu baayyee akka wal jaallatan sirba kana irraa hubachuun ni danda’ama.
B. Akkasaa
Akkasaan gaalee ‘akka,’hanga’ fakkaata’ ‘ni ga’a’ jedhamanitti gargaaramuu waantoota adda
addaa lama walbira qabuun ibsuun sammuu dubbisaa yookiin dhaggeeffataa keessatti suuraa
kaasuudha.
Akkayyuu siree Yabaabakoo Wayanbassaa
Jidda dhaabbannee Yabaabakoo Wayanbassaa
Akka nuuf hiree Yabaabakoo Wayanbassaa
Sirba jaallanna Yababakoo Wayanbassaa
Sirba kana keessatti buufata tokkoffaan “Akkayyuu siree, jidda dhaabbannee” akkayyuufi
jiddi maqaa biyyaati. Dargaggoonnifi shamarran biyyoota lameen kanarra jiran wal jaallachuu
isaanii biyya isaanii maqaa dhahuun walitti sirbu. Buufata lammaffaan “Akka nuuf hire, sirba
jaallanna” kan jedhu immoo, dargaggoonniifi shamarran biyya lameen kana keessa jiran
kennaamaan akka sirba jaallatan himatu. Fedhii sirba jaallachuu isaanii waliif ibsuun waliti
dhufnee sirba gubaa xomboraa waliin sirbuuf walitti dhaammatu.
Lafarra loonaa akka tukaanii
Hidhii wal hoonaa akkasumaanii
Koottu akka taanuu, gargar hin baanuu
Yoo gargar baanee waliifoo hin taanuu.
Sirba buufata tokkoffaa keessatti “Lafarra loona akka tukanii, hidhii wal hoona akkasumaanii”
sirbi jedhu kun tukaaniin bineensa dhiiga namaa xuuxxu kan nama miidhuuf uumamtedha.
Akkasuma jaalalloonni lameen hidhii wal hodhuun akkanumaan ta’uusaa ibsaaf .Jaalalloonni
lameen akkas jedhanii sirbuun isaanii jaalala waliif qaban hin ibsu osoo hin ta’iin waliin bulitti
dhaabbachuu isaanii waan shakkaniif. Sababni isaan ija shakkiin sirbaniifis maatiin kan
barbaadanitti waan heerumsiisaniifi fuusisaniif wal jaallachuun keenyi akkanumaan ta’uu
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf

More Related Content

Similar to Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf

BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfDesalechali1
 
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxQajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxJaafar47
 
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%bakalchabari721
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxJaafar47
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMohammed Abdo
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxJaafar47
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfDesalechali1
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfgdirbabaa8
 
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016tesfayealemu167
 
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxFandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxOlifanAbduraman
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on DisabilityDinkaYadeta1
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfDesalechali1
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptTeshomeFeye2
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxmiadjafar463
 

Similar to Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf (20)

Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdfQoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxQajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
 
Oromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdfOromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdf
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdf
 
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
 
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxFandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on Disability
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
 
Sidioc hayto mafdaga
Sidioc hayto mafdagaSidioc hayto mafdaga
Sidioc hayto mafdaga
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
 

Recently uploaded

Recently uploaded (7)

Kasvatus, koulutus, opetus ja osaaminen Suomessa
Kasvatus, koulutus, opetus ja osaaminen SuomessaKasvatus, koulutus, opetus ja osaaminen Suomessa
Kasvatus, koulutus, opetus ja osaaminen Suomessa
 
Aikuiskoulutus, jatkuva oppiminen, elinikäinen oppiminen ja henkilöstökoulutus
Aikuiskoulutus, jatkuva oppiminen, elinikäinen oppiminen ja henkilöstökoulutusAikuiskoulutus, jatkuva oppiminen, elinikäinen oppiminen ja henkilöstökoulutus
Aikuiskoulutus, jatkuva oppiminen, elinikäinen oppiminen ja henkilöstökoulutus
 
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
 
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
 
Koululaiset, opiskelija, oppijat ja lapset sekä tutkinnot
Koululaiset, opiskelija, oppijat ja lapset sekä tutkinnotKoululaiset, opiskelija, oppijat ja lapset sekä tutkinnot
Koululaiset, opiskelija, oppijat ja lapset sekä tutkinnot
 
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiotKoulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
 
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
 

Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf

  • 1. QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA XOMBORAA: GODINA HORROO GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE IRRATTI XIYYEEFFATA. QORANNOO SAGANTAABARNOOTADIGIRII LAMMAFFAA (MA) FAYYEERAA WAAQOO AYYAANAA ADOOLESSA 2011/2019 YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA HARAMAAYAA
  • 2. Qaaccess Ergaa Sirba Gubaa Xomboraa: Godina Horroo Guduruu, Aanaa Jardagaa Jaartee Qorannoo Barnoota Digirii Lammaffaa (MA) Muummee Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiif Kan Gale Daarektoreeta Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa YUUNIIVARSIITII HARAMAAYAA Ulaagaalee Itti Guuttannaa Gar-Tokkee Barnoota Digirii Lammaffa (MA) AFAAN OROMOOFI OGUMA BARSIISUUTIIN Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa Hagayya 2011/2019 Yuuniivarsiitii Haramaayaa Haramaayaa
  • 3. ii DAAREKTOREETA SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA Waraqaa qorannoo barataa ‘’ Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa “mata duree “Qaaccessa Ergaa Sirba Gubaa Ayyaana Xomboraa Godina Horroo Guduruu, Aanaa Jaardagaa Jaartee” jedhurratti gaggeessummaa koo jalatti hojjechaa ture dubbisee madaaleera. Kanaaf, uunka waraqaa qorannoo sagantaa digirii duraan boodaa waan guutee jiruuf akka inni dhiyeessuuf yaada kenneera. ____________________ ___________________ _______________ Gorsaa ijoo Mallattoo Guyyaa ___________________ ___________________ ________________ Gorsaa gargaaraa Mallattoo Guyyaa Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaatti waraqaa qorannoo barataa Fayyeeraa Waaqoo tin qophaa’e dubbisee madaaleera. Akka kootti waraqaan kun unkaa waraqaa qorannoo sagantaa barnoota digirii duraan boodaa Afaan Oromoofi Oguma barsiisuutiin ni guuta jedhee mirkaneesseera. ____________________________ ___________________ ____________ Walitti Qabaa Mallattoo Guyyaa ___________________________ ____________________ ___________ Qoraa Keessaa Mallattoo Guyyaa ___________________________ ____________________ __________ Qoraa Alaa Mallattoo Guyy
  • 4. iii IBSA QORANNICHAA Ani qoratichi maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame, waraqaan qorannoo kun hojii koo kan ta’eefi kanaan dura Yuuniivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin dhiyaanne ta’uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hunda isaanii wabii keessa kaa’uu koo nan mirkaneessa. Maqaa___________________________________ Bakka:___________________________________ Guyyaa___________________________________ Mallattoo _________________________________
  • 5. iv HIIKA JECHOOTAA Beeddee Kan eelee golboo haadhoo keessatti cumboon iirratti tolfamu. Cororsaa Dhadhaa bakfamee cumbootti name’ee nyaatamu. Cumboo Nyaata aadaa naannoo sanaa Daggoo Gosa migiraa kan xomborri itti hidhamudha. Durba qarree Shamarra hin heerumne. Ekeraa Ayyaana nama du’ee itti yaadatamu. Eelee haadhoo Kan cumboon itti tolfamu. Giixxoo Cumboo xiqqoo. /nyaata mana firaa fudhatanii deeman Gombisaa Kan eelee haadhootti qadaadamu. Hooda Ayyaana yeroo adda addaa irratti Oromoon guyyaa guutuu itti ilaallatu. Ibsaa Xombora gubamu. Luqna Nama dabeessa (tti). Maasaroo Meeshaa dhadhaan itti bakfamu. Qabee Meeshaa aannan itti elmamu. Qirca Qalma gareedhaan qalamee qooddatan. Tussoo Daabboo xiifiirraa hojjetamu.
  • 6. v SEENAA QORATICHAA Qoratichi bara 1980 A.L.E tti Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardaagaa Jaartee keessaatti dhalate. Bara 1987 tti barnoota sadarkaa tokkoffaa 1- 8 Mana Barumsa sadarkaa 1ffaa Aliboo Sadarkaa 1ffaa fi giddu galeessatti kan barateedha. Barnoota Sadarkaa 2ffaa bara 1994-1997tti Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa shaambuutti xumure. Bara2001-2005 Digirii 1ffaa Yuuniivarsiitii Ambootti Muummee Afaan Oromoo barachaa baratee eebbifamee Ogummaa Barsiisuummaatiin waggoota 2 erga tajaajileen booda bara 2008tti Barnoota Digirii Lammaffaa barachuuf Yuuniivarsiitii Haramaayaa seene.
  • 7. GALATA Hunda dursee waaqayyoo nagaa naaf kennee sadarkaa kanarra ga’ee qorannoo kana akkaan hojjedhuuf waan nagargaareef galanniifi ulfinni haata’uuf. Itti aansuun gorsaakoo Jeeyilaan Amaan (PhD) akkasumas,Imaanaa Bayyanaa(PhD) yeroo isaanii aarsa gochuun beekumsa qabaniin adeemsa qorannoon keessa darbuu qabu hunda na hordofsiisuun obsaafi nuffii tokko malee karaa natti agarsiisuun, waraqaa qorannoo kana akkaan hojjedhuuf waan naqajeelchaa turaniif galannikoo guddaadha. Maatiinkoo hundi yaadaafi deeggarsa wal irraa hin cinne naaf gochaa waan turaniif galata onneerraa maddun galchaaf. Qorannoon kun akka galmaan naaf ga’uuf namoonni odeeffannoo naaf kennuun haga dhumaatti nadrrggaraa turan : Katamaa Wayyeessaa, Waaqoo Ayyaanaa, Lammii Toleeraa, Olaanii Itichaa, Namoomsaa Irranaafi waajjira Aadaafi Turiizimiifi kan biroon odeeffannoo naaf kennuudhaan akkaan qorannoo kana gaggeessee galmaan ga’uuf deeggarsa waan naaf godhaniif galannikoo guddaadha. vi
  • 8. BAAFATA MATA DUREE FUULA IBSA QORANNICHAA iii HIIKA JECHOOTAA iv SEENAA QORATICHAA v GALATA vi AXAREERAA vii 1.SEENSA 1 1.1. Seenduubee Qorannichaa 1 1.2. Ka’umsa Qoranichaa 3 1.3. Kaayyoo Qorannichaa 6 1.3.1. Kaayyoo Gooroo 6 1.3.2. Kaayyoo Gooree 6 1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa 7 1.5. Daangaa Qorannichaa 7 1.6. Hanqina Qorannichaa 8 1.7. Qindoomina Qorannichaa 9 2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII 10 2.1. Dayeessa Tajaajil (Yaadiddama) 10 2.2. Dayeessa Caasaa 10 2.3. Yaadrimee Sirbaa 11 2.3.1. Faayidaa Sirbaa 13 2.3.2. Gosoota Sirbaa 13 2.4. Malummaa Sirba Gubaa Xomboraa 13 2.4. 1.Sirba Ayyaana Gubaa Xomboraa 14 2.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa 15 3. XIIN- MALA QORANNICHAA 16 3.1. Ibsa Naannoofi Uummata Naannichaa 16 3.1.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa 16
  • 9. 3.1.2. Haala Jireenya Uummata Naannoo Qorannichaa 17 3.2. Saxaxa Qorannichaa 18 3.3. Madda Ragaa Qrannichaa 19 3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu 19 3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee 20 3.5.1. Af-gaaffii 20 3.5.2. Marii Garee 21 3.5.3. Sakatta’a Harshammee 21 3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee 22 3.7. Adeemsaafi Naamusa Qorannoo 22 4. DHIYAANNAAFI QAACCESSA RAGAALEE 24 4.1.Ergaa Sirbi Gubaa Xomboraa Qabu 24 4.2. Ergaa Sirboonni Gubaa Xomboraa Dura Srbamaniifi Booda Sirbaman. 26 4.3.Sirboota warri Shamarranii Sirbaniifi Ergaa Isaa. 29 4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Hubannoofi Ilaalcha Jiru. 32 4.4.1. Sirba Gubaa Xomboraa 33 4.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa 34 4.4.3. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Warreen Qooda Fudhatan 34 4.4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti Tajaajilan 35 4.5. Sirba 35 4.5.1. Sirboota Yeroo Gubaa Xomboraa Dhiironni Sirban 36 4.5.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Kan Shamarran Sirban. 38 4.6. Sirba Gubaa Xomboraa Keessatti Malleen Dubbii 40 4.7. Qophiifi Adeemsa Sirba Gubaa Xomboraa 46 4.7.1. Haal duree Sirba Gubaa Xomboraa 47 4.7.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Sirbuuf Qophaa’aniif Kadhannaa Ta’u 48 4.7.3. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Daamaraa Muruufi Gubuu 49 4.7.4. Xombora Qabsiifachuun Gara Gubaa Xomboraatti Imaluu 49 4.7.5. Bakka Sirba Gubaa Xomboraatti Waantoota Raawwatu 51 4.8. Yeroo SirbaGubaa Xomboraa Irratti Eebba Taasifamu 52 4.9. Sirba Gubaa Xomboraa Booda Wantoota Raawwataman 54 5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO 56
  • 10. 5.1. Cuunfaa Qorannichaa 56 5.2. Argannoo Qorannichaa 56 5.3. Yaboo Qorannichaa 58 6. WABIILEE 60 7 .DABALEEWWAN 63 7.1. Dabalee A:gaaffilee afgaaffi maan guddootaaf dhiyaate. 63 7.2.Dabalee B: gaaffilee marii garee hawwaniifi maanguddootaaf dhiyaate. 64 7.3.Dabalee C: gaaffilee afgaaffii hawwaniif dhiyaate. 65 7.4.DABALEE D: gabatee oduu kennitoota mul’isu. 66 7.5. Dabalee E: fakkiiwwan muraasa namoota sirba gubaa xomboraa kennan 68
  • 11. QAACCESSA ERGAA SIRBA GUBAA AYYAANA XOMBORAA GODIA HORROO GUDURUU, AANAA JARDAGAA JAARTEE. AXAREERAA Ka’umsi qorannoo kanaa hir’achaa dhufuu sirba gubaa xomboraafi sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannon dhabuudha.Kaayyoon qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatedha. Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoota’u, tooftaalee iddattiissuu miti carraa keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Meeshaaleen funaansa ragaaf hojiirra oolan afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uuni.Ragaaleen mala kanaan walitti qabaman immoo, gosa qorannoo ibsaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Adeemsota kana hordofuun odeeffannoo wal duraa boodaan qaacceffamanii dhiyaataniiru. Odeeffattoota irraa sirboota gubaa xomboraa funaanuun ergaansaa, faayidaa inni uummatichaaf qabu, jala bultiitii hanga xumura isaatti qaacceffamaniiru. Sirboonni gubaa duraafi gubaa booda sirbaman ergaa isaan dabarsan adda addatti ilaalamaniiru.Sirboota kanaas,kan sirba shamarran sirbaniiifi kan dargaggoonni sirban adda addaan qaacceffamaniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsutti: sirbi gubaa xombora falaasama uummatichaa calaqqisiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu, hariiroo uummataa cimsuu, safuufi duudhaa uummatichaa eegsisuuf gahee olaanaa qaba.Sirboota kana keessa kan jiran immoo, kan warri dhiirotaa sirbaniifi kan warri shamarranii sirban jechuun bakka lamatti qoodamuun ilaalamaniiru. Akkasumas, sirboonni gubaa dura sirbaman haala sirba kana itti sirbuuf karoorfatan marii’achuu,walitti dhufeenya cimsuu,jala butii siba xomboraafatu sirba.Kana malees siboonni gubaa booda sirbaman immoo, sirba dabetti nagaa dhaammachuufi isa dhufu haala kamiin akka simatan sirbu. Kana malees, hubannoofi ilaalchi dhaloonni sirba kanaaf qaban laafaa ta’uusaa qorannoon kun mul’isa. Kanaaf, akka yaada furmaataatti fayyada jedhee qoratichi lafa kaa’e, safuu, aadaa, duudhaa hawaasichaa eegsisuuf maatiifi Waajjirri Aadaafi Turiizimmii irratti hojjechuu qabu. Kana malees, sirba warri shamarranii sirbaniifi kan warri dhiiraa sirban qoqqoodanii kaa’uufi ergaa isaa labata dhufu hubachiisuuf maatiin, manni barumsaa, maanguddoonni irratti hojjechuun gaariidha. Akkasumas, hubannoofi ilaalcha dhaloonni ammaa sirbichaaf qaban cimsuuf akkasuma, Aadaafi Turiizimiin, manni barumsaa, maatiin ijoollee isaanii nuffii tokko malee irratti yoo hojjetan furmaanni dhufuu danda’a. vii
  • 12. 1.SEENSA Boqonnaan kun odeffannoo ka’umsaafi xiyyeeffannoo bu’uuraa dhiyeessuurratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan matadureewwan kanneen akka seenduubee, ka’umsa qorannichaa barbaachisummaa, kaayyoo, daangaa, hanqinaafi qindoomina qorannichaa hammata. 1.1. Seenduubee Qorannichaa Aadaan uummata tokko falaasama isaa, akkaataa waliin jireenya isaa, eenyummaa ofii qaama biroof ittiin ibsachuufi ittiin beeksifachuuf gahee ol aanaa qaba.Akkasumas, aadaan jireenya ilma namaa, eenyummaa isaa, safuu, amantaa, ilaalcha, artiifi kan kana fakkaatan kan calaqqisiisu mallattoo uummataati. Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkooti( Finnegan 1970: 17). Sabni tokko saba biroo irraa kan ittiin adda bahu keessaa tokko aadaa isaati. Uummanni oromoo aadaa,seenaa,amantaafi dhugeeffannoo mataa isaa kan qabudha.Kanaaf, akka falaasama oromootti amantaa isaa keessatti dhugeeffannoo ittiin jiruufi jireenya isaa keessatti waaqa dhalootaafi icciitii jireenyaa walitti fiduun kan itti ibsatudha.Akka uummata Oromootti amantii waaqaafi nama kan wal qunnamsiisu ayyaantuudh. Ayyaanni duudhaa, amantii aadaa oromooti, ergamaa waaqaa ayyaana kan uumaa waaqaa yoo ta’u karaa namni rakkoo ofii waaqaan gahatudha.Sirnoonni yookiin ayyaanonni gocha aadaa uummata tokkoo calaqqisiisan kunneenis hawaasicha abbaa aadaa biratti irra deddeebiidhaan kan raawwatamaniifi kanneen beekamanidha. Biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti raawwiin sirnoota adda addaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa sirnoota amantii, siyaasa, ijaarsa maatii, ayyaanota adda addaa, wal dhabdee, jijjiirama amala dhuunfaafi hawaasaa kanneen gurguddoo akka ta’an ibsa. Peekfi Yankah (2004: 797) ibsaniiru. Aadaa uummata Oromoo keessaa tokko kan ta’e sirba gubaa xomboraati. Gubaan xomboraa jiruufi jireenya Oromoo biratti sirna amantaa osoo hintaane guyyaa sirna gammachuu ofii itti ibsan, guyyaa dardarriifi shamarran jaalalaaf kan wal arganiifi kennaa jaalalaa kan waliif kennanidha. Gubaa dura torbaan lamaa hanga sadiitti shamarraniifi dardarran galgala galgala wal gahanii sirbuun wal mararsiifatu jaalala waliif ibsu. Sirna gubaa boodas, turban tokkoo oliif dargaggoonniifi shamarran sirboota qabiyyeewwan adda addaa of keessaa qabu sirbuun dhaamsa jaalalaa waliif dabarsu.
  • 13. 2 Kaayyoon sirba gubaa xomboraa kanaas dhoqqeefi bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa birraatti cehuudhaaf gammachuu ofii kan itti ibsatanidha (Filee Jaallataa 2016:155). Sirbi gubaa xomboraa waggaatti al tokko kan ayyaaneffatamuufi dhugeeffannoo guddaa Oromoo biratti akka qabu Fiixee Birrii (2013:257-25) addeesseera. Ayyaanonni kunis yoomessa mataa isaa danda’e irratti hundaa’anii akka raawwatan beekamaadha. Kabaja ayyaanotaa keessatti immoo, eebbi, faaruuwwan, uffanni, nyaanni adda addaa miidhaginaan waan dhiyaataniif miira namaa harkisuun yaadannoo sammuu namaa keessaatti akka uumamu taasisuuf qooda guddaa qaba. Sirbi gubaa xomboraa yeroo durii uummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabu ture. Haata’u malee, yeroo ammaa kana sababa ilaalchaan, babal’achuu amantaalee, ilaalcha ammayyummaa adda addaan irraa kan ka’een laafaa dhufee jira. Sirbi gubaa xomboraa kun akka hin laafneefi akka hin bannee qorannoo irratti gaggeessuun galmeessanii dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadh. Kanaaf, qoratichi fuulleffannoo qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa haala qabatamaa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuun ergaa irratti xiyyeeffatee gaggeeffameera. Aana kana keessatti qorannoon waa’een sirba gubaa xomboraa bal’inaa qoratamuu dhabuun qaawwa qorannoo kanaa ta’eera. Sirbi gubaa xomboraa dur bal’inaan akka sirbamaa tureefi yeroo ammaa immoo. Laafaa dhufuusaa maanguddoonni ni dubbat. Sirba gubaa xomboraa kun ayyaana guddaafi kabaja kan qabu ta’uusaa maan guddoonni Oromoo aanichaa ni dubbatu. Akkasmas, ayyaana kana sababeeffachuun aadaan wal gargaaruu, wal iyyaafachuu, sirni kaadhimmachuu, wal gargaaruufi kan kana fakkaatantu raawwatu.Yeroo ayyaana gubaa xomboraa kanneen akka: sirboota jala bultii, loon bakka adda addaa jiran gara qe’eetti deebisuu,muka jiidhaa gosa adda addaa kan akka,Laaftoo,Makkanniisaafi Naffuroo muruun daamaruu, nama walloole araarsuu, xombora qopheeffachuufi kan kana fakkaatanfaatu haga guyyaan xoborri gubamutti kan raawwatamanidha jechuun maanguddoonni dubbatu. Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa maalummaa,eenyummaa,aadaa, safuu,duudhaafi kanka fakkaatan hawaasaa ibsuu keessatti qoodni inni qabu salphaa miti.Sirba kana keessatti aadaa,amantiin, haalli nyaataa, uffanniifi qophiin sirbaa gammachuufi yaada ofii calaqqisiisuuf waliigala jiruufi jireenya hawaasaa tursiisuuf faayidaan sirbi qabu ol aanaadha.Kun immoo, itti fufinsaan akka jiraatu gochuuf qorannoo irratti adeemsisuun bu’aa
  • 14. 3 isaa ibsuun barbaachisaadha. Qorannoon sirba gubaa xomboraa aanicha keessatti gaggeeffaman bal’inaan hin jiran. Kanaaf, sirba xomboraa hir’achaa dhufe kana qorannoon cimsuun kan harca’ee jiru immoo, walitti qabuu,kan jiru kunuunsanii itti fayyadamuufi dhaloonni akka itti fayyadamu taasisuudha. Kana irraa kan ka’e srba xomboraan walqabateen qorachuun bu’aa isaa ifa baasuun barbaachsaadha. Qorannoon kunis qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuun ergaan isaa ibsameera. 1.2. Ka’umsa Qoranichaa Afoolli aadaa, duudhaa falaasamaafi sona hawaasaa baatee kan jiru yoommuu ta’u afaaniin dhalootaa dhalootatti waan darbuuf adeemsa keessa jijjiiramni irratti mul’achuufi baduu danda’a. Akka Fedhasaa (2013:49) Finnegan (1970) wabeeffachuun eeruttis, afoolli baattuu aadaa afaaniin dhaloota qaqqabudha. Sirbi gubaa xomboraas, aadaa uummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabudha. Qrannoo tokko gaggeessuuf sababoonni nama kakaasan jiraachuu qabu. Aadaawwan jiran keessaa qorannoon kun kan irratti gaggeefame sirba gubaa xomboraa irratti. Kaafuu, qorannoo kana adeemsisuuf qorataan ka’umsa godhachuun qorannoo kan gaggeesse : inni tokkoffaan, dagatamaa dhufuu isaafi isa duraanii irraa hir’achaa dhufuu sirba gubaa xomboraati. Akkaan maanguddootaafi haawwan irraa dhagahetti bara durii sirbi gubaa xomboraa seera aadaa eeguun bal’inaan kan sirbamaa turedha.Kunis kabajni ayyaanichaa turban lamatu hafa jedhamee dargaggoonnifi shamarran galgala galgala walti yaa’uun sirbu. Kun yeroo ammaa hir’achaa dhufeera.Kun immoo, sirba gubaa xomboraa irratti haala ammayyaatiin qorannoon irratti gaggeeffamee galmaa’ee taa’uu baate dagatamuu bira darbee baduuyyuu ni danda’a. Kanaaf, sirba gubaa xomboraa dagatamaafi sadarkaa hir’achuu irra ga’e badisa irraa oolchuuf qorataan kun ka’umsa qorannoo kanaa godhateera. Fakkeenyyaf sababoonni akka dagatamuufi hir’atu kan godhan, haala yeroofi dhiibbaa, siyaasaa, ammayyummaa, amantiilee, yeroo dhiyoo biyya keessa galaniin kaayyoon, yoomessiifi irraa jalummaan barsiisuu yeroo ammaa kana aanaa kana keessatti akka dagatamu warreen taasisanidha. Keessumaa namoonni amantiin walqabsiisanii aadaan sirba gubaa xomboraa keessatti sirbi gubaa akka baduuf sababa ta’aniiru. Gama birootiin immoo, yoo ilaalame dhaloonni ammaa kun qaroominaaf
  • 15. 4 hiika sirrii kennuu dhabuudhaan waan qaroominni aadaa malee qofaa isaa socho’uutti aadaa dagachuun amantiifi qaroomina qofatti hiikkachuudha. Dagatamaa dhufuusaa qorqtichi waa’ee, sirba gubaa xomboraa aanicha keessa jiru haala akkamiirra akka jiruufi sirboonni dargaggoonni wal ga’anii sirban dhabamaa deemuu isaa waan beekuuf qorannoo kana irratti gaggeesseera. Kana irraa kan ka’e aadaan hawaasichaa du’aa deemuun safuufi barsiifanni hawaasichaa bade jira. Inni lammafaan sirbi gubaa xomboraa kun sirna barnnootaa keessattis xiyyeeffannoon itti laatamuu dhabamuu. Xiyyeeffanno dhabuusaa yeroo sakatta kitaabilee taasise keessatti bal’inaan dhibuu.Akkasumas, barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan bal’inaan akka hin mul’anne dubbatu. Kanamalees, qorannoowwan dhimma qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa waliin walitti dhufeenya qaban dhiyaataniiru.Kanaaf, kan mata dure kana duukaa walfakkaatu ilaalamaniiru. Haaluma kanaan qorataan qorannoo kana waraqaalee qorannoo garaagaraa kanaan dura hojjetaman sakatta’uudhaan waraqaalee qorannoo kana waliin walitti dhufeenya qaban jedhamee yaadame hala armaan gadiin ibsamee jira. Qorannoo Tigistin(2008) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti gaggeeffame xiinxala raawwii sirna ayyaana gubaa kormaa jedhu irratti gaggeeffame. Qorannoon qorataan kun irratti gaggeesse immoo, qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aana Jaardagaa Jaartee irratti gaggeeffame. Kanaaf,tokkummaan mata duree qorannoo kana duukaa walfakkaatu, sirba gubaa xomboraa,kabaja yeroo ayyaanichaati. Akkasumas, tokkummaan isaan gidduu jiru waqtiilee walfakkaataa keessa kabajamuu, gosa afoolaa keessaa sirba guba xomboraa ta’uusaati. Garaagarummaan isaaniis, waraqaan qorataa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Oromoo Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee kan qaaccesse yoo ta’u, qorannoon kun immoo, xiinxala raawwii sirna ayyaan ibsaa kormaa irratti kan xiyyeeffatedha. Inni biroon ammoo, garaagarummaa qabiyyee, weelluu yokaan sirbi isaafi haalli raawwii isaa tokko miti. Kana malees, sirna gubaa xomboraa irratti kan hirmaatu kan Aanaa Dirree Incinnii dhiira qofatu kan irratti hirmaatu yoo ta’u, kan Aanaa Jaardagaa Jaarteetti immoo, shamarranis gubaa xomboraa irratti ni hirmaatu.Garaagarummaan kun qaawwa qoraannoo kanaaf mul’atanidha.
  • 16. 5 Qorannoon inni biroon immoo,qaaccessa qabiyyee sirba ayyaana masqalaa Oromoo Godina shawaa Lixaa Aanaa Tokkee kuttaayee Taaddelaa(2017) gaggeeffameera. Ka’umsi qorannoo kanaa masqalli aanaa kanatti fulbaana keessa kabajamaa jiru yeroo ammaas yeroo kana akka kabajamaa jiru adda baafachuudha. Kana malees, waantoota masqalaan wal qabatan kanneen akka meeshaalee, raawwii gochootaa, kadhannaa,abaarsaafi sirba waantoota achi keessatti jiran qaaccessuu kan jedhu ka’umsa godhatee qorannoo gaggeesse. Tokkummaan qorannoo kana keessa jiru, sirboota qaaccessuufi yeroon kababaja gubaa xomboraa fulbaana keessa raawwatamuun tokko isaan godha. Garaagarummaan qorannoo kana gidduu jiru: ka’umsi qorannoolee kanneenii adda addummaa qabaachhsaati. Ka’unsi qorannoo Shawaa Lixaarratti gaggeeffame yeroo kabaja masqalaa adda baasuu, meeshaalee yeroo san tajaajilan adda baasuufi akkaataa raawwi ayyaanichaa kan hammatudha.Qorannoon kun immoo,Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee irratti qaaccessa ergaa sirba gubaa xommboraa irratti gaggeeffame .Kanaaf, akkaataa sirboonni itti sirbaman garaa garummaan isaan gidduu jira. Haala qabatamaa yeroo ammaa keessa jiru yoo ilaallus, sirbi gubaa xomboraa uummata aanaa Jaardagaa Jaartee biratti adeemsa duraan sirbi yeroo gubaa sirbamu sirbamaa jira osoo hin taane laafaa dhufeera. Akka yeroo duriitti sirbamaa akka hin jirre maanguddoonni odeeffannoo irraa argadhe ni dubbatu. Qoratichis sirbi gubaa xomboraa laafaa dhuufuu isaafi namoonni yookiin dargaggoonni sirban dhabamaa deemuu isaa qorannoo kana yeroon gaggeessu keessatti dargaggoonni walaloosaa walaleessuu dadhabuufi hin beeknu kan jedhantu baay’inaan argame. Walumaa galatti sirbi ayyaana gubaa xomboraa aanaa kana keessatti irraanfatamuufi badisa jala waan jiruuf qorannoon irratti gageeffamee galmaa’ee taa’uu qaba. Kanaaf, qoratichi ka’umsa qorannoo kanaa erge adda baasee booda ragaalee sassaabbachuun rakkoolee sirbi kun akka hir’atu taasisan akkaataa furmaata argachuu danda’uun walti qabuun qaacceffamaniiru. Sirbi gubaa xomboraa uummaticha biratti dhugeeffannoo guddaa qabu kun ergaa isaafi faaydaa inni qabu dhalootaaf dabarsuuf qorannoon saayinsawaa ta’een galmeeffamee taa’uu qaba. Kanaaf, waa’ee sirba gubaa xomboraa maanguddootaafi hawwan irraa sassabamee ergaansaa akka qaacca’u taasifameera.
  • 17. 6 Bu’uuruma kanaan qorataan ergaa Sirba gubaa Xomboraa Oromoo, Godina Horroo Guduruu keessatti kan Aanaa Jaardagaa Jaartee dhiyeesse. Kanumatti fufuun qorannoon dame fookiloorii keessa tokko kan ta’e kun qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee maalummaa sirba xomboraa, ergaan isaa, faayidaa sirba xomboraa qaacceffameera.Amma qorataan kun sirba gubaa xomboraa aanaa kanaa badaa waan dhufeef qoratichi qorannoo isaa mata duree kana irratti adeemsise. Kana irraa ka’uudhaan qorataan gaaffilee qorannoo kanaa gaditti deebii argachuu qaban jedhu murteesseera. Bu’uuruma kanaan qorannoon kun gaaffilee qorannoo kanaan gaditti dhiyaataniif deebii argateera. 1. Sirbi gubaa xomboraa, Godina Horroo Guduruu, aanaa Jaardagaa Jaartee ergaa akkamiifaa uummatichaaf dabarsa? 2. Sirboonni gubaa xomboraa dura sirbamaniifi gubaa booda sirbaman ergaa akkamii qabu 3. Sirboonni warri shamarranii sirban ergaawwan akkamii dabarsa? 4. Dhaloonni yeroo ammaa kun sirba gubaa xomboraa irratti hubannoofi ilaalcha akkamii qabu? 1.3. Kaayyoo Qorannichaa 1.3.1. Kaayyoo Gooroo Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee qaaccessuu irratti xiyyeeffata. 1.3.2. Kaayyoo Gooree A. Sirbi gubaa xomboraa, Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee ergaa akkamii uummatichaaf akka dabarsuu qabu himu. B. Ergaa sirboonni gubaa xomboraa dura sirbamaniifi gubaa booda sirbaman maal akka ta’an himu.
  • 18. 7 C. Sirboota warri shamaranii sirban ergaa akkamii akka qabu himu. . D. Dhaloonni yeroo ammaa sirba gubaa xomboraa irratti hubannoofi ilaalcha akkamii akka qaban ibsu. 1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa Qorannoon kun qaaccessa ergaa sirba gubaa xomboraa irratti xiyyeeffata. Qaaccessi ergaa sirba yeroo gubaa xomboraa aadaafi duudhaa hawaasa tokkoo haala nama hawwatuun ergaa barbaachisaa ta’e kan dabarsuufi haala jiruufi jireenya hawaasichaa kan ibsudha. Kanamalees, waliin jireenya yookiin hawaasummaa, duudhaafi safuu barsiisuu keessatti ergaan inni qabu labata ammaa jiruuf humna cimaa qaba. Kanumaan wal qabatee qorannoon kun faaydaalee armaan gadii qaba.Inni tokkoffaan barbaachisummaan qorannoo kanaas namoota yookiin dhaabbilee bal’inaan mata duree kana irratti qorannoo gaggeessuu barbaadaniif ka’umsa ta’a. Inni lammaffaan immoo, beekumsa, falaasama hawaasichi sirba gubaa xomboraa irratti qabu galmeessanii kaa’uun labata ammaa barsiisuufi aadaasaa hubachiisuu danda’a. Akkasumas, namoota waa’ee afaanichaa barataniifi barsiisan akka madda ragaatti tajaajiluu danda’a. Waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaatti madda odeeffannoo ta’ee tajaajila. Gumii dagaagina afaanii, aadaafi ogbarruu Oromoo mana barumsaa keessatti dhaabbatee jiruuf burqaa odeeffannoo ta’ee gargaara. 1.5. Daangaa Qorannichaa Akkuma hawaasni Oromoo baay’ee bal’aa ta’e duudhaan isaas akkasuma bal’aadha. Kanarraa kan ka’e duudhaa hawaasichaa mara irratti qorannoo gaggeessuuf waan hin yaadamnedha. Sababni isaas haalonni adda addaa kanneen hanqina yeroo, hanqina baajataafi kan kana fakkaataniin waan daangeffamanidha. Kanaafuu, qorataan kun qorannoo isaa gosoota duudhaalee hawaasa oromoo jiran keessaa qaaccessa ergaa ayyaana sirba gubaa xomboraa yoo ta’u, bakki qorannoon kun itti gaggeeffame immoo, naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee gandoolee kan akka, Saggoo, Harbuu Nagaasoo, Irroo, Sonboo Kumii,irratti xiyyeeffateeti. Sababiin gandoota kana filadhhiifis Waajjrri Aadaafi
  • 19. 8 Turiizimi odeeffannoo gahaa waa’ee sirba gubaa xomboraa gandoota kana keessa bal’inaa akkaan argachuu danda’u kallattii waan naqaqabsiisaniif gandoonni kun filataman. Mata duree kana jalattis qaaccessi ergaa sirba gubaa xomboraa, maalummaa isaa, yoomessa hirmaattotaafi halduree ayyaanichaafi ayyaanichaan booda gochaalee yeroo gubaa xomboraa raawwataniifi dhugeeffannoo hawaasa keessatti ayyaanichaan wal qabatanii hojjetaman ilaalamee ergaansaa qaacceffameera.Sababni sirba gubaa xomboraa kana filadheef sababa hiradhachaa dhufeef. Isaan keessaa xiyyeeffannoon qorannoo kanaa sirboota gubaa xomboraa ilaallataniifi kan ayyaana gubaa duukaa wal qabatanii raawwatan kan akka, gubaa daamaraa, nyaata yeroo san qophaa’u, gochoota jalqabaa haga dhumaatti raawwataman wal duraa duubaan dhiyaataniru. xombora qabsiisuun gara xombora gubuutti deemuun xombora gubuutu raawwatama. Erga xomborri gubamee booda dargaggoonniifi shamarran sirba adda addaa torbaan tokkoof sirbama.Bakki sirbi kun itti sirbamu bakka gubaan xomboraa itti raawwatametti daangeffamee kan sirbamudha.Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa kun adeemsa akkamii keessa akka darbuufi sirbi yeroo gubaa sirbamu uummatichaaf faayidaa akkamii akka qabu xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. 1.6. Hanqina Qorannichaa Akkuma beekamu hojiin tokko yoommuu hojjetamu guutummaa guutuutti hanqina tokko malee, kan xumuramu miti. Sababiin isaas yeroo hojii tokko dalaguuf yaalamu danqaawwan nama mudachuu danda’an jiraaatu. Haaluma kanaan qorannoon kun yeroo gaggeeffamutti hanqinaalee garaa garaatu qorataa mudatee jira. Isaanis, hanqiinni kitaaba waa’ee sirba gubaa xomboraan wal qabate bal’inaan dhibamuun odeeffannoo bal’aa ta’e dhabuun rakkisaa ta’uusaati. Inni lammaffaan immoo, naannoon qorannoon kun itti gaggeeffame dhmma nageenya biyyaan naannoon sun komaand poostii yookaan to’annoo waraanaan waan bulaa jirtuuf bakka tokkotti nama lama sadi ta’anii mari’achuuf waan sodaatamuuf odeeffannoo argachuuf ulfaataa ture. Hanqinni inni sadaffaan immoo, Babal’achuu amantiilee irraa kan ka’e namoonni of kennanii odeeffannoo kennuu irraa of qusachuu, namoonni baay’inaan amantaaleetiin liqinfamuu irraa kan ka’e nama odeeffannoo dhimma qorannoo kanaa irratti bal’inaan beekan argachuun rakkisaa ture.
  • 20. 9 Akkasumas, waajjirri Aadaafi Turiizimii aanichaa irraa waa’een sirba gubaa xoboraa uummata keessaa walitti qabame dhibamuu irraa odeeffannoo cimsachuuf dhabamuudha. Haata’u malee, tattaaffii qorataan taasiseen ragaaleen barbaachisoo ta’an funaanamanii qorannoon kun galma ga’uu danda’eera. Gama namoota odeeffannoo kennuuf of qusatan hamma danda’ametti yeroo fudhachuun namoota aadaa isaaniitti boonaniifi ammallee itti fayyadamaa jiranitti barbaaduun odeeffannoon akka funaanamu ta’eera. 1.7. Qindoomina Qorannichaa Qorannoon kun ergaa sirbi gubaa xomboraa uummata Oromoof qabu qaaccessuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, qorannichis boqonnaalee garaa garaatti qoodamee dhiyaatee jira. Haaluma kanaan, boqonnaa tokkoffaan seenduubee, ka’umsa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa, hanqina qorannoofi haala jireenya hawaasa naannoo qorannichaa of keessatti hammata. Boqonnaa lammaffaan immoo, yaada hayyoonni dhimma qorannoo kana duukaa walitti dhufeenya qabu ilaalchisee jiru sakatta’uun bakka itti dhiyaatedha. Boqonnaa sadaffaan mala qorannichaa kan qabatu yoo ta’u, boqonnaan arfaffaan immoo, ragaalee jiran dhiyeessuu, qaaccessuufi ibsuu qabata. Boqonnaa shanaffaafi inni dhumaa, cuunfaa, argannoofi yaboo of keessatti hammata.
  • 21. 2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII Boqonnaa kana keessatti yaadawwan bektotaa mata duree faaruuwwan adda addaafi sirboota aadaatiin wal qabatan ni ilaalamu. Kunis waa’ee ogafaan sirba mata duree adda addaatti qoqqooduudhaan kan ilaalaman ta’u. Yaanni hayyoota garaa garaa kan mata duree kana caalaatti ibsan bal’isaniifi deeggaran ni ka’u, dabalataanis, yaadawwan mata duricha caalatti gabbisu jedhamanii yadaman, yaada beektotaatiin deeggaramuun mata dureewwan garaagaraatti qoqqoodamuutiin akka armaan gadiitti lafa kaa’amaniiru. 2.1. Dayeessa Tajaajil (Yaadiddama) Akka (Okpewho, 1992: 86) ibsutti dayeessi tajajilaa hayyoota xiin maddaatiin kan madde ta’ee og-afaan aadaa hawaasaa keessatti akkamitti akka tajaajilu qorachuun bu’uura kan godhatedha. Hayyoonni xiin maddaa og-afaan gama tajaajila inn aadaa hawaasaa keessatti hawaasaaf qabuutiin qoratu. Fakkeenyaaf hurruubbii hawaasa tokkoo kan qoratan aadaa hawaasa sanaa keessatti akkamittiifi maaliif akka tajaajiluufi maal akka agarsiisu akkasumas, bu’aa inni hawaasichaaf qabu irratti hundaa’uuni (Dorson, 1972:21). Gama biraatiin dayeessi xiinmaddaa akka Imaanaan, (2007:9) Dorson (1963) eeruun ibsetti dayeessa qabiyyee, tajaajilafi akkaataa ogbarruu tokko irratti xiyyeeffatudha. Dayeessi kun qabiyyee faaruu ayyaana gubaa xomboraa ibsuuf ni tajaajila. Akkaataa bifa ogbarruu tokkoos ni ibsa. Kanneen keessaa tokko unkaa jalqabaafi xumura og-afaan tokkoo ibsuuf barbaachisaadha. Kunis dayeessi xiinmaddaa qabiyyee faaruufi faayidaa isaa ibsuuf tajaajila. Walumaagalatti dayeessonni kunneen qorannoo kanaaf bu’uura yoo ta’u ergaaleefi sonawwan sirba gubaa xomboraa Oromoo keessa jiran ibsuun ergaasaa qaaccessuun hojii guddaa qorannichaa ta’a. 2.2. Dayeessa Caasaa Dayeessi kun dirree qorannoo xiinwaasaatiin walqabata. Dayeessi caasaa dayeessota adda addaa walitti fiduudhaan wayee aadaa hawaasaa qorata. Akka (Okpewho, 1992, 132). Caasaa og-afaan hawaasaa irratti hundaa’uudhaan seenduubee hawaasaa qorata. Waa’ee dayeessa
  • 22. 11 kanaa (Imaanaan, 2007:56) Dorson( 1963) wabeeffachuun akka ibsutti, dayeessa caasaa fookiloorii yeroo dhiyoo keessa afeewwan ogeeyyii xinqooqaatiin kan bu’uureffamedha. Akka dayeessa kanaatti caasaan ogafaanii, fakkeenyaaf afee ogwalaloo tokkorratti walitti dhufeenya yaada sararoota adda addaa gidduu jiru qaaccessuu, ergaa ijoo ibsuufi walaloo sana qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Dayeessi kun qorannoo kana keessatti ergaa sirba gubaa xomboraa qaaccessuuf tajaajila. 2.3. Yaadrimee Sirbaa Maalummaa sirbaa ilaalchisee beektonni kallatti adda addaan hiika garaagaraa kennaniiru. Fedhasaa (2013:52) sirbi walaloo yeedaloon sagaleeffamu ta’ee sochii qaamaa yookiin hurruubbii waliin deemudha jedha.Sirbi karaa uummanni barsiifata duudhaa, amantaa, sirna,waaqeffannaa gadda, gammachuu, ittiin ibsatudha. Sirbi karaa uummanni ittiin barsiisuufi dhaloota itti aanutti ittiin dabarsudha. Kiputy (1983: 98) yoo ibsu sirbiifi walaloon afoola, falaasama, amantaa, safuufi guddina hawaasaa kan calaqqisiisudha. Akkasumas,Fedhasaan(2013:34) Okpewho(1992) wabeeffachun afoolli Afrikaa gosoota gurguddoo sadiitti akka qoodamu ibsee jira. Isaaanis: seeneffama afoolaa,walaloo afolaa(oral poetery)fi qareeyyii(witszim) jechuun ibeera. Gooroo kana keessaa sirba gubaa xomboraa waliin kan walitti hidhata qabu walaloo afoolaati. Afoolicha jalatti immo, kan hammataman sirbadha. Dabalataanis, Wouben(2002) Sharmoo (1060) wabeeffachuun eeretti sirboonni tooftaa ilmi namaa odeeffannoo ittiin dabarfatuufi argatu keessaa waan tokkodha. Kanarraa ka’uun sirboonni wal qunnamtii hawaasaaf oola jechuudha. Gama biroon Marriam (1964:30) sirboonni yaada beekumsaafi kankana fakkaatan ibsuudhaaf miira namaa kakaasanii bilisa akka ta’an taasisa.Sirbi waantoota sirbamuuf irratti hundaa’ee bakka hedduutti qoodama. Fedhasaa(2013:53) akka barreessetti “ Sirba jaalalaa, sirba hojii, sirba cidhaa, sirba ajjeesaafi kankana fakkaatandha. Sirbi ayyaana masqalaas gosootuma kana jalatti kan hammatamu ta’a. Sirbi amala muuziqaa qabaachuun beekama, Dabalees,sochii qaamaan dhaggeeffattoonni irratti hirmaataniin tumsama.Kan hunda caalaa adda isa taasisu garuu, sochii qaamaa hirmaattonni mul’isaniifi meeshaalee muuziqaan marfamuu isaati. Sirbi waantoota lama of
  • 23. 12 keessaa qaba. Isanis: walaloo isa gara gurra namaa dhufuun dhaggeeffatamuufi jechaan darbu sochii qaamaa walaloo weellifamuu waliin deemudha. Sochiin kunis mormaan, miillaan, harkaan yookiin qaama hundaan ta’uu danda’a. Gabaabumatti sirbi gochaafi jechaan kan sirbamudha. Kana malees, Nagariin (1995:4) Homanin (1992:449) wabeeffachuun sirbi yeroo baay’ee gabaabaafi salphaatti kan namaa galu, kan miira namaa kakaasuufi waan keessa namaatti dhaga’amu ta’uusaa ibseera. Akka yaada kana irraa hubatamutti sirbi walaloo kan qindaa’e ta’ee yeedaloo kan qabu, miira namaa kan hawwatu sochii qaamaan deeggaramee miira namaa qirqirsa. Oromoon sirboota garaagaraa sirbuudhaan aadaa, duudhaa safuufi kkf. kan ittiin ibsatudha. Akkasumas,Sirba Jechi “sirba” jedhu kun sochii qaamaa akka ta‟eetti beekkamuu danda‟a. Haa ta‟uu malee, sochii qaamaa osoo hintaane walaloo yeedaloon sagaleeffamee hurruubummaan dhugoomuudha. Sochiin qaamaa garuu sirba osoo hintaane maqaa ittiin beekkamu qaba. Innis, hurruubbii jedhama. Naannoo oromiyaa keessattis hurruubii gosa adda addaatu argama. Akka fakkeenyaattis shaggooyyee, dhiichisa, mirrisa, geelloo, kumkummeefi kankana fakkaatan maqaa dhahuun nidanda‟ama (Fedhasaa 2013). Ergaa sirbi walaloo yeedaloon weelliifamu yemmuu ta‟u, sochiin qaamaa immoo hurruubbii yeedaloo sana wajjiin deemudha. Kanaafuu sirbi hurruubbiin walqabata jechuudha. Sirbi dhimma sirbamuuf irratti hundaa‟uun gosoota adda addaatti qoodama. Gosti kunniinis: Sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirba hojiifi kkf dha. Qoqqooddiin kunis, waan inni sirbamuuf irratti bu‟uuruun raawwatama. Kunis, dhimma jedhamuuf sanaan walqabachuun waltajjii sirbamuun dhugooma. Kana malees, sibootni kun yoomessa keessatti sirbamanis niqabu jechuudha. Akka aadaa Oromootti ‘dubartiin hin geerartu ‘jedhama. Dubartoonni geeraruu baattullee, goota Oromoo ni faarsu ni jajjabeessu, akkasumas, dabeessa arrabsuun ni kakaasu. Seenaa aadaa Oromoo keessatti dubartoonni bakka guddaa qabu. Kunis, dhiirota faarsuun kakaasuun onnachiisu. Yeroo lolli baay’ee hammaates, hamma hidhatanii loluutti ni gahu jedhama. Kana ta’ullee garuu, gahensaanii inni guddaan weedduun yookiin sirban kakaasuufi jajjabeessuudha. Sirbi kan dubartoota qofaa osoo hintaane dhiironnis ni sirbu. Kunis kan ta’u keessumaa yeroo
  • 24. 13 hojii tokkorratti milkaa’inni argame dhiirriifi dubartiin waliin ta’uudhaan sirbanii kan milkaa’ee gale faarsu. Geerarsiifi sirbi garaagarummaa ni qabaata. Faaruufi sirba dubartoonni sirban yookiin faarsan yoo ta’u faaruu yookaan sirbi dhaadannoo osoo hintaane goota faarsuudha. Kanaan wal qabiisanis (Asaffaa 2004:85) Mohammediin wabeeffachuun akkana jedhu: hawaasni Oromoo firoota isaanii goota turan kaasuutiin ittiin jajatan yoo ta’u, faaruun immoo kan gootichi ittiin of faarsu jechuun ibsa. 2.3.1. Faayidaa Sirbaa Sirbi ergaalee garaagaraa okeessatti waan qabuuf, haala tokko qofa keessatti kana jedhanii kaa’uu nama rakkisa. Sababiin isaas sirbi haala hawaasni tokko keessa jiruun kan ibsamuufi qabiyyee yeroo sanii ibsuu barbaade irraa ka’uun dhiyaachuu ni mala. Harwood (1976:529- 530) faayidaaleen sirbaa mallattoolee haala qooda fudhattoonniifi dhageeffattoonni itti hiikaniin sadarkaa aadaa hawaasaa ibsuun, sirba sirbamuuf sanaan kanaan kan ifuufi haala dhugeeffattoonni addunyaa naannaa isaanii akka waliigalaatti itti hubataniin ta’uu ibseera. Faayidaa sirbaa ilaalchisee Taammanaa (2003:31) sirba nama dhuunfaadhaan waantoota hawaasa isa keessa jiru fedhii namaafi rakkoolee isa mudatuuf kan sirbamuufi maalummaa isaa ittiin ibsatu ta’uu ibsa. Sirboonni yaada beekumsaafi kkf. ibsuudhaaf miira namaa kakaasanii bilisa akka ta’an taasisu jechuudha. 2.3.2. Gosoota Sirbaa Akka (Fedhasaa 2013) jedhutti,”Sirbi dhimma sirbamuuf irratti hundaa’uun gosoota adda addaatti qoodama. Gosoonni kunniin: sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirba hojii, sirba ayyaanota adda addaafi kanneen kana fakkaatan fa’i. Qoqqooddiin kunis, waan inni sirbamuuf irratti bu’uuruun raawwatama. Dhimma jedhuuf sanaan wal qabatee waan sirbamu dhugoomsa” jedha. 2.4. Malummaa Sirba Gubaa Xomboraa Sirba gubaa xomboraa irratti sirboonni kanneen akka, hayyaasee, dareekoo, birroolewoo, korreekoo, kololeekoo, fi kan kana fakkaatan dargaggoonniifi dargaggoonni shamarraniifi
  • 25. 14 dargaggoonni wal jalaa qabuun galgala galgala walga’anii kan sirbanidh. Uummanni Oromoo sirba ayyaana xomboraa gubaa ibsaa jedhaniis ni waamu. Dirribiin (2012:75) ayyaanni masqalaa ‘ammas-qalaa’ jedhu irraa akka dhufe addeesseera. Kanas akka ragaatti kan inni kaase, yeroo ayyaana masqalaa namoonni hedduun qirca qaluun waliin kan nyaatan uummata Oromoo biratti guyyaa ammaa amma qalan waan ta’eef sana irraa akka moggaafame ibsa. Hawaasa Oromoo biratti ayyaanni sirba gubaa xomboraa baatii Fulbaanaa keessa waggaatti altokko raawwatama. Ayyaanni kun bakka adda addaatti maqaa garaagaraa qaba. Iddoo tokko tokkotti ibsaa gubaa, masqala, xombora jedhamee beekama. Kanas,(Dirribiin 2009) (WDOn2006)fi Filee(2016:155) sababa uummanni Oromoo Masqala kabajuuf qabu ilaalchisee akka barreessanitti uummanni ganna gurraacha dhoqqeefi bacaqii irraa gara ifaafi booqaa birraatti ce’uudhaaf gammachuu ofii kan ittiin ibsatan ta’uusa ibsaniiru. Kaayyoo uummanni Oromoo ayyaanni masqalaa yeroo ayyaaneffatuuf ilalchisee Balaay (2007:130) akka barreessetti “Uummanni Oromoo ayyaana kana seenaa kirstaanummaa ittiin yaadata. Kunis fannoo Gooftaa Iyyesuus yaadachaa kan kabajudha” Hayyoonni seenaa uummata Oromoo beekan yaada kana ni mormu. Fakkeenyaaf, Filee (2016:114)fi (Dirribii2009) yaanni kun dogoggora jechuun mormu. Sababni mormii isaaniis, uummanni Oromoo ayyaana gubaa kana dhaloota Kirstoosiifi fannifamuu Iyyesuus Kiristoosiin dura jaarraa hedduudhaaf kabajaa akka tureefi kiristaanummaan gara Oromiyaa kan seene yeroo dhiyoo ta’uusaa ragaa guddaa godhachuun mormu. Haaluma kanaan uummanni Oromoo durii jalqabee amantiin inni hordofaa ture amantii Waaqeffataa ta’ee Waaqa tokkotti kan amanuufi har’allee bakka tokko tokkotti Oromoon bu’uura amantii waaqeffataa durii kanneen qabatanii jiran raga guddaa ta’uu danda’a 2.4. 1.Sirba Ayyaana Gubaa Xomboraa Sirboonni ayyaanota hedduun yoo jiraatan sirboonni ayyaanota kanneeniif sirbamu maqaa ayyaanichaatiin kan waamamudha. Sirboota ayyaana kanneen ta’an keessa sirbi gubaa isa tokkodha. Waa’ee sirba masqalaa William (1968:178) yoo ibsu ayyaanni masqalaa guyyaa gammachuu, guyyaa bashannanaa, guyyaa nyaataafi dhugaatii, guyyaa namatti tolee gammadaa oolaniifi guyyaa fannoo itti argame guyyaa yaadannooti. Ayyaanni sirba gubaa
  • 26. 15 xomboraa dhoqqeefi bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa birraatti cehuudhaaf gammachuu ofii kan itti ibsatanidha.Sirni gubaa kun gosoota Oromoo adda addaa biratti haala adda addaan qaama hawaasa adda addaan kabajama. Fakkeenyaaf, Oromoo Maccaa biratti dubartoonni ibsaa yoommuu guban Oromoo Tuulamaa biratti immoo, dhiira qofatu guba (Filee Jaallataa 2016:155). Guyyaan gubaa xomboraa kun yeroo habaaboon daddaraaree bakkeen mimmiidhagee kan gadde gammadee itti ooludha. 2.3.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa Qorannoo afoolaa haala hawaasummaa dhugaa afoolichaa keessatti raawwatamuufi faayidaa inni walitti dhufeenya hawaasaaf qabu irratti xiyyeeffachuu qaba. Ben Amos (1972:10) kana irraa waanti hubatamu yoomessi dhugaa qindeeffamuu afoola hedduu jiran hunda osoo ilaalle hundumtuu bakkaafi yeroo itti raawwataman kan mataa isanii danda’an qabu jechuudha. Yoomessi weedduu sirba gubaa yeroofi bakka weedduun sirba gubaa itti weeddifamu kan ilaaludha. Akkasumas, haala hurruubummaa weedduu xomboraa waliin illee wal qabata. Sirbi gubaa xomboraa waggaan yeroo baatii Fulbaanaa keessa yeroo murtaa’aaf kan sirbamu yoommuu ta’u, ayyanni xomboraa torbee lama yookiin torbeen sadii yoo hafu galgala galgala dargaggoonniifi shamarran erga hojii xumuranii booda walitti yaa’anii bakka ayyaanni kun itti ayyaaneffatamutti jalbultiin sirbama. Finnegan (2012:242) yoommu ibsitu sirbi shamarraniifi dargaggoonni iddoo beellama isaaniitti argamuun halkan ji’aan itti weellisan ta’uu isaa ibsiti. Filee Jaallataa (2016: 155) yoommuu ibsu gubaa dura turban lamaa hanga sadiitti dadarriifi shamarran galgala galgala walgahanii weelluu sirbaan walmararsiifatu, walfaarsu, jaalala waliif ibsu. Gaafa jalabultii gubaa bakka naannoo tokkotti bakka gubaan itti raawwatu mukee kanneen akka makkanniisaa, naffuroofi laaftoo falaxanii walitti hidhanii dhaabanii galuun barii naannoo sa’aatii kudha tokkoon booda xombora waliin gubu.
  • 27. 3. XIIN- MALA QORANNICHAA Qorannoo kana keessatti dhimmoonni xiyyeeffannoon ilaalaman dhiyaatina kanneen akka: mala qorannoo, madda ragaalee, adeemsa funaansa ragaaleefi filannoo akaakuuwwan ragaaleetu wal duraa duubaan dhiyaatu. Mala qorannoo aadaa hawaasaa waliin kan wal qabatu waan ta’eef qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun gaggeeffameera. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanaman af-gaaffii, mairii gareefi harshammee sakatta’uun ergaan sirbichaa qaaccessuu irratti fuulleeffachuun gaggeeffame. 3.1. Ibsa Naannoofi Uummata Naannichaa 3.1.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa Kutaa kana jalatti kan xiyyeeffannoon ilaalaman, baay’ina uummataa, afaan, daangaa, moggaafama maqaa, amantiiwwan, teessuma lafaa, diinagdee, qabeenya uummata Aanaa Jaardagaa Jaarteetu ibsameera. Aanaan kun maqaa Jaardagaa Jaartee jedhu kan argatte, akka aadaafi turiizimiin aanichaa maanguddoota umurii dheeraa qaban qoratee ragaa irraa argatetti jechi Jaardagaa Jaartee hiika lama qaba. Kanaafis, yaada adda addaatu kennameera. Yaanni inni tokko waraanni kan Dalee jedhamu kun Jaardagaa irraa gara Jaarteetti yookaan isa amma magaalaa Aliboo jedhamee beekamutti waraanaa dhufanii Jaartee weeraran. Yoommuu waraanaan magaalicha qabatan uummanni hundi baqatee magaala gadhiisee jaartiifi jaarsa qofatu hafe jedhama. Kanumarraa ka’uun loltoonni Dalee biyya kana jaartii malee namni biraan hinjiruu jedhan jedhama.Kanumarraa ka’uun biyyi kun Jaartee jedhamte jedhama. Inni biroon immoo, Akka joorsoliin biyyaa biroon jedhanitti, waa’ee Jaardagaa yoommuu himan bara durii aanicha keessa Dagaa sadiitu jiru turan. Isaanis; Iluu Dagaa, Guutaa Dagaafi Abbaa Dagaatu Jiraachaa turn. Kanumarraa ka’uun Jaardagaa jedhamee moggaafame jedhama. Jaardagaafi Jaarteen akka bulciisa tokkoon bulan gochuun kan walitti qabe namticha Urgoo Afasaa jedhamu ture. Kanuma irraa eegalee Jaardagaa Jaartee jedhamee bakka tokkotti moggaafamni kennameefii waliin buluu eegalan jedhama. Aanaan Jaardagaa Jaartee Godinaalee Oromiyaa keessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argamti. Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu duukaa aanaalee kudha lama qaba. Isaan keessaa aanaan Jaardagaa Jaartee ishee tokkodha. Aanaan Jaardagaa Jaartee gandoota
  • 28. 17 digdamii tokko qaba. Aanaan kun magaalaa godinaa irraa kiiloomeetira shantamii shan fagaatee argama. Magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa ammo, kiloomeetira dhibba sadiifi jaatamii sagal fagaata. Haalli daangeffama aanichaa immoo,bahaan aanaa Abbay Coommaniifi Horroo Bulluq, dhihaan aanaa Amuruufi aanaa Kiiramuu,kibbaan aanaa Horroo Bulluqqifi aanaa Abee Dongoroo, kaabaan mootummaa naannoo Amaaraan daangeffamee argama. Kana malees, haalli qilleensa aanaa kanaa baddaa, badda dareefi gammoojiitu argama. Irra caalaa haalli qilleensa aanaa kanaa badda dareedha. Haalli qilleensi baramaa aanaa kanaa baddaan 6%, badda dareen 75% fi gammoojjiin immoo, 20% yoo ta’u baay’inni uummatichaas, 87,724 kana keessaa dhiirri 43871 dubartoonni immoo, 43853 ta’an argamu. Baa’ina uummata aanichaa keessaa baa’inni uummata baadiyyaa jiraatanii 69574 kana keessaa dhiirri 34901 yoota’an dubartoonni 34678 dha. Baa’inni uummata magaalaa jiraatanii 18195 yoo ta’u kana keessaa dhiirri 8970 yoota’an dubartoonni immoo, 18195 tu jiru. Baa’ina uummata aanaa kana keessa jiraatuu kan sabaan yoo ilaalamu, Oromoon 90% Amaarri 10% dha. Amantiin uummanni aanaa kanaa hordofan pirotestaantiin 35%, Ortodoksiin 50%, Musuliimni 15%, Waaqeffataan %__dha. Gaafannoo Aadaafi Turiizimii 17/9/2011 harshammee sakatta’uun odeeffannoo argamedha. 3.1.2. Haala Jireenya Uummata Naannoo Qorannichaa Diinagdeen uummata Aanaa Jaardagaa Jaartee irra caalaan qonna irratti kan hundaa’edha. Gosti midhaanii aanaa kana keessatti oomishaman kan midhaan nyaataaf oomishaman, xaafii, qamadii, garbuufi boqqolloodha. Oomishni midhaan dibataa, nuugii, saliixa, talbaafi ija raafuu yoo ta’u oomishni mi’eessituu immoo, kororimaa, abasuudaafi zinjibiladha. Oomishni bunaa aanichatti oomishamanii buna Arabikaa yoo ta’u oomishni ittoof oolu baaqelaafi ataratu oomishama. Uummanni aanaa kanaa beelladoota adda addaa horsiisuutiin illee beekamaadha. Gosti beelladoota aanaa kanatti horsiifamaniis, horii gaanfaa, bushaayeefi kottee duudaan aanaa kanatti bal’inaan horsiifamu. Akka aanaa kanaatti namni tokko loon dhibbifnaan yookaan saawwan dhibba godhate jennaan garaacha uffata. Guyyaa garaacha uffatu immoo, loon isaa dhibba ta’uu isaanii sirriitti lakkaa’amanii dhibba yoo guutan horii qalee nama waamee nyaachisa. Kanaaf, aanaan kun horii horsiisuun baay’ee beekamaadha. Odeeffannoo Waajjira Aadaafi Turizimii irraa argame.
  • 29. 18 Afaan dhalootaa, afaan jalqabaafi afaan hojii uummata aanaa Jaardagaa Jaartee Afaan Oromoodha. Afaanuma kanatti dhimma bahuun jiruufi jireenya guyyuu keessatti waantoota mul’achuu, mudachuufi muuxannoo jireenya namootaa irraa baratamuu danda’an irratti marii’achuu, seera tumuu, ayyaaneffachuu, eebbisuu, abaaruu, dhugeeffannoo aadaawwaniifi kanneen hafan biro afoolaan dabarfatu. Akkasumas, uummanni aanaa kanaa sirba gubaa xomboraa irratti firiiwwan afwalaloo oromootti dhimma bahu. Walumaa galatti afaan dhalootaafi afaan jalqabaa uummata aanaa kannaa Afaan Oromooti. Akkasumas, qabeenya uumamaa bakkawwan hawwata turiizimiif oolan kan akka: Tulluu okkoteefi Tulluun Barakat aanicha keessatti argamu. Bakkeewwan seenaa qabeessaafi ardaalee jilaa gurguddoo ta’an, Ulaa Soogiddaafi Odaa Wixar Haroo kallachaati. Dabalataanis, mukeewwan uumamaa kan akka, Harbuu,Waddeessa,Somboo, Ejersa, Baddeessaa, Birbirsa, Birbirii, Makkanniisa,Qilxuu, Laaftoo,Doddotaafi kan kana fakkaatan aanicha keessatti argamu. 3.2. Saxaxa Qorannichaa Mala qorannoo saayinsawaa ta’een,walsimatee amala waliigalaa qorannichaa bu’aa qorannichi argamsiisuuf deemuufi beekumsa qorannicha duuba jiru san kan addeessudha.Kunis hawaasa qorannichi irratti gaggeeffame irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u qorannoon kun qorqnnoo akkamtaati. Odeeffannoon qorannoo akkamtaatiin funaanamuun mala ibsaatiin akka dhiyaatu Dastaa(2013:29) odeeffannoo argameragaan deeggaranii haalaan ibsuun barbaachisaa akka ta’e ni ibsa. Akkasumas, saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa kan to’atu ta’ee, qorannichi mal irratti akka bu’uureffate agarsiisa. Saxaxa qorannoo ilaalchisee akka Adunyaan (2011:63) ibsutti: “Walii gala qorannichaa kan to’atu ta’ee qorannichi maal akka fakkatuufi maal irratti akka xiyyeeffate agarsiisa” jedha. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanaman afgaaffii, marii gareefi sakatta’a harshammeetti gargaaramuun, maanguddoota, hawwaniifi dargaggootaafi hojjetaa aadaafi Turiizimii aanaa Jaardagaa Jaartee irraa odeeffannoon maloota adda addaan funaanaman ergaan isaanii qaacceffamanii dhiyaataniiru. Odeeffannoowwan argaman kun immoo, kaayyoo gooree bu’uura godhachuun haala walitti dhiyeenya qabaniin walitti fiduun tokko tokkoo isaanii gosa gosan adda baasuun qofa qofaatti
  • 30. 19 walitti gurmaa’anii ragaalee argaman bifa barreeffamaan deegaramee ibsamee jira. Kunis sirba gubaa xomboraa jala bultii hanga xumuraatti dhugeeffannoo sirbi kun aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qabu gama aadaa, diinadee, duudhaa barsiisuutiin sirbi gubaa xomboraa qabu ibsamaniiru. Walumagalatti odeeffannoo gosa gosaan guuramanii barreeffamaan qindaa’an kun ergaansaanii qaacceffamanii dhiyaataniiru. 3.3. Madda Ragaa Qrannichaa Qorannoo kana keessatti maddi ragaa qoratichi dhimma itti bahe kun madda raga tokkoffaafi madda raga lammaffaadha. Akka madda ragaa tokkoffaatti oduu himtoota irraa beekumsaafi hubannoo waa’ee sirba gubaa xomboraa yookiin ibsaa irratti beekumsa qaban gaaffilee afgaaffiifi marii garee waliin taasisuun odeeffannoo ga’aafi amansiisaa ta’e argachuuf gaaffii qomaa dhimma sirba gubaa irratti maanguddoofi hawwan waliin gaaffiifi deebii taasisee qorannichi adeemsifameera. Akka madda ragaa lammaffaatti dhimma itti bahaman immoo, barruu dhimma mata duree qorannichaa irratti sirboota barreeffaman sakatta’uun ergaansaa qaacceffamaniiru.Madda raga lammaffaa kaniin fayyadameef sirboota muraasa kitaabilee sakatta’ee sirboota argaman ergaansaa qaacceffamaniiru. 3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu Qorannoo adeemsisuuf iddattoon ragaan funaanamu bu’aa qorannoo erga adda ba’ee booda qorannoo san qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuuf kamtu akka dhiyaatu tooftaa ittiin filatamudha. Qaamni qorannoo adeemsisu tokko iddattoo filachuuf tooftaalee qorannicha galmaan geessisuu danda’anitti gargaaramuun danda’ama. Mala iddatteessuu ilaalchisee Dastaan (2013:132) Trochim (2006) wabeeffachuun yoo ibsu, ”Iddattoo filachuun adeemsa jamaa tokko keessaa odeeffannoo argachuudha. Waan kana ta’eef namoota yookiin qaamota jamaa san fudhatanii itti fayyadamuudha” jedha. Kanaafuu, qorataan hawaasa aanaa Jaardagaa Jaartee kessaa jaarsolii hawwan sirba gubaa xomboraa irratti hubannoo gahaa qaban irraa odeeffannoo sassaabbateera. Namoonni filataman kun hawaasa aanichaa bakka bu’anii ibsuu danda’u jedhee waan yaadeefidha.
  • 31. 20 Haaluma kanaan qoratichi hawaasa aanichaa keessaa namoota waa’ee sirba xomboraa beekan hawasichuma adda adda baafatee itti fayyadameera. Kanaafuu, iddatteessuu mitcarraa keessaa tokko kan ta’e iddatteessuu akkayyootti fayyadame. Sababiin fayyadama kanaas namoonni marti waa’ee sirbichaa irratti hubannoo walqixa waan hin qabneef namoota sirba gubaa xomboraa irratti muuxannoo sirbuu qaban yoo guurrate bu’aa qabeessa ta’a jedhee waan yaadeef mala kanatti dhimma baheera. Qorataan namoota sirba gubaa xomboraa irratti hubannoo qabu jedhaman keessaa: dubartoota jaha, maanguddoota kudha sadiiifi itti gaafatamaa Aadaafi Turiizimii akkayyoo qorannoo isaatti gaaffilee banoo ta’an gaafachuufi marii garee gaggeessuun iddatteeffateera 3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee Qorannoo kana daran akka milkaa’uuf funaansi ragaalee gahee olaanaa qaba. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo tokko gaggeessuuf, waantoota odeeffannoon ittiin funaanamanidha. Addunyaan ( 2011: 64) dhimma kana haala armaan gadiin ibse. “Odeeffannoo gaaffilee ‘akkam’ jedhan deebisan: afgaaffii, xiyyeeffannoo marii garee, daawwannaafi kankana fakkaatan gaggeessuun funaanamu. Kana malees, mallen kunniin akkayyoofi yoomessa itti gaggeeffaman qabu. Haata’u malee, haala kan mijeeffatu qorataadha” jedha. Qorannoo kana keessatti qorataan mala akkamtaa (qualitative) kan gargaarame yoo ta’u gaaffileen afgaaffii, marii gareefi harshammee sakkatta’uun maanguddootaafi hawwan waa’ee sirba gubaa xomboraa beekan irraa odeeffannoowwan meeshaalee funaansa ragaalee kanneeniin funaanaman tokko tokkoon armaan gaditti dhiyeesseera. 3.5.1. Af-gaaffii Afgaaffiin adeemsa gaaffilee banamoo ta’an namoota muraasaaf afaaniin dhiyaatanii odeeffannoon kan ittiin guuramudha. Malli kun qorannicha milkeessuu keessatti iddoo guddaa qaba. Dastaa (2002: 84) yoo ibsu,”Mala kana kan fayyadamnuuf inni duraa gama cimina isaatiin fayyadamuudha. Inni biroon immoo, odeeffannoo malleen birootiin argachuun rakkisaa ta’an mala kanaan fayyadamuu dandeenya. Inni sadaffaan mala kana yoommuu gargaaramnutti malleen birootiin odeeffannoon argamanis mirkaneeffachuuf baay’ee gargaara” jedha. Sababni qorataan kun meeshaalee kana fayyadameefis odeeffattoonni
  • 32. 21 baay’een isaanii dubbisuufi barreessuun waan hin mijanneef kallattiin odeeffattootatti dhiyaatee odeeffannoo qorannoo isaa galmaan naaf gaha jedhee yaade ifaafi ifatti gaafatee deebii argatee barreeffamaan sassaabbachuu waan danda’uuf itti gargaarameera. Haaluma kanaan odeeffattoonni waan kanaan dura beekan,sirban arganiifi dhagahan akka ibsaniif gaaffilee banaa ta’an qopheessuun namoota akka kaayyootti filataman manguddoota kudha sadii, dubartoota jahaafi itti gaafatamaa waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaa bira deemee gaaffilee afaaniin gaafatee deebii isaan kennan yaadannoo qabachuun kan isaaf hin galle irra deebi’ee gaafatee odeeffannoo sassaabbateera.Kunis kan raawwate hawaasa baadiyyaafi itti gaafatamaa waajjira aadaaf Turiizimii aanichaa keessatti yoo ta’u mana jireenyyaafi waajjira deemuun amala gaariin itti dhiyaatee kaayyoo qorannoo haala gaariin ibsuun erga mariisisee booda odeeffannoo barbaachisaa guurrateera. 3.5.2. Marii Garee Meeshaaleen odeeffannoon itti funaanaman inni lammaffaan qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame marii gareeti. Kunis qorannoo kana keessatti yeroo odeeffannoon afgaaffiin funaanaman yaadolee hin hubatamne tokko addaan baafachuudhaafi ragaalee gabbisuuf kan qophaa’edha. Mariin garee odeeffannoo hawaasa irraa funaanuudhaaf faayidaa guddaa qabu kunis, kallattiidhaan gaafataafi gaafatamaa gidduutti waan raawwatuuf yaada ifa hin taane irra deebi’amee gaafachuuf carraa bal’aa qaba. Mariin garee gaaffiin hubannoo gadi fageenyaafi mariisisaa ta’e, hirmaattotaaf qophaa’ee bakka gaafataafi gaafatamtoonni jiranitti kan adeemsifamedha. Haaluma kanaan namoota afgaaffii irratti hirmaatan maanguddootaafi dubartoonni sirba ayyaana kanaa sirriitti beekan, mala iddatteessuu miti carraatti fayyadamuun qoratan namoota toorba filatee hirmaachisuun, isaan keessaas dhiira afuriifi dubartoota sadii mariisiseera. Namoonni akka marii gareetti filatamnis namoota lama lamaanis sadii sadiinis mariisifamaniiru. Sababiin gareen xiqqateefis harcaatiin namootaa waan uumameef. 3.5.3. Sakatta’a Harshammee Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname inni sadaffaan harshammee sakatta’uun adeemsa qorannoo tokko gageessuu keessatti mala qorannoon tokko ragaa argachuuf fayyadudha. Dhugummaa qorannoo tokkoo mirkaneessuuf, kitaaba, barreeffamoota, akkasumas, barruu
  • 33. 22 bifa adda addaan jiran qaaccessuun ergaan qabiyyichaa ibsuudha. Yaada armaan olii ibsuuf, Dastaa (2011:131) yoo ibsu, “Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootti fayyadan hedduutu jiru. Isaan keessaa kanneen akka: waraqaa ragaa, kitaaba, xalahaa, nagahee, qaboo yaa’ii, barreeffamoota murtii, yaadannoofi kan kana fakkaatan ta’uu danda’u.” jechuun ibsa. Malli sakatta’a harshammee ragaalee waa’ee sirba gubaa xomboraa waajjira Aadaafi Turiizimii aanichaa ragaalee walitti qabaman sakatta’uu ture. Garuu, aanaa kana keesatti ragaan sirba gubaa xomboraa walitti qabaman hin jiran. 3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee Meeshaaleen odeeffannoowwan ittiin funaanaman afgaaffiifi marii garee yoommuu ta’an maanguddoota, hawwanirraa maloota kanaan funaanaman ergaan isaanii qaacceffamanii dhiyaataniiru. Odeeffannoowwan funaanaman kunis kaayyoo gooree qorannichaa bu’uura godhachuun haala walitti dhufeenya qabaniin walitti fiduun tokkoon tokkoo isaanii gosa gosaan adda bahanii ragaaleen argaman qaacceffamaniiru. Kunis ragaan qorannoo qorataan afgaaffiifi marii gareetiin walitti qabame mala ibsaa akkamtaatiin haala ifa ta’een qaacceffameera. 3.7. Adeemsaafi Naamusa Qorannoo Qorataan qorannoo mata duree qaaccessa ergaa sirba gubaa ayyaana xomboraa jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf muummee Afaan Oromoo,Ogumaafi Qunnamtii galchee erga mirkanaa’ee adeemsa qorannoo hojii qorannoo kanaa itti eegalu irratti marii’atee kallatti erga qabateen booda bakka iddetteeffatametti fuulleffate. Duraan dursee qorataan yaaxinoota garaagaraa barbaachisan, kaayyoo qorannoo isaa galmaan ga’an jedhe kan yaade hawaasa qorannoon kun irratti xiyyeeffatu irratti hundaa’uun of murteessuun dubbiseera. Ragaaleen kaayyoo hojii qorannoo isaa galmaan gahuuf qorataan kun itti fayyadame odeeffannoo madda ragaa duraa yoo ta’u kunis, hawaasa aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa namoota sirba gubaa xomboraa beekaniifi dachee ulfinaa irratti ayyaaneffatan irratti hubannoo qabu jedhee yaade irratti xiyyeeffateera.
  • 34. 23 Adeemsa kana raawwachuuf immoo, afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uun sirba gubaa xomboraa, ergaa sirbi gubaa qabu, jijiiramoota sirba gubaa xomboraa irratti mul’ataniifi sirna keessa lufee ayyaaneffatamu sirriitti qindeessuun kaayyoo qorannoo kanaaf barbaachisoo ta’an kaasuun qaaccessa keessatti daran dhugeeffannoo isaan qaban waliin tokko tokkoon ibseera
  • 35. 4. DHIYAANNAAFI QAACCESSA RAGAALEE Boqonnaa kana keessatti ergaan sirba gubaa xomboraa maalummaa sirba gubaa xomboraa, halduree sirba yeroo gubaa, yeroo raawwii ayyaanichaafi ayyaana sirba gubaa xomboraa booda gochaalee raawwataman walduraa duubaan dhiyaateera. Faayidaa sirna raawwii sirbi gubaa xomboraa uummata Oromoofi uummata Aanaa Jaardagaa Jaarteef qabuufi dhugeeffannoo hawaasni sirba kana waliin qabu kan ayyaana kana irratti mul’ataniifi sababoota adda baasuuf odeeffannoowwan afgaaffi, marii gareefi harshammee sakatta’uu irraa sassaabaman walduraa duubaan ilaalamanii qaacceffamaniiru 4.1.Ergaa Sirbi Gubaa Xomboraa Qabu Mata duree kana jalatti sirboota gubaa xomboraa odeeffattoota irraa ragaalee karaa, afgaaffii funaanaman walduraa boodaan qaacceffameera. Gaaffii afgaaffii keessatti sirbi gubaa xomboraa ergaa akkamii uummatichaaf dabarsa gaaffii jedhuuf G.Nfi N.G.deebii yoommuu kennan, sirbicha keessaan duudhaalee uummaticha ibsuu danda’antu darba. Isaanis, barsiifata aadaa sirbaafi ayyaanichaatu bal’inaan dhiyaatu, hariiroofi walittti dhufeenya cimsa, jijiirama amalaa fiduufi waliin ayyaaneffachuufi aadaan calaqqiftuu eenymmaa akka ta’e dhaamsa sirba kana keessaan dargaggoonniifi shamarran wliif dabarsanidha jedhu. Waliin sirbuu, ayyaneffachuun muuxannoofi ogummaa dhalootaaf qooduu keessattis sirbi shoora ol aanaa akka qabu himu. Kana jechuun jedhu odeeffattoonni kan rakkate akkamittiin rakkoo keessaa akka ba’uu danda’u fala dhahu, kan jaallatee jaalalasaa bakkatti ibsachuu dhabeeru iddoo jaalala ofii ibsachuuf carraan itti uumudha,kan daare daara baasu, kan beela’e nyaachisuuf ayyaanni sirba gubaa xomboraa carraa bal’aa kan qabudha jechuun dubbatu. Akkasumas, ergaan dhaloonni irraa argachuu danda’an, keessaa akka fakkeenyaatti yoo kaasan, sirbi ergaa akkamii akka dabarsuu danda’uufi hojiittis ta’e kan biroof nama onnachiisuuf humna guddaa akka qabu himu. Kana malees, jaalala biyyummaaf qaban akka cimu taasisa, safuu hawaasichaa kabajuufi duudhaalee hawaasichaa akkamittiin akka kunuunsuu danda’an barsiisuu danda’a jechuun deebii kennaniiru. Sirboonni gubaa yoom jalqabamanii yoom xunuramu gaaffii jedhuuf odeeffattoonni R.A.fi L.T.yoommuu yaada
  • 36. 25 kennan: sirbi gubaa xomboraa kabajni ayyaanaa turban lamatu hafa jedhanii dargaggoonniifi shamarran galgala galgala kan sirban yoo ta’u,Sirbi kunis erga ayyaanni darbee torban tokkoo oliif akka sirbamu odeeffattoonni deebisaniiru. Gaaffii sirbi gubaa xomboraa maali jedhuuf odeeffattoonni D.I.fi N.I. deebii yommuu kennan sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti nama ceesisuufi kan bara haaraa duukaa kan nama tarkaanfachiisu riqicha ta’ee kan tajaajiludha jedhu. Sirbi gubaa xomboraa Oromoon kabajatu keessaa isa guddaadha jechuun dubbatu. Ayyaanni kun Fulbaana 17 jalqaba bara haarawaa waan kabajamuuf hawaasni bakka tokkotti wal gahee waaqa isaa galateeffata jechuun himu. Dargaggoonniifi shamarran walitti yaa’anii galgala galgalaafi guyyaa gaafa kabaja ayyaanichaa sirba dhaamsa adda addaa of keessa qabu sirbuun ayyaana waliin kabajatu. Gaaffii afgaaffii keessatti hirmaattonni ayyana sirba gubaa irratti hirmaatan eenyufaati jedhuuf deebii odeeffattoonni kennan, maanguddoota, dargaggoota, shamarraniifi ijoolleetu sirbaafi kabaja ayyaana kanarratti hirmaatu jechuun deebisu. Walumaa galatti sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa keessaa gara ifa booqaa birraatti yoommuu ce’amu kan kabajamudha.Akka yaada oddeeffattoota irraa hubachuun danda’amutti sirbi gubaa ergaawwan adda addaa akka ofkeessatti qabu yaada olii irraa hubachuun ni danda’ama. Ergaan inni dabarsuus hawaasummaa cimsuu akka danda’uufi jijjiirama amalaa akka fiduu danda’u kan nama hubachiisudha. Hirmaattonni sirbichaafi ayyaanichaa dargaggoofi shamarran qofa osoo hin ta’iin ijoolleefi maanguddoonni illee hirmaattota sirba gubaa ta’uusaanii yaada olii kana irraa hubachuun ni danda’ama. Hayyaaseen hiyyoodha Hayyaasee Kan fooliin shittoodhaa Hayyaasee Si yaadeen baroodaa Hayyaasee Yoo kormi goobee Hayyaasee Naa garaftaaree Hayyaasee Yoon sitti boo’ee Hayyaasee
  • 37. 26 Naaf saramtaaree Hayyaasee Hayyaasee hayyaasee Hayyaasee Hayyaaseedhakaa Hayyaasee Siyaadeerakaa Hayyaasee. Sirboonni armaan olii kun ergaawwan adda addaa of keessatti qabatee jira. Buufanni tokkoffaan birraan akkuma abaaboo urgooftuu adda addaa fidee dhufu sirbi gubaas akkasuma foolii bareedaa, jaalala fidee dhufuusaa buufata sirba kanaan waliif ibsu. Sirbi gubaa xomboraa kun kan inni dhufu ganni darbee yeroo lagni guutee hir’atu waan ta’eef shamarraniifi dargaggoonni immoo, kan ganna wal yaadan yeroo wal arganii foolii dhamdhama gaarii qabu kana yerootti wal arganii jaalala isaanii waliif ibsatanidha. Sirbi isaan sirbanii waan onnee isaanii ibsatanis ‘kan fooliin shittoodha,si yaadeen barooda’ jedhanii jaalala onneesaanii ibsaaf. Buufanni lammaffaan gormaafi jaalala wal fakkeessuun jaalala qabu ibsaaf. Kormi yoo goobe qabuun ulfaataa ta’uu isaa akkuma beekamu, namni jalalaan qabame kan jaallate salphaatti argachuun waan hin danda’amneef korma goobe waliin wal fakkeessanii sirbu. kun jaalala keessa darbee akka korma laga keessaa barooduu bakka deemu hundatti ishee faarsuu, jaalala humnaa oliin akka qabame ibsuun akka ishee waliin sirbuu qabdu fedhii ishee gaafata. Afgaaffii Taakkalaa Lammii waliin taasifameen sirboota armaan olii irraa argamedha 4.2. Ergaa Sirboonni Gubaa Xomboraa Dura Srbamaniifi Booda Sirbaman. Gaaffii afgaaffi T.L.fi T.N.ergaawwan sirboonni gubaa xomboraa dura sibamuufi gubaa booda sirbamu maali? kan jedhuuf yommuu deebisan, sirba gubaa duraa sirbamuufi, gubaa booda sirban jedhamanii qoqqdamu. Akkasumas,Sirboonni gubaa dura sirbaman jala bultii ayyaanichaatu sirbama. Sirbi gubaa dura sirbamu simannaa sirba gubaa, simannaa bara haaraa, gammachuu wal arganii waliin sirbuufi bara haaraa waliin simachuu danda’uu isaaniitu sirbama. Sirbi .
  • 38. 27 sirbi gubaa booda sirbaman sirba darbetti nagaa dhaammachuun sirba bara itti aanee dhufuuf nagaa walitti dhaammatu. Sirbi gubaa dura sirbamuufi erga gubaan darbee sirbi sirbamu jechuun bakka lamatti qooduun ilaalamu jechuun yaada isaanii kennaniiru. Sirboonni gubaa xomboraa booda sirbaman nagaa walitti dhaammachuun sirba darbeefi sirba bara dhuftuutuuf uumaasaanii galateeffachuun sirbi xomboraa deebi’ee dhufuu akka danda’u sirbama jechuun deebisu. Akkasumas, sirbi kun yoomessa mataa isaa danda’e keessatti akka raawwatamu oduu him toonni akkas, jechuun dubbatu. Sirbi gubaa xoboraa kan kabajamu ganna bacaqii keessa ba’amee gara ifa booqaa birraatti yerootti tarkaanfatamu baatii Fulbaanaa keessa kabajamuu isaa himu. Akka aadaa Oromootti baatiin kun seenaa qabeessa jechuun dubbatu. Sababa isaa yoommuu ibsan firoottaniifi jaalalleewwaan sababa guutinsa bishaaniin addaan citanii osoo wal hin argiin turan kan wal qunnamsiisu waan ta’eef iddoo guddaa qaba jedhu. Akka yaada olii kanatti sirba gubaa xomboraa adeemsaafi seera keessa darbamee kabajamu qabaachuusaati. ergaan sirba warri dhiiraa gubaa dura sirban immoo, wal faarsuu, biyya isaanii faarsuu, jaalallee isaanii faarsuu, wal arguu isaaniif gammachuun sirbu,kennaa jaalalaa waliif kennuu, wal gootomsuu, hojiif wal onnachiisuufaatu sirba keessaan ergaa dabrfatu jechuun yaada isaanii kennaniiru. Kana malees, kan dargaggoonni sirbaniifi kan shamarran sirban adda addummaan akkuma isaan gidduu jiru sirba waloo ta’es waliin qabu jechuun odeeffattoonni afgaaffii dubbatu. . Hiyyooshee Yaabaabakoo Wayanbassaa Hiyyoon dabartee Yabaabakoo Wayanbassaa Nayyuu marartee Yabaabakoo Wayanbassaa Qalqalloo tufaa Yabaabakoo Wayanbassaa Masqalloo dhufaa Yabaabakoo Wayanbassaa Akkayyuu siree Yabaabakoo Wayanbassaa Jidda dhaabbannee Yabaabakoo Wayanbassaa
  • 39. 28 Akka nuuf hiree Yabaabakoo Wayanbassaa Sirba jaallanna Yababakoo Wayanbassaa Afgaaffii Hirphaa Galataa irraa odeeffannoo fudhatamedha. Buufanni jalqabaa “Hiyyoon dabartee nayyuu mararte “ kan jedhu kun sirbi xomboraa darbuusaafi dhufee darbuusaatti aaruufi marartee sirbichaaf qabu ibsata. Buufata lammaffaa irratti “Qalqalloo tufaa masqalloo ni dhufaa” yoo jedhu of jajjabeessuufi sirbi masqala biro akka jiru sirbuun walitti himatu. Sirba armaan olii irraa hubachuun akka danda’amutti sararoonni tokkoo hanga shanaffaatti jiran sirba gubaa xomboraa darbeef nagaa dhaammachuun sirba gubaa xomboraa dhufu nagaan nuuf haadhufu jechuun uumaa isaanii galateeffachuun sirbaan kadhatu. Dargaggoonni waliin sirba xomboraa waliin sirbaa turan sirbi gubaa bara kanaa dhaabbachuu isaa walitti dhaammachuufi kan itti aanuu manaabu. Sirbi akkas jedhamee sirbamus shamarraniifi dargaggoonni erga gubaan xomboraa darbee sirba bara sanaa dhaabuuf yookiin gargar galuuf yoo jedhan dargaggeeyyiin wal mararsiifachuun kan bara itti aanuuf uumaasaanii kadhachuun wal gaggeessu. Buufanni sadaffan “Gaafa daamaraa lafaan namaraa” jechuun immoo, daamaraan xomborri boru gubata jedhamee kan daamaramudha. Kanaaf, guyyaan xomborri itti gubamu ga’uusaa gammachuu qaban sirbaan dargaggoonni ibsatu. Kanaafuu, sirbi kun jaallatamaa ta’uusa hubanna. Ijoolleen sirba bara dhuftuu haala gaariin akka ayyaaneffachuu qaban maatiifi walitti dhaammatu. Maatiinis kana hubachuun ijoolleen akka guyyaa san horii tiksan hin godhan. Ayyaana waggaa Hayyaasee Ayyaantuutu argaa Hayyaasee Hayyaasee lagaa Hayyaasee Si yaadeerakaa Hayyaasee Hayyaasee boontuu Hayyaasee Si yaadee koottuu Hayyaasee Hayyaasee lulee Hayyaasee Si yaadeen bulee Hayyaasee
  • 40. 29 Sirbi armaan olii kun sirbi “Ayyaana waggaa ,ayyaantuutu argaa” buufanni jedhu sirbi kun waggaatti al tokko qofa waan dhufuuf namni sirba gubaa xomboraa kana qaqqabe carraa qabeessa yookiin ayyaana qabeessa jechuun sirbu. Akkuma Oromoon milkii ilaallatee kun gaariidha,kun gadheedha jedhu namni sirba kana qaqqabe milkii qabeessa akka ta’eetti ilaalu.Sababni ayyaantuutu arga jedhamef, ganna bacaqii keessaa ba’anii yoona gahuunuu ayyaantummaadha yookiin carraa qabeessa jedhanii amanu.Buufanni ‘Hayyaase boontuu siyaade koottuu” jedhu ji’a gannaa lameen wal arguu dhabuu isaaniif akka baayyee ishee yaadee waan jiruuf ishee duukaa sirbuuf fedhiisaa ibsaaf.Buufanni dhumas, akkuma bufata olii halkanillee wa’eee ishee akka yaadu kan ibsadha. Kanaaf,walitti dhufnee waliin sirbuu qabna jechuun yaadaafi fedhii isaanii waliif ibsu. Sirba armaan olii kanaan fedhiifi jaalala waliif qaban dabarfachuu irra darbee waliin nisirbu. 4.3.Sirboota warri Shamarranii Sirbaniifi Ergaa Isaa. Gaaffii afgaaffii sirboonni warri shamarran sirban keessatti ergaan darbu, shamarri tokko akkamittiin akka sansaka ishee eeggachuu qabdu, gaa’ela akkamittiin akka ijaarchuu qabn, qooda shamarra tokko irraa eegamu akkamittiin akka ba’achuu qanban, rakkoo isaan qunnamuu danda’u akkamittiin mo’achuu akka danda’an, durbummaa isaanii eeggachuun akka isaan kabachiisuufi duudhaa Oromummaa isaanii akka eeggataniif kan gargaarudha jechuun dubbatu.Yoo heeruman immoo akkamittiin akka jireenya isaanii gaggeeffachuu danda’aniifi jireenya hawaasummaa keessatti akkaataa itti hirmaachuu qaban ergaa sirbicha keessaan darbudha jedhanii deebisu. Gubaa dura kan sirbamaniifi gubaa booda sirboonni sirbaman garaagarummaa qabuu jadhamanii odeeffattoonni B.A,T.Nfi B.T.yogguu gaafatamanii deebiin isaanii eeyyeen garaagarummaa ni qabu jechuun deebisu. Shamarran sirba kana keessatti jiruufi jireenya isaanii haala kamiin gaggeeffachuu akka qaban sirba keessaan ergaa waliif dabarsu. Ishoololii yadurbee Eemmookoo Jalamiin garbuu jigee Eemmookoo Yoommaa lalise hafee Eemmookoo Alamiin durba qarree Eemmookoo
  • 41. 30 Manuma abbaasheetti hafe Eemmookoo Yaa mukaa maaf jigdaa Eemmookoo Osoo dame qabduu Eemmookoo Jallikee gaaddisaa Eemmookoo Yaa durbaa maaf diddaa Eemmookoo Osoo qarree qabduu Eemmookoo Bor iftaan gaabbitaa Eemmookoo Hujjuu jechaan kormaa Eemmookoo Loon keessa daaddisa Eemmookoo Ushukeetti qarree Eemmookoo Eenyu dhaqee naaf fidaa Eemmookoo Ishee mormi laanqisaa Eemmookoo Fudhadheen waaqa lixaa Eemmookoo Mana waaqaa baanee Eemmookoo Mana beekaa lixnaa Eemmookoo Yoo beekaan dadhabe Eemmookoo Unumatu wal dhabe Eemmookoo. Marii garee Taayyee Nagasaa, Biqilee Dhugumaa, Buuke AyyaanaafiTirfee Lamuu waliin taasifamee odeeffannoo irraa argamedha. Sirba armaan olii kana shamarran bara itti aanu heerumtu tokko sirba gubaa xomboraa irratti hiryoota ishee waliin sirboota armaan olii sirbu. Ergaan sirba keessaan waliif dabarsan: buufanni tokkoffaan jalamii garbuufi durba qarree wal fakkeessuun sirbu. Jalamiin garbuu kan reefu asheetee nama gojomaasisuuf akkuma jalamiin garbuu nama hawwisiisu durba geessuunis akkuma jalamii garbuu dargaggoota hedduun waan ilaalamtuuf of eeggattee qarrummaasheetiin akka heerumtuuf of eeggannoo guddaa gochuu akka qaban sirbicha keessaan ergaa waliif dabarsu. Kanaaf,of eeggannoon gochuun baay’ee barbaachisaadha. Akkasumas,dubarri tokko kan isheen kabaja argattu akka duudhaafi safuu Oromtichaatti durbummaashee eeggattee yoo gara abbaa warraashee deemte qofa. Durbummaashee qabattee hin heerumtu yoo ta’e maatiin gurbaas, hawaasni naannoos maatiin ishees ni qaana’u, maatiin
  • 42. 31 warra gurbaas kabaja isheef qaban gad bu’a ta’a. Shamarran yeroo sirban isheen heerumtu of eeggachuu akka qabdu sirba keessaan ergaa dabarsuuf. Jireenyi akka mana maatiishee bira jirtuu ta’uu dhiisuu akka danda’uufi yoo heerumte immoo jireenya ishee akkamiin akka gaggeeffachuu qabdu dhaamuuf. Kana malees, jireenya hawaasummaa akkamitti nama duukaa akka gaggeeffattu, bultooshee irratti jabaattee akka haala gaariin jiraattuufi kan kana fakkaatan ni barsiisu. Mukti aduufi rooba akkuma namarraa ittisu abbaan ofii gaacha ijoollesaafi maatiisaa ta’uun diina irraa qolata. Kanaaf mukaafi abbaa walfakkeessuun sirbu. Waan kana ta’eef, mukti gaariin tokko akkuma gaaddisaaf tajaajilu abbaanis ijoolleesaaf gaachanaafi gaaddisa kan itti baqatan ta’uusaa mul’isa. Durbi qarree tokko kabaja ishee isa durbummaa ishee osoo qaduu murtoo mataasheefi murtoo hiryoota karaa sirri ishee gorsan qabattee deemuu qabdi malee,hujjuu namoota sirrii ishee hin grsineen gootomtee jireenya ishee balleessuurraa gorsa namni si gorsu dhaggeeffachuun kan jireenyashee boruuf ta’u adda baafachuu akka cimsanii akeekkachiisu. Hujjuun namaaf osoo hin ta’iin kormaaf waan ta’eef gootomsuun kan looniiti malee kan namaa mitii gorsa hiriyaakee dhaggeeffadhuutii jireenyakee boruu gaggeeffadhu jechuun gorsu. “Ushukeettii qarree, eenyu dhaqee naaf fidaa ishee mormi laanqisaa”usukeettiin shamarreen kun ijoollummaa qabaachuushee kan mul’isu yoota’u mormi laanqisaan lallafaafi gara barbaadtti kan daddabu waan ta’eef shamarran duukaa walqabsiisanii sirbu. Kanaaf,shamarree baraaduu kan taate kana dargaggeessi argachuuf baayyee barbaadee ofii itti hiiquu sodaatee akka namni isaaf akka fiduufi yoo argate akka waaqaan qixxaateetti abdata. Kana jechuun baay’ee jaallachuusaa mul’isa.Waaqniifi beekaan waa raawwachuuf human guddaa akka qaban yoo ibsu, yoo kana dinne of wallaaluu aka ta’e kan agarsiisudha. Oromoon yoo mammaaku ”Yaa soogiddaa ofiif jettu midhaayii kanaa ala dhakaa jedhanii sigatu” jedhee mammaaka. Kanaaf,shamarri tokko kan hiriyaanshee gorsitee yoo kan gorsa dhagahuu diddu ta’e hiriyummaakee dhiisuu naaf wayya jechuun sirba keessa ergaa dabarsitiif.
  • 43. 32 4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Hubannoofi Ilaalcha Jiru. Gaaffii marii garee waliin taasifame inni biroo dhaloonni sirba gubaa xomboraa irratti hubannoofi ilaalcha akkamii qabu gaaffii jedhuuf odeeffattoonni K.W.fi W.A.yoommuu deebii kennan, hubannoon dhaloonni sirba gubaarratti qaban gad bu’aa kan ta’eefi ilaalchi isaan sirbaaf qaban akkasuma gad bu’aadha jechuun dubbatu. Sababni hubannoofi ilaalchi isaanii gad bu’eef sababa adda addaa lafa kaa’u. Sabani isaas dhiibbaa amantaafi ammayyummaa hordofuu, xiyyeeffannoo kennuu dhabuufaati jedhu. Isaan kun dhiibbaa amantaatii yoommuu jedhamu amatiiwwan tokko tokko kallattiin sirba kanarratti dhiibbaa ni geessisu. Sirba sirbuun waaqa biratti cubbuudha waan jedhanii amananiif sirbuufi himuurraa of qusatu. Inni biroon immoo, ammayyummaa aadaa dagachiisu hordofuun aadaaf xiyyeeffannoo hin kennan jechuun deebisaniiru. Akka oduu himtoonni marii garee armaan olii jedhanitti waantoonni ayyaana dura raawwataman maal fa’i jedhamanii yoommuu deebisan, ayyaana dura waantoota raawwataman waantoota ayyaanichaaf barbaachisanitu dursee qophaa’a. Waantonni dursanii qophaau’uu qabanis, waanta sirbaaf barbaachisan gama warra shamarraniifi warra dhiiraan qopha’antu jiru. Fakkeenyyaaf, xombora qopheeffachuun gahee warra dhiiraa yoo ta’u meeshaa shamarri itti sirban kan akka, dibbee meeshaa dibbichatti maramuufi naqamu qopheessuun immoo,qooda shamarraniiti jechuun yaada isaanii kennaniiru. Kana maalees, daamaraa muruuns dursa qophaa’a kan jedhu marii garee waliin taasifameen kan oduu himtoota irraa yaanni argamedha. Akka qaaccessa harshammee sakatta’uurraa odeeffannoon argaman, haala jireenya naannoo qorannichaa, mogaasa maqaa aanichaa, baay’ina uummataa, bakka argama aanichaafi diinagdee aanichaatu harshammee kana irraa qaacceffame.Sakatta’a harshammeerraa kan argame warra olitti eeramanitu qaacceffame malee, sirba walitti qabameeru waajjiricha keessaa argamuu hindadeenye.Qorataan afgaaffii, marii gareefi harshammee sakatta’uun odeeffannoo armaan olii irraa argamedha. Walumaa galatti yaada hirmaattota afgaaffifi marii garee irraa argame bu’uura godhachuun yoo gudunfamu sirboonni gubaa xomboraa dhiironniifi shamarran sirban bu’uura godhachuun
  • 44. 33 ergaa isaanirratti hundaa’uun sirba gubaa dura sirbamaniifi booda sirbaman akkasumas, kan shamarran weeddisaniifi weelluu dhiirri weellisu jechuun qoqqoodamanii dhiyaataniiru. Sirboonni kun ergaawwan kan akka safuu hawaasaa eeksisuu, aadaa basriisuu, walitti dhufeenya cimsuu, waliin jireenya shaakalsiisuu, hubannoofi ilaalcha dhaloonni sirbaaf qaban cimsuuf kan ooludha jechuun deebisaniiru. Akkasumas, sababoonni sirba gubaa irratti hubannaafi ilaalachi namootaa gad bu’uu danda’e dhiibbaa amantiifi, ammayyummaafi xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha. Kana malees, akka ilaalchiifi hubannoon isaanii gad bu’u kan taasise aadaa isaaniifi waan duudhaa abbootii dhiisuun ammayyummaa aadaa dagachiisu hordofuufi amantiilee aadaa isaanii gachisiisu hordofaa jiraachuu isaaniiti. Yaanni furmaataa akka aadaan kun hin irraanfatamneef dhaloota dhufu dhaalchisuuf, maanguddoonni aadaan akka hinbanne gochuu, Waajjirri Aadaafi Turiizimii galmeessee kaa’uun dhaloonni akka irraa dubbisanii hubachuun danda’amu walitti guuree yoo teessise badisa irraa oolchuun ni danda’ama 4.4.1. Sirba Gubaa Xomboraa Akka od-himtoonni jedhanitti sirbi ayyaana gubaa aanaa kana keessatti booqaa birraa, gubaa xomboraa jedhamee beekama. Irra caalaatti aanichatti gubaa ibsaa jedhameetu waamama. Kana malees, namni umurii dheeratee yoommuu sirba ayyaana gubaa xomboraa qaqqabu ayyaantuudha jedhama. Fakkeenyyaf namni tokko waggaa hamma fedheyyuu yoo dheerate yookaan jiraate “Namni ayyaana sirba gubaa qaqqabee kabjate carraa qabeessa yookiin ayyaantuudha” jedhanii dubbatu. Akka yaada kanaatti ayyaantummaan umurii dheerachuu irraa darbee ayyaana sirba gubaa xomboraa waggaan dhufu gahuudha. Akkasumas, hirmaattonni sirba gubaa xomboraa kan ta’anis dargaggootaa, shamarraniifi ga’eessi sirba gubaa xomboraafi kabaja ayyaanichaa irratti warra hirmaatanidha jechuun dubbatu. Ayyaanni sirbaa kun dhaamsaafi faayidaa adda addaa dhalootaaf dabarsuu keessatti qooda guddaa qabaachuusaa himu. Ergaan inni dabarsus, eenyummaa ofii calaqqisiisuu, walitti dhufeenya cimsuu, safuufi duudhaa hawaasichaa kabajuufi barsiisuu keessattis shoora olaanaa taphata jechuubn himu.Afgaaffii Katamaa Wayyeessaafi Namee Glataa odeeffannoo armaan olii kennaniiru.
  • 45. 34 4.4.2. Yoomessa Sirba Gubaa Xomboraa Sirbi gubaa xomboraa bacaqii gannaa yookiin dukkana gannaa keessaa bahuun gara booqaa birraatti yeroo cehamu baatii Fulbaanaa keessa gaafa bultii kudha toorbatti barii’u barii barraaqa ayyaana gubaa xomboraatu kabajama jechuun odeeffattoonni dubbatu. Sirbi gubaa waggaatti al tokko kan kabajamu yoo ta’u kunis ayyaana daaraa ibsaa jedhamee beekama. Akka oduu kennitoonni afgaaffii gaafatamanii kennanitti. Akka Oromoon ayyaanota adda addaatti hooda ilaallatutti baatiin fulbaana maatiifi olloonni wal ga’anii xombora gubuun uumaa isaanii galateeffatanii itti kadhatan waan ta’eef seenaa qabeessa jedhu. Akkasumas, akkaataa walitti dhiheenya manaan namoonni qe’ee tokko keessa waliin jiraatan maatii isaanii qabatanii xombora daamaraa gaafa bultii kudha jahaa manatti daamaramee dibamee bule irraa xombora qabsiifachuun bakka tokkotti gubuun ayyaana gubaa kabajatu. Sirbi gubaa akkamittiin akka raawwatamu, yoom akka sirbamu, ergaa akkamii akka qabu, maal maaltu sirbichaf akka barbaachisuufi toora itti raawwatamu qabaachuusaa himu. Bakki sirbi gubaa xomboraa itti sirbamu kun akka aanichaatti qe’ee warra angaftuutti lafa diriiraa sirbaaf mijataa ta’etti sirbiifi sirni gubaa raawwatama jechuun himu.Yeroo ammaa garuu,sirbi gubaa irratti dhaloonni hubannaa dhabuufi ilaalcha aadaa irraanfachiisu duukaa bu’uun bakka amantaalee adda addaatti yaadannoo fannoo gooftaa jechuun kaayyo, ergaa qabiyee sirbaa, dhugeeffannoofi yoomessaa alatti yookaan qe’ee warra angaftuutti raawwatamu hafee mana amantaatti akka raawwatamaa jiruhimu.Marii garee Zallaqaa Byyanaafi Lammii Toleeraa yaad a armaan olii kennaniiru 4.4.3. Sirba Gubaa Xomboraa Irratti Warreen Qooda Fudhatan Akka afgaaffiin gaggeeffamee odeeffattoonni jedhanitti sirbi gubaa xomboraa irratti warren qooda fudhatan, dargaggoota, shamarran, ga’eessotaafi ijoollee warren sirba gubaa xomboraa irratti qooda fudhatanidha jechuun deebisu. Yeroo sirbi sirbamu Shamarran dibbee qabatanii gidduu galanii yoommuu weeddisan dargaggoonni immoo, jalaa qabuun hurruubsuun sirbu. Dargaggoonni, shamarraniifi ijoolleen taateewwan ayyaana kanaa irratti hirmaachuun aadaafi duudhaalee achi keessatti raawwatamu hunda ergaafi dhaamsa achi keessaaan darbu akka hubachuu danda’an himu. Garuu, dhaloonni ammaa qooda kana keessatti hirmaachuuf carraan
  • 46. 35 isaanii dhiphataa dhufeera. Sababni carraan isaa dhiphateef akkuma armaan olitti ibsametti dhaloonni yeroo ammaa qaroominaan, amantiilee adda addaan wal qabsiisuun, aadaafi amantii walitti hidhuun hirmaattonni sirba gubaa xomboraa hir’achuun gara baduutti deemaa jiraachuusa odeeffattoonni himaniiru. Akkasumas, akka maanguddoonni jedhanitti, Odeeffannoofi akkaataa sirba isaa himu malee, sirba yeroo xomboraa sirbamu hafaa dhufuusaa dubbatu. Haata’u malee, guutummaa guutuutti badera osoo hin ta’iin darbee darbee maanguddoonni xombora muranii, daamaraa daamaruu, dargaggoota muraasa birattis sirbama jiraachuu isaa ibsaniiru. Yaada olii kanarraa waanti hubatamu yaada adda addaa lama jiraachuu isaati.Yaadonni kunis, hirmaattonni sirba kana irratti hirmaachaa jiran harki guddaan hir’achaa dhufuusaaniifi gareen muraasin immoo, ammayyuu akka hirmaachaa jiranidha. Hirmaattonni sirba xombora kanaa hir’achaa deemuun isaa hubannoon dhaloonni sirba kana irratti qaban akkasuma hir’achaa dhufuusaati. Afgaaffii dhiyaateen Namoomsaa Irranaafi Daammanaa Irranaa yaada armaan olii kennaniiru. 4.4.4. Sirba Gubaa Xomboraa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti Tajaajilan Akka oduu knnitoonni jedhanitti af-walaloon tooftaa hawaasni waan itti dhaga’ame bifa gammachuun, bifa gaddaan, jiruufi jireenya, jaalala isaa guyyuu keessatti maayii itti ba’u afwalaloodha jedhu. Afoolli humana jijiiruu, jabeessuu, to’achuu, ibsuu akka of keessaa qabu hayyoonni adda addaa ibsaniiru. Qorannoo kana keessatti afwalaloowwan dhimma itti bahaman warren bu’uura ta’an eebba, mammaaksa, geerarsa sirba. Afgaaffii Olaanii Itichaafi Hundarraa Sanyii waliin taasifameen firiiwwan afwalaloo ayyaana sirba gubaa xomboraatti dhimma itti Bahaman kan armaan gatiiti jechuun bu’aa af walaloo ibsaniiru. 4.5. Sirba Akka odeeffattoonni jedhanitti, sirboonni aanaa Jaardagaa Jaarteetti yoomessa garaa garaa keessatti akka raawwataman dubbatu. Akkasumas, dhaamsa dabarsan kan mataa mataa isaaniifi yoomessa keessatti ergaa dabarsan ni qabu. Sirba ayyaana gubaa xomboraa irrattis, kanneen akka kumkummee, geelloofi kan kana fakkaatan ni sirbamu. Kana malees, gochaalee gareedhaan sibamudha jedhu. Gareen sirbama jechuun, namni dura bu’uun yookiin sirba
  • 47. 36 dhooftuun sagaleefi dibbee rukkutuun yoo weeddisan namoonni jalaa qabanii hurruubsani ni jiru. Oddffannaa olii kan kennan Waaqoo Ayyaanaafi Hirphaa Galataati. 4.5.1. Sirboota Yeroo Gubaa Xomboraa Dhiironni Sirban Sirba dhooftuu Jalaa qabduu Hiyyooshe yaruudakoo Wayanbassaa Hiyyookoo hiyyookoo Wayanbassaa Hiyyookoo hin dhiisuu Wayanbassaa Hiyyookoo yoon dhiisee Wayanbassaa Garaan na hinciisuu Wayanbassaa Hiyyoo abbaa garbaa Wayanbassaa Xinnoo afaan dammaa Wayanbassaa Sirbi armaan olii kun kan yeroo gubaa xomboraa sirbamu irratti shamarraniifi dargaggoonni kan ittiin jaalala isaanii waliif ibsanidha.Warri dhiironni sirba gubaa xomboraa yeroo sirban keessatti wal jalaa qabanii jaalala ishee shamarraniif qaban ibsatu. Sararri inni jalqabaa “Hiyyooshee yaruudakoo” kan jedhu kun sirba masqalaa kan faarsan fakkaatanii jaalallee isaanii faarsu. Yaruudakoo jechi jedhu kun immoo, nama amala qabeettii,kan dubiin ishee namatti tolu janna akka leencaa jechuun jaalallee isaanii onnachiisu. Sirba yeroo xomboraa sirbamu yoon hafee natti waan hintolleef sirba kana hafuu hin qabu. Yoon hafe yaannikoo hin boqotu jechuun ishee shamarraniif dhaamsa dabarfachuun jaalala isheef qabu ibsaaf. Bo’oon warri dhumaa lamaan immoo, ‘hiyyoo abbaa garbaa, xinno afaan dammaa’ kan jedhu kun garbaafi sirba masqalaa wal qabsiisuun sirbu. Kanaaf, sirbi guddaa akkasii irratti wal arganii afaan keessa wal dhungachuun jaalala waliif qaban ibachuun kan sirba xomboraaf sirban fakkeessanii fedhii keessa ofii waliif dabarsu. Fedhiin keessa ofii kan jedhu jaalala ofii ibsachuuda. Afgaaffi Rabbirraa Galataa irraa odeeffannoo argamedha. Hayyaasee hayyaasee Hayyaasee Bofti gammoojjii Hayyaasee Hin aadu ni yuusaa Hayyaasee Yoommuun siyaaduu Hayyaasee
  • 48. 37 Himimmaan buusaa Hayaasee Keessa garaanii Hayaasee Sirboota olii kanas Afgaaffii Tarrafaa Toleeraa irraa odeeffannoo argamedha. Dargaggoonni sirba armaan oliin jaalala jaalallee isaaniif qaban waan adda addaa waliin wal qabsiisuun sirbu. Fakkeenyaaf amala bofa gammoojjiifi jaalala wal qabsiisuun sirbu. Bafti kan siiksuu qabu kan gammoojjii garuu amala uumamaa qabu dhiisuun yuusuu isaa, gurbaan jaallachuurra darbee imimmaan buusaa jiraachuusaa ibsa. Aadufi yuusuun garaagarummaa qabu. Aaduu sagalee gad qabatanii suuta’anii quuqqaa isaanii ibsachuu yoo ta’u yuusuun immoo, akka sagalee namni hundi dhgahuu danda’utti ol kaasanii dubbachuudha. Dargaggeessi tokko yookiin shamarren jaalala waliif qaban kan suutaan sagalee gad qabachuun ofitti gmgumaa turan amma gruu, obsuu hin dandeenyuu ol fuunee dubbannee namni nuuf dhagahuu qaba jechuun sagalee ol kaasanii akka binneensaatti yuusan. Jaalalliifi yaadumsi kun kan itti cimuu danda’es dargaggootas ta’e namoonni sababa lagni guutuun wal arguu dhabuu irraa kan ka’e yerootti baay’ee wal hawwan kana sirbi gubaan xoboraa kun immoo yerootti wal qunnamsiisu waan ta’eef sirba gubaa baay’ee jaallatu. Boffee daalachaa Hayyaasee Qanyiitii jirbii Hayyaasee Asiiqii sirbii korree Hayyaasee Sobdeet dhaabattaa Hayyaasee Buufanni sirbaa armaan olii kun qanyiitii, boffeefi jaalala walqabsiisuun sirbu. Qanyiitiifi jirbiin walqabatee uffata bareedaan tokko akkuma tolfamuu danda’u, jaalalli akkuma qanyiitiifi jirbiin wal ta’anii jabina argatan jaalallis qaama lachuurraa yoo kan maddu ta’e walqixa ta’uu akka danda’udha.Asiiqii sibii sobdeet dhaabatta yoo jedhu isheenis akka isa jaallattu ni beeka garuu, osooma jaallattuu jaalalashee of keessatti hammattee callistee taa’uu ishee hubatee jira. Kanaaf, najaallachuukee hubadheen jiraa koottu waliin sirbina jechuun sirbuun itti dhaammata. Kanaaf sirbi gubaa xomboraa nama wal yaadee karaa wal argu dhabeeru wal qunnamsiiftuu waan ta’eef kabajamaafi jaallatamaadha.
  • 49. 38 4.5.2. Yeroo Sirba Gubaa Xomboraa Kan Shamarran Sirban. Habaaboo yaa habaaboo birraa Yaa habaaboo birraa Daakkannee daakkannee Yaa habaaboo birraa Soogidda irraanfannee Yaa habaaboo birraa Isa nyaannee bulluu Yaa habaaboo birraa Faarfannee faarfannee Yaa habaaboo biraa Mooticha irraanfannee Yaa habaaboo birraa Isa ilaallee bulluu Yaa habaaboo birraa Farsookoo diqqiikoo Yaa habaaboo birraa Naafoo calaliikoo Yaa habaaboo birraa Lammiikoo birqiikoo Yaa habaaboo birraa Naafoo qananiikoo Yaa habaaboo birraa Yoon haamee haamee Yaa habaaboo birraa Yoon haame qarmiikoo Yaa habaaboo birraa Qoteen beessalaaree Yaa habaaboo birraa Yoon waamee lammiikoo Yaa habaaboo birraa Sobeen fakkaraaree Yaa habaaboo birraa. Afgaaffii Buukee Ayyaanaafi Biqilee Dhugumaa waliin taasisuun odeeffannoo argamedha. Yeroo sirbi gubaa xoboraa ka’u birraatu yaadatama. Shamarran yeroo sirba gubaa birraan quufa fidee akka dhufuufi sirba kanaaf qophiin barbaachisaa ta’e gochuun barbaachsaa ta’uusaa himu. Shamarran dibbee qabatanii warra hurruubsan gidduu galanii asiifi achi garmaamuun dibbee rukkutanii yeroo weellisan hurruubtonni jalaa qabuun sirbu. Buufanni jaqabaa “Daakkanne daakkannee, soogidda irraanfannee, isa nyaannee bulluu” kan jedhu kun kun soogiddi mi’eessituu waan nyaatamuuti. Nyaanni isa malee akkuma hin mi’oofne nama goota ta’e tokko faarfamuu qaba malee irraanfatamuun akka hin qabne sirbaan waliif ibsu. Soogiddiifi namni goota ta’e murteessoofi bakka guddaan akka laatamuufii qabu himu. Buufanni “ Farsookoo diqqiikoo, naafoo calaliikoo,lammiikoo birqiikoo naafoo qananiiko “ jedhu kun farsoofi lammii ofii wal cinaa qabanii ilaaluun gaariidha. Akka sirba kanaatti farsoon gosa adda addaatti akka qoodamuufi dhala namaa keessaas gosoonni adda addaa akka
  • 50. 39 jiru sirbaan ibsu. Farsoon mataa farsoo, calaliifi diqqii akkuma qabu, dhalli namaas aantee lammiin ofii gaachana ofii ta’uusaa himu. Mammaaksa “ Firri gara firaatti, harreen gara daaraatti” akkuma jedhamee mammaakamu lammiin ofii yeroo rakkinaa, yeroo roorro kan nama cinaa dhhbbatu waan ta’eef orma duukaa wal madaachisuun akka hin danda’amne sirbaan waliif dhaammatu. Kana malees, yeroo ayyaana kanaa kan yaadatamuu qabu nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’iin qomoo ofii yookiin lammiin ofiillee akka faarfamuu qabu himu. Sirba kana keessatti lammiin ofii eenyuunuu akka hin qixxaanneefi eenyummaa ofii irraanfachuun of ganuu akka ta’etti ilaaluudha jedhu. Hamma fedheyyuu orma jaallatan hamma lammii ofii eenyuyyuu ga’uu akka hin dandeenye sirba kanarraa hubachuun ni danda’ama. Sirba gubaa xomboraa sirbuuf qofa osoo hin taane dhimmoota jiruufi jireenya ilma namaa akkamittiin akka jiraachuu qabu, maal jaalatee maal jibbuu akka qabus kan akeekudha. Hiyyoo yaa habaaboo birraa Yaa habaaboo birraa Garafaa jibootaa Yaa habaaboo birraa Loon qarmii dheedanoo Yaa habaaboo birraa Kan afaan dhibbootaa Yaa habaaboo birraa Alamiin keessanoo Yaa habaaboo birraa Yaa mooqa hin mi’oofnee Yaa habaaboo birraa Ammaan si mi’eessaa Yaa habaaboo birraa Yaa gootaa hin si’oofnee Yaa habaaboo birraa Ammaan sisi’eessaa Yaa habaaboo birraa Sirba armaan olii keessatti buufanni “Garafaa jibootaa loon qarmii dheedanoo, kan afaan dhibbootaa, alamiin keessanoo” horiin waqtii birraa keessa akka qarmii dheedaniifi yeroo qarmii dheedisaa kana immoo, jiboota garafuun ulfaataa akka ta’e kan namatti himudha. Jiboonni kan garafamuu qabdu osoo hin quufiin garaa qullaa yoo ta’e malee quufnaan garafuun akka hin dada’amne ta’uusaati. Akkuma oromoon “Dubaraafi jiboota garaa qullaa leenjisu” jedhamee akkuma.mammaaku jiboonni qarmii dheeddennaan qabanii akka qottu gochuun ulffataadha jechuudha. Qarmii jechuun yeroo birraa midhaan gahee kan irraa
  • 51. 40 haamamee marga isaa loon nyaatanidha yookiin dheedanidha. Buufanni dhumaa” Yaamooqaa hin mi’oofnee, ammaan simi’eessaa yaa gootaa hin si’oofnee ammaan sisi’eessaa” buufanni jedhu mooqaa hin mi’oofneefi dabeessa wal cinaa qabuun sirbu. Mooqa hin mi’oofne mi’eessuun akkuma danda’amu, nama dabeessa ta’es gootomsuun ni danda’ama jechuun shamarran sirbuun wal onnachiisu. Yaa birroolee birrooleekoo Birrooleekoo Leeqaan callee hin tumuu Birrooleekoo Tumi jennaan didee Birrooleekoo Didee kasakkasaa Birrooleekoo Seenaan wallee hin dhumuu Birrooleekoo Dhumi jennaan didee Birrooleekoo Didee bacabacaa Birrooleekoo. Sirboonni armaan olii kun gareen wahii ogummaa waa hojjechuu akka hin dandeenye sirba kana keessatti qeequ. Waanta hin dandeenye tokko hojjechuuf yeroo ofii balleessuurraa waanta ogummaa qaban tokko hojechuun bu’aa qabeessa ta’uu isaatu sirba kanarraa hubatama. Shamarran weeddisuun rakkina hawaasa keessa jiru qeequu, uummataaf ibsuufi barsiisuu jajjabeessuu, akka danda’amu walti himu. Akkasumas, akka yaada kanaatti weedduun human guddaa qabaachuu isaa kan nama hubachiisudha. Afgaaffii Misgaanee Baay’isaa irraa odeeffannoo argamedha. 4.6. Sirba Gubaa Xomboraa Keessatti Malleen Dubbii Malleen dubbii dhugummaa wan tokkoo kallattiin ibsuurra waanta hawaasa keessatti kalaqamuun walqabsiisuun fakkii sammuu dubbisaa yookiin dhaggeeffataa keessatti kan ka’udha. Kana ilaalchisee, Addunyaa(2014:208) irratti yoo ibsu. “Malleen dubbii fayyadama afaanii haala salphaa ta’een dhaamsa tokko kan namootaaf dabarsudha” jedha. Yaada kanarraas kan hubatamu malleen dubbii sirba gubaa xomboraa dhiironni sirban keessatti erga dabarfachuun barbaadame qaama barbaachisaa ta’etti haala salphaa ta’een dubbachuudha. Malleen dubbii sirba gubaa xomboraa kunis akkaataa itti aanee jiruun ergaansaanii qaacceffamaniiru.
  • 52. 41 A.Iddeessa Malleen dubbii kun amala wan tokko qabu kan birootiif tajaajila. Amala, bifa, yookiin boca namaa, kan bineensaa, kan mukaa akkasumas, lubbuu qabeeyyii garaagaraa fuudhee kan birootiif kennuun guddisee namatti agarsiisa. Birbirsa goodaa gaagura qeenxee Birbir nagootaa nadura deemtee Muxuxxee hadaa baala hadaamii Sifudheen badaa gaafa qadaamii Loon warra deeddee hattuun hatteettii Been laga buunaa naafoo gamteettii Gaangeen hin qottuu gaara gubbaattii Arreedii koottuu tabba gubbaattii Amuruufi horroo waltoo lamaa Garaan jaalalaa walittoo gamaa Sirba kana keessatti buufanni “Birbirsa goodaa gaagura qeenxee, birbir nagoota nadura deemtee” jedhu birbirsa lagaa, gaaguraa wal cinaa qabuun jaalalasaanii waliif ibsu. Jechoonni sarara tokkoffaa jalqabarra jiuufi sarara lammaffaa jalqabarra jiru sirbi kun akka wal unatee deemu taasiseera. “Birbir nagoota nadura deemtee” jechuun dargaggeessi ishee shamarranii baa’yyee jaallachuurra darbee yeroo hunda akka ishee yadatuufi yaada isaa keesssa akka hin banne ibsaaf. Buufanni lammaffaan immoo, “Muxuxxee hadaa baala hadaamii, sifudheen bada gaafa qadamii” jechuun gaaleen sarara jalqabaarra jiran lameen akka wal unatuuf sagalee wal fakkaataan eegale. Sararri lammaffaan namoonni waljaallatan karaa wal fudhatanii waliin galan mala yoommuu dhahatan guyyaa gabaa gabaa keessa akka isaaniif mijatu mala dhahuun sirbaan walitti dhaammatu. Buufanni”Loon warra deeddee hattuun hatteettii, been laga buuna naafoo gamteettii” jedhu warri deeddee kan jedhu gosadha. Gosa warra deedee keessaa dargaggeessi tokko jaallachuusaa ibsa. Buufanni biroon immoo, “ Gaangeen hin qottuu tabba gubbaattii, arreedii koottuu tabba gubbaatti” kan jedhu tabbaafi gaangee wal bira qabanii ibsuun jaalalloonni
  • 53. 42 lameen tabba irratti akka wal arguu qaban beellamatu. Akkasumas, buufanni dhumaa “Amuruufi Horroo walittoo lamaa, garaan jaalalaa walittoo gamaa” jechuun biyyoonni lameen kun tokko osoo hin taane aanaa adda addaa ta’uusaa agarsiisa. Kanaafuu, namoonnii aanaa adda addaa keessa jiran waljaallachuu isaanii agarsiisa. Afgaaffii Rabbirraa Galataa irraa odeeffannoo argamedha. Baala geeshee baala allaadduu Maal dhageessee intaloo maaf nayyaadduu Qanyiitii jirbii boffee daalachaa Asiiqii sirbii korree sobdeet dhaabatta Gaafa daamaraa lafaan namaraa Gaafa ekeraa nan qebexxeraa Gaafa ibsaa immoo,an sirban jiksaa Eenyu loon tiksaa. Afgaaffii Namee Galataa irraa kan fudhatame. Sirbi gubaa xomboraa armaan olii dargaggeeyyiin wal gahanii galgala galgala bakka dhaabbataa ta’e tokkotti wal ga’anii sirbu. Jaalallee isaanii ala dhaabbachuu irra waliin yoo sirbine jaalalli waliif qabnu caalaa dabaluu akka danda’u kan ibsatu. Buufanni tokkoffaan “Baala geeshee baala allaadduu, maal dhageessee intaloo maf nayyaadduu”? jechuun allaadduufi baalli geeshee yeroo baayyee goginsi kan irratti hin mul’annedha. Akkuma allaadduun bishaan keessa dhaabatee hollatu inni dhiiraas jaalalasaa ishee dubartiif ibsuuf akka allaadduu sanaatti hollachuun sirba. Allaadduu bishaan keessaafi hurruubsa dargaggootaa waliin wal fakkeessanii weellisu. Buufanni lammaffaan immoo, “Gaafa daamaraa lafaan namaraa, Gaafa ekeraa nan qebexxera’ jechuun namni guyyaa daamaraa nyaatee dhugee gammadee gubaa xomboraa boorumtiif of qopheessa. Ekeraan immoo, sirbi gubaa darbee yeroo nama du’ee itti yaadatanidha. Guyyaa ekeraa kana sirbaafi gammachuu osoo hin taane guyyaa fira du’ee itti yaadachuufi dhibaafannaati. Nan qebexxera jedhanii yoommuu sirban waan hin yaadamneefi waan hin argamne tokko akka isa arganiitti haasa’uun bishaan akka tumaniiti yookiin waan deebi’ee hin argamneefi abjuu ta’uusaa kan agarsiisudha.Buufanni dhumaa lamaan sirba guyyaa gubaa
  • 54. 43 xomboraa sirbamu irratti namni hundi hirmaachuuf fedhii qabaachuu isaa kan mul’isudha. Guyyaa kana ijoolleen dur loon tiksitus tiksuurra sirba deemuu filatu. Kanaaf, jala bultii sirba xomboraa akka loon tiksuu hin barbaane sirbaan dhaammatu. Maatiinis fedhii ijoollee kana hubachuun guyyaa ayyaana xomboraa loon dabaree dabareen akka tikfaman godhu. Dabaree jechuun guyyaa sirba gubaa sana sa’aatii kudha lama addaan qoqqooduun namni lama sadiin loon akka tikfamu godhama. Kanarraa mirgi ijoollees haala gaariin eegamuu isaa hubanna. Dhaddee dullattii Hiyyaasee Saroonni harkiftee Hiyyaasee Kanshee dubbattii Hiyyaasee Kankoo lakkiftee Hiyyaasee Siifan daggalee Hiyyaasee Hin qotu hin ciruu Hiyyaasee Siifan as galee Hiyyaasee Sirba buufata jalqabaarra jiru “Dhaddee dullattii,saroonni harkiftee” kan jedhu kun dhaddeen yoo dulloomte irbaata nyaata saree ta’uusaa agarsiisa. kanarraa waanti hubatamu waan hudumtuu tajaajlli isaa daanga’aa ta’uusaati. Buufanni inni lammaffaan “Kanshee dubbatti kankoo lakiftee” kun kan agarsiisu jaalalli yeroo qabaachuu isaafi jaalala walii walii hubachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsaaf. Buufanni dhumaa “Siifan daggalee hin qotu hin ciruu siifan asgalee” kan jedhu kun daggala jechhn bosona namni seenuu sodaatudha. Kan jaalala kanaan qabame kun daggalaafi isa wal fakeessee sirba. Kunis kan mul’isu sababa jaalala keerraa kan ka’e qulqullinasaa eeggachuu akka dadhabe dhaamaaf. Sababa jaallchuu irraa kan ka’e biyyasaa dhiisee gara biyyasheetti galuus sirbaan itti hima. Hojiisaafi firasaa dhiisee garashee deemuusaa baayyee akka ishee jaallatu ishee hubaciisuun ishhiinis kana na hubatti jedhee yaada. Himannaa isaaniis warri sirban dhaggeeffachuun walitti araarsuuf yaalii godhu. Isaanillee balleessaa ofii hubachuun walitti ni araaramu jedhamee yaadama kan jedhu abdatu sirbitoonni biroon. Kun kan nama hubachiisu sirbi gubaa xomboraa kun sirbuuf qofa osoo hin taane nama wal jaallate akka walitti araarsuu
  • 55. 44 danda’u hubanna. Akkasumas, obsiifi dhiifama walii gochuun gaarii akka ta’e hubatama. Kana malees, lamaanuu baayyee akka wal jaallatan sirba kana irraa hubachuun ni danda’ama. B. Akkasaa Akkasaan gaalee ‘akka,’hanga’ fakkaata’ ‘ni ga’a’ jedhamanitti gargaaramuu waantoota adda addaa lama walbira qabuun ibsuun sammuu dubbisaa yookiin dhaggeeffataa keessatti suuraa kaasuudha. Akkayyuu siree Yabaabakoo Wayanbassaa Jidda dhaabbannee Yabaabakoo Wayanbassaa Akka nuuf hiree Yabaabakoo Wayanbassaa Sirba jaallanna Yababakoo Wayanbassaa Sirba kana keessatti buufata tokkoffaan “Akkayyuu siree, jidda dhaabbannee” akkayyuufi jiddi maqaa biyyaati. Dargaggoonnifi shamarran biyyoota lameen kanarra jiran wal jaallachuu isaanii biyya isaanii maqaa dhahuun walitti sirbu. Buufata lammaffaan “Akka nuuf hire, sirba jaallanna” kan jedhu immoo, dargaggoonniifi shamarran biyya lameen kana keessa jiran kennaamaan akka sirba jaallatan himatu. Fedhii sirba jaallachuu isaanii waliif ibsuun waliti dhufnee sirba gubaa xomboraa waliin sirbuuf walitti dhaammatu. Lafarra loonaa akka tukaanii Hidhii wal hoonaa akkasumaanii Koottu akka taanuu, gargar hin baanuu Yoo gargar baanee waliifoo hin taanuu. Sirba buufata tokkoffaa keessatti “Lafarra loona akka tukanii, hidhii wal hoona akkasumaanii” sirbi jedhu kun tukaaniin bineensa dhiiga namaa xuuxxu kan nama miidhuuf uumamtedha. Akkasuma jaalalloonni lameen hidhii wal hodhuun akkanumaan ta’uusaa ibsaaf .Jaalalloonni lameen akkas jedhanii sirbuun isaanii jaalala waliif qaban hin ibsu osoo hin ta’iin waliin bulitti dhaabbachuu isaanii waan shakkaniif. Sababni isaan ija shakkiin sirbaniifis maatiin kan barbaadanitti waan heerumsiisaniifi fuusisaniif wal jaallachuun keenyi akkanumaan ta’uu