SlideShare a Scribd company logo
1 of 83
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa
Mudde, 2014
Finfinnee
Sanada Tiraansifoormeeshinii Kenniinsa
Tajaajila Mootummaa
Qabiyyee Sanadichaa
Kutaa Tokko
 Seensa
 Kaayyoo
 Barbaachisummaa
 Ka’umsa Karoorichaa
Kutaa Lama
Yaaliiwwan Ijaarsa Pabliik Sarviisii Hanga Yoonaa Taasifame,
Bu’aalee Argamanii fi Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa
Tajaajilaa
Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa Tajaajila Mootummaa
Kutaa Sadii:- Furmaata Rakkoolee
Kutaa Afur:- Gurmaa’iinsa Sanadichi itti Raawwatamu
Kutaa Shan:- Gahee Qaamolee Adda Addaa
Miiltoo
Kutaa Tokko
1.1 Seensa
 Hojiilee ijoo xiyyeeffannoo mootummaa keessaa inni
guddaan tokko kenniinsa tajaajilaa fooyyessuudhaan
hawaasni tajaajila qulqulluu, qaqabamaa, loogii irraa
bilisa ta’ee fi haqa-qabeessa akka argatu taasisuun
fayydamummaa uummata tajaajilamaa mirkaneessuudha.
 Akka biyyaattis ta’e akka naannoo keenyaatti kenniinsa
tajaajila manneen hojii mootummaa fooyyessuuf
sochiiwwan adda addaa raawwatamaa turaniin bu’aan
gurguddaan argameera.
 Haata’u malee bu’aalee hanga ammaa bifa adda adaatiin
argaman gahaa kan hin taanee fi fedhii hawaasaa yeroo
 Hanqinaaleen kenniinsa tajaajila manneen hojii keessatti
mul’atan kun sadarkaa mana hojii, hooggansaa fi siivil
sarvaantii naannichaa biratti kan calaqqisuudha.
 Maddi rakkoolee kanaas,
 Hojimaata fi qajeelfama mootummaa cabsuu,
 Sirni gaafatamummaa laafaa ta’uu,
 Aantummaa uummataa dhabuu,
 Al-naamusummaa pablik sarvisii keessatti babal’ate,
fi kanneen biroonis ni jiru.
 Karoora badhaadhinaa akka naannootti qabame milkeessuu
akkasumas cee’umsa jaarmiyaalee (Institutional
Transformation) mirkaneessuun waan hindanda’mneef furmaata
hatattamaa barbaaduun murteessaa ta’a.
 Kanuma bu’uura godhachuun tajaajila kennamu ariifataa fi haqa-
qabeessa taasisuun itti-quufiinsaa fi amantaa tajaajilamtootaa
guddisuuf tooftaa fi xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun
murteessaa ta’uu isaatiin sanada tiraansiformeshinii kenniinsa
tajaajilaa kana qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera.
1.2 Kaayyoo Sanadichaa
Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon waliigalaa karoora kanaa,
• Rakkoolee kenniinsa tajaajilaan walqabatanii damee
tajaajila mootummaa keessatti mul’atan,
• Komii fi gaaffii uummataaf dhimmoota sababa ta’an adda
baasuun hatattamaan akka hiikamu taasisuudha.
kaayyoo Gooree
 Rakkoolee kenniinsa tajaajila manneen hojii mootummaa keessatti
qunnaman hatattamaan furuun komii ummatni qabu xiqqeessuuf;
 Jijjiirama gama Diinagdeef Siyaasaatiin jiru qulqullina tajaajilaatiin
deggeruu fi mirkaneesssuuf;
 Karoora tarsiima’aa(5 and 10 year plan) mootummaa galmaan gahuu
 Itti-quufinsaa fi amantaa (Trust) ummataa daran guddisuu,
1.3 Barbaachisummaa
1. Uummanni keenya aggaammii gareen shororkaa Juuntaa irra
geessise ,karaa qindaa’aa fi seena qabeessa ta’een ofirraa
qolatee jira
2. Gama biraatiin ammoo manneen hojii mootummaa fi
hojjettoota biratti juntaaleen xixiqoon biroo kenniinsa
tajaajilaa waliin wal-qabatee uummata keenya daraaraa jiran
akka qulqullaa’uuf sirrattu fedhiin hawaasa keessaa (Public
Expectation) ol-aanaa akka ta’e ni hubatama.
3. Kanaafuu, rakkoolee ijoo kenna tajaajila mootummaa keessatti
yeroo ammaa mul’atu hatattamaan hiikuun tajaajila si’ataa,
iftoomina qabuu fi dhaqqabamaa ta’e mirkaneessuun
hirmaannaa hawaasa keenyatiin sirna Hannaa fi Loogii
xiqqeessuu tajaajila uummatni barbaadu daraan saffisiisuun itti
quufiinsa ummataa fi imala badhaadhinaa mirkaneessuuf
1.4 Ka’uumsa Sanadichaa
a) Heera Mootummaa Biyyaa fi kan Naannoo
 Heera Mootumma keewwata 12 jalatti, hojimaatni
mootummaa hundi ummataaf ifa ta’ee raawwatamuu akka
qabuu fi ummanni tajaajila mootummaa irratti amantaa yoo
dhabe gaafachuu akka danda’u ifatti taa’ee jira.
b) Karoora Imala Badhaadhinaa
 Kaayyoo imala badhaadhinaa kessatti mootummaa
fayyadamummaa, haqa-qabeessaa, ummata biratti
fudhatama qabuu fi misooma hawaasummaa
mirkaneessuu danda’u ijaaramuu akka qabu,
c) Imaammata Kenniinsa Tajaajilaa Biyyoolessaa
 Imaammata kenniinsa tajaajilaa Biyyoolessaa keessatti
kenniinsa tajaajila mootummaa, si’ataa, ammayyaa’aa, kan
tajaajilamaa giddugaleessa godhatee fi haala yeroo waliin
deemu ta’uu akka qabu ibsamee jiraachuu isaa akka
ka’uumsatti fudhachuun ni danda’ama.
d) Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa fi Naannoo
 Labsii hojjettoota Mootummaa lakk. 1064/2017, keewwata
33 fi 34 jalatti, hojjetaan mootummaa tokko torbanitti sa’atii
39f fi guyyaatti ammoo sa’aa 8tiif hojjechuu akka qabu
tumamee jira.
 Kewwattoota 35 fi 36 jalatti dirqama manneen hojii
mootummaa fi hojjettootaa ibsee jira.
d) Sosochichii Kenna Tajaajila Bara Darbe Gaggeeffame
 Bara darbe rakkoo tajaajiltummaa pabliik sarviisii naannoo
keenyaa yeroo cee’uumsa keessatti isa qunname hiikuuf kallattii
mootummaan naannichaa mootummaa cimaa ijaaru jedhu
kenneen hojimaanni adda adda qophaa’ee sadarkaa hundatti
leenjii fi haaromsi akka taasifamu ta’ee jira. Jijjiirama(??) dhufes
akka jalqabbii tokkootti fudhatamee jira.
d) Rakkoolee Hammaataa Kenna Tajaajilaa Yeroo Ammaa Mul’achaa,
 Rakkoolee gurguddoo kenna tajaajila mootummaa naannichaa
keessatti yeroo ammaa qunnaman akka ka’uumsa tokkootti qophii
sanada kanaa keessatti hojiirra oolee jira.
 Keessattuu argannoon qorannoon kenna tajaajila mootummaa
manneen hojii sadarkaa Naannoo, Godina fi Magaalotaa
(manneen hojii naannoo 48, godinaalee fi magaaloota 1188,
gandoota magaalaa 120) irratti gadifageenyaan qoratame akka
Kutaa Lama
2.1 Yaaliwwan Ijaarsa Pabliik Sarviisii Hanga Ammaatti
Taasifamanii fi
Bu’aalee Gurguddoo Argaman
a) Yaaliwwan Ijaarsa Pabliik Sarvisii Hanga Ammaatti
Taasifaman
 Akkuma beekamu biyyi keenya seena ijaarsa mootummaa
dheeraa kan qabdu yoo ta’u seenaan ijaarsa pabliik
sarviisii jaarraa walakkaa hin caalle qabdi.
 Umrii jaarraa walakkaa kana keessatti ijaarsa pabliik
sarviisii biyya keenyaa waliin walqabatee yaaliin taasifaman
fayidaa ummataa fi guddinni biyyi keenya feetu waliin yoo
madaalamu baay’ee gadi Aanaadha.
 Akka naannoo keenyattis pabliik sarviisiin keenya umrii
waggoota 30 kan qabuu ta’ee carraawwan heddu akkuma
qabu qormaata heddu kan qabu ta’uu isaa hubatamuu qaba.
 Akka carraatti pabliik sarviisiin naannichaa umrii gabaabaa
waan qabuuf riifoormii hundagaleessa keessa itti fufiinsaan
yoo darbe fi hoogganame yeroo gabaabaa keessatti pabliik
sarviisii fedhii fi dantaa ummata keenyaa milkeessuu
uumuun ni danda’ama.
 Akka qormaataatti pabliik sarviisiin naannichaa akkaataa
amma qabamee fi tarsiimoo jijjiiramaa ifa ta’een yoo hin
hoogganamne ummata tajaajiluun hafee maxxanaa ta’ee
ummatatti ba’aa dabalataa ta’ee itti fufuun isaa hinoolu,
 Waggoottan 30n darban keessatti pabbliik sarviisii amma jiru
ijaaruuf riifoormiiwwan babal’aan gaggeeffamaa turanii jiru,
1. Riifoormiiwwan fooyya’iinsa sirna haqaa,
2. Fooyya’iinsa kenna tajaajila civil sarviisii,
3. Sirna al-waaltiinsa Magaalootaa, Aanaalee fi Gandootaa,
4. Fooyya’iinsa galii fi taaksii,
5. Riifoormii Magaalootaa fi tajaajila mootummaa
6. Dijitaalessuu fi kkf kaasuun ni danda’ama.
 Kanaanis gurmaa’insi mootummaa ummatatti akka dhiyaatu taasisuuf yeroo yeroon
dabalaa deemuun
 Yeroo ammaa giddugaleessonni tajaajila mootummaa itti kennamu 44,750 irra akka gahu
taasifamee jira.
 Hojjetaan mootummaa tajaajila ummanni barbaadu sadarkaan kennuu danda’u hammaa fi
baay’inaan (575,000 ol) qaxaramee hojiitti akka galau taasifamee jira.
b) Bu’aawwan Gurguddoo …
 Milkaa’inoota gurguddoo akka naannootti sadarkan dhufan
keessatti gahee olaanaa qaba.
 Seektara qonnaatiin oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii
midhaan nyaataa mirkaneessuu irratti akka ragaan istaatistiksii
biyyooleessaa ibsutti
 Qonna gannaa midhaan gosa adda addaa waggaatti kuntaala
mil.169.6,
 Qonna arfaasaatiin ammo kuntaala mil.15.5
 Qonna jallisiitiin kuduraa/muduraalee fi midhaan adda
addaa kuntaala mil.86.7 oomishuun danda’ameera.
o Misooma Daandiin
 Qabeenyi daandii naannoo keenyaa dhuma bara
2012tti km 55,911.3 irra ture xumura bara 2013tti gara
km 57,721.7tti ol guddisuun danda’ameera.
o Carraa hojii uumuu ilaalchisee carraa hojii dhaabbii
uumame sektaraan qonni %35, beeyladni %17, tajaajilli
%16, albuudni %14, daldallii %11, maanufaakcharingiin %
4 fi akkasumas konistiraakshiniin %3 ta’uun isaa
hubatameera.
o Sassaabbii Galiitiin; galii idilee qar.bil.27.1 fi galii mana
qopheessaa qar.bil.6 sassaabuuf karoorfamee; walduraa
duubaan galii idilee qar.bil.30.23 (%111.5) fi galii mana
o Misooma Barnootaan walqabatee, bara 2013 qofa
 Manneen barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 59 xumuramanii
hojiif qophii kan ta’aniiru.
 Manneen barnoota Ifa Boruu bultii addaa 7 bara 2013
jalqabaman ijaarsi isaanii gidduugaleessaan %76 irra kan
gahee fi manneen barnoota addaa 40 hundeessuuf
karoorfaman keessaas 30 (%75) saaqamanii tajaajila kennuu
eegalaniiru.
o Tajaajila fayyaa qulqullinaa fi walgitinsa qabu ummataaf gahuu irratti
raawwii 2013 qofa yoo ilaalle
 dubartoota tajaajila karoora maatii argachuu qaban mil 6.2 keessaa %92 kan ta’an
tajaajila kan argatan yommuu ta’u;
 dubartoota ulfaa oggeeyyii fayyaatiin tajaajila da’umsaa dhaabbilee fayyaa
 Tajaajila talaallii farra dhibeewwaniin walqabatee;
 daa’imman umuriin isaanii waggaa tokkoo gadii jiran mil.1.3
karoorfamee mil.1.4 (%102) talaallii farra dhibeewwan shanii
sadaffaa fi talaallii dhibee gifiraa mil.1.3 keessaa mil.1.2 (%99)
kennamee jira.
 Ittisaa fi to’annoo TB ilaalchisee; bara 2013tti namoota kuma 42 TB
qaban jedhamee tilmaamame keessaa kuma 32 (%76.4) adda
baasuun danda’amee jira. Namoota akka waliigalaatti TB
yaalamaa turan keessaa %97 qoricha fudhatanii kan xumuran
yommuu ta’u; isaan keessaa %86 fayyuun isaanii mirkanaa’eera.
 Tajaajila Haqaa ilaalchisee nageenyaa fi ol’aantumaa seeraa
mirkanessuf caasaalee nageenyaa humnaan, dandeettii fi
hidhannoodhaan cimsuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa tureera
(caasaa nageenyaa lakkoofsa isaa dabaluu, dandeettii fi gahumsa
Kutaa Lama
Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa Tajaajila Mootummaa
2.1 Rakkoolee Kenniinsa Tajaajilaa Qaama Tajaajila Kennu
Biratti
(M/Hojii, Hoggansa fi Hojjeta) Biratti Bifa Walfakkatun
Mul’atan
1)Sa’atii Hojii
 kabajuun Seenuu fi Bahuu dhabuu; 4:9
 sa’a hojii mootummaatti hojii dhuunfaa irratti bobba’uu,
 mallattoo to’annoo mallatteessanii baduu,
 sababa buna fi shayiin akkasumas araada adda addaatiin sa’aa hojii
mootummaatti toora waajjiraa ooluu;
 walgahii hin barbaachifne taa’uu fi kkf bal’inaan jiraachuu
2)Tajaajila si’aa’inaafi qulqullina qabu akkaataa
istaandaardii hojii fi maamila taa’een kennuu
dhiisuun yoo barbaadan kennuu yoo hin
barbaanne ammo dhiisuu;
3) Manneen hojii hedduu keessatti Tajaajila Mootummaan
tolaan
ykn baasii xiqqaan ummataaf kennu ta’e jechuun
 Walxaxaa taasisuun,
 Bu’aa bahii itti baay’isuunii fi
 Murtee lafarra harkisuun,
 Ragaa balleessuu fi dhoksuun tajaajilaman dirqamee
matta’aa akka kennu taasisuun kan jiru ta’uu
 dallaalaa fi dubbii fixaan qaama tajaajila kennuu fi
fudhatu gidduu deemu umuu amantaa ummanni
mootummaa irraa qabu akka gadi bu’u taasisee jira.
4) Haala Simannaa Tajaajilamaa waliin walqabatee:
 Olka’anii tajaajilamaa simachuu dhabuu
 Yaada tajaajilamaa dhaggeeffachuun deebii kennuurra waan
ofii yaadan qofa itti himuun ofirraa gaggeessuu,
 Iddoo tokko tokkotti afaan hojii naannichaa kabajuun
tajaajiluu dhabuu;
 Hiyyeessaa fi dureessaa adda baasuun loogidhaan tajaajiluu,
 Arrabsuu, Sukkaneessuu, Xiqqeessuuf yaaluu fi kkf bal’inaan
kan mul’atan ta’uu;
5) Mijaa’ina, Magariisumma Fi Qulqullina Naannoo Hojii
Irratti:
 manneen hojii keessatti balfaan kan guutaman
 Mana Fincaanii Qulqulluu kan hin qabne
 Teessoo maamilaa fi darbee darbee kan hojjetaa fi hoogganaas
gahaan kan hin jirre…
 Iddoo dhiphaa fi mijataa hin taane keessa kan tajaajulu,
 iddoo bashannanaa fi haara galfii hojjetaa fi tajaajilamaa kan hin
guutamne waan ta’eef miira tajaajiltummaa hojjetaa fi hooggansaa
irratti dhiibbaa guddaa fiduu.
6) Sirna odeeffannoo ifa ta’e
 Gosa tajaajila kennamuu,
 Eenyuun akka kennamu,
 Haaldureewwan tajaajilaa,
 istaandaardii yeroo turtii irratti odeeffannoo gahaa kennuun kan
hin baratamne ta’u fi
 yaada tajaajilamaa akka galteetti fudhachuu hin jiru.
7) Manneen hojii mootummaa baay’ee keessatti bilbilli
tajaajilamaa waan
hin jirreef tajaajilamaan bilbila dhuunfaa irratti waan bilbiluuf
hooggansii fi hoojjetaan yoo barbaade ni kaasa yoo hin
barbaanne
ammoo kaasuu dhiisuu, nan bilbila jechuun maamilatti cufuu,
hooteelatti, mana dhugaatii fi nyaatatti koottu jechuu, matta’aa
gaafachuu, affeeramuu fi kkf bal’inaan jiraachuu;
8) Hojjetaas ta’ee gaggeessan sa’aa hojii mootummaatti
walgahiiwwan
bu’aa hin buusne yeroo dheeraa taa’uu, walgahii akka hojii
ilaaluu, kufaatii hojii walgahii jala dhokachuun darbuu,
9) Sirni komiin itti keessummeeffamu ifa ta’ee fi istaandaardiin
yeroo itti
raawwatuu waan hin jirreef rakkoon kenna tajaajila mootummaa
10) Qaama hojjetuu fi hin hojjenne adda baasuun gaafatamummaa
mirkaneessuun kan hin jirre ta’uu;
11) Hojimaata, seeraafi qajeelfama hojii fi iddoo hojii kabajuun
hojiirra
olchuu dhabuu;
12) Hojjettootni mootummaa barnoota isaanii fooyyeffatanii
ramaddii yoo
argatanis, gahuumsa hojichi gaafatu kan hin mul’isne ta’uu;
13) Rakkoon naamusaa hojii fi iddoo hojii hojjetootaa fi hooggansa
pablik
sarviisii biratti bal’inaan kan calaqqisu ta’uu;
14) Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e manneen hojii keessatti dagaaguu
dhabuun (mana hojii, hojjetaafi hoggansa) dhiibbaa gudda
qabaachuu
15) Qabeenyi mootummaa (Qabeenya namaa, bajataa fi qabeenya
17) Manneen sadarkaa godina, magaalaa, aanaa fi gandaattii iddoon
isaan
itti argaman tajaajilamaaf mijataa waan hin taaneef baasii
tajaajilamaa
dabaluu, qindoominaa fi qajeeltoo tajaajila foddaa tokkoon
kennuu
jedhuuf mijataa ta’uu dhabuun qulqullinairratti dhiibbaa fiduu
18) Yaadachiisotaa fi kallattiiwwan agarsiistuun kan hin jirre, bara
sirna
wayyanee kan turan, iddoo tokko tokkotti afaan hojii
naannichaatiin
kan hin barreeffamne waan ta’eef tajaajilamaan bu’aa bahiif akka
saaxilamu taasisuu fi iftoominni akka hin jiraanne ta’uu
19) Seektara hannaaf saaxilamoo ta’an (Lafa, Galii fi Daldala,
Seektara
21) Gabaasa Sobaa…
22)Walumaagalatti Tajaajilli kennamaa jiru
 Bu’aa bahii guddaa kan qabu
 Mirga tajaajila argachuu lammiilee kan sarbe,
 Baasii guddaa tajaajilamaatti kan dabalu
 Hanni bal’aan kan keessatti calaqqisu
 Fedhii fi hamilee ummata keenyaa kan hin eegne ta’uu
 Abdii ummanni mootummaa irraa qabu irratti dhiibbaa
geesisaa jiraachuu fi ummanni tajaajila mootumman kennu
irratti garaagarummaan sirna darbee (wayyaanee) fi kan
ammaa gidduu jiru kan hin mul’anne ta’uu kaasaa jira
2.2 Rakkoolee Ijoo Kenniinsa Tajaajilaa Manneen Hojii
Mootummaa
Kallattiin Ummata Bal’aaf Tajaajila Kennan Biratti Mul’atan
1) Seektara Lafaa
a) Kenniinsa tajaajilaa seektarichaa keessatti dallaalotni qaama
murteessaa ta’uun gatii tajaajilaa kan murteessan ta’uu;
kunis hooggansaa fi ogeessa seektarichaa fi dallaalota gidduu
hariiroon jiru tajaajila seektarichaa walxaxaa fi abdii
kutachiisaa taasisuu
a) Lafa tajaajila adda addaaf oolu (albuuda, invastimantii,
mana jireenyaa fi hawaasummaaf) akkaataa barbaadamuun
adda baasuun baankii lafaatti kuusuu dhabuun dhiibbaa
guddaa uumaa jiraachuu
b) Hojettootni rikardii fi kuusaa galmee maamilaa dhoksuu
tajaajila kennauuf maallaqa gaafachuu; akkasumas galmee
d)Bulchiinsa magaalaa fi baadiyyaa gidduutti daangaan ifa ta’e
jiraachuu
dhabuun ijaarsi seeraan alaa namoota humna qabaniin (daldala
lafaa fi
manaa) babal’achuu
e) Abbootiin qabiyyee (qonnan bultotni) kaartaa hojjechiisuuf
ogeessota
maandisatiin maallaqa guddaa gaafatamuun qonnaan bulaan
magaalota
heddu keessatti qaama qarshii kennee kaartaa hojjechiisuu
danda’uuf
gurguree bahaa jiraachuu;
f) Lafa beenyaan itti kaffalame tajaajila barbaadameef utuu hin
oolin
karaa seeraan alaatiin faayidaa dhuunfaaf oolchuu
i) Qabeenyi lafa Magaalaas ta’ee Baadiyaa teekinoolojiin
deeggaramee
(Kaadastaratti galchuu) akka qabamu pirojektiin hundaa’ee hojiirra
turamus hannaaf jecha magaalota baay’ee keessatti fedhii dhabuun
addaan kutuu, sababa uumuun tajaajila seektarichaa harkifataa
taasisuu
j) Magaalota keessatti Caasan gandootaa guutumatti saamicha lafaa
irratti
kan boobba’anii fi amantii ummanni mootummaa irraa qabu gaaffii
keessa galchaa kan jiru ta’uu,
k) Magaalota hedduu keessatti hojjetaa gadi aanaa irraa eegalee hanga
hooggansaatti qajeeltoon tajaajiltummaa ummaataa gonkumaa kan
hin
jirree fi ilaalcha hattummaatiin garmalee kan xaxame ta’uu;
l) Hojjettootni mana galmee ta’e jedhanii maamila irratti rakkoo
2) Komishiinii Invastimantii
a) Abbootii qabeenyaa hojii invastimantiif gara oromiyaa dhufan
 Maallaqa guddaa gaafachuu(at all steps…)
 Bu’aa bahii itti baay’isuu,
 Murteen kennamu gara dallaalaa fi dubbii fixaatiin akka raawwatamu
taasisuun waan jiruuf misooma inveestimentii naannoo keenyaa
dorgommiin ala gochuu fi ulfaataa taasisuun kan jiru waan ta’eef
abbootiin qabeenyaa filannoo isaanii jijjiiraa jiraachuu;
b) Waliigaltee Pirojektoota invastimantii addaan kutuu waliin
walqabatee adeemsi deemamu iftoomina gahaa dhabuu fi yeroo
dheeraa waan fudhatuuf pirojektootni qisaasama qabeenya adda
addaaf saaxilamuu kan jiru ta’uu qorannoon poteenshaala
invastimantii gahaa waan hin taasifamnee fi qindoominni seektara
lafaa waliin jiru laafaa waan ta’eef abbootii qabeenyaa yeroo isaan
barbaadanitti hojiitta galchuun rakkisaa ta’uu
3) Misooma Magaalaa/Mana Qopheessaa
a)Dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa daandii, ibsaa, diichii,
dildilaa fi kkf yeroo taa’e keessatti xummuramuu dhabuu,
qulqullina dhabuu
b)Qulqullinaa fi Magariisummaa Magaalaa irratti hanqinni
guddaan jiraachuu; kunis daandiiwwan keessoo suphamuu
dhabuu, diichiiwwan fi daandiiwwan keessoo magaalaa bakka
balfaan itti gatamu ta’uu
c) Qulqullina manneen nyaataa, daldalaa fi dhaabilee fayyaa
hordofuun fayyaa hawaasaa eegisuu irratti rakkoon jiraachuu
d)Tajaajilli mana qopheessaa walxaxaa, beellamni kan itti
baay’atuu fi ijaarsa pirojektoota keessatti hanni bal’inaan kan
jiru waan ta’eef qulqullina tajaajilaa irratti dhiibbaa fidee jira
e)Bulchiinsaa fi itti fayyadamni mana gandaa hordoffii fi
iftoominni waan hin jirreef maqaa haaromsuutiin mana dabalataa
f) Manneen qopheessaa magaalotaa hanga caasaa gandaatti waraqaa
eenyummaa
 Nama jiraataa magaalaa hin taaneef maallaqaan hanga
qarshii 10,000tti gurgurachuu
 Jiraataa magaalaa harka qalleeyyii dhoowwachuu,
 Ragaalee adda adda argachuu fi
 Waldaan gurmaa’uuf maallaqa gaafachuun bal’inaan kan jiru ta’uu
g) Bakka baay’eetti ibsaan daandii irraa waan hin jirreef hawaasni
yakka
ajjeechaa, saamichaa, gudeeddii fi kkf saaxilamaa jiraachuu
h) Dhiyeessii fi dabarsa lafa magaalaa iftoomina kan hin qabne ta’uu
i) Daandii konkolaattotni hedduun irra deeman qoratamuun daandii
sadarkaa isaa eeggate hojjechuu irra, daandiin yeroo diigamu
suphaa
koobil istooniif bara baraan maallaqa guddaa baasuu;
j) Kaartaa fi plaanii lafaa kennuu keessatti ogeessi fi hoggansi
4) Seektara Geejjibaa fi Loojistiiksii…
a)Dhiyeessii, bobbii fi to’annoo geejjibaa irratti komii guddaan
jiraachuu
b)Konkolaachistootni poolisii tiraafikaa waliin ta’uun
a)Taarifaa ol fe’uu,
b)Humna konkolaataa ol fe’uu
c) Uummata sodaachisuu fi tuffachuun bakka hundatti kan babal’ate
ta’uu
c) Sababa rakkoo al-seerummaa seektaricha keessa jiruun abbootiin qabeenya
hojicharratti bobba’uun gahee isaanii bahuuf fedhii dhabuu
d) Dallaalotni naannoo buufata konkolaataa jiranii fi ogeessotni/hooggansa
waajjira keessa jiran waliin hariiroo uumuun hawaasni baasii hin
barbaachifneef akka saaxilamu taasisuu
e) Seera tirafika kabajchiisuu, kenna eeyyama konkolaachisummaa, tajaajila
boolloo, kaffaltii adabbii fi kkf keessatti hanni babal’achuu
f) Dhaabbiilee leenjii irratti too’annoon sirriin waan hin jirreef ammallee
5) Seektara Daldalaa fi Gabaa
a) Dhiyeessii fi fedhiin meeshaalee bu’uuraa fi ijaarsaa walsimuu dhabuun
daldalaan tokko tokko nagahee (dispatch) meeshaa ittiin galche dhoksuu, gatii
akka barbaade dabaluun qaala’iinsa jireenyaa hammeessuu;
b) Dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa irratti abbaa qabeenya waliin ta’uun
uummatni osoo hin argatin kallattiin daldaltootaaf qooduu
c) Daldaltoota sadarkaa “A” gara “B”tti gadi buusuun galiin mootumaaf galuu
qabu osoo hin galin akka hafu ta’uu, akkasumas daldaltoota kaan irratti
immoo humnaa ol ramaduun daldala keessaa baasuu
d) Daldalaan hedduu eeyyama daldalaa malee hojjetu hedduu ta’uu fi kanneen
eeyyama hin qabne irraa qarshii fudhachuun akka daldalan taasisuu
e) To’annaa fi Hordoffii daldaltoota seeraan alaa irratti taasifame laafaa waan
ta’eef ashaaxiraa meeshaalee ijaarsaa (siimiintoo fi Sibiilaa) akkasumas
oomishaalee qonnaa fi warshaa seeraan ala kuusuu(Hoarding)
6) Pirojektoota Ijaarsaa fi Konistiraakshinii
a)Adeemsa qophii dokumantii dizayinii ijaarsaa irratti manneen
hojii ijaarsa qabaatanii ofii qopheessanii fi kanneen Biiroo
Misooma Magaalaa biratti harkifannaan guddaa jiraachuu;
b)Diizaayiniin qophaa’u xiyyeeffannaa gahaa kennuu dhabuu;
yeroo tokko tokko ammoo ta’e jedhamee faayidaa dhuunfaa
argachuuf qorannoo qulqullina hin qabne qopheessuun kan
jiru ta’uu, darbee darbees dizaayinii pirojektii tokkoof
qophaa’e kan biroof koppii gochuun waan jiruuf dizaayiniin
qophaa’u rakkoo qulqullinaa bal’aa waan qabuuf mootummaa
baasii dabalataa guddaaf saaxiluu, irra deeddeebii qorannoo
uumuu, yeroo taa’een akka hin xummuuramne taasisuun kan
jiru ta’uu;
c) Manneen hojii mootummaa abbaa pirojektii fi gorsaa biratti
sirni
hordoffii fi deeggarsaa cimaan mirkaneessu dhabuun
walqabatee
Pirojektoota mootummaa dizaayinii irraa kaasee hanga caalbaasii
fi kaffaltiitti jirukeessatti harkifannaa waan jiruuf dhiibbaa fiduu
d) Mirkaneessa sanadaa dizzayinii pirojektoota dhuunfaa irratti
waliigaltee pilaanii kennuu fi hayyama ijaarsaa kennuu irratti
abbaa
dhimmaa deddeebisuu;
e) Pirojektoota murtee mootummaatiin dhaabbilee ijaarsaaf
dorgommii
malee kennamu yeroo baay’ee dafi dafiin osoo qorannoo guutuu
hin
f) Sanada caalbaasii fi bu’aa caalbaasii yeroo barbaadamu keessatti
mirkaneessanii baasuu irratti harkifannaan waan jiruu yeroo
caalbaasii
fi waliigaltee garmalee dheeressuu
g) Abbaan qabeenyaa mirkaneessa sanada dizzaaayinii, caalbaasii fi
mirkaneessa raga kaffaltiif kontiraaktaraa fi gorsaa waliin walitti
dhufeenya addaa (informal) uumuun malaammaltummaa
raawwachuu
h) Rakkoon qindoomina seektaroota gidduutti jiru sababa waltuffii
ogeeyyii
gidduutti jiru hiiku dhabuu;
i) Sagantaa raawwii pirojektootni ittiin hoogganaman qopheessuun
hojiirra
oolchuu dhabuu
j) Sirna bulchiinsa kontiraataa hojiirra oolchuu dhabuun qisaasamaa
l) Pirojektoota tokko tokko
 osoo hin xummuuramin eebbisiisuu,
 pirojektootni xumuramanii haaldureen waan hin gutamneef tajajila
osoo hin kennin dhaabbachuu fi qisaasamaaf saaxilamuu,
 Pirojektii tokko irra deddeebiin eebbisiisuu kan jiru ta’uu
m) Caalbaasii pirojektootaa keessatti gahuumsa koontiraaktaraa osoo hin
madaaliin waan kennamuuf pirojektiin yeroo taa’e keessatti akka hin
xummuuramne taasisuu, malaammaltummaaf qaawwa guddaa uumuu
n) Manneen hojii abbaa pirojektii ta’anii fi kontiraaktaraa fi gorsaa
pirojektii gidduutti Rakkoon qindoominaa waan jiruuf harkifannaa,
malaammaltummaaf karaa banuu, baasii dabalataaf saaxiluun kan jiru
ta’uu
7) Carraa Hojii Umuu fi Ogummaa
a) Hoji-barbaaddota gurmessuun hojitti galchuu keessatti (calallii irrati)
abbotii qabeenya, hoggantoota fi hojjettota mootumma gurmessuu;
b) Namni tokko magaalota lamaaf isaa ol keessatti ijaaramuu
c) Naannoo warshaaleetti waldaalee namni dhuunfaa tokko maqaa yoo
xiqqate 5-6 tiin gurmaa’uun carraa hoji-dhabaa cufuu,
d) Sababa hordoffii gahaan hin jirreef lafti fi sheediin irratti gurmaa’an
tajaajila biraaf ooluu, waldaaleen gadi-lakkisuu fi cee’uu dhabuu
e) Waldaalee IMX yeroo taa’e keessatti cee’uu qaban qajeelfama cabsuun
yeroo dheeraaf tursiisuu;
f) Sheediiwwanii fi kilaastaroota ijaaramaniif bu’uuraalee misoomaa
guutamuu dhabuu,
g) Liqii deebisiisuu irratti hanqinni jiraachuu
h) Bakkeewwan oomishaafi gurgurtaa kennaman gabaaf qaqqabamaa ta’uu
dhabu
8) Bishaan
a) Sirni kaffaltii tajaajila bishanii iftominaa fi si’omina kan hin qabne
ta’uu
b)Lakkooftuu bishaanii maallaqaan jijjiiruu, lakkooftuun harka nama
dhuunfaa taa’uu;
c) Dhiyeessiin bishaan dhugaatii babal’ina magaalotaa yeroo ammaan
walsimuu dhabuu
d)Haalli dhiyeessii bishaanii iftoomina fi gaafatamummaa kan hin
qabne waan ta’eef hannaaf saaxilamuu, maamiltoota hiraarsuu;
e) Qorannoon dizaaynii projektii bishaan dhugaatii bakka hundatti
rakkoo qabaachuu
f) Ogeessotni W/Bishaanii abbootii qabeenyaa waliin ta’uun dhaabilee
dhuunfaa, warshaalee fi namoota dhuunfaan bishaan gurguraniif
hanga ramadamuu qabuun ol (unfair) raabsuun hawaasni bishaan
osoo hin argatin yeroo dheeraaf akka turu taasisuu, uummata
mufachiisuun bal’inaan bakka hundatti ni mul’ata.
9) Hooggansa Qabeenya Namaa Naannichaa
a) Calallii, qacarrii fi guddina sadarkaa hojjettoota mootummaa
keessatti naannummaa fi walitti dhufeenya addaatiin kan
raawwatamu ta’uun sivil sarvaantiin Godina, aanaa fi magaalarra
jiru oromiyaa fakkaachuurra nama godina/Magaala/Aanaa
tokkootti dhufaa jiraachuun hojii mootummaa gufachiisuu
b)Hojiirra oolmaa seeroota qabeenya namaa keessatti hattummaan
sadarkaan kan jiru ta’uu
c) Sirni hordoffii fi to’annoo cimaan gaafatamummaa
mirkaneessuu manneen hojii sadarkaan jiran keessatti hojiirra
oolchuu dhabuu;
d)karoora tarsiima’aa hooggansa qabeenya namaatiin hoogganuu
dhabuun gahuumsaa fi raawwii hojii mootummaa irratti dhiibbaa
fiduu
10) Galii Mootummaa
a)Sassaabbii galii yeroo yeroon taasifamu keessatti deddeebii fi
harkifannaan tajaajilaa sababa sistamaatiin kan mul’atu ta’uu
b)Too’annaa nagahee kutuun walqabatee ogeessonni
 Abbaa barbaadan adabuu fi adabuu dhiisuu,
 Dursuun odeeffannoo bilbilaan kennuu,
 Daldaltootni ogeessota adaban waan beekaniif yeroo isaan
dhufan meeshan hin jiru jechuun gurguruu dhiisuu,
 Erga adabanii booda hanga 25,000 matta’a fudhachun haquu
c) Odiitii galii akkaataa qajeelfamaatiin raawwachuu dhabuu, ta’e
jechuun hir’isuu fi walbira darbuun kan jiru ta’uu;
d)Tilmaama galii waliin walqabatee sirna kaffaltii gibiraa haqa-
qabeessa ta’e akka hin jiraanne ta’e jechuun abbaa barbaadaniif
hir’isuu, kaan irratti ammo tuuluun daldalaan hojii keessaa akka
bahu taasisuu
e) Kaffalaa gibiraa fi hooggantootaa fi ogeessota galii gidduu
hariiroo
faayidaa cimaan waan uumameef kennaa waliif kennuu, mana
ijaaruu,
affeeramuun kan jiru ta’uu; kan kana hin goone ammoo
doorsifamuu fi
gibira humnaa olii itti fe’uu fi gabaa keessaa baasuun kan jiru
ta’uu
f) Bittaa fi gurgurtaa addaa addaa irraa galiin mootummaan
argachuu
qabu argachuu dhabuu, galii dhoksuu abbotii qabenyaa biratti
mul’atu
g) Galii mootummaa tilmaamuu fi murteessuun walqabatee
abbootii
qabeenyaa hojiiwwan adda addaa irratti bobba’anii fi warshaalee
i) Taaksiin mootummaa akkaataa barbaadamuun mootummaaf
galii akka hin taane abbotii qabenyaa waliin hariiro uumuun
dhoksuu (Tax
Evasion)n jiraachuu
j) Hooggansii fi hojjetaan seektara galii walitti dhufeenya
dhokataa
abbootiin qabeenyaa waliin uumuun galii diinagdeen
maddisiise irraa
mootummaan galii argachuu qabu faayidaa dhuunfaaf oolchuu,
qisaasuun galiin mootummaa akka xiqqaatu gochuun misooma
naannichaa qancarsuu fi fayyadamummaa ummataa sadarkaa
olaanan
miidhaa jiraachuu
k) Poteenshaala galii mootummaa qorachuun walqabatee rakkoo
adda
11) Bittaa Mootummaa
a)Bittaan meeshaalee yeroon raawwatamuu dhabuu irraa kan ka’e
tajaajila waliigalaa manneen hojii kennan irratti dhibbaa uumuu.
b)Meeshaaleen bitaman qulqullina dhabuu/sadarkaan isaani gadi
bu’uu
c) Si’a tokko tokko meeshaaleen bitaman ispeesifikeeshinii
gaafatameen bituu dhabuu
d)Hojimaata hordofanii raawwachuu dhabuu.
e)Prifoormaan yammuu guurramu ogeessotni abootii qabeenyaa
waliin walii galuun namni tokko maqaa sadiin guutee
dogongorsuun faayidaa hin malle argachuuf hojechuun.
f) Koreen calbaasii/teeknikaa sanadoota calbaasiif dhiyaatan
haqqummaan xiinxaluu irra abbootii qabeenyaa faayidaan
walii galaniif looguun akka moo’atan taasisuu.
12) Manneen Murtii Sadarkaan jiran
a)Ragaan sobaa sadarkaa hundatti oomishamu adeemsa kenniinsa
murtee irratti dhiibbaa fidaa jiraachuu
b)Yeroo tokko tokko murteen kennamu kutaalee hawaasaa
(firummaa, hiyyeessaa fi dureessaa) gidduutti loogii
qabaachuu,
c) Tajaajila manneen murtii keessatti dallaalan abbaa dhimmaa fi
abbaa seeraa gidduu deemuu jiraachuun ummanni burjaaja’aa fi
saamamaa jiraachuu
d)Qindoominni qaamolee haqaa qidduu jiru adeemsa kenniinsa
murtee irratti dhiibbaa fiduu,
e)Abbootiin seeraa tokko tokko dahoo “ bilisummaa abbootii
seeraa” jedhuun lammileen abbaa mirgaa ta’uu dagachuu
akkasumas hojimaata maneen murti cabsuun dantaa dhuunfaa
isaanii yookan garee isaanii kabachiifachuuf yaaluu,
f) Naamusni abbaa seeraa darbee darbee (faayidaan gowwoomuu fi
haqa
maallaqaan jijjiiruu, seera abbaa seerummaa eeguu dhabuu)
sadarkaan
adeemsa murtii irratti dhiibbaa fiduu,
g) Abbootiin seeraa tokko tokko dhimmoota dantaa uummataa fi
mootummaa dagachuun qabeenya hawaasaa namoota dhuunfaaf
akka
dabarfamu murti kennuu,
h) Abukaatonni yeroo tokko tokko hojii abukaatummaa isaaf kenname
dhiisee dallaalaa ta’ee abbaa dhimmaa fi abbaa seeraa gidduu deemu
jiraachuu; sirni hordoffii fi to’annoo abokaatota namoota rakkoo
naamusaa qaban calalee tarkaanfii fudhatu cimaan jiraachuu dhabuu
i) Riifoormii adda addaa manneen murtii keessatti eegalaman bifa
guutuu
ta’een hojiirra oolchuu dhabuu
k) Abbootiin seeraa sa’aatii hojii kabajuun seenuu dhabuun
deddeebii
abbaa dhimmaa baay’isuu fi dabaree dheeressuu
l) Matta’aa fudhachuuf jecha ta’e jedhamee beellama dheeressuun
deddeebisuun bal’inaan kan jiru ta’uu
m) Tajaajila abbaa seerummaa tekinoolojiitti fayyadamuu si’aataa,
qaqqabamaa taasisuu dhabuun deddeebii fi baasii guddaaf akka
saaxilamu taasisuu
n) Sirni qabiinsa ragaa abbaa dhimmaa ammayyaa’aa fi walitti
hidhataa
waan hin taaneef abbaan dhimmaa raga dhiyeeffachuuf gandoota
oromiyaa irraa ka’ee finfinnee dhufee ragaan sirrii yoo ta’uu baate
sirreeffachuuf deebi’ee deemaa jiraachuu.
13) Mana Hojii Abbaa Alangaa
a)Naamusni abbootii alangaa iddoo baay’etti rakkoo qabaachuu;
deddeebisuu, hanna raawwachuun jiraachuu,
b)Abbaan alangaa tokko tokko dhugaa fi haqa jiru qoratee
baasuuf kutannoon dhabuun isaa jiraachuu, maal nadhibdeen
jiraachuu,
c) Yakkoota harkaa fi harkatti qabaman irratti darbee darbee
murtee hatattamaa kennuu dhabuu
d)Poolisii waliin iddoo yakkii itti raawwatametti argamanii
qorannaa qaggeessuu irratti harkifannaan jiraachuu,
e) Bakka tokko tokkotti uummata fuula duratti poolisii waliin
wal-reebuu, wal-arrabsuu al-naamusummaa babal’isuu,
f) Sababa himatamaa/deebii kennaa fi ragaan dhihaachuu
dhabuutiin galmeewwan sadarkaa hundatti murtii seeraa osoo
hin argatin baay’inaan cufamaa jiraachuu;
g) Yakka Taaksii (Diinagdee)tin walqabatee qaama dhimmi ilaalattu
waliin qindoomuun fi gahee hojii adda baasuun sadarkaa fi
qulqullina
barbaadamuun seeratti dhiyeessuurratti qaawwi jiraachuu
h) Qindoomni qaamoolee haqaa sadarkaa Godinaa, Aanaa fi
Magaalaa
jiru laafuu isaa fi standaardii wal-fakkaatuun tajaajila saffina qabu
kennuu dhabuu,
i) Qabinsa mirga namoomaan walqabatee to’annoofi hordoffiin
Abbaa
Alangaa sadarkaa sadarkaan jiru Waajjira Poolisii fi Manneen
Sirreessaa
keessatti taasisaa jiru laafaa ta’uun isaa madda komii guddaa
ta’uu,
j) Hubannoo seeraa yeroo yeroon kennuu dhabuu, yeroo seerri
l) Abbbaan alangaa tokko tokko kiraa sassaabdummaadhaan
qorannaa
laaffisuu isa faayidaa irraa dhabe ammoo itti jabeessuun tajajilli
haqaa
wal-qixxeen akka hin dhugoomne gochuu,
m) Abbootiin alangaa tokko tokko beellamaa fi falmii dhaaddachaa
irraa
hafuun galmee cufsisiisuu fi abbootii dhimmaa dararuu,
n) Abbootii alangaa tokko tokko biratti qorannoo poolisiin dhiyeesse
sababa
quubsaa malee galmee deddeebisuu fi yakkoota qoratamuu
qabanirratti
galmee cufsiisuun komiin akka babal’atu taasisuu,
o) Abbootiin alangaa tokko tokko yakkoota tokko tokko galmee
siyaasaati
14) Poolisii
a)Hooggansaa fi miseensa tokko tokko biratti sa’atii hojii kabajuu
dhabuu, hojii dhiisanii yeroo dheeraa turanii dhufuu, giddu-
galeessummaa eeguu dhabuun mul’achuu,
b)Bakka tokko tokkotti hojimaata cabsuun ramaddii, jijjiirraa, guddina
sadarkaa walitti dhiyeenyaan, naannuummaa fi networkiin waan
gaggeeffamuuf miira tajaajiltummaa irratti qormaata ta’aa jiraachuu,
c)Yakka ittisuu irratti xiyyeeffachuu dursanii haala xiinxaluun
fashaleessuurra irra erga yakki uumamee qaqqabuuf yaaluun
yaaddoon nageenyaa uummata keessatti dabalaa akka dhufu taasisuu,
d) Wal- hubannaa fi qindoomina hojii dhaburraa kan ka’e nageenya
naannoo fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu dhabuun uummata
dararamaaf saaxilamaa jiraachuu,
e)Poolisiin bakka tokko tokkotti yakkaa fi kiraa sassaabdummaa
ittisuu irra ofii yakka keessatti hirmaachuu ( weerara lafaa,
kontrobaandii, fi kkf)
f) Hattuu qabuun waajjira poolisii yeroo geessan ragaan hin dhiyaanne
jechuudhan gadhiisuu fi shakkamtootnis nama eeruu dhiyeesse irratti
haaloo bahu fi suukkanneessuu
g) Loogummaa, carraa argame hundaan networkiin fayyaduu fi kan
jibban ammoo suukanneessuu, ariyuu, hordofanii balleessuu,
hamilee
xuqu fi miira tajajiltumaa laffisuu, hojiidhan wal-qixa madalu dhabuu,
h) Hooggansaa fi miseensa poolisii tokko tokko biratti hojii qabatamaa
dhiisanii firaa fi diina fakkaatanii deemuu, hariiroo mammakamaa
qabatanii socho’uun tajaajila qormaata keessa galchuu
i) Poolisii tokko tokko biratti icciitii dabarsee diinaaf kennuu,
hojiirraa
baduu fi kaayyoo isaa ganuun faallaa ergama isaanii dhaabbachuu
j) Hooggansaa fi miseensa poolisii tokko tokko biratti hanqina
dandeettiin
gaggeessuummaa bal’aan jiraachuu fi komiin irratti baay’achuu.
l) Labsii Ariifachiisaa akka carraatti fayyadamuun mirga namaa dhiibuu,
seeraan ala nama hidhuu, ukkaamsuu, doorsisanii maallaqa gaafachuu
m) Bakkeewwan tokko tokkotti poolisiin rakkoo gaggeessummaarraa
madduun naamusa loltummaa poolisii cabsuu,
n) Dambii kabajchiiftonni ergama isaaniin alatti nama sodaachisuu, seeraan
ala nama to’achuu; reebichaa fi hanna adda addaa keessa galuu
o) Miseensota poolisii tokko tokko biratti rakkoon naamusaa jiraachuu
(garee hannaa waliin saamicha rawwachuu, sodaachisuu, yakka dhoksuu)
p) Qorannoo yakkaa fi haqa-baasuun walqabatee maamiltoota deddeebisuu
fi ilaalchi kiraasassaabdummaa jiraachuu, tajaajila mallaqan jijjiiruu;
q) Qorannoo yakaa keessatti nama walqixa keessummeessuu dhabuu (kan
hiyyeessaa lafarraa harkisuu fi kan duuressaa safinaan raawwachuu)
maallaqaa fi bu’aan madaaluu fi looguu,
r) Bakkeewwan fageenya qaban keessatti yakki raawwatee qoratamuu
dhabuu fi
yakkamaan osoo seeratti hin dhiyaatiin hafuu, dhaqqabamummaan seeraa (
access
s) Bakka tokko tokkotti qulqullinni qorannaa yakkaa gadi bu’uu irraan
kan
ka’e dhugaa baasuun waan dhibameef uummanni haqarratti
amantaan
isaa gadi-bu’aa dhufuu
t) Poolisii tokko tokko biratti dandeettiin qorannaa isaa gadi-bu’uu
irraan
kan ka’e hawaasa biratti “ komii fudhaa malee qorataa miti” jechuun
moggaasuu fi amantaa irraa dhabuu
u) Ajaja mana murtii fudhachuu dhabuu; ragaa seeraa dhiyeessuu
dhabuu,
nama gadi dhiifamuu qabu tursiisuu, nama dhiyaachuu qabu
dhiyeessuu
dhabuu, sababa garaagaraa uumuun beellama dheeressuu,
v) Mirga wabii himatamaa seera malee dhorkuu fi tursiisuu fi mirga
namaa
x) Eeruu ummanni kennuu fudhachuu dhabuu fi kan fuudhames
qulqulleessuun saffinaan murti haqaa kennisiisuu dhabuu
y) Mana shiishaa, mana jimaa fi waarisisoo (night club) irratti to’annoo
fi
hordoffii gahaan waan hin jirreef yakkoota adda addaaf haala
mijeessuu;
Poolisiin tokko tokko ofii isaa mana shiishaa, mana jimaa,
waarisisoo
(night club) keessatti argamuun hariiroo tajaajiltummaa gadi-
dhiisuu
z) Poolisiin tiraafikaa guutumatti seera kabachiisuuf osoo hin taane
galii ofii
sassaabbachuu kan dhaabbatuu fi walitti hidhamiinsi abbootii
qabeenyaa,
15) Komishinii Manneen Sirreessaa
a)Qabiinsa sirreeffamaa seeraa keessatti mirga sirreeffamaa
seeraan kenname sarbuu, manneen sirreessaa keessatti
meeshaaleen dhorkaman (mobaayilii, qoricha mataa hadoochan
adda addaa) galchuun manneen sirreessaa dahoo diinaa akka ta’u
taasisaa jiraachuu
b)Hidhamaa mana murtiitti yoo deddeebifamuu fi mana
sirreessaa tokkorraa gara biraatti yoo geeffamu ta’e jechuun akka
badu taasisuun kan jiru ta’uu
c) Dhiyeessiiwwanii fi nyaata adda addaa sirreeffamaa seeraa waliin
walqabatee hanni guddaa kan jiru ta’uu
d)Amala jijjiirraa waliin walqabatee sirreeffamtoonni seeraa erga
bahaniin booda deebi’anii yakka raawwatanii mana sirreessaatti
deebi’u (Habitual Offenders) kun hordofamuu dhabuun
uummatarratti yaaddoo dabaluu
16) Biiroo Fayyaa
a)Dhiyeessiin qorichaa sadarkaa barbaadamuun ta’uu dhabuu
b)Tajaajilli exteenshinii fayyaan kennamu guutuu ta’uu dhabuu,
c) Naamusa ogeessota fayyaa dhaabbilee baayi’ee keessatti rakkoo
guddaa qabaachuu; nama daddarbuu, tuffachuu, dhukkubsataa
kaa’anii ala taa’anii aduu oo’ifachuu, feesbookii ilaaluu fi kkf
jiraachuu;
d)Dhaabbilee dhuunfaa waliin hidhachuun tajaajillii fi qorichi
dhaabbilee dhuunfaa irra akka bitamu taasisuun ummata baasii
dabalataaf saaxiluun kan jiru ta’uu;
e)Tajaajilli yaalii dhaabbilee fayyaa dabaree kan itti baay’atu, siree
ciisichaa firummaa fi walitti dhufeenya addaatiin kennuu, tajaajilli
kennamuu akkaataa istaandaardii yaalitiin ta’uu dhabuu fi kkf kan
calaqqisu ta’uu;
2.3 Rakkoolee Hooggansa bira jiran
a) Gahumsa Gaggeessummaa
 Haala beekee qooda fudhattoota hirmaachisuun karoorsuu, deeggaruu,
hordofuu fi bu’aa madaaluu dhabuu,
 Hooggansa tarsiima’aa ta’uu dhabuu
 Jijjirama sirnaan hubatanii hojjataa isaanii hubachisuu dhabuu,
 Fakkeenyummaa gaarii qabaachuu dhabuu,
 Naamusa gaarii fi dandeettii yeroon gaafatu kan hin qabne fi darbee
darbee neetiwoorkii faayidaa ijaarrachuun aangoo isaa dheereffachuuf
hojjechuun akka jiru
 Qajeelfamaa fi hojmaata mootummaa giddu galeessa godhatee
hojjechuurra faayidaa dhuunfaa giddugaleessa taasisuu
 Haala addunyaa ammaatiin of qopheessaa deemuu dhabuu
b) Naamusa Gaggeessummaa
 Bakka tokko tokkotti ejjennoo mootummaa isa ramadee
qabachuurra waltajjii fi haala yeroo fakkaachuu, fedhii siyaasa
diinaa guutuuf odeeffannoo fi iccitii mootummaa dabarsanii
kennuu, ummata burjaajessuu, miidiyaa hawaasaarra ooluu fi
raafamuu
 Jijjiiraa fi ramaddii hojjettoata mootummaa walitti dhufeenya
adda addaan raawwachuu,
 Siviil sarvaantiin tajaajilaa ummataa fi mootummaa ta’uun hafee siviil
sarvantii Godinaa, Aanaa, Gandaa fi mandara akka ta’u gochuu
 Bulchiinsa pirojektoota mootummaa keessatti bittaa fi adeemsa caalbaasii
keessatti faayidaa dhuunfaa argachuuf yaaluu akkasumas qabeenya
mootummaa seeraan ala fayyadmuu fi qisaasuu jiraachuu
 Gaafatamummaa jalaa bahuuf aangoo isaaf kennamee qaama biraaf
qooduun murteen kennamu harkifataa fi qulqullina akka hin qabaanne
taasisuu
c) Miira Tajaajiltummaa
a)Lammiileef simannaa gaarii fi fuula ifaan kan hin simanne,
b)Maamila dhaggeefachuu dhabuu,
c) Murtoo hatattamaa kennuu dhabuu,
d)Baasii fi xaarii maamilatti dabaluu;
e) Tajaajilamaa irraa harka ilaaluun deddeebisuu, tajaajila
harkifataa kennuu, tajaajilamaa tursuu,
a)Ilaalchota Maxxantummaa, Amantaa, Naannummaa fi
Gosummaa
 Gaggeessaan tajaajilamtoota fi hojjattoota mana hojii isaa lagaan
(Ganda, Aanaa fi Godina) qooduu
 Firummaan yookaan walitti dhufeenya adda addaatiin qooduun
tajaajila kennuu
 Hojjataa hojii qabatamaa itti kennuun hordofuu fi madaaluun dhiisee
hojjataan rakkoo qaba, hojii keessa hin jiru, hin karoorsu jechuun
duuchaan farrajuu…
2.4 Pabliik Sarvaantii
a) Dandeettii fi Beekumsa (Ogummaa)
 Hojjetaan mootummaa hanga barnoota isaa fooyya’aa dhufe raawwiin isaa
dabalaa kan hin dhufnee fi
 Hinumaayyuu iddoo baay’etti raawwii fi miirri tajaajiltummaa isaa gadi
bu’aa dhufee jira.
 Dandeettii fi beekumsa hojii qabu hunda duguuguun tajaajila ummataatiif
oolchuu dhabuuniis hojjetaa baay’ee biratti ni mul’ata.
b) Naamusa Iddoo Hojii fi Ogummaa
 Hojjetaan mootummaa ergama ummata tajaajiluu isaaf kenname cinaatti
dhiisuun rakkoolee naamusaa gurguddoo:
 Paabliik sarvaantiin amma jiru itti fayyadama yeroo irratti sa’aatii hojii
mootummaatti qaamaan,
 Miiraa fi Sammuun qophii ta’ee iddoo hojiitti argamu dhabuu,
 Sa’aatii 8:00 guutuu bakka hojii irratti argamuun humna guutuun hojjechuu
dhabuu,
 Sa’aatii hojii mootummaatti ajandaa siyaasaa yerootiin liqimsamee
gareen wal-qooduun siyaasa xiinxaluu fi walfalmaa ooluu, bunaa fi
shaayii dhuguuf karaarra naanna’aa ooluu, dhugaatii fi araada adda
addaan qabamuu, manneen puulii fi karnbullaa ooluu fi kkf jiraachuu
 Neetworkii adda addaa uumuun saamuu fi saamsisuu, tajaajila
mootummaa maallaqaan gurgurachuu fi k.k.f..
 Hojjetaan mootummaa sadarkaan jiru biratti ilaalchi maxxantummaan
bal’aan jiraachuu, madaallii daboodhan waliiguutuu malee qaawwa
tokko tokkoon bira jiru karaa agarsiisuun walmadaaluu dhabuu
 Dirqama fi imaanaa itti kennamee akkasumas carraa ummata isaa
tajaajiluuf argate cinaatti dhiisuun dhibaa’ummaa hamaa keessa galuun
ummataa mufachiisuu
 Qabeenya mootummaa fi ummataa faayidaa dhuunfaaf oolchuu,
qisaasasamaaf saaxiluu, kunuunsuu fi eeguu dhabuun fi mancaasuun
kan jiru ta’uusaa
c) Itti fayyadama Miidiyaa Hawaasaa
 Paabliik sarvaantiin sadarkaa sadarkaan jiru iddoo hojii fi sa’aa
hojii mootummaatti Feesbuukii, Yuutiyuubii fi k.k.f
fayyadamuun oduuwwan siyaasaa afarsuu,
 Maqaa balleessii adda addaa fi dhimmoota gahee hojii fi
milkaa’ina hojii mana hojiitiif bu’aa hin qabne maxxansuu,
d) Miira Tajaajiltummaa
 Paabliik sarvaantiin lammiileef simmannaa gaarii fi fuula ifaan
simachuu dhabuu, dhaggefachuu dhabuu, ifachuu, arrabsuu,
sodaachisuu, xiqqeessuu, ari’uun baasii fi xaarii maamilaa
dabaluu
 Paabliik sarvaantiin kunuunsa fi xiyyeeffannoon maamila seeraan
keessummeessuu dhabuu, kallatti itti agarsiisuu dhabuu,
gochoota fi waliin dubbii hariiroo maamila miidhu danda’an
e) Gahee Hojii Seeraan Kennameef Bahachuu Dhabuu
 Paabliik sarvaantiin hojiilee raawwatuu yeroo hunda labsii, dambii fi
qajeelfama qofa eeguun raawwachuu dhabuun seeraa fi hojmaata
cabsuu
 Mindaan kaffalamu hojiin hojjedhuuf ilaalchi jedhu kan hin jirreef
Mindaa kaffalamuuf akka kaffaltii lammuummaatti ilaaluun
bal’inaan jiraachuu
f) Ani ummata koon Tajaajila Amantaaf Miirri Jedhu Dhabuu
 Hojjetaan mootummaa ummanni miidhame jedhee farsuurra
darbee
 Carraa ummataa tajaajiluuf argateetti fayyadamee aantummaa fi
jaalala ummataa gochaan mirkaneessuu dhabuun
 ummata tajaajilaaf isa bira dhufe deddeebisuu,
 faayidaa addaa irraa barbaaduu,
 baasii addaatiif akka saaxilamu taasisuu,
 fuula gaariin simatee keessummeessuu dhabuun ni mul’ata
Kutaa Sadii
Furmaata Rakkoolee fi Tooftaa Raawwii
3.1 Furmaata Rakkoolee Kanneenii
1) Manneen hojii sadarkaan jiran keessatti rakkoolee kenniinsa tajaajilaa
irratti marii gadi-fageenyaa (Caasaa bulchiinsaa fi Hawaasaatti) qabu
gaggeessun rakko amma jiru irratti waligalte uumuu(Consesus)
2) Manneen hojii mootummaa eragamaa fi toora xiyyeeffannoo isaanii
bu’uura taasisuun karoorsuu, raawwachuu fi bu’aa isaa qabatamaan
madaalaa Taaskii foorsii naannootiif torbaaniin gabaasa gochuu;
3) Qaamolee raawwatan hunda biratti sirna gaafatamummaa gahaan akka
mirkanaa’u taasisuu;
4) Rakkoolee adda bahan manneen hojii sadarkaa sadarkaan jiran yoom maal
akka sirressan karaa tarsii’amaa ta’een sagantaa raawwii baasuun hiikaa
deemuu;
5) Bu’aawwan raawwii karooraa akkaataa agarsiiftuu taa’een madaaluu fi
tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu
6) Tajaajiloota mootummaa ijoo ta’a qorannoon adda baasuun
walakkaan
ykn guutumatti dijitalessuu(Dijitalization)
7) Manneen hojii mootummaa walitti hidhaminsa aangoo fi gahee
hojii
qaban hundarratti hojimaata tajaajila iddoo tokkoo akka hojiirra
oolchan taasisuu
8) Mooraa tajaajila Mootummaa hunda (44,750) keessatti
agarsiiftuwwan
tajaajilaa 33 tajaajila dura, yeroo tajaajilaa fi tajaajila booda
guutamuu
qaban hudi akka hojiirra oolan taasisuu;
9) Yeroo dheeraa keessatti riifoormiwwan dame kenna tajaajila
mootummaa
fooyyessan qorannoon adda baasuun taaski foorsiin
mirkaneessisuun
12) Hooggansa rakkoo naamusa tajaajiltummaa irra deddeebiin agarsiisan
aangorraa kaasuu fi sirna gaafatamummaa mirkaneessuu;
13) Rakkoolee hojimaata irraa maddan qorannoo fi xiinxala saayinsaawaa
ta’een adda baasuun haara’aan bakka buusaa deemuu;
14) Hojjettootaa fi hooggansa tajaajila ummataa kallattiin kennan adda
baasuun tajaajila irratti yeroo yeroon leenjisuu fi qopheessuu;
15) Hooggansaa fi hojjataa harkaa fi harkatti sakatta’iinsa dhoksaan
qabaman opershinii addaatiin seeratti dhiyeessuun yakkaan gaafachuu
16) Tajaajiloota mootummaa (lafa, ijaarsa, haqa, galii, mana qopheessaa,
geejjiba fi kkf) rakkoo bal’aan keessatti mul’atu qorannoo adda baasuun
miidiyaan saaxilaa deemuu
17) Hojjattoota mootummaa manneen hojii hannaaf saaxilamoo ta’an keessatti
hojjataan qabeenyi fi galiin isaanii KNFMOtin akka galma’uu fi hordofamu
taasisuu
18) Akkaataa agarsiiftuu kenna tajaajiilaatiin hudhaa fi fooyya’iinsa tajaajila
mootummaa yeroo yeroon madaaluun taaksifoorsii naannoof dhiyeessuun
sirreeffamaa fi jjijjirama barbaachisu taasisaa deemuu.
19) Mennen hojii mootummaa hundi dhommoota tajaajilaa deebii
hatattamaa barbaadan adda baasee karoora qopheeffatee hojiitti
galuu
20) Gidduu galeessi tajaajila manneen hojii mootummaa gaggeessaa
sadarkaadhaan jiru akka ta’e amantadhaan fudhachuu danda’u
gochuu;
21) Gaazexessuummaa qorannoo (Investigative Journalism)
fayyadamuun
ogeessota miidiyaa naamusaa fi dandeettii hojii qaban filachuun
bakkeewwan komii fi rakkoon tajaajilaa itti hammaatu irraa yaada
fudhachuun abbaa dhimmaa fi hoggansa midiyaadhaan fuula
duratti
fiduun kallattiidhaan akka mariisisuu fi hojimaata badaa saaxilu
jajjabeessuu
23) Waldaalee hawaasaa fi gurmaa’inoota garaa garaa sochoosuu fi
sirna
qabsiisuun rakkoowwan tajaajilaa fooyyeessaa deemuu;
24) Foramii kenna tajaajila mootummaa maneen hojii mootuma
keessattii fi
caasaalee bulchiinsaa hordofee akka dhaabbatu taasisuun qaamni
tajaajila
kenuu fi fudhatu yeroo yeroon tajaajila kennamurratti marii akka
taasisuu
qabu.
26) Hirmaannaa ykn gahee uummataa rakkoo kenna tajaajilaa
saaxiluu keessatti qaban dabaluuf hojimaata eeruu fi yaadni itti
fudhatamu diriirsuu, kanneen eeruu fi yaada maloota adda addaa
kennan icciitii isaanii eeguu, eegumsa seeraa taasisuu;
27) Qaqqabummaa fi si’aayina kenniinsa murtii hooggansaa
dabaluuf
hooggansi sadarkaan jiru hundi guyyaa abbaa dhimmaa itti
keessummeessu adda baasuu fi uummata beeksisuu fi guyyaa
hojii
dirree ammoo bakka bu’iinsa kennuun uummanni deddeebbii
malee
akka tajaajilamu gochuu;
28) Hojimaata komii kenna tajaajilaa dursa eessatti; itti aansee
eessatti fi
deebbii dhumaa eessatti akka argatu ibsu diriirsuun hojiirra
oolchuu.
30) Miira tajaajiltummaa pabliik sarviisii fooyyessuu fi rakkoolee
hawaasummaa(mana jireenyaa) fi diinagdee (Qaala’iinsa
jireenyaa)
3.1 Tooftaa Raawwii
a)Sanada tiraanisformeeshinii qophaa’e taaksifoorsii Naannoof
dhiyeessuun mirkaneessisuu fi iraatti waliigaluu
b)Kaayyoo fi barbaachisummaa sanadichaa irratti ibsa miidiyaaf
kennuu;
c) Sadarkaa naannotti waltajjii hooggansa menneen hojiitiif sanada
tiraanisformeeshinii fi Bu’aa qorannoo kenna tajaajilaa irratti
gaggeeffame ibsu;
d)Marii waliigalaa haala kenna tajaajila naannichaa irratti
gaggeessuun sadarkaa hundatti waliigaltee uumuu;
 Hayyoota waliin
 Abbootii Qabeenyaa waliin
 Ummata waliin
 Hooggansaa sadarkaan jiru waliin
 Hoijjataa mootummaa waliin
e) Duub-deebii marii gaggeeffamee fi sadarkaa waliigaltee irra gahame
Taaksifoorsii naannoof dhiyeessuu;
f) Cheekliistii taa’e irratti hundaa’uun gamaggama mana hojii fi
Hojjetaa
sadarkaa hundatti gaggeessuu
g) Deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu taasisuu;
h) Sadarkaa hundatti gaafatamummaa mirkaneessaa deemuu
Kutaa Afur
Gurmaa’iinsa Sanadichi Ittiin Raawwatamu
4.1 Taaskifoorsii Hooggansa Olaanaa Kenna Tajaajilaa Manneen
Hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
1) I/A Pirezidaantii MNO-- W/Qabaa
2) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Hor.Mootummaa ---
Miseensa
3) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Mis.Magaalaa --- Miseensa
4) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Mis.Baadiyyaa --- Miseensa
5) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Hawaasummaa --- Miseensa
6) S/I/A/Pirezidaantiitti Hoogganaa Biiroo Galii --- Miseensa
7) Hoogganaa BPSMQNO ---Miseensaa
8) I/A Waajjira Pirezidaantii fi I/G Damee Imaammataa
10) Hoogganaa Biiroo Komunikeeshinii MNO --- Miseensa
11) Komiishinara Komiishinii Poolisii Oromiyaa ---Miseensa
12) Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti I/G/Ijaarsaa-
Miseensa
4.2 Garee Ogeessotaa
1) I/A Hoogganaa fi I/G Damee Ijaarsaa Dandeettii (BPSMQNO)
–W/Qabaa
2) Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoolojii--miseensa
3) Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya namaa irraa-
miseensota
4) Waajjira pirezidaantii irraa-miseensoota
5) Univarsiitii Naannoo Oromiyaa irraa-Miseensa
6) Waajjira paartii irraa-Miseensa
4.3 Taaskifoorsii Hooggansa Olaanaa Kenna Tajaajilaa Sadarkaa
Godina/Magalaa/Aanaa
1) I/A Bulchaa/Kantiibaa --- W/Qabaa
2) Hoogganaa Waajjira Maallaqaa --- Miseensa
3) Hoogganaa Waajjira M/M/Magaalaa/M/Qopheessaa ---
Miseensa
4) Hoogganaa Waajjira Qonnaa --- Miseensa
5) Hoogganaa A/T/Galiiwwanii --- Miseensa
6) Hoogganaa WPSMQN ---Miseensaa
7) Hoogganaa M/Hojii/A/Alangaa --- Miseensa
8) Hoogganaa Waajjira Fayyaa --- Miseensa
9) Hoogganaa Waajjira Barnootaa --- Miseensa
10) Hoogganaa Waajjira Komunikeeshinii --- Miseensa
11) Hoogganaa Qajeelcha/Waajjira Poolisii ---Miseensa
12) Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinaa/Magaalaa/Aanaa---
I/G/Ijaarsaa—Miseensa
4.4 Garee Ogeessota
1)Waajjira PSMQN (Dursaa Garee Ijaarsa Dandeettii) ---
W/Qabaa
2)Waajjira Bulchiinsaa/Kantiibaa ----Miseensa
3)Waajjira Maallaqaa ---Miseensa
4)Waajjira Komunikeeshinii ---Miseensa
5)Waajjira Karooraa fi Misoomaa ---Miseensa
Kutaa Shan
Gahee Qaamolee Addaa Addaa
5.1 Gahee Taaskfoorsii Sadarkaan jiranii…
a) Hudhaalee kenniinsa tajaajilaan walqabatan addaan baasuun
sosochii uummataa uumuun rakkoon tajaajila akka furamu ni
taasisa
b) Ilaalchaa fi gochoota hannaa manneen hojii mootummaa
keessatti raawwataman addaan abaasuun tarkaanfii sirreeffamaa
fi seeraa ni fudhata, yookiin akka fudhatamu nitaasisa;
c) Hojimaata fi gurmaa’iinsota kenna tajaajilaaf rakkoo ta’an
qorannoon akka adda bahaniif sirratan nitaasisa,
d) Hojimaata ammaayyaa’aa diriirsuuf yaada furmaataa ni
dhiyeessa; akka hojiirra oolan ni taasisa,
e) Kenna tajaajilaa mootummaa ilaalchisee marii ummataa ni
gaggeessa,
yaada ummataa fudhatee hojiirra akka oolu ni taasisa;
f) Tajaajila irratti hordoffii gareen ogeessaa taasise gamaggamuun
kallattii raawwii ni kaa’a
e) Akkaatuma barbaachisummaa isaatti kenna tajaajila naannichaa
irratti ibsa miidiyaaf kallattiin ni keenna,
5.2 Gahee Garee Teknikaa (Service Intelligence Team) sadarkaan
jiranii
a)Tajaajila mootummaa hordofuu fi sakatta’uu
b)Rakkoo jiruu fi yaada fooyya’iinsaa koree taaksi foorsiif ni
dhiyeessa
5.3 Gahee Ummataa
a) Iddoo rakkoon jirutti miidiyaa, bakka bu’aa ummaataa fi
taaksifoorsii sadarkaan jiruuf eeruu fi yaada bilbilaan,
qaamaan fi barreeffamaan kennuu,
b) Hojimaata badaaf xaxaa manneen hojii sadarkaan jiran
keessatti mul’atuu fi fooyya’iinsa barbaachisu irratti marii
itti fufiinsa qabu sadarkaa hawaasatti gaggeeffamu irratti
hirmaachuu
c) Ilaalcha qaxxamuraan tajaajilamuuf matta’aa kennuu fi
kennaa gara garaa kennuun ummata keessatti dagaage irraa
of qusachuu fi irratti qabsaa’uu
5.4 Gahee Miidiyaa
a) Hojimaata badaa pabliik sarviisii keessatti mul’atan irratti
gaazexeessummaa qorannoo (Investigative Journalism)
gaggessuun yeroo yeroon saaxilaa deemuu…
b) Qaama tajaajila kennu biratti hir’inoota jiran adda
baasuun ibsi gahaan akka itti kennamu taasisuu…
c) Kenna tajaajila mootummaa irratti yeroo qilleensa gahaa
ramaduun ittigaafatamummaa isaanii bahuu…
Miiltoo.doc
Galatoomaa!

More Related Content

What's hot

4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptxMohammedAbdela7
 
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptx
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptxDhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptx
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptxJaafar47
 
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxLeenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxJaafar47
 
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012addisuu
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxJaafar47
 
Tomilolt
TomiloltTomilolt
Tomiloltnmijid
 
Prof. Kasturi Rangan's report in Kannada
Prof. Kasturi Rangan's report in KannadaProf. Kasturi Rangan's report in Kannada
Prof. Kasturi Rangan's report in KannadaMohan GS
 
Doa sederhana setelah sholat
Doa sederhana setelah sholatDoa sederhana setelah sholat
Doa sederhana setelah sholatAiniainaya Sakin
 
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэг
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэгЦахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэг
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэгGanzorig Myagmarsuren
 
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016tesfayealemu167
 
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...Assoib Rachid
 
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬ
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬОюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬ
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬbatnasanb
 
Менежер шийдвэр гаргах нь
Менежер шийдвэр гаргах ньМенежер шийдвэр гаргах нь
Менежер шийдвэр гаргах ньKhulan Jugder
 
хөдөлгөөний бодлого
хөдөлгөөний бодлогохөдөлгөөний бодлого
хөдөлгөөний бодлогоod_ulzii22
 

What's hot (20)

4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx
 
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptx
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptxDhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptx
Dhabamsiisa qab- 2-1 Fina (1).pptx
 
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptxLeenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
Leenjii Sooftiweerii Bulchiinsa Qabeenyaa Bara 2015 Bitootessa.pptx
 
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
 
Bie daalt 1
Bie daalt 1Bie daalt 1
Bie daalt 1
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
 
Tomilolt
TomiloltTomilolt
Tomilolt
 
Prof. Kasturi Rangan's report in Kannada
Prof. Kasturi Rangan's report in KannadaProf. Kasturi Rangan's report in Kannada
Prof. Kasturi Rangan's report in Kannada
 
Doa sederhana setelah sholat
Doa sederhana setelah sholatDoa sederhana setelah sholat
Doa sederhana setelah sholat
 
Burqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaaBurqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaa
 
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэг
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэгЦахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэг
Цахим мэдээллийн аюулгүй байдлын эсрэг гэмт хэрэг
 
Hereglegdehuun 3
Hereglegdehuun 3Hereglegdehuun 3
Hereglegdehuun 3
 
Barnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa WangeelaaBarnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa Wangeelaa
 
дүрэм
дүрэм дүрэм
дүрэм
 
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa  2016
Yaadannoo Barnoota Gadaa kutaa 8ffaa 2016
 
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...
التسويق الشبكي خلاصة ما قيل وما يقال، عن وهم الربح و حقيقة الاحتيال - دراسة م...
 
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬ
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬОюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬ
Оюунтунгалаг - БАЙГУУЛЛАГЫН СОЁЛЫН ТҮВШИНГ ҮНЭЛЭХ НЬ
 
Менежер шийдвэр гаргах нь
Менежер шийдвэр гаргах ньМенежер шийдвэр гаргах нь
Менежер шийдвэр гаргах нь
 
Нэхэмжлэлийн албан ёсны загвар
Нэхэмжлэлийн албан ёсны загварНэхэмжлэлийн албан ёсны загвар
Нэхэмжлэлийн албан ёсны загвар
 
хөдөлгөөний бодлого
хөдөлгөөний бодлогохөдөлгөөний бодлого
хөдөлгөөний бодлого
 

Similar to Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx

Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfhabtamu292245
 
Public service amendments Management .pptx
Public service amendments Management .pptxPublic service amendments Management .pptx
Public service amendments Management .pptxsamuelmerga3
 
PSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfPSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfmesfin69
 
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxQajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxJaafar47
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Bahar Abdi Dawid
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdfDesalechali1
 
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Asfaw Zewdu
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxJaafar47
 
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%bakalchabari721
 
4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].pptMohammedAbdela7
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptx
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptxYakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptx
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptxBarzalaCarcar
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taAbdisaGutema
 
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxFandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxOlifanAbduraman
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfgdirbabaa8
 

Similar to Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx (20)

Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
 
Public service amendments Management .pptx
Public service amendments Management .pptxPublic service amendments Management .pptx
Public service amendments Management .pptx
 
PSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfPSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdf
 
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptxQajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
Qajeelfama_gahee_hojii_suparvaayizaroota_manneen_barnootaa_naann.pptx
 
Presentation1.pptx
Presentation1.pptxPresentation1.pptx
Presentation1.pptx
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
 
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
 
4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Safuu jaalalaa
Safuu jaalalaaSafuu jaalalaa
Safuu jaalalaa
 
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptx
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptxYakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptx
Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota irratti raawwataman.pptx
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
 
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptxFandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx
 
Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdf
 
La casa
La casaLa casa
La casa
 

More from miadjafar463

Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxEthiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxmiadjafar463
 
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxNaannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxmiadjafar463
 
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxMaree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxmiadjafar463
 
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.pptLeenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.pptmiadjafar463
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxmiadjafar463
 
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxArgannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxmiadjafar463
 
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxGalmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxmiadjafar463
 

More from miadjafar463 (7)

Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxEthiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
 
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxNaannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
 
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxMaree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
 
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.pptLeenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt
Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
 
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxArgannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
 
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxGalmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
 

Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx

  • 1. Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Mudde, 2014 Finfinnee Sanada Tiraansifoormeeshinii Kenniinsa Tajaajila Mootummaa
  • 2. Qabiyyee Sanadichaa Kutaa Tokko  Seensa  Kaayyoo  Barbaachisummaa  Ka’umsa Karoorichaa Kutaa Lama Yaaliiwwan Ijaarsa Pabliik Sarviisii Hanga Yoonaa Taasifame, Bu’aalee Argamanii fi Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa Tajaajilaa Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa Tajaajila Mootummaa Kutaa Sadii:- Furmaata Rakkoolee Kutaa Afur:- Gurmaa’iinsa Sanadichi itti Raawwatamu Kutaa Shan:- Gahee Qaamolee Adda Addaa Miiltoo
  • 3. Kutaa Tokko 1.1 Seensa  Hojiilee ijoo xiyyeeffannoo mootummaa keessaa inni guddaan tokko kenniinsa tajaajilaa fooyyessuudhaan hawaasni tajaajila qulqulluu, qaqabamaa, loogii irraa bilisa ta’ee fi haqa-qabeessa akka argatu taasisuun fayydamummaa uummata tajaajilamaa mirkaneessuudha.  Akka biyyaattis ta’e akka naannoo keenyaatti kenniinsa tajaajila manneen hojii mootummaa fooyyessuuf sochiiwwan adda addaa raawwatamaa turaniin bu’aan gurguddaan argameera.  Haata’u malee bu’aalee hanga ammaa bifa adda adaatiin argaman gahaa kan hin taanee fi fedhii hawaasaa yeroo
  • 4.  Hanqinaaleen kenniinsa tajaajila manneen hojii keessatti mul’atan kun sadarkaa mana hojii, hooggansaa fi siivil sarvaantii naannichaa biratti kan calaqqisuudha.  Maddi rakkoolee kanaas,  Hojimaata fi qajeelfama mootummaa cabsuu,  Sirni gaafatamummaa laafaa ta’uu,  Aantummaa uummataa dhabuu,  Al-naamusummaa pablik sarvisii keessatti babal’ate, fi kanneen biroonis ni jiru.
  • 5.  Karoora badhaadhinaa akka naannootti qabame milkeessuu akkasumas cee’umsa jaarmiyaalee (Institutional Transformation) mirkaneessuun waan hindanda’mneef furmaata hatattamaa barbaaduun murteessaa ta’a.  Kanuma bu’uura godhachuun tajaajila kennamu ariifataa fi haqa- qabeessa taasisuun itti-quufiinsaa fi amantaa tajaajilamtootaa guddisuuf tooftaa fi xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun murteessaa ta’uu isaatiin sanada tiraansiformeshinii kenniinsa tajaajilaa kana qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera.
  • 6. 1.2 Kaayyoo Sanadichaa Kaayyoo Gooroo Kaayyoon waliigalaa karoora kanaa, • Rakkoolee kenniinsa tajaajilaan walqabatanii damee tajaajila mootummaa keessatti mul’atan, • Komii fi gaaffii uummataaf dhimmoota sababa ta’an adda baasuun hatattamaan akka hiikamu taasisuudha. kaayyoo Gooree  Rakkoolee kenniinsa tajaajila manneen hojii mootummaa keessatti qunnaman hatattamaan furuun komii ummatni qabu xiqqeessuuf;  Jijjiirama gama Diinagdeef Siyaasaatiin jiru qulqullina tajaajilaatiin deggeruu fi mirkaneesssuuf;  Karoora tarsiima’aa(5 and 10 year plan) mootummaa galmaan gahuu  Itti-quufinsaa fi amantaa (Trust) ummataa daran guddisuu,
  • 7. 1.3 Barbaachisummaa 1. Uummanni keenya aggaammii gareen shororkaa Juuntaa irra geessise ,karaa qindaa’aa fi seena qabeessa ta’een ofirraa qolatee jira 2. Gama biraatiin ammoo manneen hojii mootummaa fi hojjettoota biratti juntaaleen xixiqoon biroo kenniinsa tajaajilaa waliin wal-qabatee uummata keenya daraaraa jiran akka qulqullaa’uuf sirrattu fedhiin hawaasa keessaa (Public Expectation) ol-aanaa akka ta’e ni hubatama. 3. Kanaafuu, rakkoolee ijoo kenna tajaajila mootummaa keessatti yeroo ammaa mul’atu hatattamaan hiikuun tajaajila si’ataa, iftoomina qabuu fi dhaqqabamaa ta’e mirkaneessuun hirmaannaa hawaasa keenyatiin sirna Hannaa fi Loogii xiqqeessuu tajaajila uummatni barbaadu daraan saffisiisuun itti quufiinsa ummataa fi imala badhaadhinaa mirkaneessuuf
  • 8. 1.4 Ka’uumsa Sanadichaa a) Heera Mootummaa Biyyaa fi kan Naannoo  Heera Mootumma keewwata 12 jalatti, hojimaatni mootummaa hundi ummataaf ifa ta’ee raawwatamuu akka qabuu fi ummanni tajaajila mootummaa irratti amantaa yoo dhabe gaafachuu akka danda’u ifatti taa’ee jira. b) Karoora Imala Badhaadhinaa  Kaayyoo imala badhaadhinaa kessatti mootummaa fayyadamummaa, haqa-qabeessaa, ummata biratti fudhatama qabuu fi misooma hawaasummaa mirkaneessuu danda’u ijaaramuu akka qabu,
  • 9. c) Imaammata Kenniinsa Tajaajilaa Biyyoolessaa  Imaammata kenniinsa tajaajilaa Biyyoolessaa keessatti kenniinsa tajaajila mootummaa, si’ataa, ammayyaa’aa, kan tajaajilamaa giddugaleessa godhatee fi haala yeroo waliin deemu ta’uu akka qabu ibsamee jiraachuu isaa akka ka’uumsatti fudhachuun ni danda’ama. d) Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa fi Naannoo  Labsii hojjettoota Mootummaa lakk. 1064/2017, keewwata 33 fi 34 jalatti, hojjetaan mootummaa tokko torbanitti sa’atii 39f fi guyyaatti ammoo sa’aa 8tiif hojjechuu akka qabu tumamee jira.  Kewwattoota 35 fi 36 jalatti dirqama manneen hojii mootummaa fi hojjettootaa ibsee jira.
  • 10. d) Sosochichii Kenna Tajaajila Bara Darbe Gaggeeffame  Bara darbe rakkoo tajaajiltummaa pabliik sarviisii naannoo keenyaa yeroo cee’uumsa keessatti isa qunname hiikuuf kallattii mootummaan naannichaa mootummaa cimaa ijaaru jedhu kenneen hojimaanni adda adda qophaa’ee sadarkaa hundatti leenjii fi haaromsi akka taasifamu ta’ee jira. Jijjiirama(??) dhufes akka jalqabbii tokkootti fudhatamee jira. d) Rakkoolee Hammaataa Kenna Tajaajilaa Yeroo Ammaa Mul’achaa,  Rakkoolee gurguddoo kenna tajaajila mootummaa naannichaa keessatti yeroo ammaa qunnaman akka ka’uumsa tokkootti qophii sanada kanaa keessatti hojiirra oolee jira.  Keessattuu argannoon qorannoon kenna tajaajila mootummaa manneen hojii sadarkaa Naannoo, Godina fi Magaalotaa (manneen hojii naannoo 48, godinaalee fi magaaloota 1188, gandoota magaalaa 120) irratti gadifageenyaan qoratame akka
  • 11. Kutaa Lama 2.1 Yaaliwwan Ijaarsa Pabliik Sarviisii Hanga Ammaatti Taasifamanii fi Bu’aalee Gurguddoo Argaman a) Yaaliwwan Ijaarsa Pabliik Sarvisii Hanga Ammaatti Taasifaman  Akkuma beekamu biyyi keenya seena ijaarsa mootummaa dheeraa kan qabdu yoo ta’u seenaan ijaarsa pabliik sarviisii jaarraa walakkaa hin caalle qabdi.  Umrii jaarraa walakkaa kana keessatti ijaarsa pabliik sarviisii biyya keenyaa waliin walqabatee yaaliin taasifaman fayidaa ummataa fi guddinni biyyi keenya feetu waliin yoo madaalamu baay’ee gadi Aanaadha.
  • 12.  Akka naannoo keenyattis pabliik sarviisiin keenya umrii waggoota 30 kan qabuu ta’ee carraawwan heddu akkuma qabu qormaata heddu kan qabu ta’uu isaa hubatamuu qaba.  Akka carraatti pabliik sarviisiin naannichaa umrii gabaabaa waan qabuuf riifoormii hundagaleessa keessa itti fufiinsaan yoo darbe fi hoogganame yeroo gabaabaa keessatti pabliik sarviisii fedhii fi dantaa ummata keenyaa milkeessuu uumuun ni danda’ama.  Akka qormaataatti pabliik sarviisiin naannichaa akkaataa amma qabamee fi tarsiimoo jijjiiramaa ifa ta’een yoo hin hoogganamne ummata tajaajiluun hafee maxxanaa ta’ee ummatatti ba’aa dabalataa ta’ee itti fufuun isaa hinoolu,
  • 13.  Waggoottan 30n darban keessatti pabbliik sarviisii amma jiru ijaaruuf riifoormiiwwan babal’aan gaggeeffamaa turanii jiru, 1. Riifoormiiwwan fooyya’iinsa sirna haqaa, 2. Fooyya’iinsa kenna tajaajila civil sarviisii, 3. Sirna al-waaltiinsa Magaalootaa, Aanaalee fi Gandootaa, 4. Fooyya’iinsa galii fi taaksii, 5. Riifoormii Magaalootaa fi tajaajila mootummaa 6. Dijitaalessuu fi kkf kaasuun ni danda’ama.  Kanaanis gurmaa’insi mootummaa ummatatti akka dhiyaatu taasisuuf yeroo yeroon dabalaa deemuun  Yeroo ammaa giddugaleessonni tajaajila mootummaa itti kennamu 44,750 irra akka gahu taasifamee jira.  Hojjetaan mootummaa tajaajila ummanni barbaadu sadarkaan kennuu danda’u hammaa fi baay’inaan (575,000 ol) qaxaramee hojiitti akka galau taasifamee jira.
  • 14. b) Bu’aawwan Gurguddoo …  Milkaa’inoota gurguddoo akka naannootti sadarkan dhufan keessatti gahee olaanaa qaba.  Seektara qonnaatiin oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu irratti akka ragaan istaatistiksii biyyooleessaa ibsutti  Qonna gannaa midhaan gosa adda addaa waggaatti kuntaala mil.169.6,  Qonna arfaasaatiin ammo kuntaala mil.15.5  Qonna jallisiitiin kuduraa/muduraalee fi midhaan adda addaa kuntaala mil.86.7 oomishuun danda’ameera.
  • 15. o Misooma Daandiin  Qabeenyi daandii naannoo keenyaa dhuma bara 2012tti km 55,911.3 irra ture xumura bara 2013tti gara km 57,721.7tti ol guddisuun danda’ameera. o Carraa hojii uumuu ilaalchisee carraa hojii dhaabbii uumame sektaraan qonni %35, beeyladni %17, tajaajilli %16, albuudni %14, daldallii %11, maanufaakcharingiin % 4 fi akkasumas konistiraakshiniin %3 ta’uun isaa hubatameera. o Sassaabbii Galiitiin; galii idilee qar.bil.27.1 fi galii mana qopheessaa qar.bil.6 sassaabuuf karoorfamee; walduraa duubaan galii idilee qar.bil.30.23 (%111.5) fi galii mana
  • 16. o Misooma Barnootaan walqabatee, bara 2013 qofa  Manneen barnootaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa 59 xumuramanii hojiif qophii kan ta’aniiru.  Manneen barnoota Ifa Boruu bultii addaa 7 bara 2013 jalqabaman ijaarsi isaanii gidduugaleessaan %76 irra kan gahee fi manneen barnoota addaa 40 hundeessuuf karoorfaman keessaas 30 (%75) saaqamanii tajaajila kennuu eegalaniiru. o Tajaajila fayyaa qulqullinaa fi walgitinsa qabu ummataaf gahuu irratti raawwii 2013 qofa yoo ilaalle  dubartoota tajaajila karoora maatii argachuu qaban mil 6.2 keessaa %92 kan ta’an tajaajila kan argatan yommuu ta’u;  dubartoota ulfaa oggeeyyii fayyaatiin tajaajila da’umsaa dhaabbilee fayyaa
  • 17.  Tajaajila talaallii farra dhibeewwaniin walqabatee;  daa’imman umuriin isaanii waggaa tokkoo gadii jiran mil.1.3 karoorfamee mil.1.4 (%102) talaallii farra dhibeewwan shanii sadaffaa fi talaallii dhibee gifiraa mil.1.3 keessaa mil.1.2 (%99) kennamee jira.  Ittisaa fi to’annoo TB ilaalchisee; bara 2013tti namoota kuma 42 TB qaban jedhamee tilmaamame keessaa kuma 32 (%76.4) adda baasuun danda’amee jira. Namoota akka waliigalaatti TB yaalamaa turan keessaa %97 qoricha fudhatanii kan xumuran yommuu ta’u; isaan keessaa %86 fayyuun isaanii mirkanaa’eera.  Tajaajila Haqaa ilaalchisee nageenyaa fi ol’aantumaa seeraa mirkanessuf caasaalee nageenyaa humnaan, dandeettii fi hidhannoodhaan cimsuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa tureera (caasaa nageenyaa lakkoofsa isaa dabaluu, dandeettii fi gahumsa
  • 18. Kutaa Lama Rakkoolee Gurguddoo Kenniinsa Tajaajila Mootummaa 2.1 Rakkoolee Kenniinsa Tajaajilaa Qaama Tajaajila Kennu Biratti (M/Hojii, Hoggansa fi Hojjeta) Biratti Bifa Walfakkatun Mul’atan 1)Sa’atii Hojii  kabajuun Seenuu fi Bahuu dhabuu; 4:9  sa’a hojii mootummaatti hojii dhuunfaa irratti bobba’uu,  mallattoo to’annoo mallatteessanii baduu,  sababa buna fi shayiin akkasumas araada adda addaatiin sa’aa hojii mootummaatti toora waajjiraa ooluu;  walgahii hin barbaachifne taa’uu fi kkf bal’inaan jiraachuu
  • 19. 2)Tajaajila si’aa’inaafi qulqullina qabu akkaataa istaandaardii hojii fi maamila taa’een kennuu dhiisuun yoo barbaadan kennuu yoo hin barbaanne ammo dhiisuu;
  • 20. 3) Manneen hojii hedduu keessatti Tajaajila Mootummaan tolaan ykn baasii xiqqaan ummataaf kennu ta’e jechuun  Walxaxaa taasisuun,  Bu’aa bahii itti baay’isuunii fi  Murtee lafarra harkisuun,  Ragaa balleessuu fi dhoksuun tajaajilaman dirqamee matta’aa akka kennu taasisuun kan jiru ta’uu  dallaalaa fi dubbii fixaan qaama tajaajila kennuu fi fudhatu gidduu deemu umuu amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka gadi bu’u taasisee jira.
  • 21. 4) Haala Simannaa Tajaajilamaa waliin walqabatee:  Olka’anii tajaajilamaa simachuu dhabuu  Yaada tajaajilamaa dhaggeeffachuun deebii kennuurra waan ofii yaadan qofa itti himuun ofirraa gaggeessuu,  Iddoo tokko tokkotti afaan hojii naannichaa kabajuun tajaajiluu dhabuu;  Hiyyeessaa fi dureessaa adda baasuun loogidhaan tajaajiluu,  Arrabsuu, Sukkaneessuu, Xiqqeessuuf yaaluu fi kkf bal’inaan kan mul’atan ta’uu;
  • 22. 5) Mijaa’ina, Magariisumma Fi Qulqullina Naannoo Hojii Irratti:  manneen hojii keessatti balfaan kan guutaman  Mana Fincaanii Qulqulluu kan hin qabne  Teessoo maamilaa fi darbee darbee kan hojjetaa fi hoogganaas gahaan kan hin jirre…  Iddoo dhiphaa fi mijataa hin taane keessa kan tajaajulu,  iddoo bashannanaa fi haara galfii hojjetaa fi tajaajilamaa kan hin guutamne waan ta’eef miira tajaajiltummaa hojjetaa fi hooggansaa irratti dhiibbaa guddaa fiduu. 6) Sirna odeeffannoo ifa ta’e  Gosa tajaajila kennamuu,  Eenyuun akka kennamu,  Haaldureewwan tajaajilaa,  istaandaardii yeroo turtii irratti odeeffannoo gahaa kennuun kan hin baratamne ta’u fi  yaada tajaajilamaa akka galteetti fudhachuu hin jiru.
  • 23. 7) Manneen hojii mootummaa baay’ee keessatti bilbilli tajaajilamaa waan hin jirreef tajaajilamaan bilbila dhuunfaa irratti waan bilbiluuf hooggansii fi hoojjetaan yoo barbaade ni kaasa yoo hin barbaanne ammoo kaasuu dhiisuu, nan bilbila jechuun maamilatti cufuu, hooteelatti, mana dhugaatii fi nyaatatti koottu jechuu, matta’aa gaafachuu, affeeramuu fi kkf bal’inaan jiraachuu; 8) Hojjetaas ta’ee gaggeessan sa’aa hojii mootummaatti walgahiiwwan bu’aa hin buusne yeroo dheeraa taa’uu, walgahii akka hojii ilaaluu, kufaatii hojii walgahii jala dhokachuun darbuu, 9) Sirni komiin itti keessummeeffamu ifa ta’ee fi istaandaardiin yeroo itti raawwatuu waan hin jirreef rakkoon kenna tajaajila mootummaa
  • 24. 10) Qaama hojjetuu fi hin hojjenne adda baasuun gaafatamummaa mirkaneessuun kan hin jirre ta’uu; 11) Hojimaata, seeraafi qajeelfama hojii fi iddoo hojii kabajuun hojiirra olchuu dhabuu; 12) Hojjettootni mootummaa barnoota isaanii fooyyeffatanii ramaddii yoo argatanis, gahuumsa hojichi gaafatu kan hin mul’isne ta’uu; 13) Rakkoon naamusaa hojii fi iddoo hojii hojjetootaa fi hooggansa pablik sarviisii biratti bal’inaan kan calaqqisu ta’uu; 14) Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e manneen hojii keessatti dagaaguu dhabuun (mana hojii, hojjetaafi hoggansa) dhiibbaa gudda qabaachuu 15) Qabeenyi mootummaa (Qabeenya namaa, bajataa fi qabeenya
  • 25. 17) Manneen sadarkaa godina, magaalaa, aanaa fi gandaattii iddoon isaan itti argaman tajaajilamaaf mijataa waan hin taaneef baasii tajaajilamaa dabaluu, qindoominaa fi qajeeltoo tajaajila foddaa tokkoon kennuu jedhuuf mijataa ta’uu dhabuun qulqullinairratti dhiibbaa fiduu 18) Yaadachiisotaa fi kallattiiwwan agarsiistuun kan hin jirre, bara sirna wayyanee kan turan, iddoo tokko tokkotti afaan hojii naannichaatiin kan hin barreeffamne waan ta’eef tajaajilamaan bu’aa bahiif akka saaxilamu taasisuu fi iftoominni akka hin jiraanne ta’uu 19) Seektara hannaaf saaxilamoo ta’an (Lafa, Galii fi Daldala, Seektara
  • 26. 21) Gabaasa Sobaa… 22)Walumaagalatti Tajaajilli kennamaa jiru  Bu’aa bahii guddaa kan qabu  Mirga tajaajila argachuu lammiilee kan sarbe,  Baasii guddaa tajaajilamaatti kan dabalu  Hanni bal’aan kan keessatti calaqqisu  Fedhii fi hamilee ummata keenyaa kan hin eegne ta’uu  Abdii ummanni mootummaa irraa qabu irratti dhiibbaa geesisaa jiraachuu fi ummanni tajaajila mootumman kennu irratti garaagarummaan sirna darbee (wayyaanee) fi kan ammaa gidduu jiru kan hin mul’anne ta’uu kaasaa jira
  • 27. 2.2 Rakkoolee Ijoo Kenniinsa Tajaajilaa Manneen Hojii Mootummaa Kallattiin Ummata Bal’aaf Tajaajila Kennan Biratti Mul’atan 1) Seektara Lafaa a) Kenniinsa tajaajilaa seektarichaa keessatti dallaalotni qaama murteessaa ta’uun gatii tajaajilaa kan murteessan ta’uu; kunis hooggansaa fi ogeessa seektarichaa fi dallaalota gidduu hariiroon jiru tajaajila seektarichaa walxaxaa fi abdii kutachiisaa taasisuu a) Lafa tajaajila adda addaaf oolu (albuuda, invastimantii, mana jireenyaa fi hawaasummaaf) akkaataa barbaadamuun adda baasuun baankii lafaatti kuusuu dhabuun dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu b) Hojettootni rikardii fi kuusaa galmee maamilaa dhoksuu tajaajila kennauuf maallaqa gaafachuu; akkasumas galmee
  • 28. d)Bulchiinsa magaalaa fi baadiyyaa gidduutti daangaan ifa ta’e jiraachuu dhabuun ijaarsi seeraan alaa namoota humna qabaniin (daldala lafaa fi manaa) babal’achuu e) Abbootiin qabiyyee (qonnan bultotni) kaartaa hojjechiisuuf ogeessota maandisatiin maallaqa guddaa gaafatamuun qonnaan bulaan magaalota heddu keessatti qaama qarshii kennee kaartaa hojjechiisuu danda’uuf gurguree bahaa jiraachuu; f) Lafa beenyaan itti kaffalame tajaajila barbaadameef utuu hin oolin karaa seeraan alaatiin faayidaa dhuunfaaf oolchuu
  • 29. i) Qabeenyi lafa Magaalaas ta’ee Baadiyaa teekinoolojiin deeggaramee (Kaadastaratti galchuu) akka qabamu pirojektiin hundaa’ee hojiirra turamus hannaaf jecha magaalota baay’ee keessatti fedhii dhabuun addaan kutuu, sababa uumuun tajaajila seektarichaa harkifataa taasisuu j) Magaalota keessatti Caasan gandootaa guutumatti saamicha lafaa irratti kan boobba’anii fi amantii ummanni mootummaa irraa qabu gaaffii keessa galchaa kan jiru ta’uu, k) Magaalota hedduu keessatti hojjetaa gadi aanaa irraa eegalee hanga hooggansaatti qajeeltoon tajaajiltummaa ummaataa gonkumaa kan hin jirree fi ilaalcha hattummaatiin garmalee kan xaxame ta’uu; l) Hojjettootni mana galmee ta’e jedhanii maamila irratti rakkoo
  • 30. 2) Komishiinii Invastimantii a) Abbootii qabeenyaa hojii invastimantiif gara oromiyaa dhufan  Maallaqa guddaa gaafachuu(at all steps…)  Bu’aa bahii itti baay’isuu,  Murteen kennamu gara dallaalaa fi dubbii fixaatiin akka raawwatamu taasisuun waan jiruuf misooma inveestimentii naannoo keenyaa dorgommiin ala gochuu fi ulfaataa taasisuun kan jiru waan ta’eef abbootiin qabeenyaa filannoo isaanii jijjiiraa jiraachuu; b) Waliigaltee Pirojektoota invastimantii addaan kutuu waliin walqabatee adeemsi deemamu iftoomina gahaa dhabuu fi yeroo dheeraa waan fudhatuuf pirojektootni qisaasama qabeenya adda addaaf saaxilamuu kan jiru ta’uu qorannoon poteenshaala invastimantii gahaa waan hin taasifamnee fi qindoominni seektara lafaa waliin jiru laafaa waan ta’eef abbootii qabeenyaa yeroo isaan barbaadanitti hojiitta galchuun rakkisaa ta’uu
  • 31. 3) Misooma Magaalaa/Mana Qopheessaa a)Dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa daandii, ibsaa, diichii, dildilaa fi kkf yeroo taa’e keessatti xummuramuu dhabuu, qulqullina dhabuu b)Qulqullinaa fi Magariisummaa Magaalaa irratti hanqinni guddaan jiraachuu; kunis daandiiwwan keessoo suphamuu dhabuu, diichiiwwan fi daandiiwwan keessoo magaalaa bakka balfaan itti gatamu ta’uu c) Qulqullina manneen nyaataa, daldalaa fi dhaabilee fayyaa hordofuun fayyaa hawaasaa eegisuu irratti rakkoon jiraachuu d)Tajaajilli mana qopheessaa walxaxaa, beellamni kan itti baay’atuu fi ijaarsa pirojektoota keessatti hanni bal’inaan kan jiru waan ta’eef qulqullina tajaajilaa irratti dhiibbaa fidee jira e)Bulchiinsaa fi itti fayyadamni mana gandaa hordoffii fi iftoominni waan hin jirreef maqaa haaromsuutiin mana dabalataa
  • 32. f) Manneen qopheessaa magaalotaa hanga caasaa gandaatti waraqaa eenyummaa  Nama jiraataa magaalaa hin taaneef maallaqaan hanga qarshii 10,000tti gurgurachuu  Jiraataa magaalaa harka qalleeyyii dhoowwachuu,  Ragaalee adda adda argachuu fi  Waldaan gurmaa’uuf maallaqa gaafachuun bal’inaan kan jiru ta’uu g) Bakka baay’eetti ibsaan daandii irraa waan hin jirreef hawaasni yakka ajjeechaa, saamichaa, gudeeddii fi kkf saaxilamaa jiraachuu h) Dhiyeessii fi dabarsa lafa magaalaa iftoomina kan hin qabne ta’uu i) Daandii konkolaattotni hedduun irra deeman qoratamuun daandii sadarkaa isaa eeggate hojjechuu irra, daandiin yeroo diigamu suphaa koobil istooniif bara baraan maallaqa guddaa baasuu; j) Kaartaa fi plaanii lafaa kennuu keessatti ogeessi fi hoggansi
  • 33. 4) Seektara Geejjibaa fi Loojistiiksii… a)Dhiyeessii, bobbii fi to’annoo geejjibaa irratti komii guddaan jiraachuu b)Konkolaachistootni poolisii tiraafikaa waliin ta’uun a)Taarifaa ol fe’uu, b)Humna konkolaataa ol fe’uu c) Uummata sodaachisuu fi tuffachuun bakka hundatti kan babal’ate ta’uu c) Sababa rakkoo al-seerummaa seektaricha keessa jiruun abbootiin qabeenya hojicharratti bobba’uun gahee isaanii bahuuf fedhii dhabuu d) Dallaalotni naannoo buufata konkolaataa jiranii fi ogeessotni/hooggansa waajjira keessa jiran waliin hariiroo uumuun hawaasni baasii hin barbaachifneef akka saaxilamu taasisuu e) Seera tirafika kabajchiisuu, kenna eeyyama konkolaachisummaa, tajaajila boolloo, kaffaltii adabbii fi kkf keessatti hanni babal’achuu f) Dhaabbiilee leenjii irratti too’annoon sirriin waan hin jirreef ammallee
  • 34. 5) Seektara Daldalaa fi Gabaa a) Dhiyeessii fi fedhiin meeshaalee bu’uuraa fi ijaarsaa walsimuu dhabuun daldalaan tokko tokko nagahee (dispatch) meeshaa ittiin galche dhoksuu, gatii akka barbaade dabaluun qaala’iinsa jireenyaa hammeessuu; b) Dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa irratti abbaa qabeenya waliin ta’uun uummatni osoo hin argatin kallattiin daldaltootaaf qooduu c) Daldaltoota sadarkaa “A” gara “B”tti gadi buusuun galiin mootumaaf galuu qabu osoo hin galin akka hafu ta’uu, akkasumas daldaltoota kaan irratti immoo humnaa ol ramaduun daldala keessaa baasuu d) Daldalaan hedduu eeyyama daldalaa malee hojjetu hedduu ta’uu fi kanneen eeyyama hin qabne irraa qarshii fudhachuun akka daldalan taasisuu e) To’annaa fi Hordoffii daldaltoota seeraan alaa irratti taasifame laafaa waan ta’eef ashaaxiraa meeshaalee ijaarsaa (siimiintoo fi Sibiilaa) akkasumas oomishaalee qonnaa fi warshaa seeraan ala kuusuu(Hoarding)
  • 35. 6) Pirojektoota Ijaarsaa fi Konistiraakshinii a)Adeemsa qophii dokumantii dizayinii ijaarsaa irratti manneen hojii ijaarsa qabaatanii ofii qopheessanii fi kanneen Biiroo Misooma Magaalaa biratti harkifannaan guddaa jiraachuu; b)Diizaayiniin qophaa’u xiyyeeffannaa gahaa kennuu dhabuu; yeroo tokko tokko ammoo ta’e jedhamee faayidaa dhuunfaa argachuuf qorannoo qulqullina hin qabne qopheessuun kan jiru ta’uu, darbee darbees dizaayinii pirojektii tokkoof qophaa’e kan biroof koppii gochuun waan jiruuf dizaayiniin qophaa’u rakkoo qulqullinaa bal’aa waan qabuuf mootummaa baasii dabalataa guddaaf saaxiluu, irra deeddeebii qorannoo uumuu, yeroo taa’een akka hin xummuuramne taasisuun kan jiru ta’uu;
  • 36. c) Manneen hojii mootummaa abbaa pirojektii fi gorsaa biratti sirni hordoffii fi deeggarsaa cimaan mirkaneessu dhabuun walqabatee Pirojektoota mootummaa dizaayinii irraa kaasee hanga caalbaasii fi kaffaltiitti jirukeessatti harkifannaa waan jiruuf dhiibbaa fiduu d) Mirkaneessa sanadaa dizzayinii pirojektoota dhuunfaa irratti waliigaltee pilaanii kennuu fi hayyama ijaarsaa kennuu irratti abbaa dhimmaa deddeebisuu; e) Pirojektoota murtee mootummaatiin dhaabbilee ijaarsaaf dorgommii malee kennamu yeroo baay’ee dafi dafiin osoo qorannoo guutuu hin
  • 37. f) Sanada caalbaasii fi bu’aa caalbaasii yeroo barbaadamu keessatti mirkaneessanii baasuu irratti harkifannaan waan jiruu yeroo caalbaasii fi waliigaltee garmalee dheeressuu g) Abbaan qabeenyaa mirkaneessa sanada dizzaaayinii, caalbaasii fi mirkaneessa raga kaffaltiif kontiraaktaraa fi gorsaa waliin walitti dhufeenya addaa (informal) uumuun malaammaltummaa raawwachuu h) Rakkoon qindoomina seektaroota gidduutti jiru sababa waltuffii ogeeyyii gidduutti jiru hiiku dhabuu; i) Sagantaa raawwii pirojektootni ittiin hoogganaman qopheessuun hojiirra oolchuu dhabuu j) Sirna bulchiinsa kontiraataa hojiirra oolchuu dhabuun qisaasamaa
  • 38. l) Pirojektoota tokko tokko  osoo hin xummuuramin eebbisiisuu,  pirojektootni xumuramanii haaldureen waan hin gutamneef tajajila osoo hin kennin dhaabbachuu fi qisaasamaaf saaxilamuu,  Pirojektii tokko irra deddeebiin eebbisiisuu kan jiru ta’uu m) Caalbaasii pirojektootaa keessatti gahuumsa koontiraaktaraa osoo hin madaaliin waan kennamuuf pirojektiin yeroo taa’e keessatti akka hin xummuuramne taasisuu, malaammaltummaaf qaawwa guddaa uumuu n) Manneen hojii abbaa pirojektii ta’anii fi kontiraaktaraa fi gorsaa pirojektii gidduutti Rakkoon qindoominaa waan jiruuf harkifannaa, malaammaltummaaf karaa banuu, baasii dabalataaf saaxiluun kan jiru ta’uu
  • 39. 7) Carraa Hojii Umuu fi Ogummaa a) Hoji-barbaaddota gurmessuun hojitti galchuu keessatti (calallii irrati) abbotii qabeenya, hoggantoota fi hojjettota mootumma gurmessuu; b) Namni tokko magaalota lamaaf isaa ol keessatti ijaaramuu c) Naannoo warshaaleetti waldaalee namni dhuunfaa tokko maqaa yoo xiqqate 5-6 tiin gurmaa’uun carraa hoji-dhabaa cufuu, d) Sababa hordoffii gahaan hin jirreef lafti fi sheediin irratti gurmaa’an tajaajila biraaf ooluu, waldaaleen gadi-lakkisuu fi cee’uu dhabuu e) Waldaalee IMX yeroo taa’e keessatti cee’uu qaban qajeelfama cabsuun yeroo dheeraaf tursiisuu; f) Sheediiwwanii fi kilaastaroota ijaaramaniif bu’uuraalee misoomaa guutamuu dhabuu, g) Liqii deebisiisuu irratti hanqinni jiraachuu h) Bakkeewwan oomishaafi gurgurtaa kennaman gabaaf qaqqabamaa ta’uu dhabu
  • 40. 8) Bishaan a) Sirni kaffaltii tajaajila bishanii iftominaa fi si’omina kan hin qabne ta’uu b)Lakkooftuu bishaanii maallaqaan jijjiiruu, lakkooftuun harka nama dhuunfaa taa’uu; c) Dhiyeessiin bishaan dhugaatii babal’ina magaalotaa yeroo ammaan walsimuu dhabuu d)Haalli dhiyeessii bishaanii iftoomina fi gaafatamummaa kan hin qabne waan ta’eef hannaaf saaxilamuu, maamiltoota hiraarsuu; e) Qorannoon dizaaynii projektii bishaan dhugaatii bakka hundatti rakkoo qabaachuu f) Ogeessotni W/Bishaanii abbootii qabeenyaa waliin ta’uun dhaabilee dhuunfaa, warshaalee fi namoota dhuunfaan bishaan gurguraniif hanga ramadamuu qabuun ol (unfair) raabsuun hawaasni bishaan osoo hin argatin yeroo dheeraaf akka turu taasisuu, uummata mufachiisuun bal’inaan bakka hundatti ni mul’ata.
  • 41. 9) Hooggansa Qabeenya Namaa Naannichaa a) Calallii, qacarrii fi guddina sadarkaa hojjettoota mootummaa keessatti naannummaa fi walitti dhufeenya addaatiin kan raawwatamu ta’uun sivil sarvaantiin Godina, aanaa fi magaalarra jiru oromiyaa fakkaachuurra nama godina/Magaala/Aanaa tokkootti dhufaa jiraachuun hojii mootummaa gufachiisuu b)Hojiirra oolmaa seeroota qabeenya namaa keessatti hattummaan sadarkaan kan jiru ta’uu c) Sirni hordoffii fi to’annoo cimaan gaafatamummaa mirkaneessuu manneen hojii sadarkaan jiran keessatti hojiirra oolchuu dhabuu; d)karoora tarsiima’aa hooggansa qabeenya namaatiin hoogganuu dhabuun gahuumsaa fi raawwii hojii mootummaa irratti dhiibbaa fiduu
  • 42. 10) Galii Mootummaa a)Sassaabbii galii yeroo yeroon taasifamu keessatti deddeebii fi harkifannaan tajaajilaa sababa sistamaatiin kan mul’atu ta’uu b)Too’annaa nagahee kutuun walqabatee ogeessonni  Abbaa barbaadan adabuu fi adabuu dhiisuu,  Dursuun odeeffannoo bilbilaan kennuu,  Daldaltootni ogeessota adaban waan beekaniif yeroo isaan dhufan meeshan hin jiru jechuun gurguruu dhiisuu,  Erga adabanii booda hanga 25,000 matta’a fudhachun haquu c) Odiitii galii akkaataa qajeelfamaatiin raawwachuu dhabuu, ta’e jechuun hir’isuu fi walbira darbuun kan jiru ta’uu; d)Tilmaama galii waliin walqabatee sirna kaffaltii gibiraa haqa- qabeessa ta’e akka hin jiraanne ta’e jechuun abbaa barbaadaniif hir’isuu, kaan irratti ammo tuuluun daldalaan hojii keessaa akka bahu taasisuu
  • 43. e) Kaffalaa gibiraa fi hooggantootaa fi ogeessota galii gidduu hariiroo faayidaa cimaan waan uumameef kennaa waliif kennuu, mana ijaaruu, affeeramuun kan jiru ta’uu; kan kana hin goone ammoo doorsifamuu fi gibira humnaa olii itti fe’uu fi gabaa keessaa baasuun kan jiru ta’uu f) Bittaa fi gurgurtaa addaa addaa irraa galiin mootummaan argachuu qabu argachuu dhabuu, galii dhoksuu abbotii qabenyaa biratti mul’atu g) Galii mootummaa tilmaamuu fi murteessuun walqabatee abbootii qabeenyaa hojiiwwan adda addaa irratti bobba’anii fi warshaalee
  • 44. i) Taaksiin mootummaa akkaataa barbaadamuun mootummaaf galii akka hin taane abbotii qabenyaa waliin hariiro uumuun dhoksuu (Tax Evasion)n jiraachuu j) Hooggansii fi hojjetaan seektara galii walitti dhufeenya dhokataa abbootiin qabeenyaa waliin uumuun galii diinagdeen maddisiise irraa mootummaan galii argachuu qabu faayidaa dhuunfaaf oolchuu, qisaasuun galiin mootummaa akka xiqqaatu gochuun misooma naannichaa qancarsuu fi fayyadamummaa ummataa sadarkaa olaanan miidhaa jiraachuu k) Poteenshaala galii mootummaa qorachuun walqabatee rakkoo adda
  • 45. 11) Bittaa Mootummaa a)Bittaan meeshaalee yeroon raawwatamuu dhabuu irraa kan ka’e tajaajila waliigalaa manneen hojii kennan irratti dhibbaa uumuu. b)Meeshaaleen bitaman qulqullina dhabuu/sadarkaan isaani gadi bu’uu c) Si’a tokko tokko meeshaaleen bitaman ispeesifikeeshinii gaafatameen bituu dhabuu d)Hojimaata hordofanii raawwachuu dhabuu. e)Prifoormaan yammuu guurramu ogeessotni abootii qabeenyaa waliin walii galuun namni tokko maqaa sadiin guutee dogongorsuun faayidaa hin malle argachuuf hojechuun. f) Koreen calbaasii/teeknikaa sanadoota calbaasiif dhiyaatan haqqummaan xiinxaluu irra abbootii qabeenyaa faayidaan walii galaniif looguun akka moo’atan taasisuu.
  • 46. 12) Manneen Murtii Sadarkaan jiran a)Ragaan sobaa sadarkaa hundatti oomishamu adeemsa kenniinsa murtee irratti dhiibbaa fidaa jiraachuu b)Yeroo tokko tokko murteen kennamu kutaalee hawaasaa (firummaa, hiyyeessaa fi dureessaa) gidduutti loogii qabaachuu, c) Tajaajila manneen murtii keessatti dallaalan abbaa dhimmaa fi abbaa seeraa gidduu deemuu jiraachuun ummanni burjaaja’aa fi saamamaa jiraachuu d)Qindoominni qaamolee haqaa qidduu jiru adeemsa kenniinsa murtee irratti dhiibbaa fiduu, e)Abbootiin seeraa tokko tokko dahoo “ bilisummaa abbootii seeraa” jedhuun lammileen abbaa mirgaa ta’uu dagachuu akkasumas hojimaata maneen murti cabsuun dantaa dhuunfaa isaanii yookan garee isaanii kabachiifachuuf yaaluu,
  • 47. f) Naamusni abbaa seeraa darbee darbee (faayidaan gowwoomuu fi haqa maallaqaan jijjiiruu, seera abbaa seerummaa eeguu dhabuu) sadarkaan adeemsa murtii irratti dhiibbaa fiduu, g) Abbootiin seeraa tokko tokko dhimmoota dantaa uummataa fi mootummaa dagachuun qabeenya hawaasaa namoota dhuunfaaf akka dabarfamu murti kennuu, h) Abukaatonni yeroo tokko tokko hojii abukaatummaa isaaf kenname dhiisee dallaalaa ta’ee abbaa dhimmaa fi abbaa seeraa gidduu deemu jiraachuu; sirni hordoffii fi to’annoo abokaatota namoota rakkoo naamusaa qaban calalee tarkaanfii fudhatu cimaan jiraachuu dhabuu i) Riifoormii adda addaa manneen murtii keessatti eegalaman bifa guutuu ta’een hojiirra oolchuu dhabuu
  • 48. k) Abbootiin seeraa sa’aatii hojii kabajuun seenuu dhabuun deddeebii abbaa dhimmaa baay’isuu fi dabaree dheeressuu l) Matta’aa fudhachuuf jecha ta’e jedhamee beellama dheeressuun deddeebisuun bal’inaan kan jiru ta’uu m) Tajaajila abbaa seerummaa tekinoolojiitti fayyadamuu si’aataa, qaqqabamaa taasisuu dhabuun deddeebii fi baasii guddaaf akka saaxilamu taasisuu n) Sirni qabiinsa ragaa abbaa dhimmaa ammayyaa’aa fi walitti hidhataa waan hin taaneef abbaan dhimmaa raga dhiyeeffachuuf gandoota oromiyaa irraa ka’ee finfinnee dhufee ragaan sirrii yoo ta’uu baate sirreeffachuuf deebi’ee deemaa jiraachuu.
  • 49. 13) Mana Hojii Abbaa Alangaa a)Naamusni abbootii alangaa iddoo baay’etti rakkoo qabaachuu; deddeebisuu, hanna raawwachuun jiraachuu, b)Abbaan alangaa tokko tokko dhugaa fi haqa jiru qoratee baasuuf kutannoon dhabuun isaa jiraachuu, maal nadhibdeen jiraachuu, c) Yakkoota harkaa fi harkatti qabaman irratti darbee darbee murtee hatattamaa kennuu dhabuu d)Poolisii waliin iddoo yakkii itti raawwatametti argamanii qorannaa qaggeessuu irratti harkifannaan jiraachuu, e) Bakka tokko tokkotti uummata fuula duratti poolisii waliin wal-reebuu, wal-arrabsuu al-naamusummaa babal’isuu, f) Sababa himatamaa/deebii kennaa fi ragaan dhihaachuu dhabuutiin galmeewwan sadarkaa hundatti murtii seeraa osoo hin argatin baay’inaan cufamaa jiraachuu;
  • 50. g) Yakka Taaksii (Diinagdee)tin walqabatee qaama dhimmi ilaalattu waliin qindoomuun fi gahee hojii adda baasuun sadarkaa fi qulqullina barbaadamuun seeratti dhiyeessuurratti qaawwi jiraachuu h) Qindoomni qaamoolee haqaa sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Magaalaa jiru laafuu isaa fi standaardii wal-fakkaatuun tajaajila saffina qabu kennuu dhabuu, i) Qabinsa mirga namoomaan walqabatee to’annoofi hordoffiin Abbaa Alangaa sadarkaa sadarkaan jiru Waajjira Poolisii fi Manneen Sirreessaa keessatti taasisaa jiru laafaa ta’uun isaa madda komii guddaa ta’uu, j) Hubannoo seeraa yeroo yeroon kennuu dhabuu, yeroo seerri
  • 51. l) Abbbaan alangaa tokko tokko kiraa sassaabdummaadhaan qorannaa laaffisuu isa faayidaa irraa dhabe ammoo itti jabeessuun tajajilli haqaa wal-qixxeen akka hin dhugoomne gochuu, m) Abbootiin alangaa tokko tokko beellamaa fi falmii dhaaddachaa irraa hafuun galmee cufsisiisuu fi abbootii dhimmaa dararuu, n) Abbootii alangaa tokko tokko biratti qorannoo poolisiin dhiyeesse sababa quubsaa malee galmee deddeebisuu fi yakkoota qoratamuu qabanirratti galmee cufsiisuun komiin akka babal’atu taasisuu, o) Abbootiin alangaa tokko tokko yakkoota tokko tokko galmee siyaasaati
  • 52. 14) Poolisii a)Hooggansaa fi miseensa tokko tokko biratti sa’atii hojii kabajuu dhabuu, hojii dhiisanii yeroo dheeraa turanii dhufuu, giddu- galeessummaa eeguu dhabuun mul’achuu, b)Bakka tokko tokkotti hojimaata cabsuun ramaddii, jijjiirraa, guddina sadarkaa walitti dhiyeenyaan, naannuummaa fi networkiin waan gaggeeffamuuf miira tajaajiltummaa irratti qormaata ta’aa jiraachuu, c)Yakka ittisuu irratti xiyyeeffachuu dursanii haala xiinxaluun fashaleessuurra irra erga yakki uumamee qaqqabuuf yaaluun yaaddoon nageenyaa uummata keessatti dabalaa akka dhufu taasisuu, d) Wal- hubannaa fi qindoomina hojii dhaburraa kan ka’e nageenya naannoo fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu dhabuun uummata dararamaaf saaxilamaa jiraachuu, e)Poolisiin bakka tokko tokkotti yakkaa fi kiraa sassaabdummaa ittisuu irra ofii yakka keessatti hirmaachuu ( weerara lafaa, kontrobaandii, fi kkf)
  • 53. f) Hattuu qabuun waajjira poolisii yeroo geessan ragaan hin dhiyaanne jechuudhan gadhiisuu fi shakkamtootnis nama eeruu dhiyeesse irratti haaloo bahu fi suukkanneessuu g) Loogummaa, carraa argame hundaan networkiin fayyaduu fi kan jibban ammoo suukanneessuu, ariyuu, hordofanii balleessuu, hamilee xuqu fi miira tajajiltumaa laffisuu, hojiidhan wal-qixa madalu dhabuu, h) Hooggansaa fi miseensa poolisii tokko tokko biratti hojii qabatamaa dhiisanii firaa fi diina fakkaatanii deemuu, hariiroo mammakamaa qabatanii socho’uun tajaajila qormaata keessa galchuu i) Poolisii tokko tokko biratti icciitii dabarsee diinaaf kennuu, hojiirraa baduu fi kaayyoo isaa ganuun faallaa ergama isaanii dhaabbachuu j) Hooggansaa fi miseensa poolisii tokko tokko biratti hanqina dandeettiin gaggeessuummaa bal’aan jiraachuu fi komiin irratti baay’achuu.
  • 54. l) Labsii Ariifachiisaa akka carraatti fayyadamuun mirga namaa dhiibuu, seeraan ala nama hidhuu, ukkaamsuu, doorsisanii maallaqa gaafachuu m) Bakkeewwan tokko tokkotti poolisiin rakkoo gaggeessummaarraa madduun naamusa loltummaa poolisii cabsuu, n) Dambii kabajchiiftonni ergama isaaniin alatti nama sodaachisuu, seeraan ala nama to’achuu; reebichaa fi hanna adda addaa keessa galuu o) Miseensota poolisii tokko tokko biratti rakkoon naamusaa jiraachuu (garee hannaa waliin saamicha rawwachuu, sodaachisuu, yakka dhoksuu) p) Qorannoo yakkaa fi haqa-baasuun walqabatee maamiltoota deddeebisuu fi ilaalchi kiraasassaabdummaa jiraachuu, tajaajila mallaqan jijjiiruu; q) Qorannoo yakaa keessatti nama walqixa keessummeessuu dhabuu (kan hiyyeessaa lafarraa harkisuu fi kan duuressaa safinaan raawwachuu) maallaqaa fi bu’aan madaaluu fi looguu, r) Bakkeewwan fageenya qaban keessatti yakki raawwatee qoratamuu dhabuu fi yakkamaan osoo seeratti hin dhiyaatiin hafuu, dhaqqabamummaan seeraa ( access
  • 55. s) Bakka tokko tokkotti qulqullinni qorannaa yakkaa gadi bu’uu irraan kan ka’e dhugaa baasuun waan dhibameef uummanni haqarratti amantaan isaa gadi-bu’aa dhufuu t) Poolisii tokko tokko biratti dandeettiin qorannaa isaa gadi-bu’uu irraan kan ka’e hawaasa biratti “ komii fudhaa malee qorataa miti” jechuun moggaasuu fi amantaa irraa dhabuu u) Ajaja mana murtii fudhachuu dhabuu; ragaa seeraa dhiyeessuu dhabuu, nama gadi dhiifamuu qabu tursiisuu, nama dhiyaachuu qabu dhiyeessuu dhabuu, sababa garaagaraa uumuun beellama dheeressuu, v) Mirga wabii himatamaa seera malee dhorkuu fi tursiisuu fi mirga namaa
  • 56. x) Eeruu ummanni kennuu fudhachuu dhabuu fi kan fuudhames qulqulleessuun saffinaan murti haqaa kennisiisuu dhabuu y) Mana shiishaa, mana jimaa fi waarisisoo (night club) irratti to’annoo fi hordoffii gahaan waan hin jirreef yakkoota adda addaaf haala mijeessuu; Poolisiin tokko tokko ofii isaa mana shiishaa, mana jimaa, waarisisoo (night club) keessatti argamuun hariiroo tajaajiltummaa gadi- dhiisuu z) Poolisiin tiraafikaa guutumatti seera kabachiisuuf osoo hin taane galii ofii sassaabbachuu kan dhaabbatuu fi walitti hidhamiinsi abbootii qabeenyaa,
  • 57. 15) Komishinii Manneen Sirreessaa a)Qabiinsa sirreeffamaa seeraa keessatti mirga sirreeffamaa seeraan kenname sarbuu, manneen sirreessaa keessatti meeshaaleen dhorkaman (mobaayilii, qoricha mataa hadoochan adda addaa) galchuun manneen sirreessaa dahoo diinaa akka ta’u taasisaa jiraachuu b)Hidhamaa mana murtiitti yoo deddeebifamuu fi mana sirreessaa tokkorraa gara biraatti yoo geeffamu ta’e jechuun akka badu taasisuun kan jiru ta’uu c) Dhiyeessiiwwanii fi nyaata adda addaa sirreeffamaa seeraa waliin walqabatee hanni guddaa kan jiru ta’uu d)Amala jijjiirraa waliin walqabatee sirreeffamtoonni seeraa erga bahaniin booda deebi’anii yakka raawwatanii mana sirreessaatti deebi’u (Habitual Offenders) kun hordofamuu dhabuun uummatarratti yaaddoo dabaluu
  • 58. 16) Biiroo Fayyaa a)Dhiyeessiin qorichaa sadarkaa barbaadamuun ta’uu dhabuu b)Tajaajilli exteenshinii fayyaan kennamu guutuu ta’uu dhabuu, c) Naamusa ogeessota fayyaa dhaabbilee baayi’ee keessatti rakkoo guddaa qabaachuu; nama daddarbuu, tuffachuu, dhukkubsataa kaa’anii ala taa’anii aduu oo’ifachuu, feesbookii ilaaluu fi kkf jiraachuu; d)Dhaabbilee dhuunfaa waliin hidhachuun tajaajillii fi qorichi dhaabbilee dhuunfaa irra akka bitamu taasisuun ummata baasii dabalataaf saaxiluun kan jiru ta’uu; e)Tajaajilli yaalii dhaabbilee fayyaa dabaree kan itti baay’atu, siree ciisichaa firummaa fi walitti dhufeenya addaatiin kennuu, tajaajilli kennamuu akkaataa istaandaardii yaalitiin ta’uu dhabuu fi kkf kan calaqqisu ta’uu;
  • 59. 2.3 Rakkoolee Hooggansa bira jiran a) Gahumsa Gaggeessummaa  Haala beekee qooda fudhattoota hirmaachisuun karoorsuu, deeggaruu, hordofuu fi bu’aa madaaluu dhabuu,  Hooggansa tarsiima’aa ta’uu dhabuu  Jijjirama sirnaan hubatanii hojjataa isaanii hubachisuu dhabuu,  Fakkeenyummaa gaarii qabaachuu dhabuu,  Naamusa gaarii fi dandeettii yeroon gaafatu kan hin qabne fi darbee darbee neetiwoorkii faayidaa ijaarrachuun aangoo isaa dheereffachuuf hojjechuun akka jiru  Qajeelfamaa fi hojmaata mootummaa giddu galeessa godhatee hojjechuurra faayidaa dhuunfaa giddugaleessa taasisuu  Haala addunyaa ammaatiin of qopheessaa deemuu dhabuu
  • 60. b) Naamusa Gaggeessummaa  Bakka tokko tokkotti ejjennoo mootummaa isa ramadee qabachuurra waltajjii fi haala yeroo fakkaachuu, fedhii siyaasa diinaa guutuuf odeeffannoo fi iccitii mootummaa dabarsanii kennuu, ummata burjaajessuu, miidiyaa hawaasaarra ooluu fi raafamuu  Jijjiiraa fi ramaddii hojjettoata mootummaa walitti dhufeenya adda addaan raawwachuu,  Siviil sarvaantiin tajaajilaa ummataa fi mootummaa ta’uun hafee siviil sarvantii Godinaa, Aanaa, Gandaa fi mandara akka ta’u gochuu  Bulchiinsa pirojektoota mootummaa keessatti bittaa fi adeemsa caalbaasii keessatti faayidaa dhuunfaa argachuuf yaaluu akkasumas qabeenya mootummaa seeraan ala fayyadmuu fi qisaasuu jiraachuu  Gaafatamummaa jalaa bahuuf aangoo isaaf kennamee qaama biraaf qooduun murteen kennamu harkifataa fi qulqullina akka hin qabaanne taasisuu
  • 61. c) Miira Tajaajiltummaa a)Lammiileef simannaa gaarii fi fuula ifaan kan hin simanne, b)Maamila dhaggeefachuu dhabuu, c) Murtoo hatattamaa kennuu dhabuu, d)Baasii fi xaarii maamilatti dabaluu; e) Tajaajilamaa irraa harka ilaaluun deddeebisuu, tajaajila harkifataa kennuu, tajaajilamaa tursuu, a)Ilaalchota Maxxantummaa, Amantaa, Naannummaa fi Gosummaa  Gaggeessaan tajaajilamtoota fi hojjattoota mana hojii isaa lagaan (Ganda, Aanaa fi Godina) qooduu  Firummaan yookaan walitti dhufeenya adda addaatiin qooduun tajaajila kennuu  Hojjataa hojii qabatamaa itti kennuun hordofuu fi madaaluun dhiisee hojjataan rakkoo qaba, hojii keessa hin jiru, hin karoorsu jechuun duuchaan farrajuu…
  • 62. 2.4 Pabliik Sarvaantii a) Dandeettii fi Beekumsa (Ogummaa)  Hojjetaan mootummaa hanga barnoota isaa fooyya’aa dhufe raawwiin isaa dabalaa kan hin dhufnee fi  Hinumaayyuu iddoo baay’etti raawwii fi miirri tajaajiltummaa isaa gadi bu’aa dhufee jira.  Dandeettii fi beekumsa hojii qabu hunda duguuguun tajaajila ummataatiif oolchuu dhabuuniis hojjetaa baay’ee biratti ni mul’ata. b) Naamusa Iddoo Hojii fi Ogummaa  Hojjetaan mootummaa ergama ummata tajaajiluu isaaf kenname cinaatti dhiisuun rakkoolee naamusaa gurguddoo:  Paabliik sarvaantiin amma jiru itti fayyadama yeroo irratti sa’aatii hojii mootummaatti qaamaan,  Miiraa fi Sammuun qophii ta’ee iddoo hojiitti argamu dhabuu,  Sa’aatii 8:00 guutuu bakka hojii irratti argamuun humna guutuun hojjechuu dhabuu,
  • 63.  Sa’aatii hojii mootummaatti ajandaa siyaasaa yerootiin liqimsamee gareen wal-qooduun siyaasa xiinxaluu fi walfalmaa ooluu, bunaa fi shaayii dhuguuf karaarra naanna’aa ooluu, dhugaatii fi araada adda addaan qabamuu, manneen puulii fi karnbullaa ooluu fi kkf jiraachuu  Neetworkii adda addaa uumuun saamuu fi saamsisuu, tajaajila mootummaa maallaqaan gurgurachuu fi k.k.f..  Hojjetaan mootummaa sadarkaan jiru biratti ilaalchi maxxantummaan bal’aan jiraachuu, madaallii daboodhan waliiguutuu malee qaawwa tokko tokkoon bira jiru karaa agarsiisuun walmadaaluu dhabuu  Dirqama fi imaanaa itti kennamee akkasumas carraa ummata isaa tajaajiluuf argate cinaatti dhiisuun dhibaa’ummaa hamaa keessa galuun ummataa mufachiisuu  Qabeenya mootummaa fi ummataa faayidaa dhuunfaaf oolchuu, qisaasasamaaf saaxiluu, kunuunsuu fi eeguu dhabuun fi mancaasuun kan jiru ta’uusaa
  • 64. c) Itti fayyadama Miidiyaa Hawaasaa  Paabliik sarvaantiin sadarkaa sadarkaan jiru iddoo hojii fi sa’aa hojii mootummaatti Feesbuukii, Yuutiyuubii fi k.k.f fayyadamuun oduuwwan siyaasaa afarsuu,  Maqaa balleessii adda addaa fi dhimmoota gahee hojii fi milkaa’ina hojii mana hojiitiif bu’aa hin qabne maxxansuu, d) Miira Tajaajiltummaa  Paabliik sarvaantiin lammiileef simmannaa gaarii fi fuula ifaan simachuu dhabuu, dhaggefachuu dhabuu, ifachuu, arrabsuu, sodaachisuu, xiqqeessuu, ari’uun baasii fi xaarii maamilaa dabaluu  Paabliik sarvaantiin kunuunsa fi xiyyeeffannoon maamila seeraan keessummeessuu dhabuu, kallatti itti agarsiisuu dhabuu, gochoota fi waliin dubbii hariiroo maamila miidhu danda’an
  • 65. e) Gahee Hojii Seeraan Kennameef Bahachuu Dhabuu  Paabliik sarvaantiin hojiilee raawwatuu yeroo hunda labsii, dambii fi qajeelfama qofa eeguun raawwachuu dhabuun seeraa fi hojmaata cabsuu  Mindaan kaffalamu hojiin hojjedhuuf ilaalchi jedhu kan hin jirreef Mindaa kaffalamuuf akka kaffaltii lammuummaatti ilaaluun bal’inaan jiraachuu
  • 66. f) Ani ummata koon Tajaajila Amantaaf Miirri Jedhu Dhabuu  Hojjetaan mootummaa ummanni miidhame jedhee farsuurra darbee  Carraa ummataa tajaajiluuf argateetti fayyadamee aantummaa fi jaalala ummataa gochaan mirkaneessuu dhabuun  ummata tajaajilaaf isa bira dhufe deddeebisuu,  faayidaa addaa irraa barbaaduu,  baasii addaatiif akka saaxilamu taasisuu,  fuula gaariin simatee keessummeessuu dhabuun ni mul’ata
  • 67. Kutaa Sadii Furmaata Rakkoolee fi Tooftaa Raawwii 3.1 Furmaata Rakkoolee Kanneenii 1) Manneen hojii sadarkaan jiran keessatti rakkoolee kenniinsa tajaajilaa irratti marii gadi-fageenyaa (Caasaa bulchiinsaa fi Hawaasaatti) qabu gaggeessun rakko amma jiru irratti waligalte uumuu(Consesus) 2) Manneen hojii mootummaa eragamaa fi toora xiyyeeffannoo isaanii bu’uura taasisuun karoorsuu, raawwachuu fi bu’aa isaa qabatamaan madaalaa Taaskii foorsii naannootiif torbaaniin gabaasa gochuu; 3) Qaamolee raawwatan hunda biratti sirna gaafatamummaa gahaan akka mirkanaa’u taasisuu; 4) Rakkoolee adda bahan manneen hojii sadarkaa sadarkaan jiran yoom maal akka sirressan karaa tarsii’amaa ta’een sagantaa raawwii baasuun hiikaa deemuu; 5) Bu’aawwan raawwii karooraa akkaataa agarsiiftuu taa’een madaaluu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu
  • 68. 6) Tajaajiloota mootummaa ijoo ta’a qorannoon adda baasuun walakkaan ykn guutumatti dijitalessuu(Dijitalization) 7) Manneen hojii mootummaa walitti hidhaminsa aangoo fi gahee hojii qaban hundarratti hojimaata tajaajila iddoo tokkoo akka hojiirra oolchan taasisuu 8) Mooraa tajaajila Mootummaa hunda (44,750) keessatti agarsiiftuwwan tajaajilaa 33 tajaajila dura, yeroo tajaajilaa fi tajaajila booda guutamuu qaban hudi akka hojiirra oolan taasisuu; 9) Yeroo dheeraa keessatti riifoormiwwan dame kenna tajaajila mootummaa fooyyessan qorannoon adda baasuun taaski foorsiin mirkaneessisuun
  • 69. 12) Hooggansa rakkoo naamusa tajaajiltummaa irra deddeebiin agarsiisan aangorraa kaasuu fi sirna gaafatamummaa mirkaneessuu; 13) Rakkoolee hojimaata irraa maddan qorannoo fi xiinxala saayinsaawaa ta’een adda baasuun haara’aan bakka buusaa deemuu; 14) Hojjettootaa fi hooggansa tajaajila ummataa kallattiin kennan adda baasuun tajaajila irratti yeroo yeroon leenjisuu fi qopheessuu; 15) Hooggansaa fi hojjataa harkaa fi harkatti sakatta’iinsa dhoksaan qabaman opershinii addaatiin seeratti dhiyeessuun yakkaan gaafachuu 16) Tajaajiloota mootummaa (lafa, ijaarsa, haqa, galii, mana qopheessaa, geejjiba fi kkf) rakkoo bal’aan keessatti mul’atu qorannoo adda baasuun miidiyaan saaxilaa deemuu 17) Hojjattoota mootummaa manneen hojii hannaaf saaxilamoo ta’an keessatti hojjataan qabeenyi fi galiin isaanii KNFMOtin akka galma’uu fi hordofamu taasisuu 18) Akkaataa agarsiiftuu kenna tajaajiilaatiin hudhaa fi fooyya’iinsa tajaajila mootummaa yeroo yeroon madaaluun taaksifoorsii naannoof dhiyeessuun sirreeffamaa fi jjijjirama barbaachisu taasisaa deemuu.
  • 70. 19) Mennen hojii mootummaa hundi dhommoota tajaajilaa deebii hatattamaa barbaadan adda baasee karoora qopheeffatee hojiitti galuu 20) Gidduu galeessi tajaajila manneen hojii mootummaa gaggeessaa sadarkaadhaan jiru akka ta’e amantadhaan fudhachuu danda’u gochuu; 21) Gaazexessuummaa qorannoo (Investigative Journalism) fayyadamuun ogeessota miidiyaa naamusaa fi dandeettii hojii qaban filachuun bakkeewwan komii fi rakkoon tajaajilaa itti hammaatu irraa yaada fudhachuun abbaa dhimmaa fi hoggansa midiyaadhaan fuula duratti fiduun kallattiidhaan akka mariisisuu fi hojimaata badaa saaxilu jajjabeessuu
  • 71. 23) Waldaalee hawaasaa fi gurmaa’inoota garaa garaa sochoosuu fi sirna qabsiisuun rakkoowwan tajaajilaa fooyyeessaa deemuu; 24) Foramii kenna tajaajila mootummaa maneen hojii mootuma keessattii fi caasaalee bulchiinsaa hordofee akka dhaabbatu taasisuun qaamni tajaajila kenuu fi fudhatu yeroo yeroon tajaajila kennamurratti marii akka taasisuu qabu. 26) Hirmaannaa ykn gahee uummataa rakkoo kenna tajaajilaa saaxiluu keessatti qaban dabaluuf hojimaata eeruu fi yaadni itti fudhatamu diriirsuu, kanneen eeruu fi yaada maloota adda addaa kennan icciitii isaanii eeguu, eegumsa seeraa taasisuu;
  • 72. 27) Qaqqabummaa fi si’aayina kenniinsa murtii hooggansaa dabaluuf hooggansi sadarkaan jiru hundi guyyaa abbaa dhimmaa itti keessummeessu adda baasuu fi uummata beeksisuu fi guyyaa hojii dirree ammoo bakka bu’iinsa kennuun uummanni deddeebbii malee akka tajaajilamu gochuu; 28) Hojimaata komii kenna tajaajilaa dursa eessatti; itti aansee eessatti fi deebbii dhumaa eessatti akka argatu ibsu diriirsuun hojiirra oolchuu. 30) Miira tajaajiltummaa pabliik sarviisii fooyyessuu fi rakkoolee hawaasummaa(mana jireenyaa) fi diinagdee (Qaala’iinsa jireenyaa)
  • 73. 3.1 Tooftaa Raawwii a)Sanada tiraanisformeeshinii qophaa’e taaksifoorsii Naannoof dhiyeessuun mirkaneessisuu fi iraatti waliigaluu b)Kaayyoo fi barbaachisummaa sanadichaa irratti ibsa miidiyaaf kennuu; c) Sadarkaa naannotti waltajjii hooggansa menneen hojiitiif sanada tiraanisformeeshinii fi Bu’aa qorannoo kenna tajaajilaa irratti gaggeeffame ibsu; d)Marii waliigalaa haala kenna tajaajila naannichaa irratti gaggeessuun sadarkaa hundatti waliigaltee uumuu;  Hayyoota waliin  Abbootii Qabeenyaa waliin  Ummata waliin  Hooggansaa sadarkaan jiru waliin  Hoijjataa mootummaa waliin
  • 74. e) Duub-deebii marii gaggeeffamee fi sadarkaa waliigaltee irra gahame Taaksifoorsii naannoof dhiyeessuu; f) Cheekliistii taa’e irratti hundaa’uun gamaggama mana hojii fi Hojjetaa sadarkaa hundatti gaggeessuu g) Deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu taasisuu; h) Sadarkaa hundatti gaafatamummaa mirkaneessaa deemuu
  • 75. Kutaa Afur Gurmaa’iinsa Sanadichi Ittiin Raawwatamu 4.1 Taaskifoorsii Hooggansa Olaanaa Kenna Tajaajilaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa 1) I/A Pirezidaantii MNO-- W/Qabaa 2) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Hor.Mootummaa --- Miseensa 3) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Mis.Magaalaa --- Miseensa 4) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Mis.Baadiyyaa --- Miseensa 5) S/I/A/Pirezidaantiitti Qind.Kilaast.Hawaasummaa --- Miseensa 6) S/I/A/Pirezidaantiitti Hoogganaa Biiroo Galii --- Miseensa 7) Hoogganaa BPSMQNO ---Miseensaa 8) I/A Waajjira Pirezidaantii fi I/G Damee Imaammataa
  • 76. 10) Hoogganaa Biiroo Komunikeeshinii MNO --- Miseensa 11) Komiishinara Komiishinii Poolisii Oromiyaa ---Miseensa 12) Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti I/G/Ijaarsaa- Miseensa 4.2 Garee Ogeessotaa 1) I/A Hoogganaa fi I/G Damee Ijaarsaa Dandeettii (BPSMQNO) –W/Qabaa 2) Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Tekinoolojii--miseensa 3) Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya namaa irraa- miseensota 4) Waajjira pirezidaantii irraa-miseensoota 5) Univarsiitii Naannoo Oromiyaa irraa-Miseensa 6) Waajjira paartii irraa-Miseensa
  • 77. 4.3 Taaskifoorsii Hooggansa Olaanaa Kenna Tajaajilaa Sadarkaa Godina/Magalaa/Aanaa 1) I/A Bulchaa/Kantiibaa --- W/Qabaa 2) Hoogganaa Waajjira Maallaqaa --- Miseensa 3) Hoogganaa Waajjira M/M/Magaalaa/M/Qopheessaa --- Miseensa 4) Hoogganaa Waajjira Qonnaa --- Miseensa 5) Hoogganaa A/T/Galiiwwanii --- Miseensa 6) Hoogganaa WPSMQN ---Miseensaa 7) Hoogganaa M/Hojii/A/Alangaa --- Miseensa 8) Hoogganaa Waajjira Fayyaa --- Miseensa 9) Hoogganaa Waajjira Barnootaa --- Miseensa 10) Hoogganaa Waajjira Komunikeeshinii --- Miseensa 11) Hoogganaa Qajeelcha/Waajjira Poolisii ---Miseensa 12) Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinaa/Magaalaa/Aanaa--- I/G/Ijaarsaa—Miseensa
  • 78. 4.4 Garee Ogeessota 1)Waajjira PSMQN (Dursaa Garee Ijaarsa Dandeettii) --- W/Qabaa 2)Waajjira Bulchiinsaa/Kantiibaa ----Miseensa 3)Waajjira Maallaqaa ---Miseensa 4)Waajjira Komunikeeshinii ---Miseensa 5)Waajjira Karooraa fi Misoomaa ---Miseensa
  • 79. Kutaa Shan Gahee Qaamolee Addaa Addaa 5.1 Gahee Taaskfoorsii Sadarkaan jiranii… a) Hudhaalee kenniinsa tajaajilaan walqabatan addaan baasuun sosochii uummataa uumuun rakkoon tajaajila akka furamu ni taasisa b) Ilaalchaa fi gochoota hannaa manneen hojii mootummaa keessatti raawwataman addaan abaasuun tarkaanfii sirreeffamaa fi seeraa ni fudhata, yookiin akka fudhatamu nitaasisa; c) Hojimaata fi gurmaa’iinsota kenna tajaajilaaf rakkoo ta’an qorannoon akka adda bahaniif sirratan nitaasisa, d) Hojimaata ammaayyaa’aa diriirsuuf yaada furmaataa ni dhiyeessa; akka hojiirra oolan ni taasisa,
  • 80. e) Kenna tajaajilaa mootummaa ilaalchisee marii ummataa ni gaggeessa, yaada ummataa fudhatee hojiirra akka oolu ni taasisa; f) Tajaajila irratti hordoffii gareen ogeessaa taasise gamaggamuun kallattii raawwii ni kaa’a e) Akkaatuma barbaachisummaa isaatti kenna tajaajila naannichaa irratti ibsa miidiyaaf kallattiin ni keenna, 5.2 Gahee Garee Teknikaa (Service Intelligence Team) sadarkaan jiranii a)Tajaajila mootummaa hordofuu fi sakatta’uu b)Rakkoo jiruu fi yaada fooyya’iinsaa koree taaksi foorsiif ni dhiyeessa
  • 81. 5.3 Gahee Ummataa a) Iddoo rakkoon jirutti miidiyaa, bakka bu’aa ummaataa fi taaksifoorsii sadarkaan jiruuf eeruu fi yaada bilbilaan, qaamaan fi barreeffamaan kennuu, b) Hojimaata badaaf xaxaa manneen hojii sadarkaan jiran keessatti mul’atuu fi fooyya’iinsa barbaachisu irratti marii itti fufiinsa qabu sadarkaa hawaasatti gaggeeffamu irratti hirmaachuu c) Ilaalcha qaxxamuraan tajaajilamuuf matta’aa kennuu fi kennaa gara garaa kennuun ummata keessatti dagaage irraa of qusachuu fi irratti qabsaa’uu
  • 82. 5.4 Gahee Miidiyaa a) Hojimaata badaa pabliik sarviisii keessatti mul’atan irratti gaazexeessummaa qorannoo (Investigative Journalism) gaggessuun yeroo yeroon saaxilaa deemuu… b) Qaama tajaajila kennu biratti hir’inoota jiran adda baasuun ibsi gahaan akka itti kennamu taasisuu… c) Kenna tajaajila mootummaa irratti yeroo qilleensa gahaa ramaduun ittigaafatamummaa isaanii bahuu… Miiltoo.doc