SlideShare a Scribd company logo
1 of 18
1.1. SEENAA OGBARRUU OROMOO FARANSAAY KEESSATTI
•Seenaan ogbarruu Oromoo sirna garbummaa jaarraa
19ffaa tti Itoophiyaa keessatti babal`ateen hidhata qaba.
•Jaarraa kana keessa sababii daldala garbaan kutaalee
biyyittii keessaa dargaggoonni hedduun
ukkaamsamuudhaan fudhatamaa turan.
•Kunneenis akka meeshaatti gara biyyoota Awurooppaafi
Arabaatti bal’inaan geessamaa turan.
• ‘Pankhurst’ madda garaagaraa waabeffachuun bara
1830 keessa yeroo tokkotti dargaggoonnifi shamarran
Oromoo 30 ta`an ukkaamsamuun gara Gondoritti
fudhatamuu isaaniifi kanneen keessaa 20 rakkoolee adda
addaatiin du’uu; kanneen hafan Galaana Diimaarraan
gara Kaartuumitti; achiis gara biyya Arabaa (Gibxitti);
achirraanis biyyoota Awurooppaatti geggeessaman
jedha.
Waareefi Gaba’oo
• Waareefi Gaboo gabrummaadhaan Limmuurraa
gara ardii Awurooppaatti bara 1830 A.L.A deemani.
• Jalqaba biyya Arabaa; booda Paarisitti fudhataman.
• Paarisitti hayyuu `Geography` kan ture qorannoo
isaa gaanfa Afirikaarratti geggeessuu nama `Edme
Francios Jomard` jedhutti kennaman.
• Innis qorannoo geggeessuuf jara lamaanitti
fayyadameera.
• Joomaard odeeffannoo isaanirraa argateen 1839tti
mata-duree “ Notice sur les [Oromo] de Limu”
jedhuun barruulee “Bulletin de la societe de
Geographie” jedhu keessatti maxxansiise.
Itti fufaa…
• Qabiyyee matadurichaa waa`ee gaanfa Afirikaa,
teessuma lafa Oromoofi waa`ee laga Abbayaati.
• Dabalataanis, Joomaard waa`ee saba Oromoofi
jechoota 1000 ta`an Waareerraa akka argate
barreesseera.
• Odeeffannoon kunis afoola Oromoo yeroo jalqabaaf
akka barreessu isa dandeessiseera.
• Afoolli Oromoo barruulee armaan olitti keessatti
barreeffames kadhaa waaqaa, sirba jaalalaa
sadiifi geerarsa sadiidha. Kunis afoola Oromoo
yeroo jalqabaaf galmaa`ee taa`e jedhama.
• Afoolli kun qubee Laatiiniin kan barreeffame yoo
ta`u ergaan isaa Afaan Faransaayitti jijjiiramee ture.
Itti fufaa…
• Kanamalees, Joomaard waa`ee Waareefi Gaba’oo
ilaalchisee yaanni inni kenne amalli isaanii baay`ee
gammachiisaa ta’uudha.
• Akkasumas, ragaa namoonni kiristaanummaa barsiisuuf
Itoophiyaa dhufan waa`ee Oromoo ilaalchisuun
barreessan waliin akka tasuma walhinfakkaanne
ibseera.
• Kun immoo:
1. ilaalchi badaan saba Oromoorra ture akka
hir`atuufi
2. gara fuula duraattis hayyoonni Awurooppaa
saba kanaarratti qorannoo akka geggeessaniif
karaa bane jira
1.2. SEENAA OGBARRUU OROMOO JARMAN KEESSATTI
• Jarmanittis guddina ogbarruu Oromoo ilaalchisee sochiin
tureera.
1. Akkafedhee Daallee.
• Akkafedheen yeroo horii tiksu saamtotaan qabamee
Gondoritti → Missiritti ( Egypt) → Bara 1838 A.L.A.
Jarmanitti mootii naannoo Bavaariyaa Pirinsi
Maaksimiilaaniin bitame.
• Mootiin kun Akkafedhee kan bite raga himtuu ta`ee akka
tajaajiluufi.
• Namichi kun Akkafedhee kan bite ijoollee Sudaan Kibbaatii
dhufan sadii waliini.
• Maaksimiilaan dargaggoota arfanuu erga bilisoomsee booda
hayyuu seeraa ganna 23 kan ture Karl Tusheek akka isaan
barsiisuu ramadeef.
• Wayita sana Akkafedheen dardara waggaa 18 ture.
• Onkolooleessa 18, 1838 dargaggoota kanneen arfan
barsiisuu eegale.
• Barnoota afaaniif fedhii guddaa kan qabu yoota`u
afaanota Hibiruu, Hindii, Israa`eel, Saanskiritfi Arabaa
nama barateefi qorannoo irratti geggeessedha.
• Dabalataanis, Akkafedheefi Sudaanota kanneen
argannaan Karl Tuusheek afaanota isaanii qo`achuuf
murteesse.
• Akka piroofeeser Richard Paankirast barreessetti, Karl
Tusheek afaanota kaan dhiisuun sababii garaagaraaf
Afaan Oromoo qo`achuurratti xiyyeeffateera.
Sababiiwwan kunis: yeroo sana biyyoonni Awurooppaa
waa`ee Itoophiyaa beekuuf fedhii guddaa qabaachuu
isaaniifi Karl Tusheek ofuma isaatiin afaanota kaan
qo`achuurra Afaan Oromoo qo`achuun salphaa ta`uu
waan hubateef.
• Karl Tusheek Akkafedhee waliin turtii godheen waggaa
tokkoofi walakkaa booda Afaan Oromoo dubbachuun
ittiin waliigaluu jalqabe.
• Achumaanis Afaan Oromoo qo`achuufi qo`annoo
garaagaraa irratti adeemsisuu itti fufe
• Namni biyya isaa ( Jarman) kan Horaaz zireesh (
Hofrath Thiersch) jedhamu barreeffama Joomaardi
Afaan Oromoorratti bara 1839 mataduree “ Notice
surles [Oromos] de Limmu” jedhuun barreessullee
‘Bulletin de la societe de Geographie’ keessatti
barreessee maxxansiiseeru erga fideefii Karl Tusheek
onnatee ture.
• Keessumaa faarfannaa Joomaardi Waareerraa fudhatee
barreesse kan Akkafedheen isatti himaa jiruun kan
walfakkaatu yommuu ta`uuf Karl Tusheek baay`ee
gammade.
2. Oshuu Aagaa
Sibuurraa bakka maqaan isaa Urgeessaa jedhamuu
fuudhamee Kaayirootti geessamee gurgurame.
 Toomaas Piilat bitame.
 Namichi kunis dhuma bara 1839tti daawwannaadhaaf
gara Jarman yommuu deemu Oshuu fudhatee deeme.
Karl Tusheek Oshuun Oromoo ta`uusaa ija isaa ilaaluun
waan shakkeef, Oromoo ta`uufi dhiisuu isaa gaafate. Kan
gaafates Afaan Oromootiin yoo ta`u, “Ati Oromoodhaa ?”
gaaffii jedhu dhiheesseef.
Innis Oromoo ta`uu isaa erga ibseefii booda, Ooshuufi
piilaat Jarman keessa ji`a lamaaf turuuf dhaqanii ture.
Karl Tusheek piilaat waliin mari`achuudhaan ji`a lamaan
Piilaat Jarman keessa turu keessatti Akkafedheefi Oshuun
yeroo tokko tokko akka walarganiif eeyyamsiiseef.
• Klarl Tusheek carraa kanatti gargaaramuudhaan
ragaalee Akkafedheen himuufii hindandeenye tokko
tokko Oshuurraa funaannachaa ture. Karl Tusheek
faaruufi sirboota Akkafedheen hinbeekne baay`ee
Oshuurraa argatee ture. Kanamalees, Karl Tusheek
waantonni Akkafedheen itti himaa ture sirriifi sirrii
ta`uu dhiisuusaa Oshuurraa mirkaneeffachaa tureera.
• Yeroo Piilaatiifi Oshuun Jarman keessa turan san
keessatti Oshuufi Akkafedheen kan yeroo tokko tokko
qaamaan walargaa xalayaatiinis walquunnamaa
turaniiru. Xalayaaleen kunis Afaan Oromootiin kan
barreeffamanidha.
• Tuusheek ofii isaa qubee laatiniitti gargaaramaa Afaan
Oromoon barreessaafii ture.
• Haaluma kanaan ji`a lamaan Oshuun Jarman
ture san keessa (Onkoloolessa 19, 1840
hamma Mudde 8,1840tti) xalayaalee 14 waliif
erganii turan.
• Akka Pirofeeser Riichaard Paankiriyaas
barreessetti, xalayaaleen Oshuufi
Akkafedheen waliif barreessaa turan kunniin
ogbarruu daa`imman Itoophiyaa kan jalqabaa
jedhamuu danda`u ; ogbarruu barreeffama
Oromoo isa jalqabaarratti iddoo guddaa qaba
jedhaniiru.
Qabiyyeen xalayoota Akkafedheefi Oshuun waliif barreessan:
 waa`ee jireenya uummata Oromoo bara sanii waantota namatti
agarsiisan hedduu qabu- haala ittiin qabamanii biyyaa bahan
 yeroo san Oromoonni haala akkamii keessa akka turan hamma tokko
hubachuun nidanda`ama.
• Xalayaan Oshuun Onkoloolessa 19,1840 Akkafedheef barreesse:
 Oshuun akkamitti gabroomsisitootaan manaa qabamee akka
fudhatame,
 yeroo san sodaan akkamii akka ture,
 Oromoota hedduu waliin qabamee gara Kaayirootti ce`uu isaafi achittis
akkamitti gara Awurooppaatti ce`uu akka danda`e ni ibsa.
• Akkafedheenis xalayaa deebii Onkoloolessa 21, 1840 Oshuuf
barreesseen:
 Oromoonni hedduun haadhaafi abbaa isaanii harkaa fudhatamuun
akka meeshaa bakka adda addaatti gurguramaa turuu isaaniifi
haadhaafi abbaa isaanii deebi`anii otoo hinargiin hafuu isaanii nimul`isa.
 Akkasumas, Akkafedheefi Oshuunis abdii deebi`anii warra isaanii arguu
akka kutan niagarsiisa.
• Walumaagala xalayoota kanneen lamaaniifi kanneen
hafan biroorraa
• abdiifi amantiin Oromoonni Waaqa tokkicharratti
qaban hojiiwwan adda addaa ijoolleen yeroo san
keessa raawwatan,
• meeshaalee muuziqaa Oromoonni yeroo san ittiin
taphataniifi kanneen kana fakkaatan hubachuun
nidanda`ama.
• Xalayaaleen Akkafedheefi Oshuun Afaan Oromootiin
waliif barreessan yeroo ammaa biyya Jarman keessatti
Muuziyeemii Isteetii Bavaariyaa keessatti argamu
• Adi Huka gara Afaan Ingilizii jijjiiree barreesssee jira.
3. Maahibuubaa
• Jimma bakka Gummaa jedhamuu fudhatamte.
• Kaayirootti lammii Jarman kan ta`e namni Prince Hermann Von
Puckler-Muskau jedhamu tokko argatee bara 1837 keessa ishee
bitee bilisoomse.
• Bara 1840 keessa yommuu inni Jarmanitti deebi`us Bililleen isuma
waliin turte. Erga Jarman geessee Oshuudhaan walquunnamaa
turan
• Sirboota Oshuufi Akkafedheen hinbeekne baay`ee itti himtee turte
• Qorra Awurooppaa waliin tasa walbaruu waan hindandeenyeef
dhukkubsattee Onkoloolessa 27, 1840 boqotte
4. Amaan Goondaa
lammii Jarman kan ta`e `Duke Poul Wilhelm bitame
bakka maqaan isaa Hibii jedhamu (Aggaaroo) tti dhalate.
Maatiin Amaan fooyya`oo (nama guddaa) waan turaniif Amaan waa`ee
naannoo isaatiifi waa`ee biyya isaa akkasumas waa`ee haala naannoo
isaa barsiisanii turan.
• Abbaan Amaan nama cimaa maqaa kabajaa qabu
ture.
• Maqaan kabajaa isaas Abbaa Funyooti. Amaan
maatii isaa waliin yommuu ture waan adda addaa
arguuf carraa waan argateeruuf Afaan Oromootiis
ragaa himtoota kanneen kaan caalaa keessa
gadigalee beeka jedhama. Keessumaa waa`ee
biyya isaa, aadaa isaafi afaan isaa ilaalchisee
Amaan beekumsa hedduu akka qabu obboleessi
Karl Tusheek Looraanzi barreesseera.
• Kaarl Tuusheek hojii isaa kan otoo
hinmaxxansiisiin ragaa himtuu kaayiroo bakka
Oromoonni yeroo sana itti baay’atu jedhamanitti
argamuun otoo barbaaduu dhukkubni itti
hammaannaan Jarmanitti deebi’uun Fulbaana 6,
1843, waggaa 28ffaa isaatti du`e.
• Hojiiwwaan ogbarruu Oromoo obbleessi isaa
Looreenzoo Tuusheek maxxansiiseef:
a. Galmee jechootaa afaan sadiin barreeffame (Oromo-
English- Garman) san bara 1844 keessa achuma
Jarmanitti Magaalaa Munik jedhamutti maxxansiiseef.
Kuusaan galmee jechootaa fuula 205 qabu kun gara
jechoota kuma lamaa hiika. Kuusaan galmee jechootaa kun
jildii tokkoffaa jedhamee bahe.
b. jildii lammaffaas bara 1845 keessa baasee
maxxansiiseef. Jildiin kun fuula 120 qaba.
Kan jechoota 250 olhiiku kun jechoota Afaan Oromoo gara
Afaan Ingiliziittii hiika.
c. Seerluga Afaan Oromoo kan maqaan isaa “Grammar of
Oromo language” jedhamu maxxansiiseefiira.
Kitaabni seerluga Afaan Oromoo kun immoo fuula 83 qaba.
• Kitaabileen kunniin Afaan Oromoo
Awurooppaa keessatti beeksisuu keessatti
gahee guddaa qabu turan. Isaan keessaa inni
tokko hayyuuleen seerlugaa tokko tokko Afaan
Oromoo qorachuu irratti akka xiyyeeffatan
taasiseera.
• Hayyuulee kanneen keessaa Proofeesarri
faransaay tokko kan ‘Fransis W. New man’
jedhamu waraqaa qorannoo “Notes on Oromo
Verb & Pronoun” jedhamu bara 1847
qopheesseera
SEENAA OGBARRUU OROMOO ITOOPHIYAA
KEESSATTI
• Hojiiwwan namoota biyya alaatiin hojjetaman
Ergamaa Lammii Faransaay Rochet D.Hericourt
• Jalqaba Onkoloolessaa bara 1839 Showaa seenuun
aadaa Oromoo qo’achuurratti xiyyeffate.
• Barreeffama 1841 maxxansiise:
• Oromoonni akkamitti Odaa jalatti Waaqa akka
• kadhataniifi
• sirba Oromoo
• gosa Oromoo Shawaa keessaa maxxanse.
• Bara 1845 jechoota Afaan Oromoo walitti qabu
kitaabasaa keessatti ibseera.
• Ogeessa afaanii miti garuu jechoota walitti qabeera.
Kiraf
• Kiraf hiriyyaa isaa K.W. Isenbergi jedhamu waliin
bara 1839 ji’a caamsaa keessa Shawaa seenuun
• sabni Oromoo waaqa tokkichatti sagadaa jiraachuu
isaa erga baree, wangeela itti lallabuuf murteesse.
• Kaayyoo isaa fiixaan baasuuf Afaan Oromoo baruuf
murteessee nama Barkii jedhamu qacarate.
• mootii Shawaa Saahile Sillaaseerraa Fulbaana
25,1840 tti eeyyama wangeela lallabuu argate.
• Xalayaa Mudde 1, 1840 waldaa mana sagadaa
isaaf akka barreesserratti wangeela Yohaannis
Oromota tokko tokko waliin qubee laatiiniin Afaan
Oromootti jijjiiruusaa barreessee ture.

More Related Content

Similar to Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx

hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxJaafar47
 
Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...ctafese40
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxJaafar47
 
BORANA OROMO CALENDER
BORANA  OROMO CALENDERBORANA  OROMO CALENDER
BORANA OROMO CALENDERkula jilo
 

Similar to Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx (20)

Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 
Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
Oromo - 2nd Esdras.pdf
Oromo - 2nd Esdras.pdfOromo - 2nd Esdras.pdf
Oromo - 2nd Esdras.pdf
 
Oromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdfOromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdf
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
 
Oromo - First Esdras.pdf
Oromo - First Esdras.pdfOromo - First Esdras.pdf
Oromo - First Esdras.pdf
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
Oromo - The First Gospel of the Infancy of Jesus Christ.pdf
Oromo - The First Gospel of the Infancy of Jesus Christ.pdfOromo - The First Gospel of the Infancy of Jesus Christ.pdf
Oromo - The First Gospel of the Infancy of Jesus Christ.pdf
 
Oromo - Judith.pdf
Oromo - Judith.pdfOromo - Judith.pdf
Oromo - Judith.pdf
 
Oromo - 1st Maccabees.pdf
Oromo - 1st Maccabees.pdfOromo - 1st Maccabees.pdf
Oromo - 1st Maccabees.pdf
 
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptxAkkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
 
Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Oromo - Wisdom of Solomon.pdf
Oromo - Wisdom of Solomon.pdfOromo - Wisdom of Solomon.pdf
Oromo - Wisdom of Solomon.pdf
 
Oromo - Tobit.pdf
Oromo - Tobit.pdfOromo - Tobit.pdf
Oromo - Tobit.pdf
 
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptxHaala  fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
Haala fi Kallattii KT MNO 2015 summery.pptx
 
BORANA OROMO CALENDER
BORANA  OROMO CALENDERBORANA  OROMO CALENDER
BORANA OROMO CALENDER
 
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdfOromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
 
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdfOromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
 
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdfOromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
Oromo - The Epistles of Paul the Apostle to Seneca, with Seneca's to Paul.pdf
 

Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx

  • 1. 1.1. SEENAA OGBARRUU OROMOO FARANSAAY KEESSATTI •Seenaan ogbarruu Oromoo sirna garbummaa jaarraa 19ffaa tti Itoophiyaa keessatti babal`ateen hidhata qaba. •Jaarraa kana keessa sababii daldala garbaan kutaalee biyyittii keessaa dargaggoonni hedduun ukkaamsamuudhaan fudhatamaa turan. •Kunneenis akka meeshaatti gara biyyoota Awurooppaafi Arabaatti bal’inaan geessamaa turan. • ‘Pankhurst’ madda garaagaraa waabeffachuun bara 1830 keessa yeroo tokkotti dargaggoonnifi shamarran Oromoo 30 ta`an ukkaamsamuun gara Gondoritti fudhatamuu isaaniifi kanneen keessaa 20 rakkoolee adda addaatiin du’uu; kanneen hafan Galaana Diimaarraan gara Kaartuumitti; achiis gara biyya Arabaa (Gibxitti); achirraanis biyyoota Awurooppaatti geggeessaman jedha.
  • 2. Waareefi Gaba’oo • Waareefi Gaboo gabrummaadhaan Limmuurraa gara ardii Awurooppaatti bara 1830 A.L.A deemani. • Jalqaba biyya Arabaa; booda Paarisitti fudhataman. • Paarisitti hayyuu `Geography` kan ture qorannoo isaa gaanfa Afirikaarratti geggeessuu nama `Edme Francios Jomard` jedhutti kennaman. • Innis qorannoo geggeessuuf jara lamaanitti fayyadameera. • Joomaard odeeffannoo isaanirraa argateen 1839tti mata-duree “ Notice sur les [Oromo] de Limu” jedhuun barruulee “Bulletin de la societe de Geographie” jedhu keessatti maxxansiise.
  • 3. Itti fufaa… • Qabiyyee matadurichaa waa`ee gaanfa Afirikaa, teessuma lafa Oromoofi waa`ee laga Abbayaati. • Dabalataanis, Joomaard waa`ee saba Oromoofi jechoota 1000 ta`an Waareerraa akka argate barreesseera. • Odeeffannoon kunis afoola Oromoo yeroo jalqabaaf akka barreessu isa dandeessiseera. • Afoolli Oromoo barruulee armaan olitti keessatti barreeffames kadhaa waaqaa, sirba jaalalaa sadiifi geerarsa sadiidha. Kunis afoola Oromoo yeroo jalqabaaf galmaa`ee taa`e jedhama. • Afoolli kun qubee Laatiiniin kan barreeffame yoo ta`u ergaan isaa Afaan Faransaayitti jijjiiramee ture.
  • 4. Itti fufaa… • Kanamalees, Joomaard waa`ee Waareefi Gaba’oo ilaalchisee yaanni inni kenne amalli isaanii baay`ee gammachiisaa ta’uudha. • Akkasumas, ragaa namoonni kiristaanummaa barsiisuuf Itoophiyaa dhufan waa`ee Oromoo ilaalchisuun barreessan waliin akka tasuma walhinfakkaanne ibseera. • Kun immoo: 1. ilaalchi badaan saba Oromoorra ture akka hir`atuufi 2. gara fuula duraattis hayyoonni Awurooppaa saba kanaarratti qorannoo akka geggeessaniif karaa bane jira
  • 5. 1.2. SEENAA OGBARRUU OROMOO JARMAN KEESSATTI • Jarmanittis guddina ogbarruu Oromoo ilaalchisee sochiin tureera. 1. Akkafedhee Daallee. • Akkafedheen yeroo horii tiksu saamtotaan qabamee Gondoritti → Missiritti ( Egypt) → Bara 1838 A.L.A. Jarmanitti mootii naannoo Bavaariyaa Pirinsi Maaksimiilaaniin bitame. • Mootiin kun Akkafedhee kan bite raga himtuu ta`ee akka tajaajiluufi. • Namichi kun Akkafedhee kan bite ijoollee Sudaan Kibbaatii dhufan sadii waliini. • Maaksimiilaan dargaggoota arfanuu erga bilisoomsee booda hayyuu seeraa ganna 23 kan ture Karl Tusheek akka isaan barsiisuu ramadeef. • Wayita sana Akkafedheen dardara waggaa 18 ture.
  • 6. • Onkolooleessa 18, 1838 dargaggoota kanneen arfan barsiisuu eegale. • Barnoota afaaniif fedhii guddaa kan qabu yoota`u afaanota Hibiruu, Hindii, Israa`eel, Saanskiritfi Arabaa nama barateefi qorannoo irratti geggeessedha. • Dabalataanis, Akkafedheefi Sudaanota kanneen argannaan Karl Tuusheek afaanota isaanii qo`achuuf murteesse. • Akka piroofeeser Richard Paankirast barreessetti, Karl Tusheek afaanota kaan dhiisuun sababii garaagaraaf Afaan Oromoo qo`achuurratti xiyyeeffateera. Sababiiwwan kunis: yeroo sana biyyoonni Awurooppaa waa`ee Itoophiyaa beekuuf fedhii guddaa qabaachuu isaaniifi Karl Tusheek ofuma isaatiin afaanota kaan qo`achuurra Afaan Oromoo qo`achuun salphaa ta`uu waan hubateef.
  • 7. • Karl Tusheek Akkafedhee waliin turtii godheen waggaa tokkoofi walakkaa booda Afaan Oromoo dubbachuun ittiin waliigaluu jalqabe. • Achumaanis Afaan Oromoo qo`achuufi qo`annoo garaagaraa irratti adeemsisuu itti fufe • Namni biyya isaa ( Jarman) kan Horaaz zireesh ( Hofrath Thiersch) jedhamu barreeffama Joomaardi Afaan Oromoorratti bara 1839 mataduree “ Notice surles [Oromos] de Limmu” jedhuun barreessullee ‘Bulletin de la societe de Geographie’ keessatti barreessee maxxansiiseeru erga fideefii Karl Tusheek onnatee ture. • Keessumaa faarfannaa Joomaardi Waareerraa fudhatee barreesse kan Akkafedheen isatti himaa jiruun kan walfakkaatu yommuu ta`uuf Karl Tusheek baay`ee gammade.
  • 8. 2. Oshuu Aagaa Sibuurraa bakka maqaan isaa Urgeessaa jedhamuu fuudhamee Kaayirootti geessamee gurgurame.  Toomaas Piilat bitame.  Namichi kunis dhuma bara 1839tti daawwannaadhaaf gara Jarman yommuu deemu Oshuu fudhatee deeme. Karl Tusheek Oshuun Oromoo ta`uusaa ija isaa ilaaluun waan shakkeef, Oromoo ta`uufi dhiisuu isaa gaafate. Kan gaafates Afaan Oromootiin yoo ta`u, “Ati Oromoodhaa ?” gaaffii jedhu dhiheesseef. Innis Oromoo ta`uu isaa erga ibseefii booda, Ooshuufi piilaat Jarman keessa ji`a lamaaf turuuf dhaqanii ture. Karl Tusheek piilaat waliin mari`achuudhaan ji`a lamaan Piilaat Jarman keessa turu keessatti Akkafedheefi Oshuun yeroo tokko tokko akka walarganiif eeyyamsiiseef.
  • 9. • Klarl Tusheek carraa kanatti gargaaramuudhaan ragaalee Akkafedheen himuufii hindandeenye tokko tokko Oshuurraa funaannachaa ture. Karl Tusheek faaruufi sirboota Akkafedheen hinbeekne baay`ee Oshuurraa argatee ture. Kanamalees, Karl Tusheek waantonni Akkafedheen itti himaa ture sirriifi sirrii ta`uu dhiisuusaa Oshuurraa mirkaneeffachaa tureera. • Yeroo Piilaatiifi Oshuun Jarman keessa turan san keessatti Oshuufi Akkafedheen kan yeroo tokko tokko qaamaan walargaa xalayaatiinis walquunnamaa turaniiru. Xalayaaleen kunis Afaan Oromootiin kan barreeffamanidha. • Tuusheek ofii isaa qubee laatiniitti gargaaramaa Afaan Oromoon barreessaafii ture.
  • 10. • Haaluma kanaan ji`a lamaan Oshuun Jarman ture san keessa (Onkoloolessa 19, 1840 hamma Mudde 8,1840tti) xalayaalee 14 waliif erganii turan. • Akka Pirofeeser Riichaard Paankiriyaas barreessetti, xalayaaleen Oshuufi Akkafedheen waliif barreessaa turan kunniin ogbarruu daa`imman Itoophiyaa kan jalqabaa jedhamuu danda`u ; ogbarruu barreeffama Oromoo isa jalqabaarratti iddoo guddaa qaba jedhaniiru.
  • 11. Qabiyyeen xalayoota Akkafedheefi Oshuun waliif barreessan:  waa`ee jireenya uummata Oromoo bara sanii waantota namatti agarsiisan hedduu qabu- haala ittiin qabamanii biyyaa bahan  yeroo san Oromoonni haala akkamii keessa akka turan hamma tokko hubachuun nidanda`ama. • Xalayaan Oshuun Onkoloolessa 19,1840 Akkafedheef barreesse:  Oshuun akkamitti gabroomsisitootaan manaa qabamee akka fudhatame,  yeroo san sodaan akkamii akka ture,  Oromoota hedduu waliin qabamee gara Kaayirootti ce`uu isaafi achittis akkamitti gara Awurooppaatti ce`uu akka danda`e ni ibsa. • Akkafedheenis xalayaa deebii Onkoloolessa 21, 1840 Oshuuf barreesseen:  Oromoonni hedduun haadhaafi abbaa isaanii harkaa fudhatamuun akka meeshaa bakka adda addaatti gurguramaa turuu isaaniifi haadhaafi abbaa isaanii deebi`anii otoo hinargiin hafuu isaanii nimul`isa.  Akkasumas, Akkafedheefi Oshuunis abdii deebi`anii warra isaanii arguu akka kutan niagarsiisa.
  • 12. • Walumaagala xalayoota kanneen lamaaniifi kanneen hafan biroorraa • abdiifi amantiin Oromoonni Waaqa tokkicharratti qaban hojiiwwan adda addaa ijoolleen yeroo san keessa raawwatan, • meeshaalee muuziqaa Oromoonni yeroo san ittiin taphataniifi kanneen kana fakkaatan hubachuun nidanda`ama. • Xalayaaleen Akkafedheefi Oshuun Afaan Oromootiin waliif barreessan yeroo ammaa biyya Jarman keessatti Muuziyeemii Isteetii Bavaariyaa keessatti argamu • Adi Huka gara Afaan Ingilizii jijjiiree barreesssee jira.
  • 13. 3. Maahibuubaa • Jimma bakka Gummaa jedhamuu fudhatamte. • Kaayirootti lammii Jarman kan ta`e namni Prince Hermann Von Puckler-Muskau jedhamu tokko argatee bara 1837 keessa ishee bitee bilisoomse. • Bara 1840 keessa yommuu inni Jarmanitti deebi`us Bililleen isuma waliin turte. Erga Jarman geessee Oshuudhaan walquunnamaa turan • Sirboota Oshuufi Akkafedheen hinbeekne baay`ee itti himtee turte • Qorra Awurooppaa waliin tasa walbaruu waan hindandeenyeef dhukkubsattee Onkoloolessa 27, 1840 boqotte 4. Amaan Goondaa lammii Jarman kan ta`e `Duke Poul Wilhelm bitame bakka maqaan isaa Hibii jedhamu (Aggaaroo) tti dhalate. Maatiin Amaan fooyya`oo (nama guddaa) waan turaniif Amaan waa`ee naannoo isaatiifi waa`ee biyya isaa akkasumas waa`ee haala naannoo isaa barsiisanii turan.
  • 14. • Abbaan Amaan nama cimaa maqaa kabajaa qabu ture. • Maqaan kabajaa isaas Abbaa Funyooti. Amaan maatii isaa waliin yommuu ture waan adda addaa arguuf carraa waan argateeruuf Afaan Oromootiis ragaa himtoota kanneen kaan caalaa keessa gadigalee beeka jedhama. Keessumaa waa`ee biyya isaa, aadaa isaafi afaan isaa ilaalchisee Amaan beekumsa hedduu akka qabu obboleessi Karl Tusheek Looraanzi barreesseera. • Kaarl Tuusheek hojii isaa kan otoo hinmaxxansiisiin ragaa himtuu kaayiroo bakka Oromoonni yeroo sana itti baay’atu jedhamanitti argamuun otoo barbaaduu dhukkubni itti hammaannaan Jarmanitti deebi’uun Fulbaana 6, 1843, waggaa 28ffaa isaatti du`e.
  • 15. • Hojiiwwaan ogbarruu Oromoo obbleessi isaa Looreenzoo Tuusheek maxxansiiseef: a. Galmee jechootaa afaan sadiin barreeffame (Oromo- English- Garman) san bara 1844 keessa achuma Jarmanitti Magaalaa Munik jedhamutti maxxansiiseef. Kuusaan galmee jechootaa fuula 205 qabu kun gara jechoota kuma lamaa hiika. Kuusaan galmee jechootaa kun jildii tokkoffaa jedhamee bahe. b. jildii lammaffaas bara 1845 keessa baasee maxxansiiseef. Jildiin kun fuula 120 qaba. Kan jechoota 250 olhiiku kun jechoota Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliziittii hiika. c. Seerluga Afaan Oromoo kan maqaan isaa “Grammar of Oromo language” jedhamu maxxansiiseefiira. Kitaabni seerluga Afaan Oromoo kun immoo fuula 83 qaba.
  • 16. • Kitaabileen kunniin Afaan Oromoo Awurooppaa keessatti beeksisuu keessatti gahee guddaa qabu turan. Isaan keessaa inni tokko hayyuuleen seerlugaa tokko tokko Afaan Oromoo qorachuu irratti akka xiyyeeffatan taasiseera. • Hayyuulee kanneen keessaa Proofeesarri faransaay tokko kan ‘Fransis W. New man’ jedhamu waraqaa qorannoo “Notes on Oromo Verb & Pronoun” jedhamu bara 1847 qopheesseera
  • 17. SEENAA OGBARRUU OROMOO ITOOPHIYAA KEESSATTI • Hojiiwwan namoota biyya alaatiin hojjetaman Ergamaa Lammii Faransaay Rochet D.Hericourt • Jalqaba Onkoloolessaa bara 1839 Showaa seenuun aadaa Oromoo qo’achuurratti xiyyeffate. • Barreeffama 1841 maxxansiise: • Oromoonni akkamitti Odaa jalatti Waaqa akka • kadhataniifi • sirba Oromoo • gosa Oromoo Shawaa keessaa maxxanse. • Bara 1845 jechoota Afaan Oromoo walitti qabu kitaabasaa keessatti ibseera. • Ogeessa afaanii miti garuu jechoota walitti qabeera.
  • 18. Kiraf • Kiraf hiriyyaa isaa K.W. Isenbergi jedhamu waliin bara 1839 ji’a caamsaa keessa Shawaa seenuun • sabni Oromoo waaqa tokkichatti sagadaa jiraachuu isaa erga baree, wangeela itti lallabuuf murteesse. • Kaayyoo isaa fiixaan baasuuf Afaan Oromoo baruuf murteessee nama Barkii jedhamu qacarate. • mootii Shawaa Saahile Sillaaseerraa Fulbaana 25,1840 tti eeyyama wangeela lallabuu argate. • Xalayaa Mudde 1, 1840 waldaa mana sagadaa isaaf akka barreesserratti wangeela Yohaannis Oromota tokko tokko waliin qubee laatiiniin Afaan Oromootti jijjiiruusaa barreessee ture.