SlideShare a Scribd company logo
1 of 62
Bulchiinsa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa
Waajjira Maallaqaa Godina Harargee bahatti
Leenjii qoophii fi Bulchiinsa Pirojeektotaa
Caamsaa,2014
WMGHB
KUTAA 1FFAA
QOPHII FI BULCHIINSA
PIROJEKTOTAA
Qabiyyee
1. Seensa
2. Barbaachisummaa
3. Maalummaa Pirojektii
4. Haal Dureewwaan Qophii Pirojektii
5. Qabiyyee Dokumantii Pirojektii
6. Qophii Karoora Pirojektoota Waggaa
7. Bulchiinsa Pirojektootaa
8. Rakkoole Qophii fi Raawwii Pirojektii
9. Qophii Baajata Waggaa
1.1. Seensa
•Wagga waggaan dinagdee Aa/Magaalaa
guddisuun jiruu fi jireenya uummataa
fooyyessuuf hojiileen misoomaa hedduun
hojjetamaniiru, bu'aan heddus argamaniiru.
•Bu'uraaleen misoomaa akka babal’atan gochuuf
pirojektoota adda addaa bocuun hojii irra
oolchuu irratti hojiin bal'aan hojjetamaniiru,
hojjetamaas jiru.
Seensa kan itti fufe
•Haa ta’u malee, haalli pirojektootni keenya itti
qophaa’an:
Adeemsa walfakkaataa fi qulqullina hin
qabaanne,
Qorannoo gahumsa qabu irratti kan hin
hundoofne,
Qabiyyee, dizaayinii fi kkf guutuu ta’uu
dhabuu irraa kan ka’e erga baajataan
deeggaramanii booda irra deddeebi’amee
dokumentii pirojektootaa qopheessuun yeroo
baayyee kan mul’atudha.
Seensa kan itti fufe
Haalli xiinxala pirojektootaa ittiin
gaggeeffamus sadarkaa hundaatti kan wal
hin fakkaannee fi qulqullina kan hin
qabnedha.
haalli bulchiinsa raawwii pirojektoota
goodinichaas sadarkaa hundatti
walfakkaataa fi hirmaachisaa miti
Seensa kan itti fufe
•Sababoota kanneen irraa kan ka’e:
pirojektootni keenya yeroo karoorfaman
keessatti hin eegalaman
Yero karoorfame keessatti osoo hin
xumuramiin baraa baratti darbu.
Uummatni keenyas tajaajila barbaadu
yeroon argachuu hin dandeenye
Akkasumas, baasii qabeenyaa duraan
pirojekticha xumursiisuuf karoorfameen
olitti dachaa hedduun dabaluun
qisaasamni qabeenyaa uumamaa jira.
Seensa kan itti fufe
•Rakkoolee kana furuuf, hojmaata
hojiiwwan pirojektota goodinichaa ittiin
qophaa’uu fi ittiin gaggeeffamu
qopheessuun diriirsuun barbaachisaa ta’ee
argameera.
Seensa kan itti fufe
•Maanuwaaliin kun kan tajaajilu:
 manneen hojii mootummaa pirojektoota
qopheeffataniif,
Koree pirojektii sadarkaan jiran kan
olaantummaan pirojekticha bulchuuniif
qaamolee mootummaa gahumsa tekiniikaa
pirojektootaa madaalanii fi
 baajataan deeggaraniifidha.
Kaayyoo Marii Kanaa
Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalaa jiraniif
hubannoo gahaa uumuu,,,
Bulchinsi pirojektoota keenyaa
beekkumsaan akka hogganamu
taasisuuf,,
Ogeessi Karooraa gahumsa isaa
dabaluun gahee isaa akka bahu
taasisuuf,,,,
Yeroon xumuramuu pirojektii tokkoof
murteessaan karoora tahuu hubachuuf
I.2. Maalummaa Pirojektii
Pirojektii jechuun maal jechuudha?
Pirojektiin kayyoo adda ta’e tokko galmaan gahuuf
hojiiwwan tartiibaan bocamanii yeroo murtaa’aa ta’e
keessatti raawwatamanidha.
Caasaan bulchiinsaa fi hordoffiin isaa ulfaataa kan hin
taanedha.
Pirojektii …
•Pirojektiin:
•sagantaa tokko keessatti kaayyoo yaadame
ykn kayyoowwan yaadaman galmaan
gahuuf iddoo, yeroo fi baajata beekameef
hojjetamee xumuramuuf hojii karoorfamu
dha.
•Pirojektiin sagantaa mana hojii ykn
mootummaa ykn fedhii hawaasaa ykn
deeggartoota irraa madduu ni danda’a.
1.3. Maalummaa Sagantaa
Sagantaan(program): Sagantaan Paakeejii
pirojektootaa/ hojiiwwan walfakkaataa ta’an heddu
of keessaa kan qabudha.
Caasaan bulchiinsa isaa dhimmoota hedduu
(complex) ta’an of keessaa kan qabudha.
Sagantaan tokko pirojektii tokko ykn tokkoo ol of
keessatti qabachuu danda'a.
Maalummaa Sagantaa ...
•Fakkeenyaaf:
Sagantaa Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS;
Sagantaa Tajaajila Eksitenshiinii Qonnaa;
Sagantaa Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi
kkf yoo ta’an sagantaalee kanneen jalatti
hojiiwwan gurguddoon ykn pirojektootni ni
jiraatu
1.4.Tokkummaa fi Garaagarummaa Pirojektii fi
Sagantaa
1. Tokkummaan Pirojektii fi sagantaa
• Kaayyoo qabuu
• Qabeenya(maallaqa, humna namaa fi meeshaa) kkf ni
barbaaduu kkf
2. Adda addummaa Pirojektii fi sagantaa
Pirojektii Sagantaan
Iddoon: Murtaa’aadha Murtaa’aa miti
Kayyoon: Gooree dha Gooroo dha
Fayyadamtootni: Murtaa’aa dha Murtaa’oo miti
Baajatni: Murtaa’aa dha Murtaa’aa miti
Yeroon: murtaa’aa dha Murtaa’aa miti
Caasaan Bulchiinsaa: Salphaadha Wal-xaxaadha(complex)
1.5. Garaagarummaa Pirojektii fi Hojii Idilee
Hojiin idilee
•Tajaajilaa baraa baratti kennamudha;
•Iddoon kan hin daangeffamnedha;
•Kaayyoon isaa walfakkaataadhaa;
•Baajatni isaa bal’ina tajaajilaa kennamu irratti kan
hundaa’udha
Fknf :
•Tajaajila eegumsa fayyaa, Barnootaa, Geejjibaa
KAROORA PIROJEKTII
2.1. Yaada Pirojektii Burqisiisuu fi Filachuu
2.1.1. Yaada Pirojeektii Burqisiisuu
Abuuraaleen ykn yaadni pirojektii:
nama dhuunfaan ykn
ogeessa dhimmi ilaaluun ykn
bakka bu’aa uummataan ykn
qaama gargaarsa maallaqaa kennuun
madduu ni danda’a
Yaada piroketii kan itti fufe
•Yaadonni pirojektii qaamolee adda addaa
irraa maddan qaama dhimmi ilaaluuf
dhiyaatanii madaalamanii filatamuu qabu.
2.1.2. Pirojektii Filachuu
Qaamni/sektarri dhimmi ilaalu yaadawwan
pirojektootaa maddan keessaa kanneen
barbaachisaa ta’anii fi hin taane adda baasuun
murtee irratti kenna.
Ulaagaaleen pirojektonni dhiyaatan ittiin
filatamuu danda’an keessaa isaan gurguddoon:
•Walitti dhufeenya imaammataa misooma
waliin qabu;
•Walgitiinsa facaatii bu'uraalee misoomaa/
tajaajilaa
•Qabeenya jiru fayyadamuuf ykn Eeguu fi
kunuunsuuf;
Pirojektii Filachuu kan itti fufe
•Teknoloojii babal'isuuf;
•Ariifachiisummaa;
•Fedhii hawaasaa;
•Fedhii siyaasaa;
•Fedhii gabaa; fi
•Baasii xiqqaa;
2.2. Qophii Pirojektii
•Qophiin pirojektii kan eegalu, yaadni
pirojektii filatame hojii irra ooluu
danda’uu isaa qorannoon mirkaneessuun
ta'a,
•Qoraannoon saayinsaawaa irrattti
hundaa’es milkaa'ina pirojektiif gahee
olaanaa qaba
2.2.1. Qorannoo Pirojektii
Hojii irra ooluu danda’uu pirojektii
filatamee mirkaneessuuf akkuma
barbaachisummaa isaatti:
•Qorannoon duraa (pre-feasibility study) fi
•Qorannoon gadi fageenyaa (feasibility
study) gaggeeffamuu qaba.
Qorannoo Pirojektii kan itti fufe
•FKF:
Manneen barnootaa, Hopitaalotaa fi kkf qorannoo
duraa duwwaa gaggeessuun murteessuun kan danda’amu
yoo ta’u
Pirojektii bu’aalee bala’aa ykn dhiibbaa adda
addaa hawaasaa fi naannoo irratti geessisuu
danda’an, kan akka:
oijaarsa daandiiwwanii,
oijaarsa jallisiiwwanii,
oijaarsa warshaalee fi kkf qorannoo duraa fi
qorannoo gadifageenyaa kan barbaadanidha.
A. Qorannoo Duraa (Pre-feasibility study)
• Qorannoon duraa- sakatta'insa (assessment) duraa qindaa'aa
dhimmoota murteessaa ta’an haala:
•tekniikaa,
•dinagdee,
•siyaasaa,
•hawaasummaa,
•fedhii gabaa,
•sodaawwanii fi ...kkf adda baasuun
barbaachisaa ta'uu fi ta'uu dhabuu abuura
pirojektii kan agarsiisudha
Qorannoo Duraa kan itti fufe
•Faayidaan isaas pirojektichi akka hin baasne
(not feasible) dursee yoo beekame
qisaasama yeroo fi maallaqa oolchuun ni
danda’ama.
B. Qorannoo Gadi-fageenyaa (Feasibility
study)
•Kana jechuun dhimmoota pirojektii qorannoo duraatiin
uwwifaman gadi-faageenyaan sakkatta’anii xiinxluudha.
•Qorannoo gadi-fageenyaa gaggeesuudhaaf:
o Gaggeessaa fi tuuta muuxannoo qaban ramaduu,
o Daangaa qorannichaa murteessuu,
o Karoora hojii qopheessuu,
o Sagantaa raawwii fi baajataa qopheessuu,
o Odeeffannoo barbaachisoo ta'an funaanuu fi gabaasa
qorannoo gadi fageenyaa qopheessuu ta'a.
C. Qabiyyee Dokumantii gabaasa
Qorannoo Gadi-fageenyaa
 Cuunfaa (Excutive summary);
 Haala waliigalaa;
 Mala qorannichi ittiin gaggeeffame;
 Hojiiwwan eeraman (tilmaama maallaqaa
dabalatee/ including financial projections);
 Sirna lafa jiruu fi qorannichaan eeraman waliin
dorgomsiisuu;
Qabiyyee Dokumantii kan itti fufe
 Sagantaa raawwii pirojektichaa;
 Yaadawwan furmaataa eeramaniii fi xumura.
•Qorannoowwan kunis adeemsaalee xiinxala
walirraa maddiinsa rakkoolee fi xiinxala
walirraa maddiinsa kaayyoolee/furmaataa
gaggeessuun deeggaramuu qabu.
A. Xiinxala Walirraa Maddiinsa Rakkoolee
(Problem Tree Analysis)
Qorannoo gadi-fabeenyaa gaggeeffamuun፡
Rakkoolee,
Ka’umsa isaanii fi,
Dhibbaawwaan uuman adda baafachuuf mala
xiinxala walirraa maddiinsa rakkolee
gaggeeffamuudha.
Adeemsi kunis qaama olaanaaf murtee sirrii ta’e
kennuuf ni gargaara.
B. Xiinxala Walirraa Maddiinsa Kaayyolee/Furmaata
Rakkoolee (Objective Tree Analysis)
Adeemsi kun:
Ka’umsa taateewwanii,
Taateewwanii fi dhiibbaawwan uumaman
duraa duubaan erga adda bahee beekameen
booda
Duraa duuba faloota ka’umsa rakkoolee kanaa
adda baasuudhaan murteessuudha.
2.2.2. Xiinxala Haala Fedhii fi Waliigaltee Hawaasaa
•Qorannoowwan gaggeeffaman keessatti:
Xiinxalli fedhii fi waliigaltee
hawaasaa/dhimmamtootaa,
Haala fedhii gabaa,
Dhiibbawwaan pirojektiin yaadame uumuu danda'u,
Akkasumas, xiinxaalli sodaawwanii fi falli deebii
sodaa gaggeeffamee taa’uu qaba
Qaamooleen hawaasaa adda addaa fedhii adda addaa waan
qabaniif, xiinxalli fedhii hawaasaa gaggeeffamu fedhii qaamoolee
hawaasa hundaa adda baafachuu qaba.
Fakkeenyaaf, fedhiin duubartootaa, fedhiin dargaggootaa, fedhiin
qaama-miidhamtootaa garaa gara ta’uu danda’a.
Xiinxala Haala Fedhii ...
•Qaamooleen hawaasaa duraan bakka pirojektichi itti
adeemsifamuuf yaadame hin jirre sababa
pirojektichaatiin dhufuu danda’an tilmaama
keessa galuu kan qabu.
•Akkasumas, Qaammoleen hawaasaa gara
fuuladuraatti pirojekticha deeggaruu ykn mormuu
danda’an adda baafachuun hojii dagatamuu hin
qabu.
•FKF., Maaster Pilaaniin Qindaa'aa Magaalaa
Finfinnee qophaa'e fedhii uummataa irratti kan hin
hundoofne waan ta'eef fincila uummata Oromoo
bara 2006 eegaleef sababa ta'ee jira
2.2.3. Xiinxala Dhimmamtoota Pirojektii
•Dhimmamaa pirojektii jechuun:
• Nama dhuunfaa,
• Tuuta ykn jaarmiyaa kan murtee, hojii, ykn milkaa’ina
pirojektii irra dhiibbaa geessisuu, ykn
• Pirojektichi dhiibbaa irraan gahuu kan danda’u, ykn
• Dhiibbaan narra gaha jedhee kan yaadudha.
• Fakkeenyaaf:
• Gaggeesaa pirojektii,
• Hoggansa olaanaa,
• Miseensota tuuta pirojektii,
• Maamila pirojektichaa,
• Hoggantoota kallattiin hojichi ilaalu,
• Haalaa pirojektichaa kan sakatta’an(project testers),
• Kontiraaktaroota,
• Gorsitoota pirojektichaa, fi … kkf ta’uu danda’u
2.2.4. Xiinxala Haala Fedhii Gabaa
•Yaadni pirojektii qaawwa fedhii gabaa jiru
guutuuf kan qophaa’u yoo ta’e:
•fedhiin gabaa biyya keessaa ykn biyyaa alaa fi qaawwi
jiru maal akka ta’e,
• pirojektichi haala kamiin qaawwa fedhii jiru akka
guutu danda’u,
•xiinxala haala fedhii gabaa oomisha pirojektichaa,
•hanga fi sadarkaa quluqulina oomishichaa biyya
keessaa fi biyyaa alaatti barbaaadamu,
•akkasumas, ittifufiinsi fedhii gabaa isaa gaggeeffamuu
qaba
2.2.5. Xiinxala Oomisha Alaa Galchuu fi
Biyya Keessatti Oomishuu
•Pirojektiin industirii biyya keessatti akka dhaabbatu yoo
ta’e:
 sharafa alaa inni qusatuu fi gabaa biyyaa keessaa
tasgabbeessuu danda’uu,
 carraa hojii inni lammiif uumuu danda’u ragaa sirrii ta’een
xiinxalamee ibsamuu qaba.
•Omishini industirichaan oomishamu kan alatti ergamu
yoo ta’e:
 sharafa biyyaaf argamsiisuu keessatti gaheen inni qabu
xiinxalamee ibsamee taa'uu qaba.
2.2.6. Xiinxala Dhiibbaa Pirojektiin Uumu
a. Xiinxala Dhiibbaa Naannoo fi Hawaas-Dinagdee Irratti Qabu
 Uumama naannoo irratti faalamaa fi
dhiibbaa fiduu danda’u:
o Dhiibbaa qilleensa irraan geessisu,
o Dhiibbaa bishaan irraan geessisu,
o Sagalee fi kirkirfama (noise vibration
levels),
o Dhiibbaa mukkeenii fi bineensota (flora
and fauna),
Xiinxala …
oDhiibbaa:
oBareedina uumamaa (natural beauty),
oLafa seena qabeessaa fi hambaalee aadaa,
oBiyyee,
oBalfa dhangala’aa fi kkf dokumantii
pirojketichaa keessatti hammatamuu isaanii
xiinxaluun barbaachisaa dha.
Xiinxala …
b. Dhiibbaa Qapheenya uumamaa irratti Qaban
oLafa qonnaa irratti,
oQabeenya bosonaa irratti,
oDhiyeessii bishaanii,
oAlbuudaa fi qabeenya bishaan keessatti
argaman (fkf., Haroo Dambal)
oMeeshaalee ijaarsaaf oolan irratti,
oLafa jiidhina qabu irratti (wetlands) fi kkf.
Xiinxalamee ilaalamuu qaba
Xiinxala …
c. Dhiibbaa Hawaasummaa Irratti Qaban
•Dhiibbaa naannoo qubiinsa hawaasaa (effects on
settlement patterns),
•Sirna itti fayyadama lafaa (land use),
•Jireenya hawaasummaa,
•Tajaajilawwan hawaasummaaf oolan,
•Fayyummaa fi nagummaa hawaasaa,
•Dargaggoota,
•Qaama hir’eeyyii,
•Dubartootaa fi kkf. irratti geessisu xiinxalaan adda
bahuu qaba;
Xiinxala …
d. Dhiibbaa Dinagdee Irratti Qaban
•Qaqqabummaa tajaajilaa (accessibility to
facilities);
•Carraa hojii;
•Bu’uuraalee misoomaa;
•Filannoo fi humna hawaasaa giddu galeessa
godhachuu isaa (choice and affordability of
goods and services),
•Galii hawaasaa fi kkf irratti dhiibbaa inni
qabu/fidu ilaaluu dha.
Xiinxala…
e. Bu’aa hawaasaa ykn Dinagdummaa (social
and/or economic benefit)
Dhaloota har’aafis ta’ee boruuf faaayidaan pirojektichi
gama
hawaasummaanis ta’ee
dinagdeetiin fidu sirnaan madaalamee adda kan bahe
ta’uu qaba
2.2.7. Xiinxala Sodaawwanii (Risk Analysis)
•Sodaan (risk) taateewwan otoo hin yaadamiin uumamuu
danda’anii fi yoo uumaman immoo galma gahiinsaa fi
kaayyolee pirojektichaa kan akka:
•Daangaa(scope),
•Gatii,
•Qulqullinaa fi
•Sagantaa raawwii isaa irratti dhiibbaa hin
barbaadamne fiduu danda’aniidha.
Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe
•Sodaan ka’umsa tokko ykn tokkoo oli
qabaachuu danda’a.
•Rakkoon kun yoo uumame dhiibbaa tokkoo fi
tokkoo ol geessisuu ni danda’a.
•Fkf., ka’umsi sodaa tokkoo:
• bakka pirojektiin tokko itti hojjetamu gahanii jalqabuuf eeyyama
hojii argachuu dhabuu ykn
• humni namaa (ogeessi) dizaayinii qopheessuu dhibuu ni danda’a.
• Rakkoon kun immoo:
• lafarra harkifannaa,
• daballii baasii,
• hanqina qulqullina raawwii pirojektichaa fi kkf akka uumamu
taasisuu ni danda’a.
Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe
•Taateewwan rakkoo pirojektii tokkoof sababa ta’an
hedduu yoo ta’an isaan keessaa:
Haala bulchiinsa isaa irratti muuxxannoon gahaan
dhabamuu,
Sirni bulchiinsa qindaa’aa dhibuu (lack of
integrated management systems),
Wantoota wal-maddii raawwataman raawwachuu
dadhabuu fi
Eeggatummaa qaama alaa (dependency on external
participants who are outside the project’s direct
control) ta’uu ni danda’a.
Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe
•Pirojektii kamiyyuu keessatti sodaan hin
tilmaamamne ykn hin yaadamne qunnamuu waan
danda’uuf:
•Xiinxala keessatti adda baasuu,
•Kanneen adda bahan hambisuu ykn xiqqeessuuf
tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban dursanii
karoorsuun barbaachisaa dha
Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe
• Kanaafuu, pirojektii tokko milkeessuuf qaamni pirojekticha hojjetu
of-kennee bulchiinsa balaa sodaa (risk management) irratti haala
walirraa hin cinneen dursee itti qophaa’ee (proactively) fala itti
kennaa deemuu qaba.
Xiinxla Deebii Sodaa (Risk Responses Analysis)
• Xiinxalli deebii sodaa sirna filannoowwanii fi tarkaanfilee
miidhaawwan dhufuu danda’an xiqqeessuun galma gahiinsa
pirojektii dhugoomsuuf gaggeeffamudha.
• Tarsiimoowwan miidhaa sodaan uumuu danda’u ittiin to’ataman
keessaa:
Dhabamsiisuu (Avoid)
Dabarsuu (Transfer)
Dhiibbaa xiqqeessuu (Mitigate)
Fudhachuu (Accept)
Dhabamsiisuu (Avoid)
•Tarsiimoon kun sodaan miidhaa fiduu danda’u akka
hin mul’annee ykn miidhaa akka hin geessisne
gochuudha.
•Fkf., kaayyoo pirojektichaa dhimma kanaaf
saaxilamaa ta’e jijjiiruu:
yeroo pirojektichaa dheeressuu (extending the
schedule),
tarsiimoo raawwii jijjiiruu, ykn
daangaa isaa xiqqeessuu (reducing scope),
pirojekticha hambisuu fi kkf ta’uu ni danda’a
Dabarsuu (Transfer)
• Tarsiimoon kun tarsiimoo miidhaa sodaan fiduu danda’u qaama
sadaffaatti dabarsuuti. Falli kennamus dirqama qaama sadaffaa
ta’a. Sodaa kana dabarsuu jechuun qaamni sadaffaan itti
gaafatamumma akka fudhatee fala itti kennuuf malee hin hafa
jechuu miti
• Fkf.,
•inshuraansiitti fayyadamuu,
•sanada wabii (performance bond) qabsiisuu,
•abdii kennuu (guarantees/warranties) kkf ta’a.
Dhiibbaa xiqqeessuu (Mitigate)
 kuni tarsiimoo sodaa ta’uuf malu ykn dhiibbaa sodaan fidu
xiqqeessuu irratti kan xiyyeeffatudha.
 Innis, dhiibbaan pirojekticha irratti dhufuu danda’u sadarkaa isa
xiqqaa ykn kan ka’umsaa (threshold limit) ol akka hin taane gochuu
dha.
 Fkf.:
 Waanta adeemsa walxaxaa xiqqaa qabu fudhachuu
(adopting less complex processes)
 Yaalii baay’ee gaggeessuu (conducting more tests)
 Dhiyeessaa bu’uura cimaa qabu (stable supplier)
filachuu fi kkf.
Fudhachuu (Accept)
 Yammuu sodaa uumamuu malu tilmaamuun adda baasuun itti
qophaa’uun hin danda’amnetti waan dhufu fudhachuuf
qophaa’anii eeguudha
 Tarsiimoon kun sodaa dhufuu danda’u adda baasuun gatii guddaa
kan gaafatuu fi haalli biroo ittiin midhaa uumamu hambisan/
xiqqeessan hin jiru yoo ta’e qofadha kan filatamu.
 Tarsiimoo akkasii baratame keessaa inni tokko yeroo fi baajata
dabalataa qabachuu ilaallata.
Sodaa kan itti fufe
•Akka waliigalatti, karoorrii deebii sodaa:
sodaawwan pirojektoota keenya qunnamuu
danda’anii fi
sadarkaa dhiibbaa uumuu danda’an waliin yeruma
qorannoon gaggeeffamu adda bahanii taa’uu qabu
tarkaanfiin ta’uu malus karoorfamuu qaba.
Kanaafuu, qaamoleen pirojektoota qopheffatan
qorannoo ogummaa irratti hundaa’e gaggeessuun
sodaawwan uumamuu danda’an, sadarkaa dhiibbaa
isaaniin uumamuu fi tarkaanfii fudhatamuu malu
haala ifa ta’een dokumantii pirojektoota isaanii
keessatti agarsiisuun kaa’uu qabu.
2.2.8. Ittifufiinsa pirojeektii
•Tajaajila itti fufiinsaa qabaachuun kan
ittiin ilaalamu:
a) Investimentiin irratti dhangala’u hanga danda’ametti
gadi aanaa ta’uu qaba
b) Ogummaa naannootti argamutti madaquu kan danda’u
(adaptability to local skills);
c) Meeshaalee naannootti argamu kan fayyadamuu danda’u
(use of local raw materials);
d) Carraa hojii uumuu kan danda’u;
e) Naannoo wajjiin kan wal simatu (environmental
harmony)
f) Oomisha walirraa hin cinne kan argamsiisu (continuity
of production)
g) Walqixummaa koorniyaa gidugaleessa kan godhate
(gender balance)
h) Bu’aan irraa argamu fedhii hawaasaa giddu-galeessa kan
godhate ta’uu.
Xiinxala…
Qabiyyee Karoora Pirojektichaa
Seensa
Haala Waliigalaa raawwii bara bara 2014
Karoora Pirojektii Bara 2015
Baajata Kaappitaalaaqabame MH tiin
Ibsa gosoota Pirojektii hojjetamuuf karoorfamanii (profile)
Pirojektoota Ongoing tahan tareessuu
Fayyadamtoota pirojektichaa
Yeroo Pirojektichaaf kenname
Bulchinsa Waliigaltee
Sirna deeggarsaa fi hordoffii (Qulqullina)
Gamaaggamaafi Madaallii
Duub-deebii
Sagantaa Raawwii (Action Plan)
Karoora pirojektii tokko yeroo
qophaa’uu
Rakkoo Bulchinsa gaarii Sadarkaa
Aanaalee/Bulchinsa gaarii adda baasuu,,
Rakkoon Bulchinsa gaarii duursa argachuu
qabuu tartiibaa fi yeroo itti deebii argatuu
qabuun adda baasuu
Karoorri Yaada fi fedhii ummataa jiddu galeessa
godhachuu dhabuu,,,
Karoorri Pirojektii yeroo karoorfamu,hawaasa
naannoo gammoojjii fi fageenya irra jiraniif
duursa kennu dha.
Karoora itti fufa……
Iddoon hojii ijaarsaa itti ijaaramu qabu duursee
qophaa’uu qaba,
Design fi Specification iddoo ijaarsaaf qophaa’uu
irratti hojjechuu,
Design fi Specification guutuu ta’uu sirritti xiinxaluu
Pirojektiin hojjetamuuf yaadame rakkoo BG ummataa
furuu fi dhiisuu isaa mirkanneessuu,,,
Karoorri Pirojektii akkuma baajataa MM tiif dhihaatee
mirkannaa’uu qaba.
Adeemsa Baajanni Pirojektii itti qabamu
 Pirojektii Buleeyyiif duursii kennamuu qaba.
 Gaafiin Baajata Pirojektii Karoorfamee Design fi
Specification fi iddoo ijaarsaa (seera qabeessa) waliin
dhihaachuu qaba.
 Baajanni pirojektii kamuu Tilmaamaan qabamuu hin
qabu
Ogeessi qorannoo gabaa hojii ijaarsaa bara itti aanuu
qabaachuu qaba
Gabaa irratti hundaa’ee Shalaggii Baasii projektiif
qabamu qabu dhiheessu qaba,
Baajanni shalaggii ogeessa kana irra dhaabbate
Horaa Bulaa!!
HORAA BULAA
Galatoomaa!!!!
Horaa Bulaa!!

More Related Content

Similar to Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt

6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx
6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx
6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptxGuutaaDirbabaa
 
PMS Training 2 (1).pptx
PMS Training 2 (1).pptxPMS Training 2 (1).pptx
PMS Training 2 (1).pptxJaafar47
 
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptxleenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptxgemechuayana5
 
Eltrasfondofilosficoenlared
EltrasfondofilosficoenlaredEltrasfondofilosficoenlared
Eltrasfondofilosficoenlaredchabista
 
Fundamentos del positivismo
Fundamentos del positivismoFundamentos del positivismo
Fundamentos del positivismomarvin diaz
 
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.pptMalaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.pptJaafar47
 
Educação do sensível congresso lagoa
Educação do sensível congresso lagoaEducação do sensível congresso lagoa
Educação do sensível congresso lagoaLilian Cordeiro
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfhabtamu292245
 
PSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfPSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfmesfin69
 
Enfermedad laboral
Enfermedad laboralEnfermedad laboral
Enfermedad laboraljherleon
 
Bullismo n
Bullismo nBullismo n
Bullismo nimartini
 
Bullismo b
Bullismo  bBullismo  b
Bullismo bimartini
 
Bullismo n
Bullismo nBullismo n
Bullismo nimartini
 

Similar to Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt (20)

6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx
6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx
6398743TITUTUTTTJTTJTJTJTKTKTTTTTTKKUKTTTTTTTTKUJYKUYKYUYKTK35-Untitled.pptx
 
Presentation1.pptx
Presentation1.pptxPresentation1.pptx
Presentation1.pptx
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
PMS Training 2 (1).pptx
PMS Training 2 (1).pptxPMS Training 2 (1).pptx
PMS Training 2 (1).pptx
 
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptxleenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
 
Charrua 9
Charrua 9Charrua 9
Charrua 9
 
Charrua 9
Charrua 9Charrua 9
Charrua 9
 
Eltrasfondofilosficoenlared
EltrasfondofilosficoenlaredEltrasfondofilosficoenlared
Eltrasfondofilosficoenlared
 
Fundamentos del positivismo
Fundamentos del positivismoFundamentos del positivismo
Fundamentos del positivismo
 
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.pptMalaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
 
de abraham a los macabeos
de abraham a los macabeosde abraham a los macabeos
de abraham a los macabeos
 
Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
Educação do sensível congresso lagoa
Educação do sensível congresso lagoaEducação do sensível congresso lagoa
Educação do sensível congresso lagoa
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
 
PSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdfPSIR252-Chap1-222.pdf
PSIR252-Chap1-222.pdf
 
Enfermedad laboral
Enfermedad laboralEnfermedad laboral
Enfermedad laboral
 
Bullismo n
Bullismo nBullismo n
Bullismo n
 
Bullismo b
Bullismo  bBullismo  b
Bullismo b
 
Bullismo n
Bullismo nBullismo n
Bullismo n
 
Naturopatia
NaturopatiaNaturopatia
Naturopatia
 

More from miadjafar463

Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxEthiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxmiadjafar463
 
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxNaannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxmiadjafar463
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxmiadjafar463
 
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxMaree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxmiadjafar463
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxmiadjafar463
 
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxArgannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxmiadjafar463
 
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxGalmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxmiadjafar463
 

More from miadjafar463 (7)

Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptxEthiopian Health insurance DISORDERS.pptx
Ethiopian Health insurance DISORDERS.pptx
 
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptxNaannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
Naannoo Oromiyaa Odiitii Taaksii (IS) kumsa.pptx
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
 
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptxMaree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
Maree pirojektii Sadaasa 2016f final.pptx
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
 
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptxArgannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
Argannoo Odiitii Auditing-Degu Desta (3).pptx
 
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptxGalmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
Galmeefama Bu'aa Odiitiibl Ethiopia.pptx
 

Leenjii Qophii fi Bul.Pirojektii 2014.ppt

  • 1. Bulchiinsa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa Waajjira Maallaqaa Godina Harargee bahatti Leenjii qoophii fi Bulchiinsa Pirojeektotaa Caamsaa,2014 WMGHB
  • 2. KUTAA 1FFAA QOPHII FI BULCHIINSA PIROJEKTOTAA
  • 3. Qabiyyee 1. Seensa 2. Barbaachisummaa 3. Maalummaa Pirojektii 4. Haal Dureewwaan Qophii Pirojektii 5. Qabiyyee Dokumantii Pirojektii 6. Qophii Karoora Pirojektoota Waggaa 7. Bulchiinsa Pirojektootaa 8. Rakkoole Qophii fi Raawwii Pirojektii 9. Qophii Baajata Waggaa
  • 4. 1.1. Seensa •Wagga waggaan dinagdee Aa/Magaalaa guddisuun jiruu fi jireenya uummataa fooyyessuuf hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaniiru, bu'aan heddus argamaniiru. •Bu'uraaleen misoomaa akka babal’atan gochuuf pirojektoota adda addaa bocuun hojii irra oolchuu irratti hojiin bal'aan hojjetamaniiru, hojjetamaas jiru.
  • 5. Seensa kan itti fufe •Haa ta’u malee, haalli pirojektootni keenya itti qophaa’an: Adeemsa walfakkaataa fi qulqullina hin qabaanne, Qorannoo gahumsa qabu irratti kan hin hundoofne, Qabiyyee, dizaayinii fi kkf guutuu ta’uu dhabuu irraa kan ka’e erga baajataan deeggaramanii booda irra deddeebi’amee dokumentii pirojektootaa qopheessuun yeroo baayyee kan mul’atudha.
  • 6. Seensa kan itti fufe Haalli xiinxala pirojektootaa ittiin gaggeeffamus sadarkaa hundaatti kan wal hin fakkaannee fi qulqullina kan hin qabnedha. haalli bulchiinsa raawwii pirojektoota goodinichaas sadarkaa hundatti walfakkaataa fi hirmaachisaa miti
  • 7. Seensa kan itti fufe •Sababoota kanneen irraa kan ka’e: pirojektootni keenya yeroo karoorfaman keessatti hin eegalaman Yero karoorfame keessatti osoo hin xumuramiin baraa baratti darbu. Uummatni keenyas tajaajila barbaadu yeroon argachuu hin dandeenye Akkasumas, baasii qabeenyaa duraan pirojekticha xumursiisuuf karoorfameen olitti dachaa hedduun dabaluun qisaasamni qabeenyaa uumamaa jira.
  • 8. Seensa kan itti fufe •Rakkoolee kana furuuf, hojmaata hojiiwwan pirojektota goodinichaa ittiin qophaa’uu fi ittiin gaggeeffamu qopheessuun diriirsuun barbaachisaa ta’ee argameera.
  • 9. Seensa kan itti fufe •Maanuwaaliin kun kan tajaajilu:  manneen hojii mootummaa pirojektoota qopheeffataniif, Koree pirojektii sadarkaan jiran kan olaantummaan pirojekticha bulchuuniif qaamolee mootummaa gahumsa tekiniikaa pirojektootaa madaalanii fi  baajataan deeggaraniifidha.
  • 10. Kaayyoo Marii Kanaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalaa jiraniif hubannoo gahaa uumuu,,, Bulchinsi pirojektoota keenyaa beekkumsaan akka hogganamu taasisuuf,, Ogeessi Karooraa gahumsa isaa dabaluun gahee isaa akka bahu taasisuuf,,,, Yeroon xumuramuu pirojektii tokkoof murteessaan karoora tahuu hubachuuf
  • 11. I.2. Maalummaa Pirojektii Pirojektii jechuun maal jechuudha? Pirojektiin kayyoo adda ta’e tokko galmaan gahuuf hojiiwwan tartiibaan bocamanii yeroo murtaa’aa ta’e keessatti raawwatamanidha. Caasaan bulchiinsaa fi hordoffiin isaa ulfaataa kan hin taanedha.
  • 12. Pirojektii … •Pirojektiin: •sagantaa tokko keessatti kaayyoo yaadame ykn kayyoowwan yaadaman galmaan gahuuf iddoo, yeroo fi baajata beekameef hojjetamee xumuramuuf hojii karoorfamu dha. •Pirojektiin sagantaa mana hojii ykn mootummaa ykn fedhii hawaasaa ykn deeggartoota irraa madduu ni danda’a.
  • 13. 1.3. Maalummaa Sagantaa Sagantaan(program): Sagantaan Paakeejii pirojektootaa/ hojiiwwan walfakkaataa ta’an heddu of keessaa kan qabudha. Caasaan bulchiinsa isaa dhimmoota hedduu (complex) ta’an of keessaa kan qabudha. Sagantaan tokko pirojektii tokko ykn tokkoo ol of keessatti qabachuu danda'a.
  • 14. Maalummaa Sagantaa ... •Fakkeenyaaf: Sagantaa Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS; Sagantaa Tajaajila Eksitenshiinii Qonnaa; Sagantaa Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi kkf yoo ta’an sagantaalee kanneen jalatti hojiiwwan gurguddoon ykn pirojektootni ni jiraatu
  • 15. 1.4.Tokkummaa fi Garaagarummaa Pirojektii fi Sagantaa 1. Tokkummaan Pirojektii fi sagantaa • Kaayyoo qabuu • Qabeenya(maallaqa, humna namaa fi meeshaa) kkf ni barbaaduu kkf 2. Adda addummaa Pirojektii fi sagantaa Pirojektii Sagantaan Iddoon: Murtaa’aadha Murtaa’aa miti Kayyoon: Gooree dha Gooroo dha Fayyadamtootni: Murtaa’aa dha Murtaa’oo miti Baajatni: Murtaa’aa dha Murtaa’aa miti Yeroon: murtaa’aa dha Murtaa’aa miti Caasaan Bulchiinsaa: Salphaadha Wal-xaxaadha(complex)
  • 16. 1.5. Garaagarummaa Pirojektii fi Hojii Idilee Hojiin idilee •Tajaajilaa baraa baratti kennamudha; •Iddoon kan hin daangeffamnedha; •Kaayyoon isaa walfakkaataadhaa; •Baajatni isaa bal’ina tajaajilaa kennamu irratti kan hundaa’udha Fknf : •Tajaajila eegumsa fayyaa, Barnootaa, Geejjibaa
  • 17. KAROORA PIROJEKTII 2.1. Yaada Pirojektii Burqisiisuu fi Filachuu 2.1.1. Yaada Pirojeektii Burqisiisuu Abuuraaleen ykn yaadni pirojektii: nama dhuunfaan ykn ogeessa dhimmi ilaaluun ykn bakka bu’aa uummataan ykn qaama gargaarsa maallaqaa kennuun madduu ni danda’a
  • 18. Yaada piroketii kan itti fufe •Yaadonni pirojektii qaamolee adda addaa irraa maddan qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaatanii madaalamanii filatamuu qabu.
  • 19. 2.1.2. Pirojektii Filachuu Qaamni/sektarri dhimmi ilaalu yaadawwan pirojektootaa maddan keessaa kanneen barbaachisaa ta’anii fi hin taane adda baasuun murtee irratti kenna. Ulaagaaleen pirojektonni dhiyaatan ittiin filatamuu danda’an keessaa isaan gurguddoon: •Walitti dhufeenya imaammataa misooma waliin qabu; •Walgitiinsa facaatii bu'uraalee misoomaa/ tajaajilaa •Qabeenya jiru fayyadamuuf ykn Eeguu fi kunuunsuuf;
  • 20. Pirojektii Filachuu kan itti fufe •Teknoloojii babal'isuuf; •Ariifachiisummaa; •Fedhii hawaasaa; •Fedhii siyaasaa; •Fedhii gabaa; fi •Baasii xiqqaa;
  • 21. 2.2. Qophii Pirojektii •Qophiin pirojektii kan eegalu, yaadni pirojektii filatame hojii irra ooluu danda’uu isaa qorannoon mirkaneessuun ta'a, •Qoraannoon saayinsaawaa irrattti hundaa’es milkaa'ina pirojektiif gahee olaanaa qaba
  • 22. 2.2.1. Qorannoo Pirojektii Hojii irra ooluu danda’uu pirojektii filatamee mirkaneessuuf akkuma barbaachisummaa isaatti: •Qorannoon duraa (pre-feasibility study) fi •Qorannoon gadi fageenyaa (feasibility study) gaggeeffamuu qaba.
  • 23. Qorannoo Pirojektii kan itti fufe •FKF: Manneen barnootaa, Hopitaalotaa fi kkf qorannoo duraa duwwaa gaggeessuun murteessuun kan danda’amu yoo ta’u Pirojektii bu’aalee bala’aa ykn dhiibbaa adda addaa hawaasaa fi naannoo irratti geessisuu danda’an, kan akka: oijaarsa daandiiwwanii, oijaarsa jallisiiwwanii, oijaarsa warshaalee fi kkf qorannoo duraa fi qorannoo gadifageenyaa kan barbaadanidha.
  • 24. A. Qorannoo Duraa (Pre-feasibility study) • Qorannoon duraa- sakatta'insa (assessment) duraa qindaa'aa dhimmoota murteessaa ta’an haala: •tekniikaa, •dinagdee, •siyaasaa, •hawaasummaa, •fedhii gabaa, •sodaawwanii fi ...kkf adda baasuun barbaachisaa ta'uu fi ta'uu dhabuu abuura pirojektii kan agarsiisudha
  • 25. Qorannoo Duraa kan itti fufe •Faayidaan isaas pirojektichi akka hin baasne (not feasible) dursee yoo beekame qisaasama yeroo fi maallaqa oolchuun ni danda’ama.
  • 26. B. Qorannoo Gadi-fageenyaa (Feasibility study) •Kana jechuun dhimmoota pirojektii qorannoo duraatiin uwwifaman gadi-faageenyaan sakkatta’anii xiinxluudha. •Qorannoo gadi-fageenyaa gaggeesuudhaaf: o Gaggeessaa fi tuuta muuxannoo qaban ramaduu, o Daangaa qorannichaa murteessuu, o Karoora hojii qopheessuu, o Sagantaa raawwii fi baajataa qopheessuu, o Odeeffannoo barbaachisoo ta'an funaanuu fi gabaasa qorannoo gadi fageenyaa qopheessuu ta'a.
  • 27. C. Qabiyyee Dokumantii gabaasa Qorannoo Gadi-fageenyaa  Cuunfaa (Excutive summary);  Haala waliigalaa;  Mala qorannichi ittiin gaggeeffame;  Hojiiwwan eeraman (tilmaama maallaqaa dabalatee/ including financial projections);  Sirna lafa jiruu fi qorannichaan eeraman waliin dorgomsiisuu;
  • 28. Qabiyyee Dokumantii kan itti fufe  Sagantaa raawwii pirojektichaa;  Yaadawwan furmaataa eeramaniii fi xumura. •Qorannoowwan kunis adeemsaalee xiinxala walirraa maddiinsa rakkoolee fi xiinxala walirraa maddiinsa kaayyoolee/furmaataa gaggeessuun deeggaramuu qabu.
  • 29. A. Xiinxala Walirraa Maddiinsa Rakkoolee (Problem Tree Analysis) Qorannoo gadi-fabeenyaa gaggeeffamuun፡ Rakkoolee, Ka’umsa isaanii fi, Dhibbaawwaan uuman adda baafachuuf mala xiinxala walirraa maddiinsa rakkolee gaggeeffamuudha. Adeemsi kunis qaama olaanaaf murtee sirrii ta’e kennuuf ni gargaara.
  • 30. B. Xiinxala Walirraa Maddiinsa Kaayyolee/Furmaata Rakkoolee (Objective Tree Analysis) Adeemsi kun: Ka’umsa taateewwanii, Taateewwanii fi dhiibbaawwan uumaman duraa duubaan erga adda bahee beekameen booda Duraa duuba faloota ka’umsa rakkoolee kanaa adda baasuudhaan murteessuudha.
  • 31. 2.2.2. Xiinxala Haala Fedhii fi Waliigaltee Hawaasaa •Qorannoowwan gaggeeffaman keessatti: Xiinxalli fedhii fi waliigaltee hawaasaa/dhimmamtootaa, Haala fedhii gabaa, Dhiibbawwaan pirojektiin yaadame uumuu danda'u, Akkasumas, xiinxaalli sodaawwanii fi falli deebii sodaa gaggeeffamee taa’uu qaba Qaamooleen hawaasaa adda addaa fedhii adda addaa waan qabaniif, xiinxalli fedhii hawaasaa gaggeeffamu fedhii qaamoolee hawaasa hundaa adda baafachuu qaba. Fakkeenyaaf, fedhiin duubartootaa, fedhiin dargaggootaa, fedhiin qaama-miidhamtootaa garaa gara ta’uu danda’a.
  • 32. Xiinxala Haala Fedhii ... •Qaamooleen hawaasaa duraan bakka pirojektichi itti adeemsifamuuf yaadame hin jirre sababa pirojektichaatiin dhufuu danda’an tilmaama keessa galuu kan qabu. •Akkasumas, Qaammoleen hawaasaa gara fuuladuraatti pirojekticha deeggaruu ykn mormuu danda’an adda baafachuun hojii dagatamuu hin qabu. •FKF., Maaster Pilaaniin Qindaa'aa Magaalaa Finfinnee qophaa'e fedhii uummataa irratti kan hin hundoofne waan ta'eef fincila uummata Oromoo bara 2006 eegaleef sababa ta'ee jira
  • 33. 2.2.3. Xiinxala Dhimmamtoota Pirojektii •Dhimmamaa pirojektii jechuun: • Nama dhuunfaa, • Tuuta ykn jaarmiyaa kan murtee, hojii, ykn milkaa’ina pirojektii irra dhiibbaa geessisuu, ykn • Pirojektichi dhiibbaa irraan gahuu kan danda’u, ykn • Dhiibbaan narra gaha jedhee kan yaadudha. • Fakkeenyaaf: • Gaggeesaa pirojektii, • Hoggansa olaanaa, • Miseensota tuuta pirojektii, • Maamila pirojektichaa, • Hoggantoota kallattiin hojichi ilaalu, • Haalaa pirojektichaa kan sakatta’an(project testers), • Kontiraaktaroota, • Gorsitoota pirojektichaa, fi … kkf ta’uu danda’u
  • 34. 2.2.4. Xiinxala Haala Fedhii Gabaa •Yaadni pirojektii qaawwa fedhii gabaa jiru guutuuf kan qophaa’u yoo ta’e: •fedhiin gabaa biyya keessaa ykn biyyaa alaa fi qaawwi jiru maal akka ta’e, • pirojektichi haala kamiin qaawwa fedhii jiru akka guutu danda’u, •xiinxala haala fedhii gabaa oomisha pirojektichaa, •hanga fi sadarkaa quluqulina oomishichaa biyya keessaa fi biyyaa alaatti barbaaadamu, •akkasumas, ittifufiinsi fedhii gabaa isaa gaggeeffamuu qaba
  • 35. 2.2.5. Xiinxala Oomisha Alaa Galchuu fi Biyya Keessatti Oomishuu •Pirojektiin industirii biyya keessatti akka dhaabbatu yoo ta’e:  sharafa alaa inni qusatuu fi gabaa biyyaa keessaa tasgabbeessuu danda’uu,  carraa hojii inni lammiif uumuu danda’u ragaa sirrii ta’een xiinxalamee ibsamuu qaba. •Omishini industirichaan oomishamu kan alatti ergamu yoo ta’e:  sharafa biyyaaf argamsiisuu keessatti gaheen inni qabu xiinxalamee ibsamee taa'uu qaba.
  • 36. 2.2.6. Xiinxala Dhiibbaa Pirojektiin Uumu a. Xiinxala Dhiibbaa Naannoo fi Hawaas-Dinagdee Irratti Qabu  Uumama naannoo irratti faalamaa fi dhiibbaa fiduu danda’u: o Dhiibbaa qilleensa irraan geessisu, o Dhiibbaa bishaan irraan geessisu, o Sagalee fi kirkirfama (noise vibration levels), o Dhiibbaa mukkeenii fi bineensota (flora and fauna),
  • 37. Xiinxala … oDhiibbaa: oBareedina uumamaa (natural beauty), oLafa seena qabeessaa fi hambaalee aadaa, oBiyyee, oBalfa dhangala’aa fi kkf dokumantii pirojketichaa keessatti hammatamuu isaanii xiinxaluun barbaachisaa dha.
  • 38. Xiinxala … b. Dhiibbaa Qapheenya uumamaa irratti Qaban oLafa qonnaa irratti, oQabeenya bosonaa irratti, oDhiyeessii bishaanii, oAlbuudaa fi qabeenya bishaan keessatti argaman (fkf., Haroo Dambal) oMeeshaalee ijaarsaaf oolan irratti, oLafa jiidhina qabu irratti (wetlands) fi kkf. Xiinxalamee ilaalamuu qaba
  • 39. Xiinxala … c. Dhiibbaa Hawaasummaa Irratti Qaban •Dhiibbaa naannoo qubiinsa hawaasaa (effects on settlement patterns), •Sirna itti fayyadama lafaa (land use), •Jireenya hawaasummaa, •Tajaajilawwan hawaasummaaf oolan, •Fayyummaa fi nagummaa hawaasaa, •Dargaggoota, •Qaama hir’eeyyii, •Dubartootaa fi kkf. irratti geessisu xiinxalaan adda bahuu qaba;
  • 40. Xiinxala … d. Dhiibbaa Dinagdee Irratti Qaban •Qaqqabummaa tajaajilaa (accessibility to facilities); •Carraa hojii; •Bu’uuraalee misoomaa; •Filannoo fi humna hawaasaa giddu galeessa godhachuu isaa (choice and affordability of goods and services), •Galii hawaasaa fi kkf irratti dhiibbaa inni qabu/fidu ilaaluu dha.
  • 41. Xiinxala… e. Bu’aa hawaasaa ykn Dinagdummaa (social and/or economic benefit) Dhaloota har’aafis ta’ee boruuf faaayidaan pirojektichi gama hawaasummaanis ta’ee dinagdeetiin fidu sirnaan madaalamee adda kan bahe ta’uu qaba
  • 42. 2.2.7. Xiinxala Sodaawwanii (Risk Analysis) •Sodaan (risk) taateewwan otoo hin yaadamiin uumamuu danda’anii fi yoo uumaman immoo galma gahiinsaa fi kaayyolee pirojektichaa kan akka: •Daangaa(scope), •Gatii, •Qulqullinaa fi •Sagantaa raawwii isaa irratti dhiibbaa hin barbaadamne fiduu danda’aniidha.
  • 43. Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe •Sodaan ka’umsa tokko ykn tokkoo oli qabaachuu danda’a. •Rakkoon kun yoo uumame dhiibbaa tokkoo fi tokkoo ol geessisuu ni danda’a. •Fkf., ka’umsi sodaa tokkoo: • bakka pirojektiin tokko itti hojjetamu gahanii jalqabuuf eeyyama hojii argachuu dhabuu ykn • humni namaa (ogeessi) dizaayinii qopheessuu dhibuu ni danda’a. • Rakkoon kun immoo: • lafarra harkifannaa, • daballii baasii, • hanqina qulqullina raawwii pirojektichaa fi kkf akka uumamu taasisuu ni danda’a.
  • 44. Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe •Taateewwan rakkoo pirojektii tokkoof sababa ta’an hedduu yoo ta’an isaan keessaa: Haala bulchiinsa isaa irratti muuxxannoon gahaan dhabamuu, Sirni bulchiinsa qindaa’aa dhibuu (lack of integrated management systems), Wantoota wal-maddii raawwataman raawwachuu dadhabuu fi Eeggatummaa qaama alaa (dependency on external participants who are outside the project’s direct control) ta’uu ni danda’a.
  • 45. Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe •Pirojektii kamiyyuu keessatti sodaan hin tilmaamamne ykn hin yaadamne qunnamuu waan danda’uuf: •Xiinxala keessatti adda baasuu, •Kanneen adda bahan hambisuu ykn xiqqeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban dursanii karoorsuun barbaachisaa dha
  • 46. Xiinxala Sodaawwanii kan itti fufe • Kanaafuu, pirojektii tokko milkeessuuf qaamni pirojekticha hojjetu of-kennee bulchiinsa balaa sodaa (risk management) irratti haala walirraa hin cinneen dursee itti qophaa’ee (proactively) fala itti kennaa deemuu qaba.
  • 47. Xiinxla Deebii Sodaa (Risk Responses Analysis) • Xiinxalli deebii sodaa sirna filannoowwanii fi tarkaanfilee miidhaawwan dhufuu danda’an xiqqeessuun galma gahiinsa pirojektii dhugoomsuuf gaggeeffamudha. • Tarsiimoowwan miidhaa sodaan uumuu danda’u ittiin to’ataman keessaa: Dhabamsiisuu (Avoid) Dabarsuu (Transfer) Dhiibbaa xiqqeessuu (Mitigate) Fudhachuu (Accept)
  • 48. Dhabamsiisuu (Avoid) •Tarsiimoon kun sodaan miidhaa fiduu danda’u akka hin mul’annee ykn miidhaa akka hin geessisne gochuudha. •Fkf., kaayyoo pirojektichaa dhimma kanaaf saaxilamaa ta’e jijjiiruu: yeroo pirojektichaa dheeressuu (extending the schedule), tarsiimoo raawwii jijjiiruu, ykn daangaa isaa xiqqeessuu (reducing scope), pirojekticha hambisuu fi kkf ta’uu ni danda’a
  • 49. Dabarsuu (Transfer) • Tarsiimoon kun tarsiimoo miidhaa sodaan fiduu danda’u qaama sadaffaatti dabarsuuti. Falli kennamus dirqama qaama sadaffaa ta’a. Sodaa kana dabarsuu jechuun qaamni sadaffaan itti gaafatamumma akka fudhatee fala itti kennuuf malee hin hafa jechuu miti • Fkf., •inshuraansiitti fayyadamuu, •sanada wabii (performance bond) qabsiisuu, •abdii kennuu (guarantees/warranties) kkf ta’a.
  • 50. Dhiibbaa xiqqeessuu (Mitigate)  kuni tarsiimoo sodaa ta’uuf malu ykn dhiibbaa sodaan fidu xiqqeessuu irratti kan xiyyeeffatudha.  Innis, dhiibbaan pirojekticha irratti dhufuu danda’u sadarkaa isa xiqqaa ykn kan ka’umsaa (threshold limit) ol akka hin taane gochuu dha.  Fkf.:  Waanta adeemsa walxaxaa xiqqaa qabu fudhachuu (adopting less complex processes)  Yaalii baay’ee gaggeessuu (conducting more tests)  Dhiyeessaa bu’uura cimaa qabu (stable supplier) filachuu fi kkf.
  • 51. Fudhachuu (Accept)  Yammuu sodaa uumamuu malu tilmaamuun adda baasuun itti qophaa’uun hin danda’amnetti waan dhufu fudhachuuf qophaa’anii eeguudha  Tarsiimoon kun sodaa dhufuu danda’u adda baasuun gatii guddaa kan gaafatuu fi haalli biroo ittiin midhaa uumamu hambisan/ xiqqeessan hin jiru yoo ta’e qofadha kan filatamu.  Tarsiimoo akkasii baratame keessaa inni tokko yeroo fi baajata dabalataa qabachuu ilaallata.
  • 52. Sodaa kan itti fufe •Akka waliigalatti, karoorrii deebii sodaa: sodaawwan pirojektoota keenya qunnamuu danda’anii fi sadarkaa dhiibbaa uumuu danda’an waliin yeruma qorannoon gaggeeffamu adda bahanii taa’uu qabu tarkaanfiin ta’uu malus karoorfamuu qaba. Kanaafuu, qaamoleen pirojektoota qopheffatan qorannoo ogummaa irratti hundaa’e gaggeessuun sodaawwan uumamuu danda’an, sadarkaa dhiibbaa isaaniin uumamuu fi tarkaanfii fudhatamuu malu haala ifa ta’een dokumantii pirojektoota isaanii keessatti agarsiisuun kaa’uu qabu.
  • 53. 2.2.8. Ittifufiinsa pirojeektii •Tajaajila itti fufiinsaa qabaachuun kan ittiin ilaalamu: a) Investimentiin irratti dhangala’u hanga danda’ametti gadi aanaa ta’uu qaba b) Ogummaa naannootti argamutti madaquu kan danda’u (adaptability to local skills); c) Meeshaalee naannootti argamu kan fayyadamuu danda’u (use of local raw materials); d) Carraa hojii uumuu kan danda’u;
  • 54. e) Naannoo wajjiin kan wal simatu (environmental harmony) f) Oomisha walirraa hin cinne kan argamsiisu (continuity of production) g) Walqixummaa koorniyaa gidugaleessa kan godhate (gender balance) h) Bu’aan irraa argamu fedhii hawaasaa giddu-galeessa kan godhate ta’uu. Xiinxala…
  • 55. Qabiyyee Karoora Pirojektichaa Seensa Haala Waliigalaa raawwii bara bara 2014 Karoora Pirojektii Bara 2015 Baajata Kaappitaalaaqabame MH tiin Ibsa gosoota Pirojektii hojjetamuuf karoorfamanii (profile) Pirojektoota Ongoing tahan tareessuu Fayyadamtoota pirojektichaa Yeroo Pirojektichaaf kenname Bulchinsa Waliigaltee Sirna deeggarsaa fi hordoffii (Qulqullina) Gamaaggamaafi Madaallii Duub-deebii Sagantaa Raawwii (Action Plan)
  • 56. Karoora pirojektii tokko yeroo qophaa’uu Rakkoo Bulchinsa gaarii Sadarkaa Aanaalee/Bulchinsa gaarii adda baasuu,, Rakkoon Bulchinsa gaarii duursa argachuu qabuu tartiibaa fi yeroo itti deebii argatuu qabuun adda baasuu Karoorri Yaada fi fedhii ummataa jiddu galeessa godhachuu dhabuu,,, Karoorri Pirojektii yeroo karoorfamu,hawaasa naannoo gammoojjii fi fageenya irra jiraniif duursa kennu dha.
  • 57. Karoora itti fufa…… Iddoon hojii ijaarsaa itti ijaaramu qabu duursee qophaa’uu qaba, Design fi Specification iddoo ijaarsaaf qophaa’uu irratti hojjechuu, Design fi Specification guutuu ta’uu sirritti xiinxaluu Pirojektiin hojjetamuuf yaadame rakkoo BG ummataa furuu fi dhiisuu isaa mirkanneessuu,,, Karoorri Pirojektii akkuma baajataa MM tiif dhihaatee mirkannaa’uu qaba.
  • 58. Adeemsa Baajanni Pirojektii itti qabamu  Pirojektii Buleeyyiif duursii kennamuu qaba.  Gaafiin Baajata Pirojektii Karoorfamee Design fi Specification fi iddoo ijaarsaa (seera qabeessa) waliin dhihaachuu qaba.  Baajanni pirojektii kamuu Tilmaamaan qabamuu hin qabu Ogeessi qorannoo gabaa hojii ijaarsaa bara itti aanuu qabaachuu qaba Gabaa irratti hundaa’ee Shalaggii Baasii projektiif qabamu qabu dhiheessu qaba, Baajanni shalaggii ogeessa kana irra dhaabbate