SlideShare a Scribd company logo
1 of 44
FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO OROMIYAA
Seensa
 Guddina itti fufinsa qabu (sustainable development) mirkaneessuu fi
hiyyuummaa xiqqeessuun hojii ijoo biyyoota guddachaa jiranii
keessatuu kan biyya keenyaati. Hojii misooma kanneen keesssaas
hojiin bu’uraalee misooma babal’isuun isa ol’aanaa fi misooma biraa
gaggeessuuf murteessa akka ta’e dhugaa lafara jiru dha.
 Kanaafuu,daandiin calqaba misooma kamiyyuu keessatti akka hidda
dhiigaatti waan ilaallamuuf misoomni daandii, haaromsa, guddinaa fi
dagaagina hawaas-dinagdee biyyaatiif bu’uura ijoo dha.
ITTI FUFA…
 Kanarraa ka’uun, Daandiwwan Mootummaa
Naannoo keenyaan baasiin guddaan itti bahee hojjetaman yeroo
yeroon suphuu, fooyyessuu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuun
yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda’an taasisuun
barbaachisaa waan ta’eef; hojiiwwan kanneen humna mootummaa
qofaan raawwachuun kan hin danda’amne waan ta’eef fandii
daandii hundeessuun maddi faayinaansii dhaabbataa akka
qabaatuuf Labsii Lakk.224/2012 fi Dambii labsichaa Lakk.223/2013
Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa labsamuun isaa ni beekama.
DAANGAA RAAWWATIINSAA
 Labsiin kun daandiiwwan cirrachaa hojjatamanii ijaarsi
isaanii xumuramee wal-harkaa fuudhinsi raawwatamee fi
riqaalee sarara daandiiwwanii kanaa irratti raawwatiinsa ni
qabaata.
Kaayyoon Fandii Daandii Kun:-
 Daandiiwwan cirrachaa naannichaa suphuu,
fooyyessuu,bulchuu fi nageenyummaa isaanii
mirkaneessuuf baasiiwwan barbaachisan uwwisuudha.
MADDOONNI GALII FANDICHAA:-
1.Baajata Kaapitaalaa Mootummaan bara baraan BDLO’f
ramadamurraa; (Min.20%)
2. Kaffaltiiwwan gurgurtaa fi tajaajilaa adda addaa :-
A. Oomisha Qonnaa gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif
dhiyaatu; miiltoo 1ffaa
B. Oomisha albuuda ijaarsaa, industirii, albuuda kabajamoo
gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif dhiyaatuu fi albuuda
seeraan ala osoo socho’u dhaalamee gurguramu irraa,
miiltoo 2ffaa
ITTI FUFA…
C. Oomisha bosonaa gurgurtaaf dhiyaatu irraa; miiltoo 3ffaa
D.Kaffaltii taarifa daandii irraa; fi
E. Galiiwwan adda addaa dhimmoota geejjibaan walqabatan irraa; miiltoo
4ffaa
3. Kaffaltii hirmaannaa ummataan taasifamu irraa;
4.Kaffaltii dhaabbilee faayinaansii naannicha keessa jiran irraa argamuu fi
kennaawwan adda addaa irraa;
5.Maddoota galii dabalataa Boordiin murteessu irraa.
HAALA SASSAABBII GALII FANDICHAA
 Galiin Fandichaa kan sassaabamu nagahee seektarootni galii
sassaaban koodii ittiin sassaabaniin sassaabama.”Roads
Fund”- 5615
 Lakkoofsi herrega baankii Fandichaa karaa BMO
banameera.
 Qaamni galii kana sassaabbuu maallaqa Fandichaa akkaataa
Labsii kanaatiin maddoota galii adda addaa irraa walitti qabe
lakkoofsa herrega addaa baname keessatti galii gochuu
qaba.
QAAMA GALII SASSAABUU FI GALII TAASISU
Biiroo Maallaqaa Oromiyaa:-
 Baajata Kaapitaalaa M.N.O bara baraan BDLO’f sadarka
naannootti rammadamurraa; (Min.20%) ni qoodamaaf
ATAO fi caasaan isaa sadarkaa sadarkaan jiru kaffaltii
gurgurtaa Oomisha albuudaa fi Albuuda seeraan ala osoo
socho’u dhaalamee gurguramu irraa argamu yeroo yeroon
walitti qabee galii ni taasisu.
EGeO fi caasaan isaa sadarkaan jiru dhimmoota geejjibaan
walqabatan kanneen biroo irraa argamu walitti qabee dhuma
ji’aa irratti galii ni taasisu.
ITTI FUFA...
BGO fi caasaan isaa sadarkaan jiru kaffaltii haaromsa
hayyamaa fi gurgurtaa oomisha qonnaa fi kaffaltii hirmaannaa
ummata irraa argamu sassaabee galii ni taasisu
Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa kaffaltii bosona
irraa argamu sassaabee herregaa Fandichaaf banamu
keessatti galii ni taasisu.
ATENO fi caasaan isaa sadarkaan jiru, bu’aa bosonarra
argamuu lakkoofsa herregaa Fandichaaf banamu keessatti
galii akka godhan ni taasisu.
ITTI FUFA....
BDLO fi caasaan isaa sadarkaan jiru, kennaawwan
qaamolee adda addaa irraa argamu lakkoofsa herregaa
Fandichaaf banamu keessatti galii akka godhan ni taasisa.
Hub:-
Qaamni maallaqa herrega addaa baankii Fandiitti galii taasise
jiini dhumee yeroo guyyaa kudha shan hin caalle keessatti
galii argame ilaalchisee Boordiif gabaasa dhiyeessuu qaba. .
HAALA GALIIN SASSAABAME BAASII ITTI TA’U
 Herrega Fandii irraa maallaqni bahii ta’ee kan kaffalamu
bu’uura sagantaa hojii waggaa Boordiin raggaasiiseen
hojiiwwaan raawwatamaniif, meeshaalee bitamanii fi
tajaajiloota kennamaniif yoo ta’u, kaffaltiin isaas bu’uura
Qajeelfama lakk.01/2014 baheen raawwatama.
QAAMOLEE BULCHIINSA FANDICHAA
 Boordii Fandii Daandii sadarkaa Naannootti hundaa’ee jiru.
 Sirni walgahii idilee boordichaa ji’a sadiiti yeroo tokko
ta’a.(kurmanaan)
 Itti waamamni Boordichaa Pirezidaantii Mootummaa
Naannootiif ta’a.
AANGOO FI HOJII BOORDII NAANNOO
1.Fandicha ni to’ata; ni bulcha;
2.Dhimmoota imaammata daandii suphuu,fooyyessuu,
nageenyummaa isaa mirkaneessuu fi Fandicha waliin wal-
qabatan irratti mootummaa ni gorsa,
3.Hanga maallaqaa maddoota galii Labsii kana keessatti
tarreeffaman irraa sassaabamu qoratee Mana Maree
Bulchiinsaatiif ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra akka
oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni to’ata;
4.Maddoota galii dabalataa Fandichaaf barbaachisuu fi
sadarkaawwan taarifaa qoratee Mana Maree Bulchiinsaatiif
nidhiyeessa;yammuumirkanaa’uhojiirraakka oolu ni taasisa
ITTI FUFA…
5.Haala Fandichi itti walitti qabamu, maallaqni Fandichaa bahii
itti ta’uu fi kaffaltiin itti raawwatamu ni murteessa; Qajeelfama
ni baasa;
6.Galiiwwaan Fandichaa yeroon walitti qabamuu fi lakkoofsa
herrega addaa Fandichaatti galii ta’uu isaanii ni mirkaneessa;
bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka
fudhatamu ni taasisa;
7. Karoora waggaa hojiiwwan Fandichaan raawwataman ni
gamaaggama; ni raggaasisa; akkaataa karooraatiin maallaqa
Fandichaa ni qooda; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
ITTI FUFA…
8. Hojiiwwan Fandichaan raawwataman ilaalchisee gabaasa
BDLO irraa dhiyaatuuf ni gamaaggama; itti fayyadama
Fandichaa ilaachisee odiitiin teekinikaa fi faayinaansii akka
taasifamu ni ajaja; bu’a odiitii irratti hundaa’uun tarkaaffii
barbaachisaan akka fudhatamu ni taasisa;
9. Wal-qunnamtii hojii Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaa
fi Aanaa ni taasisa; karooraa fi raawwii hojii isaanii ni
gamaaggama; kallattii ni kaa’a
HUNDEEFFAMA BOORDII GORSITOOTAA
 Boordiin Gorsitootaa milkaa’ina hojii Fandii daandiitiif hojjetu
sadarkaa Godinaa fi Aanaatti hundeeffamee jira.
HUNDEEFFAMAA MISEENSOTA BOORDII
7.1.Boordiin Sadarkaa Naannoo Miseensota (11) ni qabaata:-
1.Sad.I/A Pirezidaantiitti Hoogganaa K/Misooma Baadiyaa------Walitti qabaa;
2.Hoogganaa Biiroo Qonnaa ;
3.Hoogganaa Biiroo Daldaalaa;
4.Hoogganaa Biiroo Maallaqaa ;
5.Hoogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii;
6. Hoogganaa Biiroo Galiiwwaanii;
7.Itti Gaafatamaa Ejensii Geejjibaa;
8.Daayirektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa;
9.Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo;
10.Bakka bu’aa Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Naannootti jiran, fi
11. Hoogganaa Biiroo Daandiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa—barreessaa fi miseensa
 Itti waamamni Boordii Sadarkaa Naannoo Pirezidaantii Mootummaa Naannichaatiif ta’a.
AANGOO FI HOJII BOORDII GORSITOOTAA SADARKAA GODINAA
Boordiin Gorsitootaa Godinaa aangoo fi hojii armaan gadii ni
qabaata:
1.Dhimmoota daandii suphuu, fooyyessuu, nageenyummaa
isaa mirkaneessuu fi fandicha waliin walqabatan irratti
Godinicha ni gorsa;
2.Maddoota galii dabalataa Fandichaaf barbaachisuu
ilaalchisee yaada ni burqisiisa; boordiif ni dhiyeessa;
ITTI FUFA…
3.Godinichaatti hojmaatni galiin Fandichaa itti walitti qabamu
akka diriiru ni taasisa; haala ni mijeessa; qaamoleen galii
sassaaban hojmaata ifa ta’e akka diriirsanii fi haala akka
mijeessan ni taasisa; ni hordofa;
4.Galiiwwaan Fandichaa yeroon walitti qabamuu fi lakkoofsa
herrega addaa baankii Fandichaatti galii ta’uu isaanii ni
mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
ITTI FUFA…
5.Godinichaatti karoora waggaa hojiiwwan Fandichaan
raawwataman ni gamaaggama; ni raggaasisa; raawwii isaa ni
hordofa; ni to’ata;
6.Hojiiwwan Fandichaan raawwataman ilaalchisee gabaasa
caasaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii sadarkaa
Godinaatti jiru irraa dhiyaatuuf ni gamaaggama; bakka
hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka
fudhatamu ni taasisa;
7.Hojiiwwan biroo kaayyoo fandichaaf barbaachisan ni
raawwata.
BOORDIIN GORSITOOTAA SADARKAA GODINAA MISEENSOTA (10) NI QABAATA:-
1.Bulchaa -------------------------------------------------------Walitti qabaa;
2.Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa ;
3.Ittigaafatamaa Waajjira Daldaalaa;
4.Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa;
5.Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii;
6.Ittigaafatamaa Waajjira Galiiwwaanii;
7.Ittigaafatamaa Ejensii Geejjibaa;
8.Ittigaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa;
9.Bakka bu’oota Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Godinaatti jiran, fi
10.Ittigaafatamaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii—barreessaa fi
miseensa.
 Itti waamamni Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaa Bulchaa
Godinichaatiif ta’a.
BOORDIIN GORSITOOTAA SADARKAA AANAA MISEENSOTA (10) NI QABAATA
1.Bulchaa Aanaa -----------------------------------------------Walitti qabaa;
2.Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa;
3.Ittigaafatamaa Waajjira Daldaalaa;
4.Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa;
5.Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii;
6.Ittigaafatamaa Waajjira Galiiwwaanii;
7.Ittigaafatamaa Ejensii Geejjibaa;
8.Ittigaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa;
9.Bakka bu’oota Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Aanaatti jiran, fi
10.Ittigaafatamaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii-----barreessaa fi
miseensa.
 Itti waamamni Boordii Gorsitootaa sadarkaa Aanaa Bulchaa
Aanichaatiif ta’a.
AANGOO FI HOJII BDLO
1.Murtiiwwaan Boordii fi seerota Fandichaan wal-qabatan
hojiirra ni oolcha; hojiirra ooluu isaa ni mirkaneessa;
2. Qaboowwan yaa’ii fi galmeewwan walgahii Boordii sirnaan
ni qaba;
3.Karooraa hojiiwwan Fandichaan raawwataman
qopheessuun Boordiif ni dhiyeessa; yeroo ragga’u hojiirra ni
oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
ITTI FUFA…
4.Gabaasa raawwii hojii Fandichaan raawwataman boordiif ni
dhiyeessa;
5. Maallaqni Fandichaaf galii ta’uu qabu hundi yeroon herrega
fandichaatti galii ta’uu isaa ni hordofa; bakka hanqinni jirutti
tarkaaffiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa;
6.Ibsituuwwan/financial statements/herrega Fandii
qopheessee boordiif ni dhiyeessa;
7.Herrega Fandichaa fi galmee ni qaba;
ITTI FUFA…
8.Daandii suphuun, fooyyessuu fi nageenyummaa isaa
mirkaneessuun faayidaa fayyadamtootaa fi hawaasaaf
argamsiisu hubachiisuuf hojiiwwaan sab-qunnamtii ummataa ni
hojjeta; maxxansaalee adda addaas ni qopheessa; ni raabsa;
9. Raawwii hojii Fandichaatiif caasaa humna namaafi baajata
barbaachisu akka rammadamu ni taasisa;ni bulcha;
10.Hojiiwwan biroo boordiin kennamuuf ni raawwata.
SIRNA ODIITII
 Herregni Fandichaa Mana Hojii Odiitara Muummichaa
Oromiyaa ykn Odiitara alaa Manni Hojii Oditara Muummichaa
ykn Boordiin bakka buuseen qoratamuu ni danda’a.
 Herregichi kan qoratamu akka biyyaatti sirnaa fi hojiiwwan
qorannoo herrega fudhatamummaa qabuun ta’ee, gabaasni
odiitii Boordiif ni dhiyaata.
 Akkaataa barbaachisummaa isaatti hojiiwwan Fandichaan
raawwataman irratti qorannoon teekinikaa (diitii raawwii) fi
faayinaansii ni raawwatama.
 Biiroon hojii guyyaa guyyaa ilaalchisee odiitara keessaatiin
odiitii akka ta’u ni taasisa; argannoo isaa kurmaana/waggaatti
boordiif gabaasa ni dhiyeessa.
QAJEELFAMA FANDII DAANDIIWWAN N.O LAKK.01/2014
QAJEELFAMA FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO OROMIYAA MURTEESSUUF BAHE LAKK.01/2014
1.Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun“Qajeelfama Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa
Lakk.-01/2014” jedhame waamamuu ni danda'a.
2.Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, qajeelfama
kana keessatti:
1)“Biiroo” jechuun Biiroo Daandiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa jechuudha.
2)“Boordii” jechuun Boordii Fandii Daandii akkaataa Labsichaa Keewwata 11
tiin hundaa’e jechuudha.
3)“Boordii Gorsitootaa”jechuun Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaafi
Aanaatti bu’uura Labsichaa Keewwata 14 tiin hundeeffame jechuudha.
4)“Daandii”jechuun daandii cirrachaa ijaarsi isaa xumuramee wal-harkaa
fuudhinsi isaa raawwatame kamiyyuu ta’ee, riqicha daandicha irratti ijaarame
kan dabalatu dha.
ITTI FUFA…
5)“Dambii”jechuun Dambii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa
Lakkoofsa 223/2013 jechuudha.
6)“Fandii” jechuun Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa bu’uura
Labsichaa keewwata 5 tiin hundeeffame jechuudha.
7)“Fayyadamtoota Daandii” jechuun abbaa qabeenyaa konkolaataa
yookiin nama itti fayyadamaa geejjiba daandii ta’e kamiiyyuu
jechuudha.
8)“Hanga Kaffaltii Gurgurtaa Irraa Dhibbeentaan” jechuun hanga
kaffaltii fandii daandiitiif waan gurgurame irraa dhibbeentaan
herregamu jechuu dha.
9)“Hanga Kaffaltii Tajaajila irratti Dabalamu Dhibbeentaan” jechuun
hanga kaffaltii fandii daandiitiif dhimoota tajaajila geejjibaa waliin kan
walqabatan irratti dabalamuu jechuu dha.
ITTI FUFA…
10) “Gurmaa’iinsa herregaa yookiin Gulantaa Herregaa” jechuun gulantaa
herregaa karaa Biiroo maallaqaa Oromiyaatiin beekamu, akka naannoo Oromiyaatti
hojiirra jiru dha.
11)“Kaffalti Taarifa Daandii Irraa” jechuun kaffaltii itti fayadamtootni daandii irra
deedeebi’an kaffaluun itti fayyadaman jechuudha.
12)“Konkolaataa” jechuun konkolaataa humna makaanikaalaa yookiin
eleektirikaalaatiin socho’u kanneen akka konkolaataa fe’umsa deddeebisu,
konkolaataa ummata deddeebisu, konkolataa dhuunfaa manaa, konkolaataa wal-
harkisu yookiin motorsaayikiloota maqaa konkolaataa jedhuun waamaman ta’ee, gaarii
beeyiladaan harkifamuus ni dabalata.
13)“Labsii”jechuun Labsii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa jechuudha.
14)“Nama”jechuun nama uumamaa yookiin qaama seeraan mirgi namummaa
kennameef jechuudha.
3.Ibsa Koornayaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni
4.DAANGAA RAAWWATIINSAA
Qajeelfamni kun daandiiwwan cirrachaa naannichaafi riqaalee sarara daandii sana
irratti argaman suphuu, Suphisiisuu, fooyyeessuu, bulchuufi nageenyummaa
isaanii mirkaneessuuf akkasumas haala sassaabbii galii fandichaa, qaama galii
sassaabuufi galii taasisuu, fi haala galiin sassaabame baasii itti ta’u hundumaa
irratti rawwaatinsa ni qabaata.
Sirna Bulchiinsa Galiifi Baasii Fandichaa
5. Baajata Fandichaa
Tokkoon tokkoo baajata Fandichaa kan waggaa Boordiin kan hayyamamu ta’a.
6. Karoora Baajata Fandichaa
1.Biiroon karoora baajata Fandii waggaa qopheessuun Boordiif dhiyyeessuu qaba.
2.Karoorri baajata Fandichaa itti fufinsaan:
a.Tilmaamaa maddoota galii ijoo waggaa waggaadhaan sassaabamee addaan
baasuu;
ITTI FUFA…
b.Sagantaa hojii suphaafi nageenya daandii eeguufi hojiiwwaan ijoo isaaniin walitti hidhatinsa
qaban hunda hammachuu;
c.Tilmaamaa hanga mallaqaa Fandii bara baajata keessatti sassaabamuu danda’a jedhamanii
yaadaman hammachuu;
d.Sagantaa hojii ijoo addaan baasuun tilmaamaa baasii bara baajataa hamachiisuu qaba.
7. Qajeeltoowwan Hojiirra Oolmaa Baajataa
1.Qooddiin baajata waggaa Boordiidhaan mirkanaa’e Biiroof hanga Adoolessa15tti, caasaa
Biirichaa immoo hanga Adoolessaa 30tti akka beekan ta’ee:
a.Qoodiin baajataa kun Godinaalee/Aanaaleedhaaf toorota/sararoota daandiitiif koodiin kan itti
kennamuun qooddamu ta’a,
b.Qooddiin baajataa akkaataa miidhama daandiitiin wal-duraa duubaan dursi kenamee
baajatni kan itti qabamu ta’a,
c.Godinaalee/Aanaalee maddoota galii adda addaa irraa sassaabuun akkaataa qabatamaa
naannoo isaaniitiin karoora isaanii galmaan ga’an, suphaan daandii akka geggeeffamuuf
boordiin dursa kenuuf ni dandaa’a.
ITTI FUFA…
2.Baajata waggaa qabame irraa baajatni of eeggannoo hangi
isaa Boordiin murtaa’u qabamuu qaba.
3.Akkaataa barbaachisummaa isaa irratti hundaa’uun Boordiin
yemmuu murtaa’u, baajata sagantaa hojii tokkoof qabame
gara sagaantaa hojii birootti jijjiiruun ni dandaa’ama.
4.Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti tumame
jiraatus, baajata Fandichaa sagantaalee kaayyoo
fandichaatiin ala ta’an irratti jijjiiruun dhorkaa dha.
5.Hojiiwwan suphaa daandii bara baajata darbanitti
hayyamameefi baajatni qabamee hojichi osoo hin
xumuraamiin hafan xumuruuf Boordiin baajata dabalataa
ITTI FUFA…
7.Keewwata Kana keewwata xiqqaa 1-6 tti kan tumame akkuma
jirutti ta’ee, Boordiin baajata of eeggannoof qabame irraa baajata
dabalataa suphaa daandii Fandichaan raawwatamuuf hayyamuu
kan danda’u:
a.Hojichi baay’ee baarbaachisaa ta’uun isaa yoo itti amaname;
b.Hojichi yeroo karoorri sagantaa hojii bara baajataa mirkanaa’u kan
hin mul’annee yoo ta’e;
c.Hojii ariifaachisaa baajata dabalataa gaafatu ta’ee yoo argame;
yookiin
d.Bara baajataa darbe meeshaa bittamee yookiin hojii hojjetamee
osoo hin kaffalamiin hafuun isaa yoo mirkanaa’e ta’a.
8.Dhuma bara baajata waggaa irratti Lakkoofsa Herregaa
Fandichaa irratti hafteen baajataa hojii irra osoo hin ooliin hafu
ITTI FUFA…
9.Boordiin fandii daandii baajata waggaa sababa adda
addaatiin jalqaba bara bajataa irratti osoo hin mirkaaneessiin
yoo ture:
(a)Gaaffii BDL dhiyeessu bu’uura godhachuun walitti qabaan
Boordii hanga 20% bajata bara baajataa darbee bu’uura
godhachuun akka kaffaltii dursatti hojii irra akka ooluu murtee
dabarsuu ni danda’a,
(b) Keewwata xiqqaa (a) jalatti kan tumame akkuma jirutti
ta’ee, baajatni hojii irra oole yeroo baajata waaggaa boordiin
mirkaneessu hir’ifamee hanga kurmaana saddafaatti kan
deebi’u ta’a.
ITTI FUFA…
8. Yeroo Jijjirraa Sagaantaa Hojii yookiin Karoora Faayinaansii
Foyyeessuu Itti Dhiyaatu
1.Karoora hojii fiziikaalaa yookiin karoora faayinaansii foyyeessuun
kan danda’amu akkaataa seera faayinaansii mootummaa naannoo
oromiyaatiin kan raawwatamu ta’a.
2.Jijjiirraan sagaantaa hojii taasifamuu yookiin jijjiirraan baajataa
gaafatamuun dura baajatni gahaan jiraachuu mirkaaneffachuun
barbaachisaa dha.
3.Jijjiirraa(fooyya’insa)sagaantaa hojii yookiin karoora faayinaansii
keessummeessuun kan danda’amu karoora hojii qabamee fi rawwii
hojiiwwan hojjetaman kan fiizikaalaafi faayinaansii waliin wal madaalu
fi waayitaawaa ta’e yoo dhiyaate qofaa dha.
4.Karoorri hojii fiziikaalaa yookiin karoorri faayinaansii jijjiiramuu kan
9. TOOFTAA TO’ANNOOFI HORDOFFII BAAJATA DIRIIRSUU
Biiroon tooftaa to’annoo fi hordoffii baajata Fandichaa kanneen
armaan gadii diriirsuu qaba:
1.Kaardii (leejera) to’aannoo baajataa jiraachuu qaba;
2.Kaardiin (leejerri) to’aannoo baajataa fandii daandii kun galii,
baasiifi haftee baajataa hojii irra hin ooliin kan agarsiisuu ta’uu
qaba.
10. Galii Albuuda Seeraan Ala Osoo Socho’uu Dhaalame fi
Sookoo irraa argamuu.
1)Biiroon, Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa waliin
ta’uun namoota naannicha irraa albuuda sookoo baasuun
gurgurtaaf Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti geejjibisiisan
yookiin dhiyeessan irraa dhibbeentaan Fandichaaf galii ta’uu qabu
sassaabamee Lakkoofsa herreega addaa Baankii Fandichaatti galii
ITTI FUFA…
2) Albuuda seeraan ala osoo socho’uu dhaalame irraa galiin
argamu,dhibbeentaan Daambii miiltoo 2ffaa keessa taa’ee
jiruun mootummaaf galii ta’uu qabu Lakkoofsa herreega
addaa Baankii Fandichaatti galii akka ta’uu, koreen caal-
baasii gurgurtaa albuuda seeraan ala osoo socho’uu qabame
yeroo gurguramuu hojii suphaa daandii Godina/Aanaa
sanaatiif kan oolu ta’uu isaa hubachuun Caasaan Biiroo
daandiwwanii fi loojistiksii fi Abbaan Taayitaa Misooma
Albuudaa sadarkaa sadarkaan jiru akkatuma angoo fi gahee
hojii dambii keessatti ibsamee jiruun Lakkoofsa herreega
addaa Baankii Fandichaatti akka galii taasisan ta’ee, raawwii
11. KAFFALTII TAARIFA DAANDII IRRAA FI GALII KENNAAWWAN ADDA ADDAA IRRAA ARGAMU.
1) Caasaan Biiroo fi Ejjensiin Geejjibaa Oromiyaa sadarkaa
sadarkaan jiru kaffaltiin taarifa daandii irraa argamu
konkolaattoota mootummaa fi dhuunfaa daandiiwwan
cirrachaa naannoo keenyaa kamiyyuu irra deedeebi’anii fi
humnaa ol fee’anii manca’insa daandii taasisaniif hanga
kaffaltii maallaqaa tajaajilaaf sassaabamu akkaataa gabatee
armaan gaditti ibsameen kaffaltii tajaajilaa sassaabuun
lakkoofsa herreega addaa Baankii fandichaatti galii ni
taasisu. ..Tarifa daandirraa.docx
ITTI FUFA…
2)Konkolaataan tokko sarara daandii nannoo oromiyaa tokko irra yeroo deedeebi’uu kaffaltiin raawwatu
nagahee tokkoon si’a tokko qofaaf kan tajaajilamu ta’ee:-
(a) Kaffaltiin taarifa daandii irraa kan raawwatamu yeroo konkolataan daandii irra deemu irratti
ta’ee,Godina/Aanaa tokko irraa gara Godina/Aanaa birootti sarara daandii naannoo keenyaa irra deemuun
toorota daandii tokkoo ol seena yoo ta’e nagahee kaffaltii tokkoon akka darbu ta’ee, qaamni taarifa kana
hordoffuu nagaheetti mallattoo addaa itti gochuu qaba.
(b) Kaaffaltiin si’a tokkoo sarara daandii tokkoof tajaajiluu kan danda’u marsaa tokko qofaaf ta’a.
(c)Hangi kaffaltii taarifa daandii kun konkolaattootni midhaa isaan daandii naannoo keenyaa irraan gahaa
jiraan bu’uura godhachuun kan murtaa’e dha.
4) Konkolaattootaa balaa tasaa waliin wal-qabateen deeman, kanneen akka balaa
ibidaa,ambulaansoota,hojii hariifachiisaa/mudannoo tasaaf konkolaattoota,kora bitineessaa,rayya ittisa
biyyaa,”Communication/mass media,crane, mobile workshop, mobile home,forklift,rader,power house,
polisii/police patrol fi qaamota nageenyaa eegisisuuf deeman kaffaltii taarifa daandii kana irra bilisa dha.
ITTI FUFA..
5.Caasaan BDLO sadarkaa sadarkaan jiru galii kaffaltii
dhaabbilee faayinaansii naannicha keessa jiran irraa argamuu
fi kennaawwan adda addaa irraa argamuu fedhii isaaniitiin
fandichaaf deeggarsa akka taasisu yookiin kennaawwan adda
addaa akka kennan ni kakaasa; sirna deeggarsii fi
kennaawwan adda addaa itti walitti qabaman ni diriirsa;
deeggarsa yookiin kennaawwan taasifaman walitti
qabeelakkoofsa herreega addaa baankii fandichaatti galii ni
taasisa; gabaasa raawwii isaa boordii sadarkaa sadarkaan
jiruuf ni dhiyeessa.
12. HAALA GALIIN FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO SASSAABAME BAASII ITTI TA’U
Maallaqni bahii ta’ee kan kaffalamu:-
 Seerota bittaafi faayinaansii Mootummaa Naannichaa hordofuun bu’uura
sagantaa hojii waggaa Boordiin raggaasiiseen,
1.Hojiiwwaan suphaa daandii raawwatamaniif,
2.Meeshaalee bittamanii fi
3.Tajaajiloota kennamaniif yoo ta’u, kaffaltiin isaas gulantaaleen herregaa
baasii bu’uura karooraafi sagantaa hojii waggaa boordiin raggaassisseen
hojiiwwan raawwatamaniif;
.Meeshaalee bittamaniifi tajaajiloota kennamaniif gulantaalee heerrega
baajata idileefi kaapitaalaa yeroo ammaa akka naannichaaatii hojii irra jirun
kan hojii irra oolu ta’ee, hojiin hojjetame erga ragaan kaffaltii hojii
hojjetamee ogeessaan mirkanaa’ee qofa ta’a.
ITTI FUFA…
3.Ragaan kaffaltii yeroo dhiyaatu kan baajata kaapitaalaa
mootummaa naannoo keenyaan Biirootiif waggaa waggaan
rammadamu irraa dhibbeentaa fandii kanaaf kennamuufi baasiin
maddoota galii biroo adda ba’ee dhiyaachuu qaba.
4.Baasiin Fandichaa cheekiin, bifa kaffaltii xixiqqoo (petty cash)n,
xalayaa dabarsa baankiin, barbaachisaa ta’ee yoo argame tajaajila
baankii seera qabeessa ta’een kaffaltiin mallaaqa lakkoofsa herrega
baankii fandii irraa kallattiin hir’ifamee kaffalamuu ni danda’a.
5.Baajatni Fandichaa socho’uu kan danda’u Hooggantoota birichaa
dhimmi ilaaluun ta’a.
6.Lakkoofsa herrega baankii addaa Fandichaa kan banamee jiru
akkuma jirutti ta’ee, akkataa barbaachisumaa isaatti dabalataan
baankii birootti yookiin lakkoofsa herregaa biroo gaaffii Biirootiin
karaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa banuun ni dandaa’ama.
13. HOJII IRRA OOLMAA BAAJATA FANDICHAA
Baajatni Fandichaa Seerota faayinaansii fi seerota bittaa
Naannoo fi Biyyaalessa rogummaa qaban hordofuun hojiirra
kan oolu ta’uun akkuma jirutti ta’ee, Biiroon baajata Fandii
kana hojii irra oolchuuf karoora Boordiin mirkanesse irratti
hundaa’uun bifa armaan gadiin rawwachuu ni danda’a:
1. (Own force) Dameelee keenyaan or
2. (Out source).
Hub. Yoo maal ta’e kam filanaa?
END
Galatoomaa!!

More Related Content

Similar to Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx

Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptTeshomeFeye2
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxJaafar47
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptxMohammedAbdela7
 
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Asfaw Zewdu
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxmiadjafar463
 
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptxleenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptxgemechuayana5
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfhabtamu292245
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Bahar Abdi Dawid
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taAbdisaGutema
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfgdirbabaa8
 
4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].pptMohammedAbdela7
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMohammed Abdo
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxmiadjafar463
 

Similar to Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx (20)

Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx
 
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
Leenjii maloota eekisteenshinii qonnaa, 2018
 
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptxLeenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
Leenjii hammata Seeraa Bulchiinsa Faayinaansii Mootumaa (1).pptx
 
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptxleenjii Dadamaqinsaa  rifoormii bara 2013.pptx
leenjii Dadamaqinsaa rifoormii bara 2013.pptx
 
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdfSaayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
 
Abbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdfAbbabaa Maammoo.pdf
Abbabaa Maammoo.pdf
 
Nammay hayto mafdaga
Nammay hayto mafdagaNammay hayto mafdaga
Nammay hayto mafdaga
 
4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt4_5924707862126268048[1].ppt
4_5924707862126268048[1].ppt
 
Sidioc hayto mafdaga
Sidioc hayto mafdagaSidioc hayto mafdaga
Sidioc hayto mafdaga
 
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdfQoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptxSanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
Sanada Kenniinsa Tajaajila Mootummaa.pptx
 
Presentation1.pptx
Presentation1.pptxPresentation1.pptx
Presentation1.pptx
 

Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa.pptx

  • 1. FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO OROMIYAA Seensa  Guddina itti fufinsa qabu (sustainable development) mirkaneessuu fi hiyyuummaa xiqqeessuun hojii ijoo biyyoota guddachaa jiranii keessatuu kan biyya keenyaati. Hojii misooma kanneen keesssaas hojiin bu’uraalee misooma babal’isuun isa ol’aanaa fi misooma biraa gaggeessuuf murteessa akka ta’e dhugaa lafara jiru dha.  Kanaafuu,daandiin calqaba misooma kamiyyuu keessatti akka hidda dhiigaatti waan ilaallamuuf misoomni daandii, haaromsa, guddinaa fi dagaagina hawaas-dinagdee biyyaatiif bu’uura ijoo dha.
  • 2. ITTI FUFA…  Kanarraa ka’uun, Daandiwwan Mootummaa Naannoo keenyaan baasiin guddaan itti bahee hojjetaman yeroo yeroon suphuu, fooyyessuu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuun yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda’an taasisuun barbaachisaa waan ta’eef; hojiiwwan kanneen humna mootummaa qofaan raawwachuun kan hin danda’amne waan ta’eef fandii daandii hundeessuun maddi faayinaansii dhaabbataa akka qabaatuuf Labsii Lakk.224/2012 fi Dambii labsichaa Lakk.223/2013 Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa labsamuun isaa ni beekama.
  • 3. DAANGAA RAAWWATIINSAA  Labsiin kun daandiiwwan cirrachaa hojjatamanii ijaarsi isaanii xumuramee wal-harkaa fuudhinsi raawwatamee fi riqaalee sarara daandiiwwanii kanaa irratti raawwatiinsa ni qabaata. Kaayyoon Fandii Daandii Kun:-  Daandiiwwan cirrachaa naannichaa suphuu, fooyyessuu,bulchuu fi nageenyummaa isaanii mirkaneessuuf baasiiwwan barbaachisan uwwisuudha.
  • 4. MADDOONNI GALII FANDICHAA:- 1.Baajata Kaapitaalaa Mootummaan bara baraan BDLO’f ramadamurraa; (Min.20%) 2. Kaffaltiiwwan gurgurtaa fi tajaajilaa adda addaa :- A. Oomisha Qonnaa gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif dhiyaatu; miiltoo 1ffaa B. Oomisha albuuda ijaarsaa, industirii, albuuda kabajamoo gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif dhiyaatuu fi albuuda seeraan ala osoo socho’u dhaalamee gurguramu irraa, miiltoo 2ffaa
  • 5. ITTI FUFA… C. Oomisha bosonaa gurgurtaaf dhiyaatu irraa; miiltoo 3ffaa D.Kaffaltii taarifa daandii irraa; fi E. Galiiwwan adda addaa dhimmoota geejjibaan walqabatan irraa; miiltoo 4ffaa 3. Kaffaltii hirmaannaa ummataan taasifamu irraa; 4.Kaffaltii dhaabbilee faayinaansii naannicha keessa jiran irraa argamuu fi kennaawwan adda addaa irraa; 5.Maddoota galii dabalataa Boordiin murteessu irraa.
  • 6. HAALA SASSAABBII GALII FANDICHAA  Galiin Fandichaa kan sassaabamu nagahee seektarootni galii sassaaban koodii ittiin sassaabaniin sassaabama.”Roads Fund”- 5615  Lakkoofsi herrega baankii Fandichaa karaa BMO banameera.  Qaamni galii kana sassaabbuu maallaqa Fandichaa akkaataa Labsii kanaatiin maddoota galii adda addaa irraa walitti qabe lakkoofsa herrega addaa baname keessatti galii gochuu qaba.
  • 7. QAAMA GALII SASSAABUU FI GALII TAASISU Biiroo Maallaqaa Oromiyaa:-  Baajata Kaapitaalaa M.N.O bara baraan BDLO’f sadarka naannootti rammadamurraa; (Min.20%) ni qoodamaaf ATAO fi caasaan isaa sadarkaa sadarkaan jiru kaffaltii gurgurtaa Oomisha albuudaa fi Albuuda seeraan ala osoo socho’u dhaalamee gurguramu irraa argamu yeroo yeroon walitti qabee galii ni taasisu. EGeO fi caasaan isaa sadarkaan jiru dhimmoota geejjibaan walqabatan kanneen biroo irraa argamu walitti qabee dhuma ji’aa irratti galii ni taasisu.
  • 8. ITTI FUFA... BGO fi caasaan isaa sadarkaan jiru kaffaltii haaromsa hayyamaa fi gurgurtaa oomisha qonnaa fi kaffaltii hirmaannaa ummata irraa argamu sassaabee galii ni taasisu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa kaffaltii bosona irraa argamu sassaabee herregaa Fandichaaf banamu keessatti galii ni taasisu. ATENO fi caasaan isaa sadarkaan jiru, bu’aa bosonarra argamuu lakkoofsa herregaa Fandichaaf banamu keessatti galii akka godhan ni taasisu.
  • 9. ITTI FUFA.... BDLO fi caasaan isaa sadarkaan jiru, kennaawwan qaamolee adda addaa irraa argamu lakkoofsa herregaa Fandichaaf banamu keessatti galii akka godhan ni taasisa. Hub:- Qaamni maallaqa herrega addaa baankii Fandiitti galii taasise jiini dhumee yeroo guyyaa kudha shan hin caalle keessatti galii argame ilaalchisee Boordiif gabaasa dhiyeessuu qaba. .
  • 10. HAALA GALIIN SASSAABAME BAASII ITTI TA’U  Herrega Fandii irraa maallaqni bahii ta’ee kan kaffalamu bu’uura sagantaa hojii waggaa Boordiin raggaasiiseen hojiiwwaan raawwatamaniif, meeshaalee bitamanii fi tajaajiloota kennamaniif yoo ta’u, kaffaltiin isaas bu’uura Qajeelfama lakk.01/2014 baheen raawwatama.
  • 11. QAAMOLEE BULCHIINSA FANDICHAA  Boordii Fandii Daandii sadarkaa Naannootti hundaa’ee jiru.  Sirni walgahii idilee boordichaa ji’a sadiiti yeroo tokko ta’a.(kurmanaan)  Itti waamamni Boordichaa Pirezidaantii Mootummaa Naannootiif ta’a.
  • 12. AANGOO FI HOJII BOORDII NAANNOO 1.Fandicha ni to’ata; ni bulcha; 2.Dhimmoota imaammata daandii suphuu,fooyyessuu, nageenyummaa isaa mirkaneessuu fi Fandicha waliin wal- qabatan irratti mootummaa ni gorsa, 3.Hanga maallaqaa maddoota galii Labsii kana keessatti tarreeffaman irraa sassaabamu qoratee Mana Maree Bulchiinsaatiif ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra akka oolu ni taasisa; hojiirra oolmaa isaa ni to’ata; 4.Maddoota galii dabalataa Fandichaaf barbaachisuu fi sadarkaawwan taarifaa qoratee Mana Maree Bulchiinsaatiif nidhiyeessa;yammuumirkanaa’uhojiirraakka oolu ni taasisa
  • 13. ITTI FUFA… 5.Haala Fandichi itti walitti qabamu, maallaqni Fandichaa bahii itti ta’uu fi kaffaltiin itti raawwatamu ni murteessa; Qajeelfama ni baasa; 6.Galiiwwaan Fandichaa yeroon walitti qabamuu fi lakkoofsa herrega addaa Fandichaatti galii ta’uu isaanii ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; 7. Karoora waggaa hojiiwwan Fandichaan raawwataman ni gamaaggama; ni raggaasisa; akkaataa karooraatiin maallaqa Fandichaa ni qooda; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
  • 14. ITTI FUFA… 8. Hojiiwwan Fandichaan raawwataman ilaalchisee gabaasa BDLO irraa dhiyaatuuf ni gamaaggama; itti fayyadama Fandichaa ilaachisee odiitiin teekinikaa fi faayinaansii akka taasifamu ni ajaja; bu’a odiitii irratti hundaa’uun tarkaaffii barbaachisaan akka fudhatamu ni taasisa; 9. Wal-qunnamtii hojii Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaa fi Aanaa ni taasisa; karooraa fi raawwii hojii isaanii ni gamaaggama; kallattii ni kaa’a
  • 15. HUNDEEFFAMA BOORDII GORSITOOTAA  Boordiin Gorsitootaa milkaa’ina hojii Fandii daandiitiif hojjetu sadarkaa Godinaa fi Aanaatti hundeeffamee jira.
  • 16. HUNDEEFFAMAA MISEENSOTA BOORDII 7.1.Boordiin Sadarkaa Naannoo Miseensota (11) ni qabaata:- 1.Sad.I/A Pirezidaantiitti Hoogganaa K/Misooma Baadiyaa------Walitti qabaa; 2.Hoogganaa Biiroo Qonnaa ; 3.Hoogganaa Biiroo Daldaalaa; 4.Hoogganaa Biiroo Maallaqaa ; 5.Hoogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii; 6. Hoogganaa Biiroo Galiiwwaanii; 7.Itti Gaafatamaa Ejensii Geejjibaa; 8.Daayirektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa; 9.Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo; 10.Bakka bu’aa Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Naannootti jiran, fi 11. Hoogganaa Biiroo Daandiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa—barreessaa fi miseensa  Itti waamamni Boordii Sadarkaa Naannoo Pirezidaantii Mootummaa Naannichaatiif ta’a.
  • 17. AANGOO FI HOJII BOORDII GORSITOOTAA SADARKAA GODINAA Boordiin Gorsitootaa Godinaa aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata: 1.Dhimmoota daandii suphuu, fooyyessuu, nageenyummaa isaa mirkaneessuu fi fandicha waliin walqabatan irratti Godinicha ni gorsa; 2.Maddoota galii dabalataa Fandichaaf barbaachisuu ilaalchisee yaada ni burqisiisa; boordiif ni dhiyeessa;
  • 18. ITTI FUFA… 3.Godinichaatti hojmaatni galiin Fandichaa itti walitti qabamu akka diriiru ni taasisa; haala ni mijeessa; qaamoleen galii sassaaban hojmaata ifa ta’e akka diriirsanii fi haala akka mijeessan ni taasisa; ni hordofa; 4.Galiiwwaan Fandichaa yeroon walitti qabamuu fi lakkoofsa herrega addaa baankii Fandichaatti galii ta’uu isaanii ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
  • 19. ITTI FUFA… 5.Godinichaatti karoora waggaa hojiiwwan Fandichaan raawwataman ni gamaaggama; ni raggaasisa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata; 6.Hojiiwwan Fandichaan raawwataman ilaalchisee gabaasa caasaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii sadarkaa Godinaatti jiru irraa dhiyaatuuf ni gamaaggama; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; 7.Hojiiwwan biroo kaayyoo fandichaaf barbaachisan ni raawwata.
  • 20. BOORDIIN GORSITOOTAA SADARKAA GODINAA MISEENSOTA (10) NI QABAATA:- 1.Bulchaa -------------------------------------------------------Walitti qabaa; 2.Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa ; 3.Ittigaafatamaa Waajjira Daldaalaa; 4.Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa; 5.Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii; 6.Ittigaafatamaa Waajjira Galiiwwaanii; 7.Ittigaafatamaa Ejensii Geejjibaa; 8.Ittigaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa; 9.Bakka bu’oota Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Godinaatti jiran, fi 10.Ittigaafatamaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii—barreessaa fi miseensa.  Itti waamamni Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaa Bulchaa Godinichaatiif ta’a.
  • 21. BOORDIIN GORSITOOTAA SADARKAA AANAA MISEENSOTA (10) NI QABAATA 1.Bulchaa Aanaa -----------------------------------------------Walitti qabaa; 2.Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa; 3.Ittigaafatamaa Waajjira Daldaalaa; 4.Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa; 5.Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii; 6.Ittigaafatamaa Waajjira Galiiwwaanii; 7.Ittigaafatamaa Ejensii Geejjibaa; 8.Ittigaafatamaa Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa; 9.Bakka bu’oota Waldaalee Geejjibaa Sadarkaa Aanaatti jiran, fi 10.Ittigaafatamaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii-----barreessaa fi miseensa.  Itti waamamni Boordii Gorsitootaa sadarkaa Aanaa Bulchaa Aanichaatiif ta’a.
  • 22. AANGOO FI HOJII BDLO 1.Murtiiwwaan Boordii fi seerota Fandichaan wal-qabatan hojiirra ni oolcha; hojiirra ooluu isaa ni mirkaneessa; 2. Qaboowwan yaa’ii fi galmeewwan walgahii Boordii sirnaan ni qaba; 3.Karooraa hojiiwwan Fandichaan raawwataman qopheessuun Boordiif ni dhiyeessa; yeroo ragga’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  • 23. ITTI FUFA… 4.Gabaasa raawwii hojii Fandichaan raawwataman boordiif ni dhiyeessa; 5. Maallaqni Fandichaaf galii ta’uu qabu hundi yeroon herrega fandichaatti galii ta’uu isaa ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaaffiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa; 6.Ibsituuwwan/financial statements/herrega Fandii qopheessee boordiif ni dhiyeessa; 7.Herrega Fandichaa fi galmee ni qaba;
  • 24. ITTI FUFA… 8.Daandii suphuun, fooyyessuu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuun faayidaa fayyadamtootaa fi hawaasaaf argamsiisu hubachiisuuf hojiiwwaan sab-qunnamtii ummataa ni hojjeta; maxxansaalee adda addaas ni qopheessa; ni raabsa; 9. Raawwii hojii Fandichaatiif caasaa humna namaafi baajata barbaachisu akka rammadamu ni taasisa;ni bulcha; 10.Hojiiwwan biroo boordiin kennamuuf ni raawwata.
  • 25. SIRNA ODIITII  Herregni Fandichaa Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa ykn Odiitara alaa Manni Hojii Oditara Muummichaa ykn Boordiin bakka buuseen qoratamuu ni danda’a.  Herregichi kan qoratamu akka biyyaatti sirnaa fi hojiiwwan qorannoo herrega fudhatamummaa qabuun ta’ee, gabaasni odiitii Boordiif ni dhiyaata.  Akkaataa barbaachisummaa isaatti hojiiwwan Fandichaan raawwataman irratti qorannoon teekinikaa (diitii raawwii) fi faayinaansii ni raawwatama.  Biiroon hojii guyyaa guyyaa ilaalchisee odiitara keessaatiin odiitii akka ta’u ni taasisa; argannoo isaa kurmaana/waggaatti boordiif gabaasa ni dhiyeessa.
  • 26. QAJEELFAMA FANDII DAANDIIWWAN N.O LAKK.01/2014
  • 27. QAJEELFAMA FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO OROMIYAA MURTEESSUUF BAHE LAKK.01/2014 1.Mata Duree Gabaabaa Qajeelfamni kun“Qajeelfama Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa Lakk.-01/2014” jedhame waamamuu ni danda'a. 2.Hiika Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, qajeelfama kana keessatti: 1)“Biiroo” jechuun Biiroo Daandiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa jechuudha. 2)“Boordii” jechuun Boordii Fandii Daandii akkaataa Labsichaa Keewwata 11 tiin hundaa’e jechuudha. 3)“Boordii Gorsitootaa”jechuun Boordii Gorsitootaa sadarkaa Godinaafi Aanaatti bu’uura Labsichaa Keewwata 14 tiin hundeeffame jechuudha. 4)“Daandii”jechuun daandii cirrachaa ijaarsi isaa xumuramee wal-harkaa fuudhinsi isaa raawwatame kamiyyuu ta’ee, riqicha daandicha irratti ijaarame kan dabalatu dha.
  • 28. ITTI FUFA… 5)“Dambii”jechuun Dambii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 223/2013 jechuudha. 6)“Fandii” jechuun Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa bu’uura Labsichaa keewwata 5 tiin hundeeffame jechuudha. 7)“Fayyadamtoota Daandii” jechuun abbaa qabeenyaa konkolaataa yookiin nama itti fayyadamaa geejjiba daandii ta’e kamiiyyuu jechuudha. 8)“Hanga Kaffaltii Gurgurtaa Irraa Dhibbeentaan” jechuun hanga kaffaltii fandii daandiitiif waan gurgurame irraa dhibbeentaan herregamu jechuu dha. 9)“Hanga Kaffaltii Tajaajila irratti Dabalamu Dhibbeentaan” jechuun hanga kaffaltii fandii daandiitiif dhimoota tajaajila geejjibaa waliin kan walqabatan irratti dabalamuu jechuu dha.
  • 29. ITTI FUFA… 10) “Gurmaa’iinsa herregaa yookiin Gulantaa Herregaa” jechuun gulantaa herregaa karaa Biiroo maallaqaa Oromiyaatiin beekamu, akka naannoo Oromiyaatti hojiirra jiru dha. 11)“Kaffalti Taarifa Daandii Irraa” jechuun kaffaltii itti fayadamtootni daandii irra deedeebi’an kaffaluun itti fayyadaman jechuudha. 12)“Konkolaataa” jechuun konkolaataa humna makaanikaalaa yookiin eleektirikaalaatiin socho’u kanneen akka konkolaataa fe’umsa deddeebisu, konkolaataa ummata deddeebisu, konkolataa dhuunfaa manaa, konkolaataa wal- harkisu yookiin motorsaayikiloota maqaa konkolaataa jedhuun waamaman ta’ee, gaarii beeyiladaan harkifamuus ni dabalata. 13)“Labsii”jechuun Labsii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa jechuudha. 14)“Nama”jechuun nama uumamaa yookiin qaama seeraan mirgi namummaa kennameef jechuudha. 3.Ibsa Koornayaa Qajeelfama kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni
  • 30. 4.DAANGAA RAAWWATIINSAA Qajeelfamni kun daandiiwwan cirrachaa naannichaafi riqaalee sarara daandii sana irratti argaman suphuu, Suphisiisuu, fooyyeessuu, bulchuufi nageenyummaa isaanii mirkaneessuuf akkasumas haala sassaabbii galii fandichaa, qaama galii sassaabuufi galii taasisuu, fi haala galiin sassaabame baasii itti ta’u hundumaa irratti rawwaatinsa ni qabaata. Sirna Bulchiinsa Galiifi Baasii Fandichaa 5. Baajata Fandichaa Tokkoon tokkoo baajata Fandichaa kan waggaa Boordiin kan hayyamamu ta’a. 6. Karoora Baajata Fandichaa 1.Biiroon karoora baajata Fandii waggaa qopheessuun Boordiif dhiyyeessuu qaba. 2.Karoorri baajata Fandichaa itti fufinsaan: a.Tilmaamaa maddoota galii ijoo waggaa waggaadhaan sassaabamee addaan baasuu;
  • 31. ITTI FUFA… b.Sagantaa hojii suphaafi nageenya daandii eeguufi hojiiwwaan ijoo isaaniin walitti hidhatinsa qaban hunda hammachuu; c.Tilmaamaa hanga mallaqaa Fandii bara baajata keessatti sassaabamuu danda’a jedhamanii yaadaman hammachuu; d.Sagantaa hojii ijoo addaan baasuun tilmaamaa baasii bara baajataa hamachiisuu qaba. 7. Qajeeltoowwan Hojiirra Oolmaa Baajataa 1.Qooddiin baajata waggaa Boordiidhaan mirkanaa’e Biiroof hanga Adoolessa15tti, caasaa Biirichaa immoo hanga Adoolessaa 30tti akka beekan ta’ee: a.Qoodiin baajataa kun Godinaalee/Aanaaleedhaaf toorota/sararoota daandiitiif koodiin kan itti kennamuun qooddamu ta’a, b.Qooddiin baajataa akkaataa miidhama daandiitiin wal-duraa duubaan dursi kenamee baajatni kan itti qabamu ta’a, c.Godinaalee/Aanaalee maddoota galii adda addaa irraa sassaabuun akkaataa qabatamaa naannoo isaaniitiin karoora isaanii galmaan ga’an, suphaan daandii akka geggeeffamuuf boordiin dursa kenuuf ni dandaa’a.
  • 32. ITTI FUFA… 2.Baajata waggaa qabame irraa baajatni of eeggannoo hangi isaa Boordiin murtaa’u qabamuu qaba. 3.Akkaataa barbaachisummaa isaa irratti hundaa’uun Boordiin yemmuu murtaa’u, baajata sagantaa hojii tokkoof qabame gara sagaantaa hojii birootti jijjiiruun ni dandaa’ama. 4.Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti tumame jiraatus, baajata Fandichaa sagantaalee kaayyoo fandichaatiin ala ta’an irratti jijjiiruun dhorkaa dha. 5.Hojiiwwan suphaa daandii bara baajata darbanitti hayyamameefi baajatni qabamee hojichi osoo hin xumuraamiin hafan xumuruuf Boordiin baajata dabalataa
  • 33. ITTI FUFA… 7.Keewwata Kana keewwata xiqqaa 1-6 tti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, Boordiin baajata of eeggannoof qabame irraa baajata dabalataa suphaa daandii Fandichaan raawwatamuuf hayyamuu kan danda’u: a.Hojichi baay’ee baarbaachisaa ta’uun isaa yoo itti amaname; b.Hojichi yeroo karoorri sagantaa hojii bara baajataa mirkanaa’u kan hin mul’annee yoo ta’e; c.Hojii ariifaachisaa baajata dabalataa gaafatu ta’ee yoo argame; yookiin d.Bara baajataa darbe meeshaa bittamee yookiin hojii hojjetamee osoo hin kaffalamiin hafuun isaa yoo mirkanaa’e ta’a. 8.Dhuma bara baajata waggaa irratti Lakkoofsa Herregaa Fandichaa irratti hafteen baajataa hojii irra osoo hin ooliin hafu
  • 34. ITTI FUFA… 9.Boordiin fandii daandii baajata waggaa sababa adda addaatiin jalqaba bara bajataa irratti osoo hin mirkaaneessiin yoo ture: (a)Gaaffii BDL dhiyeessu bu’uura godhachuun walitti qabaan Boordii hanga 20% bajata bara baajataa darbee bu’uura godhachuun akka kaffaltii dursatti hojii irra akka ooluu murtee dabarsuu ni danda’a, (b) Keewwata xiqqaa (a) jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, baajatni hojii irra oole yeroo baajata waaggaa boordiin mirkaneessu hir’ifamee hanga kurmaana saddafaatti kan deebi’u ta’a.
  • 35. ITTI FUFA… 8. Yeroo Jijjirraa Sagaantaa Hojii yookiin Karoora Faayinaansii Foyyeessuu Itti Dhiyaatu 1.Karoora hojii fiziikaalaa yookiin karoora faayinaansii foyyeessuun kan danda’amu akkaataa seera faayinaansii mootummaa naannoo oromiyaatiin kan raawwatamu ta’a. 2.Jijjiirraan sagaantaa hojii taasifamuu yookiin jijjiirraan baajataa gaafatamuun dura baajatni gahaan jiraachuu mirkaaneffachuun barbaachisaa dha. 3.Jijjiirraa(fooyya’insa)sagaantaa hojii yookiin karoora faayinaansii keessummeessuun kan danda’amu karoora hojii qabamee fi rawwii hojiiwwan hojjetaman kan fiizikaalaafi faayinaansii waliin wal madaalu fi waayitaawaa ta’e yoo dhiyaate qofaa dha. 4.Karoorri hojii fiziikaalaa yookiin karoorri faayinaansii jijjiiramuu kan
  • 36. 9. TOOFTAA TO’ANNOOFI HORDOFFII BAAJATA DIRIIRSUU Biiroon tooftaa to’annoo fi hordoffii baajata Fandichaa kanneen armaan gadii diriirsuu qaba: 1.Kaardii (leejera) to’aannoo baajataa jiraachuu qaba; 2.Kaardiin (leejerri) to’aannoo baajataa fandii daandii kun galii, baasiifi haftee baajataa hojii irra hin ooliin kan agarsiisuu ta’uu qaba. 10. Galii Albuuda Seeraan Ala Osoo Socho’uu Dhaalame fi Sookoo irraa argamuu. 1)Biiroon, Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa waliin ta’uun namoota naannicha irraa albuuda sookoo baasuun gurgurtaaf Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti geejjibisiisan yookiin dhiyeessan irraa dhibbeentaan Fandichaaf galii ta’uu qabu sassaabamee Lakkoofsa herreega addaa Baankii Fandichaatti galii
  • 37. ITTI FUFA… 2) Albuuda seeraan ala osoo socho’uu dhaalame irraa galiin argamu,dhibbeentaan Daambii miiltoo 2ffaa keessa taa’ee jiruun mootummaaf galii ta’uu qabu Lakkoofsa herreega addaa Baankii Fandichaatti galii akka ta’uu, koreen caal- baasii gurgurtaa albuuda seeraan ala osoo socho’uu qabame yeroo gurguramuu hojii suphaa daandii Godina/Aanaa sanaatiif kan oolu ta’uu isaa hubachuun Caasaan Biiroo daandiwwanii fi loojistiksii fi Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa sadarkaa sadarkaan jiru akkatuma angoo fi gahee hojii dambii keessatti ibsamee jiruun Lakkoofsa herreega addaa Baankii Fandichaatti akka galii taasisan ta’ee, raawwii
  • 38. 11. KAFFALTII TAARIFA DAANDII IRRAA FI GALII KENNAAWWAN ADDA ADDAA IRRAA ARGAMU. 1) Caasaan Biiroo fi Ejjensiin Geejjibaa Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiru kaffaltiin taarifa daandii irraa argamu konkolaattoota mootummaa fi dhuunfaa daandiiwwan cirrachaa naannoo keenyaa kamiyyuu irra deedeebi’anii fi humnaa ol fee’anii manca’insa daandii taasisaniif hanga kaffaltii maallaqaa tajaajilaaf sassaabamu akkaataa gabatee armaan gaditti ibsameen kaffaltii tajaajilaa sassaabuun lakkoofsa herreega addaa Baankii fandichaatti galii ni taasisu. ..Tarifa daandirraa.docx
  • 39. ITTI FUFA… 2)Konkolaataan tokko sarara daandii nannoo oromiyaa tokko irra yeroo deedeebi’uu kaffaltiin raawwatu nagahee tokkoon si’a tokko qofaaf kan tajaajilamu ta’ee:- (a) Kaffaltiin taarifa daandii irraa kan raawwatamu yeroo konkolataan daandii irra deemu irratti ta’ee,Godina/Aanaa tokko irraa gara Godina/Aanaa birootti sarara daandii naannoo keenyaa irra deemuun toorota daandii tokkoo ol seena yoo ta’e nagahee kaffaltii tokkoon akka darbu ta’ee, qaamni taarifa kana hordoffuu nagaheetti mallattoo addaa itti gochuu qaba. (b) Kaaffaltiin si’a tokkoo sarara daandii tokkoof tajaajiluu kan danda’u marsaa tokko qofaaf ta’a. (c)Hangi kaffaltii taarifa daandii kun konkolaattootni midhaa isaan daandii naannoo keenyaa irraan gahaa jiraan bu’uura godhachuun kan murtaa’e dha. 4) Konkolaattootaa balaa tasaa waliin wal-qabateen deeman, kanneen akka balaa ibidaa,ambulaansoota,hojii hariifachiisaa/mudannoo tasaaf konkolaattoota,kora bitineessaa,rayya ittisa biyyaa,”Communication/mass media,crane, mobile workshop, mobile home,forklift,rader,power house, polisii/police patrol fi qaamota nageenyaa eegisisuuf deeman kaffaltii taarifa daandii kana irra bilisa dha.
  • 40. ITTI FUFA.. 5.Caasaan BDLO sadarkaa sadarkaan jiru galii kaffaltii dhaabbilee faayinaansii naannicha keessa jiran irraa argamuu fi kennaawwan adda addaa irraa argamuu fedhii isaaniitiin fandichaaf deeggarsa akka taasisu yookiin kennaawwan adda addaa akka kennan ni kakaasa; sirna deeggarsii fi kennaawwan adda addaa itti walitti qabaman ni diriirsa; deeggarsa yookiin kennaawwan taasifaman walitti qabeelakkoofsa herreega addaa baankii fandichaatti galii ni taasisa; gabaasa raawwii isaa boordii sadarkaa sadarkaan jiruuf ni dhiyeessa.
  • 41. 12. HAALA GALIIN FANDII DAANDIIWWAN NAANNOO SASSAABAME BAASII ITTI TA’U Maallaqni bahii ta’ee kan kaffalamu:-  Seerota bittaafi faayinaansii Mootummaa Naannichaa hordofuun bu’uura sagantaa hojii waggaa Boordiin raggaasiiseen, 1.Hojiiwwaan suphaa daandii raawwatamaniif, 2.Meeshaalee bittamanii fi 3.Tajaajiloota kennamaniif yoo ta’u, kaffaltiin isaas gulantaaleen herregaa baasii bu’uura karooraafi sagantaa hojii waggaa boordiin raggaassisseen hojiiwwan raawwatamaniif; .Meeshaalee bittamaniifi tajaajiloota kennamaniif gulantaalee heerrega baajata idileefi kaapitaalaa yeroo ammaa akka naannichaaatii hojii irra jirun kan hojii irra oolu ta’ee, hojiin hojjetame erga ragaan kaffaltii hojii hojjetamee ogeessaan mirkanaa’ee qofa ta’a.
  • 42. ITTI FUFA… 3.Ragaan kaffaltii yeroo dhiyaatu kan baajata kaapitaalaa mootummaa naannoo keenyaan Biirootiif waggaa waggaan rammadamu irraa dhibbeentaa fandii kanaaf kennamuufi baasiin maddoota galii biroo adda ba’ee dhiyaachuu qaba. 4.Baasiin Fandichaa cheekiin, bifa kaffaltii xixiqqoo (petty cash)n, xalayaa dabarsa baankiin, barbaachisaa ta’ee yoo argame tajaajila baankii seera qabeessa ta’een kaffaltiin mallaaqa lakkoofsa herrega baankii fandii irraa kallattiin hir’ifamee kaffalamuu ni danda’a. 5.Baajatni Fandichaa socho’uu kan danda’u Hooggantoota birichaa dhimmi ilaaluun ta’a. 6.Lakkoofsa herrega baankii addaa Fandichaa kan banamee jiru akkuma jirutti ta’ee, akkataa barbaachisumaa isaatti dabalataan baankii birootti yookiin lakkoofsa herregaa biroo gaaffii Biirootiin karaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa banuun ni dandaa’ama.
  • 43. 13. HOJII IRRA OOLMAA BAAJATA FANDICHAA Baajatni Fandichaa Seerota faayinaansii fi seerota bittaa Naannoo fi Biyyaalessa rogummaa qaban hordofuun hojiirra kan oolu ta’uun akkuma jirutti ta’ee, Biiroon baajata Fandii kana hojii irra oolchuuf karoora Boordiin mirkanesse irratti hundaa’uun bifa armaan gadiin rawwachuu ni danda’a: 1. (Own force) Dameelee keenyaan or 2. (Out source). Hub. Yoo maal ta’e kam filanaa?