More Related Content Similar to Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Murteessuuf Bahe.pptx (20) Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Murteessuuf Bahe.pptx1. Moodeela Tiraanisformeeshinii KT MNO
Qophii
Istaandaardii
Gidduugala
Tajaajila
iddoo tokko
E-
Governance
Ijaarsa dandeettii
(Leenjii, Gorsa fi
Barnoota)
Misooma
Naamusa,
Dudhaa fi
Aadaa
Ergonomiksii
(Office
Ergonomics)
Chaartarii
tajaajilamaa fi sirna
Chaartaraa Ijaaruu
Sirna Madaallii
fi
gaafatamumm
aa
Onnachiiftuu
(financial and non
financial)
Tiraanisformeeshinii
Kenna tajaajilaa
2. Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaa
Wixinee Qajeelfama Kenniinsa
Tajaajila Iddoo Tokkoo Murteessuuf
Bahe
4. ……..
Qaawwa mootummaa fi ummata
gidduu jiru dhiphisuun
oItti quufiinsaa fi amantaa ummanni
mootummaa irratti qabu dabaluuf;
oHanna hambisuuf,
oTajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi
oHawwataa ta’e lammiif dhiyeessuuf
akka meeshaa jijjiiramaa tokkootti
tajaajila
5. Qajeeltoowwanii Gidduugala Tajaajila Iddoo
Tokkoo
Tajaajilli GTIT tti kennamu si’oomina qabaachuu
qaba.
Kunis tajaajilli kennamu istaandaardii yeroo taa’e
keessatti raawwatamuu qaba
Tajaajilli GTIT tti kennamu haqa-qabeessa ta’uu
qaba.
Kunis tajaajilli mootummaan ummataaf kennu
kamiiyyuu
o Firummaan,
o Naannummaan,
o Walbeekumsaan,
o Qabeenyaan,
6. …………………….
Tajaajilli GTIT tti kennamu hunda galeessa
(inclusiveness) ta’uu qaba.
o Kunis Tajaajilli kennamu kutaalee hawaasaa
miidhamoo ta’an hammachuu qaba.
o Keessattuu Qaama Miidhamtoota, harka qalleeyyii fi
kkf bifa addaatiin hammatamuu qabu.
7. Tajaajilli Gidduugala Tajaajila iddoo Tokkootti
kennamu akkaataa istaandaardii fi hojimaata
taa’een qofa kennamuu Qaba (reliability).
GTIT bu’uuraaleen kenna tajaajilaa fi iddoo hojii
mijataa barbaachisan sadarkaa isaa eeggate
tajaajilamaa fi qaama tajaajila kennuuf Mijachuu
qaba
Tajaajilli GTIT tti kennamu Baasii Tajaajilamaa kan
qusatu, bu’aa bahii tajaajilamaa kan hambisu ta’uu
qaba
8. Tajaajilli GTIT tti kennamu
o Kaka’uumsa fi
o Kutannoo hooggansaa fi hojjetaan kan
kennamu yoo ta’e (assurance) ta’uu qaba.
Tajaajilli GTIT tti kennamu
o Kabaja fi naamusa olaanan,
o Jaalala lammii karaa calaqqisuun simachuu fi
o Tajaajiluun kan raawwatamu ta’uu qaba.
9. Dudhaalee hojii Gidduugala Tajaajila Iddoo
Tokkoo
1. Amanamummaa
2. Iftoomina
3. Sirrummaa tajaajilaa
4. Si’aa’ina
5. Ammayyaa’aa
6. Qabiinsa tajaajilamaa
10. Giddugalawwan Kenniinsa Tajaajila Iddoo
Tokkoo
Giddugalawwan GTIT
o Sadarkaa naannoo,
o Sadarkaa godinaa,
o Bulchiinsa magaalotaa,
o Aanaalee fi
o Gandootaatti akkaataa barbaachisummaa isaatti kan
hundeeffaman ta’ee,
Haalli aangoo fi gahee hojii MHM walitti hin
buuneen kan raawwatamu ta’a.
11. Haaluma kanaan:
o Giddugalawwan GTIT akka jaarmiyaatti
mul’ataa fi ergama of danda’e kan hin qabne
ta’ee, akka gurmaa’insa walmaddiitti
fudhatamuu ni danda’a.
o Hundeeffamni GTIT raawwii kenna tajaajila
manneen hojii saffisiisuuf malee aangoo fi
gahee hojii manneen hojiif kenname waliin
walitti bu’u hin qabaatu
o Kaayyoo guddaan hundeeffama GTIT
yaaliiwwan asii fi achitti GTIT hundeessuuf
Manneen hojii tokko tokko biratti eegalame
daraan cimsuuf
12. Sadarkaa Naannotti Amalaa fi gosa tajaajila
kallattii kennamuu fi amala tajaajilamaatiin
GTIT tokko fi isaa ol hundeeffamuun
tajaajilootni kallattii walitti dhufuun Giddugala
tokko irratti akka kennaman ni taasifama.
Tajaajilli GTIT kennaman tajaajilamaan
qaamaan argamuun fuulaafi fuulatti tajaajila
kan itti argatuu fi
Dhawaatan tajaajilicha tekinoolojiin
deeggaruun tajaajilamaan iddoo jirutti
toorarratti (one line) argachuuf akka
dandeessisu ni taasifama.
13. Sadarkaa bulchiinsa magaalotaatti Giddugalawwan
GTIT tokkoo fi isaa ol ta’an hundeessuu akka
kennamu ni taasifama.
Manneen hojii sadarkaa godinaa jiran keessaa
tajaajilootni walfakkaatan Giddugala tokkotti dhufuun
deddeebii tajaajilamaa karaa hir’isuu danda’uun
Giddugalan GTIT tokkoo fi isaa ol ta’an ni
hundeeffama.
Sadarkaa aanaattis Giddugalan GTIT tokkoo fi isaa
ol ta’u hundeeffamuudhaan tajaajilli akkaataa
walfakkaatuun qindaa’uun giddu-gala tokko irratti
akka kennamu ni taasifama.
14. Ganda irratti tajaajiloota sadarkaa gandaatti
kennaman fi kanneen kallattiidhaan kennaman
walitti fiduun Giddugalan tokko hundaa’ee
tajaajilli ni kennama.
Giddugalawwan kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo
hundeeffaman irratti faasiliitiiwwan tajaajila
kennuuf barbaachisu ni guutam.
Tajaajilootni Giddugalawwan GTIT keessatti
kennaman adda baasuuf ulaagaalee ifa ta’e
irratti hundaa’uun qaama dhimmi ilaaluuf
dhiyaatee erga mirkanaa’ee booda ta’a
15. Manneen hojii mootummaa tajaajilli
isaan kennan gama GTIT akka
kennamu murtaa’e fodda tajaajilaa
isaaf kennamu irratti ta’a
Giddugalawwan TIT hundeeffaman
hundi manneen hojii waliin walitti
hidhamiinsa fi qindoomina qabaachuu
qabu
Tajaajilli gara GTIT tti akka kennamu
murtaa’e gama giduugalaatiin qofa kan
kennamu ta’a
16. Manneen hojii sadarkaan jiran tajaajilli foddaa duraa
(fronline) gara GTIT tiin akka kennamu murtaa’e
hojiiwwan foddaa boodaa (ofline) akkaataa
istaandaardii taa’een raawwachuun tajaajila foddaa
duraatiif dhiheessuu qabu.
Ogeessota Giddugalawwan GTIT irratti hojjetan fi
qindeessaniif leenjii, barnootaa, muuxannoo
waljijjiirraa mijeessuun dandeettii isaanii cimsuu
irratti hojjetamuu qaba.
Giddugalan GTIT kamiyyuu tooftaalee odeeffannoon
ittiin kennamu kanneen akka miidiyaa hawaasaa,
miidiyaa maxxansaa fi miidiyaa biroodikaastingii
fayyadamuun odeeffannoo wayitawaa tajaajilamaaf
kennuu qaba.
17. Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya
Namaa
Gidduugala tajaajila iddoo tokkoo
akkaatuma barbaachisummaa isaatti
qorannoo irratti hundaa’ee ni gurmeessa,
ni hooggana; iddoo bu’aa qabeessa hin
taanetti ni diiga
Ulaagaalee tajaajiloota foddaa duraa gara
GTIT tti ittiin adda bahan ni qopheessa;
qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun
murteessisiisuun gara wiirtuchaatti akka
dabalaman ni taasisa
18. Gurmaa’insa tajaajilli GTIT akkaataa istaandaardii,
seeraa fi hojimaata, qajeeltoowwan tajaajilaa fi
Naamusa fi dudhaa taa’een kennamaa jiraachuu
isaa hordofuu fi hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa
qabaatu ni gurmeessaa.
Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa manneen hojii
mootummaa naannichaa bu’uura irraa hiikuuf
qajeelfama qophaa’e Giddugalawwan sadarkaa
adda addaatti hundeeffaman keessatti hojiirra ni
oolcha, akka hojiirra oolu ni taasisa.
Raawwii qajeelfamichaa keessatti deggarsaa fi
hordoffii barbaachisaa ni taasisa; bakka hanqinni
jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata, akka
fudhatamu ni taasisa.
19. Manni hojii mootummaa sadarkaan jiru
Giddugalawwan GTIT hundaa’uuf deeggersaa
fi hordoffii barbaachisaa taasisuu isaa ni
hordofa; ni gamaggama; bakka hanqinni jirutti
tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni
taasisa.
Tajaajila mootummaa daran saffisaa taasisuuf
hojimaata GTIT hojiirra oolchuun alatti maamilli
qaamaan osoo hin argamin bakka jirutti
tajaajila argachuu akka danda’uuf qorannoo ni
gaggeessa; hojimaata ni diriirsa.
Sadarkaa qulqullina tajaajilichaa ni hordofa, ni
safara; tarkaanfiwwan sirreeffamaa ni fudhata
20. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Abbaa Taayitaa Saayinsii
fi Teeknooloojii
Tajaajila Giddugala GTIT irratti kennamu
qulqulluu fi si’ataa akka ta’uuf hojimaataa fi
meeshaalee tekinooloojii ammayyaa’tiin ni
deggera, ni hordofa, raawwii isaa gamaggama;
tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
Tajaajiloota Giddugala GTIT irratti kennamu
ilaalchisee biiricha waliin ta’uun adda ni baasa;
tekinooloojiin walsimsiisa; rakkoolee qunnamaniif
furmaata ni barbaada.
21. Kenniinsa tajaajilaa fi qabiinsa ragaa
Giddugalawwan GTIT ammayyeessuu fi
fooyyeessuuf sirnoota akka daataa beeziifi
mosaajii adda addaa qoratee hojiirra ni oolcha,
akka hojiirra oolan ni taasisa
Deddeebii fi baasii maamilaa hir’isuuf hojimaata
kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo akkaataa
qoratamee dhiyaateen hojiirra oolmaa isaa ni
deeggara, rakkoolee qunnamaniif Biiricha waliin
ta’uun furmaata ni barbaada.
22. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaa
Naannoo
Qajeelfamicha sirriitti hubachuun caasaalee isaanii
sadarkaan jiraniif hubannoo ni uumu; deeggarsa
barbaachisaa ni taasisu, raawwii isaa ni
gamaaggamu.
Manneen hojii GTIT keessatti hammataman
Giddugalalee GTIT sadarkaan jiraniif deggersa bifa
adda addaatiin ni taasisu; raawwii isaanii ni hordofu;
jijjiirama dhufe ni gamaggamu.
23. Gahumsa qindeessitootaa fi ogeessota
Giddugalalee GTIT cimsuuf qooda fudhattoota
waliin itti fufiinsaan qindoominaan ni hojjatu; bu’aa
argame ni madaalu.
Hojimaata Kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo irratti
yaadaa fi fedhii maamilaa walitti qabuun madaalaa
deemuudhaan akka galteetti fayyadamuu qabu.
Giddugalawwan GTIT hundaa’an yoo xiqqaate
waggaatti yeroo lama hawaasa tajaajilamaa waliin
waltajjii marii qabaachuun tajaajila kennamu
caalaatti fooyyessaa deemuu qabu.
Qajeelfama kana karaa guutuu ta’een hojiirra
oolchuufi itti gaafatamummaa guutuu ni qabaatu.
24. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Waajjiraalee
Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Sadarkaan Jiranii
Aangoo fi itti gaafatamummaan seerota birootiin
kennameef akkuma eegametti ta’ee, Waajjiraaleen
Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Sadarkaan jiran:
Qajeelfamicha sirriitti hubachuun qaamolee dhimmi
ilaaluuf hubannoo ni kennu; ni deggaru; ni hordofu;
raawwii isaa ni madaalu.
Bu’aa qorannoo kenniinsa tajaajilaa sadarkaa
naannootti gaggeeffamu haala qabatamaa
Giddugalawwan GTIT’tiin hojiirra ni oolchu, ni
deeggaru; ni hordofu; raawwii isaa ni gamaaggamu.
25. Hojimaata GTIT bu’a-qabeessa taasisuuf
argannoowwan qorannoo dhiyaatan irratti
hubannoo ni uumu; akkaataa hojimaata Biiricha
irraa kennamuun hojiirra ni oolchu; akka hojiirra
oolu ni taasisu; ni deeggaru; ni hordofu; raawwii
isaa ni gamaaggamu.
Dandeettiifi gahumsa qindeesitootaa fi
ogeessota GTIT cimsuuf qaamolee garaagaraa
waliin qindoominaan ni hojjatu;
Hanqinaalee fi rakkoolee GTIT fi dandeettii
raawwachiisummaa Giddugalawwan kanneenii
walqabatee ka’u qaama ilaallatu wajjin ta’uun
akka furmaata argatan ni taasisu; raawwii isaa ni
26. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii
Mootummaa Sadarkaan Jiranii
Manni hojii mootummaa sadarkaan jiru
kamiyyuu:
Manni hojii mootummaa kamiyyuu tajaajila
kallattiin ummataaf kennamu kanneen
dijiitaalessuun danda’amu dijiitaalessuun sirna
GTIT keessa galuu akka danda’u taasisuu
qabu
Hojimaatni kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo
kutaalee hawaasaa harka-qalleeyyii, qaama
miidhamtoota, dubartoota ulfaa fi namoota
deggersa addaa barbaadaniif dhaqqabamaa
27. Manni hojii dhimmi ilaaluu fi Giddugalan GTIT
tajaajila booda yaada fooyya’iinsaa tajaajilamaan
qabu maloota adda addaatiin fudhatee hojiirra
oolchuu qaba.
Hojimaata GTIT cimsuu keessatti hawaasni
yaadaan, beekumsaan, qabeenyaa fi humnaan
akka hirmaatu manneen hojii dhimmi ilaalu haala
mijeessuu qabu.
Manneen hojii mootummaa hdimmi ilaalu yoo
xiqqaate waggaatti yeroo tokko karooraa fi
raawwii isaanii gamaggamuu qabu
28. Qajeelfama GTIT bahe kana karaa guutuu ta’een
hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa guutuu ni
qabaata.
Hojiirra oolmaa qajeelfama kanaa irratti rakkoolee
quunnamuu danda’an qindeessuun caasaa Biirichaa
sadarkaan jiruuf ni dhiyeessa, ni hordofa.
Kenniinsa tajaajila Giddugalalee GTIT bu’uura
qajeelfama kanaatiin ni fooyyessa; jijjiirama dhufe itti
fufsiisa.
Dandeettii raawwachiisummaa hojjattoota GTIT irratti
hojjetanii cimsuuf leenjiiwwan hojiirraa gaggabaabaa
ta’e ni qopheessa; bu’aa leenjii ni madaala.
Karooraafi raawwii hojii GTIT irratti uummatni akka
yaada kennu haala ni mijeessa; yaada galtee ni
29. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Hooggansa Mana
Hojii
Barbaachisummaa qajeelfamichaa irratti
hojjettootaaf hubannoo gahaa kennuun akkaataa
qabatama mana hojii isaatiin hojiitti hiikuu qaba.
Gahumsaa fi bu’a-qabeessummaa hojimata
GTIT cimsuuf akkaataa barbaachisummaa isaatti
ni deeggara, ni hordofa; raawwii isaa ni madaala;
duub-deebii ni kenna; jijjiirama argame itti
fufsiisa.
Qajeelfama GTIT kana karaa guutuu ta’een
hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa guutuu ni
qabaata.
30. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Hojjettoota
Giddugalawwan GTIT
Gahee fi itti gaafatamummaan seerota birootiin
kennameef akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
mootummaa akka qindeessuufi hojjetuuf
yeroodhaafis dhaabbataadhaan Giddugala
kana irratti ramadame kamiyyuu gahee fi itti
gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:
Giddugala GTIT adda bahe keessatti qaamni
tajaajila kennu yeroo hojiitti bakka hojiitti
argamuu qaba.
31. Ogeessaa fi hooggansi Giddugala GTIT
tajaajila kennu kamiyyuu naamusa gaariin
tajaajiluu qaba.
Ogeessotni Giddugalawwan GTIT irratti
hojjetan odeeffannoowwan waa’ee tajaajila
Giddugala kanaan kennamu fi tajaajila
argachuuf haaldureewwan maamilli guuttachuu
qabu ilaalchisee odeeffannoo gahaa kennuu
qaba.
Qulqullinaa fi dhaqqabamummaa kenniinsa
tajaajila mootummaa fooyyessuuf qajeelfama
kana hojiitti hiikuuf itti gaafatamummaa guutuu
ni qabaatu.
32. Rakkoolee gahumsaa fi dandeettii mul’atuufi hojiirra
oolmaa qajeelfamichaa irratti dhiibbaa geessisan
hambisuuf itti gaafatamummaa guutuu ni qabaatu.
Maamila tajaajilamuuf gara Giddugala GTIT dhufu
fuula gaariin simachuun tajaajila si’ataa fi qulqullina
qabu kennuu qabu.
Beekumsaafi dandeettii qaban hunda tajaajila
uummataaf oolchuu qabu.
Sa’atii hojii mootummaa guutumaa guutuutti hojii
mootummaatiif oolchuu qabu.
Qajeeltoowwan naamusaa mana hojiifi ogummaa
kobachuun tajaajila kennuu qaba.
Tajaajila kennuuf faayidaa fi kennaa hin malle
kamiyyuu gaafachuu yookiin fudhachuun
33. …….
Maamiltoota jidduutti koorniyaan, afaaniin,
sanyiin, amantaan, ilaalcha siyaasaan yookiin
sababa birootiin loogii raawwachuu hin qabu.
Hooggansaafi hojjetaa ilaalchaa fi gocha
malaammaltummaa keessatti hirmaate saaxiluu fi
maqaa gaarii mana hojichaa eegsisuuf dirqama ni
qabaata.
Naannoo tajaajilli mootummaa itti kennamutti
araada adda addaa irraa bilisa ta’uun naamusa
iddoo hojii kabajuuf itti gaafatamummaa guutuu ni
qabaata.
Sa’aatii hojii mootummaatti dhimma hojiitiif yoo
ta’een alatti miidiyaa hawaasaa adda addaa
34. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Maamiltootaa
Tajaajila kennamuufi istaandaardii tajaajilli itti
kennamu irratti odeeffannoo Giddugalawwan
GTIT kennanitti fayyadamuun tajaajila argachuu
qaba.
Ulaagaalee fi haal-dureewwan kenniinsa
tajaajilaa Giddugalawwan GTIT’n dhiyaatanitti
fayyadamuun tajaajila barbaadu gaafachuu qaba.
Rakkoolee yookiin dhimmoota addaa
xiyyeeffannoo addaa barbaadaniin alatti gara
Giddugala GTIT deemuun tajaajila argachuun kan
danda’amu guyyaa hojii fi sa’aatii hojii
mootummaattiidha.
35. Maamilli tajaajila argachuuf gara Giddugala
GTIT deemu naamusa mana hojii kabajuun
tajaajila argachuu qaba.
Faayidaa hin malle kennuun yookiin waadaa
hin malle seenuun tajaajila mootummaa
argachuu yookiin argachuuf yaaluu hin qabu.
36. Aangoo fi Hojii Giddugala GTIT
Qajeelfama biirichi qopheesse bu’uura
godhachuun tajaajilaawwan Giddugala GTIT
irratti kennaman walitti qindeessuun
maamilaaf ni dhiyeessa.
Tajaajila maamilaaf kennamu keessatti
rakkoon yoo quunname qaama dhimmi
ilaaluuf beeksisuun furmaata hatattamaa ni
kenna.
Naannoo qulqulluu, hawwataa ta’ee
fayyummaa fi nageenyummaan isaa akka
eegamu ni taasisa.
37. Giddugalawwan sadarkaa adda addaatti
hundeeffaman keessatti hojiirra ni oolcha, akka
hojiirra oolu ni taasisa.
BPSMQNO waliin ta’uun muuxannoowwan
bakka adda addaa jiru qindeessuun haala
qabatama naannichaatiin hojiirra ni oolcha.
Giddugalan GTIT kamiyyuu sa’atii hojii
mootummaatti maamilaaf banaa ta’uu kan
qabuu fi akkaataa barbaachisummaa isaatti
yero hojiin alattis Giddugalatti argamuun
tajaajila akka kennan taasifamuu ni danda’a.
38. Ogeessota Giddugala GTIT irra hojjetaniif fedhii
leenjii fi hanqina dandeettii adda baasuudhaan
qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.
Bu’uuraaleen kenniinsa tajaajilaa naannoo
hojiitti guutamuu ni mirkaneessa.
Hojjettootaa fi maamila Giddugala GTIT’tiif
tajaajila kaaffee gatii salphaan ni dhiyeessa.