SlideShare a Scribd company logo
1 of 37
1.3.1 Seenaa Onesmoos Nasiibii fi Hojii Isaa
a/ Seenaa Onesmoos
Onesmoos naannoo lixa Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa bakka
Hurrumuu jedhamutti bara 1850 dhalate.
Maqaan isaa dhalootaan abbaa fi haati baasaniif Hiikaa dha. Abbaan
isaa Awwaajiin ijoollummaa isaatti irraa du’an.
Hiikaa Awwaajii dhalatee naannoo waggaa afuriitti bakka jireenya
isaatti lolli ka’e. Yeroo sana uummanni gosaan wal qooduun wal lolla
ture.
Warri qabatan bakka biraa geessuun gatii loon afuriitti gurguratan.
Namichi bitate Hiikaa waggaa lama of bira tursuun mataa irraa aadee
boca adda addaa iti baasuun gabaa baasee gurgurate.
Namoonni lama waliin bitatanii irratti wollolanii inni tokko isa kaan
ajjeese.
Sana boodas Hiikaa amoolee dhibba lamatti gurgurate.
Namichi amooleen bitate kun immoo, waan baay’ee gara-jabeessa
tureef, Hiikaa erga baay’ee rakkisaa fi doorsisaa turee booda
gurguruuf gara Mistiwwaatti geesse.
• Onkoloolessa 1870 Ambaasaaddara Siwiizii kan yeroo sana Mitsiwwaarra
hojjataa ture, maqaan isaa Vaarner muzyiinjar kan jedhamuun bitame.
• Hiikaan nama bulguu jedhamee ittiin sodaachisiifamaa ture harka waan
bu’eef, yaada amma na nyaata, amma na nyaata jedhuun baay’ee of rakkisa
ture.
• bara 1871 mana barumsa Miishinarii kan achitti argamutti akka baratuuf
galche.
• Qajeelchaan mana barumsichaa yeroo sana nama Lundihaal jedhamu ture.
• Hiikaan waggaa tokkoof barumsa isaa erga baratee booda, bara 1872 guyyaa
ayyaana Cuuphaa cuuphamee maqaa Onesmoos jedhamu argate. Hiikni isaa
Afaan Giriikiitiin ‘Faayida qabeessa’jechuu dha.
• Onesmoos mana barumsaa erga seeneen booda yaadasaa keessatti kan inni
bakka guddaa kenneefii ture, biyya isaatti deebi’ee barumsa barataa ture
sana firoota isaa barsiisuu ture.
• Yaadni kun akka baay’ee boqonnaa isa dhoowwaa ture yaaadannoo seenaa
isaarraa hubachuun danda’ameera.
• Halkan halkan akka boo’etti bulaa ture. “Yaa waaqayyo/Rabbi yoom biyya
abbaa kootti na deebista laata? Dhaqee lammii koo barsiisuuf hagam na
tursita laata?” jechaa akka waaqa/Rabbi kadhataa tures seenaan ni dubbata.
• Hawwiin Onesmoos gara biyya dhaloota isaatti deebi’ee lammiisaa
beekumsa argate sana barsiisuu, hin milkoofne. Hawwiidhumaan hafe
• Waxabajjii, 25 bara 1876 barumsa ol’aanaaf gara biyya Awurooppaa Suwiidinii akka deemu itti
murteeffame.
• Onesmoos yeroo lammiileen Afrikaa gabrummaan dararamaa turan sana keessatti, carraa warra
adii waliin barachuu argachuun waan guddaa ture.
• Biyya Suwiidinii Magalaa Istookoolm keessatti kan argamu dhaabbata Xiinamantii Johan Luunditti
(Theological Insititute of Johan Lund) barumsa isaa eegale.
• waggoota shaniif erga tureen booda bara 1881 ji’a Onkoloolessaa keessa dippiloomaa theology
fudhate gara Mitsiwwaatti deebi’e.
• mihrat haylee fuudhe.
• Hawwiin onesmoos uummata isaa barsiisuuf qabu fiixaan baasuuf,tuuta gara kibba lixa biyyattii
deemuuf qophaa’etti makame.
• Tuuta imala ba’u kana kan oogganu nama reud Gustav E. Arrhenius jedhamu dha. Namoonni
tuuticha keessa turan
• 1. Lammiin biyya alaa A.w.Pahlman
• 2. Namoonni biyya kessaa Hayluu, Mihrat,Semaatuu (haadha manaa Hayluu)fi mucaa Oromoo
Filippoos jedhamanii dha.
• Walumaa galatti, torba ta’anii Sadaasa 29 bara 1881 daangaarra ga’an. Achirraa adeemsa torban
tokkoo booda gara Magaalaa Kaartuum ga’an. Famakaa dhaabbachuun lafa olka’aa Itoophiyaa
arguun baa’ee gammadani.
• Namni lammii Jarman kan Murno Bey jedhamu yeroo sana magaalaa kana keessa ture abdii isaanii
dukkaneesse. Jechi inni ittiin yada isaanii dukkaneesse keessaa muraasni kan armaan gadii akka ta’e
Paankraast ni dubbata.
• inni mataan isaa waggaa kudha lama guutuu yaalee waan
milkaa’uufii dhabeefi namni biraas eeyyama dhabee akka
karaatti hafe waan beekuufi. Kanaafuu, isaanis akka gara
sanaan deemuu hin yaalleefi akka gonkumaa hin
danda’amne itti himuu isaa kan argisiisuudha.
• Ebla 2 Famakaa ka’anii Caamsaa 10, 1882 kaartuumiin
ga’an.
• Adeemsa kana keessatti miiltoo isaanii Filiippoos waan
du’eef awwaalanii darban. Onesmoosis baay’ee
dhukkubsachuun du’uuf ka’e. Hayiluu fi Semaatuunis
dhukkibni itti deebi’uun rakkise. kanaaf ‘Pahlman’ waliin
gara Imkulluutti akka deebi’anii galan murteessan.
Arrheniusi fi Mihret ammo, kaartuumitti hafuun
Onesmoosiin gargaaruuf murteessan.
• Adeemsa ji’ootaan lakkaa’amaniin booda Hagayya
walakkeessa bara 1882 Imkulluu ga’an.
• Bara 1884 keessa warri Miishinarii Minilikiin
gaafachuun heeyyama argatanii Shawaa keessa
darbuun gara Jimmaa deemuuf ka’an.
• Sababni isaas mootiin Tigiree yeroo sanaa Atsee
Yuhaannisiin “jara Mitsiwwaadhaa dhufanii gara
Jimmaa deemuuf jedhan biyya kee keessa hin
dabarsin,” waan jedheefi. Sababa kanaaf
dhoorgeenii, hanga gara bakka dhufaniitti
deebi’anutti, bakka Aliyyuu Ambaa jedhamtu
akka boqatan godhe.
• Onesmoos wantoota isa quunnaman kanatti
gaddaa xiqqoo erga boqatee booda gara
Eertiraatti deebi’e. Magaalaa Asmaraas jiraachuu
eegale
• 1.3.1 Hojiilee Onesmoos
• Yaaliin yeroo 2ffaa erga jalaa kufeen booda Onesmoos Mitsiwwaatti deebi’uun
callisee hin teenye. Kitaabilee adda addaa jijjiiruun maxxansiisuu eegale.
• Hojii hojjachaa ture mara keessatti kan isa gargaaraa turte duraan barattuu isaa
kan turte Asteer Gannooti
• Kitaabilee torba ta’anis waliin maxxansiisaniiru. Isaanis, Kitaabolee torba isaa
waliin maxxansiisan kan armaan gadiiti.
• Galata waaqayyoo Gooftaa Maccaa
• Kitaabni kun kan bara 1887 Afaan Oromootti jijjiiramee maxxanfame yoo ta’u,
qabiyyeen isaa weedduudhaan Wangeelaa fi faarsaa Mooticha Daawitiin
faarfameedha. Mata dureen isaas, ‘Prised be to God, the Lord of the Multitudes’
• Macaafa Qulqulluu kakuu Haaraa
• Kitaabni kun bara 1893 maxxanfame. Hojiin kun hojii guddaa ture. Hojii kana
keessatti Asteer baay’ee isa gargaarte.
• Jalqaba Barsiisaa
• Kitaabni kun bara 1894 kan maxxanfame yoo ta’u, fuula 174 qaba. Kitaabichi
jechoota naannoo 3600 qaba. Jechoonni kitaaba kana keessa jiran baay’ina
jechoota isaaniin qoodamanii jiru.
• Qabiyyeen kitaaba jalaqaba barsiisaa jechoota, Oduu durii, mammaaksa,
tapha ijoollee, hibboo, geerarsaafi weedduu jaalalaa.
• Jechoonni jalqaba barsiisaarra jiran baay’ina qubee isaaniitiin ‘Dubbii
fidala lama qaban, dubbii fidala sadii qaban, dubbii fidala afur qaban,
dubbii fidala shan qaban, dubbii fidala jaha qaban, jedhamanii gar gar
qoodamuun kaa’amaniiru.
• Jechoota 366 haala kanaan kitaaba kana keessatti barreessee jira.
• Kitaabni jalqaba barsiisaa oduu duriifi afoola kanneen biroo naannaa
torbaatamii sagalii of keessatti qabatee jira.
• Oduu durii inni kitaaba kana keessatti barreesse hundi dandeettii
dubbisuufi barreessuu barnoota barsiisuuf tajaajilan turan.
• Onesmoos nama beekaa ta’uun isaa kan guddatee mul’atu afoolatti
fayyadamee namoota dandeettii barreessuufi dubbisuu hinqabne
salphaatti barsiisuuf tooftaa kana qindeessuu isaati. Adeemsa isaa kana
irratti Paankirast beekumsa isaa akkasitti mirkaneessaaf, “He is aware of
the pedagogical significance of oral literature in language teaching.”
Onesmoosi barbaachisummaa afoolli afaan barsiisuu keessatti qabu
nibeeka.
• Afoolli kitaaba kanarra jiru kan hawaasaa waan ta’eef, afoola beekan kana sirriitti
xiinxaluun barumsa akka namni salphaan waa baratu taasisa.
• Akkuma mata dureelee kanarraa arguun danda’amu hedduun isaanii kan uummata
keessa jiraniidha.
• 4. Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraafi Moofaa
• Macaafa qulqulluu kakuu moofaafi haaraa bara 1897 jijjiiramee xumurame.
Macaafa kana hiikee xumuruuf Onesmoos waggoota 13 itti fudhate.
• Kitaaba kana hiikee xumuruuf kan inni itti fayyadame macaafa qulqulluu Afaan
Amaaraafi Iswiidiinii ture. Onesmoos ofii isaatii Afaan Oromoo, Amaaraa, Tigree,
Arabaa, Ingiliizii, Laatinii, Xaliyaaniifi Iswiidinii sirriitti beeka ture.
• Onesmoos gara biyyattii erga deebi’een booda maatii isaa waliin jiraachuu itti fufe.
Hojii kitaabbilee adda addaa gara Afaan Oromootti hiikuus itti fufe. Haaluma
kanaan bara 1899 keessa kitaabbilee lama kanneen armaan gadii gara Afaan
Oromootti jijjiireera.
• Kaateekismaas
• Garaa Namaa
• Tarrakaa WangeelaaTarrakaa wangeelaa Kitaabni jedhu Onesmoosiif kitaaba isa
xumuraati. Kitaabni kun afaan Ingiliiziin kan barreeffame irraa ‘Barth’s Bible
Stories’ mata duree jedhuun barrreeffamee jira.
• xalayaan obbo Iwostaatiyos ZeYohaannisiifi Obbo Daani’el
Dabalaa harka Habte Yimariin Boojirraa bara 1903 isa qaqqabe.
Namoonni kun lamaan bara 1897 irraa eegalanii wallaggatti
wangeela barsiisaa turan.
• Barreeffama isaanii keessattis Fitawuraarii Dibaabaafi
Dajjaazmaach G/Igzaabiheeriif /Kumsaa Morodaa/ wangeela
lallabuu akka danda’u ibsaniifiiru.
• Mitsiwwaa irraa hanga Jibutiitti bidiruu hurkaan sochootun
(steamer) deeman. Bara 1902 kan baname karaan Baaburaa
ammoo adeemsa isaanii Jibuutiifi Finfinnee jidduu nisalphiseef.
• Oneesimos gargaartota isaa Habte Maariyaamiifi Ayyalee waliin
ta’uudhaan Mitsiwwaadhaa bara 1903 haadha manaa isaa Liidiyaa
Dimboo ijoollee isaa sadan Tamaar (Yaadatee), Diinaa (Ayyaanee)fi
Barnaabas (gammachiis) akkasumas, Asteer, Febeniifi mucaa
Oromoo Maatiyoos Roorroo jedhamu fudhatee adeemsa eegalan.
Finffinnee erga ga’anii booda Minilikiin eeyyama gaaafatani. Innis
nama isaan gargaaru Naggaadras Haayile Giyoorgis jedhamu
ramadeefii eeyyameef.
• 1904 Naqamtee ga’an
Erga biyya seenee hojii hojjeteefi dhiibbaa ture
• Fulbaana 1904 ijoollee digdama galmeessee kutaa saditti
hiruudhaan barsiisuu eegale.
• “Namni Oneesimos jedhamu barnoota gantuu barsiisa jedhamee
himatamee jira
• Kumsaan Najjoodhaa gara Naqamteetti jijjiiramee waan tureef
Oneesimoosiinis ofitti fudhate. Mana kenneefii of bira jiraachise.
Kun immoo qeesota Naqamtee jiran naasise.
• Seeraan mo’uu waan dadhabaniif karaa itti cufuu, arrabsuufi mana
isaatti dhagaa guuruu jalqaban
• Amajji 1906 immoo gumiin mana bataskaana Naqamtee
Oneesimosiin balaaleffate.
• Dubbiin isaa kunis Finffinee waan ga’eef, murtiin cancalaan
hidhamuu abunichaan itti murtaa’e
• Minilik murtichatti waan walii hingalleef hojiirra otuu hinooliin hafe
• Bara 1908 “Mana isaatti kadhata gaggeessa, barattootas
nibarsiisa” kan jedhu himanni gara biraa irratti baname.
• Kana jidduutti Iyyaasuun yeroo inni Naqamtee keessa darbu isatti
himachuuf mari’atan. Kumsaafi Qees Maatewos dubbiin kun cimaa ta’uu
hubatanii Oneesimoos akka biyyaa ari’amu itti murteessan.
• Maatiin isaa garuu gara Sibuu Tuqaatti baqatan. Inni immoo kooluu galuuf
gara Finfinneetti deeme.
• Waggaa tokkoon booda immoo otuu aangoo irraa hinbu’iin Iyyaasuun
barnoonni seeraan akka gaggeeffamu eeyyama seeraan kennee ture.
Onesimoosis carraa kanatti fayyadamuun mana barumsaa shamarranii
Naqamtetti banee Asteer Gannoofi Liidiyaan akka barsiisan godhe.
• Ofii isaa immoo ijoollee dhiiraa walitti qabee barsiisuu eegale.
• intalli isaa Ayyaaneen summaa’uu dhiigaatiin waan boqotteef gaddi
guddaan mana isaa gale. Luboonni mana sagada bataskaanaas achitti akka
inni mucaa isaa awwaallachuu hindandeenye godhan
• Bara 1919 dhukkubni golfaa namoota hedduu lafa naqe.
• Sababa kanaan Asteeriifi Oneesimos biyyaa bahan malee nagaan argamuu
hindanda’u, jedhamanii himataman. Kanaaf, Oneesimoos miila isaatiin
Naqamtee irraa hanga Finfinneetti guyyoota kudha lama deemee luba
Saderki’uust jedhamu biraa qoricha gargaarsaan fiduudhaan lubbuu
namoota baay’ee du’arraa baraare
• Waxabajji 22,1931 guyyaa sanbat-duraa galgala Oneesimos ilma
ilma isaa luba Iddoosaa Gammachiis qabatee mooraa keessa
naanna’uudhaan itti agarsiisaa ture
• waxabajji 23,1931 Dilbata ganama ka’ee mana sagadaa deeme.
Utuu manaa hinba’iin “har’a mana kanaa waa nihir’ata,” jedhee
dubbachaa ture
• Waldaarraa akka baheen manni Dr.Sadestram mana sagadaa sanatti
dhihoo waan tureef achi goree seenuuf gaafa jedhu ejjennoo
balbalaa irraa gara duubaatti deebi’e. Namoonni itti fiiganii qabuun
erga ol seensisanii booda bakka ciisichaa kennaniif. Innis macaafa
qulqulluu akka dubbisaniif bakka filatee itti hime. Isaanis bakka inni
jedhe bananii dubbisaniif.
• Erga dhageeffatee booda rafe; akkasumatti addunyaa kana
gadidhhiise.
• Waxabajji 23,1931 bakka uummanni hundi jiranitti sirni awwaala
isaa raawwate. Awwaala isaa irrattis “Yaa biyyaa yaa biyyaa, jecha
Waaqayyoo dhaga’i!” jedhamee barreeffame.
Boqonnaa lama
SEENAA OGBARRUU OROMOO (1936-ammaa)
Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo (Bara Xaaliyaanii-1936-1941
• Kutaa darbe keessatti seenaa barreeffama Afaan Oromoo mootota
Itoophiyaa garagaraa jalatti maal akka fakkaatu ilaalleerra.
• Kutaa kana jalatti ammoo seenaa barreeffama Oromoo bara xaaliyaanii
(1936-1941) maal akka fakkaatu waliin ilaalla.
• Osoo Itoophiyaa hinweerariin dura xaaliyaaniin akka qorachaa turte
seenaan ni hima.
• Keessattuu haala sabaaf sablammiin biyyatti itti jiraachaa turanii, seenaa
aadaafi afaan isa anii sadarkaa maalirra akka jiru irratti xiyyeeffachuun
qaawwaa ittiin seentu sakatta’aa turteetti. Kunis, karaa hojii lammilee
xaaliyaanii kan akka cerulli, Moreno fi kkf akka ta’e nihimama.
• Sochii bara xaaliyaanii ilaalchisee Makuriya Bulchaan barreeffama mata
duree “The Language Policies of Ethiopian Regimes and the History of
Written Afaan Oromoo: 1844-1994” (1994) jedhu jalatti haala asiin gadiin
kaa’eera. “Immediately alter conquest, the Italians divided Ethiopia in to
regions using language and Ethnicity as criteria”.
• yeroo xaaaliyaanii kanneen akka Afaan Oromoo, Somaalii, Kaffichoo,
Adareefi k.k.f carraa afaan barumsaa ta’uu argataniiru
• Kaayyoon xaaliyaanii kallattiin afaanota biyyattii keessa jiran
guddisuuf ta’uu baatus ogbarruu afaanota adda addaa gabbisuuf
karaa baneera.
• Carraa kanatti gargaaramuun Afaan Oromoo afaan barumsaa
ta’uurra darbee galmeen jechootaafi kitaaboleen seerluga hedduun
lammiilee xaaliyaanii kan akka Borello, Caressa, Arenzano, Ducati
Moreno, Thienefi k.k.fniin akka maxxanfaman ta’eera.
• Hojiiwwan yeroo sanaa haalaan xiinxaluuf barreeffamoonni
qophaa’aa turan heddumminaan argamuu baatanis seenaa
ogbarruu Oromoo keessatti bakka guddaa akka qaban amanama.
• Haalli qabatamaan sanaan dura ture mijataa ta’uu baatus jalqaba
jaarraa digdammaffaa kaasee wanti hojjetame gaarii akka ture
beektonni ni ibsu. Fakkeenyaaf, dhimma kana ilaalchisee yaanni
Gene Gragg barreeffama Mekuniya Bulcha (1994) keessatti haala
armaan gadiin taa’eera
Cuunfaa Hojiilee Gurguddoo Bara Kanaa
T.La K. Barreeffama Barreessaa Bara Xiyyeeffaannoo
1 Grammatica
Teorico practica
Della lingua
[Oromo]
M.M.Moreno 1939 Seerluga
2 Grammar Di Lingua
[Oromo]
M.Boreno 1939 Seerluga
3 Disionslis Della
Lingua [oromo]
A.Jarussou 1939 Jechoota Afaan
Oromoo
4 [Oromo]-Italiano
and Italiano-
[Oromo]
P.Gaetano
1939 Jechoota Afaan
Oromoo
• Haata’u malee, haalli mijaawaan kun bifa kanaan itti fufuu hindandeenye.
• Maaliif sitti fakkaata?
• Seenaa Barreeffama Oromoo (1941-1974)
• Kutaa kana keessatti ammoo erga mootii Haayila Sillaaseen aangootti deebi’anii
booddee hanga kufaatii isaaniitti seenaan barreeffama Oromoo maal akka fakkaatu
ilaalla.
• Hayila Sillaaseen aangootti erga deebi’anniin booddee hojiin isaanii jalqabaa
imaammata afaanii xaaliyaaniin hordofaa turte hundeen buqqisanii gatuu ture.
Sababiin isaas yaada tokkummaa biyya tokkootiif afaan tokkoofi amantaan tokko
barbaachisaadha jedhu hojiirra oolchuufi.
• Haaluma kanaan bara 1942 irraa kaasee Afaan Amaaraan alatti afaanoonni
biyyatti kamiyyuu barumsaafis ta’ee hojiif akka hin tajaajille taasifame (Mekuria
Bulcha, 1994).
• Hojiin kun irra caalaa kan ifa bahe Labsii bara 1944 Lakkoofsa 3 irratti baheen
(achuma. F, 99). Labsiin kun lammiileen alaa biyya kamiiyyuu hojii barsiisuu biyya
keessatti gaggeeffamuuf kan gargaaramuu qaban Afaan Amaaraa qofa akka ta’e
eera.
•
• Kanamalees, Labsiin kun namootas ta’ee dhaabbilee seera
kana cabsan to’achuuf aangoo addaa ministeera barumsaafi
Ministeera biyya keessaaf kenna.
• Fakkeenyaaf, namni Afaan Amaaran ala akka hinbarsiifneef
sirna barnoota isaanii sakatta’uun yoo seerichi cabeefi
saganticha dhaabsisuun yoo barbaachisaa ta’e mana
barumsichaa gubuun aangoo ministeera Barnootaati.
Namoota seera kana cabsan ammoo biyyaa ari’uuf aangoo
kan qabu ministeera Biyya keessaati. (Mekuriya Bulcha,
1994).
• Hojiin kun ammoo Oromoonni afaan isaanii akka hin
gargaaramne dhorkuu qofa osoo hin taane akka of
irraanfatan ykn Oromummaa isaaniitti akka qaana’an (De-
Oromization) godheera.
• Hunda caalaa lammiilee biyya alaa kan ajaa’ibsiisaa ture
namoonni wangeela labsan (Amantaa kiristaanaa
babal’isan) Socho’uun kan heyyamamuuf kaaba
Itoophiyaan ala qofaa ta’uusaati.
• bara 1955tti Afaan Amaaraa guutumaa guutuutti afaan hojii
(biyyoolessaa) akka ta’u murtaa’e. Kanamalees, kallattii sabquunnamtiitiin
(Raadiyoo) afaanotni dubbataa muraasa qaban kan akka Afaan Tigrie,
Somaalifi Affaar tamsaasaa turaniiru.
• Haata’umalee, imaammanni kun haala mootummaan yeroo sanaa
yaadeen itti fufuu hindandeenye.
• Sababni isaa maal sitti fakkaata?
• waanjoon gabrummaa ulfaachaa deemu qabsoon namoota muraasaan
bakka bakkatti jalqabame. Qabsoo kana bifoota gurguddoo lamaan
ilaaluun ni danda’ama (1950 fi 1960 keessa):
1ffaa qabsoo namoota dhuunfaan taasifamaa ture yeroo ta’u
2ffaa ammoo qabsoo gamtaaleefi dhaabbilee gargaraatiin taasifaman
jiddugaleessa godhata.
Namoota garee tokkoffaa jalatti ramadaman keessaa Sheek Bakrii Saaphaloo
bakka addaa qabu. Hojiin isaanii carraa bahee mul’achuu argachuu baatus
Mohammed Hassen (2003) mata-duree Shayk Bakrii saphalo (1895-1980):
Aprolific Scholar and a great Oromo nationalist. jedhu jalatti waa’ee seenaa
fi hojiilee addatti ittiin beekamanii namoota garagaraa waabefachuun
ibseera.
2.1 Sheek Bakrii Saaphaloo/Abubakar Usmaan Odaa/
• Sheek Bakrii Saaphaloon Harargee bakka saaphaloo jedhamtutti
dhalatan.
• Maqaan yeroo ijoollummaa isaanii Abubakar jedhama ture.
Seenaan isaanii akka agarsiisutti Sheek Bakriin obboloota isaanii
torbaniirraa waan ittiin adda ta’an qabu.
• Kunis, maatii isaanii keessaa sadarkaa barumsaa gaarii nama
qabaniifi daa’imummaan kaasee walqixummaa namaatti amanuu
isaaniiti. Amalli kun ammoo umurii isaanii guutuu akka waliin ture
himama.
• Sheek Bakriin barumsa amantaa bu’uura ta’e kan jalqaban achuma
Saaphalootti.
• Itti aansuudhaan barumsa isaanii sadarkaa garagaraattii
hordofaniiru. Fakkeenyaaf, bakkeen adda addaa kan akka Wayber,
Caffee gurraattii, Yakkaa, carcar fikkf keessatti hedduu barataniiru.
Walumaa galatti Sheek Bakriin bara 1909-1927 Sheekota adda
addaa jalatti barumsa amantaa haalaan hordofaniiru /qo’ataniiru.
Waggootii kana gidduutti seenaa uummataa Oromoo (keessattuu
Harargee) Sirriitti hubatanii turan.
• Akka fakkeenyaalti yoo ilaalle weerara Misiraan (Egypt) dura (1875)
uummanni Oromoo naannoo sanaa seera gadaan akka bulaa tureefi
isaan booddee aadaa boonsaa ta’e gallakkisuuf dirqamuusaa
hubataniiru.
• Kanamalees, erga Misirri (Egypt) Harargee gallakkistee baatee
waggaa lamaan booddee gabrummaa Miniliik jalatti kufuushee
daa’imummaan abbaa isaaniirras erga guddatanii booddee immoo
Sheekota garagaraa (Keessattuu Sheek Abdallaa – wayibaritti) irra
sirriitti barataniiru.
• Egaa seenaa kanadha Bakrii dhabbiif teessuma dhoowwee kan
mirga ilmaan namaaf (Oromoof) akka hojjetan kan isaan taasise.
• Bakriin beekumsa kana qofaan sugaahanii hinteenye. Waa’ee
addunyaa kanaa haalaan beekuuf baay’ee dhama’an. Haaluma
kanaan barumsa fagoon yuunivasiitii beekamaa yeroo sanaa
AlAzhar University (Egypt) walquunnamtii uumuun carraa
warraaqsaa biyyoota Afrikaa, Esiyaafi jiddugala bahaa beekuu
argataniiru.
• Kun ammoo yeroo booddee dhugaan kun uummata Oromoof akka
hojjetu walaloo barreessaa turaniin argisiisaniiru.
• Gabaabumatti, Sheek Bakrii Saaphaloon barumsa amantaa qofaan
osoo hintaane kan akka herreegaafi falaasamanillee hubannoo
gaarii qabu turan.
Bakka itti barsiisaa turan keessaa kan beektu jiraa?
2.1.1 Jiddugala (Wiirtuuwwan) itti barsiisaa turan
A. Wiirtuu saaphaloo (1927)
Sheek Bakriin Wiirtuu jalqabaa kan dhaaban achuma bakka dhaloota isaanii
saaphalootti ture. Kunis bara 1927 dha.
Jiddu gala kanatti maal hojjechaa turan? Barsiisuu, daa’imman haadhaafi abbaa
hinqabnellee gargaaraa turanfi namoonni jaalalaafi kabajaan akka jiraatan shoora
olaanaa taphataniiru.
B. Wiirtuu Adellee (1940
• Wiirtuu lammaffaa banuuf yoo xiqqaate waggootii 13 itti fudhate.
• sababa.
• Tokkoffaa bara 1928 titti haadha manaasaanii jalqabaa waan fudhaniif akka
duraa haalaan sochi’uun rakkisaa ture.
• lammaffaafi inni guddaan ammoo abbaan isaanii (Usmaan Odaan), bara 1930tti
waan du’aniif maatii bulchuuf itti gaafatamummaa fudhachuu isaaniiti.
• Wiirtuu kanatti maal hojjetan?
1. walaloowwan hedduu yeroo itti qopheessaa turanidha.
2. barumsa amantaa wajjin walqabatee walqixummaa dhiiraaf dubaraa irratti
baay’ee hojetaniiru
• Kanas ijoollee isaanii (shamarran) qixxee dhiiraa barumsa akka argatan gochuun
mirkaneessaniiru. Kanaaf, jiddugalli kun bakka tasgabaa’anii hojii gara fuulduraa
itti yaaduu jalqabni jechuun ni danda’ama.
C. Wiirtuu Ligboo (1948)
Maaltu hojjetame?
Bakka itti barsiisaa turanidha
• qubeen saaphaloo (The saphalo Script) bakka itti dhalatteefi hojiirra
ooltee jedhameet amanama.
• Ofiin itti gargaaramuun qofa osoo hintaane barattoonni isaanis akka itiin
barreessan jajjabeessaa turan. Gabaabumutti waa’een Sheek Bakrii
Saaphaloofi qubeen isaanii yeroo ka’u jiddugalli Ligboo hin dagatamtu.
Jiddugalli kun immoo seenaa Sheek Bakrii Saaphaloo keessatti bakka
guddaa qabdi
D. Wiirtuu Kortuu (1953)
Maaltu hojjetame?
• akkuma kanneen biroo bakka itti barsiisaa turanidha.
• Wiirtuu kana kan adda taasisu ergamtoonni mootummaa yeroo sanaa
haalaan Sheek Bakrii adamsuu yeroo jalqabanidha.
• Kun ammo sabboonummaan isaanii akka dabalu taasiseera.Sababiinsaas
hanguma dhiibbaan gabrummaa cimaa deemtu qabsoon humna godhatti
waan ta’eefi.
• Wiirtuuwwan armaan olitti eerameniin alatti bakkeewwan gargaraa akka
jiddugala xixiqqootti itti gargaaramaa turaniiru. Isaan keessaa Dirree
Dhowaa, Gootaa, Qabbanaawaa fi Bobbaasaa isaan muraasadha.
2.1.2 Hojiilee Gurguddoo Sheek Bakrii Saaphaloo
• Muuxannoo kanaan dura qabduun Sheek Bakriin maaliin beekamu?
• Sheek Bakriin uummata Oromootiif gumaacha taasisan kallattii lamaan ilaaluun ni
danda’ama.
1. hawwiifi fedhii uummata Oromoo kan ture qubee Afaan Oromoof ta’u bocuu
isaaniiti.
2. Inni lammaffaan ammo Oromoon gabrummaa jalaa akka bahuuf walaloowwan
garagaraa dadammaqinaaf oolan barreessuu isaaniiti; qabsaa’aa Oromooti.
• Hojiin kun ammoo waloo Oromoo kan jalqabaa (tari) isaan jechisiisuu danda’a.
• Hojiilee gurguddoo kana sirriitti akka hubattuuf bifa armaan gadiin qoqqoodnee
osoo ilaallee gaarii ta’a.
• 2.1.2.1 Walaloowwan Sheek Bakrii
• Sheek Bakriin uummata Harargee darbees uummata Oromoo biratti kan ittiin
beekaman keessaa walaloo barreessuudhaani.Namni kun gama walalootiin kennaa
addaa akka qaban amanama. Walaloo isaaniitiin barattoota isaaniifi hawaasa
waa’ee amantaa akkasumas waa’ee biyya lafaa (Secular) barsiisaa turaniiru.
Dhugaa kana fakkeenyota
• garagaraatiin ilaaluun/mirkaneessuun ni danda’ama.
A. Barbaachisummaa seenaa ofii (Oromoo) beekuu
B. Barumsi akka ija namaa banuufii addunyaa waliin tarkaanfachuu akka nama
dandeessisu
C. Rakkina hawaasumma adda addaa
2.1.2.2 Qubee Saaphaloo (The Saphalo Script)
• Osoo gara qubee Saaphalootti Kallattiin hincehiin yaada gabaabduu
seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti Qubeewwan Afaanota
garagaraa haala kamiin Afaan Oromoof tajaajilarra akka oolaa turan
ilaalla.
• Fayyisaa Damee (1996) barreeffama mata-duree “Historical
challenges in the Development of Oromoo Language and Some
Agenda for Future Research” jedhu keessatti akka ibsutti,
lammiileen Awurooppaa bifa saayinsaawaa ta’een qo’annoo
Oromoo otoo hinjalqabiin dura Afaan Oromootti kan gargaaramuu
jalqabe uummata Oromoo mataasaaniiti.
• Kunis jaarraa 17ffaa keessa uummanni Oromoo Walloo qubee
Arabaatti gargaaramee Afaan Oromoo barreessaa ture.
Dabalataanis, Mootonni Gibee Shanan- Jimmaa, Geeraa, Gommaa,
Gummaafi Limmuu Innariyaan qubee Arabaan Afaan Oromoo
barreessaa turaniiru.
• Kanamalees, Oromiyaa Bahaafi kibba Bahaatti (Harar,Baaleefi Arsii)
Qubeen Arabaa tajaajila Amantaaf oolaa tureera (Fayyisaa
Damee,1996).
Bifa ammaayyaan eenyu eegale
• bifa ammayaafi karaa saayinsaawaa ta’een qo’annoon Oromoo kan jalqabame
jaarraa 19ffaa Awurooppaatti.
• Fakkeenyaaf, namni James Bruce (traveler) jedhamu caasaa hima Afaan Oromoo
Qubee Saabaatiin argisiisuuf yaaleera.
• Kanamalees, jaarraa 19ffaa keessa lammiileen Awurooppaa baay’een Afaan
Oromoo barreessuuf Qubee Saabaafi laatinii gargaaramaniiru. Fakkeenyaaf, Dr,
Johann Ludwig Krapf qubee Laatiniitti fayyadamuutiin nama jalqabaati jedhama.
• Itti aansuun jaarraa 20ffaa keessaa Cerulli, Adrejewskifi kkf qubee kanatti
gargaaramuuf yaalii taasisaniiru. Haata’umalee, hundisaanii afaan tokkoon qubeen
Saabaa Afaan Oromoof mijaataa akka hintaane ibsaniiru. Waan kana ta’eef, Krapf
fa’aa dabalatee, Tutschek (1844),
• Viterbo (1892),
• Foot (1913),
• Moreno (1922),
• Hodson and Walker (1922),
• Borello (1939),
• Gaetano (1939),
• Nordfeldt (1947)fi kkf Afaan Oromoo barreessuuf qubee Laatinii filachuun
barreessaa turan.
Biyya keessaa
• Gama biyya Oromootti yeroo deebinus Onesimos qubee Saabaa
akka fayyadamuuf dirqamsiisanis hojiin inni hojjechaa ture
rakkina qubeen Saabaa Afaan Oromoo barreessuuf qabu
argisiiseera. Fkn. qudee ‘Dh’ barreessuuf tooftaa gargaaramaa ture.
• Osoo hojiin qubee har’a gargaaramnuuf bu’uura ta’e Gamtaa
Barattoota Oromoo Awurooppaatiin hinjalqabamiin dura, Afaan
Oromoo qubee mataasaa qabaachuu qaba jechuun walakkeessa
jaarraa 20ffaa keessa kan socho’aa turan Sheek Bakrii
Saaphaloodha.
• Tattaaffii isaanii kana ilaalchisee yaada armaan gaditti dhihaate
haalaan xiinxali.
• Hojiin cimaan inni lammaffaa Sheek Bakriin ittiin beekaman qubee
Afaan Oromoo barreessuuf ta’u bocuu isaaniiti. Yeroo kam hojii
kana akka eegalan afaan guutanii dubbachuun rakkisaa ta’us
Mohammad Hassen (2003) nama Aliyi Kahalifa jedhama eeruun
akka barreessetti hojiin kun wiirtuu Ligibo (1948-1953) wajjin
hidhata qaba. Yaada kana yeroo kaa’us akkas jedha.
• Haata’u malee, Mohammad Hassen akka jedhutti hojiin kun kan itti
yaadamuufi qabatamaan karoora keessa gale erga Mootichi Hayila
Sillaasseen aangootti deebi’aniiti. Namni kun yaada kanaaf sababoota
gargaraa dhiheessa.
•
• 1. Hojiin Kun waggaa 10-12 fudhateera jedhamee waan amanamuuf, yeroo
wiirtuu Ligiboorraa duubatti deebinee herreegnu bara 1941/42 ta’a. Barri
kun ammo yeroo mootichi aangootti deebi’anidha.
• 2. Murteen mootichi Afaan Oromoo afaan barreeffamaa, hojiifi amantaa
akka hintaaane dabarsan Sheek Bakriin waan qabaniin akka qabsaa’an
taasiseera.
• 3. Akkuma afaanota biroo raadiyoon darbaa turanii Afaan Oromoos
Sadarkaa sanatti akka guddatuuf hawwii waan qabaniif.
• Barbaachisummaa kanaas ilaalchisee walaloon Sheek Bakriin Afaan
Oromoofi Afaan Ingiliziin qophaa’e kan armaan gadii fakkaata:-
• 4. Uummanni Oromoo Seenaa aadaafi duudhaa boonsaa osoo qabuu
mallattoo kennaa kana ittiin ibsatu dhabuunsaa qaaniidha jedhanii waan
yaadaniif.
• 5. Sirna bulchiinsaa akkasumas imaammata afaan tokkoofi amantaa tokko
jedhu mormuuf.
• 6. Rakkoolee qubee afaan biraan (Arabaafi Saabaa) Afaan Oromoo
barsiisuuf jiran hambisuun uummata isaanii barsiisuuf
QUBEE SHEEK BAKRII SAAPHALOO
Kana malees hojiin isaa
• Kanamalees, kitaabolee adda addaa amantaa seenaafi
jireenya hawaasummaa irratti xiyyeeffatan gara Saddeetii
barreessaniiru. Dabalataan, barreeffama gabaabduu Shalda
/Sharpknife/ jettuun hawaasa haalaan akka
daddammaqsaa turan seenaan ni hima.
• Hojilleen Sheek Bakriin ittiin beekaman hedduu ta’anis
carraa maxxanfamuu waan hin arganneef seenaan nama
kanaa haalaan bahee hinmula’anne.kana fiixaan baasuuf
tattaaffii gochaa turanis (Sheek Bakriin) dhiibbaa irra gahee
tureen bara 1978 koolu-galtummaa Somaaliyaatti galuuf
dirqaman. Moqqaadishuu qaqqabanii barreeffamoota
isaanii maxxansiisuuf yaalanis haalli qabatamaa yeroo
sanaa Hiran (Somalia) itti akka boqotan taasise. Kaayyo
yaadan guutumaa guututti galmaan ga’uu baatanis seenaa
og-barruu Oromoo keessatti qoodni qaban baay’ee ol-
aanaadha.
• 2.2 Waldaa Maccaafi Tuulamaa
• Waa’een Ogbarruu yeroo ka’u afaan, aadaan, seenaafi duudhaan
saba /ummataa ka’uun isaa hin oolu.Qabxiilee afaan waliin deeman
kana beeksisuuf ykn barsiisuuf haalli keessatti hojjetamu (Siyaasa,
dinagdeefi hawaasummaa) murteessaadha. Seenaa ogbarruu
Oromoo Sakatta’uuf seenaa uummata Oromoo tuquun dirqama
waan ta’eef gama kanaan waan jiru eeruun gaarii ta’a.
• Bara 1941-1974tti haalli qabatamaan biyya keessa ture afaanii fi
uummata Oromoof mijaahaa waan hinturreef sochii Sheek Bakriifaa
wajjin walqabatee bara 1960’s keessa Waldaan Maccaaf Tuulamaa
akka dhaabbatu taasifame.
• Waldaan kun uummata Oromoo baadiyyaafi Magaalaa jiru walitti
gurmeessuun rakkoo jiru hiikuuf kan tattaafataa turedha.
• Yeroo eerame keessatti uummanni Oromoo akka dadammaqu
gochuun namoonni hedduun akka barreessan barsiisaniifi
beeksisan karaa baneera.
• Kanaaf, haala qabatamaa har’a mul’atuuf waldaan kun gahee
guddaa akka taphate namoonni hedduun waliigalu.
• Gabaabumatti, seenaa ogbarruu Oromoo bara 1960 fi 70 keessaa
yeroo kaasnu waldaan kunis maqaa dhahamuun waan oolu miti.
2.3 Afaan Tajaajila Sabquunnamtii Keessatti
• Afaan Amaaraa barreeffamanis ta’ee raadiyoon bara 1940 kaasee hanga 1960 keessaatti
qofaasaa tajaajilaa ture.
• Haata’u malee, bara 1970 kaasee afaanotni biyyatti arfan: Tigrinya, Tigre, Somali fi Afar
meeshaalee sab-quunnamtii mootummaatiin tajaajilarrra oolaa turaniiru.
• Haata’umalee, afaan uummata %50 biyyattiin dubbatamu (Afaan Oromoo) tajaajilaa ala
akka ta’u taasifame.
Namoonni tokko tokko yaada yeroo kennan uummanni Oromoo bulchiinsa biyyatti irratti
dhiibbaa hinfidu jedhamee waan yaadameef murteen kun darbe jedhu. Makuria Bulchaa
(2004)n yaada kana mormuun sababoota muraasa kaasa:
• 1. Dhiibba kallattii xiinqooqaan fiduu danda’u fi
• 2. Dhiibbaa kallattii aadaan fiduu danda’u baqachuufi jedha
• Kana yeroo jedhu carraa bilisaan hojiirra ooluu yoo argate, Afaan Oromoo yeroo
gabaabaa keessatti karaa xiinqooqaas ta’ee aadaa hedduu guddachuu danda’a. Kun
ammo afaaniifi aadaa gabroomsitootaaf (akka ilaalcha habashootaatti) qormaata
cimaadha.
• Akka dhokatuufi baduuf duulli kan irratti taasifamaa ture Afaan Oromoo qofa osoo hin
taane dacheen isheellee maqaa akka jijiirrattu kallattii garagaraan sochiin taasifamaa
tureera.
• Kun karaa lamaani jechuun ni danda’ama.Tokkoffaa biyyootaafi sabaaf sablammiiwwan
daangaa Oromiyaarra jiran wajjin walitti makuun maqaa biraa moggaasuufi. Inni
lammaffaa ammoo bakka walitti makuun rakkisaa ta’etti achumatti maqaa haaraa
moggaasuufiidha. Naannoo ati jiraattu moggaasni akkasii hin jiruu? Yoo jiraate yaada
kana wajjin walqabsiisuun xiinxali.
• 2.4 Barreeffamoota labsii bahe hulluuqanii
maxxanfamuuf carraa argatan
• Akkuma mata-dureewwan kanaan duraa
jalatti kaasaa turre Afaan Amaaraan addatti
afaanonni biroo carraa afaan barreeffamaa
ta’uu hinarganne. Haata’u malee, hojiileen
tokko tokko dhoksaan (kan biyya keessaa)
kannen Afaanota biroo waliin maxxanfaman ni
jiru. Barreeffamoota kanas Maqaa ittiin
beekaman, abbaa barreesse, bara itti
maxxanfamaniifi xiyyeeffannoo isaanii haala
armaangadiin dhihaataniiru.
Lakk Barreeffama Abbaa
maxxanse
Bara
maxxansa
me
Xiyyeeffanno
o
1 Dhaamsa
Qulqulluu akka
Leekeen xaafe
Hin
beekamne
1945 Amantaa
2 Afaanotaafi
Jijjiirraa
Hayilee
Fidaa
1972 Afaan
Oromoo
3 Caasaa Afaan
Oromoo
M.
Nordfidit
1947 Afaan
Oromoo
4 Hirmaata
Dubbii Oromoo
Hayilee
Fidaa
1973 Seerluga
5 Galata
Waaqayyoo
Gooftaa Maccaa
HIn
beekamne
1956 Amantaa
6 Waan
Ergamtuun
Tolchite
HIn
Beekamne
1954 Amantaa
7 Guide to
Learning the
(Oromo) Language
J.
Lahundhar
1955 Afaan
Oromoo
8 The [Oromo] of
Ethiopia :The
kingdomof Kafa
and Tanhero
L.W.
Hunting
ford
1965 Seenaa
Oromoo
9 Maxaafa
Xoobuut
Abbaa
Laambarto
1965 Seenaa
10 The
[Oromo]Mobarchy
Herbert S.
Lewis
1965
Seenaa
11 The Origin of
the [Oromo] and
somalia
Herbert S.
Lewis
1966 Seena
Seenaa Ogbaaruu Oromoo Barii Warraaqsaatii
Hanga Kufaatiisaatti (1974 -1991)
3.1 Imaammata Afaanii Yeroo Kanaa (1974-
1991)
• Bara 1970 kaasee namoonni kallattii
garagaraatiin bulchiinsa yeroo sanaa irratti
gaaffii kaasaa turaniiru.
• Yeroo sochiin warraaqsaa kun galma ga’u
(1974) aangoo kan qabate (Dargiin) waadaa
bifa armaan gadiin akka gale Makuria
Bulchaan (2004) yaada nama biraa eeruun
kaa’eera.
• Waan kana ta’eef, lammiileen biyattii hedduun (Keessattuu
Oromoonni) abdiifi amantaa guddaa qabu turan.
• Haaluma kanaan sochii afaaniifi aadaa Oromoo guddisuuf ta’u
jalqaban.
• Kanamalees, kitaaboleen adda addaas gara Afaan Oromootti
jijjiiramaniiru.
• Dabalataan galaalchaan torbeen maxxanfamaa ture (Bariisaan)
yeroo gabaabaafis ta’u dheebuu uummata Oromoof waan ta’u
dhiheessuu jalqabe.
• Haata’umalee, mootummaan Dargii waadaa gale hojiirra oolchuu
hin dandeenye. Faallaa waadaa galee hojiirra oolchuun
immaammata bara hayila Sillaasee cimsee itti fufe.
• Afaan Amaaraa afaan hojii, barumsaafi bulchiinsaa ta’ee itti fufe.
Kanamalees, baasii gaarii ramaduun barreeffamni afaan kanaan
qophaa’u akka babal’atu taasifamaa ture. Sochiin kun itti fufuun
bara 1879tti Akaadaamiin Biyyooleessaa Afaan Amaaraa gara
maqaa Akkaadamii Afaanota Itoophiyaatti jijjiirame.
• Haata’umalee, jijjiirraa maqaa malee hojiinsaa isuma duraa ture;
Afaan Amaaraa qofarratti xiyyeeffachuu.
3.2 Meeshaalee Sabquunnamtiifi Tajaajila Isaanii
• Bara 1980 keessa barreeffamoonni bifa galaalchaafi
barruuleetiin afaanota biyya keessaan maxxanfamaa turan
gara kudha afurii ta’u ture (M.Bulchaa, 2004). Isaan
keessaa 12 Afaan Amaaraan, 1 (Afaan Oromoon-Bariisaa)
1(Afaan Tigreen) turan. Barreeffamoota bifa gaazexaafi
barruuleetiin bahanii rabsamaa turan parsantiin yeroo
ilaallu %94.3( Afaan Amaaraa) %5.2 (Tigrinyaa) fi %0.4
(Afaan Oromoo) turan.
• Bariisaan baay’inaan uummata hunda bira gahuu baatus
hangasumatti lammiileen Oromoo baay’een jaalachaa waan
dhufaniif yeroo gabaabaa keessatti maqaa guddaa argate.
• Haalli kun kan hinliqinfamneef mootummaan Dargii
guutumaa guutuutti dhaale. Isaan booddee lakkoofsi
maxxanfamuus xiqqaaxchaa inni maxxanfames haalaan
uummata bira akka hingeenye taasifeme.
3.3 Afaan Oromoofi Duula Wallaalummaa Balleessuu
• Afaanota Dargiin duula wallaalummaa balleessuu irratti itti
gargaaramaa ture keessaa Afaan Oromoo tokkodha.
• Mootummaan dhimma siyaasaaf itti gargaaramuurra kan
darbe afaaniifi uummata Oromoof bu’aan buuse hangas
miti.Sababoonni kanaaf dhihaatanis:
A. Qubeen gi’izii Afaan Oromoos ta’ee afaanota kushitikii
biroof mijataa waan hinturreefi
B.Bakka mallattoolee kana itti barataniin alatti bifa idilee
ta’een meeshaaleen barnootaafi deeggarsa barnootaa bifa
haala itti fufinsa qabuun argachuu hindandeenye.
Waan kana ta’eef, sagantichaan booddee kan barachaa ture
deebi’ee wallaalaa ta’e.
• Akka waliigalaatti barri Dargii seenaa ogbarruu Oromoo
keessatti yeroo Hayila sillaaseetti aanee rakkisaa ture..

More Related Content

Similar to sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx

Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
dinqicala
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Jaafar47
 
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.pptTumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
Jaafar47
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
gdirbabaa8
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
Desalechali1
 
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.pptMalaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Jaafar47
 

Similar to sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx (20)

Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
 
Oromo - The Epistle of Apostle Paul to Titus.pdf
Oromo - The Epistle of Apostle Paul to Titus.pdfOromo - The Epistle of Apostle Paul to Titus.pdf
Oromo - The Epistle of Apostle Paul to Titus.pdf
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
Oromo - Bel and the Dragon.pdf
Oromo - Bel and the Dragon.pdfOromo - Bel and the Dragon.pdf
Oromo - Bel and the Dragon.pdf
 
Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
 
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.pptTumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
Tumaalee Ijoo Seera Bittaa Mootummaa.ppt
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Oromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdfOromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdf
 
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdfOromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
 
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdfOromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdfOromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
 
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.pptMalaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
Malaammaltummaafi Barnoota 2015.ppt
 
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdfOromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdfOromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
 

sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx

  • 1. 1.3.1 Seenaa Onesmoos Nasiibii fi Hojii Isaa a/ Seenaa Onesmoos Onesmoos naannoo lixa Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu jedhamutti bara 1850 dhalate. Maqaan isaa dhalootaan abbaa fi haati baasaniif Hiikaa dha. Abbaan isaa Awwaajiin ijoollummaa isaatti irraa du’an. Hiikaa Awwaajii dhalatee naannoo waggaa afuriitti bakka jireenya isaatti lolli ka’e. Yeroo sana uummanni gosaan wal qooduun wal lolla ture. Warri qabatan bakka biraa geessuun gatii loon afuriitti gurguratan. Namichi bitate Hiikaa waggaa lama of bira tursuun mataa irraa aadee boca adda addaa iti baasuun gabaa baasee gurgurate. Namoonni lama waliin bitatanii irratti wollolanii inni tokko isa kaan ajjeese. Sana boodas Hiikaa amoolee dhibba lamatti gurgurate. Namichi amooleen bitate kun immoo, waan baay’ee gara-jabeessa tureef, Hiikaa erga baay’ee rakkisaa fi doorsisaa turee booda gurguruuf gara Mistiwwaatti geesse.
  • 2. • Onkoloolessa 1870 Ambaasaaddara Siwiizii kan yeroo sana Mitsiwwaarra hojjataa ture, maqaan isaa Vaarner muzyiinjar kan jedhamuun bitame. • Hiikaan nama bulguu jedhamee ittiin sodaachisiifamaa ture harka waan bu’eef, yaada amma na nyaata, amma na nyaata jedhuun baay’ee of rakkisa ture. • bara 1871 mana barumsa Miishinarii kan achitti argamutti akka baratuuf galche. • Qajeelchaan mana barumsichaa yeroo sana nama Lundihaal jedhamu ture. • Hiikaan waggaa tokkoof barumsa isaa erga baratee booda, bara 1872 guyyaa ayyaana Cuuphaa cuuphamee maqaa Onesmoos jedhamu argate. Hiikni isaa Afaan Giriikiitiin ‘Faayida qabeessa’jechuu dha. • Onesmoos mana barumsaa erga seeneen booda yaadasaa keessatti kan inni bakka guddaa kenneefii ture, biyya isaatti deebi’ee barumsa barataa ture sana firoota isaa barsiisuu ture. • Yaadni kun akka baay’ee boqonnaa isa dhoowwaa ture yaaadannoo seenaa isaarraa hubachuun danda’ameera. • Halkan halkan akka boo’etti bulaa ture. “Yaa waaqayyo/Rabbi yoom biyya abbaa kootti na deebista laata? Dhaqee lammii koo barsiisuuf hagam na tursita laata?” jechaa akka waaqa/Rabbi kadhataa tures seenaan ni dubbata. • Hawwiin Onesmoos gara biyya dhaloota isaatti deebi’ee lammiisaa beekumsa argate sana barsiisuu, hin milkoofne. Hawwiidhumaan hafe
  • 3. • Waxabajjii, 25 bara 1876 barumsa ol’aanaaf gara biyya Awurooppaa Suwiidinii akka deemu itti murteeffame. • Onesmoos yeroo lammiileen Afrikaa gabrummaan dararamaa turan sana keessatti, carraa warra adii waliin barachuu argachuun waan guddaa ture. • Biyya Suwiidinii Magalaa Istookoolm keessatti kan argamu dhaabbata Xiinamantii Johan Luunditti (Theological Insititute of Johan Lund) barumsa isaa eegale. • waggoota shaniif erga tureen booda bara 1881 ji’a Onkoloolessaa keessa dippiloomaa theology fudhate gara Mitsiwwaatti deebi’e. • mihrat haylee fuudhe. • Hawwiin onesmoos uummata isaa barsiisuuf qabu fiixaan baasuuf,tuuta gara kibba lixa biyyattii deemuuf qophaa’etti makame. • Tuuta imala ba’u kana kan oogganu nama reud Gustav E. Arrhenius jedhamu dha. Namoonni tuuticha keessa turan • 1. Lammiin biyya alaa A.w.Pahlman • 2. Namoonni biyya kessaa Hayluu, Mihrat,Semaatuu (haadha manaa Hayluu)fi mucaa Oromoo Filippoos jedhamanii dha. • Walumaa galatti, torba ta’anii Sadaasa 29 bara 1881 daangaarra ga’an. Achirraa adeemsa torban tokkoo booda gara Magaalaa Kaartuum ga’an. Famakaa dhaabbachuun lafa olka’aa Itoophiyaa arguun baa’ee gammadani. • Namni lammii Jarman kan Murno Bey jedhamu yeroo sana magaalaa kana keessa ture abdii isaanii dukkaneesse. Jechi inni ittiin yada isaanii dukkaneesse keessaa muraasni kan armaan gadii akka ta’e Paankraast ni dubbata.
  • 4. • inni mataan isaa waggaa kudha lama guutuu yaalee waan milkaa’uufii dhabeefi namni biraas eeyyama dhabee akka karaatti hafe waan beekuufi. Kanaafuu, isaanis akka gara sanaan deemuu hin yaalleefi akka gonkumaa hin danda’amne itti himuu isaa kan argisiisuudha. • Ebla 2 Famakaa ka’anii Caamsaa 10, 1882 kaartuumiin ga’an. • Adeemsa kana keessatti miiltoo isaanii Filiippoos waan du’eef awwaalanii darban. Onesmoosis baay’ee dhukkubsachuun du’uuf ka’e. Hayiluu fi Semaatuunis dhukkibni itti deebi’uun rakkise. kanaaf ‘Pahlman’ waliin gara Imkulluutti akka deebi’anii galan murteessan. Arrheniusi fi Mihret ammo, kaartuumitti hafuun Onesmoosiin gargaaruuf murteessan. • Adeemsa ji’ootaan lakkaa’amaniin booda Hagayya walakkeessa bara 1882 Imkulluu ga’an.
  • 5. • Bara 1884 keessa warri Miishinarii Minilikiin gaafachuun heeyyama argatanii Shawaa keessa darbuun gara Jimmaa deemuuf ka’an. • Sababni isaas mootiin Tigiree yeroo sanaa Atsee Yuhaannisiin “jara Mitsiwwaadhaa dhufanii gara Jimmaa deemuuf jedhan biyya kee keessa hin dabarsin,” waan jedheefi. Sababa kanaaf dhoorgeenii, hanga gara bakka dhufaniitti deebi’anutti, bakka Aliyyuu Ambaa jedhamtu akka boqatan godhe. • Onesmoos wantoota isa quunnaman kanatti gaddaa xiqqoo erga boqatee booda gara Eertiraatti deebi’e. Magaalaa Asmaraas jiraachuu eegale
  • 6. • 1.3.1 Hojiilee Onesmoos • Yaaliin yeroo 2ffaa erga jalaa kufeen booda Onesmoos Mitsiwwaatti deebi’uun callisee hin teenye. Kitaabilee adda addaa jijjiiruun maxxansiisuu eegale. • Hojii hojjachaa ture mara keessatti kan isa gargaaraa turte duraan barattuu isaa kan turte Asteer Gannooti • Kitaabilee torba ta’anis waliin maxxansiisaniiru. Isaanis, Kitaabolee torba isaa waliin maxxansiisan kan armaan gadiiti. • Galata waaqayyoo Gooftaa Maccaa • Kitaabni kun kan bara 1887 Afaan Oromootti jijjiiramee maxxanfame yoo ta’u, qabiyyeen isaa weedduudhaan Wangeelaa fi faarsaa Mooticha Daawitiin faarfameedha. Mata dureen isaas, ‘Prised be to God, the Lord of the Multitudes’ • Macaafa Qulqulluu kakuu Haaraa • Kitaabni kun bara 1893 maxxanfame. Hojiin kun hojii guddaa ture. Hojii kana keessatti Asteer baay’ee isa gargaarte. • Jalqaba Barsiisaa • Kitaabni kun bara 1894 kan maxxanfame yoo ta’u, fuula 174 qaba. Kitaabichi jechoota naannoo 3600 qaba. Jechoonni kitaaba kana keessa jiran baay’ina jechoota isaaniin qoodamanii jiru.
  • 7. • Qabiyyeen kitaaba jalaqaba barsiisaa jechoota, Oduu durii, mammaaksa, tapha ijoollee, hibboo, geerarsaafi weedduu jaalalaa. • Jechoonni jalqaba barsiisaarra jiran baay’ina qubee isaaniitiin ‘Dubbii fidala lama qaban, dubbii fidala sadii qaban, dubbii fidala afur qaban, dubbii fidala shan qaban, dubbii fidala jaha qaban, jedhamanii gar gar qoodamuun kaa’amaniiru. • Jechoota 366 haala kanaan kitaaba kana keessatti barreessee jira. • Kitaabni jalqaba barsiisaa oduu duriifi afoola kanneen biroo naannaa torbaatamii sagalii of keessatti qabatee jira. • Oduu durii inni kitaaba kana keessatti barreesse hundi dandeettii dubbisuufi barreessuu barnoota barsiisuuf tajaajilan turan. • Onesmoos nama beekaa ta’uun isaa kan guddatee mul’atu afoolatti fayyadamee namoota dandeettii barreessuufi dubbisuu hinqabne salphaatti barsiisuuf tooftaa kana qindeessuu isaati. Adeemsa isaa kana irratti Paankirast beekumsa isaa akkasitti mirkaneessaaf, “He is aware of the pedagogical significance of oral literature in language teaching.” Onesmoosi barbaachisummaa afoolli afaan barsiisuu keessatti qabu nibeeka.
  • 8. • Afoolli kitaaba kanarra jiru kan hawaasaa waan ta’eef, afoola beekan kana sirriitti xiinxaluun barumsa akka namni salphaan waa baratu taasisa. • Akkuma mata dureelee kanarraa arguun danda’amu hedduun isaanii kan uummata keessa jiraniidha. • 4. Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraafi Moofaa • Macaafa qulqulluu kakuu moofaafi haaraa bara 1897 jijjiiramee xumurame. Macaafa kana hiikee xumuruuf Onesmoos waggoota 13 itti fudhate. • Kitaaba kana hiikee xumuruuf kan inni itti fayyadame macaafa qulqulluu Afaan Amaaraafi Iswiidiinii ture. Onesmoos ofii isaatii Afaan Oromoo, Amaaraa, Tigree, Arabaa, Ingiliizii, Laatinii, Xaliyaaniifi Iswiidinii sirriitti beeka ture. • Onesmoos gara biyyattii erga deebi’een booda maatii isaa waliin jiraachuu itti fufe. Hojii kitaabbilee adda addaa gara Afaan Oromootti hiikuus itti fufe. Haaluma kanaan bara 1899 keessa kitaabbilee lama kanneen armaan gadii gara Afaan Oromootti jijjiireera. • Kaateekismaas • Garaa Namaa • Tarrakaa WangeelaaTarrakaa wangeelaa Kitaabni jedhu Onesmoosiif kitaaba isa xumuraati. Kitaabni kun afaan Ingiliiziin kan barreeffame irraa ‘Barth’s Bible Stories’ mata duree jedhuun barrreeffamee jira.
  • 9. • xalayaan obbo Iwostaatiyos ZeYohaannisiifi Obbo Daani’el Dabalaa harka Habte Yimariin Boojirraa bara 1903 isa qaqqabe. Namoonni kun lamaan bara 1897 irraa eegalanii wallaggatti wangeela barsiisaa turan. • Barreeffama isaanii keessattis Fitawuraarii Dibaabaafi Dajjaazmaach G/Igzaabiheeriif /Kumsaa Morodaa/ wangeela lallabuu akka danda’u ibsaniifiiru. • Mitsiwwaa irraa hanga Jibutiitti bidiruu hurkaan sochootun (steamer) deeman. Bara 1902 kan baname karaan Baaburaa ammoo adeemsa isaanii Jibuutiifi Finfinnee jidduu nisalphiseef. • Oneesimos gargaartota isaa Habte Maariyaamiifi Ayyalee waliin ta’uudhaan Mitsiwwaadhaa bara 1903 haadha manaa isaa Liidiyaa Dimboo ijoollee isaa sadan Tamaar (Yaadatee), Diinaa (Ayyaanee)fi Barnaabas (gammachiis) akkasumas, Asteer, Febeniifi mucaa Oromoo Maatiyoos Roorroo jedhamu fudhatee adeemsa eegalan. Finffinnee erga ga’anii booda Minilikiin eeyyama gaaafatani. Innis nama isaan gargaaru Naggaadras Haayile Giyoorgis jedhamu ramadeefii eeyyameef. • 1904 Naqamtee ga’an
  • 10. Erga biyya seenee hojii hojjeteefi dhiibbaa ture • Fulbaana 1904 ijoollee digdama galmeessee kutaa saditti hiruudhaan barsiisuu eegale. • “Namni Oneesimos jedhamu barnoota gantuu barsiisa jedhamee himatamee jira • Kumsaan Najjoodhaa gara Naqamteetti jijjiiramee waan tureef Oneesimoosiinis ofitti fudhate. Mana kenneefii of bira jiraachise. Kun immoo qeesota Naqamtee jiran naasise. • Seeraan mo’uu waan dadhabaniif karaa itti cufuu, arrabsuufi mana isaatti dhagaa guuruu jalqaban • Amajji 1906 immoo gumiin mana bataskaana Naqamtee Oneesimosiin balaaleffate. • Dubbiin isaa kunis Finffinee waan ga’eef, murtiin cancalaan hidhamuu abunichaan itti murtaa’e • Minilik murtichatti waan walii hingalleef hojiirra otuu hinooliin hafe • Bara 1908 “Mana isaatti kadhata gaggeessa, barattootas nibarsiisa” kan jedhu himanni gara biraa irratti baname.
  • 11. • Kana jidduutti Iyyaasuun yeroo inni Naqamtee keessa darbu isatti himachuuf mari’atan. Kumsaafi Qees Maatewos dubbiin kun cimaa ta’uu hubatanii Oneesimoos akka biyyaa ari’amu itti murteessan. • Maatiin isaa garuu gara Sibuu Tuqaatti baqatan. Inni immoo kooluu galuuf gara Finfinneetti deeme. • Waggaa tokkoon booda immoo otuu aangoo irraa hinbu’iin Iyyaasuun barnoonni seeraan akka gaggeeffamu eeyyama seeraan kennee ture. Onesimoosis carraa kanatti fayyadamuun mana barumsaa shamarranii Naqamtetti banee Asteer Gannoofi Liidiyaan akka barsiisan godhe. • Ofii isaa immoo ijoollee dhiiraa walitti qabee barsiisuu eegale. • intalli isaa Ayyaaneen summaa’uu dhiigaatiin waan boqotteef gaddi guddaan mana isaa gale. Luboonni mana sagada bataskaanaas achitti akka inni mucaa isaa awwaallachuu hindandeenye godhan • Bara 1919 dhukkubni golfaa namoota hedduu lafa naqe. • Sababa kanaan Asteeriifi Oneesimos biyyaa bahan malee nagaan argamuu hindanda’u, jedhamanii himataman. Kanaaf, Oneesimoos miila isaatiin Naqamtee irraa hanga Finfinneetti guyyoota kudha lama deemee luba Saderki’uust jedhamu biraa qoricha gargaarsaan fiduudhaan lubbuu namoota baay’ee du’arraa baraare
  • 12. • Waxabajji 22,1931 guyyaa sanbat-duraa galgala Oneesimos ilma ilma isaa luba Iddoosaa Gammachiis qabatee mooraa keessa naanna’uudhaan itti agarsiisaa ture • waxabajji 23,1931 Dilbata ganama ka’ee mana sagadaa deeme. Utuu manaa hinba’iin “har’a mana kanaa waa nihir’ata,” jedhee dubbachaa ture • Waldaarraa akka baheen manni Dr.Sadestram mana sagadaa sanatti dhihoo waan tureef achi goree seenuuf gaafa jedhu ejjennoo balbalaa irraa gara duubaatti deebi’e. Namoonni itti fiiganii qabuun erga ol seensisanii booda bakka ciisichaa kennaniif. Innis macaafa qulqulluu akka dubbisaniif bakka filatee itti hime. Isaanis bakka inni jedhe bananii dubbisaniif. • Erga dhageeffatee booda rafe; akkasumatti addunyaa kana gadidhhiise. • Waxabajji 23,1931 bakka uummanni hundi jiranitti sirni awwaala isaa raawwate. Awwaala isaa irrattis “Yaa biyyaa yaa biyyaa, jecha Waaqayyoo dhaga’i!” jedhamee barreeffame.
  • 13. Boqonnaa lama SEENAA OGBARRUU OROMOO (1936-ammaa) Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo (Bara Xaaliyaanii-1936-1941 • Kutaa darbe keessatti seenaa barreeffama Afaan Oromoo mootota Itoophiyaa garagaraa jalatti maal akka fakkaatu ilaalleerra. • Kutaa kana jalatti ammoo seenaa barreeffama Oromoo bara xaaliyaanii (1936-1941) maal akka fakkaatu waliin ilaalla. • Osoo Itoophiyaa hinweerariin dura xaaliyaaniin akka qorachaa turte seenaan ni hima. • Keessattuu haala sabaaf sablammiin biyyatti itti jiraachaa turanii, seenaa aadaafi afaan isa anii sadarkaa maalirra akka jiru irratti xiyyeeffachuun qaawwaa ittiin seentu sakatta’aa turteetti. Kunis, karaa hojii lammilee xaaliyaanii kan akka cerulli, Moreno fi kkf akka ta’e nihimama. • Sochii bara xaaliyaanii ilaalchisee Makuriya Bulchaan barreeffama mata duree “The Language Policies of Ethiopian Regimes and the History of Written Afaan Oromoo: 1844-1994” (1994) jedhu jalatti haala asiin gadiin kaa’eera. “Immediately alter conquest, the Italians divided Ethiopia in to regions using language and Ethnicity as criteria”. • yeroo xaaaliyaanii kanneen akka Afaan Oromoo, Somaalii, Kaffichoo, Adareefi k.k.f carraa afaan barumsaa ta’uu argataniiru
  • 14. • Kaayyoon xaaliyaanii kallattiin afaanota biyyattii keessa jiran guddisuuf ta’uu baatus ogbarruu afaanota adda addaa gabbisuuf karaa baneera. • Carraa kanatti gargaaramuun Afaan Oromoo afaan barumsaa ta’uurra darbee galmeen jechootaafi kitaaboleen seerluga hedduun lammiilee xaaliyaanii kan akka Borello, Caressa, Arenzano, Ducati Moreno, Thienefi k.k.fniin akka maxxanfaman ta’eera. • Hojiiwwan yeroo sanaa haalaan xiinxaluuf barreeffamoonni qophaa’aa turan heddumminaan argamuu baatanis seenaa ogbarruu Oromoo keessatti bakka guddaa akka qaban amanama. • Haalli qabatamaan sanaan dura ture mijataa ta’uu baatus jalqaba jaarraa digdammaffaa kaasee wanti hojjetame gaarii akka ture beektonni ni ibsu. Fakkeenyaaf, dhimma kana ilaalchisee yaanni Gene Gragg barreeffama Mekuniya Bulcha (1994) keessatti haala armaan gadiin taa’eera
  • 15. Cuunfaa Hojiilee Gurguddoo Bara Kanaa T.La K. Barreeffama Barreessaa Bara Xiyyeeffaannoo 1 Grammatica Teorico practica Della lingua [Oromo] M.M.Moreno 1939 Seerluga 2 Grammar Di Lingua [Oromo] M.Boreno 1939 Seerluga 3 Disionslis Della Lingua [oromo] A.Jarussou 1939 Jechoota Afaan Oromoo 4 [Oromo]-Italiano and Italiano- [Oromo] P.Gaetano 1939 Jechoota Afaan Oromoo
  • 16. • Haata’u malee, haalli mijaawaan kun bifa kanaan itti fufuu hindandeenye. • Maaliif sitti fakkaata? • Seenaa Barreeffama Oromoo (1941-1974) • Kutaa kana keessatti ammoo erga mootii Haayila Sillaaseen aangootti deebi’anii booddee hanga kufaatii isaaniitti seenaan barreeffama Oromoo maal akka fakkaatu ilaalla. • Hayila Sillaaseen aangootti erga deebi’anniin booddee hojiin isaanii jalqabaa imaammata afaanii xaaliyaaniin hordofaa turte hundeen buqqisanii gatuu ture. Sababiin isaas yaada tokkummaa biyya tokkootiif afaan tokkoofi amantaan tokko barbaachisaadha jedhu hojiirra oolchuufi. • Haaluma kanaan bara 1942 irraa kaasee Afaan Amaaraan alatti afaanoonni biyyatti kamiyyuu barumsaafis ta’ee hojiif akka hin tajaajille taasifame (Mekuria Bulcha, 1994). • Hojiin kun irra caalaa kan ifa bahe Labsii bara 1944 Lakkoofsa 3 irratti baheen (achuma. F, 99). Labsiin kun lammiileen alaa biyya kamiiyyuu hojii barsiisuu biyya keessatti gaggeeffamuuf kan gargaaramuu qaban Afaan Amaaraa qofa akka ta’e eera. •
  • 17. • Kanamalees, Labsiin kun namootas ta’ee dhaabbilee seera kana cabsan to’achuuf aangoo addaa ministeera barumsaafi Ministeera biyya keessaaf kenna. • Fakkeenyaaf, namni Afaan Amaaran ala akka hinbarsiifneef sirna barnoota isaanii sakatta’uun yoo seerichi cabeefi saganticha dhaabsisuun yoo barbaachisaa ta’e mana barumsichaa gubuun aangoo ministeera Barnootaati. Namoota seera kana cabsan ammoo biyyaa ari’uuf aangoo kan qabu ministeera Biyya keessaati. (Mekuriya Bulcha, 1994). • Hojiin kun ammoo Oromoonni afaan isaanii akka hin gargaaramne dhorkuu qofa osoo hin taane akka of irraanfatan ykn Oromummaa isaaniitti akka qaana’an (De- Oromization) godheera. • Hunda caalaa lammiilee biyya alaa kan ajaa’ibsiisaa ture namoonni wangeela labsan (Amantaa kiristaanaa babal’isan) Socho’uun kan heyyamamuuf kaaba Itoophiyaan ala qofaa ta’uusaati.
  • 18. • bara 1955tti Afaan Amaaraa guutumaa guutuutti afaan hojii (biyyoolessaa) akka ta’u murtaa’e. Kanamalees, kallattii sabquunnamtiitiin (Raadiyoo) afaanotni dubbataa muraasa qaban kan akka Afaan Tigrie, Somaalifi Affaar tamsaasaa turaniiru. • Haata’umalee, imaammanni kun haala mootummaan yeroo sanaa yaadeen itti fufuu hindandeenye. • Sababni isaa maal sitti fakkaata? • waanjoon gabrummaa ulfaachaa deemu qabsoon namoota muraasaan bakka bakkatti jalqabame. Qabsoo kana bifoota gurguddoo lamaan ilaaluun ni danda’ama (1950 fi 1960 keessa): 1ffaa qabsoo namoota dhuunfaan taasifamaa ture yeroo ta’u 2ffaa ammoo qabsoo gamtaaleefi dhaabbilee gargaraatiin taasifaman jiddugaleessa godhata. Namoota garee tokkoffaa jalatti ramadaman keessaa Sheek Bakrii Saaphaloo bakka addaa qabu. Hojiin isaanii carraa bahee mul’achuu argachuu baatus Mohammed Hassen (2003) mata-duree Shayk Bakrii saphalo (1895-1980): Aprolific Scholar and a great Oromo nationalist. jedhu jalatti waa’ee seenaa fi hojiilee addatti ittiin beekamanii namoota garagaraa waabefachuun ibseera.
  • 19. 2.1 Sheek Bakrii Saaphaloo/Abubakar Usmaan Odaa/ • Sheek Bakrii Saaphaloon Harargee bakka saaphaloo jedhamtutti dhalatan. • Maqaan yeroo ijoollummaa isaanii Abubakar jedhama ture. Seenaan isaanii akka agarsiisutti Sheek Bakriin obboloota isaanii torbaniirraa waan ittiin adda ta’an qabu. • Kunis, maatii isaanii keessaa sadarkaa barumsaa gaarii nama qabaniifi daa’imummaan kaasee walqixummaa namaatti amanuu isaaniiti. Amalli kun ammoo umurii isaanii guutuu akka waliin ture himama. • Sheek Bakriin barumsa amantaa bu’uura ta’e kan jalqaban achuma Saaphalootti. • Itti aansuudhaan barumsa isaanii sadarkaa garagaraattii hordofaniiru. Fakkeenyaaf, bakkeen adda addaa kan akka Wayber, Caffee gurraattii, Yakkaa, carcar fikkf keessatti hedduu barataniiru. Walumaa galatti Sheek Bakriin bara 1909-1927 Sheekota adda addaa jalatti barumsa amantaa haalaan hordofaniiru /qo’ataniiru. Waggootii kana gidduutti seenaa uummataa Oromoo (keessattuu Harargee) Sirriitti hubatanii turan.
  • 20. • Akka fakkeenyaalti yoo ilaalle weerara Misiraan (Egypt) dura (1875) uummanni Oromoo naannoo sanaa seera gadaan akka bulaa tureefi isaan booddee aadaa boonsaa ta’e gallakkisuuf dirqamuusaa hubataniiru. • Kanamalees, erga Misirri (Egypt) Harargee gallakkistee baatee waggaa lamaan booddee gabrummaa Miniliik jalatti kufuushee daa’imummaan abbaa isaaniirras erga guddatanii booddee immoo Sheekota garagaraa (Keessattuu Sheek Abdallaa – wayibaritti) irra sirriitti barataniiru. • Egaa seenaa kanadha Bakrii dhabbiif teessuma dhoowwee kan mirga ilmaan namaaf (Oromoof) akka hojjetan kan isaan taasise. • Bakriin beekumsa kana qofaan sugaahanii hinteenye. Waa’ee addunyaa kanaa haalaan beekuuf baay’ee dhama’an. Haaluma kanaan barumsa fagoon yuunivasiitii beekamaa yeroo sanaa AlAzhar University (Egypt) walquunnamtii uumuun carraa warraaqsaa biyyoota Afrikaa, Esiyaafi jiddugala bahaa beekuu argataniiru. • Kun ammoo yeroo booddee dhugaan kun uummata Oromoof akka hojjetu walaloo barreessaa turaniin argisiisaniiru. • Gabaabumatti, Sheek Bakrii Saaphaloon barumsa amantaa qofaan osoo hintaane kan akka herreegaafi falaasamanillee hubannoo gaarii qabu turan.
  • 21. Bakka itti barsiisaa turan keessaa kan beektu jiraa? 2.1.1 Jiddugala (Wiirtuuwwan) itti barsiisaa turan A. Wiirtuu saaphaloo (1927) Sheek Bakriin Wiirtuu jalqabaa kan dhaaban achuma bakka dhaloota isaanii saaphalootti ture. Kunis bara 1927 dha. Jiddu gala kanatti maal hojjechaa turan? Barsiisuu, daa’imman haadhaafi abbaa hinqabnellee gargaaraa turanfi namoonni jaalalaafi kabajaan akka jiraatan shoora olaanaa taphataniiru. B. Wiirtuu Adellee (1940 • Wiirtuu lammaffaa banuuf yoo xiqqaate waggootii 13 itti fudhate. • sababa. • Tokkoffaa bara 1928 titti haadha manaasaanii jalqabaa waan fudhaniif akka duraa haalaan sochi’uun rakkisaa ture. • lammaffaafi inni guddaan ammoo abbaan isaanii (Usmaan Odaan), bara 1930tti waan du’aniif maatii bulchuuf itti gaafatamummaa fudhachuu isaaniiti. • Wiirtuu kanatti maal hojjetan? 1. walaloowwan hedduu yeroo itti qopheessaa turanidha. 2. barumsa amantaa wajjin walqabatee walqixummaa dhiiraaf dubaraa irratti baay’ee hojetaniiru • Kanas ijoollee isaanii (shamarran) qixxee dhiiraa barumsa akka argatan gochuun mirkaneessaniiru. Kanaaf, jiddugalli kun bakka tasgabaa’anii hojii gara fuulduraa itti yaaduu jalqabni jechuun ni danda’ama.
  • 22. C. Wiirtuu Ligboo (1948) Maaltu hojjetame? Bakka itti barsiisaa turanidha • qubeen saaphaloo (The saphalo Script) bakka itti dhalatteefi hojiirra ooltee jedhameet amanama. • Ofiin itti gargaaramuun qofa osoo hintaane barattoonni isaanis akka itiin barreessan jajjabeessaa turan. Gabaabumutti waa’een Sheek Bakrii Saaphaloofi qubeen isaanii yeroo ka’u jiddugalli Ligboo hin dagatamtu. Jiddugalli kun immoo seenaa Sheek Bakrii Saaphaloo keessatti bakka guddaa qabdi D. Wiirtuu Kortuu (1953) Maaltu hojjetame? • akkuma kanneen biroo bakka itti barsiisaa turanidha. • Wiirtuu kana kan adda taasisu ergamtoonni mootummaa yeroo sanaa haalaan Sheek Bakrii adamsuu yeroo jalqabanidha. • Kun ammo sabboonummaan isaanii akka dabalu taasiseera.Sababiinsaas hanguma dhiibbaan gabrummaa cimaa deemtu qabsoon humna godhatti waan ta’eefi. • Wiirtuuwwan armaan olitti eerameniin alatti bakkeewwan gargaraa akka jiddugala xixiqqootti itti gargaaramaa turaniiru. Isaan keessaa Dirree Dhowaa, Gootaa, Qabbanaawaa fi Bobbaasaa isaan muraasadha.
  • 23. 2.1.2 Hojiilee Gurguddoo Sheek Bakrii Saaphaloo • Muuxannoo kanaan dura qabduun Sheek Bakriin maaliin beekamu? • Sheek Bakriin uummata Oromootiif gumaacha taasisan kallattii lamaan ilaaluun ni danda’ama. 1. hawwiifi fedhii uummata Oromoo kan ture qubee Afaan Oromoof ta’u bocuu isaaniiti. 2. Inni lammaffaan ammo Oromoon gabrummaa jalaa akka bahuuf walaloowwan garagaraa dadammaqinaaf oolan barreessuu isaaniiti; qabsaa’aa Oromooti. • Hojiin kun ammoo waloo Oromoo kan jalqabaa (tari) isaan jechisiisuu danda’a. • Hojiilee gurguddoo kana sirriitti akka hubattuuf bifa armaan gadiin qoqqoodnee osoo ilaallee gaarii ta’a. • 2.1.2.1 Walaloowwan Sheek Bakrii • Sheek Bakriin uummata Harargee darbees uummata Oromoo biratti kan ittiin beekaman keessaa walaloo barreessuudhaani.Namni kun gama walalootiin kennaa addaa akka qaban amanama. Walaloo isaaniitiin barattoota isaaniifi hawaasa waa’ee amantaa akkasumas waa’ee biyya lafaa (Secular) barsiisaa turaniiru. Dhugaa kana fakkeenyota • garagaraatiin ilaaluun/mirkaneessuun ni danda’ama. A. Barbaachisummaa seenaa ofii (Oromoo) beekuu B. Barumsi akka ija namaa banuufii addunyaa waliin tarkaanfachuu akka nama dandeessisu C. Rakkina hawaasumma adda addaa
  • 24. 2.1.2.2 Qubee Saaphaloo (The Saphalo Script) • Osoo gara qubee Saaphalootti Kallattiin hincehiin yaada gabaabduu seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti Qubeewwan Afaanota garagaraa haala kamiin Afaan Oromoof tajaajilarra akka oolaa turan ilaalla. • Fayyisaa Damee (1996) barreeffama mata-duree “Historical challenges in the Development of Oromoo Language and Some Agenda for Future Research” jedhu keessatti akka ibsutti, lammiileen Awurooppaa bifa saayinsaawaa ta’een qo’annoo Oromoo otoo hinjalqabiin dura Afaan Oromootti kan gargaaramuu jalqabe uummata Oromoo mataasaaniiti. • Kunis jaarraa 17ffaa keessa uummanni Oromoo Walloo qubee Arabaatti gargaaramee Afaan Oromoo barreessaa ture. Dabalataanis, Mootonni Gibee Shanan- Jimmaa, Geeraa, Gommaa, Gummaafi Limmuu Innariyaan qubee Arabaan Afaan Oromoo barreessaa turaniiru. • Kanamalees, Oromiyaa Bahaafi kibba Bahaatti (Harar,Baaleefi Arsii) Qubeen Arabaa tajaajila Amantaaf oolaa tureera (Fayyisaa Damee,1996).
  • 25. Bifa ammaayyaan eenyu eegale • bifa ammayaafi karaa saayinsaawaa ta’een qo’annoon Oromoo kan jalqabame jaarraa 19ffaa Awurooppaatti. • Fakkeenyaaf, namni James Bruce (traveler) jedhamu caasaa hima Afaan Oromoo Qubee Saabaatiin argisiisuuf yaaleera. • Kanamalees, jaarraa 19ffaa keessa lammiileen Awurooppaa baay’een Afaan Oromoo barreessuuf Qubee Saabaafi laatinii gargaaramaniiru. Fakkeenyaaf, Dr, Johann Ludwig Krapf qubee Laatiniitti fayyadamuutiin nama jalqabaati jedhama. • Itti aansuun jaarraa 20ffaa keessaa Cerulli, Adrejewskifi kkf qubee kanatti gargaaramuuf yaalii taasisaniiru. Haata’umalee, hundisaanii afaan tokkoon qubeen Saabaa Afaan Oromoof mijaataa akka hintaane ibsaniiru. Waan kana ta’eef, Krapf fa’aa dabalatee, Tutschek (1844), • Viterbo (1892), • Foot (1913), • Moreno (1922), • Hodson and Walker (1922), • Borello (1939), • Gaetano (1939), • Nordfeldt (1947)fi kkf Afaan Oromoo barreessuuf qubee Laatinii filachuun barreessaa turan.
  • 26. Biyya keessaa • Gama biyya Oromootti yeroo deebinus Onesimos qubee Saabaa akka fayyadamuuf dirqamsiisanis hojiin inni hojjechaa ture rakkina qubeen Saabaa Afaan Oromoo barreessuuf qabu argisiiseera. Fkn. qudee ‘Dh’ barreessuuf tooftaa gargaaramaa ture. • Osoo hojiin qubee har’a gargaaramnuuf bu’uura ta’e Gamtaa Barattoota Oromoo Awurooppaatiin hinjalqabamiin dura, Afaan Oromoo qubee mataasaa qabaachuu qaba jechuun walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa kan socho’aa turan Sheek Bakrii Saaphaloodha. • Tattaaffii isaanii kana ilaalchisee yaada armaan gaditti dhihaate haalaan xiinxali. • Hojiin cimaan inni lammaffaa Sheek Bakriin ittiin beekaman qubee Afaan Oromoo barreessuuf ta’u bocuu isaaniiti. Yeroo kam hojii kana akka eegalan afaan guutanii dubbachuun rakkisaa ta’us Mohammad Hassen (2003) nama Aliyi Kahalifa jedhama eeruun akka barreessetti hojiin kun wiirtuu Ligibo (1948-1953) wajjin hidhata qaba. Yaada kana yeroo kaa’us akkas jedha.
  • 27. • Haata’u malee, Mohammad Hassen akka jedhutti hojiin kun kan itti yaadamuufi qabatamaan karoora keessa gale erga Mootichi Hayila Sillaasseen aangootti deebi’aniiti. Namni kun yaada kanaaf sababoota gargaraa dhiheessa. • • 1. Hojiin Kun waggaa 10-12 fudhateera jedhamee waan amanamuuf, yeroo wiirtuu Ligiboorraa duubatti deebinee herreegnu bara 1941/42 ta’a. Barri kun ammo yeroo mootichi aangootti deebi’anidha. • 2. Murteen mootichi Afaan Oromoo afaan barreeffamaa, hojiifi amantaa akka hintaaane dabarsan Sheek Bakriin waan qabaniin akka qabsaa’an taasiseera. • 3. Akkuma afaanota biroo raadiyoon darbaa turanii Afaan Oromoos Sadarkaa sanatti akka guddatuuf hawwii waan qabaniif. • Barbaachisummaa kanaas ilaalchisee walaloon Sheek Bakriin Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziin qophaa’e kan armaan gadii fakkaata:- • 4. Uummanni Oromoo Seenaa aadaafi duudhaa boonsaa osoo qabuu mallattoo kennaa kana ittiin ibsatu dhabuunsaa qaaniidha jedhanii waan yaadaniif. • 5. Sirna bulchiinsaa akkasumas imaammata afaan tokkoofi amantaa tokko jedhu mormuuf. • 6. Rakkoolee qubee afaan biraan (Arabaafi Saabaa) Afaan Oromoo barsiisuuf jiran hambisuun uummata isaanii barsiisuuf
  • 28. QUBEE SHEEK BAKRII SAAPHALOO
  • 29. Kana malees hojiin isaa • Kanamalees, kitaabolee adda addaa amantaa seenaafi jireenya hawaasummaa irratti xiyyeeffatan gara Saddeetii barreessaniiru. Dabalataan, barreeffama gabaabduu Shalda /Sharpknife/ jettuun hawaasa haalaan akka daddammaqsaa turan seenaan ni hima. • Hojilleen Sheek Bakriin ittiin beekaman hedduu ta’anis carraa maxxanfamuu waan hin arganneef seenaan nama kanaa haalaan bahee hinmula’anne.kana fiixaan baasuuf tattaaffii gochaa turanis (Sheek Bakriin) dhiibbaa irra gahee tureen bara 1978 koolu-galtummaa Somaaliyaatti galuuf dirqaman. Moqqaadishuu qaqqabanii barreeffamoota isaanii maxxansiisuuf yaalanis haalli qabatamaa yeroo sanaa Hiran (Somalia) itti akka boqotan taasise. Kaayyo yaadan guutumaa guututti galmaan ga’uu baatanis seenaa og-barruu Oromoo keessatti qoodni qaban baay’ee ol- aanaadha.
  • 30. • 2.2 Waldaa Maccaafi Tuulamaa • Waa’een Ogbarruu yeroo ka’u afaan, aadaan, seenaafi duudhaan saba /ummataa ka’uun isaa hin oolu.Qabxiilee afaan waliin deeman kana beeksisuuf ykn barsiisuuf haalli keessatti hojjetamu (Siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa) murteessaadha. Seenaa ogbarruu Oromoo Sakatta’uuf seenaa uummata Oromoo tuquun dirqama waan ta’eef gama kanaan waan jiru eeruun gaarii ta’a. • Bara 1941-1974tti haalli qabatamaan biyya keessa ture afaanii fi uummata Oromoof mijaahaa waan hinturreef sochii Sheek Bakriifaa wajjin walqabatee bara 1960’s keessa Waldaan Maccaaf Tuulamaa akka dhaabbatu taasifame. • Waldaan kun uummata Oromoo baadiyyaafi Magaalaa jiru walitti gurmeessuun rakkoo jiru hiikuuf kan tattaafataa turedha. • Yeroo eerame keessatti uummanni Oromoo akka dadammaqu gochuun namoonni hedduun akka barreessan barsiisaniifi beeksisan karaa baneera. • Kanaaf, haala qabatamaa har’a mul’atuuf waldaan kun gahee guddaa akka taphate namoonni hedduun waliigalu. • Gabaabumatti, seenaa ogbarruu Oromoo bara 1960 fi 70 keessaa yeroo kaasnu waldaan kunis maqaa dhahamuun waan oolu miti.
  • 31. 2.3 Afaan Tajaajila Sabquunnamtii Keessatti • Afaan Amaaraa barreeffamanis ta’ee raadiyoon bara 1940 kaasee hanga 1960 keessaatti qofaasaa tajaajilaa ture. • Haata’u malee, bara 1970 kaasee afaanotni biyyatti arfan: Tigrinya, Tigre, Somali fi Afar meeshaalee sab-quunnamtii mootummaatiin tajaajilarrra oolaa turaniiru. • Haata’umalee, afaan uummata %50 biyyattiin dubbatamu (Afaan Oromoo) tajaajilaa ala akka ta’u taasifame. Namoonni tokko tokko yaada yeroo kennan uummanni Oromoo bulchiinsa biyyatti irratti dhiibbaa hinfidu jedhamee waan yaadameef murteen kun darbe jedhu. Makuria Bulchaa (2004)n yaada kana mormuun sababoota muraasa kaasa: • 1. Dhiibba kallattii xiinqooqaan fiduu danda’u fi • 2. Dhiibbaa kallattii aadaan fiduu danda’u baqachuufi jedha • Kana yeroo jedhu carraa bilisaan hojiirra ooluu yoo argate, Afaan Oromoo yeroo gabaabaa keessatti karaa xiinqooqaas ta’ee aadaa hedduu guddachuu danda’a. Kun ammo afaaniifi aadaa gabroomsitootaaf (akka ilaalcha habashootaatti) qormaata cimaadha. • Akka dhokatuufi baduuf duulli kan irratti taasifamaa ture Afaan Oromoo qofa osoo hin taane dacheen isheellee maqaa akka jijiirrattu kallattii garagaraan sochiin taasifamaa tureera. • Kun karaa lamaani jechuun ni danda’ama.Tokkoffaa biyyootaafi sabaaf sablammiiwwan daangaa Oromiyaarra jiran wajjin walitti makuun maqaa biraa moggaasuufi. Inni lammaffaa ammoo bakka walitti makuun rakkisaa ta’etti achumatti maqaa haaraa moggaasuufiidha. Naannoo ati jiraattu moggaasni akkasii hin jiruu? Yoo jiraate yaada kana wajjin walqabsiisuun xiinxali.
  • 32. • 2.4 Barreeffamoota labsii bahe hulluuqanii maxxanfamuuf carraa argatan • Akkuma mata-dureewwan kanaan duraa jalatti kaasaa turre Afaan Amaaraan addatti afaanonni biroo carraa afaan barreeffamaa ta’uu hinarganne. Haata’u malee, hojiileen tokko tokko dhoksaan (kan biyya keessaa) kannen Afaanota biroo waliin maxxanfaman ni jiru. Barreeffamoota kanas Maqaa ittiin beekaman, abbaa barreesse, bara itti maxxanfamaniifi xiyyeeffannoo isaanii haala armaangadiin dhihaataniiru.
  • 33. Lakk Barreeffama Abbaa maxxanse Bara maxxansa me Xiyyeeffanno o 1 Dhaamsa Qulqulluu akka Leekeen xaafe Hin beekamne 1945 Amantaa 2 Afaanotaafi Jijjiirraa Hayilee Fidaa 1972 Afaan Oromoo 3 Caasaa Afaan Oromoo M. Nordfidit 1947 Afaan Oromoo 4 Hirmaata Dubbii Oromoo Hayilee Fidaa 1973 Seerluga 5 Galata Waaqayyoo Gooftaa Maccaa HIn beekamne 1956 Amantaa 6 Waan Ergamtuun Tolchite HIn Beekamne 1954 Amantaa 7 Guide to Learning the (Oromo) Language J. Lahundhar 1955 Afaan Oromoo 8 The [Oromo] of Ethiopia :The kingdomof Kafa and Tanhero L.W. Hunting ford 1965 Seenaa Oromoo 9 Maxaafa Xoobuut Abbaa Laambarto 1965 Seenaa 10 The [Oromo]Mobarchy Herbert S. Lewis 1965 Seenaa 11 The Origin of the [Oromo] and somalia Herbert S. Lewis 1966 Seena
  • 34. Seenaa Ogbaaruu Oromoo Barii Warraaqsaatii Hanga Kufaatiisaatti (1974 -1991) 3.1 Imaammata Afaanii Yeroo Kanaa (1974- 1991) • Bara 1970 kaasee namoonni kallattii garagaraatiin bulchiinsa yeroo sanaa irratti gaaffii kaasaa turaniiru. • Yeroo sochiin warraaqsaa kun galma ga’u (1974) aangoo kan qabate (Dargiin) waadaa bifa armaan gadiin akka gale Makuria Bulchaan (2004) yaada nama biraa eeruun kaa’eera.
  • 35. • Waan kana ta’eef, lammiileen biyattii hedduun (Keessattuu Oromoonni) abdiifi amantaa guddaa qabu turan. • Haaluma kanaan sochii afaaniifi aadaa Oromoo guddisuuf ta’u jalqaban. • Kanamalees, kitaaboleen adda addaas gara Afaan Oromootti jijjiiramaniiru. • Dabalataan galaalchaan torbeen maxxanfamaa ture (Bariisaan) yeroo gabaabaafis ta’u dheebuu uummata Oromoof waan ta’u dhiheessuu jalqabe. • Haata’umalee, mootummaan Dargii waadaa gale hojiirra oolchuu hin dandeenye. Faallaa waadaa galee hojiirra oolchuun immaammata bara hayila Sillaasee cimsee itti fufe. • Afaan Amaaraa afaan hojii, barumsaafi bulchiinsaa ta’ee itti fufe. Kanamalees, baasii gaarii ramaduun barreeffamni afaan kanaan qophaa’u akka babal’atu taasifamaa ture. Sochiin kun itti fufuun bara 1879tti Akaadaamiin Biyyooleessaa Afaan Amaaraa gara maqaa Akkaadamii Afaanota Itoophiyaatti jijjiirame. • Haata’umalee, jijjiirraa maqaa malee hojiinsaa isuma duraa ture; Afaan Amaaraa qofarratti xiyyeeffachuu.
  • 36. 3.2 Meeshaalee Sabquunnamtiifi Tajaajila Isaanii • Bara 1980 keessa barreeffamoonni bifa galaalchaafi barruuleetiin afaanota biyya keessaan maxxanfamaa turan gara kudha afurii ta’u ture (M.Bulchaa, 2004). Isaan keessaa 12 Afaan Amaaraan, 1 (Afaan Oromoon-Bariisaa) 1(Afaan Tigreen) turan. Barreeffamoota bifa gaazexaafi barruuleetiin bahanii rabsamaa turan parsantiin yeroo ilaallu %94.3( Afaan Amaaraa) %5.2 (Tigrinyaa) fi %0.4 (Afaan Oromoo) turan. • Bariisaan baay’inaan uummata hunda bira gahuu baatus hangasumatti lammiileen Oromoo baay’een jaalachaa waan dhufaniif yeroo gabaabaa keessatti maqaa guddaa argate. • Haalli kun kan hinliqinfamneef mootummaan Dargii guutumaa guutuutti dhaale. Isaan booddee lakkoofsi maxxanfamuus xiqqaaxchaa inni maxxanfames haalaan uummata bira akka hingeenye taasifeme.
  • 37. 3.3 Afaan Oromoofi Duula Wallaalummaa Balleessuu • Afaanota Dargiin duula wallaalummaa balleessuu irratti itti gargaaramaa ture keessaa Afaan Oromoo tokkodha. • Mootummaan dhimma siyaasaaf itti gargaaramuurra kan darbe afaaniifi uummata Oromoof bu’aan buuse hangas miti.Sababoonni kanaaf dhihaatanis: A. Qubeen gi’izii Afaan Oromoos ta’ee afaanota kushitikii biroof mijataa waan hinturreefi B.Bakka mallattoolee kana itti barataniin alatti bifa idilee ta’een meeshaaleen barnootaafi deeggarsa barnootaa bifa haala itti fufinsa qabuun argachuu hindandeenye. Waan kana ta’eef, sagantichaan booddee kan barachaa ture deebi’ee wallaalaa ta’e. • Akka waliigalaatti barri Dargii seenaa ogbarruu Oromoo keessatti yeroo Hayila sillaaseetti aanee rakkisaa ture..