More Related Content Similar to Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx Similar to Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx (20) Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx4. Of Beeksisuu/walbaruu/
1. Maqaa/Name/
2. Eessaa dhuftan?/where from/
3. Gosa Barumsaa/Qualification/specialization/
4. Muuxannoo/Experience/
5. Ogummaa addaa/Special Skill/
6. Maal sirriitti jaalattaa? Maal sirriitti Jibbitaa??
The like & Dislike most ( Passion)
5. Climate setting
Seera ittiin bulmaataa/Norming/Setting Ground rules/
Moobayilii Cufuu/Use of mobile/
Sagalee /Language/
Attendaasii/attendance/
Adabbii /Penalty for breaking norm/
Garee baacoo/Energizers team/
Kabaja yaada/Respect/
Bukkeetti/maddiitti dubbachuu dhiisu/Side talk
Hirmaannaa ho’aa/Active participation/
6. Garee Baacoo dhaabuu/Organizing Teams/
o Garee baacoo/Energizers teams/
o Sa’aatii kan kabachiisu/Time keepers/
o Gabaasa guyyaa guyyaa/Daily reporters/
o Guyyaa dhumaa haala walii galaa kan
ibsu/weekly repoorter
7. Qabiyyee Leenjichaa
Kutaa1:Haala walii galaa
Kutaa2:Itti gaafatamummaa fi gahee hojii qaamoolee
addaa addaa
Kutaa 3: Karoora bittaa
Kutaa 4: Malawwan bittaa fi raawwii isaanii
Kutaa 5: Raawwii Bittaa Addunyaa
Kutaa 6: Bittaa Addaa
8. Qabiyyee…….
Kutaa-7: Bulchiinsa Waliigaltee
Kutaa -8:Tumaatilee Addaa addaa
Kutaa -9:Naamusa Bittaa Mootummaa
Kutaa-10:Sirna Iyyannoon Itti dhiyaatu
Kutaa-11:Sirna gabaasni balleessaa Biirootti
Dhiyaatu
Kutaa-12:Qophii gabaasa raawwii bittaa kan
waggaa
9. Maal irratti leenjiin kennama?
T.L Maqaa Labsii/Qajeelfama/ Lakk Qaama
qopheesse
1 Labsii Sirna Bittaa fi Bulchiinsa qabeenyaa Mootummaa
Nannoo Oromiyaa
157/2002 Mana
Maree
2 Qajeelfama Raawwii Bittaa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa
02/2004 BMO
3 Qajeelfama Raawwii Bittaa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Fooyyeessuuf bahe
Lakk.26/201
4
BMO
4 Dambii Qajeelfama IMX’Ulaagaa Gamaaggama Waldaalee
IMX
lakk.192/200
9
BMO fi Mana
Maree
5 Sanada Caalbaasii Idilee Version 2011 FPPA
6 Qajeelfama Hundeeffama Koree Raggaasiftuu, Teekinikaa
fi komii bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa
Lakk.27/201
5
BMO
10. kaayyoo leenjichaa
Leenjii kana booda leenjifamtootni kanneen armaan
gadii sirriitti ibsuu danda’u;
Maalummaa fi kaayyoo bittaa mootummaa
Malawwan bittaa eeyyamaman fi raawwii isaanii
Qajeeltowwan bittaa Mootummaa
Faayidaa Bittaan Mootummaa biyya tokkoof qabu
Maalummaa fi barbaachisummaa karoora bittaa
Garaagarummaa bittaa mootummaa fi Bittaa
dhuunfaa/dhaabbata dhuunfaa.
10
11. Marii Daqiiqaa shan(5) (lama lamaan mari’adhaa)
Bittaa(Procurement) :- jechuun maal jechuudha?
Garaagarummaan bittaa mootummaa fi dhaabbata
dhuunfaa gidduu jiru maalii?
12. Bittaa jechuun maal jechuudha?
Bittaa jechuun:-bittaa Meeshaalee,
tajaajilawwan bittaa gorsaa, Bittaa ijaarsaa
fi tajaajiloota biroo bittaadhaan, kiraadhaan
ykn waliigaltee biraa walfakkaatuun argachuu
jechuu dhaa.
Definition of procurement:-the acquisition of property, plant
and/or equipment, goods, works or services through purchase, hire, lease,
rental or exchange from any source)
12
13. Bittaan Mootummaa maaliif
barbaachise?
Bittaan kun yoo bu’a qabeessa
ta’uu baate rakkoo maalii
uuma?
14. Bittaan mootummaa baajata
mootummaa waliigalaa keessaa qooda
guddaa kan qabatu ta’u isaatii ol madda
investimantii dha.
Investimantoonni kun bu’uura
misooma babaalisuu fi humna
dhaabbataa fi humna namaa kara
ijaaruutiin guddina biyyaatiif bu’uura
kan kaa’anii dha.
15. Qorannaan yeroo dhihoo godhame akka
agarsiisutti waliigala oomisha biyyaa
keessa (GDP) keessaa Qoodni Bittaa
guddaadha.
Kanaafuu, raawwii bittaa bu’a qabeessa
taasisuun diinagdee biyyaatiif gumacha
inni qabu ol-aanaa akka ta’e hubachuun ni
danda’aama.
16. Amala addaa bittaa Mootummaatii
fi faayidaa dinagdummaa fi
hawaasummaa inni qabu maali?
17. Imaammata dinagdee Mootummaan qabate irratti
hundaa’uudhaan tajaajila mootummaan ummataaf
kennu karaa si’ataa fi bu’a qabeessa ta’een akka
raawwatu taasisa.
Dhiyeessitootni ykn tajaajila kennitootni faayidaa hin
malle akka isaan hin arganne hojimaata ittisu irratti
hundaa’ee raawwata.
Amala addaa Bittaa Mootummaa
18. Raawwiin isaa dorgommii irratti akka hundaa’u ni
jajjabeeffama
Iftoomina kan qabu ta’ee ummataa fi midiyaaleedhaaf
banaa ta’a
Sirna hordoffii fi to’annoo diriire qaba
Labsii, qajeelfamaa fi k,k,f bu’uura godhachuudhaan
raawwata
Amala addaa …
19. Faayidaa dinagdummaa fi hawaasummaa bittaa
Mootummaa
Baajata Mootummaa keessaa hanga %65 kan tahu
bittaadhaaf oola
Karoorri Mootummaa kamiyyuu kan galma gahuu
danda’u bittaan seera isaa eegee yeroodhaan yoo
raawwate qofa.
Dhaabbilee IMXs haa ta’u dhuunfaa omisha addaa
addaarratti bobba’an imaammata jajjabeessuu
boocuudhaan raawwatama. 19
20. Faayidaa…
Lammiidhaaf carraa hojii uumuu
Galii Mootummaa jajjabeessuu
Dhiyeessitoota biyya keessaa jajjabeessuu
Ummanni tajaajila Mootummaa irraa barbaadu
yeroodhaan akkasumas qulqullinaan akka argatu
taasisuu
Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti shoora
mataa isaa taphachuu
Invastimentii biyya alaa arkisuu
21. Faayidaa…………
Sadarkaa biyyaatti sirna bittaa fi
bulchiinsa qabeenyaa bu’a qabeessa
ta’e diriirsuudhaan gargaarsi(liqiin)
deggertoota addaa addaa irraa
argamu(world bank, africa dev’t bank
etc..) akka guddataa deemu taasisuu
23. Qajeeltowwan Bittaa Mootummaa
Bittaan Mootummaa Qajeeltowwan armaan gadii qaba(157/2002
Kewwata)
1. Raawwii bittaa mootummaa keessatti bu’aa maallaqni
argamsiisuu danda’u argamsiisuuf(Value for Money) ykn
qusannaa, gahumsa raawwii fi bu’a qabeessummaa
mirkaneessuu(Economy,Efficiency & Effectivness).
2. Loogii gochuu dhiisuu((Non-discrimination among
candidates).
3. Iftoomina(transparency).
4. Itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi naamusa bittaa kabaju.
5. Haqummaa(Fairness)
24. 24
Kaayyoo fi Qajeeltowwan bittaa
A. Bu’aa ol’aanaa maallaqni argamsiisuu danda’u argamsiisuu
(Value for money) kana jechuun,
Ba
Baasii
=
Tajaajila bitticharraa argame
25. Bu’aa maallaqni argamsiisuu danda’u argamsiisuuf
(to achieve value for money), ykn Bittaan tokko
qusannaa, gahumsaa fi bu’a qabeessuummaan isaa
mirkanaa’uu kan danda’u;
Value
for
Money
Qulqullina sirrii
Right Quality
Gatii sirrii
Right Price
Madda sirrii
Right Source
Yeroo sirrii@
Right Time
Baayyina sirrii
Right
Quantity
27. 27
B. Aloogummaa (Non –Discrimination)
Lammumaadhaan, sanyiidhaan ykn qabxiiwwan
madaallii gaggeessuudhaaf ta’aniin kan wal hin
qabanneen dhiibbaa taasisuun sirrii miti
C. Iftoomina(Transparency)
Labsiinii fi qajeelfamoonni bittaa ifa ta’uu qabu
Ulaagaaleen dorgommii ifaan qophaa’uu qaba(sirna madaallii)
akkasumas madaalliin bu’uuruma kanaan gaggeffamuu qaba
qajeeltowwan…
28. 28
D. Itti Gaafatamummaa (Accountability)
Bittaan kan raawwatu maallaqa ummataatiin waan
ta’eef amantaa ummataa mirkaneessuu keessatti
shoorri tabatu guddaadha. Kanaafuu qaamni raawwii
bittaa mootummaa keessatti hirmaatu waan hojjeteef
itti gaafatamuu qaba; naamusni ogummaa bittaas
kabajamuun irra jiraata; akkasumas kana
mirkaneessuudhaaf qaama sadaffaa kana
mirkaneessuu barbaadeef ragaan bittaa gurmaa’e
dhiyaachuu qaba
qajeeltowwan…
29. 29
Yaada Marii
1. Qajeeltowwan Bittaa Mootummaa maal fa’i?
2. Qajeeltowwan kunneen akka mana hojii
keessanitti hojiirra oolaa jiraa?
3. Hojiirra oolaa hin jiru yoo ta’e rakkoon isaa
maali?
4. Kanaafuu eenyutu ittigaafatamummaa fudhata
qajeeltowwan…
30. 30
Gosawwan Bittaa Mootummaa
Bittaan Mootummaa bakka afuritti qoodama, isaanis
1. Bittaa meeshaa (Goods)
2. Bittaa Ijaarsaa (works)
3. Bittaa tajaajila Gorsaa (Consultancy service)
4. Bittaa tajaajila biroo (Non Consultancy service)
32. Gosawwan bittaa…………
1. Bittaa Meeshaa jechuun haala dhangala’aa hin
taaneen, dhangala’aa ykn gosa gaaziitiin itti gala
meeshaa argamu, omisha, meeshaa, mi’a gurgurtaa
sooftiweerii gabaadhaaf qophaa’e, beeyilada yemmuu
ta’u meeshaa bitamu wajjin walqunnamtii fi gatii
meeshaarra gatii hin caalle kan qabu hojii dhaabuu,
geejjiba, suphaa fi tajaajila biraa wal-fakkaatu kan
dabalatudha.
2. Bittaa Ijaarsaa;-jechuun gamoo, karaa, ykn hojii
bu’uura misoomaa wajjin kan walqabatan ijaarsa
haaraa, deebisanii ijaaruu, hojii diiguu, hojii
suphuu)
33. Gosawwan bittaa…..
3. Bittaa tajaajila gorsaa:-jechuun gorsitootni
gahumsa ogummaa qaban fayyadamuudhaan
Qorannaa, hojii to’annaa fi dizaayinii, hojii piroojektii
gurmeessuu, gorsaa kennuu, leenjii kennuu fi
beekumsa dabarsuu kan-qabatu amala gorsummaa kan
qabu tajaajila sammuu dha.
4. Bittaa tajaajila biroo:-Jechuun hojii suphaa,
eegumsa, tajaajila qulqullinaa, humna ibsaa,
telekomunikeeshinii fi dhiyessa bishaanii K.K.f.dha
35. Hiika Jechootaa
A. Ibsa fedhii tekiniikaa
Manneen hojii Mootummaa bittaa bitaniif
uumama inni qabuun, bu’aa argamsiisuun,
gahumsa teekinikaa isaatiin, amala
hojimaatasaatiin ykn hojii karoorfame
raawwachuudhaaf sadarkaa gahumsa qabuun
tarreeffamni fedhii kan qophaa’udha.
B. Sanada caalbaasii idilee”
MHM qabiyyee waliigalaa sanada caalbaasii
waaltina’e ykn walfakkaatu haala salphaadhaan
qopheessuu akka danda’an kan gargaaru sanada
Biirichaan qophaa’udha.
36. C.Sanada Caalbaasii
Dorgomtootni kaadhimamoon sanada yaada
dorgommii qopheessuu akka danda’aniif
qaama bittaa raawwatuun kan qophaa’u
sanada tarreeffama fedhii bittaa ibsu dha.
D. Caalbaasii
Beeksifni caalbaasii erga ifa ta’ee jalqabee
moo’ataan caalbaasichaa adda bahee
waliigaltee hanga mallatteessuutti adeemsa
raawwii jiru ibsu dha.
37. E.Sanada yaada dorgommii
Qaamni bittaa raawwatu sanada
caalbaasii qopheesse ka’umsa taasisuun
dorgomaa kaadhimamaan bitticharratti
hirmaachuuf sanada dorgommiif
guutee dhiyeessudha.
Labsii Sirna Bittaa fi Bulchinsa
qabeenyaa lakk.157/2002 keew.2(13)
39. Kutaa 2: Itti gaafatamummaa fi Hojii
Qaamoolee Addaa Addaa
1. Itti Gaafatamtoota Ol’aanaa MHM
Hojjattoonni hojii bittaa raawwachuuf ramadaman
ogummichaan barumsaa fi muuxannoo hojii gahaa
kan qaban ta’uu isaanii mirkaneessuu.
Naamusa gaarii kan qaban ta’uu isaanii
mirkaneessuu,
Koree raggaasistuu bittaa ni hundeessa.
40. Itti gaafatamummaa…..
Labsii, qajeelfama fi sanadoota bittaa, akka isaan
gahuu fi leenjiin akka argatan taasisuu,
Bittaawwan walxaxaa ta’anii fi gamaaggama
tarreeffama tekiniikaa barbaadaniif koree
yeroodhaaf gamaaggamu dhaabuu;
M/hojichaa keessaa oggeessi gamaaggamicha
gochuu danda’u yoo dhabame MHM biroo irraa
ergisaan ykn gorsitoota kontiraataan qaxaruudhaan
akka irratti hirmaatan gochuu
41. Itti gaafatamummaa…..
karoora bittaa waajjirichaa qoratee raggaasisa.
Karoora kana raggaasisuun dura; Wantoota
ilaalamuu qaban.
a. Karoori bittaa sagantaa hojii m/ hojiichaa wajjin kan
deemu ta’uu isaa,
b. Bittaan bakka tokkotti raawwatamuu danda’u walitti
qabamuu isaa,
42. Itti gaafatamummaa…..
Bittaa koree raggaasistuu bittaatiin ragga’uu
hin barbaachisne ilaalchisee:-
a. Sadarkaa adeemsa hojii bittaatti akka ragga’u
bakka bu’iinsa kennuu ni danda’a.
b. Itti gaafatamaa hojicha wajjin walitti dhufeenya
kallattii qabuun akka ragga’u bakka bu’iinsa
kennuu ni danda’a
43. Itti gaafatamummaa…..
Sanada waliigaltee ni mallateessa, ykn
akka barbaachisummaa isaatti bakka bu’iinsa
waliigaltee mallatteessuu kennuu ni danda’a;
Haala waliigalteetiin bittichi raawwatamuu
isaas ni- hordofa.
Rakkoon yoo mudate bu’uura seeraatiin
tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa deemuu ni
mirkaneessa
44. Itti gaafatamummaa….
. 2.Adeemsa Hojii Bittaa
Fedhii mana hojii walitti qabee karoora bittaa ni
qopheessa
Qaama bittaa gaafate waliin ta’uudhaan sanada caalbaasii
qopheessee koree bittaa raggaasisuuf ni dhiyeessa.
Sanada caalbaasii ni gurgura, gaaffii sanada caalbaasichaa
irratti dhiyaatuuf ibsa ni kenna.
45. Itti fufe…..
Saanduqa sanada yaada dorgommii caalbaasii
ittiin fuudhamu ni qopheessa, ni bulcha
Bittaawwan dhiyeessa gatiin raawwatan
ilaalchisee
gatiin dhiyeessitootni dhiyeessan gatii
gabaa ta’uu isaa ni mirkaneessa
46. Itti fufe….
Caalbaasii ni bana,
Hanga danda'aametti qaamni bittaa
gaafatee fi bakka bu'aan odiitii keessa
sirna baniinsa caalbaasii irratti akka
argaman ni afeera.
Sanadni yaada dorgommii adeemsa
hojii bittaatiin yeroo gamaaggamamu
ragaaleen sirriitti galmaa’uu isaanii ni
mirkaneessa.
47. Itti fufe….
Qaboo yaa’ii gamaaggama yaada
dorgommii koree raggaasistuu
caalbaasiitiif ibsa ni kenna.
Shallagni herreegaa sirriitti hojjatamuu
isaa ni mirkaneessa
Loogiin dorgomaa tokko miidhuuf ykn
fayyaduuf raawwatamuu dhabuu isaa ni-
mirkaneessa.
48. Itti fufe…..
Dorgomtoota mo’ataa fi mo’aatamaa
ta’an firii caalbaasii ni beeksisa.
Sanadoota bittaa ni- qaba, ni- eega,
Qaama seera qabeessa dhimmi ilaalu
irraa ibsa yoo gaafatame ni kenna.
49. Itti fufe…
Moggaafama Koree Raggaasistuu Bittaa
Itti-gaafatamaan ol'aanaa qaama bittaa raawwatuu
koree raggaasistuu bittaa miseensa 3 hanga 5 qabu
ni moggaasa.
Miseensota KR ta’anii filatamuu kan
danda'an,
hojjattoota naamusa gaarii qaban,
bittaa raawwachuuuf hojjettoota beekumsaa fi
muuxannoo gahaa qaban,
waggoota lamaan asitti balleessaa kan hin
raawwannee fi naamusaan kan hin himatamne
ta'uu qabu.
50. KR…..
Miseensonni KR bittaa
Gaggeesitoota adeemsaa,
Ogeeyyii muxannoo fi beekumsa ol’aanaa
qabanii fi Murtoo kennuu kan danda’an keessaa
moggafama.
Wal-gahii koree raggaasistuu miseensonni
walakkaa ol ta’an yoo argaman kooramiin ni
guuta.
51. KR……
Murteen KR kennu sagalee caalmaatiin
ta'a.
Sagaleen wal-qixxee yeroo ta’utti walitti
qabaan sagalee murteessaa ni qabaata.
Miseensonni KR murtoo darbu irratti
yaada garaagarummaa yoo qabaatan,
sababii isaa barreeffamaan ibsanii qaboo
yaa’ii irratti ni mallatteessu.
52. KR…..
Barri tajaajila miseensota koree raggaasistu
waggaa 3 ta'a.
MH sadarkaa Godina, aanaa fi bulchiinsa
magaalaatti abbootii baajataa bittaa
ol’aanaa puuliin gaggeessan keessaa fi
M/hojii isaanii keessaa koree raggaasistuu
bittaa haala ulaagaa armaan oliitiin
moggaafachuu qabu
53. KR…
Gahee hojii Koree Raggaasistuu Bittaa
a.Karoora bittaa waggaa qoratee
I/gaafatamaa M/ hojichaatiif yaada
murtii ni dhiyeessa
b.Fedhiiwwan bittaa addaa addaa
karoorichaan hammataman sagantaa
MH wajjin kan wal siman ta’uu isaanii,
54. KR…
c.Fedhiiwwan bittaa dhiyaatan tokko
tokkoon guutuuf bittaa irra kan
fooyya’e filannoon biroo kan hin jirre
ta’uu isaa,
d.Gamaaggamichi Sanada Caalbaasii
bahe irratti hundaa'ee hojjatamuu
isaa;
55. KR….
e.Murtoon bittichaa kaffaltii MH
kaffalamuuf kan wal-madaalu bu’aa kan
argamsisuu danda’u ta’uu isaa
mirkaneessuu
f.Gabaasa gamaaggama bittaa dhiyaate
irratti murtoon koreen kennamu
kamiyyuu kan sababa irratti hundaa’e
ta’uu qaba.
56. Yaada marii
1. Akka mana hojii keessaniitti itti
gaafatamaan mana hojichaa fi adeemsi
bittaa gahe kennameef bahachaa jiruu?
2. Yoo bahachaa hin jiran ta’e maaliif?
3. Yoo maal ta’e dhimmi kun furmaata
argachuu danda’a?
4. Koreen raggaasiftuu bittaa dhaabbatee
jiraa?
5. Koreen dhaabbate kun akkaataa
qajeelfamaatiin itti gaafatamummaa
kennameef bahachaa jiraa?
57. Kutaa 3: Karoora Bittaa
Qophii Karoora Bittaa
MHM karoora bittaa sagantaan deeggarame
yeroodhaan qopheessuu qabu hanga
Adoolessa 30tti qaama ilaallatuuf dhiyeessuu
qabu (labsii 157/2002 keewwata 12) .
MHM bittaan raawwatan karoora irratti kan
hundaa'e ta’uu qaba.
58. Karoora…..
Kaayyoo karoora bittaa
Qajeeltoowwan bittaa mootummaa hojiirra
akka oolu gochuuf,
Sagantaa hojii mana hojichaa fiixaan baasuuf,
Bittaa kukkutamanii raawwataman
dhoowwuudhaan yeroo fi baasii qusachuuf,
Rakkoolee/sodaalee raawwii bittaa irratti
quunnamuu danda'an hubachuudhaan qophii
gochuuf.
59. Karoora….
Fedhii Bittaa Addaan Baasuu, Sasaabuu fi
Qindeessuu
MHM kamiyyuu fedhii bittaa yeroon
qopheessu.
Fedhichi qabeenya mana hojichaa keessa
jiruunii fi tajaajila irra hin ooliiniin
guutamuu kan hin dandeenye ta’uu isaa
mirkaneessuu
Fedhiin bittichaa nageenyaa fi eegumsa
naannoo ummatichaa kan hin miine
ta’uusaa mirkaneessuu
60. Karoora….
Qabiyyee karoora bittaa
Tartiiba lakkoofsaa
Gosaa fi akaakuu bittaa
Lakk adda baasaa(procurement reference number)
Madda baajataa
Tilmaama baajataa
Mala bittaa
Guyyaa beeksisaa/ afeerraa
Guyyaa cufiinsaa/baniinsaa
Guyyaa gamaaggama xumuraa
Guyyaa mo’ataa beeksisan
Guyyaa waliigaltee mallatteessan
Guyyaa walharkaa fuudhinsaa
61. Guca Karoorri Bittaa Kan Waggaa ittiin qophaa’uu
Maqaa Mana Hojii-----------------------Bara------------
Ragaalee bu’uuraa Adeemsa caalbaasii Bulchiinsa
waliigaltee
lakk
Gosa
bittaa
Akaakuu
/ibsa
bittaa
Lakk
adda
baasaa
Madda
baajataa
Tilmaama
baajataa
Mala
bittaa
Guyyaa
SC
itti
ragga’e
Guyyaa
beeksisaa/afeerraa
Guyyaa
cufiinsaa
Guyyaa
gamaaggama
xumuraa
Guyyaa
bu’aan
caalbaasii
itti
beeksifamu
Guyyaa
mo’ataa
beeksisan
Guyyaa
waliigaltee
mallatteessan
Guyyaa
wal
harkaa
fuudhiinsaa
A B C D E F G H I J K L M N
62. Karoora….
Gosa fi akaakuu bittaa
Gosawwan bittaa afran jiran keessaa isa
kam akka ta’e adda baafachuudhaan
(meeshaa, ijaarsa, tajaajilaa gorsaa fi
tajaajila biroo), isaan keessaas isa kam
akka ta’e adda baafachuun guutama
FKN:Ijaarsa riqicha laga hiddaa,
meeshaalee barreeffama, tajaajila ibsa fi
kkf
63. Karoora….
Lakk. adda baasaa (procurement reference
number)
Bittaa tokko bittaa biraarraa haala salphaa ta’een adda
baafachuuf akka gargaaru lakk. Adda baasaa tokkoo tokkoo
bittaatiif kennuun barbaachisaadha. Lakkoofsi adda baasaa kun
kan kennamu akka mana hojii bittaa raawwatuutti ta’e haala
armaan gadiitti kennama
FKN: BMO meeshaalee barreeffamaa bara baajata 2015tti bituuf
haala armaan gadiitti lakk. Adda baasaa kennuu ni danda’a
BMO-BMB-2015-001
BMO------- Maqaa mana hojii gabaajeedhaan
BMB------------ Bittaa meeshaalee barreeffamaa
2015------------- bara baajataa
001-------------- bittaa meeshaalee barreeffamaa bara 2015tti
raawwatan keessaa isa jalqaba
64. Karoora….
Madda baajataa
Bittaan kun kan raawwatu madda baajataa
jiran keessaa isa kamiin akka ta’e (Saanduqa
Mootummaa, Galii keessoo, gargaarsa, liqii)
adda baafachuun karooricharratti kan guutamu
ta’a
Tilmaama baajataa
Baajatni bittichaaf barbaachisu tilmaamaan meeqa
akka ta’e (qorannoo gabaa yeroo sanarratti
hundaa’uudhaan) ibsuu
65. Karoora….
Mala bittaa
Malawwan bittaa seeraan eeyyamaman keessaa
isa kamiin bittichi akka raawwatamuuf deemu
ibsuu(caalbaasii ifaa, murta’aa, dhiyeessa gatii,
yaada dorgommii, sadarkaa lamaa, kallattii fi
Caalbaasii naannawaa murtaa’aa(LCB))
Guyyaa beeksisaa/afeerraa
Bitticha raawwachuudhaaf guyyaa beeksifni itti bahu
ykn guyyaa itti ni afeerama jedhamee yaadamutu
guutama.
66. Karoora….
Guyyaa cufiinsaa/baniinsaa
Bu’uura qajeelfama bittaatiin mala bittichaa
giddugaleessa godhachuudhaan guyyaa
qilleensarra oola jedhamerraa kaasee
lakkaa’uudhaan guyyaa caalbaasichi itti
cufamu/banamu jedhamee tilmaamamutu
guutama
Guyyaa gamaaggama /xiinxala xumuraa
Gamaaggamni/xiinxalli caalbaasichaa
guutummaa guutuutti xumuramee guyyaa
koree raggaasiftuutiin ilaalamee ragga’utu
guutama
67. Karoora….
Guyyaa Mo’ataan akka waliigaltee
mallatteessu itti beeksisan
Xiinxalli caalbaasichaa xumuramee erga komiin
fuudhamee booda(yoo jiraate) guyyaa
mo’ataadhaaf xalayaan barraa’u
Guyyaa waliigaltee mallatteessan
Mo’ataan caalbaasichaa kabachiisa waliigaltee
dhiyeessuudhaan guyyaa waliigaltee itti
mallatteessu tilmaamuun guutama
Guyyaa walharkaa fuudhinsaa
Bu’uura waliigalteetiin guyyaa xumura
kontiraatichaa
68. Karoora….
Akka waliigalaatti Qophii karoora bittaa
keessatti;
MHM yeroo bittaa karoorsan gosa bittaa tokko
tokkootiif mala bittaa hayyamaman keessaa kan
walsimu filachuudhaan karoora bittaa irratti
agarsiisuu qabu.
MHM yeroo karoora bittaa qopheessan fedhiin
bittaa beekaman hundi karoora bittaa keessatti
haammatamuu isaanii fi bittaa tokko tokkoof malli
bittaa mija’aa ta’e ilaaluun filachuu qabu
69. Karoora…..
MHM qophii karoora bittaatiif unkaa
Biirichaatiin qophaa'utti fayyadamuun yeroo
hojiin bittaa gurguddaan itti raawwatu
murteessuu qabu.
Yeroon bittichi itti raawwatu sagantaa hojii
MH wajjin kan walsimu ta’uu isaa,
Yeroo dhiyeessi bal’aan gabaarratti argamu
yaada keessaa kan galche ta’uu isaa,
MHM karoora bittaa meeshaa bara baajata
hanga kurmaana 3ffaa qofatti karoorfachuu
qabu.
70. Karoora…
MHM bittaa meeshaa raawwatu kamiyyuu
adeemsa bittaa irra yoo jiraatee malee
Kurmaana 4ffaa keessatti bittaa raawwachuu hin
danda’u.
Kurmaana 4ffaa keessa bittaa raawwachuun kan
danda’amu
Hanqina qaama bittaa raawwatuu ta’uu dhabuun
isaa yoo mirkanaa’ee fi
bitichii murteessaa ta’uun isaa yoo itti
amaname Biiroon Kurmaana 4ffaa keessatti
akka bitamu haayyamuu ni- danda’a.
71. Karoora…
Haala Karoorri Bittaa Itti Ragga’u fi Fooyya’u
Koree bittaa raggaasisuuf erga dhiyaatee yaadni itti
kennamee booda Ittigaafatamaan ol’aanaa MH
karoora ni ragaasisa, raawwiisaas ni hordofa
Barbaachisaa ta’ee yoo argame yeroo kamiyyuu
karoora bittaa isaanii fooyyessuu ni danda’u.
karoora bittaa fooyya’ee qaamolee bittaan
raawatamuuf Biiroodhaaf ergamuu qaba.
73. Kutaa 4:malawwan Bittaa Labsiidhaan
Eeyyamaman;
1. Caalbaasii ifaa
2. Caalbaasii Murta’aa
3. Dhiyeessaa tokkorraa bittaa raawwatamu
4. Bittaa gaaffii yaada dorgommiitiin raawwatamu
5. Bittaa dhiyeessa gatiitiin raawwatamu
6. Bittaa sadarkaa lamaan raawwatyamu yoo ta’an
Dabalataanis bu’uura dambii IMX lakk.192/2009 tiin
bittaan Caalbaasii Naannawaa murta’aa(LCB)(Local
Competitive Bidding)tiin raawwatamu
eeyamameera
74. Mala bittaa……
Haalawwan labsii fi qajeelfamaan
hayyamameen yoo ta’e malee MHM bittaa
gaggeessan kamiyyuu mala caalbaasii
ifaatiin raawwachuu qabu.
MHM bittaa raawwatu bittaa caalbaasii
ifaatiin ala mala biroon bittaa raawachuuf
yoo murteessuu;
Sababa maloota kanatti fayyadamuuf
filatee fi haala isaa kan ibsuu sanada
qabaachuu qaba
75. Caalbaasii Ifaa Biyya Keessaa
Haal-dureewwan
MHM dorgomtoota biyya keessaatiin fedhii
bittaa isaanii guuttachuu kan danda’an ta’un
yoo itti amanamuu fi
Bittichi daangaa maallaqa bittaa addunyaatiif
kaa’ame gadi yoo ta’u,
Omishichii / taj. biyya keessatti qofa kan
argamu ta’uun isaa yoo mirkanaa’u
76. Caalbaasii ifaa biyya keessaa…..
Waamicha Caalbaasii
Gaazexaa uwwisa bal’aa qabuun yoo
xiqqaate al tokko maxxanfamee bahuu
qaba,
Dabalataan malawwan birootti
fayyadamuun waamicha gochuu ni
danda’a.
77. Caalbaasii ifaa biyya keessaa…..
Qabiyyee ijoo beeksisa Waamicha Caalbaasii
Maqaa fi teessoo MH waamicha caalbaasii taasisuu
Gosaa fi baayyina meeshaa bitamuu
Iddoo walharkaa fuudhiinsi itti raawwatu, gosa hojii ijaarsaaf
iddoo itti hojjetamu, iddoo tajaajilli gorsaa itti kennamu
Dorgomtootni ulaagaalee guutuu qaban
Iddoo SC itti argamu
Hanga KC qabsiifamuu qabu
SC bitachuuf gatii kaffalamuu fi haala itti kaffalamu
Yeroo dhumaa SYD itti galii ta’uu fi guyyaa, iddoo fi sa’atii itti
banamu
Gartokkeen ykn guutummaa guutuun haquuf mirga
qabaachuusaa………filannoo addaa yoo argame.
Dhimmoota MH bittaa raawwatu ibsamuu qaban jedhee itti
amanu
78. Caalbaasii ifaa….
Sanada Caalbaasii Idilee
MHM sanada Caalbaasii Idilee Biiroon baasuutti
fayyadamu qabu.
MHM sanada caalbaasii yeroo qopheessan qaj.
dorgomtootaa fi haala walii-galtee walii-galaa
Biiroon qopheessu irratti jijjiirraa osoo hin taasisin
kallattiin fudhachuu qabu
Sanadoota hafan irratti haalaa fi amala bittaa
isaaniitiin fooyyessuun qopheeffachuu ni danda’u.
79. Caalbaasii ifaa……
Sanadni caalbaasii qophaa’u kutaa
Afur(4) qaba;
Qajeelfama dorgomtootaa / instruction to
bidders
Tarreeffama meeshichaa / tajaajilichaa
/specification/
Uunka dhiyeessa yaada dorgommii caalbaasii
gabatee gatii kan qabatu /price schedule/
Haalawwan waliigaltee /condition for
contract/
80. Caalbaasii ifaa…..
Qajeelfama Dorgomtootaa
MHM bittaa gaggeessuu kamiyyuu qajeelfama
dorgomtootaa fi Gabatee facaatii odeeffannoo
bittaa qaama sanada caalbaasii taasisuun
dorgomtootaaf kennuu qaba.
Qabiyyee Qajeelfama Dorgomtootaa sanada
caalbaasii idilee irratti fooyya’insi kamiyyuu
hin taasifamu.
Gabatee facaatii odeeffannoo bittaa irratti
garuu akkaataa barbaachisummaa isaatiin
fooyya’insa taasisuun ni danda’aama
81. Caalbaasii ifaa…..
Dorgomtootni biyya keessaa tarreeffama
dhiyeessitootaa/supply List/ keessatti galmaa'uu
isaanii waraqaa ragaa qabaachuu qabu.
Dorgomtootni caalbaasii biyya keessaa gibira
kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa
dhiyeeffachuu qabu
82. Caalbaasii ifaa…..
Dorgomaan biyya keessaa bittaa gatiin isaa
Qar. 100,000.00 ol ta’e irratti hirmaatu
kamiyyuu /VAT/ galmaa’uu isaa kan
mirkaneessu waraqaa ragaa dhiyeessuu qaba.
Dorgomtootni biyya alaa biyya itti
dhaabbatan irraa waraqaa ragaa galmeeffama
kubbaaniyyaa ykn heyyama daldalaa
dhiyeessuu qaba
83. Caalbaasii ifaa…..
Caalbaasii kamiyyuu gamaaggamuuf
malawwan gamaaggamaa / tarreeffama
ulaagaalee tokkoo tokkoon qaban
agarsiisu qophaa’uu qaba.
Sanadni yaada dorgommii dorgomtootaan
dhiyaatu:-
• Gosa meeshichaa,
• Maqaa oomisheessaa,
• Biyya itti oomishame,
84. Caalbaasii ifaa…..
• lakkoofsa moodeelaa fi
• Bara itti oomishame facaatii
agarsiisuu qaba,
Dorgomtootni caalbaasichi erga
banamee booda yaada dorgommii
caalbaasii dhiyeessan irratti jijjiirama
/fooyya'iinsa gochuuns caalbaasii
keessaa bahuu akka hin dandeenye
ibsu,
85. Caalbaasii ifaa…..
Bakka saanduuqni caalbaasii itti
argamuu fi Erga caalbaasiin cufamee
booda SYD caalbaasii dhiyaatu
fudhatama akka hin qabne kan ibsu,
KC/KW gaafatamee fi yeroo wabummaan
itti dhiyaatu fi ragga’ee itti turu ibsuu,
86. Caalbaasii ifaa…..
Malawwan caalbaasii gamaaggamuuf itti
fayyadaman, ulaagaalee gamaaggamaa fi
qabxii ulaagaan kun qabaachuu qabu ibsu,
Caalbaasichi Invelooppii tokkoon ykn
lamaan kan dhiyaatuu ta’uu
Akkataa inveloopponni itti saamsamuu,
Sanadoota oriijinaalaa fi waraabbii,
Baay’ina waraabbii fi
Qaama aangoo qabuun kan mallatteeffamee
fi chaappaa qabaachuu akka qabu,
87. Caalbaasii ifaa…..
Yeroo gatiin caalbaasii ragga’ee itti
turuu fi bakka wal-harkaa fudhiinsaa
ibsuu,
Dorgomtootni SYD dhiyeessan irratti
• Maqaa,
• Teessoo fi
• Mallattoo isaanii barreessuu akka
qaban ibsuu,
88. Caalbaasii ifaa…..
yeroo raawwii walii-galtee irratti
sirreeffama gatii taasisuu kan
hayyamamuu ta'u ykn Dhiisuu isaa fi
sirreeffamni gatii kan hayyamamuu
yoo ta’e haala itti raawwatamu,
Ilaalcha addaa oomisha biyya
keessaaf labsiidhaan hayyamamee
ibsu,
89. Caalbaasii ifaa…..
MHM dhabbata moo’ataa ta’ee filatame
waliin walii-galtee osoo hin mallatteessin
dura gatii ittiin mo’ate osoo hin jijjiiriin
Baay’ina dhiyeessii ajaja itti kennuu irraa
%20 hir’isuu / dabaluu akka danda’u.
Dorgomtootni adeemsa raawwii caal-baasii
irratti komii yoo qabaatan komii iyyataan
dhiyeeffachuu akka qaban,
Qaamni bittaa raawwatu caal-baasicha
walakkaan ykn guutumaan haquuf mirga
kan qabu ta’uu ibsu,
90. Caalbaasii ifaa…..
Ibsa Fedhii Tekiniikaa
(Specification)
MHM bittaawwan uumamaan walxaxaa fi baasii
ol’aanaa gaafataniif tarreefama fedhii tekiniikaa
qopheesuu qabu.
MHM bittaa bitaniif;
uumama inni qabuun,
Bu'aa argamsiisuun,
Ga’umsa tekiniikaa isaatiin,
91. Caalbaasii ifaa…..
Amala hojimaata isaatiin ykn
Hojii karoorfame raawwachuudhaaf sadarkaa
ga’umsa qabaniin tarreeffamni fedhii qophaa'uu
qaba.
Tarreeffamni fedhii bittaa yommuu qophaa’u
dhiyeessaa ykn Mallattoo daldalaa ykn tajaajila
kennaa kan agarsiisu tahuu hin qabu
92. Caalbaasii ifaa…..
Tarreeffama meeshaa fi taj. qopheessuun yeroo
hin dandaa'amnetti qaamni bittaa raawwatu
saamuda meeshichaa akka dhiyeessu / dhiyaatu
gochuu qaba.
Saamudni caalbaasichi utuu hin banamiin dura
dhiyaachuu qaba.
Dorgomtootni saamuda caal-baasichaaf
gaafatame qaamaan dhiyeessuu kan hin
dandeenye yoo ta’e suuraan dhiyeessuu qabu,
MHM saamuda dhiyaate sirnaan qabu fi
sakata’uuf itti gaafatamummaa qabu.
Haata’u malee, saamuda yeroo sakata’aa manca’uuf
itti gaafatamummaa hin qabu.
93. Caalbaasii ifaa…..
Unka Caalbaasii fi Gabatee Dhiyeessa
Gatii
MHM dorgomtootaan kan guutamu unka
yaada dorgommii fi gabatee gatii sanada
caalbaasii keessatti akka dabalamu
gochuu qabu.
Unki qophaa’u hanga danda’aametti
dorgomtooni yaada dorgommii ifa ta’e
akka dhiyessan kan dandeesisuu ta’u qaba
94. Caalbaasii ifaa…..
Haalawwan Walii-galitee Walii-galaa fi
Walii-galtee Addaa
Qaamni bittaa raawwatu sanada caal-baasii
idilee keessatti Haalawwan WW fi WA
qopheessee dorgomtootaaf kennuu qaba.
Haalawwan WW irratti fooyya’iinsa
taasisuun hin danda’amu
95. Caalbaasii ifaa…..….
WA irratti akkaataa gosaa fi amala bittaa
raawwatuun haalawwan walii-galtee walii-
galaa irratti keewwattoota tuquudhaan
fooyyeessuun ni danda’aama.
Qaamni bittaa raawwatu kamiyyuu haala WW
fi WA irratti dhiyeessaa waliin mallatteessuu
qaba.
96. Caalbaasii ifaa…..……
Qophii Ulaagaalee Gamaaggama Caalbaasii
Gamaaggamni filannoo bu’uraa lamaan keessaa
tokkoon raawwatamu qaba.
A. Bittichaaf ulaagaa tekinikaa gadi aanaa fudhatama
qabu murteessuudhaan ulaagaa tekinikaa gadi
aanaa dorgomtoota guutanii dhiheessan keessaa
dorgomaa gatii xiqqaa dhiyeesse filachuu
B. Ulaagaalee murteessuudhaanii fi ulfaatinni
ulaagaan tokkoo tokkoon qabaatu ifatti ibsuun,
ulaagaalee kana irratti hundaa’uun xinxalamee
ida’aama walii-galaatiin dorgomaa qabxii ol’aanaa
argate filachuu.
97. Caalbaasii ifaa…..…..
Yeroo Caalbaasiin Banaa Ta’e Qillensaa irra itti turu
Murtessuu
Gosa bittaa fi hirmaannaa uuwwisa bittichaa
keessattuu bittaa walxaxaa ta’ee fi hin taane addaan
baasuun
Yeroon yaadni dorgommii itti dhiyaatu,
Gosni bittaa,
Ariifachisummaan isaa,
Walxaxinsisaa,
Hirmaannaa uwwisa dhiyeessitootaa bu’uura
godhachuun murteessuu qaba,
99. Caalbaasii ifaa…..….
Gurgurtaa SC
Gatiin Gurgurtaa SC yeroo murtaa’u;
• Dorgomtoota hedduu akka hin arganne taasisuu hin
qabu,
• Bu’aa argachuu kan giddu-galeessa hin godhannee fi
baasii sanadicha qopheessuuf bahe uwwisuu qofa kan
kaayyeeffate ta’uu qaba,
• MHM sanada caalbaasii guyyaa beeksisni caalbaasii
bahee kaasee hanga guyyaa cufiinsaatti guyyaa hojii
jiran hundatti iddoo fi haala beeksisa caalbaasii irratti
ibsameen sa’aatii hojii mootummaatti dorgomtootaaf
gurguruu qabu.
100. Caalbaasii ifaa…..
Ibsa / Fooyya’insa Sanada Caalbaasii irratti
Taasifamu
MHM gaaffii ibsa /foyya’insa sanada caalbaasii
dorgomtoota irraa dhiyaatuuf fudhate deebii kennu
qabu.
Dhimmoota armaan gadii osoo hin guutin ibsa/
foyya’iinsa gaafatameef MH deebii akka kennuu hin
dirqamu.
A.Bittaa walxaxaa biyya keessaa guyyaa 30
banaa ta’ee turuuf caalbaasiin cufamuuf
guyyaa 10 gadii yoo isa hafu gaaffii dhiyaatu.
B.Bittaa addunyaaf caalbaasiin cufamuuf
guyyaa 21 gadii yoo isa hafuu kan dhiyaatu
101. Caalbaasii ifaa…..
C. Caalbaasii walxaxaa hin taane fi
Guyyaa 15 banaa ta’e tureef guyyaa 5 gadii yoo
hafu gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu.
Deebiin gaaffii foyya’iinsa sanada caalbaasii
irratti kennamu barreeffamaan ta’ee; Maqaan
qaama gaafatee osoo hin ibsamin dorgomtoota
sanada bitan hundaaf yeroo walfakkaatu
keessatti ergamuu qaba.
MH sanada fooyya’iinsaa hayyamame
dorgomtoonni qopheessuuf yeroon hafe hin
ga’u jedhee yoo itti amaname guyyaa
caalbaasiin itti banamu dheereessuu ni danda’a
102. Caalbaasii ifaa…..
Afaan Caalbaasii
Afaan caalbaasii haala labsii keewwata
17 jalatti tumameen kan hojjatamu ta’a.
Keewwatni 17 maal jedha?
103. Caalbaasii ifaa…..…..
Gatii Caalbaasii fi Sirreeffama Gatii
MHM gatiin dorgomtootaan dhiyaatu gatii
dorgomtoota biroo irratti kan hin hundofnee fi Yeroo
caalbaasii fi raawwii waliigaltee keessatti kan hin
jijjiiramne gatii ragga’aan ta’u isaanii mirkaneeffachuu
qaba.
MHM bittaa hojii damee ijaarsaa walii-galteen hojii
itti seenamee ji’oota 12 booda fi Bittaa waliigaltee yeroo
dheeraa erga walii-galteen hojii irra oluu eegalee
ji’oota 3 booda bittaa raawwatuuf
Jijjiramni gatii yoo jiraatu sirreeffama gatii taasisuun
akka danda’aamu sanada caalbaasii irratti ibsamuu
qaba.
104. Caalbaasii ifaa…..….
Sirreeffama Gatii Hojii Ijaarsaatiif Taasifamu
Sanada caalbaasii idilee irratti haala ibsameetti
fayyadamee shallagamuu qaba.
A. Meeshaaleen itti-gala hojii ijaarsaaf barbaachisanii fi
meeshaalee itti-gala ijoo ta’an jalatti galuu danda’an
adda baasuu,
B. Meeshaalee itti-gala ijoo ta’an meeshaalee adda addaa
of-jalatti qabatan hojii ijaarsichaa waliigalaa keessaa
gahee qabaatan shallaguun
105. Caalbaasii ifaa…..…..
Sirreeffamni gatii kan taassifamuu fi
kan hin - taasifamne murteessuu
C. Caalbaasichi osoo hin cufamin dura
indeeksiin gatii hojiirra jiru kan agarsiisu
bu’uura foormulaa sirreeffama gatii
shallaguuf ka’umsa ta’ee fudhatama.
D. Garaagarummaan sirreeffama gatii hojii
ijarsaa kan shallagamu indeeksii gatii
gabaa hojii irra jiru fayyadamuudhaan
ta’a.
106. Caalbaasii ifaa…..….
Sirreeffama Gatii Bittaa Waliigaltee
Yeroo Dheeraatiin Raawwatamu
MHM bittaa waliigaltee yeroo dheeraatiin
raawwatamuuf sirreeffama gatii gochuu kan danda’an
haala armaan gadiitiin ta’a
A. Bittaawwan sirreeffamni gatii taasifamuuf Biirichi /
Ejeensiin Istaatistiiksii Giddugaleessaa ragaa
odeeffannoo gatii gabaa kan irratti kennu qofa ta’uu
qaba.
B. Bu’uura waliigaltee yeroo dheeraatiin bittaa
raawwatamuuf gaaffiin sirreeffama gatii kan dhiyaatu
waliigaltichi erga hojii irra oolee ji’oota sadi booda ta’u
qaba.
107. Caalbaasii ifaa…..….
C. Meeshaan /tajaajilli sirreeffamni gatii
taasifamuuf ilaalchisee
Guyyaa caalbaasiin banamee gatii Biiroon /Eja.
Istaatistiiksii Giddugaleessaa baasuu fi Yeroo
waliigalteen yeroo dheeraa ragga’ee itti turu
keessatti sirreeffamni gatii yeroo itti taassifamu
waliigaltee keessatti ibsamuu qaba.
D. MHM walii-galtee irratti kan ibsamee fi gatii
guyyaa baniinsa caalbaasii fi gatii amma jiru
ilaalchisee
108. Caalbaasii ifaa…..….
MHM walii-galtee irratti kan ibsamee fi gatii
guyyaa baniinsa caalbaasii fi gatii amma jiru
ilaalchisee
Biirichaan/Ejansii Istaatistiksii G/galeessaatiin
gatii kenname jidduu garagarummaa gatii jiru
herreguudhaan garaagarummaa argame gatii
dhiyeessaa irratti akka dabalamu ykn
Hir’ifamu gochuun hanga sirreeffamni gatii itti
aanu ga’utti gatii sirreeffame hojiirraa oolchuu
qaba.
109. Caalbaasii ifaa…..….
E. Dhiyeessaan bu’uura walii-galteetiin
dhiyeessuu osoo qabuu yeroodhaan kan
hin dhiyeesinee fi dhiyeessaa turanii
dhiyaataniif sirreeffama gatii gochuun kan
danda’aamu dhiyeessi yeroo itti
dhiyaachuu qaban gatii jiruun ta’a.
110. Caalbaasii ifaa…..….
Sirreeffamni Gatii Walii-galtee keessatti
Hamataman
MHM fi dorgomaan caalbaasiin mo’ataa ta’e waliigaltee
raawwatan keessatti kan hordofanii fi ifatti taa’u qabu,
A.Omisha meeshaalee itti galli sirreeffamni gatii
taasifamuuf fayyadamuudhaan ykn Tarreeffama
dhiyeessaa fi raawwii sirreeffamichaa.
B.Gosa sanada raawwii sirreeffamni gatiif manni hojii
mootummaa fi dhiyeessaa irratti walii-galan,
C.Ragaan sirreeffama gatii dhiyaatu bu’uura walii-galtee irratti
ibsameen ta’uu,
D.Dhiyeessaan bu’uura walii-galteetiin yeroodhaan
dhiyeessuu yoo hin dandeenyee gatiin umamu yoo jiraate
sirreeffamni kan hin taasifamne ta’uu,
111. Caalbaasii ifaa…..….
Garaagarummaa Gatii Irratti Uumamu
Beeksisuu
Sirreeffama gatii hojii irra oolchuu irratti
sababa sirreeffamni garaagarummaan
umameen gatiin walii-galtee walii-galaa hojii
ijaarsaa %25 yeroo caalutti jijjiirama gatii
fudhatee Murteessuu akka danda’u I/G
Ol’aanaa MHM akka beekuu ta’u qaba.
112. Caalbaasii ifaa…..…..
Yeroo Sanadni Yaada Dorgommii Itti
Ragga’ee Turu
MHM bittaa gaggeessuu yeroo sanadni yaada
dorgommii itti ragga’ee turu ofeeggannoon
murteessuun sanada caalbaasii keessatti ibsu qaba.
Yeroon sanadni yaada dorgommii itti ragga’ee turu
manni hojiicha dhimmoota armaan gadii yaada keessa
galchuu qaba
113. Caalbaasii ifaa…..
Yeroo sanadni yaada dorgommii itti
ragga’ee turu murteessuuf;
A. Bittaa walxaxaa fi adeemsi raawwii caalbaasii yeroo
fudhatuu
B. Baayyina dorgomtoota caalbaasicha irratti qooda
fudhachuu danda’anii
C. MHM bittaawwan walfakkaatan xinxaaluu keessatti
muxanno qabu.
D. Haala jijjirama gatii bittichi gabaa keessatti qabu.
E. koreen raggasistuu bitticha raggaassuu fi
F. komiin yoo ka’ee keessuummesuu fi
G. Dhaabbata mo’ataa waliin waliigaltee hanga
mallateessamuutti yeroo fudhatu yaada keessa galchuu
qaba.
114. Caalbaasii ifaa…..…..
MH sababa addaatiin yeroo caalbaasiin itti ragga’ee
turu yoo murteesse malee
yeroon SC itti ragga’e turu guyyaa caalbaasiin baname
kaasee hanga guyyootaa 60 caaluu hin qabu.
MHM adeemsa bittaa yeroon sanadni yaada
dorgommii itti ragga’e turu keessatti xumuruu fi
dhaabbata mo’ate waliin waliigaltee mallatteessuu
qabu.
115. Caalbaasii ifaa…..….
Sababa humnaan ol ta’een adeemsi bittichaa
osoo hin xumuraamiin yeroo gatiin
bittichaaf dhiyaate raggaa’ee itti turu yoo
xumuraame Manni hojiicha dorgomtoonni
yeroo gatiichi ragga’ee itti turu guyyoota
dabalataaf akka dheeratuuf gaafachuu qaba.
116. Caalbaasii ifaa…..….
Yaada Marii
MHM tokko caalbaasii xiinxalee osoo hin
xumurin yeroon turtii caalbaasichaa
dhumatee dorgomtoota dorgommicharratti
hirmaatan yeroo turtii caalbaasichaa akka
dheeressaniif xalayaadhaan gaafatee
dorgomaan tokko yoo dide MHM kun maal
gochuu qaba?
Caal-baasiin Ifaa yeroo lamaa fi isaa ol
baafamee dorgomaan yoo dhabame MHM
maal gochuu qaba?
117. Caalbaasii ifaa…..….
Kabachiisa Caalbaasii
MHM bittaa tajaajila gorsaan ala bittaa
kamiyyuu malawwan bittaa caalbaasii ifaa
ykn caalbaasii murtaa'aa ykn bittaa gaaffii
yaada dorgommii ykn caalbaasii sadarkaa
lamaatiin yeroo raawwatan sanada caalbaasii
keessatti wabummaa kabachiisa caalbaasii
ifatti murteessanii ibsuu qabu.
119. Caalbaasii ifaa…..…..
kabachiisni caalbaasiif qabamu gatii
tilmaama bittaa waliigalaa irraa % 0.5 hanga
% 2 maallaqaan murteessuun wammicha
caalbaasii fi sanada caalbaasii keessatti
ibsuu qaba.
Kabaachiisni caalbaasii murteeffamus
qr.500, 000.00 ( Mil.0.5) caaluu hin qabu.
120. Caalbaasii ifaa…..….
MHM hanga KC murteessuuf
haalawwan armaan gadii yaada keessa
galchuu qabu.
a. Meeshaan ykn tajaajilli bitamu haalli gatii
sadarkaa ol’aanaan geggeedaramaa ta’usaa,
b. Caalbaasii keessatti kan hirmataan
dorgomtoonnii ga’aan jirachuu,
c. KC dorgomtoonni caalbaasii keessatti akka
hin hirmannee gufuu ta’u hin qabu,
121. Caalbaasii ifaa…..….
d. Dorgoman mo’ataa ta’ee filatamu
waliigalticha fedhiidhaan akka
mallatteessu dhiibbaa kan taasisu,
e. Mo’ataa ta’ee dorgoman filatamuu
waliigaltee mallatteessuuf fedhii yoo
hin qabaanne wabichi miidhaa MH
irra ga’u bakka buusuuf kan
walmadaalu ta’u,
122. Caalbaasii ifaa…..…..
KC bifa wabummaatiin dhiyaatu
maallaqa callaan,
Baankii irraa ajaja kaffaltii kan ittin kennamu cheekii
mirkanaa'een,
Leeter-of-kireediitiidhaa(LC)
wabummaa baankiitiin ta'uu ni danda'a.
kontirakteeroonni biyya keessaa hojii ijaarsaa irratti
boobba’an KC haala irratti hunda’e wabummaa
inshuuransii yoo dhiyeessan fudhatama ni qaba
123. Caalbaasii ifaa…..….
KC dorgomtoota irraa dhiyaatu yeroo itti
raggaa’ee turu guyyaa dhumaa gatiin
caalbaasii raggaa’ee turu booda yoo xiqqatee
guyyoota dabalataa 28’f ragga’ee turu qaba.
Dorgomtoonni biyya alaa baankii biyya
alaatti KC qabsisaan baankoota biyyaa
keessan kan mirkanaa’ummaa argate fi
haala irratti kan hin hundofne ta’uu qaba.
124. Caalbaasii ifaa…..……
Dorgoman kamiyyuu sababa armaan
gadiin wabumman qabsisee MHM
dhaalamuu ni danda’a.
a. Yeroo gatiin SC raggaa’ee itti turu keessatti
dorgoman caalbaasii keessa yoo bahe,
b. Dorgoman caalbaasii mo’ataa ta’ee waliigaltee
akka mallatteessu gaafatamee yoo didee fi
c. kabaachiisa waliigaltee akka qabsisuu
gaafatamee waliigaltee mallatteessuu fi
kabaachiisa waliigaltee gaafatame qabsisuu
yoo dide
125. Caalbaasii ifaa…..…..
Mo’ataan caalbaasii akkumaa beekameen
battalumatti dorgomtoota caalbaasiicha
irraatti hirmaatanii mo'amaniif KC qabamee
ni gadhifama.
KC dorgomaa mo’ateef, kan deebi'uuf
kabachiisa walii-galitee qaama bittaa
raawwatuuf galii erga godhee booda ta'a.
126. Caalbaasii ifaa…..….
Sanada yaada dorgommii fuudhuu
MHM sanduqa caalbaasii dorgomtootaa
irraa sanada yaada dorgommii itti
fuudhuu qopheessuu qaba.
Saanduqni caalbaasicha bakka waamicha
caalbaasii irratti ibsametti Guyyaa
waamichi taasifame irraa kaasee hanga
dhuma sa’atii cufamuutti bana ta’ee turuu
qaba.
127. …Caalbaasii ifaa…..….
Nageenyi sanduqa caalbaasii eegamuu kan
qabu yoo ta’u hanga caalbaasichi banamutti
Samsamee furtun harka A/A/B/B/Q/tti
qabamee turuu qaba.
Guyyaa fi sa’atii dhumaa sanada yaada
dorgommii itti dhiyaatu booda ture sanada
yaada dorgommii ga’u osoo hin banamiin
yerumasana dorgomtootaf deebi’uu qaba.
128. Caalbaasii ifaa….
Baniinsa Caalbaasii
Caalbaasiin kan banamu akka
waamicha caalbaasichaatti ykn
Fooyya’insi taasifameera yoo ta’e
akkaataa guyyaa, sa’aatii fi iddoo
sanada fooyya’e irratti ibsametti ifatti
banamuu qaba.
129. Caalbaasii ifaa……..
Caalbaasichi yeroo banamus:
Sanadni yaada dorgommii dorgomaa ykn
bakka bu’aan bakka argamanitti banama.
Ta’us dorgomaan ykn bakka bu’aan baniinsa
caalbaasichaa irratti osoo hin argamiin hafuun
baniinsaa caalbaasii hin gufachiisu
130. Caalbaasii ifaa…..
Hanga adeemsa caalbaasii hin gufachiisnee fi
dhiphiinni iddoo hin jirretti bakka bu’aan sab-
qunnamtii fi namni kamiyyuu caalbaasiicha
taajjabuuf fedhii qabu argamu ni danda’a.
Hanga danda’ametti yeroo baniinsa caalbaasii
odiitiin keessaa akka argamu ni-taasifama.
Baniinsa caalbaasii irratti Adeemsa hojii bittaa
keessaa yoo xiqqaate hojjetootni 3 hirmaachuu
qabu.
131. Caalbaasii ifaa……….
Caalbaasiin poostaa tokkoon akka dhiyaatu
kan gaafatame yoo ta’e, MH sanada yaada
dorgommii dorgomtootaan dhiyaate
banuudhaan ;
maqaa dorgomaa,
gatii dhiyaate,
hanga hir’ifama gatii fi haala isa,
gosa kabaachisa caalbaasii hangaa fi kan
biroo dubbisuudhaan dhageessisuu qabu.
132. Caalbaasii ifaa…
Caalbaasichi poostaa lamaan akka
dhiyaatu kan gaafatame yoo ta’e:-
Sirna baniinsa caalbaasichaa irratti
poostaan dookimeentii tekiniikaa qabate
akka banamu ta’ee;
eenyummaa dorgomtootaa dabalatee
qabxiiwwan yeroo sanatti ibsamuu qaban
dubbifamuudhaan dhagahamuu qabu.
133. Caalbaasii ifaa….
Poostaan gatii, dorgomtoota hundaan
dhiyaate hojjettoota caalbaasii bananiin
mallatta’ee osoo hin banamiin guyyaa
baninsa marsaa 2ffaa eggata.
Guyyaan baniinsa poostaa gatii hanga gahutti
poostichii A/H/ hojii bittaa ykn qaama itti
gaafatamummaan kennameefiin eggannoon
qabamee turuu qaba.
134. Caalbaasii ifaa….
Gamaggamni tekinikaa godhamee firiin
argame qaama aangoon kennameefiin erga
ragga’ee booda firiin argame dorgomtoota
caalbaasii irratti hirmatan hundaaf yeroo
walfakkaatuu keessatti barreeffamaan
ibsamuu qaba.
Dorgomtoota ulaagaa tekinikaa darbaniifiis
ta’e kufaniif barreeffamaan firiin xinxaala
tekinikaa ibsamuufii qaba.
135. Caalbaasii ifaa……..
Dorgomtoota yaadni dorgommii tekiniikaa
isaanii fudhatama argateef xalayaan barreeffamu
guyyaa, sa’aatii fi iddoo baniinsaa kan ibsu ta’uu
qaba.
Xalayichiis yeroo walfakkaatu keessatti akka
gahu gochuu fi dorgomtoonni fedhii qaban
hundi sirna baniinsa caalbaasii poostaa gatii
irratti argamuu akka danda’an yeroo dhaan
kennamuufii qaba.
136. Caalbaasii ifaa
Ta’us iyyannoon kan dhiyaate yoo ta’e iyyatichi
murtee hanga argatutti poostaan gatii banamuu hin
qabu.
Poostaa dorgomtoota dorgommii gatiif darban
banuudhaan
maqaa dorgomtootaa,
Gatii bittichaaf dhiyeesse,
Hir’ifama gatii yoo qabaate hagamii fi
Gatii wajjin walitti dhufeenya kallattii kan qaban
dhimmoota walfakkaatan dorgomtoonni akka
beekan godhamuu qaba
137. Caalbaasii ifaa………
Gamaaggamni teekinikaa akkuma beekameen
dorgomtoonni dorgommii teekinikaa hin
dabarre KC qabsiisanii fi poostaan gatii
dorgommii qabate osoo hin banamiin ni
deebi’aaf.
Firii gamaaggama teekinikaa irratti komiin
kan dhiyaate yoo ta’e iyyaticharratti murteen
dhumaa hanga beekamutti poostaan
dorgommii gatii fi KC qabsiisan hin deebi’u
138. Caalbaasii ifaa…..
Adeemsi bittaa MHM bittaa raawwatu
adeemsa baniinsa caalbaasii irratti
qaboo yaa’ii qabuu qaba.
Qaboon yaa'ii qophaa’u maqaa
dorgomtootaa, gatii dhiyeessanii fi
qabxiilee barbaachisaa ta'an biroos kan
qabaatu ta'a.
139. Caalbaasii ifaa…….
Qaboon yaa'ii fi sanada caalbaasii fuula
hunda irratti hojjetoota adeemsa bitta
irraa baniinsa caalbaasii irratti
argamaniin ni mallatta’a.
Dorgomaan kamiyyuu yeroo adeemsa
baniinsa caalbaasii irratti caalbaasii ala
taasifamuu hin qabu.
140. Caalbaasii ifaa…..
Yeroo caalbaasiin banamu dorgomtootni
ykn bakka bu’oonni argaman maqaan
isaani galmaa'u fi mallatteessuu qabu.
Sanadni yaada dorgommii sirna baniinsa
caalbaasii irratti osoo hin banamiinii fi
hindubbifamiin hafe kamiyyuu
waldorgommii itti aanuuf dhiyaachuu
ykn taajajiluu hin danada’u.
141. Caalbaasii ifaa……
Caalbaasii Gamaaggamuu fi
Dorgomsiisuu
Gamaaggama Sadarkaa Duraa
MHM caalbaasiin gutuudha jedhee gara
tarreeffama adeemsa gamaaggama facaatii
itti aanutti dabarsuu kan danda’u sanadni
ittiin dorgomii dorgomaadhaan dhiyaate
sirna baniinsaa irratti kan baname ta’uu
qaba; akkasumas SC irratti haaldureewwan
tarreeffamanii fi qabxii barbaachisan kan guutu
ta’ee yoo argame dha.
142. Caalbaasii ifaa………
MHM dorgomtoota caalbaasii kanneen
armaan gaditti tarreeffaman hin guunne
gara gamaggama facaatiitti dabarsuu
hin qabu.
A.Dhiyeessaan caalbaasii irratti dorgomee
qulqullina sadarkaa gadi-aanaa fi
ulaagaalee biroo bu’uuraa kan hin
guunnee fi ga'umsa kan hin qabne
ta'ee yoo argame,
143. Caalbaasii ifaa….
B. Sirreeffama dogoggora herregaa
dhiyeessaa hin fudhanne yoo ta’e,
C. Dorgomaan KC kan hin qabsisnee ykn
KW qabsisuuf fedhii kan hin qabne yoo
ta’e
D. Dhiyeessan tarreeffama dhiyeessitootaa
keessatti kan hin galmeeffamne yoo ta'e.
E. Hayyama daldalaa haaromfamee fi gibira
kaffaluusaa ragaa ibsu kan hin
dhiyeeffanne yoo ta'e.
144. Caalbaasii ifaa…..
MHM dogoggora herregaa yeroo
xiinxalaa argaman sirreessuu ni danda’a.
Tarkaanfii sirreeffamaa akkanaa manni
hojii mootommaa hatattamaan
dorgomaa dhimmi ilaaluuf barreeffamaan
beeksisuu qaba.
Dorgomaan sirreeffama herregaa kana
kan hin fudhanne yoo ta’e, caalbaasii
keessaa haqamuu qaba.
145. Caalbaasii ifaa…..
Gamaaggama Facaatii Taasisuu fi
Mo’ataa Adda Baasuu
MHM mo’ataa caalbaasii filachuudhaaf
sanadoota yaada dorgommii
gamaaggama sadarkaa duraa irratti
fudhatee fi ulaagaalee sanada caalbaasii
irratti ibsamanitti fayyadamuudhaan
gamaaggama facaatii gochuu qaba.
146. Caalbaasii ifaa……..
Ulaagaalee sanada caalbaasii keessatti
ibsamaniin ala gamaaggama gochuun hin
hayyamamu.
MH bu’uura sanada caalbaasii irratti
ibsameen mo’ataa caalbaasii filachuuf
sirnoota gamaaggamaa armaan gadii
keessaa tokkotti fayyadamuu qaba;
isaanis,
147. Caalbaasii ifaa………
a.Poostaa tokkoon sanadaa caalbaasii
dhiyaate ulaagaalee tekinikaa guutuu
isaa mirkaneeffachuu fi dorgoomaa
gatii xiqqaa dhiyeesse ykn;
b.Poostaa lamaan sanada caalbaasii
dhiyaate ulaagaalee teekiniikaa fi
faayinansiif kennamee ida’ama
gamaggaamaa waliigalaatiin qabxii
ol’aanaa argatetu filatama
148. Caalbaasii ifaa…..
MHM yeroo mo’ataa caalbaasii filatu
safartuudhaan adda bahee hanga
beekametti
Safartuu meeshaa ykn tajaajila tokkoon
tokkoon gatii baaqqeen kennamee ykn
Haalawwan waliigaltee fi jechoota biroo
osoo hin jijjiiriin hamma baayyina
meeshichaa ykn tajaajilichaa hanga %20
hir’isuu ykn Dabaluu kan danda’u ta’uu
isaa sanada caalbaasii irratti ibsuu qaba.
149. Caalbaasii ifaa………
Daldaltoota “VAT” tiif galmaa’anii fi
daldaltoota “VAT”tiif hin galmaa’in waliin kan
dorgoman yammuu ta’u,
Madaalliif jecha gatii waliigalaa irraa gatii
dabalataa “VAT”tiif dhiyaate hir’isuun
meeshichi ykn tajaajilichi seera “TOT” kan
kaffalchiisuu yoo ta’e,
bittaa meeshaaf %2
bittaa tajaajilaa %10 irratti ida’uun dorgommiin
akka gaggeeffamu ta’a.
150. Caalbaasii ifaa……….
Daldalaan “VAT”tiif galmaa’e kan mo’atu
yoo ta’e, gatii duraan “VAT” waliin
kennameen waliigaliteen kan
raawwatamu ta’a.
Gamaaggamni facaatii yeroo taasifamu
hir’ifamni gatii halduree irratti osoo hin
hundaa’in kenname yaada keessa gala.
151. Caalbaasii ifaa…
Bittaa addunyaa irratti haala
addaattiin yoo gaafatame malee
gatiin dhiyaatu gibira kan dabalate
ta’u qaba.
Gamaaggama caalbaasii irratti
dorgomtoonni lama fi lamaa ol
qabxii wal qixa yoo argatan
oomisha ykn tajaajila biyya
keessaaf dursi ni kennama.
153. Caalbaasii ifaa
MHM caalbaasicha baase yaadni dorgommii
dorgomaa tokkon dhiyaate quubsaa fi gatichi gatii
gabaa ta’uun isaa
akkasumas sababni hirmaannaa dorgomtoota biroo
daangessu sanada caalbaasii irra akka hin jire yoo
mirkaneesse irra deebiin caalbaasii baasuu osoo hin
barbaachisiin dorgomaa kophaa dhiyaate mo’ataa
gochuu ni danda’a
154. Caalbaasii ifaa……
Irra Deebi’anii Caalbaasii Baasuu
Caalbaasiin irra deebiin kan bahu,
gatiin mo’ataa caalbaasiin dhiyaate gatii
gabaatiin oli jedhamee yoo amanamuu
fi
Garaagarummaan jirus bal’aa waan
ta’eef irra deebi’anii caalbaasii baasuun
faayida qabeessa yoo ta’e.
155. Caalbaasii ifaa……
Dorgommiif Kan dhiyaate dorgomaa tokko
qofa yoo ta’ee fi ulaagaa dorgomaan tokko qofti
dhiyaate itti mo’atu haala laabsii fi qajeelfamaa
yoo guutamuu dhisee Ykn
Sanada caalbaasii irratti jijjiirama gochuun
dorgomtoota hedduu argachuun ni danda’ama
jedhame yoo amanamu.
157. Caalbaasii ifaa………
Ilaalcha Addaa
a. Bittaa proofoormaa fi dhiyeessaa tokko irraa
raawwatamu irraa kan hafe bittaa kaminiyyuu
irratti ilaalchi adda oomisha dorgomtoota biyya
keessaa fi dhaabbilee IMXf ni taasifama.
b. Ilaalchi addaa oomisha Itophiyaatti omishameef
yeroo dorgommiin gatii gaggeefamu ni taasifama.
158. Caalbaasii ifaa…..
Kunis;
A. Qorichaa fi meeshaalee yaalaaf %25
B. Meeshaalee biroof %15
C. Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa irratti kubaaniyoota
biyyaa keessaaf ilaalchi addaa % 7.5 ni taasifamaaf.
Kunis kan ta’u
Daawwaa ykn meeshaalee yaalaa ykn meeshicha hoomishuuf
baasii waliigalaa keessaa % 35 ol biyya keessaa itti dabalamuun
isaa ragaa odiitara beekkamaadhaan yoo mirkanaa'e,
159. Caalbaasii ifaa…….
Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa
kamifiyyuu ilaalchi adda kan taasifamu;
a. Kubaaniyichi seera Itoophiyaan kan
hundaa’e fi waajjiri mummicha isaa
Itophiiyaa keessa yoo ta’e.
b. Aksiyooniin kubaaniyichaa %50 ol Boordii
daarektaroota kubbaniyichaa keessaa %50
ol Itophiyaanota yoo ta’an
c. Hojjetoota murtessoo kubaaniyichaa
keessaa %50 ol Itoophiyaanota yoo ta’an.
160. Caalbaasii ifaa….
Caalbaasii Ala Taasisuu
Dorgomaan kamiyyuu badiiwwan armaan
gadii keessaa tokko yoo raawwate qaamni
bittaa raawwatu caalbaasiin ala gochuu ni
danda'a,innis:-
a. Meeshaa ykn tajaajila biyyaa Itoophiyaa
waliin daldaluuf qoqqobiin irratti gatame
irraa kan dhufe yoo ta’e.
b. Gochoonni Labsii BBQM fi Qaj. cabsu
raawwatamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e,
161. Caalbaasii ifaa…..
C.Caalbaasiiwwan kanaan dura
bahanirratti dirqama seene osoo hin
kabaajiin hafuu isaatiin caalbaasii
mootummaa irratti akka hin
hirmaanne Biiroodhaan kan
dhoowwame yoo ta’e,
D.Kaabachisaa caalbaasii ykn
Kabachiisa waligaltee gaafatame
kan hin qabsiifne yoo ta'e;
162. Caalbaasii ifaa….
E.Caalbaasii mo’achuudhaaf hojjataa ykn
abbaa taayitaa kamiifiiyyuu mooksaa
kennuun isaa ykn yaada mooksaa kennuun
isaa yoo mirkanaa'e,
F.Dorgomaan sanada caalbaasichaa irratti hojii
malaamaltummaa raawwachuun isaa yoo
mirkanaa'e.
G.Dorgomtootni sanada ykn ragaa kijibaa yoo
dhiyeessan
163. Caalbaasii ifaa……..
Marii Dorgomtoota Waliin Taasifamu
Yoo dhimmi addaa qunname Mariin MHM fi
dhiyeesitoota gidduutti taassifamu dhimmoota
lama irratti ta’a.
A. Dhimmoota xixiqqaa irratti mari’achuuf
ykn
B. Caalbaasii sadarkaa lamaa yeroo ta’u gosa
bittaa caalbaasiichi hammatu irratti mariin
ni taasifama.
MHM caalbaasiin erga banamee booda
yaada dorgommii akka jijjiiranii fi gatii
dabalatee dhimmoota murteessaa ta’an akka
fooyyessaniif dorgomtoota waliin
maria’chuun dhorkaadha.
164. Caalbaasii ifaa….
Caalbaasii Raggaasissuu
Qaamni xinxaala bittaa gaggeessu yeroon gatiin itti
ragga’ee turu osoo hin darbiin caalbaasii xinxalee
yaada murtoo waliin qaama raggaasisuuf dhiyeessuu
qaba.
Qaamni caalbaasii akka raggaasisuu aangoon
kennameef;
bittichii akkaataa seeraatiin raawwatamuu isaa,
xinxaalli akkaataa ulaagaa sanada caalbaasiin
ibsamee gaggeefamu isaa fi
Faayidaa mootumma kan egsisu ta’uu isaa sakatta’ee
murtoo raggaasisuu ni dabarsa
165. Caalbaasii ifaa
Murtoon koree kanaan darbus;
A.Gabaasa gamaaggamaa dhiyaate guutumaan
guutuutti fudhachuun hojiin itti anuu akka
raawwatamu hayyamuu.
B.Gabaasicha fudhachuu dhiisuudhaan
gamaaggamichi irra deebi'ee akka hojjetamu
gochuu.
Murtoon kennamu kamiyyuu sababarratti
kan hundaa’e ta’uu qaba
166. Caalbaasii ifaa………
Mo’ataa Caalbaasii Beeksisuu
MH bittaa gaggeesse yeroo walfakkaatutti
dorgomtoota caalbaasii keessatti hirmaatan
hundaaf firii caalbaasii barreefamaan ibsuu
qaba.
Barreefamni dorgomtoota mo’amaniif ibsamu
sababii mo’amaniif kan ibsuu fi mo’ataan
enyuu akka ta’e kan agarsisuu ta’uu qaba.
Xalayaan dorgomaa caalbaasicha mo’ateef
MHMn ergamu akka waligaltee ta’ee tajaajilu
hin danda’u.
167. Caalbaasii ifaa………
Qabiyyee xalayaa Mo’aataaf barreeffamuu
MHM SYD dorgoman dhiyeesse kan fudhate ta’uu
Gatii waliigalaa waliigalteen ittiin mallattaa’u
Hamma kabachiisa waliigaltee dhiyaatu
Yeroo KW itti ragga’ee turu
Guyyaa dhumaa waliigalteen mallattaa’u
MHM akkuma mo’ataa waliin waliigaltee
mallatteesseen KC kanneen mo’amaniif deebisuu
qaba
168. Caalbaasii ifaa….
Kabachiisa Waliigaltee
Bittaa dhiyeessa gatii fi tajaajila kiraa irraa kan hafe
waliigaltee biroo kamifiyyuu MHM KW fuudhuu qaba.
Dorgomaan Caalbaasii mo’ate mo'achuun isaa guyyaa
ibsameef irraa kaasee guyyoota 15 keessatti
waliigaltee bittaa mallatteessuun gatii bittaa irraa
%10 KW qaama bittaa raawwatuutti qabsiisuu qaba.
Kabachiisni waliigaltee dhiyeessan bu’uura
waliigalteetiin dirqaama isaa bahu yoo baate KW
guutummaan gutuutti ni dhaalama.
Miidhaan qaqqabu KW ol yoo ta’e qaamni bittaa
raawwatu garaagarummaa gaafachuu ni danda’a.
169. Caalbaasii ifaa……
Bitticharratti ol iyyannoon dhiyaatee erga murtii
argatee guyyaa 5 keessatti KW dhiyeessuun
waliigaltee mallatteessuu qaba ta’uu baannaan KC
ni dhaalama
Qaamni mo’ataa ta’e waliigaltee mallatteessuuf
fedhii yoo dhabe MHM KC dhaaluudhaan dorgomaa
lammaffaa mo’ataa gochuu ykn caalbaasii irra
deebiin baasuu ni danda’a
170. Caalbaasii ifaa……
Waliigaltee hojii ijaarsaa ykn bittaa qorichaa ykn
meeshaalee wal’aansaa dhaabbata biyya keessaa
waliin taasifamuuf kubbanniiyaa Inishuraansii
beekamaa irraa KW’f inshuraansiin haala irratti
kan hundaa'e dhiyaatu fudhatama qaba.
Dhiyeessitootni hojii tajaajila gorsaa kennuu irratti
bobba’an KW gaafachuun barbaachisaa ta’u
baatuus, tajaajilli gorsaa kennan mana hojii irratti
midhaa akka hin geesisne wabummaa Inishuraansii
beenyaa ogummaa galan akka kabachiisatti tajaajilu
ni danda’a.
171. Caalbaasii ifaa…..
Kaffaltii Dursaa
Raawwii BM keessatti gatii waligalaa
waligaltichaa keessaa hanga %30 kan gahu
kaffalti dursaa kennamuu ni danda’a.
Hangi kaffaltii dursaa kennamus qajeelfama
dorgomtootaa irratti ibsamuu qaba.
Dhiyeessaan akkaataa waliigalteetiin kaffaltii
dursaa gaafatuuf wabummaa wal-qixa ta’e
cheekii baankiin mirkanaa’e irraa
dhiyeefachuu qaba.
172. Caalbaasii ifaa…
Kont. Ijaarsaa fi oomishonnii qorichaa
Dhiy.meeshaalee wal’aansaa biyya keessaa
wabummaa kaffaltii dursaa hal-duree irratti hundaa’e
dhaabbata Inshuraansii beekamtii qabu irraa
dhiyefatan ni fudhatamaaf.
Kaffaltii dursaa raawwatamu keessaa bittaa ijaarsa
daandiin kontiraaktera biyya keessaatiif hanga %50,
bittaa ijaarsa biroof hanga %30 kan gahu bittaa
maashinariif ooluu qaba
174. Caalbaasii ifaa…..
Waliigaltee Mallatteessuu
MHM kamiyyuu haalawwan WW fi waliigaltee irra
kan ga’ame haalawwan waliigaltee adda kana
qabate sanada waliigaltee dhiyeessaa wajjin walii
mallatessuu qaba.
Kabachiisni waliigaltee dhiyaatu yoo xiqqate%10
Waliigalteen dhiyeessaa fi qaama bittaa raawwatu
jiddutti gageefamu;
A. waliigalteen kan dhiyaatu gosa, baay’ina,
qulqullina, haala itti dhiyaatu, yeroo dhiyaatu, iddo
dhiyaatu, gatii baaqqee fi waliigalaa kaffalamu haala
kaffaltii fi yeroo kaffaltii argisisuu qaba.
175. Caalbaasii ifaa….
B. Qaama 3ffa irraa tajaajila argamu
Geejjiba,
Inshuraansii,
Tiraanziitiifaa eenyuu akka raawwatuu fi qaama
ga’umsaan raawwachuu danda’u akka hojjataman
taasifamuu isaa,
C.Yeroo bulchiinsa waliigaltee waldiddaan ummamuu
haala itti hikkamu,
D.Kabachiisni waliigaltee haala itti dhaalamuu danda’u
E.Akkaataa waliigalteetiin waan raawwachuu dadhabeef
tarkaanfii seeraa fudhatamu
176. Caalbaasii ifaa….
F.Dorgomaan biyya alaa gatii waliigaltee
waliigalaa keessaa kaffaltii sharafa biyya
alaatiin kaffalamu qabu fi kan sharafa biyya
keessaatiin kaffalamu,
MHM Caalbaasicha baasee firii
caalbaasichaa ykn komii dorgomtootaaf
guyyaa ibsee kaasee guyyaan hojii 5 osoo
hin guutiin dura waliigaltee bittaa
mallatteessuu hin qabu.
177. Kutaa 5:Bittaa Caalbaasii Ifaa
Addunyaa
Faayidaarra ooluu kan danda'u kub. biyya
alaa caalbaasii irratti akka hirmaatan yoo
taasifame malee caalbaasii ifaa biyya
keessaatiin dorgommiin bu'aa qabeessa ta'e
jiraachuu akka hin danda'amne yoo amaname
dha.
Daangaan maallaqa bittaa kan armaan gadii
ibsame ol yommuu ta’uu dha.
178. Ifaa addunyaa….
Daangaa Maallaqaa bittaa Addunyaa
Bittaa Damee Ijaarsaatiif 600,000,000.00 ol
Bittaa Meeshaatiif 200,000,000.00 ol
Bittaa Tajaajila Gorsaatiif 30,000,000.00 ol
Bittaa tajaajila Birootiif 84,000,000.00 ol
179. Ifaa Addunyaa…
Caal baasii ifaa Addunyaarratti dorgomtootni bittaa
meeshaarratti hirmatan ofiisaanii oomishtoota
meeshaa yoo ta’uu baatan yeroo gaafatamanitti bakka
bu’iinsa oomisheessaarraa kennameef dhiyeessuu
qabu
Beeksfni caalbaasii afaan ingiliffaatiin
Jechoota waliigaltee daldalli addunyaa ittiin
adeemsifamurratti hundaa’ee raawwatamuu qaba
Waliigalticha keessatti haala addaatiin yoo
eeyyamame malee walitti bu’iinsi yeroo raawwii
waligaltee uumaman seerota Itoophiyaatiin kan
murtii argatan ta’u
180. Ifaa addunya…..
Dabalataanis barbaachisaa ta’ee yoo
argame bittaan addunyaa mala bittaa
Sadarkaa lamaa,
Caalbaasii murtaa’aa,
Ittiin dhiyeessa gatii, fi
Mala bittaa dhiyeessaa tokkoon
fayyadamuun bittaa addunyaa raawwachuu
ni danda’u
Caalbaasii ifaa addunyaan alatti mala bittaa birootti
fayyadamuun Bittaa Addunyaa raawwachuun kan
danda’amu maloota bittaatiif haalawwan ibsaman ykn
Hanga daangaa maallaqaa hayyamame irratti
hundaa’uudhaan kan raawwatamu ta’a.
181. Caalbaasii Sadarkaa Lamaan Bittaa
Raawwatamu
Caalbaasii ifaa biyya keessaa ykn bittaa
addunyaan sirna diriire hordofa.
Mala bittaa kanaan bittaa raawwachuuf
haalawwan guutamuu qaban:
a. Manni hojii Mootummaa meeshaa ykn tajaajila
barbaaduuf tarreeffama fedhii bittaa
qopheessuuf dandeettii kan hin qabne yoo
ta’e;
b. Qaamni bittaa raawwatu fedhii bittaa isaa
sadarkaa ol-aanaan guutachuu yoo barbaade;
182. CB Sadarkaa Lamaan...
c.Qaamni bittaa raawwatu: hojii qorannoo, yaalii,
qo’annoo fi hojiiwwan misooma adeemsiisuuf
barbaachisaniif waliigaltee raawwachuu yoo
barbaade,
d.Dorgomaa kaadhimamaa waliin marii
gochuun yoo barbaachise;
e.Caalbaasiin bahee dorgomtootni argamuu yoo
dhaban ykn yoo kufan;
183. Caalbaasii Sadarkaa Lamaa...
Haalawwan addaa armaan gadii
hordofuudhaan kan raawwatamu ta’a.
A. Waamicha caalbaasiichaa irratti bittichi
caalbaasii sadarkaa lamaa ta’uun isaa
ibsamuu qaba;
B. Marsaa duraatiin dorgomtootni kabaachisa
caal- baasii akka dhiyeessan hin gaafataman;
C. Sanadni caalbaasii marsaa duraatiif qophaa’u
fedhii waliigalaa qaama bittaa raawwatuu kan
ibsu dha.
184. Sadarkaa Lamaan........
D. marsaa duraa irratti dorgomtoonni argamuu
osoo hin barbaachisiin sanada yaada
dorgommii fedhii teeknikaa dorgomtootaan
dhiyaate haalawwan waamicha caalbaasii
keessatti ibsamaniin akka banamu ni
godhama.
Marsaa duraa irratti dorgomtootni fudhatama
argatan: dorgommii caalbaasii marsaa
lamaffaaf waamichi kan godhamuuf yoo ta’u;
kabachiisa caalbaasiis akka dhiyeessan ni
taassifama.
185. Gaaffii Yaada Dorgommiitiin
Bittaa Raawwatamu
Mala kanaan fayyadamuudhaaf
Tilmaamni gatii bittichaa qarshii 900,000 .00 gadi
yoo ta’e gorsitoota tarreeffama dhiyeessitootaa
keessaa filachuudhaan ta’a.
Baay’inni gorsitootni gaafii yaada dorgommii
dhiyeessuuf afeerraman hanga danda’ametti 3 gad
kan hin taanee fi 7 kan hin caalle ta’uu qabu.
186. Gaaffii yaada dorgommii…..
Malawwan filannoo dorgomtootaa
I. Filannoo Qulqullinaa fi Gatii Irratti
Hundaa’e(QCBS)
II. Filannoo qulqullina hojii raawwatamu iratti
hunda’ee
III. Filannoo Baajata Murtaa’e irratti ...
IV. Filannoo gatii gadi-aanaa irratti hundaa’e
V. filannoo ga’umsa Gorsitootaa Irratti
Hundaa’e
VI. Filannoo gorsaan tokko haala itti
filatamu
187. Raawwii Bittaa Caalbaasii
Murtaa’aa
waamicha isaa irraa kan hafe,
caalbaasii biyya keessaa fi biyya alaa irratti sirna
tarreeffamaan ibsame hordofee kan raawwatamu
ta’a.
haalaawwan armaan gadii irratti hundaa’udhaan kan
raawwatamu tae:
a. Meeshichi, hojiin damee jaarsichaa ykn tajaajilichi
dhiyeessitoota murtaa’a biraa qofa kan argamu yoo
ta’e,
188. Murta’aa…
b. xalayaan waamichaa dhiyeessitoota hundaaf
teessoo isaaniin qophaa’ee ergamuu qaba.
c. Daangaa maallaqaa ibsame keessatti yoo ta’u,
d. Dhiyeessitoota facaatii dhiyeessitoota keessatti
galmaa’an keessaa haala loogii irraa bilisa ta’een
yoo xiqqaate dorgomtoota 5 filachuudhaan
bitamu qaba
e. Sanada caalbaasii dhiyaate kaffaltii malee
dorgomtootaaf kennamu qaba jedhee yoo
amane xalayaa waamicha caalbaasii waliin
sanada caalbaasii wal-qabsiisee erguu ni
danda’a..
189. Murta’aa….
Qaamni bittaa raawwatu
KC gaafachuun dorgomtoota baay’inni
isaanii muraasa ta’an caalbaasii irratti
akka hin hirmaane taasisuu danda’a
jedhee yoo itti amane wabuummaa
gaafachuun osoo hin barbaachisiin
dorgomtonni dirqama bittichaa
fudhachuu isaanii akka mallatessan
taasisuu ni danda’a.
190. Daangaa Maallaqa Caalbaasii
Murta’aatiin Raawwatamu.
Gosa bittaa Daangaa maallaqaa
Naannoo Godinaa fi
Bul.Mag
Aanaa
Ijaarsa 10,000,000.00 8,000,000.00 6,000,000.00
Meeshaa 2,400,000.00 2,000,000.00 1,600,000.00
Tajaajila
gorsaa
1,400,000.00 1,200,000.00 1,000,000.00
Tajaajila biroo 2,000,000.00 1,500,000.00 1,000,000.00
191. Murta’aa….
Caalbaasii murta’aan bittaa raawwachuuf
haalawwan armaan gadii guutamuu qabu.
a. beeksifni caalbaasii ifaa yoo xiqqaate yeroo lama bahee
dorgomaan tokkollee kan hin hirmaanne ykn
b. caalbaasii yeroo 2ffaaf bahe irratti dorgomtootni
dhiyaatan fedhii tekiniikaa qaama bittuun dhiyaate kan
hin guutne yoo ta’e Sirna caalbaasii ifa hordofee kan
raawwatuu ta’a ,
c. Hirmaannaan maaliif akka xiqqaate qoratanii adda
baafachuudhaan
d. Dhiyeessitootni caalbaasii murta’arratti
hirmaachuudhaaf fedhii qabaachuusaanii
mirkaneeffachuun
192. Bittaa Dhiyeessa gatii
Mala kanaan bittaan raawwatamu;
bittaa karoorfamuu hin dandenyee fi
Atattamaan hojii irra ooluu qaban ykn
Bittaa bakka tokkootti rawwatamuu hin
dandenyee fi
Gatiin isaanii daangaa kaa’ame kan hin caalle
193. Dhiyeessa gatii…
Dorgomtootni tarreeffama
dhiyeessitootaa keessaa kan filataman
ta’ee hanga danda’ametti lakkoofsi isaanii
3 gadi ta’uu hin qabu
Dorgommicha haqa qabeessa gochuuf
raawwiin isaa hojimaata armaan gadii
hordofuu qaba.
a.dhiyeessaa tokko ykn dhiyeessitoota
murtaa’an qofa deddeebisanii affeeruun
hin barbaachisu.
194. Dhiyeessa gatii….
b. Qorannoo gabaa adeemsa bittaatiin raawwatutti
fayyadamuudhaan gatiin gadi Aanaadha jedhamee
filatamu gatii gabaa dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffachuu
qaba.
c. Dorgomaa tokko akka dhiyeessu kan hayyamamuuf gatii
tokko qofa yoo ta’u gatii dhiyeesse jijjiiruun hin
hayyamamuuf.
d. Gatii ittiin dorgommii dorgomaan kenne irratti mana hojii
mootummaa fi dorgomaa gidduutti mariin kamiyyuu
godhamuu hin danda’u.
195. Dhiyeessa gatii…
Dorgomaa gatii gadi-aanaa dhiyeesse mo’ataa godhanii
filachuun barbaachisaadha.
MHM ittiin dhiyeessa gatii erga sassaabee booda
bittaa raawwatu kamiyyuu, hanga danda’ametti
sanada caalbaasii idilee Biiroon qopheessetti
fayyadamuu qabu.
Gatii ittiin dorgommii dhiyeessaan kenne
/Proofoormaa/ fi xalayaan ajaja bittaa manni hojichaa
kenne akka waliigalteetti waan lakkaa’amuuf
waligaltee dabalataa rawwachuun hin barbaachisu.
196. Dhiyeessa gatii….
MHM bittaawwan bakka tokkotti raawwatamuu
qaban
qoqqoodanii bituu hin qabani.
Bittaan dhiyeessa gatiitiin raawwatamu
dorgomiin gatii tasifamuu taksii ykn gibira kan
dabalate ta’u qaba.
Bittaa dhiyeessa gatiitiin raawwataman koree
raggaasiftuu caalbaasiitti dhiyeessuun otoo hin
barbaachisiin itti gaafatamaa ol aanaa mana hojichaa
ykn bakka bu’iinsa inni kenneen akka ragga’u ni
taasifama.
Daangaan maallaqaas kan armaan gadiiti
197. Gosa bittaa Daangaa maallaqaa mala bittaa
pirooformaa/dhiyeessa gatii
Naannoo Godinaa fi
Bul.Mag
Aanaa
Ijaarsa 1,000,000 600,000 400,000
Meeshaa 400,000 250,000 200,000
Tajaajila
gorsaa
220,000 150,000 120,000
Tajaajila biroo 300,000 200,000 150,000
198. Bittaa Dhiyeessaa tokko irraa
raawwatamuu
Bittaa dhiyeessaa tokko irraa raawwachuuf
Meeshaalee gosaa fi gatiidhaan tokko ta’an,
dhiyeessaa duraan dhiyeesse irraa raawwachuun
faayidaa qabessa ta’uun isaa yoo itti amaname
hayyama dhiyeessichaa irratti hundaa’ee
hojimaata armaan gadii hordofee bittaa dabalataa
raawwachuun ni danda’ama.
199. Dhiyeessaa tokko….
a. A.Bittaa hojii ijarsaa ykn tajaajila gorsaa
dabalataan bitamu hamma bittaa duraan
raawwatame %25 caaluu hin qabu.
b. B.Bittaa meeshaalee, hamma bittaa duraan
raawwatame %50 caaluu hin qabu.
c. C.Bittaa dabalataa ajajuudhaaf bittaan duraan
raawwatame yeroo sana keessatti ykn erga
waliigalteen xumuramee booda ji’oota 6 keessatti
ajajni bittaa darbuu qaba.
200. Dhiyeessaa tokko…..
d. waligaltee duraa keessatti gatii tokko ykn baaqqee bittaan
itti raawwatame olitti foya’insa gatii taasisuun hin
danda’amu.
e. waligalteen duraa sirreeffama gatii kan heeyyamu yoo ta’e
fi keessa galoota sirreeffamni gatii itti hayyamamu
waliigaltee dabalataa keessatti kan argaman yoo ta’e gatii
waliigaltee duraa keessatti sirreeffama gatii ta’een hojimaata
sirreeffama gatii bu’uureffatee sirreeffama gatii taasisudhaan
bittaan raawwatamu ni danda’a.
201. Dhiyeessa tokko…….
MHM haalawwan armaan gadii guutamuu isaanii
mirkaneessuudhaan hojjiwwan damee ijaarsa
waliigaltee duraa keessatti hin hammatamanee
dabalataan hojjechiisuu ni danda’u
202. Dhiyeessaa tokko….
a. MHM hojiiwwan ijaarsa dabalataan hojjachisuu
waliigaltee duraa keessatti hammatamu kan irra jiruu fi
hojiiwwaan kana addaan baasanii hojjachisuun
raawwiidhaaf rakkisaa yoo ta’e dhiyyeessaa tokko irraa
bittaa raawwachuu ni danda’a.
b. hojii ijaarsaa dabalataan ajajamu hammi maallaqaa isaa
gatii hundaa waliigaltee duraa irraa %30 caaluu hin qabu
c. Hojii damee ijaarsaa dabalataan ajajaman gatiin tokkoo
isaa waliigaltee duraa keessatti kan argamu yoo ta’e
hojichi dabalataa gatii baaqqee ykn tokkoo waliigaltee
duraa bu’uura godhatee kan raawwatamu ta’a; yoo
waliigaltee duraanii keessa hinjiru ta’e gatii mariidhaan
irratti waliigalameen ta’ee manni hojichaa gatii gabaa
ta’uusaa mirkaneessuu qaba.
203. Dhiyeessaa tokko…..
MHM meeshaa itti fayyadamuuf meeshaan jijjirraa
barbaachisu kan argamu dhiyeessaa duraan meeshicha
dhiyeesse qofa irra ta’uun isaa yoo mirkanaa’u
dhiyeessaa tokko irraa bittaa raawwachuun ni
danda’ama.
Ta’us MHM armaan gadii guutamuun isaanii yoo
mirkanaa’e dha.
a. Manni hojiichaa qorannoo gabaa gahaa ta’ee fi
filannoo fooyya’aa biroo kan hin jiree ta’uun isaa
mirkaneessuu qaba.
204. Dhiyeessaa tokko….
b. MHM meeshaa itti fayyadamu baayyina meeshaa
jijjiirraa irra daddebidhaan bitamuu fi hamma
maallaqaa irratti hundaa’ee gara fuula duraatti
filannoo biraa barbaaduun kan barbaachisu ta’uu fi
ta’uu dhiisuu isaa murteessu qaba.
c. Bittaan dhiyeessaa biroo irraa akka raawwatamuu
yoo taasifame
meeshichii bitamu ykn
tajaajilichi meeshaa MH itti fayyadamu ykn
tajaajila waliin walsimee kan hin deemne ta’uu isaa
ogeessan yoo mirkanaa’e.
205. Dhiyeessaa tokko…..
Bittaan funaansaan gabaa idilee hin taane irraa
raawwatamu
tajaajila qorannoo fi qo’annoof kan barbaadamu fi
MHM faayidaa dinagdee akka argamsiisu yoo
mirkanaa’u hojimaata armaan gadii hordofuudhaan
bittaan funaansaan raawwatamuu ni danda’a.
206. Dhiyeessaa tokko….
a.Bitticha funaansaan raawwachuun sababa
barbaachiseef yaadannoo ibsuun itti gaafatamaa
olaanaa MH dhiyaatee hayyamamuu qaba.
b.Qaamni bittaa raawwatu bittaa funaansaan
raawwatamu baayinni isaanii 3 kan hin caallee
koree yeroo xalayaadhaan moggaafaman miseensa
koree akka ta’an godhamu qaba.
207. Dhiyeessa tokko….
Bittaawwan funaansaan raawwataman yeroo
geejibsiisan akka faayidaa ala hin taane fi akka hin
banne of eeggannoodhaan qabamuu qaba.
Koreen yeroo bittaa funaansa waliigalaa raawwachuu
isaa kan ibsu qaboon yaa’ii qophaa’ee
mallattaa’ee gabaasa dhiyeessuu qabu.
Adeemsi raawwii bittichaa bittaawwan raawwataman
baayyinaa fi gosaan, bakka bittaan itti raawwatame,
hamma maallaqaa kaffalame, maqaa guutuu qaama
dhiyeessee teessoo isaa kan ibsu sanadni qophaa’ee
qaamni dhiyeesse mallattoosaan mirkaneessuu qaba.
208. Dhiyeessaa tokko….
bittaawwan karooraan hin hammatamiin gatii
isaanii qarshii 10,000 hin caallee bittaa kallattiin
dhiyeessaa kamiyyuu irraa raawwachuu ni
danda’u.
bittaa xixiqqaan haala kanaan raawwatamu bara
bajataa tokko keessatti mana hojii tokkoof
ida'amni isaa
Biiroolee fi bulchiinsa magaalaatiif qarshii
60,000.00
Godinaalee fi Aanaaleedhaaf qarshii 30,000.00
caaluu hin qabu
209. Mala bittaa LCB
Malli bittaa kun ilaalcha addaa dhaabbilee IMXtiif
taasifamu raawwachuudhaaf kan hojiirra oole yoo ta’u
raawwiin isaa kan armaan gadii fakkaata
Bittaa Dhaabbilee IMX irraa raawwatamu
Bu’uura dambii deggersa IMX lakk. 192/2009 tiin ilaalcha
adda carraa bittaa ijaarsaa, tajaajilaa fi
manufaakchariingii manneen hojii mootummaa keessatti
interpiraayizoota mayikiroo fi xixiqqaaf akka knnamu
ta’ee jira.
Dambii kanaa fi qajeelfama bittaa Mootummaa naannoo
oromiyaa giddugaleessa godhachuudhaan qajeelfamni
raawwii baheera
Haaluma kanaan qajeelfama bittaa mootummaa lakk
02/2004 keewwata 18.20(4,5,6,7,8 fi 9) ilaalcha addaa
dhaabbilee Imxf taasifamu haqamee qajeelfama kanaan
bakka bu’eera.
210. Mala bittaa LCB……..
lak
k
Gosa IMX Hanga qarshii Mala bittaa Yeroo turtii
beeksisaa
1 Interpiraayizoota xixiqqaa
konstraakshinii irratti
gurmaa’aniif
5,000,0001-
10,000,000
LCB Guyyaa hojii
Mootummaa 15
2 Interpiraayizoota
maayikiroo ijaarsaa fi
manufaakchariingiirratti
gurmaa’aniif
Hanga qar.
5,000,000
LCB Guyyaa hojii
Mootummaa 15
3 Interpiraayizoota xixiqqaa
tajaajilarratti gurmaa’aniif
2,000,001-
4,000,000
LCB Guyyaa hojii
Mootummaa 15
4 Interpiraayizoota
maayikiroo tajaajilarratti
gurmaa’aniif
Hanga qar.
2,000,000
LCB Guyyaa hojii
Mootummaa 15
211. Mala bittaa LCB……..
Raawwiin bittaa IMXrraa raawwatu kunis akka armaan
gadiitti ta’a
Interpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa naannawaa hojichi
itti hojjetamu keessa jiran hojii fi sadarkaa walfakkaataa
ta’erratti bobbaa’an gidduutti akka beeksisa bahuutiin
waldorgomsiisuun kan raawwatamu ta’a
Beeksifni bahu kan IMX qofa ta’uu ibsuu
Daangaa maallaqaa ka’ame bu’uureffachuu qaba
212. Mala bittaa LCB……..
Haalli bakka maxxansa beeksisichaas;
Sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaatti
bittaan Mootummaa puuliin waan raawwatamuuf WM
sadarkaa sadarkaan jiruun beeksisa iddoo ifa ta’etti kan
maxxanfamu ta’ee;
Kan sadarkaa Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa naannawaa
isaanii keessatti kan maxxanfamu yoo ta’u
Kan sadarkaa Godinaa aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa
Godinasaanii keessatti argamaniif kan maxxanfamu ta’uu
fi
Kan MH sadarkaa naannoo godinaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaa keessatti abbootii baajataa beeksisa baasaniin
bakka ifa ta’etti kan maxxanfamu ta’a
213. Mala bittaa LCB……..
IMXn dorgommiif dhiyaatan hirmaachuu kan danda’an
herregasaanii bara baraan odiitii taasisan, raawwii hojii
gaarii kan qaban ta’uu qaba
IMX wwan gidduutti dorgommiin gaggeeffamu sadarkaa
guddinasaanii kan giddugaleessa godhatedha
Carraan dursa argachuu hanga yeroo sadii qofaa dha.
IMXn hojii harkaa qabu otoo hinxumuriin hojii biraa
dorgomuu hindanda’u
Tilmaamni ijaarsichaa qar. 10,000,000 ol yoo ta’e
kontiraakterri dorgomicha injifate %40 dhaabbilee IMXf
kontraata gartokkeen akka kennamu SC fi waliigaltee
keessatti ibsamuu qaba
214. Mala bittaa LCB……..
Tekinikni %100 keessaa kan qabamu ta’ee dorgomaan
qabxii olaanaa argate kan filatamu ta’ee madaallii
faayinaansii gaggeessuun otoo hinbarbaachisiin gatii
murta’aa mirkanaa’ee dhiyaateen kan kennamu ta’ee
qabxiin walqixa yoo ta’e carraadhaan kan adda bahu
ta’a
Gatii murta’aa ijaarsaa fi gorsa ijaarsaa kan qopheessu
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa ykn
caaseffamasaa sadarkaan jiruunii fi manneen hojii
abbaa pirojektii waliin kan raawwatu ta’ee bittawwan
biroo qorannoo gabaa WMWD sadarkaan jiru kan
dhiyeessun ta’a.
215. Mala bittaa LCB……..
Dhaabbileen IMX kun bu’uura qajeelfama bittaa
Mootummaatiin dirqamasaanii bahachuu qabu, ta’uu
baannaan tarkaanfiin hanga bittaa Mootummaarraa
dhorkuu itti fudhatamuu danda’a.
Maayikiroon hanga yeroo sadiiti, xixiqqaan yeroo
tokkoffaaf dhiyaatan Wabummaa kabachiisa
caalbaasii kallattiidhaan yoo gaafatamuu baatanis
hojii ofarkaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii adda
baafachuuf waan gargaaruuf xalayaa qaama isaan
gurmeesserraa dhiyeefachuu qabu
216. Mala bittaa LCB……..
Dhaabbileen IMX kun bu’uura qajeelfama bittaa
Mootummaatiin dirqamasaanii bahachuu qabu, ta’uu
baannaan tarkaanfiin hanga bittaa Mootummaarraa
dhorkuu itti fudhatamuu danda’a.
Maayikiroon hanga yeroo sadiiti, xixiqqaan yeroo
tokkoffaaf dhiyaatan Wabummaa kabachiisa
caalbaasii kallattiidhaan yoo gaafatamuu baatanis
hojii ofarkaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii adda
baafachuuf waan gargaaruuf xalayaa qaama isaan
gurmeesserraa dhiyeefachuu qabu
Interpiraayiziin xixiqqaan yeroo 2ffaa fi 3ffaaf
dorgommiif dhiyaatan kabachiisa caalbaasiif
dhiyeessuuf dirqama qabu.
217. Mala bittaa LCB……..
Ulaagaa gamaaggamaa
Ulaagaa dirqamaa(must meet creteria)
1. Hayyama daldalaa haarome
2. Waraqaa ragaa qaama seerummaa
3. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa
4. Waraqaa ragaa gahumsa ogummaa
5. Ragaa VAT/TOT/TIN
6. Waraqaa ragaa qulqullina gibiraa
7. Adabamuu dhabuu
8. Walitti bu’iinsa faayidaa hinmalle argachuurraa bilisa ta’uu
Gara gamaaggama facaatiitti darbuuf ulaagaalee
dirqamaa kana guutummaa guutuutti guuttachuun
dirqama
218. Mala bittaa LCB……..
Ulaagaa gamaaggamaa teekinikaa
IMXlee carraa hojii argataniif (muuxannoo hojii qabaniif)
A. Madaalli Faaynaansii ---------------------------------27
1. galmee herregaa--------------------------------------10
2. bu’aa odiitii qabaachuu-----------------------------12
3. Aadaa qusannoo--------------------------------------5
B. Dandeetti hoji raawwachiisummaa ----------------- 7
1. leenjii gaggabaaboo argachuu---------------------4
2. miseenssonni ragaa COC qabaachuu------------3
C. Muuxannoo hojii--------------------------------------20
D. Hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa----------8
E. Karoora hojii qopheeffachuu------------------------25
F. Carraa hojii uumuu------------------------------------7
G. Walitti hidhamiinsa gabaa---------------------------6
219. Mala bittaa LCB……..
Ulaagaa gamaaggamaa teekinikaa
IMXlee carraa hojii hin argatiiniif (muuxannoo hojii hin
qabneef)
A. Madaalli Faaynaansii ---------------------------------------------25
1. galmee herregaa---------------------------------------15
2. Aadaa qusannoo--------------------------------------10
B. Dandeetti hoji raawwachiisummaa ---------------------------- 20
1. leenjii gaggabaaboo argachuu--------------------10
2. miseenssonni ragaa COC qabaachuu------------10
C. Hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa-------------------10
D. Karoora hojii qopheeffachuu--------------------------------45
220. Mala bittaa LCB……..
Kaffaltii dursaa dhaabbilee IMXf raawwatamu
ilaalchisee; %20 kan kaffalamu ta’ee kaffaltiin
raawwatamu kunis herrega baankii waliinii(IMX fi
abba pirojektichaa) banamee kan socho’u ta’a.
Wabumman kaffaltii dursaa hinbarbaachisu
221. Yaada maree
Maalli bittaa labsiidhaan eeyyamaman meeqa?
Maal fa’i?
Akka waajjira keessaniitti mala kamiin irra
caalaa fayyadamaa jirtuu?
Maloota bittaa jiran keessaa malli baayyee
filatamaan isa kami? Maaliifi?
Maloota bittaa jiran keessaa malli bittaa irra
caalaa malaammaltumaadhaaf saaxilamaan isa
kami? Maalifi?
Bittaa addaa jechuun maal jechuudhaa?
Bittaa Ariifachiisaa jechuun Maal jechuudha?
222. Kutaa 6: Bittaa Addaa
Ajaja Oogganaa Biirootiin bittaan addaa gidduu
galessaan rawwatamu ni danda’a.
Bittaa meshaalee fi tajaajilaa MHM heddun waliin
barbaadaman bakka tokkotti qindaa’anii kan
bitaman waliigaltee yeroo dheeraa irratti hunda’uun
yoo ta’u,
Hojmaata armaan gadi hordofee raawwatamuu
qaba.
a.bittaa waliigaltee yeroo dheeraa raawwachuuf
Ejansiin sanadaa caalbasii qopheessuu,
gamaaggamuu, raggasisuu fi hojiin waligaltee
bulchuu akka raawwataman ni taasisa.
223. Bittaa Addaa…
b. Biiroon meeshaalee fi tajaajiloota bakka tokkotti
barbaadaman adda baasuun facaatii isaani
baasee ni beeksisa.
c. Facaatichas qorachuun yeroo yeroon ni gabbisa.
d. Facaatii kana MHM fi Ejaansicha ni beeksisa.
e. Tokkoo tokkoon MHM akkaataa facaatii bittaa
bakka tokko darbeen fedhii bitta isaa kan waggaa
qindessee qaama bittaa addaa rawwatuuf yeroo
murtaa’e keessatti dhiyessuu ykn beeksisuu qabu.
224. Bittaa Addaa…
Qabiyyee waliigaltee bittaa yeroo dheeraa
Ejensiidhaan mallattaa’u
yeroo bulchiinsa waliigaltee bittaa
MHM fayyadaman
Dirqamaa fi itti gaafatamummaa dhiyeessaa
Ajajni bittaa haala itti darbu
Haala walharkaa fuudhinsaa
Haala kaffaltii
Sirna hordoffii fi gamaaggamaa
Sirna waldiddaan yeroo uumamu itti hiikamu
fi kkf
225. Kutaa 7: Bittaa Bakka Tokkoo Sadarkaa
Puulii
bitta amala addaa bittaa giduugalessaa tokkoon
raawwatamuu qaban bittaa puulii jedhamee
wamamu qabachuu isaatiin ala bu’ura labsii fi
qajeelfama kanaan ta’a.
Bittaan Puulii kan gaggeefamu bu’ura sirna bittaa
moot. tumamee egee maloota fi hojimaata bittaa
seeraan heyyamameen
226. Bittaa puulii….
WM sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa
bittaa meeshaalee manneen hojii adda addaa keessatti
barbaadaman ni raawwata.
MH fedhiisaanii ibsa fedhii teekinikaa waliin
dhiyeeffachuu qabu
MH fedhii yeroodhaan dhiyeeffachuu baannaan WM
bittaa raawwachuuf hin dirqamu
Bittaawwan amala mana hojii tokko qofa qabaniif
xiinxalaa fi wal-dorgomsisnii caalbaasii isaanii
ogummaa MH bittaan raawwatamuuf barbaadu ykn
abbootii baajataan akka raawwatamu ta’u qaba.
Bittaawwan akkaataa kanaan gaggeefaman kan
armaan gadii ni dabalatu;
227. Bittaa puulii…..
Bittaa qorichaa namaa fi beeyiladaa,
meeshaalee barnootaa ogummaa addaa
barbaadan,
meeshaalee piroojeektii bishaanii,
bittaa tajaajila nyaataafaa mana hojiichatti qaama
hojichaaf beekumsaa fi hubannoo gahaa qabuu
keessaa koree addaa mooggaafamuun bitama.
228. Raawwii bittaa puulii alaa
Raawwii Bittaa Puuliin Alaa
Biiroon haala sochii bittaa isaanii, Baay’ina hojii fi
amala arifachisummaa yaada keessaa galchuun
MH tokko tokkoof bittaa puuliin ala akka ofiin
gaggeessan heyyama addaa kennuu ni danda’a
Sanadni bittichaa gara WMtti dhufuu qaba
Kaffaltiin dursaa yoo barbaachisee ogganaa
WMtiin kan eeyyamamu ta’a
229. Bittaa amala dhuunfummaa qaban
Bittaa Amala Dhuunfummaa Qabu
Bittaa mootummaa keessatti bittaawwan amala
dhuunfummaa qaban qaama seeraan akka
meeshichaan ykn tajaajilichaan fayyadamu seera
hayyamameefiin bitamanii tajaajila hojii mootummaaf
akka oluu gochuu ni danda’u.
Raawwannaan bittaawwan amala dhunfummaa qaban
bittaa tajaajila kaardii moobayiili irratti ni
raawwatama.
230. Bittaa amala dhuunfummaa..
Itti/ ga/ hojii tajaajilli bilbila mobayiili hojiif
hayyamameef daangaa maallaqaa seeraan
murtaa’eef yeroo murtaa’ef keessatti kallattiidhaan
maallaqa callaan fudhatanii akka bitatan tasisuun
ni danda’ama.
Bittaa uffata seeraa hojjatoota mootummaas haala
seera Siviil Sarvisii mootummaa naannoo
Oromiyaa murteesuu irraatti hunda’uun kan
raawwatamu ta’a.
231. Kutaa 7: Bulchiinsa Waliigaltee
Qaamoleen bittaa raawwatan kanneen armaan
gadii raawwachu qabu.
Waliigaltichaan kaffaltiin duraa kan
raawwatamu yoo ta’e wabummaa kaffaltii
duraa dhiyeessan akka qabsiisuu
gochuudhaan kaffaltii duraa yeroodhaan
kaffaluu,
232. Waliigaltee……..
Bittaawwan ‘Letter of creditiin banamuufii qabu
foormaaliitiin barbaachisaa ta’e guutamuu isaa
mirkanessudhaan;
letter of crediticha hatattamaan banuu
MHM bittaa waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatu
Ejansiif kooppii waliigaltee yeroo dheeraa
faayyadamudhaan
233. Waliigaltee…..
dhiyeessa waliigalticha irratti ibsaman
raawwachudhaaf kan dandeessisu ajaja bittaa
dhiyeessaa waliigaltee yeroo dheeraaf ni dabarsa.
Manni hojichaa barbaachisaa ta’ee yoo argame bittaa
waliigaltee yeroo dheeraa akka raawwatu Ejansii
dhaabbate waliin mari’achuun dhiyeessaa waliin
waliigaltee dabalataa biraa mallatteessu ni danda’a.
234. Waliigaltee…..
Ajajni bittaa ykn waliigalteen dabalataa biraa adda
addaatti gatiin bu’uuraa ta’an fi haalawwan
waliigaltee jiraachuu baatus MHM dhimmoota
armaan gadii irratti dhiyeessaa yeroo dheeraa
waliin waliigaluu ni danda’a.
a. Yeroo meeshaan galii taasifamuu fi kaffaltiin
raawwatamu dheeressuudhaaf.
235. Waliigaltee……
b. Ajaja bittaa tokkoo irratti taasifamuf baayina meeshaa
dhiyaatu murteessudhaaf.
c. Bakka meeshichi itti dhiyaatu beksisudhaaf ykn
jijjiruudhaaf,
MHM kaffalti bittaa damee ijaarsa kan raawwatu
a. Hojii damee ijaarsatiif kaffaltiin kan raawwatamu
sadarkaa hojichaa hordofuun waraqaa ragaa
kaffaltii gorsaa mahandiisa irraa kennamuu ka’umsa
gochudhaan qofa ta’a.
236. Waliigaltee…..
b. Waraqaa ragaa kaffaltii bu’uura godhachuun
kan raawwatamu tokkoo tokkoo kaffaltiirraa
qulqullina ijaarsaatiif kan ta’u %5 haala
wabummaan hirrifamee ni qabama
c. Reteenshinii qabame keessaa %50 yeroo
walharkaa fuudhinsa ni gadhiifamaaf, %50 afe
ammoo hanga yeroo suphaa waggaa tokkoof
qabamee ni tura, ta’us dhaabbatichi ji’oota 12f
kan turu wabummaa haalarratti hin
hundoofne yoo dhiyeesse kaffaltiin qabame
gadi ni lakkifamaaf
237. Waliigaltee…..
d. Mahandisni gorsaa waraqaan ragaa kaffaltii
akka kennamuuf dhaabbata ijaarsichaa irra
kan qopha’e dhiyaate guyyaa hojii 7 keessatti
hojii xiinxalaa qorate xumuruun irra jiraata.
e.MH waraqaan ragaa kaffaltii gorsaa
mahandisaan mirkana’ee ergaa dhiyaatee
guyyaa 14 keessatti kaffaltiin barbachisaan
kontraktarichaaf raawwachuu qaba
f. Gorsaanis ta’e MH yeroodhaan dirqama irraa
eegamubahachuu yoo baatan akkaataa
waliigalteetiin ittigaafatamu
238. Waliigaltee….
Raawwii Waliigaltee Hordofuu
MHM qaama raawwii waliigaltee hordofu addaan
baasuu hojiiwwan isaanii ifaan akka beekan gochuun
irra jiraata.
Qaamni MHMtti raawwii waligaltichaa hordofu
dhiyeessaan bu’uura waliigalteen hojiiwwan ijoo
raawwachuuf bu’ura haalaa fi yeroo waliigaltee
keessatti ibsameen raawwatamaa jiraachuu isaanii
hordofuun irra jiraa
.
239. Waliigaltee….
MHM bu’ura waligalteetiin hojii bulchiinsa
waligaltee armaan gaditii ibsaman raawwachutuu
irraa eegama.
a) Kaffaltiiwwan tartiibaan yerodhaan raawwachuu,
b.Dhiyeessan dirqama waligaltee isaa raawwachaa
jirachuu isa ragaawwan ibsaan yeroodhaan
kennufii,
c.Dhiyeessan dirqamaa waligaltee isaa bahuu akka
danda’u deggarsaa seera qabeesa gochuun
raawwiin waligaltee kan milka’e akka ta’u gochuu
qaba,
240. Waliigaltee…….
Yeroo hordoffi raawwii waliigaltee MHM kanneen
arman gaddii rawwachuun irra jira.
a. “Letter of credit “ hallawwan waliigaltee eguun yeroon
banuu:-
b. Gaaffiwwan fooyyeessa leter of credit fudhatama
qaban fudhachuun saffisaan deebii kennu
C. Tajaajilli barbaachisaan argamuu idaan dura
kabaachiisi waligaltee “leter of credit” waraantii
yeroon fayyaadama isaanii akka hin darbine ofegannoo
fi hordofii gochuu
241. Waliigaltee…
d.Hojiiwwan ijaarsa daangaa yeroo qabameef
keessati ijaaramuu isaanii dhihessimeeshaa fi
tajajiloonni yeroowanii galtee kessati
rawwatamuu isaaniif hordoffii godhamu
isaanii gabaasni dhihaachuu isaa
e.Raawwii waliigaltee waliin wal-qabatee
dhiyeessitoota irraa gaffiin abbumaa
kamiyyuu akkaa hin uumamne of-eggannoo
cimaa gochuu.
242. Waliigaltee….
Waliigaltee xumuruu
Qaamni bittaa raawwatu waliigaltee dhiyeesitoota
waliin mallatteeffamee fi dhimmoota walqabatan
fala barbaachisaa ta’e yeroodhaan argatanii
waliigalteen xumuramuu isaa mirkanessuu qaba.
Kanafis:-
A. Dhiyeessaan bu'uura waligalteetiin hojjachuu/
dhiyeessuu isaa mirkanessu,
B. Akkataa waliigalteetiin wabii fi warantiin qabame
hordofii barbachisaa ta’e taasifameefii yeroo
barbaachisa ta’etti murteen kan kenname ta’u isaa
243. Waliigaltee……
C. bu’uura waliigalteetiin kaffaltiin raawwachuusaa fi
kaffaltii kaffalame hundaaf tajaajilli eegamu
argamuusaa
D. Qamoleen bittaa rawwatan dhiyeessa fi qamolee
sadaffaa waliin herregota hin xumuramne
cufuudhaan akka barbaachisummaa isaatti
gamaaggama raawwii waliigaltee gochuu qaba.
244. Kutaa 8: Tumaatilee Addaa addaa biroo
Gaaffii bittaa idilee hin taane xiinxaluu
MHM sirna raawwii bittaa qajeelfama bittaarratti
tarreeffaman eeguu kan hin dandeenye ykn bittaa idilee
ala kan raawwachuu danda’an Biiroodhaaf gaaffii isaanii
dhiyeeffatanii yoo heyyamameef qofaadha.
Labsii Sirna Bittaa Lakk.157/2002 kew 11(22)
Heyyamni addaa gaafatamu kun sababa quubsaa fi
faayidaa dingdummaa argamsiisu waliin walqabatee
dhiyaachuu qaba
245. Tumaatilee Addaa addaa...
Sanada bittaa
MHM bittaa raawwatan sanadoota bittaa jalqabaa
kaasee hanga dhumaatti jiran sirnaan eeguu fi yeroo
barbaadametti qaama seera qabeessa barbaadeef
dhiyeessuu danda’uu qabu,
Yeroon turmaata sanada bittaa yeroo turmaata
sanada faayinaansii biroo waliin walqixa,
246. Tumaatilee Addaa addaa...
Dhiyeessa ta’anii galmaa’uuf haalawwan guutamuu qabaan.
Bitta mootumma kamiyyuu irratti hirmachuudhaaf galmee
dhiyeessitootaa irratti galmaa’uun dirqamaa.
Galmaa’uuf haal-dureewwan guutamuu qaban:-
1. Dhiyeessitootni hojii irratti bobba’aan kan ibsu heyyama
daldalaa haaroomfame,
2. Dhiyeessan tajaajila gorsaa kennuu irratti kan bobba’e yoo
ta’e Ragaa mirkaneessa ga’umsa ogummaa damee tajaajila
irratti bobba’e qaama dhimmi ilaaluun kenname
247. Tumaatilee…….
3. Dhiyeessaan hojii ijaarsaa irratti kan bobba’e yoo ta’e hojii
ijaarsaa hojjechuudhaaf Biiroo Mootummaa dhimmi ilaalu irraa
ragaa sadarkaa kennamuufii qaba.
4. Dhiyeessan tajaajila suphaa konkoolata kennu irratti kan bobba’e
yoo ta’e, ATGe irraa raga sadarkaa isaa ibsu.
5. Dhiyeessan qorichaa fi meeshaa tajaajila yaala dhiyeessu irratti
bobba’e Biiroo EFO irra ragaa kennameef,
248. Kutaa 9: Naamusa Bittaa Mootummaa
Naamusa Ogummaa Ogeessa Bittaa Irraa Eegamu
Hojjettooni hojii bittaan wal-qabatee hojjataan haala armaan
gadiin raawwachuu qabu.
Bittaa meeshaa irratti kallattiin ykn kallattiin ala hojjetaan
/itti/gaafatamaan bobba'e hojii hojjetuuf murtoon kennu
mataa isaa, Maatii isaa fayyaduu akka danda’u yommuu
hubatetti walitti bu’iinsi faayidaa hojii waliin walqabatu
jiraachuu isaa barreeffamaan ibsuudhaan adeemsa hojii
bittichaa keessaa of baasuu qaba.
249. Naamusa ogeessa bittaa ---
Qaamni bittaa raawwatu hojjetaan ykn itti gaafatamaan
hojii bittaa hojjetu waliin walqabatee walitti bu’iinsa
faayidaa jiraachuu isaa yoo mirkaneesse,
1. Hojjetaan ykn itti-gaafatamaan adeemsichaa
keessaa akka dhorkamu taasifamuu qabu.
2. Hojjetaan ykn itti-gafatamaan adeemsichaa
keessatti hirmachuudhaan dhimmotni murtoon itti
kenname irra deebi’ame akka ilaalamu ni taasisa.
250. Naamusa….
3 Hojjetaan ykn itti gaafatamaan walitti bu’iinsa faayidaa
uumame kana beeksisuu dhiise hubannoo dhabuu
irraa kan ka’e jedhee yoo amane malee hojjetan ykn
itti gaafatamaa irratti tarkaanfiin bulchiinsa ni
fudhata.
4 Hojjetaa ykn itti gaafatamaan hojii bittaa mootummaa
irratti kallattiinis ta’e al-kallattiin, hojii bittaa irratti
dhiibbaa kan geessisu kennaa qaama sadaffaa irra
fudhachuu hin qaban,
hojjetootni ykn itti gaafatamtootni MHM of eeggannoo
armaan gadii taaasisuu qabu.
251. Naamusa….
1. Kennaa tilmaama gatii maallaqaa qabu
dhiyessa irra fudhachuu dhiisuu.
2. Carraa hojii ofii isaa ykn maatii isaaf
fudhachu dhiisuu,
3. Hojjicha irratti dhiibbaa fiduu kan
danda’u afeerra kamiyyuu fudhachuu
dhiisuu qabu.
252. Naamusa….
Hojjetaan ykn itti gaafatamaan MH sababa
carraa hojjitiin gocha maalamaltumma
uumamee ykn uumamuuf yaadamee argee
qamaa dhimmi ilaaluuf ibsuu ykn beeksisuu
kan qabu yoo ta’u raawwii keewwata
kanaaf:-
1. Eeruun taasisu ragaadhaan kan deeggaramu
ta’u isaa mirkanessuu.
2. Gocha malammaltummaa raawatamuuf
yaadame deeggaru kamiyyuu irraa of eeguu
qaba.
253. Naamusa…
3. Hojjataan ykn itti gaafataman MHM carraa hojii
bittaatiin iccitii mana hojii ykn dhiyeessaa ykn
dorgomaa beeke eeguu qaba.
4. Dorgommii daangeessu kan danda’u ykn
dorgomtotaaf faayidaa haqa qabessa hin taanee
kan argamsisu ykn ragaa faayidaa qaama bittaa
raawwatuu miidhuu danda’u haala addaatiin itti
gaafatamtoota mana hojiin yoo hayyamame
malee qaama kamiif kennu dhiisuu,
254. Naamusa…
5. Qaamni bittaa raawwatu yeroo raawwii
waliigaltee walitti dhufeenya dhiyessitoota
waliin taasifamu murtoo mana hojii fi ragaa
mana hojii eeguu qaba.
6. Ragaa dorgomtoota kaadhimamaa fi bu’aa
adeemsa gamaggama qaama bittaa
raawwatuun ibsamuu isaa dura qaama
kamiifuu beeksisuu dhiisuu.
255. Naamusa….
Naamusa Dorgomtoota Irraa Eegamu.
1. Dhiyeessaan ykn dorgomaan bittaa irratti kallattiin
ykn kallattin ala hojjetaa bobba’e ykn itti gafatama
bobba’e ofii isaa ykn qaama sadaffaan kenna
kennuu hin qabu.
2. Dorgooman ykn dhiyeessan ragaa beekuu MHM
bittaa raawwachuuf waliigaltee bulchuuf fi murteef
kan gargaaruu odeeffannoo barbaaduu fi dorgomaan
beekkamu kennu qaba.
3. Dorgomtootni waliin mari’achuun gatii sobaa
guutanii dhiyeessuun dhorkaadha(gurmaa’anii
dorgommii seenuu hin qaban)
4.
257. Iyyannoo dhiyaatu...
Mirga iyyannoo dirgomaa kaadhimamaan
dhiyeefachuu qabu,
Dorgomaan kaadhimamaan adeemsa bittaa ilaalchisee
komii dhiyeeffachuu kan danda’u yoo ta’es haalawwan
armaan gadii irratti komiin hin dhiyaatu;-
1. Murtoo filannoo mala bittaa ykn dhabamsiisa
qabeenyaarratti
2. Haala filannoo dorgomtootaa ykn ulaagaalee dursanii
sanada caalbaasii keessa ta’anirratti
3. Ilaalcha addaa dhiyeessitoota biyyaa keessaa fi
dhaabbilee IMXf taasifamurratti
4. Caalbaasii kuffiisuuf murtoo kennamerratti
5. Bu’aan beeksifamee guyyaan hojii 5 yoo darbe
258. Iyyannoo dhiyaatu........
Haala raawwii adeemsa bittaa MHM
dhorkamuu itti danda’u
Iyyatichi yeroo taa’e keessatti yoo dhiyaate
Ol iyyannoon yoo Biiroodhaaf dhiyaate
Sirna iyyatni komii Biirootti dhiyaatuu itti
fudhatamuu fi qoratamu
Biiroon koree qoratee yaada murtee dhiyeessu
ni hundeessa,
Adeemsa raawwii bittichaa ni dhorka,
Barri hojii miseensota koree waggaa 3,ta’us
ogganaan waggaa tokkoof dheeressuu ni
danda’a,