More Related Content Similar to Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt Similar to Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt (20) Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt1. Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa
Oromiyaa
1995
Malaammaltummaa Damee Barnootaa Keessatti
Umammu Ittisuufi Naamusa Dhalootaa Ijaaruu
Ebla, 2015
Yaaballoo
2. Seensa
Barreeffamni kun kutaalee sadii kan of keessaa qabu
yoo ta’u, isaanis:
Malaammaltummaa damee barnootaa keessatti
mul’achaa jiran,
Sababoota malaammaltummaf ka’umsa ta’an,
Gahee qoda fudhattoonni malaammaltummaa
damee barnoota keessatti umamu ittisuufi
naamusa gaarii dagaagsuuf qaban,
3. Kaayyoo
Leenjii kana booda hirmaattonni:
Malaammaltummaa damee barnootaa keessatti
mul’achaa jiran ibsuu ni danda’u;
Sababoota malaammaltummaf ka’umsa ta’an irratti
hubannoon walfakaataan akka jiraatu taasisuuf
Gahee qoda fudhattoonni malaammaltummaa
damee barnoota keessatti umamu ittisuufi naamusa
gaarii dagaagsuuf qaban akka dabalu gochuuf,
4. …Itti fufa..
Qo’annoo sadarkaa Biyyaalessatti KNFMF
gaggeessee fi hordoffii fi deeggarsa KNFMNO
taasiseen malaammatumma damee barnootaa
keessatti mul’atan kallattii lamaan kan
calaqqisaniidha.
Malaammaltummaa bulchiinsaa fi faayinaansii
keessatti mul’ataniifi
Malaammaltummaa kallattiin hojii barnootaa
keessatti mul’ataniidha.
5. MM fi HB Bulchiinsaa fi Faayinaansii keessatti
uumamu
• Rakkoo qulqullina meeshaalee bitamanii, baasii
deeggarsa baajataa hojii idilee irra hojii hin
barbaadamneefi ergama ijoo dhaabbilee siyaasaatiif
ooluu,
• Gabaasni odiitii alaa kolleejjootaa fi manneen
barnootaatiin waajjira ykn biiroo barnootaa qofaaf waan
dhiyaatuuf hojjetaan qaawwa jiru ykn argannoo beekuuf
carraa kan hin qabne,
• Bajanni deeggarsa (“school grant fi block grant”) raawwii
adda addaa waan qabuuf bulchiinsa baajataa walxaxaa
taasisuu,
• Kaffaltii seeraan alaa raawwachuu, sanadoota herrega
baasii fi galii sirnaan qabachuu dhabuu,
6. …Itti fufa
• Hojjettoota hin jirreef mindaa kaffaluu, namoota hojii
hin hojjennefi guyyoota hojii hin hojjenneef durgoo
kaffaluu, kaffaltiiwwan tokko tokko yeroon kaffaluu
dhabuu ykn maallaqaa yeroodhaan walitti qabuu dhiisuu,
• Daballii gatii dhaabbileen adda addaa dhaabbatichaaf
galteewwan dhiyeessan osoo hin qoratin akkuma
gaafatamen kaffaluu, herrega waggoota hedduudhaaf hin
qulqullaa’in qabaachuu,
• Hayyama qaama mootummaa dhimmi ilaallatu malee
herrega baankii banuun, lakkoofsa maallaqaa guyyaa
guyyaan taasisuu dhiisuu,
• Deeggarsi baajataa GEQIP kaayyoo yaadameef osoo hin
taane dareektarii akka ofii barbaade kan taasisu ta’uu
7. Kutaa Bittaa
• Maxxansaa kitaabaa fi meeshaaleen waajjiraalee
biroo qulqullina gadi aanaadhaan bitamuu,
• Dhaabbilee barnootaa Finfinneetti argaman bittaan
tajaajila hoteelaa irra deddeebiin rakkoo hojimaata
qabaachuu,
• Qabeenya kutalee hojii adda addaatiin hin gaafatamin
bituu,
• Dhaabbata ejensii bittaa mootummaatiin dhorkame
irraa meeshaalee bituu,
• Dhaabbata dorgommii ykn caalbaasii injifate sababa
ifa hin taaneen kufaa taasisuun dhaabbata biroo irra
bittaa raawwachuu,
8. Kutaa Bulchiinsa Qabeenya
• Gamoowwan xumuraman walharkaa fuudhiinsi kan
hin taasifamneefi gamooleen dabarfamanis kan hin
galmoofneefi sanada abbummaa kan hinqabne ta’uu
ibsameera,
• Qabeenya bitamee galfamu keessaa hirdhinni
qabeenya akka uumamu, qabeenyi yeroo dheeraaf
kuufamee akka turu,
• Qabeenyi sirnaan galmaa’uu dhabuu,
• Qabeenyi hojiif oolu qabu sirnaan hojiirra akka hin
oolle hubatameera.
9. Kutaa Bulchiinsa Misooma Qabeenya Humna Nama
• Sa’aatii barnootaa qisaasessuu:
• Sa’aatii hojiitti barsiisotaa fi hojjettoonni bulchiinsaa
dhabamuu, Saa’aa hojii mootummaatti hojii dhuunfaa
hojjachuu (barsiisota, Duree m/b, suppar tokko tokko),
• Hojii dirree sababachuun hojii irraa hafuu (Geggeessitootaa
fi hojjattoota waaj/Bar/ tokko tokko),
• Guddina sadarkaa ilaalchisee iftoomina dhabuu, Kana
malees maamiltoota sirnaan ilaaluu dhabuu,
• Barsiisonni fi leenjistoonni dandeettii ofii yeroo hunda
fooyyessuu dhabuu,
• Kaka’umsi hojii gadi aanaa ta’uu,
• Iddoo tokko tokkotti qaxarrii fi guddina irratti ragaa
barnootaa sobaa qabsiifachuun ni mul’ata.
10. MM fi HB Hojii Misooma Barsiisota fi
Baruu fi Barsiisuu Keessatti umamu
• Firummaa fi hojimaata paartii, loogiin fi matta’aa
fudhachuun misooma barsiisotaa keessatti akka
uumamu ifa ta’eera,
• Qacarrii fi jijjiirraan seeraan alaa kan jiru ta’uu,
(loogiin, faaydaan, ragaa sobaan),
• Faayidaa adda addaa argachuuf jecha barsiisonni
barattoota hundaa wal qixa ilaaluu dhabuun qabxii
tokkof dabalanii tokko irraa hirdhisuu,
• Qaxarrii barsiisotaa irratti qabxii cuunfaa walqixa yoo
fidan tokko keessa walitti dhiheenyaan dabarsuun
11. …itti fufa
• Barsiisaan Ogummaa barsiisummaa hin qabnee
barsiisuu,
• Gosa barnootaa eebbifamaniin ala
Kanfaltiin
madaalawaa ta’uu dhabuu fi tajaajilaan walsimuu dhabuu,
• Gosti barnootaa tokko tokko akkaataa karooraatiin
dhabuu,
mirgaa ka’uuf deebii sirrii kennuu irra
tuquu
• Kutannoo fi xiyyeeffannoo naamusa gaarii
dagaagsuuf qabu gahaa ta’uu dhabuu,
13. • Qormaata waliirraa waraabuu
• Waliif qormaatamuu,
• Qabxii barattoota dabaluun ittin badhaafamuuf
yaaluu,
• Maqaatu nu bada jechuun qormaata hachisiisuuf
haala mijeessuu,
15. Sanada Barnootaa sobaa waliin walqabatee
• Ragaa sobaa (barnootaa, fayyaa, gaa’ilaa, osoo hin
barsiisin qabxii dabaluu kutaa lakkofsiisuu)
• Eeyyama kennuu fi hayyama haaromsuu dhaabbilee
ulaagaa, gahumsaa fi hayyamaa hin guunne,
• Ragaan barnoota sobaa kan kutaa 8ffaa naannoo
mana barumsaa keessatti argamuu,
• Dhaabbileen barnootaa ragaan barnootaa sobaa
barsiisotaa fi hojjettoota irraa hooggansa barnootaa fi
hooggansa barnootaa irraa argamuu tarkaanfiin
• Gabaasa sobaa dhiheessuu,
16. …itti fufa
• Leenjifamtoota “COC” kolleejjii dhuunfaa keessatti
madaallii darbuuf deeggarsa hin mallee kennuu fi
namoota barnoota isaanii sirnaan hin xumurree fi tasuma
baratanii hin beekneef ragaa barnootaa gurguruu,
• Mana galmee fi “registrar” kolleejjoota fi MB keessatti
gochi qabxii barattootaa yeroo tokko waliin dha’uu fi
ragaa barnootaa sobaa kennuun akka dhaabbilee dhuunfaa
qofa osoo hin taane dhaabbilee mootummaa keessattis
kan mul'atu ta’uu,
• Calalliin hojii dhabdootaa, liqiin, sheedii kennun, waldaa
IMX ceesisuun walbeekkumsaafi walitti dhufeenyaafi
faayidaatiin kan raawwatamu ta’uu
17. Ka’umsa MM fi HB Damee Barnootaa
• Barnoota keessatti malaammaltummaa akka ummamu
dhimmoota sababoota ta’an sadii waliin kan walqabateedha.
Ejjennoo gaarii ykn naamusaa namoota dhuunfaa wajjin kan
wal qabatuudha. Rakkoon naamusaa namoota dhunfaa biratti
mul’atan:
Osoo hin hojjetin qaxxamuraan duroomuu ykn
beekkamtii argachuuf fedhii qabaachuu ykn fedhiin
maallaqa argachuu baay’ee ol’aanaa ta’uu,
Hamileen gadi bu’uu, araadan ykn suusiin booji’amuu,
hojimaata ifa ta’e fudhachuu dhabuudha, seeraafi
qajeelfama sirritti beekuu dhabuu, danta dhabummaa, itti
gaafatamummaa hojii fudhachuuf kaka'umsa gadi aanaa fi
ilaalchi hawaasichaa jijjiirramuudha
18. • Lammaffaan immoo hojimaata walqate:
Sirna to'annoo cimaan dhababuu,
Hoggansi barnootaa laafaa ta’uu,
Seerri hojiitti jijjiramuu dhabuu,
Yakka raawwatameef gaafatamummaa mirkanaa’uu
dhabuu,
Murtiin lafarra harkifachuu,
Namoota hojjetan jajjabeessuu dhabuu,
Hojimanni iftoominaa qabu dhabamuu,
Hojjettoonni dandeettii fi ga’umsa isaanii irratti
hundaa’uun qacaramuu dhabuu,
Beekamtii/jajjabeessituu jiraachuu dhabuu,
Hooggansa haqa qabeessa ta’e kennuu dhabuu,
19. • Sadaffaan Diinagdee
Mindaan bariisaaf kaffalamu gadi aanaa ta’uu fi
qaala’insa jireenyaa wal simuu dhabuun galii dabalataa
argachuf jecha hojii biro irratti bobba’uu,
Haa ta’u malee, hojjettoonni damee barnootaa
ogummaa isaaniifi naamusa ogummaa calaqqisiisaniif
hangam kabaja akka qaban yoo ilaalamus namoonni
tokko tokko hojjetaan hundi ogummaa isaaniif
amanamoodha jechuun rakkisaa ta’uufi kanneen
ogummaa isaaniifi hojii isaanii kabajan akka jiraniifi
kanneen hin hojjenne akka jiran, kanneen naamusa
ogummaa caalaa siyaasa filataniifi raawwii ogummaa
osoo hin taane hogganaa jala kaachuun qofa irraa
fayyadamoo ta’uuf yaalan ni jiru.
21. • At the entrance gate of South African University the ff
message was posted for contemplation:
• Destroying any nation does not require the use of atomic
bombs or long range missiles, it only requires lowering
the quality of education and allowing cheating in the
examinations by the students…
Patients die at the hands of such doctors,
Buildings collapse at the hands of such engineers,
Money is lost at the hands of such economists and
accountants,
Justice is lost at the hands of such judges,
Humanity dies at the hands of such religious
scholars,
“The collapse of education is the collapse of the nation”
22. MM fi HB Barnoota keessatti Umamuu Ittisuufi
Naamusa Dhalootaa Ijaaruu
• Sirna to’annoo (kan akka odiitii fi sakatta’iinsa idilee)
bu’a qabeessa ta’e diriisuudhaan hojjiirra oolchuun,
• Onnachiiftuu gahaa barsiisotaaf taasisuun furtuudha,
• Iftoominaa fi itti gaafatamummaa,
• Dambiiwwanii fi qajeelfamoota faayinaansii fi bulchiinsa
barnootaa ifa gochuu fi hojitti jijjiruu,
• QBG,
• Qo’annoo Hojimaataa fi Ariifachiisaa gaggeessuu fi
hojitti hiikuu,
• Qondaaltoonni naamusaa,
• Namoota malaammaltummaa raawwatan irratti
tarkaanfiin cimaan fudhachuu,
23. Lammii naamusan Ijaaruufi Dudhaalee
Naamusaa Babbal’isuun
• Barnootaa fi Leenjii Ijaarsa Naamusaa fi Amala Gaarii
Babal’isuu fi Cimsuu
• Taajaajila Midiyaa Idilee fi Hawaasa raawwatinsa Kaayyoof
Fayyadamuu,
• Manneen Barnootaa fi Naannoo Jireenyaa Naamusa Gaariif
Mijataa Taasisuu,
• Barumsa Naamusa Ogummaa Cimsuu,
• Gumiilee Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Gurmeessuu,
Cimsuu fi Bifa Bu’aa Qabeessa Ta’een Gaggeessuu,
• Aartii fi Ogummaa Aartii Raawwatinsa Kaayyoof Oolchuu,
• Gurmaa’insa Aadaa fi Hawaasummaa Raawwatiinsa
Kaayyootiif Fayyadamuu
24. Duula qabsoo farra
malaammaltummaa qindaa’ee fi
bu’a qabeessa ta’e gaggeessuuf
tarreeffama qooda fudhattoota
qabsoo farra
malaammaltummaafi gahee
isaan qaban akka armaan gadiitti
dhiyaateera
Gahee Qooda Fudhattootaa
25. Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa
• Karoora ijaarsa namusa daa’immanii fi dargaggootaa ni kenna,
• Tooftaalee balaaleffannaa malaammaltummaa fi al-naamusummaa
ittin hubachiisan ni boca fi hojii irraa ooluu ni taasisa,
• Gochoota qaaxxaamuraan duroomuuf godhamu qajeeltoo
haqummaa kan faallessu ta’uu sagantaalee barsiisan idileedhaan ni
dhiheessa,
• Dhabbilee barnoota keessatti gumiin NFM akka gurmaa’ee
hojiiwwana naamusa gaariifi ittisa malaammaltummaa hojjetu
hordoffii, gamaaggamaafi duub-deebii kennuu,
• Ijaarsa naamusa daa’immanii fi dargaggootaa ilaalchisee raawwii
karoora akka naannichaatti bahaniif deeggarsa ogummaa ni kenna,
• Dameelee Komishinichaa waliin ta’uun hanga dandeettiin
hayyameefitti haala qabatamaa godinaalee, magaalot
26. Biiroo Barnootaa
• Sirna barnoota keessatti sagantaa barnootaa,
qajeelcha barsiisaafi kitaabolee barattootaa keessatti
qabiyyeewwan ijaarsa naamusaa daa’immaniifi
dargaggootaa hammachiisuun barumsichi akka
kennamu taasisa
• MB keessatti qajeelfama Gumiin NFM itti gabbatu,
ittiin gurmaa’uu fi ittiin cimu ni baasa, sossochii isaa
baajataan akka deeggaramuu ni taasisa, raawwii isaas
ni hordofa,
• Wal-dorgommii hog-barruufi naamusaa gaarii
barattootaa naannichaa waggadhaan akka
gaggeeffamanfi bu’aawwan isaa babbal’atan taasisuu
27. Itti fufa
• Karaa gamtaa maatii, barsiisotaa fi barattootaa manneen
barnootaa fi Koollejjootaa keessatti kan argaman tooftaalee
naamusni barattoota ittin dagaagu qiyyaasuudhaan qajeelfama
raawwii qopheessuun hojii irraa oolmaa isaa ni hordofa.
• Barsiisotaa fi ogeessota bulchiinsa mana barumsaaf leenjii
gahaa ta’ee qopheessuufi kennuun kayyoon barumsa naamusa
galmaa akeekame bira akka gahuu ni hojjeta.
• Kolleejjiin Barsiisota Mareewwan, Seeminaarota,
qo’annoowwan naamusa dargaggootaa dagaagsuu irratti
xiyyeeffatan akka adeemsifaman gochuudhaan bu’aa qorannaa
isaa immoo maxxansaaleefi karaalee eleektirooniksii akka
tamsa’an ni taasisa.
• Kolleejjiin Barsiisota haala barnoonni naamusa ogummaa
cimanii itti kennaman ni mijeessa, raawwii isaa ni hordofaa, ni
gamaggama.
28. Biiroo Carra Hojii Umuufi Ogummaa
• Kolleejjootaafi dhaabbileen Barnoota Leenjii Teekinikaa
Ogummaa amala barattoota ykn dargaggootaa dagaagsuu
irratti xiyyeeffatan fakkeenya mareewwan adda addaa,
Seeminaarota, qo’annoo adda addaa akka adeemsifaman
gochuudhaan bu’aa isaa akka babba’atu taasisuu,
• Kolleejjootaafi dhaabbileen BLTO barnoonni ijaarsa
amala cimanii akka kennaman haala ni mijeessa, raawwii
isaa ni hordofaa, ni gamaggama.
• Baratoonni Kolleejjiifi dhaabbilee BLTO yeroo boqonnaa
isaanii heyyama tajaajila tola ooltummaa akka kennan
hawaasaa naannoo isaaniitti dhiyaatanii wal ta’anii
muuxannoo waliin jireenya akka qabatan ni taasisa.
• Amala gaarii barattoota kolleejjiifi Dhaabbilee
naannichaa waggaa irratti dorgommii barreeffama.
29. …itti fufa
• Kabajaa amala ogummaa isaanitiin, kabajaa hojii
isaaniitiin barsiisotaa kolleejjiifi dhaabbilee keessatti
filatamaniifi adda bahaan waggaatti al tokko amala gaarii
qabachuu isaaniitiin beekamtii kennuudhan seenaan
isaanii bakka bal’aa akka gahuu fi miidiyaalee adda
addaatiin akka tamsa’uu taasisuun namoonni kaan akka
irraa barataan ni taasisa.
• Waldaa barsiisoota naannichaa waliin wal ta’uun
dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti barsiisonni
ogummaa barsiisummaa sadarkaa isaanii kan fooyyeessuu
leenjii walitti fufaa kennudhaan barsiisonni kolleejjii fi
Dhaabbilee fakkeenya amala gaarii barattoota isaanii akka
ta’an ni qopheessa.
30. ….itti fufa
• Karaalee eleektirooniksii adda addaa wantoota gadhee
tamsa’aan daa’immaniifi dargaggoota irratti suusii/araada
adda addaatiin akka qabaman kan taasisu hawaasa waliin
wal ta’uun tooftaa adda addaa irratti qorannoo
adeemsisuun hojiirra akka ooluu ni qopheessa.
• Hojiiwwan adda addaa banuudhaan carraan hojii akka
babbal`atuu taasisuun dargaggoota gara hojiitti
bobbaasuun, sababa hojii dhabdummaan abdii kutaachuun
bakka gadhee akka hin oollee fi shaakallii gadheef akka
hin saaxilamne gahee mataa isaa ni taasisa.
• Hojiiwwan kalaqaa haaraa ta`an jajjabeessuun
dargaggoota abbaa kalaqaa ta’an deeggaruun
dargaggoonni kennawwan isaanii fayyadamuun irra
caalaatti tooftaalee isaan itti milkaa’uu danda’an ni
31. Biiroo Dhimma Dubartootafi Daa’imaanii
• Bul/godinaaleefi Magaalotaa ijaarsaa naamusa
daa’immaaniifi dargaggoota dagaagu akka qopheessaniifi
hojiirraa akka oolchan deeggarsa ogummaa ni gumaacha,
• MB oolmaa daa`immanii, sadarkaa tokkooffaafi
lammaffaafi kolleejjii leenjii teekinikaa fi ogummaa
waliin wal ta’uun sagantaalee wixinessuun naamusa
daa’immaniifi dargaggootaa dagaagsuu dandeessisan
hojiirra oolmaa isaa ni hordofa, deeggarsaas ni taasisa.
• Miidiyaa sab-himaalee waliin wal ta’uun maxxansaaleefi
miidiyaa eleektirooniksii naamusa daa’immaaniifi
dargaggoota dagaagsuu dandeessisan karaa qophiiwwan
idilee itti qophaa`aniifi dhiyaatan qaamolee dhimmi
ilaallatu waliin ta`uun ni mijeessa, raawwii isaas ni
hordofa.
32. …itti fufa
• Haala gaarii guddina daa’immaanii irratti
barreeffamoota ogeessota saayinsii hawaasatiin
qophaa`anii fi maatiif deeggarsa kennan qopheessuun
tooftaa ittiin maatii bira gahu qiyyaasuun hojii irraa
oolmaa isaa ni hordofa.
• Walitti dhufeenya fayyaleessaa maatiifi guddisa
daa’immaanii irratti hojiiwwan aartii xiyyeeffatan fi
miidiyaa sab-himaaleetiif sagantaan idilee qabamee
haala itti dhiyaatan qaamoolee dhimmi ilaallatu
waliin wal ta’uun ni mijeessa, raawwii isaas ni
hordofa.
• Raawwii tarsiimoowwan Ijaarsaa naamusa
daa’immaanii fi dargaggootaa naannichaa dagaagsuu
33. Maatii
• Daa’immanii fi Dargaggoota Naamusaan Guddisuu
• Muuxxannoo waan gaarii badaarraa adda baafachuu dandeessisu akka qabaatan
gochuu, ofitti dhiheessun guyyaa guyyaan ejjannoo gaarii, amanamumma,
haqummaa akka gonfatan gorsuu fi dandeessissu,
• Itti gaafatamummaa sadarkaa isaaniin wal-madaaluu kennuudhaan murtii kennuu
irratti hirmaachisuu,
• Miseensi maatii isaanii hundu faayidaa wal-deeggaruu, wal-danda’uu fi waliin-
jiraachuu akka hubatan gochuu,
• Iddoo oolmaa turan beekuu, fakkeenya gaarii ta’u.
• Gochoota qaxxarumraan duroomuuf kakkaasan irra akka of qusatan gochuu,
• Qabeenya maatiin malaammaltummaan argate kammiyyuu saaxxiluu,
R. Dhaabbilee Barnootaa
• Daa’immanii fi dargaggoota beekumsa qofa osoo hin taane naamusanis qarooman
horachuu,
• Carraqqii fi dhamaatiin hojjachuun qofa bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu,
• Barsiisonni fi hojjattoonni bulchiinsa naamusa gaariidhaan fakeenya gaarii ta’an
hojjachuu,
• Nageenya qaamaa fi xin-sammuu daa’immanii fi dargaggoota mirkaneessuu,
35. Daa’immanii fi Dargaggoonni
Angafoota fakkeenya gaarii isaaniif ta’an hordofuu
qabu,
Naamusa gaarii gonfachuuf tataaffii gochuu qabu,
Kaayyoo isaanii milkeessuuf itti cichanii
tattaafachuu qabu,
Shaakalliiwwan gufachiisaa kaayyoo isaanii
dagachisaniin moo’atamuu hin qaban,