10. 4
1.5 Daangaa Qorannichaa
Bakki qorannoon kun itti adeemsifame, Aanaa Saqqaa Coqorsaa,Godina Jimmaa,naannoo
oromiyaa yoo ta’u,xiyyeeffannoon isaas ilaalcha hawaasni Oromoo saqqaa fardaaf qabu irratti.
Sababiin qorataan Aanaa kana filateef, yeroo fi humna qabu walsimsiisee adeemuufi.Kunis
maallaqa qorannoo kanaaf bahu xiqqeessuu dand’eera.
1.7 Hanqina Qorannichaa
Yeroon qorannoo kan adeemsisetti wantootni akka hanqinatti na mudatan:
Meeshaalee qorannoo kanaaf barbaachisan guutummatti dhabuu.
Yeroo gahaan dhibuu
Daangaa qorannoo kanaa bal’isuuf maallaqa gahaa qorannoo kannaaf barbaachisu
dhabuu.
1.8 Malleen Qorannichaa
1.8.1 Madda Ragaa
Maddoonni raga qorannoo kana keessatti fayyadame madda raga tokkoffaa fi madda raga
lammaffaati. Maddi raga tokkoffaa jiraattota Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessaa,jaarsotiifi namoota
odeeffannoo qubsaa naaf kennuu danda’an irraa raga funaaneera.
Maddi raga lammaffaa immoo,kitaabilee fi wantoota barreeffaman biro kan kallattinis ta’ee al
kallattiin qorannoo kanaan wal qabatan sakatta’eera.Malli qorannoo dhimma itti bahes mala
qulqulleeffannaati.Kunis dhugumma odeeffannoo mirkaneessuuf na gargaarera.
1.8 Malleen Odeeffannoon Ittiin Guuraman
1.8.1 Af-Gaafii
Mala qorannoo kanaan Jaarsolii bebbeekamoo,haadholii.dargaggootaa fi namoota waajjira Aadaa
fi Turiziimii keessa hojjatan waliin gaaffii fi deebii taasiseera.Kunis bakkuma isaan
jiranitti,yeroo qorannoof keenname keessatti odeeffannoo irraa funaaneera.
11. 5
1.8.2 Daawwachuu
Bakka wal tajjileen hawaasummaa kan akka cidhaa fi sirna boochisaa jiran deemuun
daawwadheera.Waltajjilee kana irratti fardi filatamaan kam akka ta’eefi gahee fardi qabu
daawwachuun odeeffannoo argadheera.Kanas kanan taasises yeroo qorannoof kenname keessatti.
1.8.3 Marii Garee
Namoota qorannoo kana irratti odeeffannoo naaf kennu jedhee yaade walitti qabee
qindeessuun akka irratti mar’atan taasiseera.Marii garee namoota baay’ee qabu(8-10) fi
marii garee namoota muraasa qabu(4-6) tiin. Kunis odeeffanno namni tokko dagate wal
yaadachiisuuf gargaara.
1.9 Malleen Odeeffannoon Ittiin Hiikaman
Malleen akka ibsu,addeessuu,xiinxaluu fi qacceessuutin odeeffannoo madda raga tokkoffaa fi
lammaffaan guuraman hiikeera.Kunis mala qulqulleeffannaatti dhimma bahuun yoo ta’u, bifa
jechaa fi barreeffamaan kan hiikamedha.
1.10 Naamusa Qorannicha
Adeemsa qorannoo keessatti naamusni murteessaadha.Duraan dursee kaayyoo koo fi
maaliif akkan isaan barbaade itti ibsuun haala kabaja qabuun odeeffannoo irra
funaanera.Kana malees,namoota madda odeeffannoo ta’an ,wanti isaan miidhu yoo
jiraate itti ibsuun hanga danda’ame akka isaan hin miidhamne of qusadheera. yaada
isaan naaf kennan iccitiin eeguun qoranno kanaaf akkan itti fayyadamu
mirkaneesseraaf.
12. 6
BOQONNAA LAMA
2. SAKATTA”INSA BARRUULEE
2.1 ILaalcha Oromoon fardaaf qabu
Ilaalcha jechuun jaalala ,kabaja, mararsiifannaa kan bakka bu’udha.Kana malees ,safuu Oromoon
fardaaf qabu kan ibsuudha.Oromoon fardaaf jaalala guddaa qaba.fardi akka ilmoo namaatti
ilaalama.Fardiifi namni birmaduudha jedhanii amanu.Birmaduun ilmoo namummaa kan bakka
bu’udha.Yaada kana ilaalchisee Leellisaa Aadaa Bantii (6413:100),akka ibsetti.
Oromoon farda baay’ee jaalata;baay’ee kabaja.
Fardi fira dhala namaati jedhama. Fardi horii hunda caalaa gumaan isaa olaanaadha.
Fardi abbaa hin ganu,wajjin ala bula malee.
fardi yoo abbaan yaabbatee irra kufe gatee hin deemu.
Irruma dhaabatee himimsa.
Barruun kun fardi beeyilada akkami akka ta’eefi kabaja fardi Oromoo biratti qabu kan
ibsudha.Kana malees ,fardi akka dhala namaatti kan ilaalamuufi akkuma dhala namaa kan
namaaf yaadu ta’uu isaa ibsa.
2.2 Fardaa fi Moggaasa maqaa
Oromoon akkuma ilmaa fi intala angafa dhalatteen maqaa kabajaa kan abbaa fi haadhaa
moggaasu,bifa fardaa irratti hundaa’uun maqaa abbaa fardaa, fardaan moggasa.
Kunis Oromoon farda akka ilmaatti ilaala.Kana malees ,namni cimaan fardaan beekama.Fardi fi
abbaan fardaa kabaja guddaa qaba.
Yaada kanaan kan wal qabatu,Aadam Tiinnaa fi Muusaa Hajii(2011-126) akka ibsanitti:
Oromoon farda ni kabaja; ni jaalata.Farda namaa ija hamaan hin ilaalan .
Farda namaa nama jalatti hin dhahan.
13. 7
Dhiirri cimaan fardaan beekama.
Abbaa Bulloo, Abbaa Booraa, Abbaa Magaal, Abbaa Shaanqoo, Abbaa
Gurraachaa,Abbaa Daalee.
Yaadni kunis kan ibsu safuu,kabaja,jaalala oromoon fardaaf qabu kan ibsudha.Dabalataanis fardi
akka ilma abbaatti kan ilaalamuu fi moggaasni maqaa illee fardaan walqabachuu ibsa.Namni
cimaan farda isaatiin beekama.
2.3 Gahee fardi adamoo,waraanaa fi Sirna Gadaa keessatti qabu.
Bara durii hawaasa oromoo biratti fardi adamoo,waraanaa fi sirna Gadaa keessatti iddoo olaanaa
qaba.Fardaan ari’anii qaqqabu,dheessanii jalaa bahu.Adamoo deemanii fardaan ari’anii
qaqqabanii ajjeesanii mirga argatu.Diina jalaa ittiin dheessanii jalaa bahu.kanaan wal qabatee
Toon leus(2006:206) Oromoo Booranaa biratti waa’ee fardaa yoo ibsu, “because horse(s) are
used for hunting and warefare the horse has very important prestigeus animal.They are
considered as people.A horse is like human”.
Kana jechuun,sababa farda adamoo fi waraanaaf dhimma itti bahaniif fardi beeyilada maqaa
gaarii qabudha.Fardi akka namaattii ilaalama.Fardi akka namati.
Bara durii Oromoo farad waraanaaf dhimma itti bahaa ture.Farda akka meeshaa ammayyaa
yeroo ammaatti dhimma itti bahu ture.yaada kana ilaalchisee Asmarom Legesse (2006:62) akka
barreessetti:
The country (the Abbichu-Oromo) have occupied is a plain which is not hilly and which
is suitable for horses and cuttle.The Galla(Oromo) are also horsemen. But the (Amhara)
people who lived in Manzeh(sic) and Tagulat were skilled in climbing cliffs not in
mounting horse.
Biyyi(biyyi Oromoo Abbichuun) qabame diriiraa fi tabba kan hin taane fardaa fi horiif mijataa
kan ta’eedha.Oromoon abbaa fardaati. Garuu(Amaarri) kan Manzee fi Taagulat jiraatu tabba
bahuuf dandeetti kan qaban kan fardi bahuu hin dandeenyedha.
14. 8
Luba Fiixee Birrii,(2005:177) akka barreessetti:
Bara durii fardaan adamoo deemanii arba,gafarsa ajjeesu.Yeroo boqqoo bu’an fardaan fiiganii
ajjeesu. Kanaaf osoo bakka waraanaa hin dhaqin dura naannoo jiranitti wal duraafi booda
kaachisaanii wal waraanudhaan akkata waraana walitti shaakalu.
Barruun kun Oromoon bara durii fardaa adamoo deemee ajjeesaa akka tureefi bakka waraanaa fi
adamoo osoo hin dhaqin dura akkaataa waraanaa skaakaluu nu hubachiisa.
Sirna Gadaa keessati fardi gahee guddaa qaba.Oromoon sirna Gadaan yeroo bulaa ture fardaan
diina ofiirra ittisaa ture.Yaada kana kan daaggaru Dirribii Damusee(2012:416) akka ibsetti.
Gadaan michillee waan warri isa duraa hingoone fardaa fi gaangee yaabbatee duuluu jalqabe.
Michilleen jalqabaaf farda luka afurii yaabbatee gaachanaafi eeboodhaan lole.
Yaadni kuni kan ibsu Oromoon sirna Gadaa keessatti fardatti dhimma bahee diina waraanaa
turuu isaati.
Warqina Abbaa soorii(2010) yoo ibsu;”Uummanni Oromoo jaaraa 16ffaa keessa weerartoota
biyya Abbaa isaa humnaan weerarraa ture lola gurguddoo fardaan adeemsiseen injifaannoo
argateera”
Yaadni kunis kan ibsu oromoon lola kallatti adda addaan itti dhufaa ture fardaan loluu nu
hubachiisa.
15. 9
2.4 Seera Fardaa
Uumata oromoo biraatti wanti hundinuu seera qaba.Beeyiladoonni seera qabu.seerri kun seera
warra kottee baqaqaa fi seera warra kotte duudaati.Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo (6410:12)
akka ibsanitti
Seerri yaayyaa Goloo Gobboo seera warra golaa yookan kotte duudaati.Kana jechuunis
farda, harree, gaangee,ganyaa fi gala.Farda kotte duudaa keessaa iddoo guddaatu
kennamaaf.
Fardi kan Gadaati.Kan hawaasa haraati malee kan abba tokko miti.
Yaadni kunis kotte duudaan seera kan qabuu fi fardi kotte duudaa keessaa iddoon guddaan kan
kennamuuf ta’uu isaati.
Under the laws of equestrian symbol Asmaron Legeesse(1973:96) state that:
The horse of the messenger (wayyu) must also be accorded respect.He to is the
messenger of the Gada.where ever the horse arrives,brings with him the news of the
ya’a(gada assembly) he must be given a water. For the horsemen does not travel to
attend to his own interest but in the service of the raba gada.Any borana who mistreate
the horse shall be punished.
Kana jechuunis ,fardi nama biyya bakka bu’ee ergamuu kabajamuu qaba.Fardi ofii isaaf iyyuu
ergamaa gadaati.Yeroo kamiyyuu farda yaa’ii gadaa oolee dhufuuf bishaan kennuufin
dirqama.Abbootin fardaa kan deema nii hirmaatan dhimma dhuunfaaf osoo hin taane taajaajila
raaba gadaatiifi.Boorana ta’ee fardaaf kunuunsa kan hin taasisne ni adabama.
Yaadni kunis kan ibsu fardi kan Gadaa waan ta’eef kabajamuu qaba.Akkasumas, fardi ergamaa
gadaa ta’uufi Boorana biratti namni farda irraan miidhaa geessise kan adabamu ta’uu isaati.
16. 10
BOQONNAA SADII
3. SEEN_DUUBEE BAKKA QORANNICHAA
3.1 Argama Aanichaa
Aanaa Saqqaa Coqorsaa Godina Jimmaa naanno Oromiyaatti argamti.Magaalaa Jimmaa irraa
kiilomeetira kudha saddeet kan fagaattu yoo ta’u,giddu galeessa kibba Magaala Jimmaatti
argamti.
Aanaan kun Bahaan Aanaa Deedoo,Qorsaa fi magaalaa Jimmaan dangeffamti.Karaa dhihaan
Aanaa Gommaa fi Geeraan dangeffamti.Kibbaan immo ,Aanaa Shabee Somboo fi laga Gojobiin
yoo daangeffamtu,Kaaban immoo Aanaa Maannaan daangeffamtee argamti.
(Waajjira Aadaa fi Turiziimii Aanaa saqqaa Coqorsaa)
3.2 Moggaafama Aanichaa
Moggafama Aanaa kanaa dura bakka amma magaalaan Aanaa itti hundeeffamte Coqorsatu
ture.Coqorsi kun bosonaan marfamee kan argamu ture.Coqorsi lafa muka ofirraa hin qabne
margaan uwwifamee kan argamudha.Haaluma kanaan hawaasni lafa babal’ifaachuuf bosona
ciree bakka sanattii bahe.Bosona saaqne Coqorsatti baane jechuun dubbatan .Kanarraa ka’anii
Aanaa Saqqaa Coqorsaa jedhanii moggaasan.
3.3 Haala Qilleensaa
Haalli qilleensaa Aanaa kanatti beekaman;baddaa ,badda-daree fi gammoojjiidha.Haalli
qilleensaa irra caalatti beekamu badda daree yoo ta’u,kunis dhibbeentaa torbatamii
lama(72%),baddaa dhibbeentaa digdamii tokko(21%) fi gammoojii immoo,dhibbeentaa
torba(7%) qabdi.
17. 11
3.4 Teessuma Lafaa
Aanaan saqqaa Coqorsa Aanota Godina Jimmaa lafa bal;aa qaban keessaa tokko taatee,bal’ina
Iskuweer kiloomeetirii dhibbaa saddeetii fi Soddomii torba tuqaa torba shan(837.75 km
square)qabdi.Bakkeewwan olka’insa Olaanaa qaban kanneen akka tulluu Daammaa ,tulluu
Inkiyyoo,Geppaa fi Geppi Geppoo sadaan isaan beekamodha.Geppi Geppoo Sadan kan ganda
Geppa Sadan keessatti argamu,ol ka’insa guddaa kan qabuu fi Aanota olla Saqqaa
sadi,Geeraa,Guumaa fi gommaa keessatti haalan mul’ata.Kanarraa ka’uun Geppa geppoo Sadanii
jedhanii moggasan (obbo Gonfaa Yaadasaa)
3.5 Baay’ina Uummata Aanichaa
Aanaa Saqqaa Coqorsa gandoota Soddomii torba(37) qabdi. Kanneen keessaa gandi magaala
lama(2) yoo ta’u,Kanneen hafan soddomii shan(35) gandoota baadiyyaati.Akka ragaan lakkoofsa
uummataa bara 1999 ibsutti baay’inni uummata Aanichaa dhiira kuma dhibba tokkoofi kuma
sadiifi dhibba saddeetiifi sagaltamii shan(103895) yoo ta’u,dubarri immoo kuma dhibba tokkoofi
kuma lamaaf dhibba shaniif soddomii lama(102532).Waluma galatti ,baay’inni uummata
aanichaa kuma dhibba lamaaf,kuma jahaaf dhibba afuriif digdamii torba(206427).( Waajjira
Aadaafi Turiziimii)
3.6 Qabeenya Uumamaa
3.6.1 Bosonaa fi Bineensaa Bosonaa
Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessaa bosonni gandoota akka komoo waarrii fi Diimtuu Sheekotaa
keessatti ni agrama. Mukkeen gurguddoon kanneen akka waddeessaa, qilxuu, qararoo,
bakkanniisa, baddeessa, somboo, laaftoo, ambabbeessa, birbirsii fi kanneen biro beekamoodha.
Bineensonnibosonaakanneenakka waraabessaa, qeerransa, jaldeessa, qamaalee, xaddee, weennii,
kuruphee, bosonuu, sardidaa fi kan biroon ni argamu. Kana malees, allaattiwwan garagaraa
kanneen akka huummoo, quuroo, hurunguu, daakkiyyee, arragessa, cullullee, rumicha,
makoodii fi kan biro ni argamu.
Amfibiiyaanota keessa immoo ,bofni,ballaachoo,lootuu,hantuutaa fi kan biro ni argamu.
(Waajjira Misooma Qonna)
18. 12
3.6.2 Biyyee
Biyyeen gosti garagaraa Aanicha keessatti ni argamu.Biyyeen kunis misooma qonnaafi faayidaa
garagaraaf ni oola.Biyyeen diimaan hedduminaan kan beekamuu fi oomisha bunaa fi jimaaf
baay’ee filatamaadha.Gosoonni midhaanii biyyeen kun biqilchus, xaafii, qamadii, mishingaa,
boqqoolloo, boloqqee fi kanneen birooti. Akkasumas kuduraalee fi muduraalee garagaraa
oomishuuf filatamaadha.Biyyeen gurraachi kan naannoo lafa baddaatti argamus, midhaan
kanneen akka baaqelaa,atara, garbuu fi kan biro oomishuuf filatamaadha.Biyyeen kootichaa fi
cirrachaas darbe darbee ni argama.
3.6.3 Qaama Bishaanii
Aanaan Saqqaa Coqorsaa laggeen gurguddoo kanneen akka laga Gibee,Abboonnoo,Booruu fi
horri beekaman tokko ni argama.Lagni Gibee laga guddaa fi humna elektirikii maddisiisuun
beekamudha.
Fincaa’aan Gibee kan naannoo magaalaa Saqqaatti argamus bakka bashannanaa beekamaadha.
19. 13
3.6.4 Iddoowwan Seena qabeeyyii
Aanaan Saqqaa iddoowwan hawwata Turiziimii heddu qabdi.
Kannee keessa beekamoon:
Iddoo Seena qabeessa Godina Aanaa Ganda
Masaraa Abba Booraa Jimmaa S/Coqorsaa Buyyoo Qacamaa
Burqaa laga Gibee Jimmaa S/Coqorsaa Diimtuu
Fincaa’aa Gibee Jimmaa S/Coqorsaa Magaalaa Saqqaa
Holqa dhagaa
A/Jamaa
Jimmaa S/Coqorsaa Shashamannee
Masgiida sheekota
laaftoo
Jimmaa S/Coqorsaa Diimtuu sheekotaa
Masgiida she A/Jamaa Jimmaa S/Coqorsaa Shashamannee
Tulluu Inkiyyoo Jimmaa S/Coqorsaa Diimtuu sheekotaa
Table 1:Waajjiraa Aadaa fi Turiziimii
3.7 Haala Jiruu fi Jireenyaa Uummatichaa
3.7.1 Qonnaa
Aanaa Saqqaa Coqorsaa oomisha gosa gara garaatiin beekamti.Gosoota midhaanii keessa
beekamoon garbuu, qamadii, xaafii,boqqoolloo,mishinigaa,baaqelaa, ataraa fi kanneen biroon ni
Oomishamu.Kanneen keessaa boqqoolloon sadarkaa olaanaan oomishama.Kana malees,Aanaan
Sqqaa omishaa bunaa,jimaa,kuduraalee fi fuduraaleen ni beekamti.jimaa fi bunni madda galiin
beekamoodha.(Wajjira Misooma Qonnaa)
20. 14
3.7.2 Horsiisa Loonii
Beeyiladootni gosa garagaraa Aanaa kana keessatti ni horsiifamu. Beeyiladootni kunis kanneen
akka loonii, hoolaa, re’ee, farda, luukkuu, harree, gaangee fi kan birooti.
3.7.3 Daldala
Daldalli gosti garagaraa Aanaa kana keessatti ni adeemsifamu.Daldalli akka Aana kanatti
beekamus; daldala midhaanii, bunaa, jimaa, kuduraalee, fuduraalee fi kanneen biro ni
adeemsifamu.
(Wajjira Misooma qonnaa)
3.7.4 Ogummaa Harkaa
Namoonni jireenya isaani ogummaa harkaan gaggeessanis Aanicha keessatti ni
argamu.Ogummaa kanneen keessaa kan akka hojii mukaa, sibilaa tumuu, suphee dhahuu, jirbii
fo’uu fi kanneen biroon beekamoodha.
3.8 Amantii
Aanaa kana keessa hordoftoota Amantii garagaraatu jiraata.Irra caalaan uumaata Aanichaa
Amanti Islaamaa kan hordofu yoo ta’u,Amantiin biro kanneen akka Ortodoksii fi Pirooteestaantii
ni argamu.Namoonni amantii biro maqaaf itti waamamanii,garuu,Amantii Oromoo ganama
hordofanis ni argamu.
3.9 Afaanii fi Hidda Latinsaa
Aanaan Saqqaa Coqorsaa keessatti Afaan Oromoo afaan hojiiti.Hiddi latinsa Oromoo, Booranaa
fi Baarentuu of jalaa qaba.Qorannoon kun dame Booranaa jala kan jiru, Oromoota maccaa irratti
kan adeemsifamedha.Booranni ilmaan shanqaba. Isaanis:
Tuulama, Macca ,Gujii,Sabboo fi Goonaadha. Macci ilmaan shan qaba. Isaaniis Liban
,Jaawwii,Guduruu, Dallee fi Jiddaadha. Jiddaan immo, ilmaan sadii qaba. Isaaniis
Liban,Akakkoo fi Guduruudha.Akakkoon ilmaan afur qaba.Isaaniis Hursuu, Jimma, Sadachaa fi
Badiidha. Jimma ilmaan shan qaba. Isaaniis Hariiroo, Qoree, Agaloo, Abukakkoo fi Laaloodha.
27. 21
4.5 Farda Sooruu
Farda cimaa ta’e kan ari’ee qaqqabu,dheessee jala bahu horachuuf fardi sooramuu qaba.fardi
akka beeyilada biraa marga qofaan hin sooramu. Fardi garbuu,ajjaa(omborii) fi buddeenaan
soorama. Fardi marga qofaan soorame jabaa hin ta’u. Midhaan keessaa garbuu fi ajjaan akkuma
namaaf filatamaa ta’e farda soorufis filatamaadha. kunis garbuu fi ajjaa daaksisanii buddeeena
isaa tolchanii laatuuf. Callaan garbuus akka ilkaan hin dhukkubsinetti bishaaniin laaffifamee
kennamaaf .Midhaan ittiin sooramu kana gorboo tolchaniifi gorboo keessaa nyaata. Akka gadi
hin jennetti qixxee dhaabbii isaatti tolfamaaf.Fardi gadi jedhee yoo nyaate qoleetu
dhukkuba.(Adde Dungee Kafanii,Araggaash Baqqalaa)
Fardi yeroo baay’ee manumatti bishaan dhuga.Bidiruu tolchaniifi achi keessa dhuga. Laga
geessanii yeroo obaasan immoo, beeyiladoota biro dura geessanii obaasu. Fardi karaa oolee
dafqee yoo dhufe battaluma sanatti laga geessani dhiqu. Farda dafqe dhiquu yoo baatan ni
dhukkubsata.Gabaabatti, fardi yoo haalan sooramuu baate dadhabaa ta’a.
4.6 Ilaalcha fardi Oromoo Aanaa Saqqaa Coqorsaa biratti Qabu.
Seenaa uummata kanaa keessatti fardi iddoo guddaa qaba.Fardi beeyilada baay’ee
barbaachisaadha. Seenaa fi abbaa farda gidduus hidhata cimaatu jira.Abbaan fardaas farda
isaatiin kabajama.Kanaaf farda horachuun dinagdeen hin gaanga’u.Aadaa fi safuu hawaasa
sanaatu akka farda horatan isaan dirqisiisa.Haa ta’u malee,Aanaa kana keessatti fardi bakka
hundatti hin horsiifamu.Gandoota haala qilleensaa baddaa fi badda daree keessatti haalaan
horsifama.
Oromoon Aanaa kanaas beeyiladoota horsiisu keessaa fardaaf safuu ,kabajaafi jaalala guddaa
qaba.Sababni isaas fardi fi namni birmaduudha.’Birmaduun’ immoo ,ilmoo namaa bakka
bu’a.Fardi wantoota ilmoo namaan walfakkeessuus heddu qaba.Fardi akkuma namaa alala hin
guru,ilkaan godaa gubbaa kan qabuufi kotte duudaadha.kanaaf fardii fi namni
birmaduudha.Kunis Oromoon farda hin elmatu; hin nyaatus.Kana malees,fardaa fi dhala namaa
kan walfakkeessu waan hedduutu jira.Fardi akkuma namaa fira beeka jedhama.Haadha waliin
wal qunnamtii saalaa hin raawwatu.Kanaaf Oromoon akkuma sirna fuudhaa fi heeruma gosa
garagaraa lama giduutti adeemsisu farads wal jijjiira.(Bajjii Sarbeessaa)
28. 22
Fardi abba horote beeka.Abbaa dhaaf malees,nama biraaf hin qabamu.Fardi abbaan yoo du’es ni
beeka.Akkuma dhala nama boo’a jedhama.Nama dhukkubsatus ni beeka yoo namni aade suuta
deema.Hawaasa kana biratti namni farda hin qabne akka nama ilmoo hin qabneetti
ilaalama.Namni hin qabnes qalaamaa nama qabu biraa fudhatee ilmoo ishee nama sana waliin
qooddatee horata.(obbo Gaaromsaa Kafanii)
Farda luugamanii yoo waaqa kadhatan waaqni namaaf dhagaha jedhanii amanu.Yeroo hongeen
dheeratee bokkaan roobuu dide Oromoon walitti qabamee waaqa kadhata.Kanarra darbee yoo
roobuu dide farda luugamanii kadhatu.Hanga roobutti luugama afaanii hin baasan.Haala kanaan
bokkan dafee rooba.Yaada kan ilaalchisee Dirribii Damusee(2012:66) akka ibsetti
Waaqayyo yoo yeroo roobaa dabarsee hongeen hammaate,
Waaqayyoo safuu keetti deebi’I jedhee dhiirri kallacha qabatee,dubartiin siqqee,caaccuu
fi okolee qabatee kormaa fi dullacha qalanii waaqa kadhatu.Akkasiin kadhatanii yoo
waaqni garaa jabaate,Oromoon dur jabbii haadha laga,farda cancalee bishaanii fi
marga lagu.Kana yoo waaqayyoo roobuu didee garaa jabaate akkas godhu.
Fardi birmaduu waan ta’eef,yoo du’e akkuma namaatti bo’amaaf.Sababni isaas fardi ilma
abbaati.Nama fardi jalaa du’es ollaan dhaqee jajjabeessa.Fardi yoo du’e gadi harkisanii hin
dhiisan ni awwaalu.Baala mukaa cabsanii irra buusu.Kunis fardi akka namatti waan ilaalamuufi.
Fardi soqeen ayyaantudha jedhanii amanu.Fardi soqeen farda burreedha.Halluu diimaa fi adii
kan qabdu taatee ijji burcuqqoodha.fardi bifa kanaa yeroo baay’ee hin dhalattu.Akka tasa yoo
dhalatte garuu qabaa geessanii hin gurguran Manumatti dullomtee akka duutu gorfama.
Farda kan yoo gurgaran abbaa fardaa rakkootu mudata carraa badaadha.Hormaanni hin
qajeelu.Kana malees,farda biraatu dabalamee du’a.(obbo Nugusee Urgeessaa)
29. 23
4.7 Fardaa fi Moggaasa Maqaa
Aadaa saba Oromoo keessatti fardi akka ilmaatti ilaalama.Oromoon fardaaf jaalala cimaa qaba.
Kana kan ibsu immoo maqaan namootaa fardaan moggaafamuudha.Oromoon akkuma ilmoo
angafa dhalateen waamamu fardaanis ni waamama.Fardi maqaa dhalootaa gara maqaa kabajaatti
jijjira.Namni ilmoo hin qabne fardaan waamama.Nama ilmoo hin qabne qofatu fardaan
waamama miti.Namni dargaggummaa isaati qabee farda cimaa yoo yaabbate maqaa farda sanaan
waamama.Haala kanaan akkuma Oromoon “maqaan bahee fi karaan bahe hin deebi’u” jedhu
namni kun yoo ilmoo argates maqaadhuma kanaan waamama.Yaada kana ilaalchisee Asmarom
Legesse(2006:39)
The Oromo prefix Abba is often translated as”father of””Owner of” as abba barchima
ennu? Who is the owner of the chair? Hence we translate the word variously in different
contexts.
Abba lafaa,land owners, abba warra,head of the family,abba duula,war of chief,abba
bokkuu and bearer of the symbol of authority.It is second meaning “owner of” that is
derive from Oromoo equestrian tradition .It never used in the sense in Amharic.
Moggaasni maqaa yeroo baay’ee bifa fardaa sana waliin wal qabata.Abbaa Booraa,nama farda
boora qabu,Abbaa Daalee,nama farda daalacha qabu,Abbaa Gurraachaa ,nama farda gurraacha
qabu,Abbaa Daaamaa,farda magaala gara diimaatti dhihaatu kan qabu,Abbaa Magaal,farda
magaala kan qabu ,Abbaa Bulloo,farda diimaa booqaa kan qabu,Abbaa shaangoo,farda magaala
gara gurraachatti dhiyaatu,Abbaa Taankii,farda magaala kan qabu fi kanneen birooti.(obbo Fiilaa
Jabeessaa)
Yaabbii fardaan Oromoon Itiyoophiyaa keessaa beekamaadha.Moggaasni maqaa fi sadarkaan
namni maqaa fardaan kan beekamu ta’uun oromoo irraa gara Itiyoophatti kan dhufedha.Yaada
kana kan mirkaneessuu moototni habashaa baay’een isaanii maqaa fardaa kan Oromoon
moggafate akkuma jirutti osoo hin jijjirin itti fayyadamuu isaaniiti. Yaada kanas akka Tenan
Pankhurst(1989) wabeeffatee ibsetti.
30. 24
Name of Emperors Iyassu II
(1730-55)
Ruler of Gonder
Their horse name
Qalbi
Meaning in afaan Oromo
Caution one
Ras Wald sellase
Ruler of tigre(1790-1860)
Abba Dinsa,Bullo A horse with aulide aertically
white color on the face from
ear down nose
Ras Gosnu(1831)
Ruler of Gojjam Abba Diego Danager
In the Hirmata
region
Abba Jifar
Ruler of Jimma
Abba Reebu (1855-1859)
The son of Abba jifar
The owner of dappled horse
(spitted skin)
B eat up
Kingdom of Limmu
enarya
Abba Gomol Abaa Biqilo
The son of abba Reebu
Abba Bokka
Abba Dubbise
Abba morkachu Abba Wabato
Rain
To great
To dispute
Waa or something and butu
’snatch’
Table 2:Fardaa fi Moggaasa Maqaa
4.8 Gumaa Fardaa
Akka waliii galaatti namni beeyilada kamuu ajjeese ni adabama.Kunis gumaa baasuun kan
qulleeffamudha.Namni beeyilada ajjeese sababa yakka hojjateef qofa miti kan gumaa
baasu.Namni beeyilada seera malee ajjeese akka waan seera waaqaa cabseetti ilaalama.Namni
seera waaqaa cabse immoo ,of qulqulleessu qaba.kanaaf namni fardi harkatti du’e gumaa ni
baasa.dur duuti fardaa akka du’a namaatti ilaalama.Ammas taanaan gumaan fardaa kan namaatti
aanee olaanaadha.Murteen akkataa ajjeechaa irratti hunda’a.Namni tokko itti yaadee yoo ajjeese
gumaa farda sanaa guddaadha.Garuu akka tasaa yoo ajjeese qoratamee gumaa xiqqaa
baasa.(obbo Bajjii Kafanii)
31. 25
Haala kanaan gumaa fardaa kan erga baasee booda of qulqulleessuuf farda walitti qabee garbuu
mana shanii walitti fuudhee fardeen walitti qabee nyaachisa.Akkataa kanaan gumaa fardaa yoo
baasuu baatan hormaanni namaaf hin qajeelu.
4.9 Gahee Fardi Aadaa Tursuu Keessatti Qabu.
Aadaa hawaasa Oromoo Aanaa Saqqaa Coqorsa keessatti yaabbin fardaa beekamaadha.Aadaan
farda yaabbachuu aadaa ittiin gootummaa ibsatan ,Simatanii fi kabajatanidha.Kana malees
carraan ilmaa gara fulduraatti gaarii ta’uun isaa kan beekamu dandeetti farda yaabbachuu isaa
irraati. Fardii fi abbaan fardaa hawaasa biratti kabaja guddaa qaba.Fardarra ta’anii manguddoo fi
tuuta bira hin darban .Akkasumas,dubartoota bira farda yaabbatanii hin darban . Kunis kabaja
agarsiisa. Fardarraa bu’anii dubbisanii bira darbu.
Yeroo fardarraa bu’anii dubbisanii bira darban maanguddoon akkas jechuun eebbisu:
Ofkali;
Colleen kee haa oofkalu;
Bakka yaadde gahi.
(Obbo Gonfaa Nagaraa)
4.9.1 Gugsii Fardaa
Gugsiin fardaa dorgommii fardaan taasifamudha.Gosa ispoortii aadaa keessaa isa beekamaadha.
Gugsiin fardaa oromoo Aanaa Saqqaa Coqorsaa biratti beekamaadha.Gugsiin fardaa guyyaa
ayyaanota waggaa fi bakka mana amantii Ortodoksiitti erga taabonni galee booda ni
adeemsifama.Gugsiin fardaa irra caalatti guyyaa ayyanaa gubaa adeemsifama.Akka aadaa
oromootti ayyaanni gubaa yeroo itti ganna gurraacha irraa gara birraatti ce’anidha.Fardi marga
dheedaa waan tureef of kajeelee gulufuuf fedhii guddaa qaba.Gulufee of dafqisiisuu barbaada.
Kun immoo namoota gugsii fardaa jaalataniif haala mijeessa.Haala kanaan namoonni aadaa
isaanii jaalatan bakka garagaatii walitti dhufuun gootummaa farda taphachuu agarsiisu.
Namoonni farda yaabbatanii gara dirree gugsiitti deeman fardarraa bu’anii malkaatti
irreeffatu.Irreeffachuun aadaa saba Oromooti. Bishaan kan ittiin uumamni hundi jiraatu waan
33. 27
colleen hunda isaaniif ni qophaa’a.Farda kanaan dorgommi taasisu.Namni dorgommii kan
injifate Abbaa Gadaa ta’ee muudama.Sirni kun buttaa ciisuu jedhama.
Haalli waliin jireenya hawaasummaa,aadaa,siyaasti fi kanneen biro nama fi nama
akkasumas,namaafi uumama biraa wlitti buusuu danda’a.Hawaasni karaa waldhabdee kana ittiin
furu ni qaba.kunis sirna gumaa baasuuti.Fardi sirna gumaa baasuu kana keessatti iddoo guddaa
qaba.Namoonni gaafa araara buusan farda luugamanii dhaqu.Haala kanaan wal dhabdeen sun
hangam cimaa yoo ta’eeyyuu fada lugamaan dhaabate araarri hin didamu.Akka hawaasni
amanutti nagaa hawaasni kadhatee kan argatu farda luugamaan dhaabeti. Collee lugamaan
dhaabun ni oodatama.Fardi lugamaan osoo dhaabatuu nama araara dide carra badaatu isa
mudata.(obbo Gaaromsaa Kafanii)
4.12 Gahee Fardi Adamoofi Waraana Keessatti Qabu
Bara durii jalqabee uummanni Oromoo waraana kallatti adda addaan irratti duulaa ture fardaan
loluun bilisummaa biyya isaani eegsisaa turan. Uummanni Oromoo farda akka meeshaa
waraanaa ammayyaatti dhimma itti bahaa ture . Fardi waraana keessatti namni akka diinaan hin
miidhamneefi biyyi harka diinaa jalatti akka hin kufne eega.(obbo Mirkanaa Irkoo)
Oromoon cimina farda yaabbachuu qabaachuun isaanii akka waraana irratti milka’an isaan
taasiseera.Warri fardaan lolan of eeggannoodhaan yoomii fi eessatti akka waraanaan beeku.
Yaada kana ilaalchiee Asmarom Leegesse(2006:62)
Oromo had powerful cavalary that stood at the head of their military campaigns. A force
that devastating impact on their un mounted adversaries as happened in northern Kenya
and throught out much of Ethiopia.Oromo horsemenship is highly prized aspect of their
culture and it had great deal to do with their military successes over the centuries.
Haala kanaan lola Adawaa yeroo Itiyoophiyaan Xaaliyanii injifattu abbootin fardaa gahee gudda
taphataniiru. Adeemsa lola kanaa keessatti abbootin fardaa oromoo wareegama cimaa
kaffalaniiru.Kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti iddoo guddaa qaba. Kanaaf fardi akkuma namaa
dirree waraanaa garagaraa irratti wareegamuun naga waan buuseef akka mallattoo nagaatti
ilaalama.(Obbo Ittita Irkoo)