SlideShare a Scribd company logo
1 of 4
AMANTII
(FAITH)
Pawuloos Romee 12:3 keessatti “Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta’u
caalaatti akka of hin yaadne; tokkoon tokko keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka
amantii isaaf kennameetti akka of ilaaluun ta’uufitti, haa yaadu!” nuun jedhe KITAABA
QULQULLUU Amplifaayid “Ayyaana anaa kennameen namoota isin gidduu jiran waan
tilmaamuufi yaaduun isaaniif ta’uun olitti akka of hin yaadne (yaada of jaja mataasaanii akka hin
qabaanne), garuu akka amantii Waaqayyoon isaanii kennameetti dandeetti isaanii gadi qabanii
isaan akeekkachiisa.”
Akka gariin amantiin hoggu lammata dhalannu kennama jedhani sanatti hin amanu. Ani kaniin
amanu lammata dhalachuuf amantii nu barbaachisadha, waan kitaabni qulqulluu waa’ee
Yesuus jedhu amanuuf Efesoon 2:8 “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtani.
Innimoo kennaa Waaqayyooti malee, gocha ofii keessanii miti.” kanaafuu ayyaana karaa
amantiin nuyi fayyineerra.
Lammata dhalachuun Yesuus isa gara fannootti deemeen tolfamee dhiyaate. KITAABA
QULQULLUU waa’ee namoota amantiin jabaa ifatti kaa’eera, gara Abeelitti duubatti deebi’uun,
ilma Addaam, Ibroota 11:4-5 keessatti “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu
Waaqayyoof dhiyeesse; Waaqayyo kennaasaa fudhatee isaaf dhugaa baheera. Amantiidhaan
Henok du’a ajaaniyyu akka hin arginetti ol fudhatamera. Waaqayyo waan isa fudhateefis hin
argamne. Ol fudhatamuusaan dura moo Waaqayyoon gammachiisuunsaa dhugaa ba’ameeraaf.”
Lak 7-8 “Amantiidhaan Nohi isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin
mul’anneetiif akeekkachiisa dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfatee;
amantii isaatiin moo biyya lafaati yakka murtee, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya saa
godhate. Amantiidhaan Abrahaam, hogguu biyya isaatii bahee darbee biyya akka fudhatu isaaf
yaadame, ni abbomame, iddo dhaqus osoo hin beekiin ni ba’e.”
Lak 11 “Amantiidhaan saaraanillee dhala godhachuuf human argatte. Yennaa yeroonshii
darbetti ilma godhatte sababa isa ishee adachiise qajeelaa taasiftefi.”
Ibroota 11:6 “Amantii malee moo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu, Eenyullee
Waaqayyootti dhiyaachuu yoo barbaade inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii
akka kennuuf amanuun isarra jira.” Gara Waaayyootti hiiquuf Inni jiraataa ta’uufi amantii
qabaachuun akka barbaachisu amanuu qabda. Kanaafuu, amantii malee, kana jechuun
amantiin ala Waaqayyoon gammachiisuun in dandeenyu.
Hangi amantii kun akka sanyiitti laphee keenya keessa faca’e jira, yoo obaafamuu moo ni
biqila. Bishaansaa sagalee Waaqayyooti. Akka Efesoon 5:26ti “karaa dubbii saan bishaaniin
dhiquun ishee ni qulquleessa.” Akkasuma Yohaannis 15:3 “Isin ammumayu dubbi ani isinitti
dubbadheen qulqullooftaniitu.” Phaawuloosi moo 1 Qor 3:6 keessatti “Ani nan dhaabe, Aholos
bishaan obaase, garuu Waaqayyo hin guddise.” 2 Tasaloonqee 1:3 keessattis “yaa
obbolootakoo, yeroo hundumaa waa’ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nurra jira.
Amantiin keessan safara malee guddachaa jaalalli hundumti keessan waliif qabdan baayyachaa
waan adeemeef ni galateeffanna jedha.”
Roomee 10:17 keessatti “Egaa amantiin dhagahuudhaan ni dhufa, sagalee Waaqayyoo
dhagahuudhaa” kunis amantiin dhagahuudhaan ni dhufa (ni guddata) (sagalee Waaqayyoo,
Yesuus yeroo hedduu, inni gurra dhagahu qabuu haa dhagahu jechuun dubbate) sagalee
Waaqayyoo dhagahuun.
Roomee 10:8 “Egaa maal godhi jedharee? Dubbichi sitti dhihoodha; afaan kee keessa, garaa kee
keessaas jira, dubbichis dubbi amantii isa nuyi lallabnudha.” KITAABA QULQULLUU
Amplifaayid “Garuu maal jedhaa? Sagaleensaa (Ergaan Waaqayyoo karaa Kiristoos) isinitti
dhiyoo jira, hidhii keessanirra, laphee keessanirra jira, sunis, sagaleesaa (ergaasaa,
bu’uuraafi) amantii isaa nuyi lallabnudha.”
Sagaleen amantii laphee keenya keessa jiraatu qaa, dura garuu afaan keenyara ta’uu danda’a.
Sababa Yesuus Matt 12:34-35 keessati “Isin ijoollee mar’ataa ofii keessani homoota erga taatanii,
attamitti gaarii dubbachuu dandeessuu? Waan garaa namaa keessa guutee afaan dubata.
Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii ni baasa; namni hamaanis hamma
garaa isaa keessaa waan hamaa ni baasa.”
Ibroota 11:1 keessati “Amma amantiin keessa waan abdatani ragaa wantoota ijaan hin
mul’annee ti.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid Amantiin waan abdatan “dhuguma ni ta’a”
jedhanii fudhachuudha, waan ijaan hin argines akka waan arganiitti “jira” jedhanii lakkaa’uudha”
[Amantiin waan miiratti hin mul’anne akka jiruutti fudhachuudha.]”
Sagaleen Waaqayyoo amantiin qofa hojjeta. Amantiin waan Waaqayyoo jedhu amanuudha.
Achiin booda waan itti amanan sana gochuu kn hojjechuu ykn hojumaatuudha.
Yaaqoob 2:26 keessati “Akkuma dhaqni afuurri keessaa bahe, du’aa ta’e akkasumas amantiin
hojii gaarii hin argisiifne du’aadha.” Kun jecha amantiin gocha malee du’aadha jedhudha. Hojii
maleefi gocha malee amantiin hin hojjetu.
Fkn gaarii kanaa Maarqoos 16:17-18ti, Lak 17 “warra anatti amanan birattis milikitoonni kun ni
argamu; warra anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurooa hamaa ni baasu, afaanoota
haaraadhaanis ni dubatu.” Lak 18 “… harka (amantoonni) warra dhukkubsataniirra ni ka’an
isaanis ni fayyu.” jedha.
Dursa waan KITAABA QULQULLUU jedhutti amanuu qabna, achiis waan inni jedhu
gochuudha. Wanni Yesuus jedhu, yoo amantanii abooni koo duukaa buutan, sagalichi ni
hojjeta, inni dhukkusates ni fayyaadha.
Ebba maallaqaa irrattis akkanuma, argachuudhaaf, amantii keessa ta’uu qabna.
Uumamaan qotee bulaan waan facaaserraa akka waa irraa argatuu hin egiin hinfacaasu. Waan
facaafateaa ija midhanii ni eeggata.
Maallaqni sanyiin walfakkaatti akka 2 Qor 9:6-8 “namni harka isaa utuu hin guutiin facaasu,
harka utuu hinguutiin ni galfata; namni harka guutee facaasu moo harka guutee hin galfata.
Namni adduma addaan garaa duuba yookis giddiidhaan utuu hin ta’iin akka garaa isaatti murtoo
godhatti kennuutu isaaf ta’a. Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu ni jaallatta. Yeroo
hunduma waan isin barbaachisu cufaa argatanii karaa hundaan of dandeessanii hojii
gaariifuu irraa kan isinii hafu akka qabattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee
isiniif kennuuf danda’aadha.”
KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “yaadadha: inni garaa duubaafi hirdhuu facaasu, waan
garaa duubaa fi irdhuu haammata, inni arjummaafi eeba facaasummoo arjummaafi eebba
hammaa. Mee namuu waan sammuunsaa yaadeefi lapheesaati akeeke haa kennu malee of
jibbaa ykn gaddaa ykn gammachu dhaaa hin kanniin (S.S gammachuudhaa; hunda caalaa
galataan nama kennu Waaqayyo ni jaallataan) – caalchise ni kennaaf.”
2 Qor 9:10-12 “amma inni sanyi facaasaa isa facaasuuf kennee fi biddeena nyaataaf
dhiyeesse isa facaa’es siif ni barakachiisa, firii qajeelummaas ni baayyisa. Waan hundumaa
badhaadhaafi arjoomasaan. Waaqayyoon akka galateeffannu ni godha. Bulchiinsa tajaajila
qulquloota irra argataniif Waaqayyoon ni galateeffattu.”
KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Waaqayyo inni sanyii isa facaasuuf buddeenas
nyaachuudhaaf nama kennu, kennaa keessaan isiniif ni barakachiisa, ija tolaa keessan irraa
galfattanis ni baayyisa, waan hundumati akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isin badhaasa,
arjummaa keessan isa nurraa fudhataniif moo namoonni baayyeen Waaqayyoof galata ni galchu
karaa akkasii namaaf hojjechuun, galanni Waaayyoof dhiyeeffamu caalaatti akka baayyatu,
gochuudha malee warra Waaqayyoo qulqulla’aniif qawwa dhabasaani duuchu qofa miti.”
Galaatiyaa 6:7-10 “Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o hin gowwoominaa: Namni moo waanuma
facaase galfata. Namni akka yaada foonsaatti facaasu, yaada foonsaatii sanarra badiinsa ni
galfata, akka yaada afuuraatti kan facaasu moo yaada afuuraa irraa jireenya bara araa hin
galfata. Yeroo isaatti human utuu hin dhabiin galfachuuf waan jiruuf ammas koottaa wanna gaarii
a’e gochuuf hin laafnu. Egaa akkuma fucha argannetti kottaa nama hundumaaf addumaan immoo
wara amantii keessa jiraniif gaarii ni hojjennaaf.”
KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Hin gowwoomiinaa, hin raafamiina, hin dogoggoriinaa
Waaqayyo akka itti ga’isamu hin hayyamu, (tuffii, kabaja buusuu, balaaleeffachuu namaan ykn
hayyuun ykn yaada garaan) [namni Waaqayyoon tuffachu yaale of tuffata] “Namni Waanuma
facaase sanuma hammata” Namni akka yaada foonsaatti falaasu (dhaqna kufu miira) yaada
foonicha irraa tortoraa, fi balfa fi badinsa galfaa, garuu inni yaada afuuraa facaasu, yaada
afuurichaarra jireenya bara baraa argata. Yeroodhaan wayiti keessatti akka ija godhanuuf
waan qajeelaafi garii gochuuf kottaa human hin buusiinaa onnee hin dhabinaa kanaafuu, eega
haalliifi carraan nu kennee nama hundaafu gaarii haa hojjennu (wanna fayyaduufi bu’aa qabu
qofa osoo hin taane wanna afuuraafis gaarii fi caalmaa qabu haa goonuu), waan eebbaas hin
dagatiina keessatu maatii amantiidha (warra maatii Waaqayyo isin wajjin ta’an – amantoota).”
Wanni hojjennu hunduu amantiidhaa – akka saalee Waaqayyootti haa ta’u.
2 Xim 3:16 “caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuuraa Waaqayyoon bareeffame.
Barsiisuuf, balleessa huachuuf, qajeelchuuf, qajeelummaati leejjisuuf dhimmaa hin baasa.”
KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “Tokkoon tokkoo caaffataa afuura Waaqayyooti (afuura
saan kenname), barsiisuuf yakka cubbuu hubachuufi dogoggora sirreessuuf naamuusaa
abboomuuf qajeelummaatti leenjisuuf (jireenya qulqulloota yaadaan fedha Waaqayyoo akeekaafi
gochaan waliin ta’uu) fayyada.”
Akka sagaleen Waaqayyoo keessa keenyatti hojjettu yoo barbaadame fedha Waaqayyon
(Fedhiinsaa sagaleesaati) jirenya qulqullaa’aa fi yaadaan, akeekaani fi gochaan waliigaluudha.
Gal 5:6 “Kiristoos Yesuusiif amantii jaalalaan hojjetuutu gatii qaba malee, dhaqna qabachuu
ykn dhaqna qabachuu dhisuu miti.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “yoo Kiristoos Yesuusin
taane dhaqna qabachuu ykn dhaqna qabachuu dhiisuu osoo hin taanee amantii karaa jaalala
keessaan guutame si’ayinaan hojjetutu gatii qaba.”
Waaqayyo jaalaladha, jaalalaanis hojjeta. Yesuus Maarqos 11:24-25 keessatti akki jedhe “kanaaf
isinittan hima, waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniiti lakkaa’aa
amanaa, isiniif ta’uufis jira. Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni Waaqa irraa
yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidhea yoo
ta’e dhiisaaf.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “isinittin hima, kadhaaan waan fetan yoo
gaafattan, amanaa (eeggadha) isiniif hin ta’a, ni argattuti. Yogguu kadhattan, yoo namni
yakkitan jiraate dhisaaf, irraanfadhaaf (haa darbu) yoo kana Waaqayyoo keessan Waaqarraa
yakkaafi kufaatii keessan isiiniif ni dhiisa.”
Egaahoo yoo garaan keessan Waaqayyoo fuldurratti qajeelaa hin ta’iin ykn Waaqayyotti hin ta’iin
ykn eenyuttu qajeelaa hin ta’iin keessati (haadha warraa ykn abbaa warraa) maatiin fi quuqqaa
namaa garaadha qabna taanaan, matuma keenya waan Waaqayyo irraa argachuuf jirru
danqina Waaqayyoos waan nuyi amanne nuuf hin godhu. Waaqayyo akka sagaleesaa qofa
hojjeta. Cubbuufi dhiifama gochuu dhabuun Waaqayyo ira adda nu baasa. Qalbii
diddirachu qabna.
Yesuus Yohaannis 14:15 keessati “yoo na jaallatu taatanii aboomii koo eegaa.” Abboomiin
Waaqayyoo sagaleesaati.
Yeroo mara jaalalaafi namaa dhiisuun haa deemnu yoo kana amantiin jireenya keenya keessati
ni hojjeta!
Efs 6:16 “kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa
sanaa, warra bobba’aa deeman dhaamsuu ni dandeessu.” Amantiin (sagaleen Waaqayyoo)
gaachana keenya, ittin diina ofirraa ittifna. Yesuus Seeyxaan injifachuuf daggala keessatti
sagaleetti fayyadame.
Matt 4:4-10 Lak 4 “Yesuus garuu deebisee” caafata qulqullaa’aa keessatti namni nyaata
duwwaan hin jiraatu dubbii afaan Waaqayyoo keessaa bahuun hundumaan malee kan jedhu
caafameera” jedhe.
Lak 5-6 “Seeyxaanni moo gara mandara qulqullaa’aatti isa geese, fittee guutuu mana
qulqullummaa irraas dhaabbachiisee, ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate kanarra gad of
darbadhu, inni ergamoota isaa siif ni abooma, miillikee dhagaatti akka hin buunes isaan
harkasaanii irratti si hin baatu kan jedhu caafamera” ittin jedhe.
Lak 7 Yesuus garuu “Waaqayyoo kee goofticha gar malee hin qoriin kan jedhuus immoo
caafameea” ittin jedhe.
Lak 8-9 Ammas immoo seyxaanni gaara dheraa tokkoti ol isa baasee mootummaa biyya lafaa
hundumaa, ulfina isaanis itti argisiisee lafa dhooftee anaaf yoo sagadde isaan kana hundumaa
siif nan kenna” jedheen.
Lak 10 Yommus Yesuus ammoo “Seeyxaana nana argaa koo duraa turi. Waaqayyoo kee
gooftichaaf jilbeeffadhuu sagadi isa dhuwwaafis hojjedhu kan jedhu caafameera” jedheen.
Haala keenya hundumaa keessatti sagaleesaatti fayyadamuu qabna.
1 Yoh 5:4 “sababii namni mucaa Waaqayyoo ta’e hundinu biyya laaa mohuuf, ba’aa ulfaatoo itti
hin ta’an humni ittin biyyi lafaa mohamuu kunis amantii keenya.”
Akkuma kana goneen, yoo sagalichi jireenya keenya keessatti guutuma argina. Yoh 14:12
“dhuguman dhuguman isiniin jedha namni anatti amanu waanin ani jedhe hundumaas hojjetu
ani gara aaa waniin dhaquuf kanarra kan caalu iyu ni hojjeta.” Ameen.
Jim Walkarii tiin Kan Afaan Oromotti hiike Zaman Indaalee
(Australia) (Tajaajila Sagalee Dhugaa-Finfinnee Itoophiyaa)

More Related Content

Similar to daree

aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdfaoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
degefachewaka
 

Similar to daree (20)

Barnoota_11ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_11ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarnoota_11ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_11ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Oromo - Honor Your Parents Your Father and Mother.pdf
Oromo - Honor Your Parents Your Father and Mother.pdfOromo - Honor Your Parents Your Father and Mother.pdf
Oromo - Honor Your Parents Your Father and Mother.pdf
 
Oromo - Dangers of Wine.pdf
Oromo - Dangers of Wine.pdfOromo - Dangers of Wine.pdf
Oromo - Dangers of Wine.pdf
 
Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdfaoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
aoromoo2022nuusa3barnoota1ffaa-220629133443-bfdc3fdb.pdf
 
A_Oromoo_2022nuusa3barnoota1ffaa.pptx
A_Oromoo_2022nuusa3barnoota1ffaa.pptxA_Oromoo_2022nuusa3barnoota1ffaa.pptx
A_Oromoo_2022nuusa3barnoota1ffaa.pptx
 
Afaan_Oromoo_2022n2b11.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b11.pptxAfaan_Oromoo_2022n2b11.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b11.pptx
 
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdfOromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
Oromo - The Epistle of Ignatius to Polycarp.pdf
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota4ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota4ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota4ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota4ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Oromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdfOromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdf
 
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdfOromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
 
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdfOromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Oromo - Book of Baruch.pdf
Oromo - Book of Baruch.pdfOromo - Book of Baruch.pdf
Oromo - Book of Baruch.pdf
 
Oromo - Judith.pdf
Oromo - Judith.pdfOromo - Judith.pdf
Oromo - Judith.pdf
 
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdfOromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
Oromo - The Book of Prophet Zephaniah.pdf
 
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdfOromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
 

daree

  • 1. AMANTII (FAITH) Pawuloos Romee 12:3 keessatti “Ayyaana isa anaaf kennameen namni waan yaaduun isaaf ta’u caalaatti akka of hin yaadne; tokkoon tokko keessanitti nan hima; garuu adduma addaan akka amantii isaaf kennameetti akka of ilaaluun ta’uufitti, haa yaadu!” nuun jedhe KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Ayyaana anaa kennameen namoota isin gidduu jiran waan tilmaamuufi yaaduun isaaniif ta’uun olitti akka of hin yaadne (yaada of jaja mataasaanii akka hin qabaanne), garuu akka amantii Waaqayyoon isaanii kennameetti dandeetti isaanii gadi qabanii isaan akeekkachiisa.” Akka gariin amantiin hoggu lammata dhalannu kennama jedhani sanatti hin amanu. Ani kaniin amanu lammata dhalachuuf amantii nu barbaachisadha, waan kitaabni qulqulluu waa’ee Yesuus jedhu amanuuf Efesoon 2:8 “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtani. Innimoo kennaa Waaqayyooti malee, gocha ofii keessanii miti.” kanaafuu ayyaana karaa amantiin nuyi fayyineerra. Lammata dhalachuun Yesuus isa gara fannootti deemeen tolfamee dhiyaate. KITAABA QULQULLUU waa’ee namoota amantiin jabaa ifatti kaa’eera, gara Abeelitti duubatti deebi’uun, ilma Addaam, Ibroota 11:4-5 keessatti “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhiyeesse; Waaqayyo kennaasaa fudhatee isaaf dhugaa baheera. Amantiidhaan Henok du’a ajaaniyyu akka hin arginetti ol fudhatamera. Waaqayyo waan isa fudhateefis hin argamne. Ol fudhatamuusaan dura moo Waaqayyoon gammachiisuunsaa dhugaa ba’ameeraaf.” Lak 7-8 “Amantiidhaan Nohi isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul’anneetiif akeekkachiisa dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfatee; amantii isaatiin moo biyya lafaati yakka murtee, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya saa godhate. Amantiidhaan Abrahaam, hogguu biyya isaatii bahee darbee biyya akka fudhatu isaaf yaadame, ni abbomame, iddo dhaqus osoo hin beekiin ni ba’e.” Lak 11 “Amantiidhaan saaraanillee dhala godhachuuf human argatte. Yennaa yeroonshii darbetti ilma godhatte sababa isa ishee adachiise qajeelaa taasiftefi.” Ibroota 11:6 “Amantii malee moo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu, Eenyullee Waaqayyootti dhiyaachuu yoo barbaade inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isarra jira.” Gara Waaayyootti hiiquuf Inni jiraataa ta’uufi amantii qabaachuun akka barbaachisu amanuu qabda. Kanaafuu, amantii malee, kana jechuun amantiin ala Waaqayyoon gammachiisuun in dandeenyu. Hangi amantii kun akka sanyiitti laphee keenya keessa faca’e jira, yoo obaafamuu moo ni biqila. Bishaansaa sagalee Waaqayyooti. Akka Efesoon 5:26ti “karaa dubbii saan bishaaniin dhiquun ishee ni qulquleessa.” Akkasuma Yohaannis 15:3 “Isin ammumayu dubbi ani isinitti dubbadheen qulqullooftaniitu.” Phaawuloosi moo 1 Qor 3:6 keessatti “Ani nan dhaabe, Aholos bishaan obaase, garuu Waaqayyo hin guddise.” 2 Tasaloonqee 1:3 keessattis “yaa obbolootakoo, yeroo hundumaa waa’ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nurra jira. Amantiin keessan safara malee guddachaa jaalalli hundumti keessan waliif qabdan baayyachaa waan adeemeef ni galateeffanna jedha.” Roomee 10:17 keessatti “Egaa amantiin dhagahuudhaan ni dhufa, sagalee Waaqayyoo dhagahuudhaa” kunis amantiin dhagahuudhaan ni dhufa (ni guddata) (sagalee Waaqayyoo, Yesuus yeroo hedduu, inni gurra dhagahu qabuu haa dhagahu jechuun dubbate) sagalee Waaqayyoo dhagahuun. Roomee 10:8 “Egaa maal godhi jedharee? Dubbichi sitti dhihoodha; afaan kee keessa, garaa kee keessaas jira, dubbichis dubbi amantii isa nuyi lallabnudha.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Garuu maal jedhaa? Sagaleensaa (Ergaan Waaqayyoo karaa Kiristoos) isinitti dhiyoo jira, hidhii keessanirra, laphee keessanirra jira, sunis, sagaleesaa (ergaasaa, bu’uuraafi) amantii isaa nuyi lallabnudha.”
  • 2. Sagaleen amantii laphee keenya keessa jiraatu qaa, dura garuu afaan keenyara ta’uu danda’a. Sababa Yesuus Matt 12:34-35 keessati “Isin ijoollee mar’ataa ofii keessani homoota erga taatanii, attamitti gaarii dubbachuu dandeessuu? Waan garaa namaa keessa guutee afaan dubata. Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii ni baasa; namni hamaanis hamma garaa isaa keessaa waan hamaa ni baasa.” Ibroota 11:1 keessati “Amma amantiin keessa waan abdatani ragaa wantoota ijaan hin mul’annee ti.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid Amantiin waan abdatan “dhuguma ni ta’a” jedhanii fudhachuudha, waan ijaan hin argines akka waan arganiitti “jira” jedhanii lakkaa’uudha” [Amantiin waan miiratti hin mul’anne akka jiruutti fudhachuudha.]” Sagaleen Waaqayyoo amantiin qofa hojjeta. Amantiin waan Waaqayyoo jedhu amanuudha. Achiin booda waan itti amanan sana gochuu kn hojjechuu ykn hojumaatuudha. Yaaqoob 2:26 keessati “Akkuma dhaqni afuurri keessaa bahe, du’aa ta’e akkasumas amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aadha.” Kun jecha amantiin gocha malee du’aadha jedhudha. Hojii maleefi gocha malee amantiin hin hojjetu. Fkn gaarii kanaa Maarqoos 16:17-18ti, Lak 17 “warra anatti amanan birattis milikitoonni kun ni argamu; warra anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurooa hamaa ni baasu, afaanoota haaraadhaanis ni dubatu.” Lak 18 “… harka (amantoonni) warra dhukkubsataniirra ni ka’an isaanis ni fayyu.” jedha. Dursa waan KITAABA QULQULLUU jedhutti amanuu qabna, achiis waan inni jedhu gochuudha. Wanni Yesuus jedhu, yoo amantanii abooni koo duukaa buutan, sagalichi ni hojjeta, inni dhukkusates ni fayyaadha. Ebba maallaqaa irrattis akkanuma, argachuudhaaf, amantii keessa ta’uu qabna. Uumamaan qotee bulaan waan facaaserraa akka waa irraa argatuu hin egiin hinfacaasu. Waan facaafateaa ija midhanii ni eeggata. Maallaqni sanyiin walfakkaatti akka 2 Qor 9:6-8 “namni harka isaa utuu hin guutiin facaasu, harka utuu hinguutiin ni galfata; namni harka guutee facaasu moo harka guutee hin galfata. Namni adduma addaan garaa duuba yookis giddiidhaan utuu hin ta’iin akka garaa isaatti murtoo godhatti kennuutu isaaf ta’a. Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu ni jaallatta. Yeroo hunduma waan isin barbaachisu cufaa argatanii karaa hundaan of dandeessanii hojii gaariifuu irraa kan isinii hafu akka qabattaniif, Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda’aadha.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “yaadadha: inni garaa duubaafi hirdhuu facaasu, waan garaa duubaa fi irdhuu haammata, inni arjummaafi eeba facaasummoo arjummaafi eebba hammaa. Mee namuu waan sammuunsaa yaadeefi lapheesaati akeeke haa kennu malee of jibbaa ykn gaddaa ykn gammachu dhaaa hin kanniin (S.S gammachuudhaa; hunda caalaa galataan nama kennu Waaqayyo ni jaallataan) – caalchise ni kennaaf.” 2 Qor 9:10-12 “amma inni sanyi facaasaa isa facaasuuf kennee fi biddeena nyaataaf dhiyeesse isa facaa’es siif ni barakachiisa, firii qajeelummaas ni baayyisa. Waan hundumaa badhaadhaafi arjoomasaan. Waaqayyoon akka galateeffannu ni godha. Bulchiinsa tajaajila qulquloota irra argataniif Waaqayyoon ni galateeffattu.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Waaqayyo inni sanyii isa facaasuuf buddeenas nyaachuudhaaf nama kennu, kennaa keessaan isiniif ni barakachiisa, ija tolaa keessan irraa galfattanis ni baayyisa, waan hundumati akka arjoomtaniifis karaa hundumaa isin badhaasa, arjummaa keessan isa nurraa fudhataniif moo namoonni baayyeen Waaqayyoof galata ni galchu karaa akkasii namaaf hojjechuun, galanni Waaayyoof dhiyeeffamu caalaatti akka baayyatu, gochuudha malee warra Waaqayyoo qulqulla’aniif qawwa dhabasaani duuchu qofa miti.” Galaatiyaa 6:7-10 “Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o hin gowwoominaa: Namni moo waanuma facaase galfata. Namni akka yaada foonsaatti facaasu, yaada foonsaatii sanarra badiinsa ni galfata, akka yaada afuuraatti kan facaasu moo yaada afuuraa irraa jireenya bara araa hin
  • 3. galfata. Yeroo isaatti human utuu hin dhabiin galfachuuf waan jiruuf ammas koottaa wanna gaarii a’e gochuuf hin laafnu. Egaa akkuma fucha argannetti kottaa nama hundumaaf addumaan immoo wara amantii keessa jiraniif gaarii ni hojjennaaf.” KITAABA QULQULLUU Amplifaayid “Hin gowwoomiinaa, hin raafamiina, hin dogoggoriinaa Waaqayyo akka itti ga’isamu hin hayyamu, (tuffii, kabaja buusuu, balaaleeffachuu namaan ykn hayyuun ykn yaada garaan) [namni Waaqayyoon tuffachu yaale of tuffata] “Namni Waanuma facaase sanuma hammata” Namni akka yaada foonsaatti falaasu (dhaqna kufu miira) yaada foonicha irraa tortoraa, fi balfa fi badinsa galfaa, garuu inni yaada afuuraa facaasu, yaada afuurichaarra jireenya bara baraa argata. Yeroodhaan wayiti keessatti akka ija godhanuuf waan qajeelaafi garii gochuuf kottaa human hin buusiinaa onnee hin dhabinaa kanaafuu, eega haalliifi carraan nu kennee nama hundaafu gaarii haa hojjennu (wanna fayyaduufi bu’aa qabu qofa osoo hin taane wanna afuuraafis gaarii fi caalmaa qabu haa goonuu), waan eebbaas hin dagatiina keessatu maatii amantiidha (warra maatii Waaqayyo isin wajjin ta’an – amantoota).” Wanni hojjennu hunduu amantiidhaa – akka saalee Waaqayyootti haa ta’u. 2 Xim 3:16 “caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuuraa Waaqayyoon bareeffame. Barsiisuuf, balleessa huachuuf, qajeelchuuf, qajeelummaati leejjisuuf dhimmaa hin baasa.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “Tokkoon tokkoo caaffataa afuura Waaqayyooti (afuura saan kenname), barsiisuuf yakka cubbuu hubachuufi dogoggora sirreessuuf naamuusaa abboomuuf qajeelummaatti leenjisuuf (jireenya qulqulloota yaadaan fedha Waaqayyoo akeekaafi gochaan waliin ta’uu) fayyada.” Akka sagaleen Waaqayyoo keessa keenyatti hojjettu yoo barbaadame fedha Waaqayyon (Fedhiinsaa sagaleesaati) jirenya qulqullaa’aa fi yaadaan, akeekaani fi gochaan waliigaluudha. Gal 5:6 “Kiristoos Yesuusiif amantii jaalalaan hojjetuutu gatii qaba malee, dhaqna qabachuu ykn dhaqna qabachuu dhisuu miti.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “yoo Kiristoos Yesuusin taane dhaqna qabachuu ykn dhaqna qabachuu dhiisuu osoo hin taanee amantii karaa jaalala keessaan guutame si’ayinaan hojjetutu gatii qaba.” Waaqayyo jaalaladha, jaalalaanis hojjeta. Yesuus Maarqos 11:24-25 keessatti akki jedhe “kanaaf isinittan hima, waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniiti lakkaa’aa amanaa, isiniif ta’uufis jira. Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni Waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidhea yoo ta’e dhiisaaf.” KITAABA QULQULLUU Ampilifaayid “isinittin hima, kadhaaan waan fetan yoo gaafattan, amanaa (eeggadha) isiniif hin ta’a, ni argattuti. Yogguu kadhattan, yoo namni yakkitan jiraate dhisaaf, irraanfadhaaf (haa darbu) yoo kana Waaqayyoo keessan Waaqarraa yakkaafi kufaatii keessan isiiniif ni dhiisa.” Egaahoo yoo garaan keessan Waaqayyoo fuldurratti qajeelaa hin ta’iin ykn Waaqayyotti hin ta’iin ykn eenyuttu qajeelaa hin ta’iin keessati (haadha warraa ykn abbaa warraa) maatiin fi quuqqaa namaa garaadha qabna taanaan, matuma keenya waan Waaqayyo irraa argachuuf jirru danqina Waaqayyoos waan nuyi amanne nuuf hin godhu. Waaqayyo akka sagaleesaa qofa hojjeta. Cubbuufi dhiifama gochuu dhabuun Waaqayyo ira adda nu baasa. Qalbii diddirachu qabna. Yesuus Yohaannis 14:15 keessati “yoo na jaallatu taatanii aboomii koo eegaa.” Abboomiin Waaqayyoo sagaleesaati. Yeroo mara jaalalaafi namaa dhiisuun haa deemnu yoo kana amantiin jireenya keenya keessati ni hojjeta! Efs 6:16 “kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra bobba’aa deeman dhaamsuu ni dandeessu.” Amantiin (sagaleen Waaqayyoo) gaachana keenya, ittin diina ofirraa ittifna. Yesuus Seeyxaan injifachuuf daggala keessatti sagaleetti fayyadame. Matt 4:4-10 Lak 4 “Yesuus garuu deebisee” caafata qulqullaa’aa keessatti namni nyaata duwwaan hin jiraatu dubbii afaan Waaqayyoo keessaa bahuun hundumaan malee kan jedhu caafameera” jedhe.
  • 4. Lak 5-6 “Seeyxaanni moo gara mandara qulqullaa’aatti isa geese, fittee guutuu mana qulqullummaa irraas dhaabbachiisee, ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate kanarra gad of darbadhu, inni ergamoota isaa siif ni abooma, miillikee dhagaatti akka hin buunes isaan harkasaanii irratti si hin baatu kan jedhu caafamera” ittin jedhe. Lak 7 Yesuus garuu “Waaqayyoo kee goofticha gar malee hin qoriin kan jedhuus immoo caafameea” ittin jedhe. Lak 8-9 Ammas immoo seyxaanni gaara dheraa tokkoti ol isa baasee mootummaa biyya lafaa hundumaa, ulfina isaanis itti argisiisee lafa dhooftee anaaf yoo sagadde isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedheen. Lak 10 Yommus Yesuus ammoo “Seeyxaana nana argaa koo duraa turi. Waaqayyoo kee gooftichaaf jilbeeffadhuu sagadi isa dhuwwaafis hojjedhu kan jedhu caafameera” jedheen. Haala keenya hundumaa keessatti sagaleesaatti fayyadamuu qabna. 1 Yoh 5:4 “sababii namni mucaa Waaqayyoo ta’e hundinu biyya laaa mohuuf, ba’aa ulfaatoo itti hin ta’an humni ittin biyyi lafaa mohamuu kunis amantii keenya.” Akkuma kana goneen, yoo sagalichi jireenya keenya keessatti guutuma argina. Yoh 14:12 “dhuguman dhuguman isiniin jedha namni anatti amanu waanin ani jedhe hundumaas hojjetu ani gara aaa waniin dhaquuf kanarra kan caalu iyu ni hojjeta.” Ameen. Jim Walkarii tiin Kan Afaan Oromotti hiike Zaman Indaalee (Australia) (Tajaajila Sagalee Dhugaa-Finfinnee Itoophiyaa)